Gamaaggama Raawwii Hojii Manneen Murtii Oromiyaa Kurmaana 1ffaa
-----------------------
(Onkoloolessa 16,2017 MMWO,Caffee Araaraa,Finfinnee)-Gamaaggamni raawwii hojii Manneen Murtii Oromiyaa Kurmaana 1ffaa magaalaa Adaamaatti gaggeeffamee jira.Waltajjii marii kana irratti miseensonni Koree Bulchiinsaa,Qindeessitoonni Dhaddachaa, Gaggeessitoonni Dhimmaa Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa, Pirezidaantonnii fi miseensonni koree bulchiinsaa Manneen Murtii Ol'aanaa   dhimmi illaalltu hirmaataniiru.Bal'ina odeeffannichaa gara booodaa kan isiniin geenyu ta'a.
Hidhaa seeran Alaa Abbaa Alangaa Amaanu’eel Tolasaa irratti raawwatamee jira!

A/Alangaa Amaanu’eel Tolasaa inistiitiyuutii leenjiifi Qorannoo Seeraa Oromiyaatti leenjii hojiin duraa ogeeyyota seeraatif kennamaa ture marsaa 17ffaadhaan fudhachaa turee gaafa guyyaa 27/1/2017 leenjicha xumuruudhaan eebbifamee gaafuma kana gumii Abbootii Alangaa waligala Oromiyaatiin muudamuun gara qaamolee haqaa naannichaatti kan dabalameedha.

Yeroo ammaa kanatti godina W/lixaatti Ramadamee gara iddoo hojii aanaa itti ramadameetti deemuuf qophii taasisaa osoo jiruu magaalaa Gimbii keessatti qaamolee nageenyaatiin Guyyaa kaleessaa 16/2/2017 waaree booda, Iddoo hojii deemuuf lafa inni mana siree qabatee jiruu qaamolee nageenyaa milishaadhaan qabamee kan hidhame!
Kanaaf qaamni Abbaa Alangaa kana seeran ala too’ate akka gadi lakkisu gaafanna!
Ogeessi seeran ala too’atamuu haa dhaabbatu!
Bilisummaan Ogeessa seeraa haa kabajamu!
1
Beeksisa Waamicha Eeggataa
--------------------------------
(Onkoloolessa 19,2017 MMWO,Caffee Araaraa,Finfinnee)-Leenjifamtoota Gargaaraa Abbaa Seeraa Ieenjii akka seenaniif murtaa'e keessaa Mahaammad Boonsoo Ulii hanga ammaatti leenjii kan hin galle ta'uun waan mirkanaa'eef bakka isaa eeggataa 8ffaa kan ta'e Lalisaa Guutaa Mul'ataa leenjii akka galu waamichi taasifameera.
Waan ta'eefis   dorgomaan maqaan armaan olitti caqasame hanga gaafa 21/2/2017tti ILQSO seenuun leenjii akk jalqabdu  ni beeksifna.https://t.me/+WFtd-XXoYGk1ZTNk
📎Maanaajaroonni Dameelee Baankii bu'uura Labsii 1156/2011 kewt 2(10)tiin dhimmoota tarsiimoo Baankichaa irratti karoorsuu fi murteessuu. Akkasumas, Hojjataa qcaruus ta'e hojii irraa gaggeessuuf Aangoo kan hin qabne yoo ta'e bu'uura labsii hojjataa fi hojjachiisatiin kan ilaalamu ta'uu DhIMMWF Murtii hikkoo dirqisiisaa kenneera.https://t.me/+WFtd-XXoYGk1ZTNk
#YAKKA_DIRQISIISANII_GUDEEDUU
✍️ Madaallii Ragaa dhimma Yakka Dirqisiisanii Gudeeduu irratti taasifame.
Dhaddachi Ijibbaataa mana murtii waliigala federaalaa Lakk.Galmee 209136 gaafa 27/7/2014 murtaa'e (Hin Maxxanfamne) irratti.

Himata yakka gudeeddii fi firaa irratti raawwatame jechuun Abbaan Alangaa himata lama dhiyeesse ragaan Abbaa alangaa miidhaa gahee kallattiin dhiiga miidhamtuu dhunfaa irratti arguu ibsuun fi xalayaan yaalaas durbummaan akka badee fi tan hin turiin tahuu ibsuun himatamaa irratti mirkaneessee , garuu ragaan ittisaa himatamaadhaa dhiyaatee jecha isaa yeroo kennuutti maatiin miidhamtuu dhunfaa himatamaa waliin wal lola waan qabaniif sobaan ragaa qindeessanii himatan akkasumaas miidhamtu miidhaan xiinsammuu akka irra hin gahiiniif fi nyaataas ofiif nyaachaa turte jedhee ragee irratti manni murtii jalaa irraa waliigalaatti midhamtuun wal lola waan qabaniif haloo bahachuuf himatte sababniis namni gudeedame tokko xiinsammuu miidhamuu akka qabuufi nyaataas ofii isheef nyaachuun miidhamtuun akka hin gudeedamiin argiisisa jechuun jecha isaanii kennan garuu manni murtii lakkii kuni jiraatuus miidhaan jiraannaan haloo miti ykn hin miidhamne hin jechiisisuu jechuu hidhaa cimaa waggaa 8 adabee jira garuu manni murtii waliigalaa naannoo lakkii jechuun murtii jalaa diigee jira.

Manni murtii waliigalaa federaalaa Xalayaan yaalaa durbummaan baduu fi kan hin turin tahuu ibsinaan, akkasumaas ragaa Abbaa Alangaa ijoo himataa mirkaneessinaan, ragaa Ittisaa wal lola qabaachuu fi ofii isheef of tajaajilaa turtee jechuun ibsuun miidhamtuu hin miidhamne jechuu waan hin ta'iiniif haalli madaallii mana murtii waliigalaa sirrii akka hin ta'in ibsuun murtii mana murtii gochuun sirrii miti jechuun mana murtii Ol'aanaa cimsuun akka raawwatamuu jechuun murtii mana murtii waligalaa kufaa godhee murtii mana murtii jalaa cimsee jira.

Kanaafuu osoo ragaan ogeesaaa fi namaa gochicha mirkaneessuu wal lollii dhunfaa himatamaa fi miidhamaadha jidduu tureef  haloof sobaan himata jechuun hin danda'amu akkasumaas xiinsammuu miidhamuu dhabuu fi miidhamtuun soochii godhuun, ciisuu dhabuun, ofii isheef nyaachuun fi kkf miidhaan hin geenye jechuu miti. https://t.me/+WFtd-XXoYGk1ZTNk
#Murtii MMWF Dhaddacha  Ijibbaataa Lakk.Galmee 242958 ta'ee gaafa 24/12/2016 ooleen kenname.
        ##############
👉Yakka Amantaa hir'isuutin hojjataan himatamee jiru himannaan yakkaa erga irratti dhiyaate booda qarshii hir'isee jiru deebisuun(galii gochuun) isaa gochichatti gaabbuu isaa kan agarsiisuudha malee qarshiicha deebisuun isaa qofti yaada gocha yakkaa amantaa hir'isuu raawwachuu hin qabu kan jechisiisuu waan hin taaneef bilisaan gadhifamuu hin qabu.
👉Dhimmichi labsii yakkoota malaamm. lakk. 881/2007 kwt 31(1) yakka amantaa hir'isuu ilaalchisee kennameedha. Labsicha kwt.31(3)(b) gaaleen himatamichi yeroo gaafatamu…. Kan jedhu kun shakkamaan yeroo mana hojii mootummaatti gaafatamu ykn qorannoon geggeeffamu waajjira poolisitti, Mana Murtiitti yeroo jecha amantaa kennu moo, yeroo himatni A/A dhaddachatti dhiyaatee gaafatamu jecha inni kennutu ilaalamee yakki amantaa hir'isuu raawwateera yookin hin raawwanne jechuu dandeenya?? gaaffii jedhu waan deebisuudha. https://t.me/+WFtd-XXoYGk1ZTNk