#Murtii MMWF Dhaddacha  Ijibbaataa Lakk.Galmee 242958 ta'ee gaafa 24/12/2016 ooleen kenname.
        ##############
👉Yakka Amantaa hir'isuutin hojjataan himatamee jiru himannaan yakkaa erga irratti dhiyaate booda qarshii hir'isee jiru deebisuun(galii gochuun) isaa gochichatti gaabbuu isaa kan agarsiisuudha malee qarshiicha deebisuun isaa qofti yaada gocha yakkaa amantaa hir'isuu raawwachuu hin qabu kan jechisiisuu waan hin taaneef bilisaan gadhifamuu hin qabu.
👉Dhimmichi labsii yakkoota malaamm. lakk. 881/2007 kwt 31(1) yakka amantaa hir'isuu ilaalchisee kennameedha. Labsicha kwt.31(3)(b) gaaleen himatamichi yeroo gaafatamu…. Kan jedhu kun shakkamaan yeroo mana hojii mootummaatti gaafatamu ykn qorannoon geggeeffamu waajjira poolisitti, Mana Murtiitti yeroo jecha amantaa kennu moo, yeroo himatni A/A dhaddachatti dhiyaatee gaafatamu jecha inni kennutu ilaalamee yakki amantaa hir'isuu raawwateera yookin hin raawwanne jechuu dandeenya?? gaaffii jedhu waan deebisuudha. https://t.me/+WFtd-XXoYGk1ZTNk
Dambiilee,Qajeelfamoota Fi Maanuwaalii Manneen Murtii Oromiyaa iddoo tokkootti qindaa'e chaanaalii Koo irratti.
1.KOODII NAAMUSA ABBAA SEERUMMAA ABBOOTII SEERAA MANNEEN MURTII 
OROMIYAA, DAMBII LAKK. 01/2011 
2. DAMBII NAAMUSA ABBOOTII SEERAA MANNEEN MURTII OROMIYAA FOOYYA’EE BAHE  LAKK. 02/2011 
3. DAMBII SIRNA ITTI GAAFATAMUMMAA NAAMUSA ABBOOTII SEERAA MANNEEN MURTII  OROMIYAA FOOYYA’EE BAHE DAMBII LAKK. 03/2011 
4. DAMBII BULCHIINSA ABBOOTII SEERAAFI MUUDAMTOOTA MANNEEN MURTII  OROMIYAA IRRA DEEBIIN FOOYYA’EE BAHE, LAKKOOFSA 07/2012
5. DAMBII BULCHIINSA OFIISAROOTA SEERAA MANNEEN MURTII OROMIYAA LAKK.4/2012
6. DAMBII GURMAA’INSAA FI HOJIMAATA DHADDACHA MANNEEN MURTII  OROMIYAALAKK. 06/2011 
7. DAMBII SIRNA WALGAHII GUMII BULCHIINSA ABBOOTII SEERAA OROMIYAA LAKK  05/2011.
8. QAJEELFAAMA SIRNAA FI HOJIMAATA KOREE BULCHIINSAA MANNEEN  MURTIIOROMIYAA, QAJ. LAK. 8/2012.
9. QAJEELFAMA SIRNA BULCHIINSA DHANGALA’A DHIMMAA MANNEEN MURTII  OROMIYAA LAKK.1/2010 
Fi kanneen biroohttps://t.me/+WFtd-XXoYGk1ZTNk
Daldalaan Dukkaana Daldalaa (ንግድ መደብር) ykn 'Business' Isaa Nama Birootti Kireessee Hojii Daldalaa Ittiin Hojjechiisu Akka Daldalaatti Ni Lakkaawamaa?


¢¢¢¢¢✓✓✓¢¢¢¢¢✓✓✓✓¢¢¢¢¢¢¢✓✓✓

Daldalaan tokko, abbaa qabeenyaa Dukkaana Daldalaa (Business), nama yeroodhaaf itti fayyadamuuf mirga seera irraa madde argate (fayyadamaa alaabaa) ykn kireeffataa ta'uudhaan hojii daldalaa isaa gaggeessuu ni danda'a. Akka daldalaatti kan lakkaawamu nama Dukkaana daldalichaatiin hojii daldalaa gaggeessu qofadha. Dukkaanichi kan kireeffame yoo ta'e, abbaan qabeenyaa dukkaanichaa ykn kireessaan daldalaa jedhamuu hin danda'u.
   (Seera Daldalaa Haarayaa, Labsii Lakk.1243/2013 Kwt 107(3))

ነጋዴ የንግድ ሥራውን የሚያካዛደው በንግድ መደብር ባለቤትነት፣ በአላባ ተጠቃሚነት ወይም በተከራይነት ሊሆን ይችላል፤ እንደ ነጋዴ የሚቆጠረው በንግድ መደብሩ የሚነግድ ሰው ብቻ ነው:: መደብሩ የተከራየ እንደሆነ ባለቤቱ ወይም አከራዩ ነጋዴ ሊባል አይችልም::
  (አዲሱ የንግድ ሕግ, አዋጅ ቁ.1243/2013 አንቀጽ 107(3))

A trader may operate a business in the capacity of owner, usufructuary or lessee; only the person who operates the business shall be deemed to be a trader and the owner or lessor of the business shall not be regarded as a trader.
  (The new Commercial Code, Proc.No.1243/2013, Art.107(3))

Hubachiisa:
✍️Akkuma beekamu, jeçha Afaan Inglishiitiin 'Business' jedhamu, ykn afaan Amaaraatiin 'የንግድ መደብር' jedhamu ibsuuf yeroo baay'ee, afaan Oromootiin, gaalee "Dukkaana Daldalaa" jedhu fayyadamna. Akka kiyyatti, gaaleen kun jecha Afaan Inglishiitiin 'Business' jedhamu guutummaatti ni ibsa jedhee hin amanu. Hanga jecha waltawaan argamutti garuu sanuma fayyadamuuf dirqamna.

✍️Dukkaana Daldalaa ykn ''Business' jechuun maal jechuudha? Maal maal of keessatti hammata? Haala kamiin gurgurama? kan jedhu ilaalchisee barreeffama gabaabaa yeroo gabaabaa keessatti waanan barreessuuf hordoftoonni Chaanaalii kanaa obsaan nu eeggadhaa!!
https://t.me/+WFtd-XXoYGk1ZTNk
Lawyer getacho sisay

           Galatoomaa!!

             
Forwarded from Musa.H.Ⓜ️.Law Room (👾 BITS Musa Hashim🍅Ⓜ️ MEMES)
Biiroo Bishaaniifi Inarjii.rar
11.4 MB
Seerota bishaanii fi inarjiin wal qabatan
Forwarded from Muhammedteyib Nure:Judge
Qajeelfama Hojii Safartii Marsaa 2ffaa Lakk. 03-2017.PDF
1.9 MB
Qajeelfama galmeessaa fi kenna waraqaa ragaa Lafa Baadiyyaa haaraa Lakk.03/2017
Qajeelfama Naamusa Hojjattoota BLO fooyya'e.PDF
1.3 MB
Qajeelfama naamusa hojjattoota Biiroo Lafaa haaraa Lakk.4/2017
𝗔𝗸𝗸𝗮𝗮𝘁𝗮𝗮 𝗤𝗮𝗯𝗶𝘆𝘆𝗲𝗲 𝗟𝗮𝗳𝗮𝗮 𝗙𝗶 𝗠𝗮𝗻𝗮 𝗠𝗮𝗴𝗮𝗮𝗹𝗮𝗮 𝗜𝗿𝗿𝗮𝘁𝘁𝗶 𝗪𝗮𝗿𝗮𝗾𝗮𝗮𝗻 𝗥𝗮𝗴𝗮𝗮 𝗔𝗯𝗯𝗮𝗮 𝗤𝗮𝗯𝗶𝘆𝘆𝘂𝗺𝗺𝗮𝗮 (𝗞𝗮𝗮𝗿𝘁𝗮𝗮𝗻) 𝗔𝗯𝗯𝗼𝗼𝘁𝘁𝗶𝗶 𝗤𝗮𝗯𝗶𝘆𝘆𝗲𝗲𝘁𝗶𝗶𝗳 𝗜𝘁𝘁𝗶 𝗞𝗲𝗻𝗻𝗮𝗺𝘂𝘂 𝗳𝗶 𝗞𝗮𝗻𝗮 𝗜𝗿𝗿𝗮𝘁𝘁𝗶 𝗥𝗮𝗴𝗮𝗮𝗹𝗲𝗲 𝗗𝗵𝗶𝘆𝗮𝗮𝗰𝗵𝘂𝘂 𝗤𝗮𝗯𝗮𝗻 𝗜𝗹𝗮𝗮𝗹𝗰𝗵𝗶𝘀𝗲𝗲 𝗦𝗲𝗲𝗿𝗿𝗶𝗶 𝗙𝗶 𝗗𝗵𝗮𝗱𝗱𝗮𝗰𝗵𝗶 𝗜𝗷𝗶𝗯𝗮𝗮𝘁𝗮𝗮 𝗠𝗮𝗮𝗹 𝗝𝗲𝗱𝗵𝗮𝗻?
🔴Qabiyyee falmii kaase keessa manni mootummaan bulchu jiraachuu fi jiraachuu dhabuu yoo jiraate akkaataa qajeelfama bulchiinsa magaalaatiin qabiyyeen iyyattoonni ragaa itti argachuu qaban hangam akka ta'e akkasumaas iyyattoonni kaareemetira meeqa irratti kartaa argachuu akka qaban manni murtii ragaa rogummaa qabuun osoo hin qulqulleessin sababoota fudhatama hin qabne bu'ura godhachuun murtiin kanne dogongora bu'ura seeraa kan qabuudha jechuun manni murtii waliigala federaalaa dhaddachi ijibaataa dhaddacha gaafa 8/2/2016 ooleen murtii dirqisiisaa kannee jira.
𝐐𝐚𝐛𝐢𝐲𝐲𝐞𝐞 𝐋𝐚𝐟𝐚 𝐌𝐚𝐠𝐚𝐚𝐥𝐚𝐚 𝐈𝐫𝐫𝐚𝐭𝐭𝐢 𝐖𝐚𝐫𝐚𝐪𝐚𝐚𝐧 𝐑𝐚𝐠𝐚𝐚 𝐀𝐛𝐛𝐚𝐚 𝐐𝐚𝐛𝐢𝐲𝐲𝐮𝐦𝐦𝐚𝐚 (𝐊𝐚𝐚𝐫𝐭𝐚𝐚𝐧) 𝐀𝐛𝐛𝐨𝐨𝐭𝐢𝐢 𝐐𝐚𝐛𝐢𝐲𝐲𝐞𝐞𝐭𝐢𝐢𝐟 𝐀𝐤𝐤𝐚𝐦𝐢𝐢𝐧 𝐊𝐞𝐧𝐧𝐚𝐦𝐚?
🔰Akkaataa qabiyyee lafaa fi mana nagaalaa ilaalchisee waraqaan ragaa abbaa qabiyummaa yokiin kaartaan abbootii qabiyyeetiif itti kennamuu qabu ilaalchisee qajeelfama keessummeessa qabiyyee lafa magaalaa ragaa hin qabnee fi ijaarsa seeraan alaa sirna qabsiisuuf bahe qajeelfama lakk 5/2008 jalati bal'inaan tumamee jira.
𝗔𝗸𝗸𝗮𝗮𝘁𝗮𝗮 𝗾𝗮𝗷𝗲𝗲𝗹𝗳𝗮𝗺𝗮 𝗸𝗮𝗻𝗮 𝗸𝗲𝗲𝘄𝘄𝗮𝘁𝗮 11 𝗷𝗮𝗹𝗮𝘁𝗶 𝘁𝘂𝗺𝗮𝗺𝗲𝗲 𝗷𝗶𝗿𝘂𝘂𝗻 𝗯𝘂'𝘂𝗿𝗮 𝗹𝗮𝗯𝘀𝗶𝗶 𝗳𝗶 𝗹𝗶𝗶𝘇𝗶𝗶𝘁𝗶𝗻 𝗾𝗮𝗯𝗶𝘆𝘆𝗲𝗲𝗻 𝗹𝗮𝗳𝗮 𝗺𝗮𝗴𝗮𝗮𝗹𝗮𝗮 𝗱𝗮𝗮𝗻𝗴𝗮𝗮 𝗺𝗮𝗴𝗮𝗮𝗹𝗮𝗮 𝗸𝗲𝗲𝘀𝘀𝗮𝘁𝘁𝗶 𝗾𝗮𝗮𝗺𝗮 𝗮𝗱𝗱𝗮 𝗮𝗱𝗱𝗮𝗮𝘁𝗶𝗶𝗻 𝗾𝗮𝗯𝗮𝗺𝗮𝗻𝗶𝗶 𝘁𝗮𝗷𝗮𝗮𝗷𝗶𝗹𝗮 𝗮𝗱𝗱𝗮 𝗮𝗱𝗱𝗮𝗮𝘁𝗶𝗶𝗳 𝗼𝗼𝗹𝗮𝗮 𝗷𝗶𝗿𝗮𝗻 𝗯𝗲𝗲𝗸𝗸𝗮𝗺𝘁𝗶𝗶𝗻 𝘀𝗲𝗲𝗿𝗮𝗮 𝗸𝗲𝗻𝗻𝗮𝗺𝗲𝗲𝗳𝗶𝗶 𝘄𝗮𝗿𝗮𝗾𝗮𝗮 𝗿𝗮𝗴𝗮𝗮 𝗮𝗯𝗯𝗮𝗮 𝗾𝗮𝗯𝗶𝘆𝘆𝘂𝗺𝗺𝗮𝗮 (𝗸𝗮𝗮𝗿𝘁𝗮𝗮) 𝗮𝗿𝗴𝗮𝗰𝗵𝘂𝘂𝗳 𝘂𝗹𝗮𝗮𝗴𝗮𝗮𝗻 𝗴𝘂𝘂𝘁𝗮𝗺𝘂 𝗾𝗮𝗯𝘂.
Ulaagaa gosa tajaajilcha qabiyyichaaf dambii fi qajeelfama 
kanaan tumaman guutee argamuu
Abbaan mirgaa qabiyyichaa ifatti kan beekamuu fi akkaataa dambii fi qajeelfama kanaatiin kan mirkanaa’e 
ta’uu.
Qabiyyeen ragaan itti gaafatame kun akkaataa dambichaa fi qajeelfama kanaan tumameen manni tajaajila kennaa jiru kan irra jiru ta’uu
Qabiyyichi lafa tajaajila qonnaaf 
qabame yoo ta’e oomisha qonnaaf kan oolaa jiru ta’uu.
Abbootiin qabiyyee naqaa isaaniitin qabeenya dhaabbataa horachuuf mirgi seeraan kan hin daangefamne ta'uu
Hangi bal’ina qabiyyee lafaa fi baay’ina gosa qabeenya dhaabbataa nama yookiin maatii tokkoof seeraan 
hayyamame ta’uun mirkanaa’uu qaba.
Qabiyyeen lafaa ragaan irratti gaafatame mirga seeraa nama biraa kan hin daangessine yookiin kan hin 
faalleessine ta’uu qaba
𝗠𝗮𝗱𝗱𝗶 𝗥𝗮𝗴𝗮𝗮 𝗤𝗮𝗯𝗶𝘆𝘆𝗲𝗲 𝗗𝘂𝗿𝗶𝗶 𝗪𝗮𝗿𝗮𝗾𝗮𝗮 𝗥𝗮𝗴𝗮𝗮 𝗔𝗯𝗯𝗮𝗮 𝗤𝗮𝗯𝗶𝘆𝘆𝘂𝗺𝗺𝗮𝗮 𝗛𝗶𝗻 𝗤𝗮𝗯𝗻𝗲 𝗔𝗱𝗱𝗮𝗮𝗻 𝗕𝗮𝗮𝘀𝘂𝘂𝗳 𝗙𝘂𝗱𝗵𝗮𝘁𝗮𝗺𝗮 𝗤𝗮𝗯𝘂 𝗸𝗮𝗻𝗻𝗲𝗲𝗻 𝗔𝗿𝗺𝗮𝗮𝗻 𝗚𝗮𝗱𝗶𝗶 𝗞𝗮𝗻𝗮.
Maqaa abbaa qabiyyichaan yookiin qabiyyichi ragaa mana galmee bulchiinsa magaalaa yookiin 
gandichaa keessa yookiin bakka lameenuu keessaa qabaachuu sakatta’uun yoo qabaate madda ragaa bu’uuraa ta’ee fudhatama ni qabaata.
Faayila ragaan itti fayyadama lafa baadiyyaa(Green Card) itti kenname
Ragaa walharkaa fuudhinsa ganda baadiyyaa magaalaatti makame agarsiisu
Ragaa qaama aangoo qabuun magaalichi qaama seerummaa argachuun itti mirkanaa’e.
Ragaalee mannii fi qabiyyichi akkaataa itti argame agarsiisu kanneen akka waliigaltee daddabarsa manaa.
Murtee mana murtii kan dhaaltummaa
Ragaa hayyama haaromsa ijaarsaa
Ragaa bu’uuraa abbaa mirgaa qabiyyichaa ta’uu nama tokkoo murteessuuf fudhatama qabu ragaahttps://t.me/+WFtd-XXoYGk1ZTNk