𝗕𝗜𝗧𝗧𝗔𝗔 𝗙𝗜 𝗚𝗨𝗥𝗚𝗨𝗥𝗧𝗔𝗔 𝗟𝗔𝗙𝗔 𝗠𝗔𝗚𝗔𝗔𝗟𝗔𝗔 𝗠𝗔𝗡𝗡𝗜 𝗜𝗥𝗥𝗔 𝗛𝗜𝗡 𝗝𝗜𝗥𝗥𝗘

Heerri Mootummaa Federaalaa bara 1987 bahes ta'e kan Mootummaa Naannoo Oromiyaa bara 1994 Fooyya'ee bahe lafti magaalaas ta'ee kan baadiyyaa qabeenya waliinii mootummaa fi uummataa ta'uu ifatti tumanii jiru. Kana jechuunis mirgi namni tokko lafa baadiyyaas ta'ee  magaalaa irratti qabu mirga abbaa qabiyyummaa (possessory right) fi mirga fayyadamaa ti. Mirgi abbaa qabeenyummaa lafaa kan mootummaa fi uummataa ta'ee mirgi namni dhuunfaa lafa irratti qabu mirga abbaa qabiyyummaa fayyadamaa ta'aa jechuu dha. Abbaan qabiyyee mirga abbaa qabeenyummaa hin qabu jechuun mirga qabeenyicha akka barbaadetti nama ykn qaama biraatti dabarsuu guutuu hin qabu jechuu dha. Heerri mootummaa fi seeronni bulchiinsaa fi itti fayyadama lafaa heericha hordafanii bahanis lafa gurguruus ta'ee jijjiiruun akka hin danda'amne ifatti tumaniiru (fkn heera mootummaa keewwata 40/3).

Daangaan mirga lafa gurguruu irratti taasifame lafa baadiyyaa fi magaalaa irratti garaagarummaa ni qaba. Lafa baadiyyaa manas ta'ee qabeenya biroo waliin gurguruun gonkumaa hin danda'amu (Labsii Bulchiinsaa fi Itti Fayyadama Lafa Baadiyyaa Oromiyaa Lakk. 130/1999 keewwata 6 (6) (7) fi (8)). Lafa Magaalaa ilaalchisee lafa duwwaa gurguruun gonkumaa kan hin danda'amne (legally speaking) yoo ta'u mana waliin gurguruun kan danda'amu ta'uun ni beekama.

Seeronni jiran kana kan tuman ta'ee namootni keenya beekanis haa ta'uu osoo hin beekin lafa magaalaa mana hin qabne (lafa duwwaa) waliigaltee mandara keessaa jedhamu waliif mallatteessuun yeroo walitti gurguranii bal'inaan argina. Darbees lafa akkaataa kanaan bitame irratti gamoo gurguddaa dabalatee mana ijaaruun ni mul'ata. Kana irratti seerri maal jedha? Gareewwan waliigalticha waliif raawwatan mirga akkamii qabaatu? Itti aansinee gabaabinaan ilaalla.

Seerri Hariiroo Hawaasaa Itoophiyaa bara 1952 bahe (kana booda SHH jedhamee kan ibsamu) Kitaaba 4ffaa jalatti waa'ee waliigaltee waliigalaa bal'inaan tumee jira. Tumaaleen kanneen waliigalteen tokko seera duratti ragga'uuf ulaagaalee akkamii guutee raawwatamuu akka qabu, mirgaa fi dirqama waliigaltootaa, waa'ee waliigaltee diiguu fi haquu, dirqama waliigalteen seenan raawwachuu fi raawwachuu dhabuu fi kkf bu'aalee isaan hordofsiisan waliin ibsanii jiru.

Haaluma kanaan waliigalteen tokko seera qabeessa jedhamuuf ulaagaalee guutamuu qaban keessaa tokkoo fi murteessaan dhimmi waliigaltichi irratti taasifamu (object of the contarct) seera qabeessa (lawful) ta'uu qaba (SHH keewwata 1678 (c) ilaalaa). Dhimmi waliigalteen irratti taasifamu seeraan ala ykn seeraan kan dhorkame yoo ta'e waliigaltichi bu'aa kan hin qabne ta'uu seericha keewwata 1716 irrattu ibsameera. Qixa kanaan gaafa ilaalamu waliigalteen bittaa fi gurgurtaa lafa baadiyyaas ta'ee lafa magaalaa mana hin qabne (lafa duwwaa) heeraa fi seera biyyattiitiin kan dhorkame waan ta'eef fudhatama hin qabu. Waliigalteen gosa kanaa bu'aa kamuu hordofsiisuu kan hin dandeenye ta'uurra darbee kan diigamu (invalidated) ta'uu seerichi ni kaa'a. Yoo akkas ta'e carraan (fate) namoota gamoo gurguddaa dabalatee mana lafa akkaataa kanaan bitame irratti ijaaran maal ta'a? Gaaffiin jedhu ka'uu hin oolu.

Waliigalteen tokko yommuu diigamu qaamoleen waliigalticha waliif raawwatan hanga danda'ametti bakka osoo waliigaltichi hin raawwatamin dura turanitti deebi'uu akka qaban SHH keewwata 1815 jalatti tumamee jira. Kana jechuunis namni mana bituuf maallaqa kanfale maallaqa isaa deebisee kan fudhatu yoo ta'u inni lafa gurgure immoo lafa isaa deebisee fudhata jechuu dha. Qabeenyi sana booda lafa sana irratti horatame, keessumattuu manni laficha irratti ijaarame maal ta'uu qaba gaaffiin jedhu kanumaan wal qabatee ilaalamuu kan qabuu dha. Dhimma kanaaf furmaata jechuun Manneen Murtii keenya darbee darbee hojiirra kan oolchan abbaa qabiyyichaa osoo hin mormin kan ijaarame waan ta'eef SHH keewwata 1179 hojiirra ooluu qabaa ejjannoo jedhu calaqqisiisu.
http://t.me/+WFtd-XXoYGk1ZTNk
👍1
☞𝐃𝐡𝐚𝐝𝐝𝐚𝐜𝐡𝐢 𝐈𝐣𝐢𝐛𝐛𝐚𝐚𝐭𝐚𝐚 𝐌𝐚𝐧𝐚 𝐌𝐮𝐫𝐭𝐢𝐢 𝐖𝐚𝐥𝐢𝐢𝗴𝗮𝐥𝗮𝗮 𝐅𝐞𝐝𝐞𝐫𝐚𝐚𝐥𝐚𝐚 𝐋𝐚𝐤𝐤𝐨𝐨𝐟𝐬𝐚 𝐆𝐚𝐥𝐦𝐞𝐞 𝟐𝟑𝟐𝟒𝟕𝟒 ta'e irratti "himannaan jeequmsi sagalee uumame haa dhaabatu yookiin fooliin badaa ollaa irraa na dhaqqabe jedhamee dhiyaatu,mirga abbaa qabeenyummaa seeraan ala fayyadamuu seera hariiroo hawaasaa keewwattoota 1225 fi 1226 kan ilaallatu waan ta'eef;iyyanni himannoos ta'e ibsi murtii keessatti kennamu yaad-rimee seera hariiroo hawaasaa keewwata 1149 jalatti tumamaniin osoo hin taane,tumaa rogummaa qabu adda baasuun ta'uu akka qabu" hiikoo kenneera.Haala kanaan miidhaan yoo dhaqqabe yookaan miidhaan dhaqqabuuf kan sodaachisu yoo ta'e,kisaaraa gaafachuu,bakka duraan turetti akka deebi'u yookiin tarkaanfiin of eeggannoo barbaachisaan akka taasifamu bu'uura shh keewwata 1225 fi 1226 himannaan dhiyeessuun akka danda'amu hiikoo Seeraa kana keessatti ibsameera.(𝐇𝐢𝐢𝐤𝐨𝐨 𝐇𝐚𝐚𝐫𝐚𝐰𝐚 Jildiidhaan Hin Maxxanfamne). Sultan Juneeydii
http://t.me/+WFtd-XXoYGk1ZTNk
Mirgi Baankileen Qabeenya Wabummaan Qabatan Irratti Qaban (Mirgi Ofumaan Gurgurachuu) Mirga Daangaa Hin Qabne (Absolute Right) Ta'uu Ni Danda'aa? Himannaa Haala Raawwii Wabummaa Kaffaltii Duraa Haala Irratti Hin Hundoofneen (Unconditional Advance Payment Security) Wal Qabatu Baankii Irratti Dhiyeessuun, Manni Murtii Adeemsa Caalbaasii Baankii Yeroof Akka Dhorkuuf Gaaffii Dhiyeessuun Ni Danda'amamoo Hin Danda'amu?

¢¢¢✓✓¢¢¢¢¢✓✓✓✓¢¢¢¢¢¢¢¢✓✓✓✓✓✓

Baankileen qabeenya wabummaan qabatan ofuma isaaniitiin akka gurgurataniif mirgi kan kennameef yemmuu ta'u, mirgichi mirga daangaa hin qabne (Absolute right) waan hin taaneef, ajaja mana murtiitiin baankiin qabeenyicha gurguruu irraa yeroof dhorkamee akka turuuf gaaffiin irratti dhiyaachuu ni danda'a. Gama birootiin daangaa inni qabu, aangoo dhaabbilee faayinaansiitiif seerri kenneefi kaayyoo seerichi galma geessisuu barbaade haala hafaa taasisuun akka hojiirra hin oolle taasisuuf of eeggannoo taasisuun barbaachisaadha.

Raawwii waliigaltee ijaarsaatiin wal qabatees baankiin wabummaa kaffaltii duraa (Advance Payment Security) kenne, bu'uura dirqama wabummaa isaatiin kaffaltii erga raawwatee booda qabeenya wabummaadhaan qabate akkaataa Labsii Lakk.97/90tiin caalbaasiidhaan yeroo gurguruuf jedhutti kontiraakterri qabeenyicha wabummaan qabsiise baankicha irratti himannaa yoo dhiyeesse, manni murtichaa caalbaasichi akka dhaabbatuuf ajaja dhorkaa kennuu hin danda'u falmiin jedhu fudhatama hin qabu. Baankiin bu'uura Labsii lakk.97/90tiin qabeenya wabummaan qabate caalbaasiidhaan gurguruuf aangoo kan qabu ta'ullee, haala raawwii wabummichaatiin wal qabatee (baankichi kaffaltii raawwachuu hin qabu jechuun) himannaan yoo dhiyaate, Manni murtii caalbasiin akka dhaabbatuuf ajaja kennuu ni danda'a. Aangoon mana Murtii kun sanada wabummaa haala irratti hin hundoofne ilaalchisees raawwatiinsa ni qabaata jedheera.
   (Lakk.Galmee Dhaddacha Ijibbaataa MMWF.233694. Murtiilee Dhaddacha Ijibbaataa MMWF hin maxxanfamne, kan Daani'eel Fiqaaduutiin walitti qabaman keessaa kan fudhatame)

          http://t.me/+WFtd-XXoYGk1ZTNk
Haayyamsiisa Booda Sirna Deemsa Idilee Jalatti Ragaa Dhiyaate Dhagahamuu qaba!
=============================
Himannaa Hariiroo Hawaasaa cheekii gogaa ykn qarshii gahaa hin qabneen wolqabatee himanni sirna gabaabaatiin dhiyaate irratti himatamaan haayyamsiisa gaafatee Manni Murtiis haayyameef yoo jedhu tarree deebii fi ibsa ragaa dhiyeeffatee osoo jiru Manni Murtii ragoota isaa osoo hin dhagahin ykn hin caqasin bira darbee amala cheekichaa qofa bu'uura godhachuun ykn cheekii qarshii gahaa hin qabne tokko amala isaatiin ragaa namaa dhagahuu hin barbaachisu yaadama jedhu bu'uura godhachuun  murtii kennuun rogummaa seeraa hin qabu. Haayyamsiifni yeroo kennamu himatamaan deebii fi tarree ragaa akka dhiyeeffatuuf. Himannaa karaa sirna gabaabaan dhiyaate waakkatamee kan jiru waan ta'eef adeemsi sirna gabaabaa sun hafee falmiin sirna idileetiin kan ilaallamu ta'a. Sirna deemsa idilee keessatti deebii fi ragaan osoo dhiyaatee jiru, ragaa bu'uura seeraatiin dhiyaate bira darbuun cheekii qofaan murtii kennuun dogoggora bu'uura deemsaati ykn seeraati!
👉SDFHH Kew, 285/1/ 286 fi 291
👉Koodii Seera Daldalaa Kew,717
👉MMWF,Dh,Ij,103478
👉Jarso Law Boxhttps://t.me/+WFtd-XXoYGk1ZTNk
Aangoo Abbaa Seerummaa Mana Murtii!
================================
Dhimma aangoo  Manneen Murtii Federaalaa ta'erratti Manni Murtii Waliigalaa Naannoolee fi Manni Murtii Olaanaa Naannoolee aangoo dhimmoota abbaa seerummaa Mana Murtii Olaanaa Federaalaa fi Mana Murtii Sadarkaa Jalqabaa Federaalaa ta'e bakka bu'ummaan ofitti fudhanii ilaaluudhaf aangoo ni qabu. Kunis Manni Murtii Waliigalaa Naannoolee aangoo Mana Murtii Olaanaa Federaa kan ilaaluu yoo ta'u haaluma wolfakkaataa ta'een Manni Murtii Olaanaa Naannoolee dhimma Mana Murtii Sadarkaa Jalqabaa Federaalaa bakka bu'ummaadhaan ni ilaala jechuudha. 

Haa ta'uu malee Manneen Murtii Olaanaa fi Federaalaa fi Manneen Murtii Sadarkaa Jalqabaa Federaalaa guutummaa biyyaatti ykn gartokkeen gurmeessuu akka danda'amu bu'uura tumamee jiruun Mana Murtii Olaanaa Federaalaa Mootummaa Naannoo keessatti osoo gurmaa'ee jiru Manni Murtii Waliigalaa Naannoo dhimmaa aangoo federaalaa ta'e bakka bu'ummaan ofitti fuudhee ilaaluu hin danda'u!
👉MMWF,Dh,Ij. LG.204107
👉HMF Kew,80(2 fi 4), 78(2)
👉Labsii Lakk.322/95 Kew,2
👉 http://t.me/+WFtd-XXoYGk1ZTNk
#Qabeenya hin sochoone ajaja mana murtiin dhorkame, dhorkaa cabsuun waliigaltee mirkanaa'een yeroo qabeenyichi qaama sadaffaatti darbu, falli jiru maali?                                                                                                                                                                                      Dhaddachi Ijibbaataa Federaalaa jildii 12ffaa Lakk. Galmee 61637 ta'e irratti ''Qabeenya hin sochoone kan manni murtii ajaja dhorkaa irratti kenne ilaalchisee ajajni dhorkaa sun cabee waliigaltee gurgurtaa qaama waliigaltee raawwachiisu fuulduratti godhameen qabeenyichi yeroo qaama sadaffaatti darbutti Namni ajajni dhorkaa sun cabuudhaan mirgi isaa jalaa miidhame qaama ajajicha cabse ykn akka ajajichi cabuuf sababa ta’e irratti iyyannoo barbaachisaa ta’e dhiyeessuudhaan mirga isaa kabachiifachuu kan danda’u ta’uu hiikoo kennee jira. Civil procedure code Art. 156, Shh kewt 1204, 1206, 1184, 1185, 1195 , labsii lakk. 922/2008 kewt. 15(2)
http://t.me/+WFtd-XXoYGk1ZTNk
Forwarded from  https://t.me/Ijooseera
Aangoo Abbaa Seerummaa Mana Murtii!
================================
Dhimma aangoo  Manneen Murtii Federaalaa ta'erratti Manni Murtii Waliigalaa Naannoolee fi Manni Murtii Olaanaa Naannoolee aangoo dhimmoota abbaa seerummaa Mana Murtii Olaanaa Federaalaa fi Mana Murtii Sadarkaa Jalqabaa Federaalaa ta'e bakka bu'ummaan ofitti fudhanii ilaaluudhaf aangoo ni qabu. Kunis Manni Murtii Waliigalaa Naannoolee aangoo Mana Murtii Olaanaa Federaa kan ilaaluu yoo ta'u haaluma wolfakkaataa ta'een Manni Murtii Olaanaa Naannoolee dhimma Mana Murtii Sadarkaa Jalqabaa Federaalaa bakka bu'ummaadhaan ni ilaala jechuudha. 

Haa ta'uu malee Manneen Murtii Olaanaa fi Federaalaa fi Manneen Murtii Sadarkaa Jalqabaa Federaalaa guutummaa biyyaatti ykn gartokkeen gurmeessuu akka danda'amu bu'uura tumamee jiruun Mana Murtii Olaanaa Federaalaa Mootummaa Naannoo keessatti osoo gurmaa'ee jiru Manni Murtii Waliigalaa Naannoo dhimmaa aangoo federaalaa ta'e bakka bu'ummaan ofitti fuudhee ilaaluu hin danda'u!
👉MMWF,Dh,Ij. LG.204107
👉HMF Kew,80(2 fi 4), 78(2)
👉Labsii Lakk.322/95 Kew,2
👉 http://t.me/+WFtd-XXoYGk1ZTNk
𝗠𝘂𝗿𝘁𝗶𝗶 𝗗𝗵𝗮𝗱𝗱𝗮𝗰𝗵𝗶 𝗜𝗷𝗶𝗯𝗮𝗮𝘁𝗮𝗮 𝗜𝗻𝘀𝗵𝘂𝗿𝗮𝗮𝗻𝘀𝗶𝗶 𝗤𝗮𝗮𝗺𝗮 𝗦𝗮𝗱𝗮𝗳𝗳𝗮𝗮 𝗕𝗮𝗹𝗮𝗮 𝗞𝗼𝗻𝗸𝗼𝗹𝗮𝗮𝘁𝗮𝗮 𝗜𝗹𝗮𝗮𝗹𝗰𝗵𝗶𝘀𝘂𝘂𝗻 𝗠𝘂𝗿𝘁𝗲𝗲𝘀𝘀𝗲.
🔯Dhaddachi ijibaataa mana murtii waliigala federaalaa galmee lakoofsa 212110 ta'e irratti sababa miidhaatiin galii citeef ( consequential loss) seeraan yokiin waliigalteen yoo tumameen ala dhaabbani inshuraansii kafaluuf dirqama hin qabu jechuun murtiilee kanaan dura haala kanaan faalla ta'een kanne jijjiruun murteessee jira.
http://t.me/+WFtd-XXoYGk1ZTNk
👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇

https://www.facebook.com/61571397566359/posts/122108914412713252/?mibextid=rS40aB7S9Ucbxw6v
Ajajni Iyyannoo 'Habeas Corpus' Irratti Kennamu Raawwatamuuf Ajaja Biroo Kennuun Barbaachisaadhamoo Miti? Hogganaan Mana Amala Sirreessaa Akkaataa Ajaja Mana Murtiitti Gadi Lakkisuu Dide Maaliin Gaafatama?

*""""""**"""""""""*"""""""""""
ተገድዶ የመያዝን ሕጋዊነት ለማጣራት ስለሚፈፀም ሥነሥርዓት (Habeas Corpus)

"ሀቢየስ ኮርፐስ ቃሉ የላቲን ሲሆን ቃል በቃል ሲተረጐም “ሰው ይዘሀል” ማለት ነው። እናም ሀቢየስ ኮርፐስ ህጋዊ በአልሆነ መንገድ ተገድዶ እንዳይዘዋወር የተከለከለ ወይም የታሰረ ሰው ከዚህ ክልከላ ወይም እስራት እንዲለቀቅ የሚጠይቅበት ሥነሥርዓት ነው።

ዋናው እና ብቸኛው ጥያቄ ፍ/ቤቱ መመርመር የአለበት እስራቱ ሕገወጥ ነው ወይስ አይደለም የሚለው ነው:: አመልካቹ የተያዘው ሕገወጥ በሆነ መንገድ መሆኑን ፍ/ቤቱ ከተረዳው ወዲያውኑ እንዲለቀቅ ትዕዛዝ ይሰጣል። የዚህ ዓይነት ትዕዛዝ ከፍርድ ቤት ከተሰጠ በኋላ ማናቸውም ሌላ ትዕዛዝ እንዲኖር ሳያስፈልግ የፍርድ ቤቱ ትዕዛዝ ብቻ በቂ ሆኖ መፈፀም አለበት። ለምሳሌ አመልካቹ ተይዞ የታሰረው የሰው መግደል ወንጀል ፈጽመሃል በሚል ይሆናል የወህኒ ቤቱ አዛዥም እስረኛውን በምንም ዓይነት ሁኔታ እንዳይለቅ የአገር ግዛት ሚንስትሩ መመሪያ ለወህኒ ቤት አዛዡ ይሰጣል። ፍ/ቤቱ እስራቱ ሕገወጥ መሆኑን አረጋግጦ ለምሳሌ አመልካቹ እንደታሰረ ወዲያውኑ ፍርድ ቤት ሳይቀርብ የቀረ እንደሆነ የተሻሻለውን ሕገ መንግስት አንቀጽ 51 (በአሁኑ ሕገመንግስት አንቀጽ 19) እና የወንጀለኛ መቅጫ ሕግ ቁ- 29ን የሚፃረር በመሆኑ የአገር ግዛት ሚንስትሩ
(Minister of Interior) መመሪያ የሰጠ ቢሆንም የወህኒ ቤቱ አዛዥ አመልካቹን እንዲለቅ ትዕዛዝ መስጠት አለበት። የወህኒ ቤቱ አዛዥ አመልካቹን የማይለቅ ከሆነ የፍ/ቤቱን ትዕዛዝ በአለማክበሩ ተጠያቂ ይሆናል። በሌላ በኩል በማመልከቻው ላይ የተገለፀው የአቤቱታ ቃል በማናቸውም ሁኔታ ለፍርድ ቤቱ የሚአጠራጥር መስሎ የታየው እንደሆነ አቤት ባዩ ዋስ ጠርቶ እንዲለቀቅ ሊያዝ ይችላል። ዋስትናውም የገንዘብ ማስያዝ ወይም የሰው ዋስትና ሊሆን ይችላል::" (Kitaaba Piroofesar Allen Sedler kan Saamu'eel Xaasawun Afaan Amaaraatti hiikame, Fuula 581)

Kanaan walqabatee, kanaan dura, Chaanaalii kana irratti dhimmi 'Habeas Corpus' biyya keenya keessatti seenaa akkamii akka qabuufi faayidaan isaa maal akka ta'e kaasuun keenya ni yaadatama.

Hundaa ol immoo sirni kun:

✍️Nama seera deemsa falmii yakkaatiin furmaata dhabe kan ilaallatufi furmaata addaa ta'uu,

✍️Kaayyoon ajajichaa qaama to'ate adabuu osoo hin taane qaama seeraan ala to'atame gadi lakkisiisuu ta'uu,

✍️Kana malees, kaayyoofi galmi ajajichaa mirga bilisummaa (liberty) lammilee Heeraan beekamtii argate (kwt 17fi 19(4)) caalmaatti kabachiisuuf ta'uun isaa dagatamuu hin qabu.

           
https://t.me/+WFtd-XXoYGk1ZTNk
Haala Itti Himannaan Yakkaa Akka Fooyya'u Ajajamu Ilaalchisee
=====//======//=======//======
Dhaddachi Ijibbaataa MMWF, murtii dirqisiisaa dhaddacha gaafa 21/02/2011 ooleen Lakk.Ga.155789 (Jildii 23ffaa) ta’e irratti kenneen:

"Bu’uura sdfy kwt 119tiin himannaan yakkaa akka fooyya’u kan taasifamu tarreeffama himannaa keessatti dhimmi murteessaan ibsamuu qabu osoo hin ibsamin yoo hafe ykn dhimmi osoo hin ibsamin hafe ykn dhimmi dogoggoraan ibsame himatamaa dogoggorsiisuu danda’a jedhamee yoo amanamedha. Gama birootiin, abbaan alangaa firiiwwan dubbii himannaa isaa keessatti tarreesse ragaadhaan mirkaneessuu ykn mirkaneessuu dhabuun isaa, fi bu’aa isaa ilaalchisee manni murtii gudunfaa dhumaa irra kan gahu erga ragaan dhagahamee booda ta’uun isaa sdfy kwt 141 irraa ni hubatama. Seerri deemsa falmii yakkaa kwt 112 jalatti tarreeffamni ibsa yakkaafi haalli raawwii himannaa yakkaa keessatti ibsame haala tumaa seeraa gochicha yakka taasise waliin walitti dhiyaatuun qophaa’uu qaba kan jedhames manneen murtii gochi raawwatame ulaagaa tumaa ibsamee guutuufi dhabuu isaa ragaa irraa kan mirkaneeffatu ta’uu isaa nama hubachiisa. Haala kanaan, dhimmi dogoggoraan ibsame ykn dhimmi murteessaan hin ibsamin hafe osoo hin jiraatiin, ragaanis osoo hin dhagahamin manneen murtii keewwatni fi tarreeffamni himannichaa waan wal hin simneef himannaan akka fooyya’u jechuun ajajuunifi yoo kun hin raawwatamne ta’e galmee cufuun, kaayyoofi sababa seera qabeessa himannaan itti fooyya’u jedhamee seeraan ibsame hin guutu. Kana malees, Manni murtichaa himannaa 1ffaa ilaalchisee sababa akkaataa ajajaatti fooyya’uu dhabuutiin himannaa 1ffaa ilaalchisee tarkaanfii fudhachuun isaa sirriidha osoo jedhameeyyu sababni seera qabeessi himannaa 2ffaa irratti murtiin akka hin kennamne taasisu osoo hin jiraatin darbuun dogoggora bu’uura seeraati jedheera.
https://t.me/+WFtd-XXoYGk1ZTNk
👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇
https://www.facebook.com/61571397566359/posts/122108914412713252/?mibextid=rS40aB7S9Ucbxw6v