Forwarded from Nuraddin Sham - FHS
DARBIINSA YEROO WALIIGALTEE BITTAAFI GURGURTAA LAFAA.pdf
557.7 KB
Share DARBIINSA YEROO WALIIGALTEE BITTAAFI GURGURTAA LAFAA.pdf
Forwarded from Desalegn B. (Desalegn B.)
Namni Bakka Bu'ummaadhaan Himannaa Sivilii Mana Murtiitti Dhiyeessu Kakachuuf Dirqama Qabamoo Hin Qabu? Kakuun Kun Abbaa Alangaa (Dhimma Yakkaa irratti) Ni Ilaallataa?

====√√√====√√√√√======√√√√√√

Bu'uura Qajeelfama Sirna Dhaddachaa Manneen Murtii Oromiyaa, Lakk.23/2018 kwt 10(6)tiin:
👉Namni Mana Murtiitti himannoo dhiyeeffatu kamiyyuu bu'uura Qajeelfama kanaatiin kakachuu qaba. Himannoon dhiyeeffate kan irraa fuudhamus sirna kakuu erga raawwateen booda ta'uu tumeera.

👉Qajeelfamichi kwt 11(1) jalatti immoo dhimma yakkaa irraa kan hafe, namni bu'uura seera rogummaa qabuutiin himannoo dhiyeeffatu akkaataa miiltoo qajeelfamichaan walqabatee jiruutiin ofiisara seeraa duratti dursee kakuu raawwachuu kan qabu ta'uu tumeera.

Haala kanaan, qajeelfamichi:

Abbaan Alangaa dhimma yakkaa ilaalchisee kan hin kakanne ta'uu;
"Namni kamiyyuu" waan jedhuuf namni bakka bu'ummaadhaan himannaa dhiyeesses kakachuuf kan dirqamu ta'uu agarsiisa jechuudha.

Bakka bu'aan ykn abukaatoon ykn qaamni bakka bu'ummaadhaan himannaa Sivilii dhiyeessu kamiyyuu akka kakatuuf kan dirqisiifame firii dubbii maamilli kaase dhugaa ta'uu ofiifis ni beeku jedhamaniitimoo kakaanis bakka bu'ummaadhaan raawwatama jechuudhaa? Tarii, qajeelfamni kun bakka bu'oonni gaafa maamila irraa dhimma fuudhan firiiwwan dubbii himannaa keessatti eeraman dhugaa yoo hin taane itti gaafatamummaan maamilatti kan dhufu ta'uu maamila isaanitti dursanii himanii (sobni waan babal'ateef) bakka bu'ummaadhaan akka kakatan taasisuu barbaadee? Mee isin akkamitti hubattan?

    Join:-
@desberofMM

        Desalegn B.
በወንጅል ሕግ 60(ሐ) መሰረት ተደራራቢ ወንጀል ተፈፅሟል ለማለት ተከሳሽ ቁጥራቸው ከ1 በላይ በሆኑ ሰዎች የንብረት መብት ላይ ጉዳት ለማስከተል አስቦ ወይም ድርጊቱን ከአንድ በላይ በሆኑ ሰዎች መብት ወይም ጥቅም ላይ እንደሚፈጽም በማወቅ አስቦ የፈጸመ መሆኑ የተረጋገጠ እንደሆነ ነዉ. የዘረፋ ወንጀል የፈፀመ ሰው የዘረፈው የብዙ ሰዎችን ንብረት ቢሆንም ባለንብረቶቹ ብዙ ሰዎች መሆናቸውን እያወቀ መዝረፉ በአቃቢ ሕግ ማስረጃ ካልተረጋገጠ በተደራራቢ ወንጀል ጥፋተኛ አይደለም በሚል የሠ/መ/ቁጥር 239903 ሐምሌ 27 ቀን 2014 ዓ/ም አስገዳጅ ትርጉም ተሰቷል።
https://t.me/Shields_Law
Namni Bu'uura Sdfs kwt 421tiin Qabeenyi Kabachiifame Kiyya Ta'uun Mirkanaa'ee Akka Naaf Labsamu Jechuun Himannaa Haarayaa Dhiyeessu Adeemsi Raawwii Qabeenyicha Irratti Eegalame Akka Naaf Dhorkamu (Yeroof Akka Dhaabbatu) Jechuun Gaafachuu Ni Danda'aa?

^^^^√√√^^^^^^√√√√√^^^^^^^^√√√√√√√√

Dhaddachi Ijibbaataa MMWF hiikkoo seeraa dhaddacha gaafa 15/04/2013 ooleen Lakk.Ga.184585 (Jildii 27ffaa) irratti sagalee caalmaatiin kenne keessatti:

👉Himannaa bu'uura sdfs kwt 421tiin dhiyaate irratti hanga murtiin kennamutti, murtiin iyyannoo akkaataa sdfs kwt 418tiin dhiyaate kufaa taasisuun kennamu ragga'ee kan turu ta'uun keewwaticha jalatti tumamee kan jiru ta'ullee, hanga murtiin qabeenya raawwiif kabajame irratti kennamutti galmee raawwii irratti murtiin ykn ajajni kennamu bu'aa falmii adeemsarra jiruu kan miidhu ta'uun isaa yoo mirkanaa'e, himannaan qabeenyicha ilaalchisee dhiyaate hanga xumura argatutti qabeenyicha ilaalchisee ajajni raawwii kennamu ykn kenname yeroodhaaf dhorkamee akka turu sababni hin taasifamneef hin jiru jedheera.

👉Kana malees, falmii adeemsarra jiru murteessuun kan danda'amu erga falmiin galmee biroo irratti adeemsifamaa jiru furmaata argatee booda ta'uun isaa yoo hubatame, manni murtichaa galmee harka isaa jiru beellamaan tursiisuu akka danda'u sdfs kwt 197(2) jalatti ibsameera.
👉Kaayyoon tumaa kanaa dhimma tokko irratti murtiiwwan addaa addaa ykn walfaallessan akka hin kennamne ykn murtii (ajajni) galmee tokko irratti kennamu falmii galmee biroo irratti adeemsifamu gatii akka hin dhabsiisne taasisuun qajeeltoowwan haqa adeemsaa, walfakkaattummaafi tilmaamamummaa mirkaneessuuf akka ta'e ni amanama jedheera.
👉Tumaan kun irra keessa wayita ilaalamu dhimma raawwii kan hin ilaallanne fakkaatullee sababa itti adeemsa raawwii irratti hojiirra hin oolleef hin qabu jedhaniiru.

Gama birootiin, abbaan seeraa sagalee caalmaa irraa yaadaan adda bahe: kaayyoon sdfs kwt 418fi 421 namni mirga hin qabne raawwii irratti danqaa akka hin taane ittisuufi namni mirga qabus carraa mirga qabeenyaa isaa kabachiifachuu akka hin dhabne taasisuudha.
Sdfs Keewwatni 197(2) dhimma raawwiifiif rogummaa hin qabu.
Kwt 421 jalatti hanga murtiin kennamutti ajajni bu'uura kwt 418tiin kenname ragga'ee tura kan jedhus himannaan dhiyaachuun adeemsa raawwii akka addaan hin kuchisiisne agarsiisa.
Garee 3ffaan mirga isaanii kabachiifachuuf himannaa dhiyeessan yoo mo'atan mirga qabeenyicha hordofuu waan qabaniif, nama adeemsa raawwiitiin bitate irraas deebisiifachuu ni danda'u jedheera. (Haalli kun akkaataa sdfs kwt 423(2)(e)tiin beeksisa caalbaasii keessatti waan ibsamuuf) Mee isin amansiisummaa murtii sagalee caalmaafi yaada addaa akkamitti ilaaltu

     Join:-@desberofMM

         Desalegn B.
https://t.me/http_Ijooseeraa
1
MURTII DIRQISIISAA HAARAA MAALLAQA BAANKIIN WALIIF DABARSAN IRRATTI KENNAME

Yeroo ammaa namoonnii kaffaltii akka akka raawwachuuf maallaqa baankiin waliif dabarsu. Daddabarsii maallaqaa gama baankiitiin taasifamu kun sochii daldalaa si'oomsuu keessatti gahee ol'aanaa qaba. Gama biraatiin maallaqnii baankiin kaffalame ragaan gahaan dhiyaachuun waan danda'uuf gama ragaatiin hojii Mana murtii ni salphisa. Haa ta'uu malee Maallaqa baankiin waliif dabarsan kanaan wal-qabatee yeroo tokko-tokko walitti bu'iinsii ni uumama. Dabree dabree dogongoralleen maallaqa dabarsuu hin malin namaaf dabarsuun namoonnii maallaqa baankiin namaaf dabarsan akka deebi'uuf himata Mana Murtiitti yeroo dhiyeeffatan ni muldhata.

Kana ilaalchisee Seerrii Hariiroo Hawaasaa keewwata 2164 jalatti namnii maallaqa kaffaluu hin qabne kaffalee himata Seeran ala Badhaadhuutiin maallaqnii kaffalamee akka deebi'uuf gaafachuu akka danda'u tumamee jira. Kun kaffaltii gama baankii raawwatames ni dabalata. Haa ta'uu malee keewwata 2165 jalatti namnii kaffaltii raawwate sun yeroo kaffaltii raawwatu akka maallaqa sana kaffaluu hin qabne osoo beekuu kan kaffale yoo ta'ee maallaqnii kaffalame akka deebi'uuf gaafachuu akka hin dandeenye tumamee jira.

Hiikkoon Seeraa Dirqisiisaan Mannii Murtii Federaalaa Dhaddachii Ijibbaata Jildii 26ffaa, Lakk.Galmee 175660 irratti dhiyeenna kana maallaqa baankiin dabarfame irratti kennes keewwata tumaa S/H/H 2165 kana irratti kan hunda'e fakkaata. Akka hiikkoo dirqisiisaa kanatti namnii maallaqa kaffaluu akka hin qabne osoo beekuu mallatteessee baankiin namaaf dabarse, maallaqnii sun akka deebi'uuf gaafachuuf mirga hin qabu. Dogongoraan fi doorsisaan kan dabarsee yoo ta'e garuu sana ragaan mirkaneessuun maallaqnii akka deebi'uuf gaafachuuf mirga ni qaba.

https://t.me/http_Ijooseeraa
3
Forwarded from Bikila Law Office (Bikila Birhanu Geremu)
Qajeelfama Durgoo Olmaa Hojjattoota Mootummaa.pdf
2.7 MB
Amajjii 1, 2018 irraa kaasee hojirra kan oolu taha.
Lakk. 31/2018

Share with friends.
Forwarded from Bikila Law Office (Bikila Birhanu Geremu)
Qajeelfama Durgoo Olmaa Hoggantootaa fi Filatamtoota Ummataa.pdf
2.8 MB
Lakk. 30/2018
Share with friends.
Forwarded from ⛤ Karam Tamaam ⛤
Mirga Lafa Baadiyyaa Bilisaan Argachuu

Labsii Bulchiinsaafi Ittifayyadama Lafa Baadiyyaa Naannoo Oromiyaa Irradeebiin Murteessuuf Bahe, Lakkoofsa 248/2015 irratti
⚖️keewwata 7
👉Mirga Argannaa Lafa Baadiyyaa👇
✍️1. Jiraataan Naannichaa kan umuriin isaa waggaa 18 fi isaa ol ta’e, qonnaan yookiin horsiisee buluun yookiin gamisa horsiisee buluun jiraatu yookiin jiraachuu barbaadu kamiyyuu lafa baadiyyaa tolaan mootummaa irraa argachuuf mirga ni qaba.
✍️2) Keewwata kana Keewwata Xiqqaa 1 jalatti kan tumame jiraatus daa’imman umuriin isaanii waggaa 18 gadi ta’eefi maatiin isaanii qonnaan yookiin horsisee bulaan yookiin gamisa horsiisee bulaan jiraachaa kan turaniifi lafa kan hin qabne yoo jalaa boqotan lafa mootummaa argachuuf mirga ni qabu.
✍️3) Dubartootni qonnaan yookiin horsiisee bulaan yookiin gamisa horsiisee buluudhaan jiraachuu barbaadan loogii tokko malee lafa baadiyyaa bilisaan argachuuf mirga qabu.
✍️4) Dhaabbileen mootummaa yookiin abbootiin qabeenyaa dhuunfaan akkaataa seera rogummaa qabuutiin mirga lafa baadiyyaa argachuu ni qabaatu.
✍️5) Ummanni waliin ta’uun lafa dheedichaa, burqaa bishaanii, bakka amantii, bakka awwaalchaa, bakka aadaasaa itti calaqqisifatuufi tajaajila hawaasaa biroof oolfatu argachuuf mirga ni qabaata.
✍️6) Qonnaan bulaa, horsiisee bulaa yookiin gamisa horsiisee bulaan yookiin namni akkaataa
Labsii kana keessatti tumameen hayyamameef mirga abbaa qabiyyummaafi ittifayyadama lafa baadiyyaa maatii isaarraa dhaalaan yookiin kennaan argachuu ni danda’a.
✍️7) Abbaan warraa yookiin haati warraa gaa’ilaan jiran keessaa tokko lafa baadiyyaa dhuunfanis ta’ee waloon kan hin qabne yoo ta’e lafti baadiyyaa akka kennamuuf iyyatanii argachuuf mirga ni qabaatu. Haalli raawwii Dambii bahuun kan murtaa’u ta’a.

itti fufa...
Dirqama Abbootii Dhimmaa
-----------------------------------------
(Amajjii 4, 2018 MMWO,Caffee Araaraa,Finfinnee)-Akkuma beekamu sirna hooggansa dhaddachaa manneen murtii Oromiyaa ammayyaa'aa, bu'a qabeessaa fi naamusaawaa taasisuuf Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaatiin Qajeelfamni Sirna fi Naamusa Hojii Dhaddachaa Manneen Murtii Oromiyaa Lakkoofsa 23/2018 tumamuun isaa ni beekama. Bu’uura Qajeelfamicha Keewwata 28tiin naamusaa fi gochoota abbaa dhimmaa Irraa eegaman maal maali kan jedhu hubannoof akka tolu akka armaan gadiitti dhiyeessinee jira.
****
Naamusaafi Gochoota Abbaa Dhimmaa Irraa Eegaman
---------------------------------------
@Abbaan dhimmaa yeroo mooraa nana murtii seenu sakatta’amee seenuu qaba;
@Bakka aara galfannaa abbaa dhimmaaf qophaa’e taa’ee beellamasaa eeggachuu qaba;
@Falmiif qophii barbaachisaa taasisee dhiyaachuu qaba;
@Haalli uffannaa isaa duudhaa, safuu, waliin jireenya uummata Naannoo Oromiyaafi biyyattii kan kabaje, kabajaa Mana Murtiifi bulchiinsa haqaa kan eege ta’uu qaba;
@Abbaan Dhimmaa mooraa mana murtii keessattis ta’e dhaddacha irratti waantota kabachiisaan dhaddachaafi hojjatootnni biroon ajajan kabajuun raawwachuu qaba;
@Haalli addaa kan dirqisiise yoo ta’e malee guyyaa, sa’atiifi bakka itti beellamametti yoo xiqqaate daqiiqaa kudha shan dursee argamuudhaan mana murtii dhimmi isaa itti ilaalamu seenee dabaree beellama isaa eeggachuu qaba;
@Falmiifi yaada qabu hunda haala kabaja dhaddachaa, garee biroo, abbaa seeraafi hojjatoota biroo eegeen dhiyeeffachuu qaba;
@Yaadaafi falmii qabu yeroo dhiyeeffatu maqaa dhuunfaa abbaa seeraa yookiin garee waliin falmuu kallattiin osoo hin waamin, kutaa dhaddachaa keessa bakkaa bakkatti osoo hin socho’in bakkuma tokko dhaabbatee kallattiin dhaddachaaf ‘kabajamaa mana murtii’ yookiin ‘kabajamaa abbaa seeraa’ jechuudhaan dhaddachaaf ibsachuu qaba; @Abbaa eeraattis yookiin ragaa namaatti dhaddacha irratti itti hasaasuun, yookiin itti dhiyaachuun dubbachuun yookiin dubbisuun dhorkaadha.
@Abbaan Dhimmaa kamiyyuu gochoota armaan gadii raawwachuun dhorkaadha:Himannaan, deebiin adabbiin, ajajni, jala murtiin yookiin murtiin dubbifamuu yookiin ragaan dhagahamuu erga eegaleen booda dhaddacha addaan kutanii bahuu; mirgi yaada ofii ibsachuu akkuma eegameetti ta’ee, yaadni abbaa seeraatiin dhaddacha irratti dubbatame yookiin ibsame sirrii ta’uu yookiin dogoggora ta’uu isaa mallattoo yookiin sochii qaamaan agarsiisuun yookiin abbaa seeraatti falmuu; Abbaan seeraa osoo dubbatuu gidduu seenuun addaan kutuu;Hayyama abbaa seeraa malee gareen biroo falmii dhageessifataa osoo jiruu gidduu seenuun addaan kutuun dubbachuudha.Haqaaf haqaan koottaa !! Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa
----------------------------
Wal ta'iinsa Waajjira Naamusaa fi Inispeekshinii fi Daayireektoreetii Komunikeeshiniin kan dhiyaate
Forwarded from Maftuu lawyer @Gola seeraa🙏️ (Maftu Ebrahim)
224876 (2).pdf
1 MB
የውርስ ሀብት በእጁ አድርጎ ያልያዘ ወራሽ በፍ/ብ/ህ/ቁ 1000(1) መሰረት የይርጋ መቃወሚያ ማንሳት አይችልም።
የፍ/ብ/ህ/ቁ 1000(1) ከሳሹ መብቱንና የውርሱ ንብረቶች በተከሳሹ መያዛቸውን ካወቀ ሶስት አመት ካለፈ በኋላ ስለወራሽነት ጥያቄ የሚቀርበው ክስ ተቀባይነት ለማግኘት እንደማይችል ደንግጓል፡፡ ይህ ድንጋጌ በይዘቱ የይርጋ መቃወሚያ ማንሳት የሚችለው የውርስ ንብረቶቹን በእጁ የያዘው ሰው ብቻ ስለመሆኑ የሚያስገነዝብ ነው፡፡
ሰ-መ-ቁ 224876 ቀን ጥቅምት 2 2015 ዓ.ም
Namni qabeenya dhalma harkaa hin qabne darbinsa yeroo himannaa dhiyaatu irratti kaasuu kan hin dandeenye tahuu isaa
T.me/maftulawyer
#Qooddii_qabiyyee_Abbaa_Warraa_Haadha_Warraa_Lama_qabuu_ilaalchisee!
Dhiirri tokko haadha warraa/Niitii/lama yoo qabaate dhimma qabeenyaa irratti wal diddaan yoo ka'e haati warraa 2ffaan haadha warraa jalqabaatin wal qixa qabeenya qooddatti moo miti? Kan jedhu irratti seeaafi manni murtii waliigala federaalaa dhaddachi ijibbaataa maan jedhu?
kunooti👉👇

€€€€€✓✓✓✓€€€€€✓✓✓✓✓€€€€€€€€✓✓✓✓✓

👉......Kanaan wal qabatee murtiin galmee dhaddacha Ijibbaataa lakkoofsi isaa 120844 ta'e irratti kenname, abbaan warraafi haati warraa osoo gaa'ilaan waliin jiranii qabiyyee lafaa argatanitti waggaa dheeraadhaaf itti fayyadamaa erga turanii booda abbaan warraa haadha warraa lammaffaa fuudhuun isaa waan ragaadhaan mirkanaa'eef haati warraa isheen jalqabaa waa'ee gaa'ila isa lammaffaa fedhii ishee osoo hin ibsin haati warraa isheen boodarraa gaa'ila raawwachuun dura qabiyyee ture kallattiidhaan qixxeetti akka qooddattuuf seerri deeggaru hin jiru jechuun haati warraa boodarraa gahee abbaa warraa ishee qofarraa akka qooddattu jedhamee kan murtaa'edha.

👉Kanaan ala abbaan warraa, yeroo hunda, wayita haadha warraa lama fuudhu haati warraa boodarraa gahee abbaa warraa irraa qofa qooddachuu qabdi jedhamee hiikkoon seeraa kenname hin jiru

https://t.me/http_Ijooseeraa
#Darbinsa_Yeroo Himannaa beenyaa fi gaaffiiwwan mirgaa lafa faayida ummataatiif gadi lakkifamu waliin walqabatee dhiyaatu.
Seera hariiroo hawaasaa keewwata 1677(1) jalatti seerri waliigaltee waligalaa seerri addaa dhimmicha faana rogummaa qabuu ifatti wanti jedhu yoo jiraachuu baate dirqamoota fi dhimmoota seeraa kan biroo irrattis raawwatinsa kan qabu tahuu isaa ifatti tumamee jira
Kana jechuun himannaan beenyaa lafa faayidaa ummataatiif fudhatameef seera addaa itti hogganamu labsii lakk 1161/2019 kan qabu waan taheef dhimma darbinsa yeroo ilaalchisee darbinsi yeroo waggaa lama seera waliigalteen alaa jalatti tumamee jiru dhimma kana irartti kan rogummaa hin qabne tahuun isaa kan hubatamuu dha.
Labsiin lakk 1161/2019 ta’e immoo waa’ee darbinsa yeroo himannaa beenyaa lafa faayidaa ummataatiif fudhatame irratti waan jedhe hin qabu
👉Kanaafuu himannaa beenyaa lafaa faayidaa ummataatiif fudhatame irratti darbinsi yeroo raawwii qabu kan seera hariiroo haawaasaa keewwata 1845 jalatti tumamee jiru darbinsa yeroo waggaa kudhaani ta’a jechuu dha.
👉Falmii dhimma itti fayyadamuu lafa koo irratti miidhaa dhaqqabeef beenyaan naaf haa kafalamu jechuun dhiyaatu ilaalchisee immoo hanga gaaffiin lafti koo faayidaa ummataatiif guutumaan guututi fudhatame jira waan ta’eef beenyaan naaf haa kafalamu jedhu hin dhiyaanneetti himannaan beenyaa lafaa gaafatamu bu’uura SHH kwt 2143 tiin darbiinsa yeroo waggaa lamaatiin kan daangeffamuudha.
👉Abbaan qabiyyee dhaabbiidhaan qabiyyee isaa irraa sababa faayidaa ummataatiin hanga hin buqqaafamnetti miidhaa lafa isaa irra dhaqqabeef beenyaa gaafatuuf raawwatiinsa kan qabu darbiinsa yeroo waggaa lama SHH kwt 2143 jalatti tumamee jiruudha
💟MMWFDI Jildii 11 lakk.galmee  59979 ta’e irratti bu’uura heera mootummaa kwt.40(8)tiin qabiyyee mootummaan fudhateetiif beenyaan gaafatamu darbiinsa yeroo waggaa lamaa kwt.1149(1) fi 2143tiin hin daanga’u jechuun murtii kennee jira.
👉Murtiin kun qabiyyee lafa guutumaan guututti fudhatameef raawwii kan qabu ta’uu isaa ibseera
Gama biraatiin MMWFDI Jiildii 20ffaa Lakk. gal.119563 ta’e irratti  sababa itti gaafatamummaa waliigalteen alaatiin miidhaa qaqqabeef beenyaan akka naaf kaffalamu jechuun himanni dhiyaatu guyyaa miidhaan irra gahe irraa kaasee wagga 2 keessatti dhiyaachuu yoo baate darbiinsa yerootiin ni daanga’a jechuun murtii kennee jira
👉kanaafuu qabiyyeen guutumaan guututti osoo hin fudhatamin miidhaan dhaqqabe yoo ta’e darbiinsa yeroo waggaa lamaatiin kan daanga’u ta’uu isaati.
Kanaafuu darbiinsa yeroo isa kamtu raawwatiinsa qaba kan jedhu adda baasuuf ijoon qabiyyeen sun guutumaan guutuutti ykn dhaabbiidhaan fudhatame moo?miti? jedhu erga xiinxalameen booda darbiinsa yeroo raawwii qabu filatama jechuudha
https://t.me/http_Ijooseeraa
2
#Dhimmoota hariiroo hawaasaa darbiinsa yerootiin daanga'an Vs DH.Ij.MMWF fi Seera:
1.Himannaa qabiyyee lafa baadiyaa himatamaan itti fufiinsaan waggaa 12 ol yoo itti fayyadame qabiyyicha waliigaltee seeraan alaan qabachuu hanga hin mirkanoofnetti darbiinsa yeroo waggaa 12 tiin daangeeffama(Dh.Ij.MMWF Jildii 22ffaa L.G.140538,dambii labsii lafa baadiyaa oromiyaa raawwwachiisuuf bahe L.151/2005 keewt.32).Dh.Ij.MMWF Jildii 13ffaa L.G.69302 ta'een bara 2004 Osoo dambiin 151/2005 hin bahin darba yeroo waggaa 10 jedhee murteessee ture.Hub:Darbiinsi yeroo lafa baadiyaarratti ka'u waggaa 10 osoo hin taane waggaa 12.
2.Qabeenya tasgabbaa'aarratti jeequmsi ka'e akka dhaabbatuuf himanni dhihaatu waggaa 2 keessatti yoo hin dhihaanne darba yerootiin daangeeffama.Shh keewwata 1149/2,Dh.Ij.MMWF Jildii 9ffaa,11ffaa fi 15ffaa.
3.Dhimmootni hojjataa fi hojjachiisaa ilaallatan kamiyyuu guyyaa balleessaan raawwatame kaasee waggaa 1 yoo darbe himannaa dhiheessuun hin danda'amu(seera hojjataa fi hojjachiisaa Labsii L.1156/2011 A.L.I bahe kwt.189,Dh.Ij.MMWF Jildii 21ffaa L.G.136981,134188).
4.Beenyaa waliigalteen alaatiin miidhaa qaqqabeef gaafatamu guyyaa miidhaan qaqqabe kaasee waggaa 2 keessatti yoo himanni hin dhihaanne darbiinsa yerootiin daanga'a(Shh kwt.2143/1,Dh.Ij.MMWF Jildii 6ffaa L.G.34406,Jildii 11ffaa L.G.58920).
5.Dhimma hariiroo hawaasaarratti Murtiin erga kennameen booda ol'iyyanni guyyoota 60 keessatti yoo hin dhihaanne darba yerootiin daangeeffama(sdfhh kwt.323/1.Falmii hojiirratti murtiin erga kennameen booda ol'iyyanni ijibbaataatti guyyoota 90 keessatti dhihaachuu qaba.Murtiin(ajajni) bakka ani hin jirretti kenname akka ka'u jedhamee gaafatamu,erga murticha/ajajicha beekee kaasee guyyoota 30 keessatti yoo iyyata hin dhiheessine ji'a 1 booda dhiheessuu hin danda'u(Dh.Ij.MMWF Jildii 18ffaa L.G.101478,sdfhh kwt.78/1).
6.Qabeenyi dhaamoon argame waggaa 10 keessatti yoo hin gaafatamne darba yerootiin daanga'a(DhIjMMWFJildii 8ffaa LG.38152,shh kewt.1677/1 fi 1845).
https://t.me/http_Ijooseeraa
1