Channel name was changed to «Ijoo Seeraa @https://t.me/+WFtd-XXoYGk1ZTNk»
Forwarded from Firew Law Office
Wixinee_Labsii_216_fooyyessuuf_qophaa'e_First_Draft_1_1.docx
63.6 KB
📎Wixinee Labsii Gurmaa’ina, Aangoo fi Hojii Manneen Murtii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Irra Deebiin Murteessuuf Bahe, lakk 216/2011 fooyyeessuuf bahe bara 2017
"Abbaan warraa fi haati warraa erga gaa'ela raawwatan booda qabeenya dhaalaan ykn kennaan dhuunfaatti argatan,qabeenya waliinii haa godhannu jedhanii waliigaltee Mana Murtii ykn qaama aangoo qabu biratti hin galmoofne yoo raawwatan,qabeenyi dhaalaan(kennaan) argame qabeenya dhuunfaa ta'ee itti fufa malee qabeenya waliinii ta'uu hin danda'u;qabeenya waliinii ta'uuf Mana Murtii ykn qaama aangoo qabu biratti galmaa'uu qaba" jechuun Dhaddachi Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Jildii 26ffaa Lakk.Galmee 198277 ta'e irratti hiikoo dirqisiisaa kenneera.
#Seera_Deemsa_Falmii_Yakkaa_Keessatti_Mirga_Ragaa_Abbaa_Alangaa_Ofirraa_Mormachuu_Himatamaa
#Ragaa_Sanadaa_Abbaa_Alangaan_Dhiyaatu_Himatamaan_Yoom_Ofirraa_Mormuu_Qaba_?
Namni yakkaan himatame tokko mirgoota bu’uuraa qabu keessaa mirgi dhagahamuu fi falmachuu isa bu’uuraa yemmuu ta’u kunis mirga waan ittiin himatame yookiin yakka irratti dhiyaate beekuu, ogeessaan gargaaramee deebii kennachuu, ragaa irratti dhiyaate beekuu fi ofirraa mormuu (the right to challenge prosecution evidence) fi falmii fi ragaa ittisaa dhiyeeffachuu kan haammatuudha.

Mirgoonni kunis akka bu’uuraatti Heera Mootummaa Rippaablika Dimokiraatawaa Federaalawaa Itiyoophiyaa fi Heera Mootummaa Naannoo Oromiyaa keewwata 20 jalatti beekamtii fi eegumsi ifa ta’e taasifameefii argama. Akkasumas Seera Deemsa Falmii Yakkaa (SDFY) keewwata 124 - 127(1) (dhiyeessa himannaa fi ragaa), keewwata 129 – 132 (dhagaha falmii duraa), keewwata 136 – 141(dhagaha ragaa abbaa alangaa) fi akkasumas seericha keewwata 142 – 143 (dhagaha falmii fi ragaa ittisaa yookiin himatamaa) fi kkf diriirfamuun tumamee jira.

Kana malees, waliigalteewwan mirga namoomaa Idil-Adunyaa biyyi keenya mallatteesite kanneen akka Waadaa Mirga Namoomaa Idil-Addunyaa (Universal Declaration of Human Rights), Kovanantii Mirgoota Siyaasaa fi Dhuunfaa Idil-Addunyaa (ICCPRs) fi kkf keessattis mirgoonni nama yakkaan himatamee kun bal’inaan beekamtii fi eegumsa kan argatan ta’uunis beekamaadha.

Mirga falmii fi ragaa ilaalchisee himatamaadhaaf heerichaan eegamuu fi seerichaan ifatti tumaman kanneen keessaa mirgi himannaa fi ragaa isa irratti dhiyaate beekuu fi ofirraa mormuu (challenging the charge and evidence against him) dirqama ragaa dhiyeessuu fi himannicha hubachiisuu Abbaa Alangaa waliin kan walqabatu yemmuu ta’u adeemsa falmii mirga kana haala haqa qabeessa ta’een kabajeen Abbaan Alangaa akkaataa himannaatti himatamaan gochaa yakkaa ittiin himatame raawwachuu isaa haala gahaa fi ifa ta’een yoo agarsiise qofa himatamaan ofirraa ittisi jedhamuu akka qabu tumaalee SDFY keewwata 141 fi 142 hiikkoo Dhaddachi Ijibbaataa MMWF Jiildii 26ffaa galmee lak. 208644 ta’erratti kenne walitti dubbisuun hubachuun ni danda’ama.

Kanaan walqabatee akka adeemsa seeraan tumameetti himatamaan ragaalee Abbaa Alangaa kan namaa fi kan sanadaa akkasumas kan biroos yoo jiraatan beekee ofirraa mormachuuf (challenge gochuuf) carraan ifatti eega kennameef booda falmii fi ragaan A/Alangaa madaalamuun himatamaan ofirraa haa ittisu yookiin hin ittisiin jedhamuu kan qabu akka ta’e seericha irraa kan hubatamuudha. Gama kanaan ragaa namaa yookiin ijaa ilaalchisee guyyaa dhagaha guutuu akkaataa SDFY keewwata 136 – 139tti gaggeeffamu irratti himatamaan dhiyaatee ragaa Abbaa Alangaa kan ijaa gaaffii qaxxaamuraa gaafachuun ofirraa kan mormu akka ta’e seerichas ta’e qabatamni hoji-maataa jiru kan agarsiisu ta’uun beekamaadha.

Haata’u malee, ragaalee sanadaa fi kan agarsiisaa (exhibit) Abbaan Alangaa dhiyeeffatu ilaalchisee mirgi ofirraa mormachuu himatamaadhaa yoom eegamuufii akka qabu, seeraa fi hoj-maata qabatamaa gidduu garaagarummaan kan jiru ta’uun alattis qabatamni jiruyyuu garaagarummaa qaba. Kunis, himatamaan ragaalee sanadaa irratti dhiyaatan gaafa jecha amantaa ykn waakkii kennu beekee ofirraa mormuu qaba moo, gaafa ragaan ijaa dhagahamu moo eega ofirraa ittisi jedhame boodadha, qabxii jedhu irratti hanqini hubannoo bal’aan kan jiru yemmuu ta’u qabatamni hoji-maataa irra caalu eega ragaan ijaa dhagahamee himatamaan ofirraa akka ittisu jedhame booda akka qaama falmii ittisaa yookiin mirga ittifachuu himatamaatti kan ilaaludha.

Bu’ura hoj-maata olitti ibsameen himatamaan ragaa Abbaa Alangaan isa irratti dhiyaate hunda irratti mirgi dursee beekuun ofirraa mormachuu Heericha keewwata 20(4) fi SDFY keewwata 136(3) jalatti tumamee jiru otuu hin eegaminiif ragaa himatamaan ofirraa mormachuuf (challenge gochuuf) carraa hin arganneen akkaataa SDFY keewwata 141tiin akka ofirraa ittisu jedhamuun mirga heeraan himatamaaf eegame kan sarbe ta’uun alattis Seera Deemsa Falmii Yakkaa kan hordofee miti.
👉Manni Murtii Aanaa dhimma hariiroo hawaasaa kamiyyuu aangoo sadarkaa jalqabaatiin ilaalee murteessuu qaba.Manni Murtii Ol'aanaa Aangoo oliyyannoo qofa qaba.
👉Manni Murtii Olaanaa dhimmoota HH fi Yakkaa oliyyannoodhaan erga ilaalee booda murtii Mana Murtii Aanaa kan cimse yoo ta’e murtichi isa dhumaa ta’a.(oliyyannoon 2ffaa hin jiru)

👉Manna Murtii Aanaatti dhimmi hariiroo hawaasaa tilmaamni maallaqa isaa qarshii miliyoona tokkoo (1) ol ta’eefi dhimmi yakkaa hidhaa baaxiin isaa waggaa kudhan (10) oliin adabsiisu dhaddacha Abbootiin Seeraa sadii itti moggaafamaniin ilaalamee kan murtaa’u ta’a.

👉Yaaii Abbootii Seeraa Naannoo irratti haalli Abbootii Seeraa Mana Murtii Olaanaafi Abbootii Seeraa Mana Murtii Aanaa irraa bakka buufamanii Yaa’ii Naannoo irratti hirmaatan qajeelfama bahuun kan murtaa’u ta’a.

👉Namnii ykn qaamnii kamuu bilisummaa mana murtii tuqu ykn ajaja mana murtii raawwachu diduun walqabate adabbii fudhatamu ilaalchise badiin raawwatamuu isaa yoo mirkaneeffate adeemsa qorannoo idilee hordofuu osoo hin barbaachisiin galmee ilaalamaa jiru irratti murtii adabbii kan kennu ta’a.
👉Ilmii namaa jiraachuuf wanti inni hin taane hin jiru akkasumas, jireenya isaa keessatti bu'aa ba'ii heddu keessa dabra. Akkuma jireenya isaa keessatti bu'aa ba'ii hedduu fi gufuu heddu keessummeessaa dabru itti gaafatamummaa jireenya isaa keessatti yakka faallaa seera itiyoophiyaatiin raawwachuu danda'a. Kanaaf seerri Itiyoophiyaa maal jedha kan jedhuuf immoo
👇👇👇
Akkaataa qajeeltoo bu'uura SDFY Itiyoophiyaa keewwata 49 tti namni kamiiyyuu ajaja Mana Murtii malee nama qabuus ta'ee  yookiin too'annaa seeraa jala tursiisuun hin danda'amu.

Namni tokko ajaja mana murtii malee to'annoo seeraa jala oolus ta'ee qabuun yeroo kami ?
Kan jedhuuf seerri SDFY kew. 50 fi 51 jalatti ifaan ibseera
1. Namni kamiiyyuu yakka harkaaf harkaa (flagrant offence) yoo raawwate
2. Nama yakka hidhaa waggaa tokkoo gadi hin taaneen raawwachuuf qophaa'e yookiin nama yakka raawwate jedhamee sababa gahaan shakkame yoo ta'e
3. Nama nageenya uummataa booressu ykn jeequu irratti argamu yoo ta'e
4. Nama to'annoo poolisii jalaa miliqee deemuuf jedhu yoo shakke
5. Humna poolisii yookiin raayyaa ittisa biyyaa jalaa miliquuf yoo yaale ta'e
6. Meeshaa manaa seerri hin hayyamne kan meeshaa mana namaa cabsuu danda'u kaayyoof hayyama seeraa tokko malee qabatee kan argame yoo ta'e
7. Kashalabbee beekamaa ta'uun isaa sababa gahaan yoo  beekameedha.

https://t.me/Fuula_Hubannoo_Seeraa
Sadarkaa Manneen Murtii Oliyyannootti, Akka Qajeeltootti, Dhagahi Oliyyataafi Deebii Kennaa Kan Gaggeeffamuu Qabu Afaaniin Moo Barreeffamaan?

¢¢¢¢¢¢✓✓✓✓✓¢¢¢¢¢¢¢✓✓✓✓✓✓✓¢¢¢¢¢¢

"Akka qajeeltootti deebii kennaan komii oliyyannoo isa irratti dhiyaateef deebii kan kennu afaaniinidha. Bitaafi mirgi falmiifi ragaa qaban hunda mana Murtii jalaatti barreeffamaan kan dhiyeeffatan waan ta'eef, deebii kennaan oliyyannoo irratti deebii isaa afaaniin akka kennatu taasisuun faayidaa hedduu qaba. Sadarkaa jalqabaatti Manni murtichaa, komii oliyyannoo garagalcha galmee mana murtii jalaa waliin wal bira qabee qoratee, dhimmoonni ifa hin taanes yoo jiraatan qulqulleessuuf qophaa'ee kan eegu waan ta'eef, tarii deebii kennaan deebii isaa afaaniin wayita kennu qabxiilee san ifa gochuu danda'a. Yoo ta'uu baates, manni murtichaa qabxiilee ifa hin taaneen wal qabatee battalatti gaaffilee kaasuudhaan bu'uura deebii gareewwan falmiitiin kennamuun dhimmicha irratti ejjennoo mataa isaa akka qabatuuf ni gargaara. Falmichi barreeffamaan kan taasifamu yoo ta'e garuu manni murtichaa waantota akkasii qulqulleessuu kan eegalu dhimmicha irratti murtii kennuuf beellamee yeroo galmicha qoratuttidha. Kanas ta'ee garuu Manni murtichaa yoo itti amane deebii kennaan deebii isaa barreeffamaan akka kennu hayyamuu ni danda'a. Yeroo kanatti oliyyataanis gama isaatiin deebii deebii isaa barreeffamaan dhiyeessuuf mirga qaba. Haa ta'u malee, adeemsi akkanaa falmicha akka malee kan dhedheressu waan ta'eef sababni addaa kan mudate yoo ta'e malee deebii kennaan deebii isaa afaaniin akka kennatu taasifamuu qaba.
   (Moojula SDFHH irratti Wiirtuun Leenjii Abbootii Seeraafi Abbootii Alangaa Federaalaatiin barreeffame irraa kan fudhatame)

👁️Seerri deemsa falmii sivilii Kwt 338 fi 339 jalatti yaaduma olitti ka'e kana ifatti agarsiisa.

✍️Tarii, qabatamaatti, bakka tokko tokkotti manneen murtii oliyyannoo adeemsa akka qajeeltootti taa'e jijjiiruun qajeeltoo hambifannoo (hafaa) taasisaniiru. (Sababa akka qabu ni beekama; garuu, sababichi qajeeltoo seeraan taa'e jijjiirsisuu ni danda'aa? kan jedhu of haa gaafannu)

✍️Akkuma olitti ka'e, afaaniin dhagahuu dhabuunis rakkoo akka qabu ogeessota hojii kana irratti bobba'anii jiranitti kan himamu miti.

✍️Kana malees, hojmaanni faallaan kun sadarkaa oliyyannotti mirga afaaniin dhagahamuu gareewwanii daangesseera. Adeemsi akkasii mirga gareewwan dhaddacha ifatti, ija keessa wal ilaalaa yaada isaanii ibsachuuf qaban kan daangessuufi uummannis  dhaddachicha irratti argamuun falmii ka'aa jiru (haqa ijaan arguun) akka hin taajjabne kan taasisudha.

Adeemsi bifa kanaan deemanu qulqullina hojii abbaa seerummaafi galma hojii abbaa seerummaa irratti dhiibbaa hin qabu jettuu? Yeroo ammaa kanatti meeshaalee tekinoolojii madaqfaman fayyadamuun afaaniin dhagahuun hin danda'amuu? Barreeffamaan taasisuun miidhaa isaamoo faayidaa isaatu caala? Isin Maal Jettu? (Kan sdfy fuulduratti itti deebina) Galatoomaa!🙏🙏

       
👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇HIMANNAAN_HARIIROO_HAWAASAA_YOO_SIRRATTI_DHIHAATE_QABXIILEEN_BEEKUU_QABDU!

Ani dubbii hin barbaadu osoo jettuu, dubbiin manatti si barbaaduu waan danda'uuf na caqasi!
☞ Himannaan Mana murtiitti sirratti dhihaata.
☞ Manni murtii garagalcha himannaa sirratti dhihaatee siif erguun, "deebii barreeffamaa qabadhuu dhihaadhu!" jedhee waraqaa waamichaa siif erga.
☞ Waraqaa waamichaa siif ergame fudhachuu hin didin! Diduun sin fayyadu. Inumaayyuu kana gochuun kee ragaa namaatiin sirratti mirkanoofnaan mirga deebii barreeffamaa dhiheeffachuukee si jalaa hambisa.
☞ Himannicha erga fudhattee booda sirriitti dubbisii, ijoo dubbii ittiin himatamte adda baafachuun deebii
barreeffamaakee qopheeffadhu.
☞ Deebii barreeffamaa kana yoo qopheeffattu 'Mormii Sadarkaa Duraa' utuu falmichattuu hin seenin galmicha sirraa cufsiisuu danda'u waliti coradhu. Fknf:-
✔️Manni murtichaa dhimmicha ilaaluuf aangoo kan hin qabne ta'uu;
✔️Himannichi daangaa yeroon kan dhorkame ta'uu;
✔️Dhimmichi kanaan dura murtii kan argate ta'uu;
✔️Dhimmichi kanaan dura araaraan kan xumurame ta'uunfaa
beellamuma duraan galmee waan sirraa cufsiisaniif itti
fayyadami!
☞ Ijoo dubbii ittiin himatamte (waan irratti wal dhabdan) ilaalchisees deebii qabdu sirriitti ibsii barreessi. Dhimmoota
sobaan sirratti dhihaatan ifatti waakkadhu barreessi. Dhugaa jirus sirriitti ibsi. Waan sirratti hin dhihaatin hin kaasin!
☞ Dabalataanis, ragaalee dhugaakee siif mirkaneessuu danda'an hunda deebiikeen wal-qabsiisi. Ragaa barreeffamaa harka kee jiru mara koppii godhii wal-qabsiisi. Ragaa barreeffamaa harka kee hin jirre ammoo bakka inni jiru ibsii bu'ura s/d/f/h/h keew.145tiin ajaja Mana Murtiin akka siif dhihaatu gaafadhu. Ragaa namootaa sii raguu danda'aniis tarreeffadhu.
☞ Booda falmii afaaniif beellamamta.
☞ Hanga siif danda'ametti falmii afaaniirraa hin hafin. Yoo hafte Manni murtii bu'ura s/d/f/h/h keew. 70 tiin bakka ati hin jirretti dhimmichi akka ilaalamuuf sirratti ajaja. Kunimmoo
baayyee si miidha.
☞ Sababa humnakee ol ta'een yoo hafte garuu, kanuma ibsuun bu'ura s/d/f/h/h keew. 72 tiin ajajichi akka sirraa ka'u iyyadhu!
☞ Erga falmii afaanii xumurtanii booda, Manni murtichaa galmicha qorachuun haqa baasuuf jecha ajaja adda addaa
dabarsuu danda'a. Fknf:- sanadni haa dhihaatuu..., lafti haa safaramuu..., qamni mootummaa ibsa haa kennu... fi kkf.
☞ Bu'aa ajajaa barreeffamaan sirratti dhihaatu kana galmeerraa koppii godhadhuu sirrittii dubbisi! Bu'aan kun kan mirgakee sarbu yoo ta'e, bu'ura s/d/f/h/h keew. 205 tiin bu'aa kana kan mormitu ta'uu fi irra deebi'amee qaama biraan qulqullaa'uu akka qabu ibsadhu!
☞ Xaarii kee kana hundumaa boodas, Manni murtichaa sirratti murteessuu danda'a. Kun jalqaba malee dhuma waan hin taaneef hin na'in!
☞ Gaafa murtiin kennamerraa eegalee hanga ji'a lamaatti Oliyyannoo kee Mana Murtii itti aanuuf dhiyyefata.
👍2
👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇
#Namni_qabeenya_bade_argate_Mirgoota_akkamii_qaba_laata?
👉Gaaffii kanaaf deebii ni ta'a jedhee yaade akka armaan gadii kanatti ibsuuf yaaleera.
#Dubbisa_Gaarii
================
✍️Abbaan qabeenyichaa hanga dhufutti harka ofii keessa galchuun kaa’uu (keewwata 1155(1)).

✍️Qabeenyi badee argame yeroo tajaajilaan ala yookaan
tortoruuf; dulloomuuf danda’utti fi kkf yookaan eegumsa isaaf
baasii baay’ee kan gaafatu yoo ta’e bakka ifaa ta’etti caalbaasiin gurguruu (keewwata 1156(1)).

✍️Baasii heedduuf kan
saaxilu jecha jedhuuf gatii qabeenyichaan madaaluun
kan ilaalamu dha.

✍️Abbaa qabeenyichaarraa tokko afuraffaan gatii qabeenyichaa bifa komishiniitiin akkuma haala isaatti argachuu danda’a. As irratti komishiniin kennamuu fi kennamuu dhabuun aangoo abbootii seeraatiif kan kenname dha (keewwata 1158(1)).

✍️Hama komishinii kan murteessuu danda’uus qabeenya nama qabeenyicha argatee fi abbaan qabeenyichaa qaban akkasumas abbaan qabeenyaa qabeenya bade barbaadee argachuuf carraa inni qabu dhiphisuu fi bal’isuun tilmaama keessa kan galchuudhan.

✍️Eegumsa yookaan gurgurtaa qabeenyichaaf, abbaan qabeenyaa dhiyaatee qabeenya isaa akka fudhatuuf baasii
beeksisaaf baase akka bakka buufamuuf gaafachuuf mirga
qaba (keewwata 1157(2)).

✍️Abbaan qabeenya baasii nama argee hanga bakka hin buufnetti qabeenyicha idaadhaan namni arge qabatee turuuf mirga qaba. Darbiinsi yeroo isaa kan raawwate yoo ta’e abbaa qabeenyaa
qabeenyichaa ta’uu (keewwata 1157(1)).

✍️Mirga kun S/H/H keewwata 1192 waliin wal qabatee kan ilaalamu dha.qabeenyi gataman yookaan dhiifaman qabeenya badan irraa garaagarummaa akka qaban hubachuun barbaachisaa dha.

✍️Qabeenyi hayyama abbaa qabeenyaan ala; kana jechuun
dagannoo irraa kan ka’e yookaan dhimma humnaa oli ta’een baduu akka danda’an gararaatti ilaaleera.

✍️Qabeenyi gataman yookaan dhiifaman garuu abbaan qabeenyaa kanniinii beekuudhaan ammaan booda na hin gargaaran jechuun kan
gate yookaan dhiise dha. Kana waan ta’eef abbaan qabeenyaa
duraa akkuma qabeenya kanniin gateen mirga abbaa
qabeenyummaa addaan cita.

✍️Qabeenyi kun akkuma gatamaniin battalumatti namni biroon kan argate qabeenyaa kaase yoo ta’e namni kun yeroo argate irraa eegalee qabeenya
kaniiniif abbaa qabeenyaa ta’a. Kanaaf, asi irratti akka dhimma
ijoo tokkotti kan fudhatamu abbaan qabeenyaa duraa
qabeenyichi harka isaa keessaa bahuu kan danda’e hayyamaa
isaan moo miti kan jedhu dha.
miidiyaa ijoo seeraa https://t.me/+WFtd-XXoYGk1ZTNk midiyaa Ijoo seeraa hordoofun maatii ta,a.
#Galatoomaa🙏🙏🙏

Share, like , or Comment godhuu dandeessu.