Forwarded from https://t.me/ijoo seeraa
#eeyyema_gaafachuun_barbaachisu
Murtii Haarawaa
MMWF Dhaddachi ijibbaata Murtii gaafa guyyaa 29/05/2016 Lakk.Galmee 𝟐345𝟎𝟎 ta'e irratti kenneen "qabiyyee Lafa Baadiyaa Pilaanii Magaalaa jala gale irratti abbootiin qabiyyee Lafa sanaa Mana irratti ijaarrachuuf yookiin Mana duraan ture haaromsuuf qaama aangoo qabu irraa hayyama ijaarsaa gaafachuunis ta'ee eeyyama fudhatanii harkatti qabachuun dirqama miti. Abbootiin qabiyyee eeyyama ijaarsaa malee Mana yoo ijaarratan akka ijaarsa seeraan alaatti lakkaa'amee Manicha sana diiguuf sochiin yoo taasifame;abbootiin qabiyyee jeequmsi uumame haa dhaabbatu jedhanii gaafachuu akka danda'anii fi gochis jeequmsa ta'uu isaa" hiikkoo haaraa kenneera!
https://t.me/Ijooseera

Qabeenya hin sochoone ajaja mana murtiin dhorkame, dhorkaa cabsuun waliigaltee mirkanaa'een yeroo qabeenyichi qaama sadaffaatti darbu, falli jiru maali? Dhaddachi Ijibbaataa Federaalaa jildii 12ffaa Lakk. Galmee 61637 ta'e irratti ''Qabeenya hin sochoone kan manni murtii ajaja dhorkaa irratti kenne ilaalchisee ajajni dhorkaa sun cabee waliigaltee gurgurtaa qaama waliigaltee raawwachiisu fuulduratti godhameen qabeenyichi yeroo qaama sadaffaatti darbutti Namni ajajni dhorkaa sun cabuudhaan mirgi isaa jalaa miidhame qaama ajajicha cabse ykn akka ajajichi cabuuf sababa ta’e irratti iyyannoo barbaachisaa ta’e dhiyeessuudhaan mirga isaa kabachiifachuu kan danda’u ta’uu hiikoo kennee jira. Civil procedure code Art. 156, Shh kewt 1204, 1206, 1184, 1185, 1195 , labsii lakk. 922/2008 kewt. 15(2)
👍3
Forwarded from Elias Kasa Legal Service. (Elias Kasa)
Maxxansa Qorannoowwan Bara 2016 Jildii 6ffaa.pdf
2.8 MB
🙏Maxxansa Qorannoowwan Bara 2016
Jildii 6ffaa (Daariktooreetii Qorannoo fi Qo’annoo)
👉Maxxansa Kana Keessatti Qorannoowwan Hammatamaan:
1. Gaafatamummaa Hawaasummaa Dhaabbilee Investimentii: Sirnaa fi
Qabatama Naannoo Oromiyaa
2. Madaallii Raawwii Hojii Abbootii Seeraafii Muudamtoota Manneen
Murtii Oromiyaa: Sakatta’iinsa Sirnaa fi Hojmaataa
3. Manneen Murtii Aadaa Oromiyaa: Sakatta’a Seeraafii Hojimaataa
4. Hoggansa Waliigaltee Pirojektoota Hojii Ijaarsaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa: Sakatta’iinsa Seeraa fi Qabatamaa.
👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇
https://t.me/eluLaw

Labsii Hojjettoota Mootummaa Naannoo Oromiyaa_0 (1).pdf
147.2 KB
Share 'Labsii Hojjettoota Mootummaa Naannoo Oromiyaa_0.pdf'
👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇
👉https://t.me/Ijooseera👈
☝️☝️☝️☝️☝️☝️☝️☝️☝️☝️☝️☝️
👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇
👉https://t.me/Ijooseera👈
☝️☝️☝️☝️☝️☝️☝️☝️☝️☝️☝️☝️
Forwarded from Olika M law Office chat ✍✍
Abbummaa fi Qallaba.pptx
315.4 KB
Dhaaltuun dhaalchisaa dursee kan du'e yoo ta'e ilmaan isaa dhaala abbaasaa ni argatuu? Eeyyee
..........
Bu'uura irraa ulaagaa dhaaltuun tokko dhaala abbaa yookin haadhaa argachuuf guutuu qabu S/H/H tumaan seera dhaalaa kwt.830 jalatti ulaagaa 2(lama) teechiseera. Isaaniis
1ffaa Lubbuun jiraachuu
2ffaa Dhaalaf kan hin malle ta'uu dhabuudha. Dhaaltuun mirga dhaalaa qabu tokko dhaalli erga saaqamee yoo du'e mirgoonni dhaalan argatu dhaaltota isaatti akka darbu kwt.833 ni tuma. Dhaaltuun tokko dhaalchisaa dura du'e. Garuu,ijoollee isa dhaalan ni qaba. Dhaaluuf garuu ulaagaa seerichi (kwt.830) gaafatu hin guutu. Carraan ijoolleen isaa qaban maalidhaa? Bakka bu'iinsan (representation) dhaaludha. Seerri dhaalaa ulaagaa dhaaltummaaf teessiseen gamatti kwt.842(3) jalatti dhaaltuun sadarkaa duraa dhaalchisaa ta'e tokko dhaalchisaa dursee kan du'ee fi ijoollee isa kan ta'an gadi lakkaawwaman dhiisee kan du'e yoo ta'e isaan bakka bu'iinsaan abbaa isaanii dhaaluu akka danda'an tuma. Haa ta'u malee, dhaaltonni dhaaltummaa abbaa isaanii mirkaneessaniiru yoo ta'e waan abbaan isaanii dhaale gaafachuu danda'u malee akaakayyuun isaanii abbaa isaanii dursee yoo du'e akaakayyuuisaanii abbaa bakka bu'anii dhaaluu hin danda'an.
Dabalataan hiikkoowwan dirqisiisaa murtiiwwan Dha/Ij/M/M/W/Federaalaa
👉Lakk.G.220119, Onkoloolessa 1,2015 hin maxxanfamne,
👉Lakk.G.89261 Mudde 2,2006 hin maxxanfamne ,
👉Jiildii 20ffaa Lakk.G.110040 ilaaluun ni danda'ama.

MMWFDHI Lak.Galmee 230023 gaafa 29/5/ 2015 kenne.(Hin maxxanfamne)
Falmii qabeenya dhiirsaa fi niitii qabatamaan adda bahu(De facto Divorce) ilaalchisee murtiin manni maree federeeshinii kenne haala addaatiin murtii isaa keessatti yoo ibse malee raawwii kan qabu gaa'illaawwan qabatamaan guyyaa murtiichi kenname booda raawwatamaniif qofaadha.
kana dura Murtii dhaddacha ijibbaata De Facto Divorce ilaalchisee kennee ture mana maree federeeshinaatiin gaafa 27/1/2012 ooleen diiguudhaan gaa'illi mana murtiidhaan qofa hiikkaan/diiggaan kennamu akka qabu murtii kennee jira.
Gama kanaan murtiin manni maree federeeshinii kenne kun gaa'ila qabatamaan diiggame(de facto divorce) guyyaa murtiin kenname bara 2012 dura diiggame irratti raawwii hin qabu. kanaafuu akka murtii dhaddacha ijibbaataa kanatti namoonni gaa'illa isaanii qabatamaan bara 2012 dura diiganii adda deemanii jireenya mataa isaanii jiraachaa jiran ilaalchisee murtiin mana maree federeeshinaa raawwii kan hin qabne ta'u isaati.
Murtii dhaddacha ijibbaataa kun kenne irratti bara 2001 qabatamaan gaa'ila isaanii dhiisanii deemuun tokko qabeenya kan horate yoo ta'e qabeenyi horatame gaa'ila keenya mana murtiidhaan waan hin diiggamneef akka naaf qoodamu jechuun gaaffiin dhiyaatu fudhatama hin qabu.
kanaafuu namni bara 2012 dura gaa'illi isaa qabatamaan diigame murtii dhaddacha ijibbaataa de facto Divorce ilaalchisee kenne kaasuun falmuuf wantii dhoorku hin jiru.
Murtii dhaddacha ijibbaataa kana irratti sagaleen addaa guyyaa raawwii murtii mana maree federeeshinaa ilaachisee kan murtaa'u guyyaa qabeenyichi horatame ykn guyyaa adda bahan ilaaluun osoo hin ta'iin bu'aa murtiichi hordofsisu faana ilaaluun ta'u qaba jechuun yaadaan adda baheera.
Remark: dhimma kana irratti dhaddachi ijibbaataa mana maree federeeshinaa waliin morkii waan seene fakkaata. sababoonni manni maree fedeereshina de facto divorce hin jiru jechuun murtiin kenne ilaaluun barbaachisaadha.

Dhaddachi ijibaataa MMWF dhaaddacha gaafa guyyaa 25/01/2013 galmee lakk 185708 ta'een waliigaltee akkaataa seerri diqirqisiisuutti ulaagaa guutanii hin raawwatamneen wal-qabatee mallattoon garee gurguree jedhame fooreensiikiidhaan qorachiisanii mirkaneeffachuun bu'aa seeraa akkamii akka qabu ibseera.
"Namni waliigaltee bu'uura SHH kwt 1723(1)tiin qaama aangoo qabu fuulduratti hin raawwatamne bu'uureffatee mana bitate tokko gurgurataan mana akka na harkaan gahu jechuun yoo himateefi gurgurataan immoo; ani waliigaltee kana hin raawwanne, maallaqan fudhes hin qabu jedhee haalee yoo falme waliigaltichi seeraan aladha jedhamee diigamee bakka duraan turanitti deebi'uu qabu. Tarii, itti fufuun mallattoon waliigalticha irra jiru kan gurgurataatimoo miti kan jedhu qulqulleessuuf qaama qorachuuf aangoo qabutti ergee mallattoon kan nama gurguree ta'uun yoo mirkanaa'e, mirkanaa'uun isaa waliigaltee jiraachuun isaa bu'uurumarraa haalame seera qabeessa taasisa osoo hin taane bitaafi mirgi bakka duraan turanitti akka deebi'an taasisuu keessatti faayidaa ragummaa qabaachuu danda'a" jedheera.
Credit to Daniel Fekadu &
Desalegn B.

Forwarded from Olika M law Office (Olika ❤️🍅🍅 Mohmedzakir)
Abbummaa Haaluu fi Murtii Dhaddacha ijibbaataa (1).pdf
880.9 KB
'Abbummaa Haaluu fi Murtii Dhaddacha ijibbaataa.pdf'
#Qooddaa_Qabeenyaa #Qajeeltoo_Qooda_Qabeenya_Waliinii_Walqixaafi_Haalota_Addaa
Bu’aalee diiggaan gaa’ilaa hordofsiisu keessaa tokko qooda qabeenya waliinii yemmuu ta’u, innis akka qajeeltoo waliigalaatti qabeenyi waliinii Abbaa warraa fi Haadha warraaf walqixa qoodama kan jedhudha. Haaluma kanaan qajeeltoon bu’uraa qabeenya waliinii walqixa hiruu jedhu Seera Maatii Oromiyaa (SMO) kwt, 117 jalatti tumamee kan jiru yoo ta’u, akka qajeeltoo kanaatti qabeenyi dhuunfaa fi idaan eega adda bahee/kanfalame booda/ qabeenya waliinii hafu abbaan warraa fi haati warraa walqixa qooddachuuf mirga walqixa akka qaban ibsamee jira.
Qabtamni hoj-maataa jirus darbee darbee yeroo dhimmi haadholii warraa lamaa fi Sanaa ol hirmaachisu mudatu garaagarummaa mul’atu irraa kan hafe M/Murtii hundattuu akkaatuma qajeeltootiin qabeenya waliinii qixxee adda qooduun kan baratamee fi ittiin hojjetamaa jiru ta’uun ni hubatama. Haata’u malee qajeeltoon waliigalaa qabeenyi waliinii walqixa qoodama jedhu SMO kwt, 117 jalatti tume akkuma jirutti ta’ee, haalonni addaa qajeeltoo kana irraa maquun qooda qabeenya waliinii walcaalchisuu ykn guutumatti garee tokko qooda keessaa baasuun garee tokko qofaa ittiin murteessuu dandeessisan adda addaa seericha keessatti ifaan tumamanii kan jiran yoo ta’u qabatamni jiru garuu gama kanaan seericha kan beeku hinfakkaatu, abbootiin dhimmaa gaaffii akkasii dhiyeessanis qabatamaan hinmul’ata. Walumaagalatti dhimmichi gama kanaan qabatamaan kan baratamee miti.
Haalonni addaa seerichaan tumaman kunis kaayyoo adda addaa kan qaban akka ta’e yemmuu hubatamu akka waliigalaattis hiikkaa gaa’ilaa laaffisuu (discouraging divorces SMO kwt, 110(4)), garee miidhame beenyessuu (compensating a victimized spouse) SMO kwt, 111 fi 114), badhaadhina hinmalle hambisuu (preventing unlawful enrichment/ SMO kwt, 115) fi kkf bu’ura godhachuu isaanii ibsama tumaalee seerichaa kaayyoo waliigalaa seera maatii fi qabeenyaa waliin dubbisuun hubachuun nidanda’ama.
Akkaataa SMO kwt, 110(4)tti M/Murtii yeroo bu’aa diiggaan gaa’ilaa hordofsiisu murteessuu walfuutota keessaa diiggaa gaa’elichaaf balleessaa eenyu akka qabu tilmaama keessa galchuu akka qabu ifaan kan tumame yemmuu ta’u kunis M/Murtii garee balleessaa isaatiin gaa’elichi akka diigamu sababa ta’e gahee qooda qabeenya waliinii irraa inni qabu hir’isuu ykn keessaa baasuun murteessuu akka danda’u kan akeekudha. Kanas M/Murtii gaaffii garee falmiitiin ykn matuma ofii isaatiin kaasee murteessuu akka danda’u seerichi ni aangessa.
Gochaaleen balleessaa ta’uu danda’an maal fa’a akka ta’an seerichi ifaan kan caqase yoo ta’uu baateeyyuu walfuutota keessaa inni tokko isa kaan reebuudhaan ykn gaa’ela biraa eeyyamaa fi maree malee irratti raawwachuun ykn gochaa sagaagalummaa raawwachuun ykn daa’imman waliin gatee baduun ykn walumaagalatti dirqamoota walgargaaruu, waldeeggaruu, walii amanamuu, bulti fi qabeenya waliin bulchiin akka bu’aalee gaa’elaatti seerichaan tumaman bahu dhabuun/diduun gaa’elichi kan diigame yoo ta’e haalonni kunniin akka balleessaatti ilaalamuun M/Murtii qooda qabeenya waliinii irratti tilmaama keessa galchuun gahee qooda qabeenya waliinii walcaalchisee murteessuu kan isa dandeessisu ta’uu akka fakkeenyaatti kaasuun kan danda’amudha.
Akkasumas, balleessaa raawwatameen gaa’elli diigamuu qofa otuu hintaane miidhaan garee isa biroo irra kan gahe yoo ta’e M/Murtichaa beenyaa miidhaa gahe waliin wal-madaalu murteessuu akka danda’uu fi kanas gahee qooda garee balleessaa raawwatee irraa guutumatti ykn irra caala garee miidhameef dabarsee kennuun bifa beenyaan murteessuu akka danda’us SMO kwt, 111 (1 fi 2) jalatti tumamee argama.
Kana malees, aangoo akka bulchu itti kenname gar-malee fayyadamuun gareen tokko qabeenya dhuunfaa garee isa biroo ykn qabeenya waliinii irratti gochoota aangoo kennameefiin ala raawwateen miidhaa kan geesse yoo ta’e (keessaayyuu gurgurtaa kan raawwate , kan dabarse, gatii kan hir’ise ykn gowwoomse ta’uu danda’a) ykn qabeenya waliinii ykn kan dhuunfaa garee biroo irraa seeraan ala kan badhaadhe yoo ta’e gaaffii garee miidhame jedhuun dhiyaatuun M/Murtii

beenyaabarbaachisaan akka kanfalamuuf murteessuu akka qabu SMO kwt, 114 fi 115 jalatti walduraa duubaan tumee jira.
M/Murtii gaaffii akkataa Seericha kwt, 114 fi 115iin dhiyaateef ragaadhaan yoo hubachiifame akkaataa Seericha kwt, 111 (1 fi 2)tiin gahee qooda qabeenya waliinii garee gochicha raawwatee irraa bifa beenyaan garee miidhaan irra gaheef murteessuu nidanda’a. Akkaataa kanaan balleessaa gaa’ela irratti raawwatamuun hiikkaaf sababa ta’uu malu ykn murtii hiikkaa gaa’elaa boodaa fi qooda qabeenyaan dura gochaa/badii mirga qabeenyaa/diinagdaawaa garee isa tokkoo irratti garee isa kaaniin raawwatamu too’achuuf/hambisuu fi miidhaan sababa kanaan dhaqqabus yoo jiraate beenyessuun akka danda’amuuf seerichi haala olitti bal’inaan ilaalameen eegumsa seeraa kan taasise yoo ta’eeyyuu,qabatamaan garuu seericha gama kanaan hojii irra oolaa akka hinjirre ifaan hubatama.
https://t.me/Ijooseera
#Galatoomaa!

Dhaddachi Ijibbaataa MMWF Galmee Lakk.208197 (Jildii 26ffaa) ta'e irratti:
"✍️Qarshii 500 ol liqeeffachuuf ykn liqeessuuf ykn nama biroodhaaf wabii ta'uuf dirqama seerri waliigaltee walfuutotaatu barbaachisa jedhu kabajuu dhabuudhaan walfuutota keessaa inni tokko waliigaltee raawwatee yoo argame, walfuutota keessaa inni biroon waliigaltichi akka diigamuuf himannaa yemmuu dhiyeessu, waliigalteen walfuutota keessaa isa tokkoon raawwatamuu isaa walfuutota keessaa inni biroon ni beeka jechuun mormii darbiinsa yeroo ji'a ja'aa bu'uura Seera Maatii kwt 69(2)tiin tumame yoo kaase, walfuutota keessaa inni himannaa dhiyeesse haala kamiin akka beekefi yoom akka beeke mirkaneessuuf dirqama qaba.
✍️Walfuutota keessaa gareen waliigalticha keessatti hin hirmaanne, himannaa waliigalteen naaf haa diigamu jedhu dhiyeessuu haala dandeessisuun waa'ee jiraachuu waliigaltichaa hubannoo guutuu qabaachuu waan qabuuf, waliigalteen liqii maallaqaa walfuutota keessaa isa tokkoon raawwatame jiraachuu ni beeka jedhamuuf yoo xiqqaate; waliigaltichi eenyu waliin akka raawwatame, waliigaltee liqii maallaqaa hagamii akka ta'e, waliigaltee liqii maallaqaa yoom raawwatame akka ta'e yoo beekuu danda'edha" jedheera.
Hubachiisa:
👉Dhaddachi Ijibbaataa kun murtii kana keessatti, darbiinsi yeroo waggaa lamaa kun 'Absolute Period of Limitation' ta’uu ibseera.
👉Tumaan Seera Maatii Mootummaa Federaalaa kwt 69(2)fi Kan Seera Maatii Oromiyaa Kwt 85(2) jalatti ibsame Wal fakkaataadha.

👍1
👉Himannaan Mirga Abbaa Qabiyyummaa Lafa Baadiyyaatiin Walqabatee Dhiyaatu Darbiinsa Yerootiin Ni Daangeffamamoo Hin Daangeffamu?
👉Labsiin Bulchiinsaafi Itti Fayyadama Lafa Baadiyyaa Naannoo keenyaan bahe, Labsiin Lakk.248/2015 kwt 53(1), mata duree "Darbiinsa Yeroo" jedhu jalatti:
👉Labsiin kun osoo hojiirra hin oolin duras ta'ee booda namni lafa qabiyyee mootummaa yookiin waliinii yookiin dhuunfaa karaa seeraan alaatiin qabate kamiyyuu darbiinsa yeroo akka mormiitti dhiyeessuu hin danda'u. Nama mirga abbaa qabiyyummaa qabuun yookiin mootummaadhaan yeroo kamiyyuu akka gadi lakkisuuf gaafatamuu ni danda'a" jedheera. Haala kanaan, namni tokko qabiyyee nama biroo, qabiyyee waliinii uummataa, ykn qabiyyee mootummaa karaa seeraan alaa qabateera taanaan "ani gadi lakkisuuf hin dirqamu, darbiinsa yerootiin kufaa narraa ta'uu qaba" jechuu hin danda'u jechuudha. Darbiinsi yeroo akka hin jirre agarsiisuuf, seerichi gaalee "yeroo kamittuu gadi lakkisuuf ni dirqama" jedhus ifatti fayyadameera. Kanaaf, akka tumaa kanaatti, himannaan mirga abbaa qabiyyummaatiin wal qabatee dhiyaatu akka naannoo keenyaatti darbiinsa yeroo hin qabaatu jechuudha.
👉Ogeeyyiin seeraa tokko tokko, dhimma kwt xiqqaa (2) jalatti ibsame akka darbiinsa yeroo himannaa mirga abbaa qabiyyummaa daangessuutti fudhatu. Sun dogoggoradha. Dhimma kana ilaalchisee labsichi osoo hin mirkanaa'in dura (sadarkaa wixinee irratti) yaada irratti kaasaa turreerra. Himannaan mirga abbaa qabiyyummaa dhuunfaa (bittaafi gurgurtaan ala), darbiinsa yerootiin daangeffamuu qaba. Abbaan qabiyyee tokko lafa Heera Mootummaa RFDItiin kan waliinii uummataa taasifame yeroo dheeraadhaaf iddoo barbaade turee dhufee, osoo dirqama kunuunsuu isaa hin bahin, yeruma dammaqetti akka gaafachuu danda'u hayyamamuufii hin qabu.
👉Darbiinsi yeroo jiraachuun namni seerri jira amantaa jedhu akka qabaatu taasisa ykn 'legal certainty' uuma, namni kamuu dammaqinaan mirga isaa akka kabachiifatu taasisa, sababa turtii yerootiin ragooleen namaafi sanadaa odeeffannoo qaban dhabamuu (baduu) waan danda'aniif sun immoo dhugaa baasuu irratti rakkoo uuma. Kanaaf, dhimma bittaafi gurgurtaa hin ilaallanneen walqabatee, himannaan mirga abbaa qabiyyummaa namoota dhuunfaa gidduutti ka'u darbiinsa yerootiin daangeffamuu qaba jechuun yaada dhiyeessaa kan turre ta'ullee, yaadni sun fudhatama dhabee, yaadni mo'ataa jedhame seera ta'ee baheera. Labsiin sadarkaa federaalaatti bahe (lakk.1324/2016) garuu yaada nuti jennu kana waan fudhate fakkaata.
👉Labsichi kwt xiqqaa (2) jalatti haala addaa dhiphaa ta'e tume malee dhimma kwt xiqqaa (1) jalatti falmiin mirga abbaa qabiyyummaa darbiinsa yerootiin hin daangeffamu jechuun tume hafaa taasisuu barbaadee kan tume miti. Haala kanaan, kwt xiqqaa (2) jalatti "Keewwata kana Keewwata Xiqqaa 1 jalatti kan tumame jiraatus, qabiyyeen dhuunfaa Labsiin kun hojiirra ooluun dura waggaa l0'n oliif qabame ilaalchisee raawwatiinsa hin qabaatu" jedheera. Kwt xiqqaa kana jalatti dhimmi addatti hogganame, gosoota qabiyyee lafaa keessaa waa'ee qabiyyee dhuunfaa qofadha. Akka keewwatni xiqqaan kun agarsiisutti, namni qabiyyee lafaa nama biroo waggaa kudhanii oliif karaa seeraan alaatiin qabatee ture mormii darbiinsa yeroo kaasuu danda'a; waggaa kudhanii gadiif namni qabate garuu mormii darbiinsa yeroo kaasuu hin danda'u kan jedhudha. Waggaan 10n kunis kan lakkaawamu guyyaa labsichi hojiirra ooleerraa eegalee duubatti deebi'eeti. Labsichi immoo kan hojiirra oole gaafa 11/06/2015 waan ta'eef, namni guyyaa kana irraa eegalee gaafa duubatti deebi'ee lakkaawamu waggaa 10 oliif (gaafa 11/06/2005 dura) qabiyyee nama biroo seeraan ala qabate mormii darbiinsa yeroo kaasuu ni danda'a jechuudha. Karaa biraatiin, namni gaafa 10/06/2005 irraa eegalee (fuuldurattis) lafti isaa karaa seeraan alaatiin jalaa qabamee jiru kamiyyuu bu'uura kwt 53(1)tiin himannaa dhiyeessee gadi lakkisiifachuu ni danda'a jechuudha.

Namni Tokko Lafti Isaa Faayidaa Uummataatiif (Expropriation) Kan Barbaadamu Ta'uun Itti Himamee, Hangi Beenyaa Isaaf Malus Hagam Akka Ta'e Erga Beeksifamee Booda Yeroo Turtii Ji'a Sadiitiif Osoo Hin Kaffalaminiif Yoo Ture Laficha Irratti Mirga Akkamii Qabaata? Hanga Ji'a Ja'aattuu Eegee Kan Hin Kaffalamneef Yoo Ta'ehoo Lafa Isaa Kana Irratti Maal Raawwachuu Danda'a?
¢¢¢¢¢^^^^^¢¢¢¢¢¢¢^^^^^^^¢¢¢¢¢¢
Kaafamaan misoomaa, guyyaa barreeffamaan tilmaama beenyaa akka beeku taasifame irraa eegalee:
(A) Ji’a 3 keessatti beenyaan maluuf kan hin kaffalamneef yoo ta’e, laficha irratti biqiltuuwwan dhaabbataa fi ijaarsaan alatti hojiiwwan biroo hojjechuu ni danda’a.
(B) Ji’a 6 keessatti beenyaan isaaf malu kan hin kaffalamneef yoo ta’e, laficha irratti hojii pilaaniin hayyamu kamiyyuufi hojii fuulduratti baasii laficha misoomsuu mootummaa hin miine hojjechuu ni danda’a.
(C) Hojiileen haala olitti ibsameen hojjetaman yookiin jijjiiramni taasifame shallaggii beenyaa keessa akka galu taasifamuu qaba.
(Labsii Lakk.1161/2011 kwt 8(3))
Haala kanaan, fakkeenyaaf, kaafamaan misoomaa hanga beenyaa isaaf malu beeksifamee ji'a ja'aaf eegee dadhabee, akkaataa pilaanii magaalaatiin mana jireenyaa yoo ijaare, beenyaan mana jireenyaa sanaas dabalataan (yeroo gadi lakkisiifamutti) shallaggii keessa galuu qaba jechuudha. Kana jechuun, kaafamaan haala kanaan ijaare akkaataa labsicha kwt 8(1)(c) jalatti ibsameen manicha kan ijaare erga beeksifamee boodadha jedhamee beenyaan akka hin kaffalamneef taasifamuu hin danda'u jechuudha. As irratti, labsichi "hojiiwwan fuulduratti baasii laficha misoomsuu mootummaa hin miine (bifa uumamaa isaa hin jijjiirre?)" jechuun maal jechuu akka ta'e hin ibsine. Isin akkamitti hubattu?

Forwarded from getas_n
Labour-Proclamation-No_-1156-2019.pdf
2.6 MB
LabsiiYakkoota Malaammaltummaa Lakk.881/2007 keewwata 31(2) jalatti yakki malaammaltummaa amantaa hir’isuu cimaa faayidaan argame yookiin miidhaan dhaqqabe olaanaa dha jechuuf qajeelfama adabbii Lakk.2/2006 bu’uura godhachuun hiikkamuu hin qabu, Guddina dinagdee fi gatii bittaa maallaqaa akkasumas kaayyoo seera yakkaa bu’uureffachuu qaba jedhame.
--//--
Yakkoota Malaammaltummaa ilaalchisee, Qajeelfama Adabbii Mana Murtii Waliigalaa Federaalaatiin bahe Lakk.2/2006 keewwata 11(4) jalatti Miidhaan dhaqqabe ykn faayidaan argame: Daran Olaanaa: qarshii 500,000 ol yoo ta’e, Olaanaa: Qarshii 100,001 hanga 500,000 Gidduugaleessa: Qarshii 25001 hanga 100,000 Gadaanaa: Qarshii 1,001 hanga 25,000 Daran Gadaanaa: Hanga Qarshii 1,000 tti sadarkaan qophaa’eefii itti hojjetamaa tureera.
Ka’umsi dhimmichaa:
Mana Murtii Olaanaa Godina Shawaa Lixaa Galmee Lakk. 42798 irratti Himatamaan Hojjetaa Mana Kuusaa Waldaa Hojii Gamtaa Qonnaan bultoota Aanaa Cobii Kilaastera Cobii Sirbaa jedhamu yeroo hojjechaa turetti daangaa odiitii Amajjii 1/2011 hanga Amajjii 25/2014 gidduutti odiitii taasifameen maallaqa qarshii 3,235,839.28 ol waan hir’iseef Labsii Lakk.881/2007 kewt.31(2) jalatti yakka malaammaltummaa amantaa hir’isuu cimaa raawwateera jedhamee himannaan dhiyaate.
Himatamaan yakkicha raawwachuu waan waakkateef odiitiin akka irra deebiin taasifamu ajajamee himatamaan maallaqa qarshii 203,022.81 kan hir’ise ta’uun mirkanaa’eera.
Kanumaan Mana Murtii Olaanaa GSHL faayidaan argame yookiin miidhaan gahe olaanaadha jechuun sadarkaa fi gulantaa baasee himatamaan adabbii hidhaa cimaa waggaa 11 fi qarshii 2000 akka adabamu murteesse.
Manni Murtii Waliigalaa Oromiyaa murtii kana ni cimse,
Dhaddachi Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa immoo himatamaan maallaqa qarshii Miliyoona 3 ol hir’isuun isaa mirkanaa’eera, kun immoo miidhaan gahe olaanaa ta’uu agarsiisa waan ta’eef Labsii Lakk.881/2007 kewt.31(2) jalatti balleessaa jedhamuun sirriidha jedhee, yakkichaaf sadarkaan yoo bahu garuu keewwatichi cimsee osoo jiruu irra deebiin sadarkaa olaanaa jedhamuu hin qabu jechuun yakkicha sadarkaa Gidduugaleessa jedhee qabachuun adabbii shallagee adabbii kenname gara adabbii hidhaa cimaa waggaa 7 fi baatii 8 tti fooyyessee jira.
Murtii kana irraa ol iyyachuun Manni Murtii Waliigalaa Federaalaa Dhaddachi Ijibbaataa immoo Galmee Lakk.258571 dhaddacha gaafa Amajjii 29/2017 ooleen Miidhaan gahe yookiin faayidaan argame Qarshii 203,022.81 gatii maallaqaa yeroo ammaatiin faayidaa ykn miidhaa olaanaa jedhamuu hin danda’u jechuun Himannaa Labsii Yakkoota Malaammaltummaa Lakk.881/2007 kewt.31(2) jalatti dhiyaate akkaataa s/d/f/y/kewt.113(2)tiin gara Labsicha kewt.31(1)tti jijjiiree, Adabbii hidhaa cimaa waggaa 3 fi qarshii 2000 akka adabamu murteessee jira.
Akka waliigalaatti labsii Lakk.881/2007 keewwata 31(2) jalatti yakki malaammaltummaa amantaa hir’isuu cimaa faayidaan argame yookiin miidhaan dhaqqabe olaanaa dha jechuuf qajeelfama adabbii Lakk.2/2006 bu’uura godhachuun hiikkamuu hin qabu, Guddina dinagdee fi dandeettii gatii bittaa maallaqaa akkasumas kaayyoo seera yakkaa bu’uureffachuu qaba jedhee jira.
Maddi:G/G Murtii fuula FB Voice of Justice jedhu