Haala Itti Himannaan Yakkaa Akka Fooyya'u Ajajamu Ilaalchisee
=====//======//=======//======
Dhaddachi Ijibbaataa MMWF, murtii dirqisiisaa dhaddacha gaafa 21/02/2011 ooleen Lakk.Ga.155789 (Jildii 23ffaa) ta’e irratti kenneen:
"Bu’uura sdfy kwt 119tiin himannaan yakkaa akka fooyya’u kan taasifamu tarreeffama himannaa keessatti dhimmi murteessaan ibsamuu qabu osoo hin ibsamin yoo hafe ykn dhimmi osoo hin ibsamin hafe ykn dhimmi dogoggoraan ibsame himatamaa dogoggorsiisuu danda’a jedhamee yoo amanamedha. Gama birootiin, abbaan alangaa firiiwwan dubbii himannaa isaa keessatti tarreesse ragaadhaan mirkaneessuu ykn mirkaneessuu dhabuun isaa, fi bu’aa isaa ilaalchisee manni murtii gudunfaa dhumaa irra kan gahu erga ragaan dhagahamee booda ta’uun isaa sdfy kwt 141 irraa ni hubatama. Seerri deemsa falmii yakkaa kwt 112 jalatti tarreeffamni ibsa yakkaafi haalli raawwii himannaa yakkaa keessatti ibsame haala tumaa seeraa gochicha yakka taasise waliin walitti dhiyaatuun qophaa’uu qaba kan jedhames manneen murtii gochi raawwatame ulaagaa tumaa ibsamee guutuufi dhabuu isaa ragaa irraa kan mirkaneeffatu ta’uu isaa nama hubachiisa. Haala kanaan, dhimmi dogoggoraan ibsame ykn dhimmi murteessaan hin ibsamin hafe osoo hin jiraatiin, ragaanis osoo hin dhagahamin manneen murtii keewwatni fi tarreeffamni himannichaa waan wal hin simneef himannaan akka fooyya’u jechuun ajajuunifi yoo kun hin raawwatamne ta’e galmee cufuun, kaayyoofi sababa seera qabeessa himannaan itti fooyya’u jedhamee seeraan ibsame hin guutu. Kana malees, Manni murtichaa himannaa 1ffaa ilaalchisee sababa akkaataa ajajaatti fooyya’uu dhabuutiin himannaa 1ffaa ilaalchisee tarkaanfii fudhachuun isaa sirriidha osoo jedhameeyyu sababni seera qabeessi himannaa 2ffaa irratti murtiin akka hin kennamne taasisu osoo hin jiraatin darbuun dogoggora bu’uura seeraati jedheera.
https://t.me/+WFtd-XXoYGk1ZTNk
👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇
https://www.facebook.com/61571397566359/posts/122108914412713252/?mibextid=rS40aB7S9Ucbxw6v

𝐌𝐮𝐫𝐭𝐢𝐢 𝐃𝐡𝐚𝐝𝐝𝐚𝐜𝐡𝐚 𝐈𝐣𝐢𝐛𝐚𝐚𝐭𝐚𝐚 𝐇𝐢𝐦𝐚𝐭𝐚𝐦𝐚𝐚𝐧 𝐆𝐮𝐲𝐲𝐚𝐚 𝐃𝐡𝐚𝐠𝐚𝐡𝐚𝐚𝐟 𝐁𝐞𝐞𝐥𝐥𝐚𝐦𝐚𝐦𝐞 𝐇𝐚𝐟𝐮𝐮𝐧 𝐁𝐮'𝐚 𝐇𝐨𝐫𝐝𝐚𝐟𝐬𝐢𝐢𝐬𝐮 𝐈𝐥𝐚𝐚𝐥𝐜𝐡𝐢𝐬𝐮𝐮𝐧 𝐌𝐮𝐫𝐭𝐞𝐞𝐬𝐬𝐞
📕Dhaddachi Ijibaataa mana murtii waliigala federaalaa galmee lakkoofsa 206006 ta'e irratti himatamaan deebii dhiyeefate falmii dhagahuuf gaafa beellamame hafuun bu'ura Seera deemsa falmii hariiroo hawaasa keewwata 70(a) ttiin bira yoo dabrame mirga falmachuu isa dhabsiisuun ala adeemsa falmiiwwan itti aanan irraa kan dhoorguu miti jechuun murteessee jira (Fakkeenyaaf himatamaan ragaa dhiyeefachuu danda'a)
📗Kana jechuun himatamaan akkuma gaafa falmii dhagahuuf beellamame hafe mirgi falmachuu isaa bira dabrame kanati gaafa ragaan dhagahamuuf beellamamuus ragaa osoo hin dhiyeefatin kan hafu yoo ta'e mirgi ragaa isaa dhiyeeffachuu haraayati bira dabramu qaba jechuudha yoo ragaa dhiyeefate immoo kan dhagahamuuf taha jechuudha
Barnootaa fi odeeffannoo dhimmoota Seeraa itti fufinsaan argachuuf fuulaa telegiraamii keenya liinkii armaan gadii kana join gochuun hordafaa
https://t.me/Ijooseera

Forwarded from https://t.me/ijoo seeraa
Qondaalli Poolisii aangoo seeraan ala fayyadame jedhame hidhaa cimaan adabame jedha oduun oolmaa dhaddachaa Shawaa Kaabaa irraa argame.
•••
Dubbichi akkas: Godina Shawaa Kaabaatti Hoogganaa Waajjira Poolisii Aanaa Dabra Libaanos kan ture Komaandar Birhaanuu Leencoo namni jedhamu aangoo fi itti gaafatamummaa hojii itti kenname dawoo godhachuun namoota seeraan ala to’achuu fi erga to’atee booda gadi lakkifamuu yoo barbaaddan maallaqa fidaa jechuun namoota garagaraa irraa qarshii 20,000 hanga 100,000 gahu fudhachuun kan himatame yoo ta’u Manni Murtii Ol’aanaa godinichaa yakka maalaammaltummaan balleessaa jechuun hidhaa cimaa waggaa 14 fi adabbii maallaqaa qarshii 10,000’n adabeera.
Maddi Odeeffannoo: MMO fi Qajeelcha Poolisii Godina Shawaa Kaabaa

#eeyyema_gaafachuun_barbaachisu
Murtii Haarawaa
MMWF Dhaddachi ijibbaata Murtii gaafa guyyaa 29/05/2016 Lakk.Galmee 𝟐345𝟎𝟎 ta'e irratti kenneen "qabiyyee Lafa Baadiyaa Pilaanii Magaalaa jala gale irratti abbootiin qabiyyee Lafa sanaa Mana irratti ijaarrachuuf yookiin Mana duraan ture haaromsuuf qaama aangoo qabu irraa hayyama ijaarsaa gaafachuunis ta'ee eeyyama fudhatanii harkatti qabachuun dirqama miti. Abbootiin qabiyyee eeyyama ijaarsaa malee Mana yoo ijaarratan akka ijaarsa seeraan alaatti lakkaa'amee Manicha sana diiguuf sochiin yoo taasifame;abbootiin qabiyyee jeequmsi uumame haa dhaabbatu jedhanii gaafachuu akka danda'anii fi gochis jeequmsa ta'uu isaa" hiikkoo haaraa kenneera!

Qabeenya hin sochoone ajaja mana murtiin dhorkame, dhorkaa cabsuun waliigaltee mirkanaa'een yeroo qabeenyichi qaama sadaffaatti darbu, falli jiru maali? Dhaddachi Ijibbaataa Federaalaa jildii 12ffaa Lakk. Galmee 61637 ta'e irratti ''Qabeenya hin sochoone kan manni murtii ajaja dhorkaa irratti kenne ilaalchisee ajajni dhorkaa sun cabee waliigaltee gurgurtaa qaama waliigaltee raawwachiisu fuulduratti godhameen qabeenyichi yeroo qaama sadaffaatti darbutti Namni ajajni dhorkaa sun cabuudhaan mirgi isaa jalaa miidhame qaama ajajicha cabse ykn akka ajajichi cabuuf sababa ta’e irratti iyyannoo barbaachisaa ta’e dhiyeessuudhaan mirga isaa kabachiifachuu kan danda’u ta’uu hiikoo kennee jira. Civil procedure code Art. 156, Shh kewt 1204, 1206, 1184, 1185, 1195 , labsii lakk. 922/2008 kewt. 15(2)
👍3
Forwarded from Elias Kasa Legal Service. (Elias Kasa)
Maxxansa Qorannoowwan Bara 2016 Jildii 6ffaa.pdf
2.8 MB
🙏Maxxansa Qorannoowwan Bara 2016
Jildii 6ffaa (Daariktooreetii Qorannoo fi Qo’annoo)
👉Maxxansa Kana Keessatti Qorannoowwan Hammatamaan:
1. Gaafatamummaa Hawaasummaa Dhaabbilee Investimentii: Sirnaa fi
Qabatama Naannoo Oromiyaa
2. Madaallii Raawwii Hojii Abbootii Seeraafii Muudamtoota Manneen
Murtii Oromiyaa: Sakatta’iinsa Sirnaa fi Hojmaataa
3. Manneen Murtii Aadaa Oromiyaa: Sakatta’a Seeraafii Hojimaataa
4. Hoggansa Waliigaltee Pirojektoota Hojii Ijaarsaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa: Sakatta’iinsa Seeraa fi Qabatamaa.
👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇
https://t.me/eluLaw

Labsii Hojjettoota Mootummaa Naannoo Oromiyaa_0 (1).pdf
147.2 KB
Share 'Labsii Hojjettoota Mootummaa Naannoo Oromiyaa_0.pdf'
👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇
👉https://t.me/Ijooseera👈
☝️☝️☝️☝️☝️☝️☝️☝️☝️☝️☝️☝️
👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇
👉https://t.me/Ijooseera👈
☝️☝️☝️☝️☝️☝️☝️☝️☝️☝️☝️☝️
Forwarded from Olika M law Office chat ✍✍
Abbummaa fi Qallaba.pptx
315.4 KB