Forwarded from Musa.H.Ⓜ️.Law Room (👾 BITS Musa Hashim🍅Ⓜ️ MEMES)
𝐌𝐮𝐫𝐭𝐢𝐢 𝐃𝐡𝐚𝐝𝐝𝐚𝐜𝐡𝐚 𝐈𝐣𝐢𝐛𝐚𝐚𝐭𝐚𝐚 𝐇𝐚𝐚𝐫𝐚𝐰𝐚

Manni Murtii waliigala federaalaa dhaddachi ijibaataa namni tokko dhaalaa ta'uu isaa yeroo seerri kaa'e keessatti mirkaneeffatullee dhaalli akka qulqullaawu yoo hin gaafanne xalayaa ragaa dhaaltummaa darbiinsa yerootiin kan addaan citu dha jechuun dhaddacha gaafa 6/2/2017 ooleen murteessee jira.

አንድ ሰው ወራሽ ስለመሆኑ ህጉ በሚፈቅደው ጊዜ ቢያረጋግጥም ውርስ እንዲጣራ  ካልጠየቀ በይርጋ የሚታገድ ስለመሆኑ እና የወራሽነት ማረጋገጫ የምስክር ወረቀት በጊዜ መያዝ ይርጋን እንደማያቋርጥ የሰበር ውሳኔን በመሻር በሰባት ዳኞች የተሰጠ ውሳኔ ነው።
       @musalawyer
S.Y.K.86tiin yaada adabbii salphisu shan qabachuun gulantaa 33ffaa jalatti dhaddacha gaafa guyyaa 26/2/2017 ooleen adabbii isaa fi fakkaattota isaa barsiisuu danda'u hiidhaa ciimaa waggaa 14(kudha afurii) fi adabbii maallaqaa qarshii 20,000n (kuma diigdamiin) adabee jira.

Qindeessaa Garee Kenna tajaajila Abbaa Seerummaa Mana Murtii Ol'aanaa Godina Harargee Bahaa kan ta'an kabajamoo Obbo Ashannaafii Isheetuu dhimmichaan walqabatee yaada kennaniin akka jedhanitti hawaasni keenya gochi gowwoomsaan akkanaa daa'imman miidhaa ulfaataaf kan saaxilu malee faayidaan isaaniif argamsiisu akka hin jirre hubachuun bakka argatti gochoota akkanaa qaama mootummaa isaanitti dhiyoo jirannitti eeruu kennuun saaxiluu fi balaaleeffachuu akka qaban dhaamanii jiru.

Kominikeeshinii Mana Murtii Ol'aanaa Godina Harargee Bahaa https://t.me/+WFtd-XXoYGk1ZTNk
Beeksisa
-------------
(Sadaasa 3,2017 MMWO,Caffee Araaraa,Finfinnee)-
Manni Murtii Waliigalaa Oromiyaa dorgomtoota Gargaaraa Abbaa Seeraa Leenjii ILQSOn boodaa irratti dorgomanii qabxii waliigalaan caalamanii eeggataa ta'anii fi isaanitti aananii jiran kan maqaan isaanii armaan gaditti tarreeffame  fedhii isaanii jiddu gala godhchuun gitoota banaa gara garaa irratti muudee hojjachiisuu barbaada.Waan ta'eefis dorgomtoonni maqaan keessan armaan gaditti tarreeffame sadaasa 5, 2017 ganama sa'aatii 3:00 irratti Magaalaa Finfinnee,Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa, Caffee Araaraatti argamutti akka argamtan  ni  https://t.me/+WFtd-XXoYGk1ZTNk.
Beeksisa Waamicha  Qormaata Barreeffamaa
------------------
(Sadaasa 3,2017 MMWO,Caffee Araaraa,Finfinnee)-Dorgomtoota Gargaaraa Abbaa Seeraa Kallattii irratti dorgoman irratti calalliin gaggeeffamaa turee booda baay'ina dorgomtootaa tilmaama keesa galchuun  namoota dorgommiif dhiyaatan daangessuun barbaachisaa ta'ee waan argameef Dhi-(CGPA 3.2fi isaa ol),Dubartoota (CGPA 2.0fi isaa ol fi Qaama Miidhamtoota 2.5 fi isaa ol) qormaata barreeffamaaf akka dhiyaatan murtaa'eera.
Waan ta'eefis dorgomtoonni maqaan keessan armaan gaditti tarreeffame Sadaasa 6,2017 ganama keessaa sa'aatii 3:00 irratti magaalaa Adaamaa Galma Aanaa Angaatuu (Karaa Hararitti geessu irra 'Amadee' bakka jedhamutti bu'uun 'Alem Hotel' cinaan harka bitaa gara kolleejjii geessu irra  meetira 200 ol seenuun) akka argamtan ni beeksifna.
Hub-1-Kutaa qormaataa seerota kamuu (hard cooy) qabatanii seenuun kan danda'amu yammuu ta'u, barreeffamoota seerotaan alaa garuu kan hin hayyamamne ta'uu  fi  waraqaa eenyummaa qabatanii seenuun  dirqama ta'uu ni hubachiifna.
2-Dorgomtoonni manneen murtii Oromiyaa keessa hojjataa jiraniifi xiinxalli naamusaa isaanii 'D' ta'e fi mana murtii keessatti muudama gara garaa irratti muudanii waggaa lama kan hin guunne fi dorgommii Gargaaraa Abbaa Seeraa Leenjii ILQSn boodaa irratti kanneen galmaa'anii turan  dorgommii  kana keessaa kan baafaman ta'uu ni hubachiifna.