Forwarded from Teferi Tibebu
#Hiikoo Dhaddacha Ijjibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Haaraa Jildiidhaan Hin Maxxanfamne:
_//_

1️⃣.Dhaddacha Ijibbaataa Murtii Waliigalaa Federaalaa Lakk.Galmee 208865 ta'e dhaddacha guyyaa 28/6/2014 ooleen "namni qabiyyee Lafaa iddoo Mana jireenya Waldaatiif kennamu argachuuf qophaa'ee osoo jiru hojiif iddoo biraa yoo jijjiirame,iddoo Lafa Mana jireenyaa hin argatu jechuun kan hin danda'amne ta'uu" hiikoo kennee ture.

2️⃣.DHaddachi Ijjibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Lakk.Galmee 232474 ta'e DHaddacha Caamsaa 29,bara 2015 ooleen "mirga abbaa qabeenyummaa gar-malee fayyadamu ilaalchisee; abbaan qabeenyaa tokko mirga isaatti yommuu fayyadamu gochoota m𝗶𝗿𝗴𝗮 i𝘁𝘁𝗶 f𝗮𝘆𝘆𝗮𝗱𝗮𝗺𝗮 q𝗮𝗯𝗲𝗲𝗻𝘆𝗮 n𝗮𝗺𝗮 𝗯𝗶𝗿𝗼𝗼(ollaa isaa) miidhuu malan(n𝘂𝗶𝘀𝗮𝗻𝗰𝗲) kamiyyuu irraa of qusachuu akka qabu;amni dhuunfaa yokiin dhaabbani tokko eeyyama daldalaa baafachuun hojii hojjataa hojjiiwwan isaanii kun ollaa yokiin jiraatoota naannoo irratti faalama keemikaalaa yookiin faalama sagalee yoo fidan himannaa dhiyeeffachuun beenyaa gaafachuun akka danda'amu" hiikoo kennee ture.

3️⃣.Dhaddachi Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Lakkoofsa Galmee 184647 ta'e irratti "qabiyyee Lafa baadiyaa irratti Mana ijaarame yoo ta'eyyuu qabiyyee Lafa baadiyyaa irratti qabeenya hin sochoone horate qabeenya dhuunfaa waan ta'eef manicha gurguruun kan hin dhorkamnee fi gurgurtaanis seeraan ala kan hin jechisiifne ta'uu" Murtii kennee ture.

4️⃣.Dhaddachi Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Jildii 24ffaa Lakk.Galmee 179827 ta'een "namni tokko qabiyyee Lafa baadiyaa karaa seera qabeessa ta'een qabachuu hanga hin mirkanoofnetti darbiinsa yeroo kaasuu hin danda'u" jechuun Labsii Bulchiinsaa fi Itti Fayyadama Lafa Baadiyaa Naannoo Amaaraa Lakk.252/2009 waliin wal qabsiisuun murteessee ture.

5️⃣.Dhaddachi Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Lakk.Galmee 217195 ta'e irratti dhaddacha Caamsaa 30,bara 2014 ooleen qabiyyee Lafaa ilaalchisee qaamni Bulchiinsaa osoo Lafa bakka bu'iinsaa hin kennin beenyaa osoo hin kanfalin,Lafa baadiyaa abbaa qabiyyee irraa fuudhee nama biraatiif yoo kenne,Manni Murtii Aanaa himannaa abbaan qabiyyee Lafti bakka bu'iinsaa fi beenyaan akka kennamuuf dhiyeessu ofitti fuudhee ilaaluuf aangoo akka qabu" hiikoo kennuun murteesseera.

6️⃣.Dhaddachi Ijjibbaataa MMWF Lakk.Galmee 220782 dhaddacha gaafa 26/03/2015 ooleen murtii kenneen "himataan himannaa dhiheeffate jiru hordofuuf ykn addaan kutuuf mirga guutuu ni qaba, himannaa isaa akka addaan hin kutne(hin kaafanne) dirqisiisuun hin dandahamu.Bu'aan himannaa addaan kutuus:-qaamni himannaa isaa gartokko ykn guutumaan guutuutti addaan kute dhimma sana irratti himannaa haaraa hundeessuu hin danda'u(mirga himannaa haaraa hundeessuu isaa ni dhaba).Dhimma gartokkeen ykn guutumaan guutuutti adda cite sana irratti himannaa haaraa hundeessuuf,himatni sun hayyama Mana Murtiitiin kan addaan cite ta'uu qaba.Kanaaf,himannaa hayyama Mana Murtii malee kan adda citu yoo ta'ee mirga himannaa haaraa dhiyeeffachuu nama ni dhabsiisa" jechuun SDFHH Kwt. 278(2) waliin wal qabsiisuun hiikoo kennee jira.

7️⃣.Dhaddachi_Ijibbaataa_Mana_Murtii_Waliigalaaa_Federaalaa Lakkoofsa Galmee 219736 ta'e irratti "maalummaa gocha jeequmsaa seera hariiroo hawaasaa keewwata 1149(1) jalatti tumameen ijoowwan jeequmsa jechisiisuuf taa'an malee maalummaa jeequmsaa ifatti hiikoo hin kennine.Tumaa seeraa kanarraa kan hubatamuu danda'u,gocha jeequmsaa kanneen hundeessuu danda'an lama akka ta'aniidha.Inni 1ffaa abbaan qabiyyee mirga nagaan fayyadamuu isaa irratti jeequmsi giddu seentummaan (interference) yoo uumameedha.Inni 2ffaa ammoo qabeenya abbaa qabiyyee harka ture guutummaan yookiin gartokkeen qabachuun abbaa qabiyyee qabeenyaan ala (dispossession) gochuu kan ilaallatuudha.
Via:-Mohammed T.Nuuree
https://t.me/Fuula_Hubannoo_Seeraa
Murtii DhIjMMWF
LGMM 127313 Jildii 22ffaa
Vs.
LGMM 211518 Jildii 26ffaa
**
M
anni Murtii Waliigalaa Federaalaa Dhaddachi ijibbaataa kanaan dura dhimma Himatamaan erga ragaan Abbaa Alangaa dhagahamee booda of irraa ittisi kan jedhame ta'ee himatamaan kun dhaddacha irraa kan badu yoo ta'e murtiin bakka inni hin jirretti itti kennamuu akka qabu Jildii 22ffaa LGMM 127313 ta'een Murtii dirqisiisaa kennee ture.

Haata'u malee amma immoo murtiin kun dhaddachuma ijibbaataa kanaan:
"Himatamaan tokko ragaan Abbaa Alangaa dhagaa'amee of irraa ittisi osoo hin jedhamiin galmeen qorannoof bulee gaafa beellamaatti himatamaan kan dhaddacha irraa hafu yoo ta'e sababa of irraa ittisi hin jedhamneef qofa bakka inni hin jirretti jedhamuun akka irra hin jirreefi himatamaan kun dhimmicha osoo beeku kan hafe akka ta'e tilmaamuun waan danda'amuuf bakka inni hin jirretti jala murtiifi murtiin barbaachisu akka itti kennamu jechuun DhIjMMWF LGMM 211518 Jildii 26 Amajjii 30 Bara 2014  murtii dirqisiisaa kenneera".
https://t.me/http_Ijooseeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
Forwarded from Solomon Debele Lemi (Solomon Dabale)
Qaxarrii haaraa fii Jijjiirraa Mana Murtii Olaanaa Godina Arsii
Gita Hojii: Ofiisara Seeraa mana Murtii Aanaa I
Forwarded from Roba Girma Law Office
Qooda qabeenya AW fi HW ilaalchisee eega qoodinsi raawwatamee galmeen cufame booda qabeenyi haaraan yoo argame SDFHH kwt 5(1) fi 216 waliin akkamitti ilaalama?
==================================
Dhaddachi Ijibbaataa MMWF dhimmichi qabeenyi yeroo qooddiin gaggeeffamu jiraachuun isaa hinbaramne garuu qooddii booda beekamu akka qoodamuuf iyyanni/himanni dhiyaatu akkaataa SDFHH kwt 5(1)nis ta’ee kwt 216n kan daangeffamu akka hintaane hiikkoo dirqisiisaa kanaan dura galmee Lkk 36780 ta’erratti kennee ture yaadachiisuun murtii haaraa kennee jira ( Glme Lkk 251383 gaafa 07/02/2017).
1
Forwarded from Jemal Kumbi
Dhimmi MMtti falmii irra jiru tokko akkaataa SDFHH kwt 274 -277tiin araaraan xumurameera kan jedhamu yoomiidha? Ulaagaa maal maal guutuu qaba?
==================================
Dhaddacharratti araarri taasifamuu fi bitaa fi mirgi araaraan xumuanneerra jechuun Dhaddachis kanuma mirkaneessee galmee cufuun dhimmichi bu’ura tumaalee seeraa olitti caqafamaniin araaraan xumurame kan jechisiisuu miti.
Araaraan xumurameera jedhamuu kan danda’u 1) waliigalteen araaraa barreeffamaan ta’uu, 2)gareewwaniin mallattaa’uu, 3) seeraa fi safuu kan eeggate ta’uun dhaddachaan ykn MMn mirkanaa’uu fi sanadni waliigaltichaa galmeen walqabachuu qaba.
Kana yoo ta’ee waliigalteen araaraa murtii MM ta’uun bu’aa murtiin MM tokko qabu hunda kan hordofsiisu ta’a. Bal’ina qabxii kanaa irratti xiinxala murtii Mana Maree Federeeshiinii glme Lkk 107/15 ta’erratti gaafa 28/10/2015 kenname 👇👇👇👇ilaalaa.