Beeksisa Waamicha  Qormaata Barreeffamaa
------------------
(Sadaasa 3,2017 MMWO,Caffee Araaraa,Finfinnee)-Dorgomtoota Gargaaraa Abbaa Seeraa Kallattii irratti dorgoman irratti calalliin gaggeeffamaa turee booda baay'ina dorgomtootaa tilmaama keesa galchuun  namoota dorgommiif dhiyaatan daangessuun barbaachisaa ta'ee waan argameef Dhi-(CGPA 3.2fi isaa ol),Dubartoota (CGPA 2.0fi isaa ol fi Qaama Miidhamtoota 2.5 fi isaa ol) qormaata barreeffamaaf akka dhiyaatan murtaa'eera.
Waan ta'eefis dorgomtoonni maqaan keessan armaan gaditti tarreeffame Sadaasa 6,2017 ganama keessaa sa'aatii 3:00 irratti magaalaa Adaamaa Galma Aanaa Angaatuu (Karaa Hararitti geessu irra 'Amadee' bakka jedhamutti bu'uun 'Alem Hotel' cinaan harka bitaa gara kolleejjii geessu irra  meetira 200 ol seenuun) akka argamtan ni beeksifna.
Hub-1-Kutaa qormaataa seerota kamuu (hard cooy) qabatanii seenuun kan danda'amu yammuu ta'u, barreeffamoota seerotaan alaa garuu kan hin hayyamamne ta'uu  fi  waraqaa eenyummaa qabatanii seenuun  dirqama ta'uu ni hubachiifna.
2-Dorgomtoonni manneen murtii Oromiyaa keessa hojjataa jiraniifi xiinxalli naamusaa isaanii 'D' ta'e fi mana murtii keessatti muudama gara garaa irratti muudanii waggaa lama kan hin guunne fi dorgommii Gargaaraa Abbaa Seeraa Leenjii ILQSn boodaa irratti kanneen galmaa'anii turan  dorgommii  kana keessaa kan baafaman ta'uu ni hubachiifna.
𝐆𝐚𝐚𝐟𝐟𝐢𝐢 𝐌𝐢𝐫𝐠𝐚 𝐖𝐚𝐛𝐢𝐢  𝐅𝐢 𝐘𝐚𝐤𝐤𝐚 𝐒𝐡𝐨𝐨𝐫𝐚𝐫𝐤𝐞𝐞𝐬𝐬𝐮𝐦𝐦𝐚𝐚

🔴Dhaddachi Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa galmee lakk. 437085 ta’e irratti dhaddacha gaafa 02/04/2016 ooleen sirna gaaffiin mirga wabii yakka shororkeessummaa itti keessummaa’uu qabu ilaalchisee murtii tokko kenneera.

♦️Haaluma kanaan namni yakka shorkeessummaan shakkamuun to’atame gaaffii mirga wabii mana murtii sadarkaa kamittuu dhiyeeffachuu kan danda’u ta’uu akkasumas Manneen Murtii Aanaa fi Manneen Murtii Ol’aanaa dhimma akkasii ofitti fuunee hin keessummeessinu kan jedhan bu’uura seeraa hin qabu xinxaala jedhu kenneera.

♦️Dhaddachachi murtichaaf ka’uumsa kan godhate Seerri Deemsa Falmii Yakkaa keewwati 64 (3) gaaffiin mirga wabii Mana Murtii kamittuu dhiyaachuu kan danda’u ta’uu fi labsiin yakka shororkeessummaa ittisuuf bahe lakk. 1176/2012 keewwata 39 jalatti aangoon Mana Murtii Ol’aanaa Federaalaa fi Mana Murtii Waliigalaa Naannoof addatti kenname keessatti gaaffii mirga wabii dhiyaatu keessummeessuun kan hin hammatamne ta’uun isaa aangoon dhimmicha keessummeessuu kan mana murtii sadarkaa kamiituu agarsiisa kan jedhuu dha.
♦️Dabalataanis qabiinsa nama yakka shororkeessummaan to’atamee jiruu eegsisuu keessatti shoorri Manneen Murtii taphachuu qaban labsicha keewwata 39 (3) jalatti tumamuunis kanuma cimsa ejjannoo jedhu qabateera dhaddachichi ijibaataa.https://t.me/+WFtd-XXoYGk1ZTNk
#Seera_Deemsa_Falmii_Yakkaa_Keessatti_Mirga_Ragaa_Abbaa_Alangaa_Ofirraa_Mormachuu_Himatamaa
#Ragaa_Sanadaa_Abbaa_Alangaan_Dhiyaatu_Himatamaan_Yoom_Ofirraa_Mormuu_Qaba_?
Namni yakkaan himatame tokko mirgoota bu’uuraa qabu keessaa mirgi dhagahamuu fi falmachuu isa bu’uuraa yemmuu ta’u kunis mirga waan ittiin himatame yookiin yakka irratti dhiyaate beekuu, ogeessaan gargaaramee deebii kennachuu, ragaa irratti dhiyaate beekuu fi ofirraa mormuu (the right to challenge prosecution evidence) fi falmii fi ragaa ittisaa dhiyeeffachuu kan haammatuudha.

Mirgoonni kunis akka bu’uuraatti Heera Mootummaa Rippaablika Dimokiraatawaa Federaalawaa Itiyoophiyaa fi Heera Mootummaa Naannoo Oromiyaa keewwata 20 jalatti beekamtii fi eegumsi ifa ta’e taasifameefii argama. Akkasumas Seera Deemsa Falmii Yakkaa (SDFY) keewwata 124 - 127(1) (dhiyeessa himannaa fi ragaa), keewwata 129 – 132 (dhagaha falmii duraa), keewwata 136 – 141(dhagaha ragaa abbaa alangaa) fi akkasumas seericha keewwata 142 – 143 (dhagaha falmii fi ragaa ittisaa yookiin himatamaa) fi kkf diriirfamuun tumamee jira.

Kana malees, waliigalteewwan mirga namoomaa Idil-Adunyaa biyyi keenya mallatteesite kanneen akka Waadaa Mirga Namoomaa Idil-Addunyaa (Universal Declaration of Human Rights), Kovanantii Mirgoota Siyaasaa fi Dhuunfaa Idil-Addunyaa (ICCPRs) fi kkf keessattis mirgoonni nama yakkaan himatamee kun bal’inaan beekamtii fi eegumsa kan argatan ta’uunis beekamaadha.

Mirga falmii fi ragaa ilaalchisee himatamaadhaaf heerichaan eegamuu fi seerichaan ifatti tumaman kanneen keessaa mirgi himannaa fi ragaa isa irratti dhiyaate beekuu fi ofirraa mormuu (challenging the charge and evidence against him) dirqama ragaa dhiyeessuu fi himannicha hubachiisuu Abbaa Alangaa waliin kan walqabatu yemmuu ta’u adeemsa falmii mirga kana haala haqa qabeessa ta’een kabajeen Abbaan Alangaa akkaataa himannaatti himatamaan gochaa yakkaa ittiin himatame raawwachuu isaa haala gahaa fi ifa ta’een yoo agarsiise qofa himatamaan ofirraa ittisi jedhamuu akka qabu tumaalee SDFY keewwata 141 fi 142 hiikkoo Dhaddachi Ijibbaataa MMWF Jiildii 26ffaa galmee lak. 208644 ta’erratti kenne walitti dubbisuun hubachuun ni danda’ama.

Kanaan walqabatee akka adeemsa seeraan tumameetti himatamaan ragaalee Abbaa Alangaa kan namaa fi kan sanadaa akkasumas kan biroos yoo jiraatan beekee ofirraa mormachuuf (challenge gochuuf) carraan ifatti eega kennameef booda falmii fi ragaan A/Alangaa madaalamuun himatamaan ofirraa haa ittisu yookiin hin ittisiin jedhamuu kan qabu akka ta’e seericha irraa kan hubatamuudha. Gama kanaan ragaa namaa yookiin ijaa ilaalchisee guyyaa dhagaha guutuu akkaataa SDFY keewwata 136 – 139tti gaggeeffamu irratti himatamaan dhiyaatee ragaa Abbaa Alangaa kan ijaa gaaffii qaxxaamuraa gaafachuun ofirraa kan mormu akka ta’e seerichas ta’e qabatamni hoji-maataa jiru kan agarsiisu ta’uun beekamaadha.

Haata’u malee, ragaalee sanadaa fi kan agarsiisaa (exhibit) Abbaan Alangaa dhiyeeffatu ilaalchisee mirgi ofirraa mormachuu himatamaadhaa yoom eegamuufii akka qabu, seeraa fi hoj-maata qabatamaa gidduu garaagarummaan kan jiru ta’uun alattis qabatamni jiruyyuu garaagarummaa qaba. Kunis, himatamaan ragaalee sanadaa irratti dhiyaatan gaafa jecha amantaa ykn waakkii kennu beekee ofirraa mormuu qaba moo, gaafa ragaan ijaa dhagahamu moo eega ofirraa ittisi jedhame boodadha, qabxii jedhu irratti hanqini hubannoo bal’aan kan jiru yemmuu ta’u qabatamni hoji-maataa irra caalu eega ragaan ijaa dhagahamee himatamaan ofirraa akka ittisu jedhame booda akka qaama falmii ittisaa yookiin mirga ittifachuu himatamaatti kan ilaaludha.

Bu’ura hoj-maata olitti ibsameen himatamaan ragaa Abbaa Alangaan isa irratti dhiyaate hunda irratti mirgi dursee beekuun ofirraa mormachuu Heericha keewwata 20(4) fi SDFY keewwata 136(3) jalatti tumamee jiru otuu hin eegaminiif ragaa himatamaan ofirraa mormachuuf (challenge gochuuf) carraa hin arganneen akkaataa SDFY keewwata 141tiin akka ofirraa ittisu jedhamuun mirga heeraan himatamaaf eegame kan sarbe ta’uun alattis Seera Deemsa Falmii Yakkaa kan hordofee miti.https://t.me/+WFtd-XXoYGk1ZTNk
Forwarded from Elias Kasa Legal Service. (Elias Kasa)
SDFHH Kutaa 2ffaa LHD M-Addaa 3ffaa tiif By Elias K..pdf
15.7 MB
Leenjii SDFHH(kutaa 2ffaa)
Leenjii HD Marsaa Addaa 2ffaatiif kenname. Bara 2017
By Elias kasa(Abukaatoo fi Gorsaa Seeraa)
👍1
Mana Gandaa/ Mootummaa.

Adabbii labsii lakk.231/2013 kana dubbisa

Bulchiinsa Manneen Mootummaa Ilaalchisee Gochoota Dhorkamaniin fi Adabbiiwwan Isaanii
Gochoonni armaan gadii argaman Labsii Lakk. 231/2013, dambii lakk. 246/2016 fi qajeelfama Lakk. 28/2016 jalatti kan dhorkamaniin fi adabbii yakkaa kan hordofsiisanidha.
A. Mana Mootummaa Seeraan ala qabachuu
👉 Namni seeraan ala mana mootummaa qabatee argame ykn Bulchiinsa magaalaatiin akka gadi lakkisu gaafatamee gadi lakkisuu dide kamiyyuu adabbii Hidhaa salphaa waggaa 1 gadi hin taanee fi waggaa 3 hin caallee fi adabbii mallaqaa qarshii 5000-20000tiin kan adabamu ta'a(labsii kewt. 86(2)
B. Mana Mootummaa qaama sadaffaaf dabarsuu
C. Mana Mootummaa gara maqaa nama dhuunfaatti jijjiiruu, ragaa Mana Mootummaa Haquu, dhoksuu fi balleessuu
👉 Namni kamiyyuu karaa seeraan ala ta'een ragaalee Manneen Mootummaa labsicha kewt 39(1)(a-h) jalatti ibsame keessaa tokko ykn tokkoo ol kan balleesse, akka hin dubbifamee kan taasise, dhoksee, kaartaa itti baasuun gara maqaa ofii ykn maqaa nama biraatti jijjiiire, haala mijeesse, kan mirkaneesse ykn osoo beekuu itti fayyadamee argame tumaa seera Yakkaa Malaammaltummaa(881/2007) jalatti kan itti gaafatamu ta'a(labsii Lakk. 231/2013)).
D. Hayyama Malee Suphaa Mana Mootummaa raawwachuu ykn akkaataa, bocaa fi dizaayinii hayyamameen ala suphaa raawwachuu
👉  Namni kamiyyuu akkaataa hayyama kennameefii alatti ykn hayyama malee suphaa mana mootummaa kamiyyuu dizaayinii fi sadarkaa ykn Boca jijjiiree kan argame seera yakkaatiin caalmaan kan adabsiisu yoo ta'e malee adabbii Hidhaa Cimaa Waggaa 2 hanga waggaa 6 fi qarshii 10,000-50,000 gahuun kan adabamu ta'a(labsicha kewt 86(4))
E  Lafa Duwwaa Mana waliin Dhaalame Irratti ijaarsa raawwachuu
👉 Namni kamiyyuu lafa Manni Mootummaa Irraa diigame irratti ykn lafa Duwwaa manni mootummaa waliin Dhaalame irratti ykn mooraa mana mootummaa keessatti hayyama mootummaatiin alatti ijaarsa dhuunfaa kan raawwate seera yakkaatiin caalmaan kan adabsiisu yoo ta'e malee.https://t.me/+WFtd-XXoYGk1ZTNk
Bu'aa Diiggaa gaa'elaa (Effect of divorce)

Abbaan warraa fi haati warraa ergaa wal fuudhan gargar hin bahan jechuu mitii sababaa garagaraatiin gaa'ela isaani karaalee sadeen yeroo darbee isiinif ibseen isaaniis
1.Du'a ykn badiinsa(walfuutota keessaa tokko yoo du'e ykn Mana Murtiitiin murteen badiinsaa yoo kenname) ykn
2.Hir'ina ulaagaa bu'uuraa(fuudhaa fi heeruma raawwachuudhaaf haalaawwan barbaachisaa ta'an keessaa tokko sababa hin kabajamneef gaa'elli Mana Murtiitiin yoo diigame) ykn
3.Hiikkaa(murtii diiggaa gaa'elaa Mana Murtiitiin yoo kenname) dhaan diigaamu danda'aa,garu yeroo diigameeti bu'aale hordoofsisu qaba walii galattii

Diiggaan gaa'ela bu'aalee lama hordoofsisa
1.Bu'aa qabeenya(pecuniary effect)  fi
2.Bu'aa dhunfaa (personal effect)

1.Bu'aa Qabeenya(pecuniary effect)
Bu'aa qabeenya jechuun:- qabeenya walfuutotni gaa'elaan duraafi booda horatan irraatti bu'aa gamaa dhunfaa ykn waliini hordofamuu jechuudha.
Kanaaf gaa'ela kessaatti fi ergaa diigamee boodas bu'aa gamaa kanaan dhufuu iddoo lamatti qoodamee ilaalama
Qabeenyaa dhunfaa fi
Qabeenya walinii jedhamee

1-Bu'aa Qabeenyaa Dhunfaa

Seera Maatii Oromiyaa keewwata 74(2) Wal fuutotni guyyaa gaa'elaa isaani irratti kennaan dhunfaan kennamuuf yookiin erga wal fuudhan booda bifaa dhaamsan argataan akkaa qabeenya dhunfaatti fudhatamaa.
Ergaa wal fuudhan boodas bu'aan qabeenya dhunfaa saniin argamee fi qabeenyi dhunfaa san yoo gurgurames qabeenyuma dhunfaati jedhamaa.kunii raawwatiinsa kan qabaatu qabeenyii gurgurtaan argamee saan akkaa dhunfaa kootti haa anaaf lakkawamuu jedhee mana murtitti iyyatee yoo mirkana'eef qofadha kan san irraa hafee hundii qabeenya waliniiti taaha kana jechuun xaarii dhunfaa isaanitin yookiin waliitin galiin argamuu hundii jechuudha.

Haatii warraa fi Abbaan warraa waligaltee gaa'elaa isaani kessaatti qabeenya dhunfaa fi qabeenya walinii jechuun murteefachuu ni danda'aan. yeroo diiggaan gaa'elaa godhamuu mana murtiif qabeenya dhunfaa isaani akkaa ta'ee ibsuudhan deebisani fudhachuu ni danda'uu.

#Qabeenyaa_Waliinii_Abbaa_Warraa_fi_Haadha_Warraa_Gaa 'ila_Keessatti:

"Qabeenya waliinii" jechuun qabeenya bu'aa fi galii qabeenya dhuunfaa fi waliinii irraa argamu,galii carraaqqii dhuunfaa irraa argamu;gaa'ila keessatti horatame,qabeenya dhuunfaa bu'uura Seera Maatii Oromiyaa keewwata 74(2) tiin argame yoo kan dhuunfaa jedhamee galmaa'een ala,qabeenyi kennaan ykn dhaamsaan argame haala addaatiin yoo kan dhuunfaa ta'uun hin ibsamin fi kan kana fakkaatan jechuudha.

#Dhaddachi_Ijibbaataa_Federaalaa Jildii 17ffaa Lakkoofsa Galmee 95680 ta'een "qabeenyi tokko gaaffii garee tokkoon kan dhuunfaati jedhamee akka mirkanaa'uuf gaafatamee Mana
Murtiitiin yoo raggaasifame(galmaa'ee mirkanaa'e) malee qabeenya isaan itti bulaa fayyadamaa turan qabeenya waliinii abbaa warraaf haadha warraati jechuun Seera Maatii Oromiyaa
keewwata 74(1)(2) waliin wal qabsiisuun murteessee ture.

#Dhaddachi_Ijibbaataa_Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Jildii 8ffaa Lakk.Galmee 37275 ta'een"qabeenyi Manaa gaa'elaan dura horatame tokko gurguramee maallaqa gurgurtaa irraa argameen Manni biroon gaa'ila keessatti yoo bitame Manni haaraa bitame kan dhuunfaa jedhamee hanga Mana Murtiitiin hin mirkanoofnetti qabeenya waliinii ta'a,kan dhuunfaa ta'ee itti fufuuf ykn mirkanaa'uu ykn bifa jijjiirachuu
dhabuudha"jechuun hiikoo kennee ture.

#Dhaddachi_Ijibbaataa Federaalaa jildii 11ffaa Lakk.Galmee 50489 ta'een "qabeenyi abbaa manaa fi haadha manaa keessaa carraaqqii isa tokkootiin argamus qabeenya kan waliinii ta'a"
jechuun murteessee ture.

#Qabeenyi /qarshiin gaa'ila keessatti deeggarsaan argamu qabeenya waliinii abbaa manaa fi haadha manaati jechuun

#Dhaddachi Ijibbaataa Jildii 5ffaa Lakk.Galmee 31430 ta'een fuula 237 irratti murteessee ture.
"Bulchiinsa qabeenya abbaa manaa fi haadha manaa" jechuun qabeenya isaan waliin qaban eeguu,kunuunsuu,galii sassaabuu, gurguruu fi kan kana fakkaatan kan dabalatuudha.

Abbaa warraa fi haati warraa qabeenya waliinii kunuunsuu,eeguu,galii sassaabuu fi gurguruuf mirga walqixa qabu.WFtd