Muudama Gargaartota Abbaa Seeraa Mana Murtii Aanaa
-------------------
(Guraandhala 22,2017 MMWO,Caffee Araaraa,Finfinnee)-Gumiin Bulchiinsa Abbootii Seeraa Oromiyaa yaa'ii idilee 222ffaa Guraandhala 21,2017 gaggeesseen muudama Gargaartota Abbootii Seeraa Mana Murtii Aanaa  mirkaneessee jira.
Bu'uuruma kanaan dorgomtoota calallii dhumaa irra gahanii qabxii caalmaa argatanii fi naamusa barbaadamu qabaachuun isaanii amaname dhiira 100 fi dubartii 14 Gargaaraa Abbaa Seeraa Mana Murtii Aanaa  taasisuun muudee jira.
Waan ta'eefis dorgomtoonni muudamni keessan mirkanaa'e,  kan maqaan keessan armaan gaditti tarreeffame baga milkooftan jechaa ramaddii fi  adeemsa itti aanu torban itti aanu kan isin beeksifnu ta'uu ni hubachiifna.
Himatamaan Aanaa Sirkaatti Namoota 5 irratti yakka Ajjeechaa raawwate adabbii hidhaa Cimaa Waggaa 23 tiin adabame
=========================
Ka'uumsi himannaa Himata Abbaan Alangaa  Godina Arsii gaafa guyyaa  09-04-2017 Mana Murtii Ol'aanaa Godina Arsiitti dhiyeeseen yoo ta'u Himatamaan maqaan isaa Muussaa Kadiiroo Booruu jedhamu shakkamtoota yeroof harki isaanii hin qabamne 1ffaa Huseen Kadiiroo 2ffaa Jibriil Qaasoo 3ffaa Abdulwahaab Umaroo jedhaman waliin ta'uun nama ajjeesuuf dursanii qophaa'anii yaadan waliigaluun gaafa 02-01-2016 tilmaaman halkan keessaa sa’aatii 3:00 - 3:30 tti Godina Arsii Aanaa Sirkaa Ganda Soolee Nageellee keessatti  1ffaa mana du'aa Booggaalaa W/Giyoorgis jedhamu dhaquun mana isaa keessaa baasanii fudhanii deemuun himatamaan kun kilaashii itti dhukaasuun cinnaacha bitaarra dhayee yoo kuffisu shakkamaan harki isaa hin qabamne bakka inni kufeeti itti deddeebisee itti dhukkasee kan ajjeessan yoo ta'u 2ffaa sa'aatima wal fakkaataa kanati mana du'aa M/re Abbabaa Wandimaaganyaw erga dhaqanii booda qarshii mana keessa jiru 25,000 fudhatanii du'aa mana isaatii baasanii himatamaan kun kilaashii mataatti dhukkaasee bakka inni kufeetti deddeebisee itti dhukaasee kan ajjeesse yoo ta'u 3ffaa ammas gocha 2ffaa kana erga raawwataniin booda sa'aatima wal fakkaataa kanati mana du'aa Amaaraa Wandimuu erga dhaqanii booda haluma wal fakkaatuun himatamaan kun shakkamtoota harki isaanii hin qabamne kaniin waliin ta'uun du'aa kana kilaashii itti dhukkaasee  kan ajjeesse yoo ta'u gaafa guyyaa 26-02-2016 tilmaaman halkan keessaa sa'aatii 3:00 hanga 3:30 yoo ta'u ammas himatamtoota yeroof harki isaanii hin qabamne waliin ta'uun Godina Arsii Aanaa Sirkaa Ganda Heellaa Waajjii keessatti 1ffaa.Mana Bulchaa Ganda Heelaa Waajjii kan ta'e Du'aa Kadiir Huseen dhaquun manaa baasanii bakka sulula Baargamoi jedhamutti haluma wal fakkaatuun kikaashii itti dhukkasuun battalumattu kan ajjeessanii fi 2ffaa yerooma wal fakkaataa ganduma kana keessa mana du'aa Umar Abduroo jedhamu dhaqanii haluma wal fakkaataadhaan kan ajjeessan waan ta'eef  galmeen garee qorannaa Waajjira Poolisii fi Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Sirkaatiin qoratamee Abbaa Alangaa Godina Arsiif erga dhiyaateen booda Abbaan Alangaa Godina Arsii Seera Yakkaa Riipaabilika Dimoookiraata Federaalaawa Itoophiyaa keewwata 35,32/1/A/B fi  539/1/A/ jalatti himannaa 5/Shan/ Himatamaa irratti dhiyeessee, kanumaan Himatamaan mana murtiitti dhaddacharratti dhiyaatee kan waakkate ta'uus Ragaan Abbaa Alangaa kan namaa fi bu'aan qorannoo yaalaa dhiyaate  himatamaan yakkicha raawwachuu kan irratti  mirkaneesse waan ta'eef keewwata ittin himatame himannaa hunda jalatti ofirraa yaa ittisu jedhamee  himatamaanis ragaa ittisaa dhiyyeeffatee Manni Murtiis ragaa bitaaf mirgaa yoo madaalu ragaan ittisaa himatamaan dhiyyeeffate irraa kan hin ittisin waan ta'eef  Manni murtii Ol'aanaa Godina Arsii  murtii balleessummaa kennuudhaan   yaada adabbii bitaa fi mirgaa erga fudhateen booda adabbii himannaa hundaa walitti dabaluun  dhaddacha gaafa guyyaa 19-06-2017 Ooleen himatamaa fi fakkaatota isaa ni barsiisa jedhee kan itti amane hidhaa Cimaa Waggaa 23 tiin adabee jira.

Hawaasni keenya namoota yakka raawwatanii baqatan  seeraatti  dhiyyaatanii akka gaafataman qaamolee Haqaa fi nageenyaa cinaa dhaabbadhaan dhaamsa keenya
=======/======//===========

Gurraandhala 20,2017
==================
Koominikeeshinii WAA Godina Arsii
============================
Asallaa
========
https://t.me/Ijooseera
Darbiinsa yeroo falmii qabiyyee lafa dhaalaa ilaalchisee.
Sabbariin Federaalaa akkas jedha: falmiin falmii dhaala qabiyyee lafaa yoo ta’ee fi seerota bulchiinsa lafaa (Labsii fi dambii) rogummaa qabu keessatti tumaan darbiinsa yeroo yoo jiraachuu baate , falmichi immoo dhaaltota gidduu yoo ta’e SHH kwt 1000 raawwatiinsa qaba.
Dhaalaa fi nama dhaalaa hintaane giddutti yoo ta’e immoo SHH kwt 1677(1) fi 1845 niraawwata.
https://t.me/Ijooseera
Forwarded from Elias Kasa Legal Service. (Elias Kasa)
Murtiilee MMWFDHI Jildii 24ffaa Afaan Oromoo updated.pdf
1 MB
👏Murtiilee mana murti waliigala federaalaa dhaddacha ijibbaataatiin murteeffamanii jildii 24ffaa
jalatti mudde bara 2013 maxxanfaman kun baay’inni isaanii 80 (saddeettama) yeroo ta’an, murtiileen 1-40 jiran G/A/S Dirribaa Baqqalaatiin; murtiileen 40-80 jiran immoo A/A Firaa’ol Tasfaatiin kan hiikamaniidha.
👉Akkuma beekamu kana dura Hiikoo murtiilee dirqisiisoo jildii 25ffaa amajjii 15/2015 maxxanfaman baafatni isaanii gara afaan oromootti Abbaa Alangaa Firaa'ol Tasfaatiin hiikamee dhiyaatee ture.
🙏🙏Abbaa alangaa fi Abbaa Seeraa keenya guddaa galatoomaa. Bundle respect for both of you🙏🙏🙏
👏G/A/Seeraa Dirribaa Baqqalaa fi A/Alangaa Firaa’ol Tasfaa Leenjitoota ILQSO marsaa 17ffaa turan 👏👏👏

👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇
👉Tajaajila Gorsa Seeraa yoo barbaaddan Abukaatoo fi Gorsaa Seeraa #"Eliyaas Kaasaa mariisisaa.
👉የጥብቅና አገልግሎት ሲፈልጉ ኤልያስ ካሳ
ጠበቃ እና የሕግ አማካሪን ያማክሩ።
📞 0929399368
https://t.me/eluLaw
👍1
📎Murtii Mana murtii waliigala Federaalaa dhaaddacha ijibaataa gaafa guyyaa 27/09/2012 galmee lakk 174623 ta'een murtii kenne.

📎 Foormii Waliigalteen gaa'ilaa ( contract of marriage) ilaalchisee waliigaltee gaa'ilaa barreeffamaan yoo hin taanee fi ragoota afur (4) lama (2) gara maatii Abbaa warraatiin, Lama (2) gara maatii haadha warraatiin kan irratti hin mallatteessan yoo ta'ee fi  hiriyaa ofii naamoota afur ykn kan garee tokkoo namoota afur waliigaltee gaa'ilaa irratti waan mallatteessaniif qofa waliigaltee seera duratti fudhatama qaba jechuu miti jechuun hikkoo seeraa kenneera.

📎Murtiin kun gabaabumatti wanni dabarsuu barbaade, waliigalteen gaa'ilaa seera duratti fudhatama kan qabaatu yoo waliigaltee gaa'ilaa barreeffamaan ta'ee fi ragoota afur (4) akka dirqamaatti lama (2) gara maatii Abbaa warraatiin, Lama (2) gara maatii haadha warraatiin irratti mallatteessan qofa akka ta'e hikkoo seeraa kenneera.


📎 https://t.me/Ijooseera
Murtii DhIMMWF Lakk.Galmee 220008 ta’e irratti gaafa 26/11/2014 kennamee (Murtii Hin Maxxanfamne).
Adeemsa falmii dhimma yakkaa keessatti namni yakkaan himatamee jiru tokko ragaan Abbaa Alangaa dhagahamee jalli murtii/ajajni akka ofirraa ittisu erga kennameen booda jalli murtii/ajajni akka ofirraa ittisu kennamee jiru sun dogoggora illee kan qabu yoo ta’e manni murtii dhimmicha ilaalaa jiru sun ragaa abbaa alaangaa irra deebidhaan madaaluun eejjennoo haarawaa qabachu kan hin dandeenye ta’u isaa ykn himatamaan ragaa ittisaa otoo hin dhiyeeffatiin murtii bilisaan gadi lakkisu kan hin dandenye ta’u isaa.

አንድ በወንጀል የተከሰሰ ሰው የዐቃቤ ህግ ማስረጃ ተሰምቶ የመከላከያ ማስረጃዉን እንዲያቀርብ ብይን/ትዕዛዝ ከተሰጠ በኋላ እንዲከላከል የተሰጠው ትዕዛዝ ስህተት ቢኖረዉም እንኳን ተከሳሹ ማስተባበያ ማስረጃ ባልቀረበበት ሁኔታ ከሱን በሚሰማው ፍርድ ቤት የዐቃቤ ህግ ማስረጃ በድጋሚ መዝኖ ቀደሞ ከተሰጠዉ ብይን/ትዕዛዝ የተለየ አቋም በመያዝ ተከሳሽን በነፃ እንዲሰናበት ሊወሰን የማይችል ስለመሆኑ፡፡
የሰ.መ.ቁ.220008 ሐምሌ 26/2014 ዓ.ም (ያልታተመ)
https://t.me/Ijooseera
Himannaa fedhiin addaan kutuu fi  bu'aa isaa ilaalchisee DhIMMWF Lakk.Galmee 220782 dhaddacha gaafa 26/03/2015 ooleen murtii kenneen "....himataan himannaa dhiheeffate jiru hordofuuf ykn addaan kutuuf mirga guutuu ni qaba, himannaa isaa akka addaan hin kutne(hin kaafanne) dirqisiisuun hin dandahamu.Bu'aan himannaa addaan kutuus:-qaamni himannaa isaa gartokko ykn guutumaan guutuutti addaan kute dhimma sana irratti himannaa haaraa hundeessuu hin danda'u(mirga himannaa haaraa hundeessuu isaa ni dhaba).
Dhimma gartokkeen ykn guutumaan guutuutti adda cite sana irratti himannaa haaraa hundeessuuf,himatni sun hayyama Mana Murtiitiin kan addaan cite ta'uu qaba.Kanaaf,himannaa hayyama Mana Murtii malee kan adda citu yoo ta'ee mirga himannaa haaraa dhiyeeffachuu nama ni dhabsiisa" jechuun SDFHH Kwt. 278(2) waliin wal qabsiisuun hiikoo kennee jira.
https://t.me/Ijooseera
👍2
Murtii DhIMMWF galmee lakk.isaa 220108 ta'ee irratti gaafa guyyaa 28/11/2014 "....Itti gaafatamummaa yakkaa iyyata sobaa himatni ykn iyyatni dambii hiyyumaatin akka banamuuf dhiyaatu irratti kennamee..
Kanaafu himannaa yakkaa dhiyeessuu  osoo hin barbachisin battalatti(summarily) S/y kwt 452 jalatti adabbii kennuun ni danda'aama jedheera.

Murtii DhIMMWF galmee lakk.isaa 220108 ta'ee irratti gaafa guyyaa 28/11/2014 "....Itti gaafatamummaa yakkaa iyyata sobaa himatni ykn iyyatni dambii hiyyumaatin akka banamuuf dhiyaatu irratti kennamee..
Kanaafu himannaa yakkaa dhiyeessuu  osoo hin barbachisin battalatti(summarily) S/y kwt 452 jalatti adabbii kennuun ni danda'aama jedheera.

https://t.me/Ijooseera
Dhaalaan tokko qabeeya waliinii dhaaltotaa tokko haayyama dhaaltotaa malee dhoksaan yoo gurgurate dhaaltotni maali gochuu qabu?
Dhaalaa tokko qabeenya dhaaltotaa kan ta'e mana jireenyaa qabeenya waliinii dhaaltotaa kan ta'e karaa dhoksaa ta'een kaartaa gara maqaa ofii isaa nanneessuun manicha kana nama biraatti ykn qaama 3ffaa dabarsee yoo gurgurate dhaaltonni kan gochuun isaanirra jiraatu nama manicha bitate kana qabeenya dhaalaa haayyama dhaaltota hundaa osoo hin argatin dhoksaan bite waan ta'eef waliin galteen bittaa fi gurgurtaa manaa dhaalaa fi nama mana bitate giddutti taasifame nuuf diigamee manicha harkaan akka nu gahu jedhamanii himachuu hin danda'an. Namni mana bite kun ''good faith'' kan bitate yoo ta'e  isa himachuun hin danda'an. Isaan himachuu  kan qaban dhaalaa haayyama isaanii malee dhoksaan manicha gurgurate. Seerummaan isaan yeroo himata dhiyeessan mana murtii  gaafachuu qabanis dhaalaan dhoksaadhaan mana gurgure kun qarshii mana itti gurgure keessaa gahee keenna akka nuuf qoodu ykn kennuu jechuun gaafachuu qabu!
👉SHH 1960 bahe keewwata1266, 1060(1)
👉MMWF, Dh, Ij l, Jildii 10ffaa Lak,Gal. 41857
https://t.me/Ijooseera
Dhaddachi Ijibbaataa MMWF Hiikkoo Seeraa Dirqisiisaa Dhaddacha Gaafa 28/07/2012 ooleen Lakk.Ga.173967 (Jildii 24ffaa) ta'e irratti Kenneen:
"Himatamaan tokko gaazexaadhaan waamichi godhameefii himannaan akka irratti dhiyaate bareera jedhamee kan tilmaamamu yoo gaazexaa sadarkaa biyyoolessaatti raabsamu irratti baheedha malee gaazexaa naannoo tokko keessatti qofa maxxanfamee raabsamu irratti bahuu isaa akka waan waamichi isa dhaqqabeetti akka mirkaneeffannootti fudhachuun waraqaan waamichaa gaheera tilmaama jedhu fudhachuun dhimmicha bakka himatamaan hin jirretti ilaalee murtii kennuun isaa heera mootummaa irratti mirgoota bu’uuraa namoota himatamaniif eegaman kan tuqu ta’uu isaa: S/D/F/Y keewwata 161,199 (a)
    (Murtiiwwan Dhaddacha Ijibbaataa MMWF, Leenjifamtoonni ILQSO marsaa 17ffaa G/A/Seeraa Dirribaa Baqqalaa fi A/Alangaa Firaa’ol Tasfaa hiikan keessaa kan fudhatame)

👉Hiikkoon seeraa kun kan ilaallatu dhimma Yakkaa yemmuu ta'u, dhimmicha keessatti himatamaan sababa dhukkubaatiin Naannoo Tigraayi irraa magaalaa Finfinnee dhufee, boodarra immoo hojiidhaaf biyya Ambaa kan deemee ture ta'uun isaa galmee keessaa ni hubatama.

          
https://t.me/Ijooseera

.
DHIMMOOTA YAKKATIIN RAGAAN DABALATAA AKKA DHAGAHAMUUF SIRNI ITTI MANA MURTII JALAATTI DEEBIFNU (REMAND) JIRAA?

@@@@@€€€€€@@@@€€€€€€€@@@@@@

....itti fufuun....

MMWF Dh. Ij. Lakk galmee 127484 taéen Jildii 22ffaa irratti hiikkoo kenneen MM ol-iyyata dhaggeeffatu ragaa dhagahameen murtii balleessummaa kennuunis taé bilisa gaggeessuun kan hin dandaámne yoo taé MM gahee isaa dhugaa barbaachuu akka bahachuu dandaúuf qulqulleessa ragaa dabalataan MM jalaa akka taasisee murteessuuf murtii diigee erguu akka dandaú murteesseera"

......itti fufuun.....

.....Haataú malee, ragaan dabalataa sadarkaa mana murtii ol-iyyata dhagahutti buúura SDFY kwt 194 tiin manuma murtii ragaa dabalataa ajaje sanaan dhagahamee madaalamee yoo murtaaé caalatti kaayyoon  SDFY galma gaha jedheen amana. Barbaachi dhugaas sadarkaadhuma sanattis qulqulleessuun milkaahuu dandaá. Hojimaanni akkasii dhimma HH tiinis akka hafee gara seeraatti akka deebiámu taée yeroo jirutti dhimma yakkaa immoo haala kanaan akka deebiée ragaan dabalaataa qulqullaaée murtaaúuf deebisuun kaayyoo olitti ibsame faana hin deemu. Murtii siátaa kan eegu garee falmuu fi hawaasa waan taéef ragaan dabalataa manuma murtii ragicha ajajeen osoo dhagahame kaayyoon kun milkaaá" pdf olii (👆👆👆👆) keessaa kan fudhatame.

👉Kan barreesse:- Miliyon T.Sarbeessaa (Leenjisaa IlQSO duraaniifi Gaggeessaa Dhimma Yakkaa Dhaddacha Dhaabbii Bahaa (MMWO)ti. Ogeessa jabaadha!! Ogeessota waan sammuutti yaadan haala ifa ta'een barreeffamaan kaa'an akkasii ni jajjabeessina. Ammas telegram channel kanaaf hojiiwwan haarayaa (original work) akkasii gumaachuu irraa of hin qusatinaa. Galatoomaa jennaan!!

       
https://t.me/Ijooseera
👍1
𝐃𝐡𝐨𝐫𝐤𝐚𝐚 𝐌𝐚𝐧𝐚 𝐌𝐮𝐫𝐭𝐢𝐢 𝐟𝐢 𝐁𝐮'𝐚𝐚 𝐢𝐬𝐚𝐚:
                      //
Ajajoota yeroof kennaman keessaa tokko dhorka Mana murtii qabeenyaan akka hin badne, hin mancaane, waliigalteen akka hin diigamne, Taateen addaa tokko akka dhimma Falmiif sababa ta'an irratti bu'aa jijjiirramaa hordofsiisu akka hin raawwatamne b'uura SDFHH kwt.154,155tiin kennamaniidha. Ajajni dhorkaa Qabeenyaa, Mirga, Waliigaltee ykn Taatee wayii irratti kennaman immoo Mana murtiitii qaama Ajajicha raawwachiisu qaqqabnaan Gareen falmii dhorkicha irraa fayyadamuu qabu fayyadamuuf mirga qaba. Kana jechuun Ajajni kenname tokko Galmee MM keessa kan hin jirre illee ta'u Ajaja dhorkaa Mana murtii irraa kennamee Qaama bulchiinsaa qaqqabnaan Gareen Iyyata dhorkaa iyyate qabeenyaa ykn Mirga dhorksiise irraa fayyadamaa ta'uuf mirga qaba. Qabeenyicha ykn Mirgicha ilaalchisee Waliigalteen Garee 3ffaan Abbaa qabeenyaa ykn abbaa mirga ykn Nama na ilaallata jedhe wajjiin raawwatu mirga dhorksisiisaa qabeenyichaa ykn Mirgichaa  sana hin tuqu (hin mulqu) jechuudha.
Fakkeenyaaf: Waliigalteen akka gurgurtaa, kennaa fi kkf qabeenyaa dhorkan MM irratti kennaman irratti taasifame Fayyadamaan dhorkaa waliigalteewwan kanneen diigsisuu fa'a ni danda'a. Mirga qabeenyaa dhorkame irraa bifa Gosaan ykn Raawwiin argachuu qabaatu ni gonfachiisa jechuudha.
              🅢🅞🅤🅡🅒🅔-👇
Murtii MMWF Dhaddacha Ijibbaataa (hin Maxxanfamne) Lakk.Galmee 251772 ta'erratti dhaddacha gaafa guyyaa 07/02/2017 ooleen kenneen kan murteesseedha.
https://t.me/Ijooseera