𝐌𝐮𝐫𝐭𝐢𝐢 𝐃𝐡𝐚𝐝𝐝𝐚𝐜𝐡𝐚 𝐈𝐣𝐢𝐛𝐚𝐚𝐭𝐚𝐚 𝐇𝐢𝐦𝐚𝐭𝐚𝐦𝐚𝐚𝐧 𝐆𝐮𝐲𝐲𝐚𝐚 𝐃𝐡𝐚𝐠𝐚𝐡𝐚𝐚𝐟 𝐁𝐞𝐞𝐥𝐥𝐚𝐦𝐚𝐦𝐞 𝐇𝐚𝐟𝐮𝐮𝐧 𝐁𝐮'𝐚 𝐇𝐨𝐫𝐝𝐚𝐟𝐬𝐢𝐢𝐬𝐮 𝐈𝐥𝐚𝐚𝐥𝐜𝐡𝐢𝐬𝐮𝐮𝐧 𝐌𝐮𝐫𝐭𝐞𝐞𝐬𝐬𝐞
📕Dhaddachi Ijibaataa mana murtii waliigala federaalaa galmee lakkoofsa 206006 ta'e irratti himatamaan deebii dhiyeefate falmii dhagahuuf gaafa beellamame hafuun bu'ura Seera deemsa falmii hariiroo hawaasa keewwata 70(a) ttiin bira yoo dabrame mirga falmachuu isa dhabsiisuun ala adeemsa falmiiwwan itti aanan irraa kan dhoorguu miti jechuun murteessee jira (Fakkeenyaaf himatamaan ragaa dhiyeefachuu danda'a)
📗Kana jechuun himatamaan akkuma gaafa falmii dhagahuuf beellamame hafe mirgi falmachuu isaa bira dabrame kanati gaafa ragaan dhagahamuuf beellamamuus ragaa osoo hin dhiyeefatin kan hafu yoo ta'e mirgi ragaa isaa dhiyeeffachuu haraayati bira dabramu qaba jechuudha yoo ragaa dhiyeefate immoo kan dhagahamuuf taha jechuudha
Barnootaa fi odeeffannoo dhimmoota Seeraa itti fufinsaan argachuuf fuulaa telegiraamii keenya liinkii armaan gadii kana join gochuun hordafaa
https://t.me/Ijooseera

Forwarded from https://t.me/ijoo seeraa
Qondaalli Poolisii aangoo seeraan ala fayyadame jedhame hidhaa cimaan adabame jedha oduun oolmaa dhaddachaa Shawaa Kaabaa irraa argame.
•••
Dubbichi akkas: Godina Shawaa Kaabaatti Hoogganaa Waajjira Poolisii Aanaa Dabra Libaanos kan ture Komaandar Birhaanuu Leencoo namni jedhamu aangoo fi itti gaafatamummaa hojii itti kenname dawoo godhachuun namoota seeraan ala to’achuu fi erga to’atee booda gadi lakkifamuu yoo barbaaddan maallaqa fidaa jechuun namoota garagaraa irraa qarshii 20,000 hanga 100,000 gahu fudhachuun kan himatame yoo ta’u Manni Murtii Ol’aanaa godinichaa yakka maalaammaltummaan balleessaa jechuun hidhaa cimaa waggaa 14 fi adabbii maallaqaa qarshii 10,000’n adabeera.
Maddi Odeeffannoo: MMO fi Qajeelcha Poolisii Godina Shawaa Kaabaa

#eeyyema_gaafachuun_barbaachisu
Murtii Haarawaa
MMWF Dhaddachi ijibbaata Murtii gaafa guyyaa 29/05/2016 Lakk.Galmee 𝟐345𝟎𝟎 ta'e irratti kenneen "qabiyyee Lafa Baadiyaa Pilaanii Magaalaa jala gale irratti abbootiin qabiyyee Lafa sanaa Mana irratti ijaarrachuuf yookiin Mana duraan ture haaromsuuf qaama aangoo qabu irraa hayyama ijaarsaa gaafachuunis ta'ee eeyyama fudhatanii harkatti qabachuun dirqama miti. Abbootiin qabiyyee eeyyama ijaarsaa malee Mana yoo ijaarratan akka ijaarsa seeraan alaatti lakkaa'amee Manicha sana diiguuf sochiin yoo taasifame;abbootiin qabiyyee jeequmsi uumame haa dhaabbatu jedhanii gaafachuu akka danda'anii fi gochis jeequmsa ta'uu isaa" hiikkoo haaraa kenneera!

Qabeenya hin sochoone ajaja mana murtiin dhorkame, dhorkaa cabsuun waliigaltee mirkanaa'een yeroo qabeenyichi qaama sadaffaatti darbu, falli jiru maali? Dhaddachi Ijibbaataa Federaalaa jildii 12ffaa Lakk. Galmee 61637 ta'e irratti ''Qabeenya hin sochoone kan manni murtii ajaja dhorkaa irratti kenne ilaalchisee ajajni dhorkaa sun cabee waliigaltee gurgurtaa qaama waliigaltee raawwachiisu fuulduratti godhameen qabeenyichi yeroo qaama sadaffaatti darbutti Namni ajajni dhorkaa sun cabuudhaan mirgi isaa jalaa miidhame qaama ajajicha cabse ykn akka ajajichi cabuuf sababa ta’e irratti iyyannoo barbaachisaa ta’e dhiyeessuudhaan mirga isaa kabachiifachuu kan danda’u ta’uu hiikoo kennee jira. Civil procedure code Art. 156, Shh kewt 1204, 1206, 1184, 1185, 1195 , labsii lakk. 922/2008 kewt. 15(2)
👍3
Forwarded from Elias Kasa Legal Service. (Elias Kasa)
Maxxansa Qorannoowwan Bara 2016 Jildii 6ffaa.pdf
2.8 MB
🙏Maxxansa Qorannoowwan Bara 2016
Jildii 6ffaa (Daariktooreetii Qorannoo fi Qo’annoo)
👉Maxxansa Kana Keessatti Qorannoowwan Hammatamaan:
1. Gaafatamummaa Hawaasummaa Dhaabbilee Investimentii: Sirnaa fi
Qabatama Naannoo Oromiyaa
2. Madaallii Raawwii Hojii Abbootii Seeraafii Muudamtoota Manneen
Murtii Oromiyaa: Sakatta’iinsa Sirnaa fi Hojmaataa
3. Manneen Murtii Aadaa Oromiyaa: Sakatta’a Seeraafii Hojimaataa
4. Hoggansa Waliigaltee Pirojektoota Hojii Ijaarsaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa: Sakatta’iinsa Seeraa fi Qabatamaa.
👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇
https://t.me/eluLaw

Labsii Hojjettoota Mootummaa Naannoo Oromiyaa_0 (1).pdf
147.2 KB
Share 'Labsii Hojjettoota Mootummaa Naannoo Oromiyaa_0.pdf'
👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇
👉https://t.me/Ijooseera👈
☝️☝️☝️☝️☝️☝️☝️☝️☝️☝️☝️☝️
👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇
👉https://t.me/Ijooseera👈
☝️☝️☝️☝️☝️☝️☝️☝️☝️☝️☝️☝️
Forwarded from Olika M law Office chat ✍✍
Abbummaa fi Qallaba.pptx
315.4 KB
Dhaaltuun dhaalchisaa dursee kan du'e yoo ta'e ilmaan isaa dhaala abbaasaa ni argatuu? Eeyyee
..........
Bu'uura irraa ulaagaa dhaaltuun tokko dhaala abbaa yookin haadhaa argachuuf guutuu qabu S/H/H tumaan seera dhaalaa kwt.830 jalatti ulaagaa 2(lama) teechiseera. Isaaniis
1ffaa Lubbuun jiraachuu
2ffaa Dhaalaf kan hin malle ta'uu dhabuudha. Dhaaltuun mirga dhaalaa qabu tokko dhaalli erga saaqamee yoo du'e mirgoonni dhaalan argatu dhaaltota isaatti akka darbu kwt.833 ni tuma. Dhaaltuun tokko dhaalchisaa dura du'e. Garuu,ijoollee isa dhaalan ni qaba. Dhaaluuf garuu ulaagaa seerichi (kwt.830) gaafatu hin guutu. Carraan ijoolleen isaa qaban maalidhaa? Bakka bu'iinsan (representation) dhaaludha. Seerri dhaalaa ulaagaa dhaaltummaaf teessiseen gamatti kwt.842(3) jalatti dhaaltuun sadarkaa duraa dhaalchisaa ta'e tokko dhaalchisaa dursee kan du'ee fi ijoollee isa kan ta'an gadi lakkaawwaman dhiisee kan du'e yoo ta'e isaan bakka bu'iinsaan abbaa isaanii dhaaluu akka danda'an tuma. Haa ta'u malee, dhaaltonni dhaaltummaa abbaa isaanii mirkaneessaniiru yoo ta'e waan abbaan isaanii dhaale gaafachuu danda'u malee akaakayyuun isaanii abbaa isaanii dursee yoo du'e akaakayyuuisaanii abbaa bakka bu'anii dhaaluu hin danda'an.
Dabalataan hiikkoowwan dirqisiisaa murtiiwwan Dha/Ij/M/M/W/Federaalaa
👉Lakk.G.220119, Onkoloolessa 1,2015 hin maxxanfamne,
👉Lakk.G.89261 Mudde 2,2006 hin maxxanfamne ,
👉Jiildii 20ffaa Lakk.G.110040 ilaaluun ni danda'ama.

MMWFDHI Lak.Galmee 230023 gaafa 29/5/ 2015 kenne.(Hin maxxanfamne)
Falmii qabeenya dhiirsaa fi niitii qabatamaan adda bahu(De facto Divorce) ilaalchisee murtiin manni maree federeeshinii kenne haala addaatiin murtii isaa keessatti yoo ibse malee raawwii kan qabu gaa'illaawwan qabatamaan guyyaa murtiichi kenname booda raawwatamaniif qofaadha.
kana dura Murtii dhaddacha ijibbaata De Facto Divorce ilaalchisee kennee ture mana maree federeeshinaatiin gaafa 27/1/2012 ooleen diiguudhaan gaa'illi mana murtiidhaan qofa hiikkaan/diiggaan kennamu akka qabu murtii kennee jira.
Gama kanaan murtiin manni maree federeeshinii kenne kun gaa'ila qabatamaan diiggame(de facto divorce) guyyaa murtiin kenname bara 2012 dura diiggame irratti raawwii hin qabu. kanaafuu akka murtii dhaddacha ijibbaataa kanatti namoonni gaa'illa isaanii qabatamaan bara 2012 dura diiganii adda deemanii jireenya mataa isaanii jiraachaa jiran ilaalchisee murtiin mana maree federeeshinaa raawwii kan hin qabne ta'u isaati.
Murtii dhaddacha ijibbaataa kun kenne irratti bara 2001 qabatamaan gaa'ila isaanii dhiisanii deemuun tokko qabeenya kan horate yoo ta'e qabeenyi horatame gaa'ila keenya mana murtiidhaan waan hin diiggamneef akka naaf qoodamu jechuun gaaffiin dhiyaatu fudhatama hin qabu.
kanaafuu namni bara 2012 dura gaa'illi isaa qabatamaan diigame murtii dhaddacha ijibbaataa de facto Divorce ilaalchisee kenne kaasuun falmuuf wantii dhoorku hin jiru.
Murtii dhaddacha ijibbaataa kana irratti sagaleen addaa guyyaa raawwii murtii mana maree federeeshinaa ilaachisee kan murtaa'u guyyaa qabeenyichi horatame ykn guyyaa adda bahan ilaaluun osoo hin ta'iin bu'aa murtiichi hordofsisu faana ilaaluun ta'u qaba jechuun yaadaan adda baheera.
Remark: dhimma kana irratti dhaddachi ijibbaataa mana maree federeeshinaa waliin morkii waan seene fakkaata. sababoonni manni maree fedeereshina de facto divorce hin jiru jechuun murtiin kenne ilaaluun barbaachisaadha.

Dhaddachi ijibaataa MMWF dhaaddacha gaafa guyyaa 25/01/2013 galmee lakk 185708 ta'een waliigaltee akkaataa seerri diqirqisiisuutti ulaagaa guutanii hin raawwatamneen wal-qabatee mallattoon garee gurguree jedhame fooreensiikiidhaan qorachiisanii mirkaneeffachuun bu'aa seeraa akkamii akka qabu ibseera.
"Namni waliigaltee bu'uura SHH kwt 1723(1)tiin qaama aangoo qabu fuulduratti hin raawwatamne bu'uureffatee mana bitate tokko gurgurataan mana akka na harkaan gahu jechuun yoo himateefi gurgurataan immoo; ani waliigaltee kana hin raawwanne, maallaqan fudhes hin qabu jedhee haalee yoo falme waliigaltichi seeraan aladha jedhamee diigamee bakka duraan turanitti deebi'uu qabu. Tarii, itti fufuun mallattoon waliigalticha irra jiru kan gurgurataatimoo miti kan jedhu qulqulleessuuf qaama qorachuuf aangoo qabutti ergee mallattoon kan nama gurguree ta'uun yoo mirkanaa'e, mirkanaa'uun isaa waliigaltee jiraachuun isaa bu'uurumarraa haalame seera qabeessa taasisa osoo hin taane bitaafi mirgi bakka duraan turanitti akka deebi'an taasisuu keessatti faayidaa ragummaa qabaachuu danda'a" jedheera.
Credit to Daniel Fekadu &
Desalegn B.

Forwarded from Olika M law Office (Olika ❤️🍅🍅 Mohmedzakir)
Abbummaa Haaluu fi Murtii Dhaddacha ijibbaataa (1).pdf
880.9 KB
'Abbummaa Haaluu fi Murtii Dhaddacha ijibbaataa.pdf'