Qabiyyee Lafaa Abbaa Qabiyyee Harkaa Akkaataa Seera Beenyaatti Otuu Hinfuudhamin Nama Dhuunfaaf Kennuun Bu’aa Hordofsiisu: =====================
Heera Mootummaa kwt 40(8) fi Labsii Lkk 1160/2011 Kwt 8 waliin Xiinxaluun Hiikkoo Dh Ijbta MMWF glme Lkk 249569 ta’erratti gaafa 06/2017 kenname===========================
Qabiyyee nama dhuunfaa ykn abbaa qabiyyee harka jiru Keessaayyuu daangaa magaalaa irratti/keessatti argamu otuu akkaataa seera qabiyyee gad-lakkisiisuu rogummaa qabu hinhordofin B/Magaalaa dabarsee qilleensa irratti tajaajila mana jireenyaaf ykn inveestimantiif nama biroof ragaa saayitii fi kaartaa abbaa qabiyyummaa haalli itti kennan baratamaadha. Sababa kanaan falmiin abbaa qabiyyee fi nama kaartaan kennameef giddutti mana murtiitti yeroo dhiyaatu bal’inaan mul’ata. Manneen murtiis irra caalaa himatamaan qaama aangoo qabu irraa kaartaa ragaa abbaa qabiyyummaa seera qabeessa kan argate waan ta’eef qabiyyichi himataaf gad-lakkisuuf dirqama hinqabu, himataan yoo barbaada qaama mootummaa ilaalu irraa beenyaa fi lafa bakka bu’iinsaa gaafachuu danda’a jechuun kan murteessan akka ta’es qabatamni jiru niagarsiisa.
Haata’u malee dhimma Magaalaa Shaggar Aanaa Sulultaa duraaniitti eegaluun dhumarra Dh Ijbt MMWFtti bara kana murtaa’e irratti Dh Ijbt MMWF murtii Manneen Murtii Ol’aanaa, Waliigalaa fi Ijbta Naannichaa kenname diiguun qabiyyee lafaa falmii kaase akkaataa Labsii Lkk 1160/2011tiin faayidaa ummataaf akka fudhatamu murtaa’uudhaan adeemsa labsichaan taa’e hordofee himataa harkaa dursee fuudhamuun otuu hinmirkanoofne sababa himatamaaf ragaan kaartaan kenname jedhuun qofa himataan beenyaa fi lafa bakka bu’iinsaa gaafachuu danda’a jedhamee murtaa’uun dogongora bu’uraa ijoo seeraa Heera mootummaa kwt 8 fi Labsii beenyaa Lkk 1160/2011 irratti raawwatameedha jechuun murteessee jira.
https://t.me/http_Ijooseeraa
#Seerotaa_Qabiyyee_Lafa_Magaalaa_bulchuuf_bahanii_fi_Murti_dhaddacha_ijibbaata_Federalaa_kamfaa

1.Heera Mootummaa Federaalaa Itoophiyaa keewwata 40 fi 52(2)(d) fi Heera Mootummaa Naannoo Oromiyaa keewwata 40,
2.Labsii Lafa Magaalaa akka Federaalaatti bahe lakk.721/2011,
3.Dambii Lafa Magaalaa Naannoo Oromiyaa Lakk. 182/2008,
4.Qajeelfama Lafa Magaalaa Sirna Liiziin Bulchuuf Irra Deebiin Bahe Lakk. 4/2008,
5.Qajeelfama Kenniinsa Tajaajila Bulchiinsa Qabiyyee Lafa Magaalaa Lakk. 6/2008,
6.Qajeelfama Keessummeessa Qabiyyee Lafa Magaalaa Ragaa Hin Qabnee fi Ijaarsa Seeraan Alaa Sirna Qabsiisuuf
Bahe Lakk. 4/2008 fa'aadha.

#Dhaddachi_Ijibbaataa_Mana_Murtii_Waliigalaa_Federaalaa_Jildii_20ffaa lakk. galmee 111311  ta'een "namni kamiiyyuu qaama aangoo qabu irraa eeyyama osoo hin argatin qabiyyee seeraan argate cinaa qabiyyee lafa isaa qabiyyee mootummaa ta'e irratti bal'ifatee qabachuu fi fayyadamuu akka hin dandeenye"Labsii Lakkoofsa 721/2011 kew. 5(2) waliin wal qabsiisuun murteessee ture.

#Dhaddachi_Ijibbaataa_Mana_Murtii_Waliigala_Federaalaa_Jildii_20ffaa lakkoofsa galmee 107777 ta'erratti "qabiyyee lafa Magaalaa irratti yeroo Liiziin addaan citu,namni qabiyyicha irratti qabeenya horate yeroo waggaa tokko(1) keessatti kaafatee qabiyyee qaama aangoo qabuuf deebisee harkaan gahuu akka qabu" Labsii Lakkoofsa 721/2004 kew. 25(1)(2) waliin wal qabsiisuun murtii dirqisiisaa
laatee ture.

#Dhaddachi_Ijibbaataa_Mana_Murtii_Waliigalaa_Federaalaa_Jildii_23ffaa lakkoofsa galmee 150803 ta'e irratti
"qaamni aangoo qabu qa biyyee Lafa Magaalaa seeraan ala qabame,Mana ijaarame akeekkachiisa barreeffamaa guyyoota hojii 7(torba) kennuu,fi beenyaa kanfaluun osoo hin barbaachisin ajaja gadi lakkisiisuu kennuu akka danda'u, namni qabiyyee Lafa Magaalaa weeraraan/saamichaan qabate sun yakkaanis himatamee adabamuu akka qabu" Labsii kew.26(4),27 fi 35(1) waliin wal qabsiisuun murtii dirqisiisaa kennee ture.

#Dhaddachi_Ijibbaataa_Mana_Murtii_Waliigala_Federaalaa_Jildii 18ffaa lakk. galmee 100671 fi #Jildii 22ffaa lakk. galmee 141606 ta'an irratti "Lafa duwwaa
bituu fi gurguruun seeraan ala akka ta'e,fi Lafti waliigaltee akkanaatiin argamuu akka hin dandeenye" heera mootummaa
keewwata 40(3) waliin wal qabsiisuun murteessee ture.
https://t.me/http_Ijooseeraa
2
DHIMMWF lakk galme 275196 ta'e dhaddacha gaafa 27/06/2017 ooleen Mirga wabii yakka namaan daldaluu fi seeraan ala daangaa ceesisuu daddabalamaan nama himatame ilaalchisee Murtii dirqisiisa kanneera.
====Murtichi👇====
Dubbiin akkana.  Himatamaa  yakka namaan daldaluu fi seeraan ala daangaa ceesisuu ittisuu fi toohachuuf  bahe Labsii Lakk 1178/2012 kwt-12 fi 18(1) jalatti himannaawwan 10n himatame. Himatamaanis yakki ittiin himatame mirga wabii kan dhorku waan hintaaneef wabiin akka bahu Mana murtiitti mirga wabii gaafate.
AA yaada kenneen himatamaan  yakka daddabalamaa himannaawwan 10 jalatti himatamuu isaa fi balleessaa yoo jedhame waggaa 15n ol adabamuu waan danda’uuf bu'ura  SDFY kwt-63 mirga wabii kan dhorku ta’uu fi otuma hin dhorku jedhameeyyuu yakkichii fi adabbiin hordosiisu ulfaataa waan ta’eef himatamaan mirga wabiin yoo bahe sodaatee baduu danda’a waan ta’eef SDFY kwt 67(1(a)) tiin gaaffichi kufaa akka ta’u jechuun morme.

Manni Murtii sadarkaa  jalqabaa Fedraalaa yaaduma AA fudhatee himatamaan balleessaa yoo jedhame adabbii itti murtaa’uu danda’u sodaatee baduu waan maluuf wabiin yoo bahe dirqama wabummaa seene kabajee ni dhiyaata jedhamee kan amanamuu miti jechuun mirga wabii himatamaan gaafate  kufaa godhee ture.
Manni Murtii Olaanaa Federaalaa fi Waliigalaas murticha ni cimsan.

Kanumaan dubbiin DHIMMWF gahee ijibbaanni murtii kanneen Murtii Manneen Murtii jalaa dogongora hiikkoo seeraa bu’uraa qaba jechuun murticha diigee himatamaaf mirgi wabii eegamuu qaba jechuun  murtii Manneen murtii jalaa diigee manni murtii sadarkaa  jalqabaa wabii gahaa jedhu waamaisee to'annaa jalaa himatamaa  akka baasu qajeelfamaan dhimmicha itti deebisee ture.

Sababiin DHIMMWF ibse 1ffaan  himannaawwan 10n himatamuun adabbii hidhaa waggaa 15 oliin adabsiisuu akka danda’u ifa ta’ullee kophaa isaa otuu hintaane miidhaa gahe waliin ilaalamuu qaba.
Miidhaan gahe immoo waan hinjirreef adabbii waggaa 15 ol adabsiisuu kan danda’u ta’uun kophaa isaatti ulaagaa SDFY kwt  63 kan guutu waan hintaaneef sababiin gama kanaan dhiyaate bu’ura seeraa hinqabu jedheera.
Sababiin 2ffaa himatamaan ulfaatina yakka raawwatee fi adabbii ulfaataa itti murtaa’u gamanumaan sodaatee baduu danda’a sababa jedhu ilaalchisee jalqabarratti yakka ulfaataan himatamuun bakka seerri ifatti mirga wabii daangessu hinjirretti adabbii cimsuu ykn ulfeessuu irraan kan hafe mirga wabii dhoorkuuf rogummaa hinqabu.
Adabbii sodaachuu danda’a kan jedhus adabbii sodaachuun amala uumamaa nama hundaati malee amala addaa himatamaa kan qofaa waan hintaaneef sababii biroo gahaa ta’een yoo deeggarame malee kophaa isaatti SDFY kwt 67(1(a)) kan guutuu miti.
Sababiin 3ffaan sababiin AA kaasee fi Manni Murtii jalaa mirga wabii himatamaa ittiin daangesse hiikkoo dirqisiisaa sababoota lamaan olitti ibsaman kana caqasuun kanaan dura galme Lakk 67874, Lakk 131863, Lakk 134228 fi lakk 253740 irratti kennamee tureen fudhatama kan hinqabne  tahuu  kanaan dura murtiin dirqisiisaan kannamee ture waan ta’eef murtiin Manneen Murtii jalaa hiikkoo duraan kenname kanas kan hinhordofnedha.

Waliigalatti yakkoota dachaan daddabalamaan himannaawwan hedduu himatamuun, yakki ulfaataa ta’uu fi adabbii ulfaatu kan hordofsiisu ta’uun qofaa isaatti bu'ura  SDFY kwt-63nis ta’e kwt- 67(1(a))tiin mirga wabii  daangeessuuf gahaa akka hintaane murtiin kun hiikkoo duraan kennamee ture irra deebiin yaadachiisuun kan cimsedha.


💫Chaanaala ✈️ W.ra A/A Aanaa Mag.Aggaaroo

Haqaan Haqaaf Hojjanna!!!

🎆⭐️⭐️⭐️⭐️⭐️⭐️⭐️⭐️⭐️
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
1
👉"#Darbiinsa_Yeroo:(#Period_of_limitation)
1️⃣.Qabiyyeen Lafa baadiyyaa dhaalaan akka darbuuf seerummaan yeroo gaafatamu,darba yeroo ilaalchisee seerri addaa tumame yoo hin jirre,falmii dhaaltota gidduu ka'uuf darbiinsi yeroo raawwatiinsa qabu darbiinsa yeroo seera waliigalaa keessatti tumame waggaa 10 osoo hin taane,darbiinsa yeroo seera hariiroo hawaasaa keewwata 1000(1) jalatti tumame waggaa 3 tu raawwatiinsa qaba" jechuun Dhaddachi Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Jildii 25ffaa Lakk.Galmee 187340 ta'e irratti hiikoo dirqisiisaa kennee ture.

1️⃣.#Dhaddachi Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Jildii 25ffaa Lakk.Galmee 191968 ta'e irratti "himannaa qabiyyee dhaalaa Lafa baadiyaa waliin wal qabatee dhiyaate,keewwatni darbiinsa yeroo raawwatiinsa qabu jiraachuu Labsii Bulchiinsaa fi Itti Fayyadama Lafa Baadiyaa Naannoo Oromiyaa Lakk.130/1999 waan hin tumneef,darbiinsi yeroo raawwatiinsa qabu seera hariiroo hawaasaa keewwata 1677(1) fi 1845 jalatti tumame darba yeroo waggaa 10 dha" jechuun sagalee caalmaan murteessee ture.
2️⃣.Waraqaa ragaa dhaaltummaa sobaan fudhatame akka haqamuuf gaaffiin waggaa 10(kudhan) keessatti yoo hin dhihaanne waggaa 10 booda dhihaachuu yookiin gaafachuu hin danda'u.

#Dhaddachi_Ijibbaataa_Mana_Murtii_Waliigalaa_Federaalaa_Jildii_24ffaa_Lakkoofsa_Galmee 161650 ta'e irratti "waraqaa ragaa dhaaltummaa sobaan argame akka haqamuuf gaaffiin gaafatamuuf darbiinsi yeroo raawwatiinsa qabu waggaa 10 akka ta'e" seera hariiroo hawaasaa keewwata 1677,1845,1846,fi seera deemsa falmii hariiroo hawaasaa keewwata 358 fi 359 waliin wal qabsiisuun hiikoo dirqisiisaa kennee ture.

3️⃣.Qabeenyi dhaamoon argame waggaa kudhan(10) keessatti yoo hin gaafatamne darbiinsa yerootiin waan daangeeffamuuf waggaa 10 booda gaaffii akkanaa gaafachuun himannaa Mana Murtiitti dhiheessuu hin danda'u,yoo himannaa dhiheeffates kufaa jalaa ta'a,shh keewwattoota 1677(1) fi 1845.

4️⃣.Mormiin dhaamoo taasifame irratti dhiyaatu dhaamoon dubbifamee jedhe beekee kaasee mormii isaa torbee lama(2) keessatti Qulqulleessituu dhaalaatiif erga ibseen booda yeroo itti aanu ji'a sadi(3) keessatti yoo ta'ee,fi sababa kamiinuu,garuu waggaa shan(5) keessatti mormii yoo dhiheessine darbiinsa yerootiin waan daangeeffamuuf booda dhiheeffachuu hin danda'u,shh keewwata 973 fi 974.(Jildii 11ffaa Lakk.Galmee 53223).

5️⃣.Himataan(dhaaltuun) mirgaa fi qabeenya dhaalaa himatamaan qabame,qabeenyicha deebisiisuuf qabeenyichi himatamaan qabamuu beeke irraa eegalee waggaa sadi(3) keessatti yoo himannaa hin dhiheessine darba yerootiin waan daanga'uuf waggaa sadi booda gaafachuu hin danda'u,shh keewwata 1000(1).(Jildii 6ffaa Lakk.Galmee 25567).

6️⃣.Qabeenya dhaalaa ilaalchisee falmiin dhaalaa fi garee sadaffaa yookiin nama dhaaltuu hin taane jidduu ka'u darbiinsi yeroo raawwatiinsa qabu waggaa kudhaniidha.Himanni waggaa kudhan booda dhiyaatu kufaadha jechuudha,shh keewwata 1845.(Jildii 6ffaa Lakk.Galmee 25664).

7️⃣.Qabeenya dhaalaa ilaalchisee falmii dhaaltota jidduu ka'uuf darbiinsi yeroo rogummaa qabu waggaa 3/sadiidha,shh keewwata 1000(1).(Jildii 11ffaa Lakk.Galmee 52407,Jildii 6ffaa Lakk.Galmee 20295,26422).

8️⃣.Himataan qabeenyi dhaalaa himatamaan jalaa qabamuu beekes beekuu baates dhaalchisaan erga du'e yookiin himataan mirga isaa gaafachuu danda'e irraa eegalee waggaa kudha shan(15) keessatti yoo hin gaafanne waggaa 15 booda darbiinsa yerootiin hafaa waan ta'uuf gaafachuu hin danda'u,shh keewwata 1000(2).(Jildii 20ffaa Lakk.Galmee 120841).

9️⃣.Gahee qoodinsa qabeenya dhaalaa ilaalchisee qoodinsi qabeenyaa raawwatamuu erga beekee kaasee waggaa tokko(1) keessatti gaaffii yoo hin dhiheessine darba yerootiin waan daangeeffamuuf waggaa tokko booda gaafachuu hin danda'u.Sababa kamiinuu dhaalchisaan erga du'ee kaasee herregamu waggaa kudhan(10) keessatti gaaffii gahee isaatiif yoo hin dhiheessine darbiinsa yeroo seerri kaa'een waan daangeeffamuuf waggaa 10 booda gaafachuu hin danda'u,shh keewwata 1080(3).(Jildii 10ffaa Lakk.Galmee 40418).
1👍1
1️⃣0️⃣.Waliigalteen kennaa erga taasifameen(raawwatameen) booda raawwiif waggaa 10 keessatti gaaffii yoo hin dhiheessine darbiinsa yerootiin waan daangeeffamuuf namni kennaan qabeenya argate sana waggaa 10 booda akka raawwatamuuf gaafachuu hin danda'u,shh keewwata 1676(1),fi 1845.(Jildii 10ffaa Lakk.Galmee 42691).
1️⃣1️⃣.Abbaan mirgaa qabeenya irratti erga murtiin kennameen booda waggaa 10 keessatti akkaataa murtiitiin akka raawwatamuuf yoo hin gaafanne yookiin iyyata raawwii yoo hin dhiheeffanne waggaa 10 booda akkaataa murtiitiin akka raawwatamuuf gaafachuu hin danda'u,sdfhh keewwata 384.

1️⃣2️⃣.Waliigalteen akka raawwatamu yookiin waliigalteen waan hin raawwatamneef miidhaa qaqqabeef namni Beenyaa gaafatu waggaa 10 keessatti himannaa Mana Murtii idileetti yoo hin dhiheessine darbiinsa yerootiin waan daangeeffamuuf waggaa 10 booda gaafii Beenyaa akka kanfalamuuf gaafachuu hin danda'u,shh keewwata 1845.
1️⃣3️⃣.Waliigaltee imaanaa yeroo meeshaan deebi'u caqafame meeshaan himatamaa biratti kaa'ame hanqina qaba jedhamee gaafatamu waggaa tokko(1) keessatti himanni yoo hin dhihaanne waggaa tokko booda dhihaachuu hin danda'u,shh keewwattoota 2291,2292,fi 2298(1).(Jildii 12ffaa Lakk.Galmee 55229).
1️⃣4️⃣.Darbiinsi yeroo waggaa lamaa seera hariiroo hawaasaa keewwata 1810(2) jalatti tumame raawwatiinsa kan qabu"waliigaltee hanqina eeyyamaa yookiin dandeettii dhabuutiin raawwatame diigsisuuf dhihaatu qofa irrattiidha.(Jildii 12ffaa Lakk.Galmee 48012).

1️⃣5️⃣.Waliigaltee meeshaa yookiin qabeenya Geejjiba Galaanaa ilaalchisee meeshaa harkatti erga galfatee kaasee waggaa tokko(1) keessatti himata yoo hin dhiheessine waggaa 1 booda gaafachuu hin danda'u,Seera Galaanaa keewwattoota 146,203,180,fi shh keewwattoota 1826,1828,fi 1829(A).(Jildii 17ffaa Lakk.Galmee 98358,Jildii 14ffaa Lakk.Galmee 80642).
1️⃣6️⃣.Dhimma waliigaltee ilaalchisee darbiinsi yeroo ifa ta'ee seeraan yoo hin tumamne,darbiinsi yeroo waliigaltee waliigalaa keessatti tumame waggaa 10(kudhan) raawwatiinsa qaba.(Jildii 8ffaa Lakk.Galmee 34940).

1️⃣7️⃣.Wabii qabiinsa qabeenya hin sochoone(Mortgage) ilaalchisee mirgi hafaa kan ta'u(Lapse of Mortgage right) guyyaa waliigalteen qabiinsa qabeenyaa(wabii) galmaa'e irraa eegalee waggaa kudhan(10) darbuun dura mirga qabiinsaa fayyadamuu yoo hin eegalle darbiinsa yerootiin waan daangeeffamuuf waggaa 10 yoo darbe gaafachuu hin danda'u,shh keewwata 3058(1)(3).(Murtii Ijibbaataa Lakk.Galmee 78444).

1️⃣8️⃣.Beenyaa waliigalteen alaatiin miidhaa qaqqabeef gaafatamu,guyyaa miidhaan qaqqabe irraa kaasee waggaa lama(2) keessatti yoo himanni hin dhihaanne darbiinsa yerootiin waan daangeeffamuuf waggaa lama booda gaafachuu hin danda'u,shh keewwata 2143(1).(Jildii 25ffaa Lakk.Galmee 194880,Fi Jildii 6ffaa Lakk.Galmee 34406).
1️⃣9️⃣.Qabeenya tasgabbaa'aa irratti jeequmsi ka'e akka dhaabbatuuf himanni dhihaatu waggaa 2 keessatti yoo hin dhiyaanne waggaa lama booda himata dhiheessuu hin danda'u,yoo dhiheesses kufaadha,shh keewwata 1149(2).
2️⃣0️⃣.Dhimmoota Hojjataa fi Hojjachiisaa ilaallatan kamiyyuu guyyaa balleessaan raawwatame irraa eegalee waggaa tokko(1) keessatti himannaa dhiheessuu danda'a,woggaan tokko yoo darbe immoo himannaa dhiheessuu hin danda'u,Labsii Hojjataa fi Hojjachiisaa Lakkoofsa 1156/2011 keewwata 189.(Jildii 21ffaa Lakk.Galmee 134188).

2️⃣1️⃣.Qabiyyee Lafa Baadiyaa Naannoo Oromiyaa himatamaan itti fufiinsaan kunuunsaa waggaa 12 ol itti fayyadamaa ture,waliigaltee seeraan alaatiin qabiyyicha qabachuu hanga hin mirkanoofnetti himanni himatamaa irratti dhihaatu darbiinsa yeroo waggaa 12 tiin waan daangeeffamuuf waggaa 12 booda himanni yoo dhiyaate kufaadha.Dambii Lakkoofsa 151/2005 keewwata 32.(Jildii 22ffaa Lakk.140538)
2️⃣2️⃣.Gareen murtii Mana Murtii Hawaasummaa Gandaa irratti komii qabu,guyyaa 10 keessatti garagalchi Murtii akka kennamuuf gaafatee guyyaa 15 keessatti murtichi garagalfamee kennameefi,erga garagalcha Murtii fudhatee irraa kaasee guyyaa 30 keessatti ol'iyyata isaa Mana Murtii idilee Aanaatti yoo hin dhiheeffanne guyyaa 30 booda dhiheeffachuu hin danda'u,Labsii Lakkoofsa 128/1999 keewwata 34(2)(3).
2
2️⃣3️⃣.Sirna ariitii irratti ol'iyyannichi murtiin erga kennamee kaasee guyyaa 10 keessatti dhihaachuu/gaafatamuu qaba.Yeroo seerri kaa'e keessatti ol'iyyanni yoo hin gaafatamne yeroon darbinaan ol'iyyannisaa fudhatama hin qabu.

2️⃣4️⃣.Murtiin yookiin ajajni bakka ani hin jirretti kenname akka naaf ka'u jedhamee gaafatamu,erga murticha yookiin ajajicha beekee kaasee guyyoota 30 keessatti yoo iyyata hin dhiheessine Baatii tokko booda dhiheessuu hin danda'u,sdfhh keewwata 78(1).
2️⃣5️⃣.Dhimma hariiroo hawaasaa irratti murtiin erga kennameen booda ol'iyyanni guyyoota 60 keessatti yoo hin dhihaanne(hin gaafatamne) ji'a lama(2) booda ol'iyyannoo gaafachuu hin danda'u,sdfhh keewwata 323(1).
2️⃣6️⃣.Falmii hojii irratti murtiin erga kennameen booda ol'iyyanni ijibbaataatti guyyoota 90 keessatti dhihaachuu qaba,ji'a sadi booda immoo ol'iyyanni ijibbaataatti gaafachuu hin danda'amu.

2️⃣7️⃣.Dhaddachi Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Lakkoofsa Galmee 224876 ta'e dhaddacha Onkoloolessa 2 bara 2015 ooleen "dhaaltuun qabeenya dhaalaa harkatti hin qabanne darbiinsa yeroo akka mormii sadarkaa duraatti bu'uura seera hariiroo hawaasaa keewwata 1000(1) tiin kaasuu hin danda'u.Himataan mirgii fi qabeenyi dhaalaa himatamaan qabamuu beeke kaasee waggaa 3(sadi) erga darbeen booda gaaffii dhaaltummaa dhiyeessuu akka hin dandeenye shh keewwata 1000(1) jalatti tumeera.Keewwatni kun qabiyyeen isaa darbiinsa yeroo kaasuu kan danda'u,nama qabeenyota dhaalaa qabatee jiruun qofa akka ta'e kan hubachiisuudha" jechuun hiikoo dirqisiisaa kennee ture.

2️⃣8️⃣.#Dhaddachi Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Jildii 10ffaa Lakkoofsa Galmee 38533 ta'een "himannaa qabeenya dhaalaa dhaaltonnii fi gaheen isaanii beekamee dhaaltonni fedhiin osoo hin qooddatin kaa'atan darbiinsa yerootiin hin daangeeffamu,himanni yeroo kamiyyuu dhihaatee qabeenyichi deebi'uu danda'a" jechuun seera hariiroo hawaasaa(civil code) keewwata 996,1060,1061 fi 1062 waliin wal qabsiisuun hiikoo dirqisiisaa kennee ture.

2️⃣9️⃣.#Dhaddachi Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Jildii 10ffaa Lakkoofsa Galmee 43600 ta'e irratti "himatni qabeenya hin sochoone deebisiisuuf(petitory action) darbiinsa yerootiin hin daangeeffamu(hafaa hin ta'u)" jechuun hiikoo kennee ture.Qabeenyi kunis amala addaa waan qabuufidha.Garuu,darbiinsa yerootiin hin daangeeffamu jedhame qabeenya waliigaltee,kennaa,dhaalmaa fi waliigaltee biroo seera rogummaa qabuun hoogganaman hin ilaallatu,Seera hariiroo hawaasaa keewwattoota 1192,1206,1677 fi 1845 ilaalaa.

3️⃣0️⃣.#Dhaddachi Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Jildii 10ffaa Lakkoofsa Galmee 48048 ta'een "qabeenya dhaalchisaan imaanaadhaan nama bira ture dhaaltonni deebisiisuuf himanni dhihaatu darbiinsa yerootiin hin daangeeffamu" jechuun seera hariiroo hawaasaa keewwattoota 2781,2779,2989(1) waliin wal qabsiisuun hiikoo dirqisiisaa kennee ture.
M/Tayib nuretu katabe
2
የስራ ማስታወቂያ
Forwarded from Nuraddin Sham - FHS
DARBIINSA YEROO WALIIGALTEE BITTAAFI GURGURTAA LAFAA.pdf
557.7 KB
Share DARBIINSA YEROO WALIIGALTEE BITTAAFI GURGURTAA LAFAA.pdf
Forwarded from Desalegn B. (Desalegn B.)
Namni Bakka Bu'ummaadhaan Himannaa Sivilii Mana Murtiitti Dhiyeessu Kakachuuf Dirqama Qabamoo Hin Qabu? Kakuun Kun Abbaa Alangaa (Dhimma Yakkaa irratti) Ni Ilaallataa?

====√√√====√√√√√======√√√√√√

Bu'uura Qajeelfama Sirna Dhaddachaa Manneen Murtii Oromiyaa, Lakk.23/2018 kwt 10(6)tiin:
👉Namni Mana Murtiitti himannoo dhiyeeffatu kamiyyuu bu'uura Qajeelfama kanaatiin kakachuu qaba. Himannoon dhiyeeffate kan irraa fuudhamus sirna kakuu erga raawwateen booda ta'uu tumeera.

👉Qajeelfamichi kwt 11(1) jalatti immoo dhimma yakkaa irraa kan hafe, namni bu'uura seera rogummaa qabuutiin himannoo dhiyeeffatu akkaataa miiltoo qajeelfamichaan walqabatee jiruutiin ofiisara seeraa duratti dursee kakuu raawwachuu kan qabu ta'uu tumeera.

Haala kanaan, qajeelfamichi:

Abbaan Alangaa dhimma yakkaa ilaalchisee kan hin kakanne ta'uu;
"Namni kamiyyuu" waan jedhuuf namni bakka bu'ummaadhaan himannaa dhiyeesses kakachuuf kan dirqamu ta'uu agarsiisa jechuudha.

Bakka bu'aan ykn abukaatoon ykn qaamni bakka bu'ummaadhaan himannaa Sivilii dhiyeessu kamiyyuu akka kakatuuf kan dirqisiifame firii dubbii maamilli kaase dhugaa ta'uu ofiifis ni beeku jedhamaniitimoo kakaanis bakka bu'ummaadhaan raawwatama jechuudhaa? Tarii, qajeelfamni kun bakka bu'oonni gaafa maamila irraa dhimma fuudhan firiiwwan dubbii himannaa keessatti eeraman dhugaa yoo hin taane itti gaafatamummaan maamilatti kan dhufu ta'uu maamila isaanitti dursanii himanii (sobni waan babal'ateef) bakka bu'ummaadhaan akka kakatan taasisuu barbaadee? Mee isin akkamitti hubattan?

    Join:-
@desberofMM

        Desalegn B.
በወንጅል ሕግ 60(ሐ) መሰረት ተደራራቢ ወንጀል ተፈፅሟል ለማለት ተከሳሽ ቁጥራቸው ከ1 በላይ በሆኑ ሰዎች የንብረት መብት ላይ ጉዳት ለማስከተል አስቦ ወይም ድርጊቱን ከአንድ በላይ በሆኑ ሰዎች መብት ወይም ጥቅም ላይ እንደሚፈጽም በማወቅ አስቦ የፈጸመ መሆኑ የተረጋገጠ እንደሆነ ነዉ. የዘረፋ ወንጀል የፈፀመ ሰው የዘረፈው የብዙ ሰዎችን ንብረት ቢሆንም ባለንብረቶቹ ብዙ ሰዎች መሆናቸውን እያወቀ መዝረፉ በአቃቢ ሕግ ማስረጃ ካልተረጋገጠ በተደራራቢ ወንጀል ጥፋተኛ አይደለም በሚል የሠ/መ/ቁጥር 239903 ሐምሌ 27 ቀን 2014 ዓ/ም አስገዳጅ ትርጉም ተሰቷል።
https://t.me/Shields_Law