Forwarded from Seneѕa-Laωyer
𝐌𝐮𝐫𝐭𝐢𝐢 𝐃𝐡𝐚𝐝𝐝acha 𝐈𝐣𝐢𝐛𝐚𝐚𝐭𝐚𝐚 𝐇𝐨𝐣𝐣𝐚𝐭𝐚𝐚𝐧 𝐌𝐨𝐨𝐭𝐨𝐦𝐦𝐚𝐚 𝐌𝐮𝐮𝐝𝐚𝐦𝐚 𝐀𝐚𝐧𝐠𝐨𝐨 𝐅𝐮𝐝𝐡𝐚𝐜𝐡𝐮𝐮 𝐘𝐨𝐨 𝐃𝐢𝐝𝐞 𝐇𝐨𝐣𝐢𝐢 𝐈𝐫𝐫𝐚𝐚 𝐤𝐚𝐧 𝐇𝐢𝐧 𝐆𝐚𝐠𝐠𝐞𝐞𝐟𝐚𝐦𝐧𝐞 𝐓𝐚𝐡𝐮 𝐌𝐮𝐫𝐭𝐞𝐞𝐬𝐬𝐞.
🔰 Manni murtii waliigala federaalaa galmee lakkoofsa 219345 ta'e Irratti hojjataan mootummaa muudama aangoo fudhachuuf kan hin dirqamne ta'uu fi sababa muudama fudhachuu dideef immoo hojii irraa ari'amuu akka hin qabne murtii dirqisiisaa kennee jira.

Forwarded from Jemal Kumbi
Dogongorri adeemsa falmii akkaataa SDFHH kwt 208n MM ofii isaa sirreessu kan akkamiiti?
==================================
Hiikkoo Dh Ijbt MMWF glm Lkk 245834 ta’erratti gaafa 07/02/2017 kenname ilaala =========================
Hiikkoo murtii Dha Ijbtf sababa kan ta’e dogongora moggaasa maqaa nama himannaa MM Sdrk Jalqabaa Federaalaatti dhiyeessee yoo ta’u innis maqaa himannaa duraa ittiin dhiyeesse jijjiiruun himannaa fooyyeffatee eega dhiyeesse booda MM maqaadhuma himannaa jalqaba ittiin dhiyeesseen murtii kennee ture.
Sana booda himatamaan maqaan koo sirriin isa himannaa fooyya’e keessatti caqafame waan ta’eef maqaan murtiin ittiin kenname akkaataa SDFHH kwt 208 n akka naaf sirraa’u jechuun gaafate.
MM sdrk Jalqabaa 1ffaa maqaan murtiin ittiin kenname kanuma himannaa keessatti himataan ibse waan ta’eef maqaa himannaa fooyya’e immoo MM waan hinfuuneef dogongorri MM adeemsa seeraa MM raawwatee fi ofii sirreessuu danda’u hinjiru.
Akkasumas 2ffaa maqaan himataa sirriin isa himannaan duraa ittiin dhiyaatee miti yoo ta’es dogongorichi kanuma himataa mataa isaati malee kan MM waan hintaaneef MM akkaataa SDFHH kwt 208n sirreessuu hindanda’u jedhee iyyannoo dhiyaate ajajaan kufaa godhe.
MMO Federaalaatis komii itti dhiyaate kufaa gochuun ajaja MM Sdrk jalqabaa waan cimseef himataan dhimmicha Dh Ijbtatti dhiyeeffate.
Dh Ijbta gama isaan 1) maqaan iyyataa kan himannaa fooyya’e ittiin dhiyaate moo kan himannaan duraa ittiin dhiyaatedha kan jedhu MM jalaa qulqulleeffachuun akka irra turee fi 2) dogongora maqaa dabalatee dogongorri adeemsa falmii akkaataa SDFHH kwt 208n sirraa’uu qabu kamiiyyuu Mana Murtiinis ta’ee gareewwaniin yoo raawwatame MM dogongoricha akkaataa SDFHH kwt 208n sirreessuu akka qabu ibsuudhaan murtii MM jalaa diigee MM Sdrk jalqabaa irra deeb’ee iyyannoo himataa qulqulleessee akka fala Kennu bu’ura SDFHH kwt 343(1)tiin itti deebisee jira.

👍1
Forwarded from Jemal Kumbi
Qooda qabeenya AW fi HW ilaalchisee eega qoodinsi raawwatamee galmeen cufame booda qabeenyi haaraan yoo argame SDFHH kwt 5(1) fi 216 waliin akkamitti ilaalama?
==================================
Dhaddachi Ijibbaataa MMWF dhimmichi qabeenyi yeroo qooddiin gaggeeffamu jiraachuun isaa hinbaramne garuu qooddii booda beekamu akka qoodamuuf iyyanni/himanni dhiyaatu akkaataa SDFHH kwt 5(1)nis ta’ee kwt 216n kan daangeffamu akka hintaane hiikkoo dirqisiisaa kanaan dura galmee Lkk 36780 ta’erratti kennee ture yaadachiisuun murtii haaraa kennee jira ( Glme Lkk 251383 gaafa 07/02/2017).
Guutuun isaa 👇argama.

Dhimmi tokko akkaataa SDFHH kwt 7n Manneen Murtii adda addaatti ilaalamuu hinqabu, yoo dhiyaates MM himanni jalqaba itti dhiyaatetu aangoo qaba kan jedhamu yoom? Dhimmichi tokko ta’uun hoo maaliin madaalama?
==================
Qajeeltoowwan falmiin hariiroo hawaasaa ittiin hoogganamu keessaa aangoo MM murteessuun isa tokkodha. Aangoon MM immoo tumaalee qajeelchan keessaa tumaan SDFHH kwtni 7 isa tokkoodha. Innis dhimmi tokko sababa aangoo tooraan walqabatee MM adda addatti yoo dhiyaate MM jalqaba falmiin itti eegaletti akka ilaalamu tumaan kwtichaa niajaja.
Haata’u malee dhimmi tokko MM adda addaatti kan dhiyaate kan jedhamu ulaagaa maaliin akka madaalamu ifaan wanti tumame waan hinjirreef qabatamaan yeroo falmii kaasu nimul’ata.
Akka fakkeenyaatti dhimma MM Ol’aanaa Godina Silxeetii eegaluun Dh Ijbt MMWF gahuun murtaa’e tokko asitti ilaaluun nidanda’ama.
👇👇👇👇👇👇👇
Dh Ijbt glme Lkk 205762 (2014)
===========================
Jalqaba dhimmichi falmii qooda qabeenya Abbaa warraa fi Haadha warraa MM Sdrk jalqabaa Federaalaatti kan dhiyaate yoo ta’uqabeenyaan falmiin irratti ka’es qabeenya waliinii /gamtaati jedhamee qixxee abbaan warraa fi haadholiin warraa lama saditti akka qoodatan murtaa’e.
Sana booda qabeenya wixxee akka qooddatan jedhame keessaa mana jireenyaa Magaalaa Waraabeetti argamu waliigaltee bittaan kan argadhe irratti murtiin kenname akka keessaa naaf bahu jechuun gareen 3ffaan biroo iyyata mormii murtii akkaataa SDFHH kwt 58n MM Sdrk Jalqabaa Federaalaatti dhiyeeffatee falmiin beellamaan jira.
Sun otuu beellama irra jiru haadholii warraa lamaan keessaa ishiin tokko waliigalteen bittaa fi gurgurtaa mana Magaalaa Waraabeetti argamu qixxee akka qooddatan jedhame irratti mormataa murtichaan raawwatame qabeenya waliinii irratti beekamtii fi eeyyama koo malee waan ta’eef akka naaf diigamu jechuun himannaa haaraa waliigalteen akka diigamu gaafatu MMO Godina Silxeetti dhiyeessitee falmiin eegale.
Mormataan murtii MM Sdrk Jalqabaa Federaalaa himatamaa MMO G/Silxee waan ta’eef SDFHH kwt 7?caqasuun mormii kaaseen MMO godinichaas mormii ka’e fudhachuun dhimmichi tokko waan ta’ee fi dursee MM Sdrk Jalqabaa Federaalaatti ilaalamaa kan jiru waan ta’eef himannaa himattuutis ilaaluuf aangoo hinqabu jedhee murteessuun MMW Naannichaatis cimseera.
Dh Ijbta gama isaan komii himattuu fuudhee ilaaluun qabxii ijoo falmii dhimma mormii murtii MM Sdrk jalqabaatti ilaalamaa jiru mana qabeenya waliinii maatiiti jedhamee murtaa’e irraa mormataan murtii mirga qaba moo hinqabu ykn murtiin kenname ka’uu qaba moo miti, kan jedhu ta’uu fi kan dhimma MMO Godina Silxeetti dhiyaatee immoo waliigalteen diigamuu qaba moo hinqabu qabxii jedhu ta’uu kaasee sababa kanaan qabxii ijoo falmii fi seerummaan gaafatames adda adda ta’ee bakka jirutti dhimmicha ilaaluuf MMO godinichaa aangoo hinqabu jedhamuun dogongora jedhee diiguun ijootti seenee waliigalteen diigamuu qaba moo hinqabu kan jedhu ilaalee akka murteessu dhimmichi qajeelfamaan MMO Godina Silxeetti deebisee jira.
Kanaaf dhimmi tokko akkaataa kwt 7n MM adda addaatti dhiyaate kan jedhamuu fi MM boodarra falmiin itti ergale aangoo kan dhabsiisu 1)qabxii ijoo falmii tokko yoo ta’ee fi
2)seerummaan gaafatames tokko yoo ta’e akka ta’e hiikkoo Dh Ijbt kana irraa nihubatama.
Karaa Telegrama 👇kana hordofaa ; Http://t.me speaklawinabsentia

❤1
Forwarded from Jemal Kumbi
Dhimmi MMtti falmii irra jiru tokko akkaataa SDFHH kwt 274 -277tiin araaraan xumurameera kan jedhamu yoomiidha? Ulaagaa maal maal guutuu qaba?
==================================
Dhaddacharratti araarri taasifamuu fi bitaa fi mirgi araaraan xumuanneerra jechuun Dhaddachis kanuma mirkaneessee galmee cufuun dhimmichi bu’ura tumaalee seeraa olitti caqafamaniin araaraan xumurame kan jechisiisuu miti.
Araaraan xumurameera jedhamuu kan danda’u 1) waliigalteen araaraa barreeffamaan ta’uu, 2)gareewwaniin mallattaa’uu, 3) seeraa fi safuu kan eeggate ta’uun dhaddachaan ykn MMn mirkanaa’uu fi sanadni waliigaltichaa galmeen walqabachuu qaba.
Kana yoo ta’ee waliigalteen araaraa murtii MM ta’uun bu’aa murtiin MM tokko qabu hunda kan hordofsiisu ta’a. Bal’ina qabxii kanaa irratti xiinxala murtii Mana Maree Federeeshiinii glme Lkk 107/15 ta’erratti gaafa 28/10/2015 kenname 👇👇👇👇ilaalaa.

Forwarded from Temesgen A.Lawyer
Waliigaltee Mandaraatiin Mana Bituu?
=============================
Waliigaltee safaraatiin bittaa fi gurgurtaa mana jireenyaa raawwatame ilaalchisee haalli waliigalteen safaraa kun qaama aangoo qabu fuulduratti mirkanaa'uu baatus sababa kanaan waliigalteen safaraa kun ulaagaa seeraa hin guunne ykn qaama aangoo qabu fuulduratti hin mirkanoofne jedhamee kufaa akka hin taanee fi seera duratti fudhatama qabaachuu beektuu?
Yeroo hedduu falmiin irra deddeebiin manneen murtii keenna cinqan dhimma waliigaltee bittaa fi gurgurtaa manaa osoo qaama aangoo qabu biratti hin mirkanaa'in waliigaltee safaraa jedhamee beekamuun raawwatamuudha. Namoonni haala kanaan waliigaltee bittaa fi gurtaa manaa raawwatan ashuuraa mootummaa kaffalamu dheefaaf waliigaltee safaraa fi bakka bu'ummaa filatu. Namoota biratti adeemsii fi haalli bittaaf gurgurtaa manaa karaa kanaan raawwatamu filatamaa ta'us dhuma irratti bu'aan inni guyyaa guyyaatti hordofsiisaa jiru gaarii miti!
Haa ta'uu malee miidhaa gama kanan nama ykn hawaasa irra gahu hambisuuf sababuma maqaa waliigaltee safaraa yookaan mandaraa jedhu qofaan yeroo hunda waliigaltee karaa kanaan raawwatame irratti falmiin yoo mana murtiitti ka'e haalli waliigaltichi kufaa itti hin taane ni jira. Kunis 1ffaa yeroo garee bittaa fi gurgurtaa manaa waliigaltee safaraatiin kan raawwatan ta'uu kan amanan yoo ta'ee fi 2ffaa bitataan erga waliigaltee safaraatiin ykn mandaraatiin mana bitatee ijaarsa irratti gaggeessee yoo waliigalteen diigame gareewwan waliigaltee safaraa yookaan mandaraa raawwatan iddoo duraan turanitti deebisuun kan hin danda'amne yoo ta'e waliigalteen kan hin diigamne ta'u meeqa keennatu beeka?
Haalota lamaan kanaan alatti waliigaltee mandaaraatiin mana bitattanii namni mana isinitti gurgure yoo waakkate manichi nama irraa bittaniif kan deebi'u ta'ee isin qarshii mana itti gurgurtan qofa kan isiniif deebi'u ta'a. Yeroo akkanaa kana kisaaraa guddaan gama maallaqaa fi hamilee namatti fida! Hawaasni keenna yeroo mana bitatu rakko akkanaa isaan mudatee falmii baasii hin malleef isaan saaxilu irraa ofeeguu qabu. Yeroo mana bitattan wal amantaa qofaan waliigaltee safaraa ykn mandaraa jedhamu mallatteessuun sirrii akka hin taanee namuu hubachuu qaba. Waliigaltee keessan qaama aangoo qabu Waajjira Lafa Magaalaa bira deemuun waliigaltee bittaa fi gurgurtaa akka isiniif mirkanaa'u gochuu hin dagatinaa! 👉Jarso Law Box!

Forwarded from Mijuu seeraa Gadaa A. tiin
👉#Waliigaltee_Bittaa_Fi_Gurgurtaa_Qabeenya_Hin_Sochoone_Mana_Irratti_Taasifamu Vs Murtiilee Dhaddacha Ijibbaataa:
____''______
✅1️⃣.#Dhaddachi Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Lakkoofsa Galmee 215444 ta'e dhaddacha Onkoloolessa 2,bara 2015 ooleen "waliigaltee bittaa fi gurgurtaan MANAA qaama aangoo qabu biratti osoo hin galmaa'in karaa bakka bu'aatiin raawwatame,namni bakka buufate sun(bakka buufataan) waliigalticha yoo waakkate,waliigaltee karaa bakka bu'aan raawwatame jedhame diigamaa waan ta'eef,bu'aa seeraa hin qabaatu.Kanaaf,bakka duraan turanitti deebi'uu qabu" jechuun hiikoo kennee ture.(Murtii haaraadha).
✔2️⃣.#Dhaddachi_Ijibbaataa_Mana_Murtii Waliigalaa Federaalaa Jildii 14ffaa lakkoofsa galmee 78398 fi Jildii 12ffaa lakkoofsa galmee 57356 ta'aniin "waliigalteen bittaa fi gurgurtaa Mana tokko seera fuulduratti raawwatiinsa qaba jechuuf akkaataa seera waliigaltee keessatti tumameen ulaagaa guutamee raawwatamuu akka qabu"seera hariiroo hawaasaa keewwata 2005(1),1678(C),1723 fi 2877 waliin wal qabsiisuun murtii dirqisiisaa kennanii turan.
👇Waliigalteen qaama sanadicha mirkaneessu fuul-duratti taasifamu faayidaa guddaa qaba:
✔1ffaa waliigaltichi Mana Murtiitti fudhatama akka qabaatu taasisa;
✔2ffaa Sanadni garee falmitootaa harka ture yoo bade,yoo gubate yookiin garaa garummaa yoo qabaate sanadichi qaama mirkaneesserraa akka argamu taasisa;
✔3ffaa nama barumsa hin qabnee fi ijaan arguu hin dandeenye miidhaa irraa hambisa.
✅3️⃣.#Dhaddachi_Ijibbaataa_Mana_Murtii_Waliigala_Federaalaa_Jildii 15ffaa lakkoofsa galmee 83674 ta'een "waliigalteen tokko barreeffamaan ta'ee garee waliigaltootaatiin ragoolee lamaan mallattaa'uu akka qabuu fi waliigalteen namoota hin barannee fi ijaan arguu hin dandeenyeen taasifamu waliigalchiisa yookiin Mana Murtii fuulduratti yoo hin taasifamne waliigaltichi dirqisiisummaa akka hin qabne"seera siivilii keewwattoota 1727,1728(3),fi 2005 waliin wal qabsiisuun murteessee ture.
✅4️⃣.#Dhaddachi_Ijibbaataa_Mana_Murtii_Waliigala_Federaalaa_Jildii 13ffaa lakkoofsa galmee 36887 ta'een "waliigalteen jiraachuu yoo amaname mormiin qaama aangoo qabu fuulduratti hin taasifamne jedhamee ka'u fudhatama hin qabu"jechuun murtii dirqisiisaa laatee ture.Seera hariiroo hawaasaa keewwattoota 1731(1),2878.Kunis sababnii fi kaayyoon waliigalteen qaama aangoo qabu biratti taasifamee galmaa'uu barbaachiseef waliigaltichi jiraachuu hubachiisuufiidha.
👉Waliigalteen ulaagaa armaan olitti ibsameen hin hundeeffamin bu'uura shh keewwata 1720(1) tiin akka wixineetti lakkaa'ama(dirqisiisummaa hin qabu).
✔5️⃣.#Dhaddachi_Ijibbaataa_Mana_Murtii_Waliigalaa_Federaalaa Jildii 10ffaa lakkoofsa galmee 43825 ta'e irratti "garee wal falmitootaa yoo kaasan malee Manni Murtii kaka'umsa isaatiin kaasuun waliigalteen foormii(ulaagaa) hin guunne diigamaadha jedhee murtii kennuu akka hin dandeenye"seera hariiroo hawaasaa keewwattoota 1723,fi 1808(2) waliin wal qabsiisuun murtii laatee ture.
✅6️⃣.#Dhaddachi_Ijibbaataa_Mana_Murtii_Waliigalaa_Federaalaa_Jildii 8ffaa lakkoofsa galmee 34803 ta'e irratti "waliigalteen ulaagaa seera hariiroo hawaasaa keewwata 1723 hin guutne jedhamee yeroo diigamu gareen wal falmitootaa bakka duraan turanitti akka deebi'an murtiin kennamuu akka qabu"seera siivilii keewwattoota 1723 fi 1815 waliin wal qabsiisuun murteessee ture.
👇
https://t.me/Mnure88

Telegram
Muhammedteyib Nure:Judge
Muhammedteyib Nure:Judge