Haala Kafaltii Ittii Fayyadama Lafa Baaddiyaa Fi Gibiira Galii Qonnaa Labsii lakk. 255/2016 baheen.
Kaffaaltii itti Fayyadama Lafa Baaddiyaa Fi Gibiira Galii hojii qonnaa baal'ina lafa,oomishaa fi gosa oomishaa yookiin beeylaadaa fi gosa beeylaadaa irratii kan hundaa'ee dha.
Hangaa kaffaaltii Roobaa qofaan oomishamuu
👉Hanga kaffaaltii lafa qonnan Bula Rooba qofaan omishaamuu kafaltii itti fayyadama lafa Hektaarra tokkotii Qarshii 250 fi galii Gibira lafa qonnaaf qarshii 150 waligaalatii qarshii 400 kafaluu qaba .
👉kaffaaltii lafa baddiiyyaa oomishaa baargamoof oluu kafaltii itti fayyadama lafa Hektaara tokkotii Qarshii 300 fi galii Gibira lafa qonnaaf qarshi 1000 waligaalatii qarshii 1300 kan kafaluu qaba .
Hangaa kaffaaltii Rooba fi Jallisii yookin Jallisii qofaan oomishamuu
👉kaffaaltii lafa baddiiyyaa kan Rooba fi jallisi ykn Jallisii qofan omishaamuu qonna aaddaf kafaltii itti fayyadama lafa Hektaarri tokkotii Qarshii 250 fi galii Gibira lafa qonnaaf qarshi 400 waligaalatii qarshii 650 kan kafaluu qaba.
👉kaffaaltii lafa baddiiyyaa kan Rooba fi jallisi ykn Jallisii qofan omishaamuu qonna ammayyaatiif kafaltii itti fayyadama lafa Hektaarri tokkotii Qarshii 250 fi galii Gibira lafa qonnaaf qarshi 800 waligaalatii qarshii 1050 kan kafaluu ta'a.
Hangaa kaffaaltii lafa baadiyyaa kan Oomishaalee Gabaaf oolanii
👉 kaffaaltii lafa baadiyyaa kan oomisha Mashoo , bunna fi jimma kafaltii itti fayyadama lafa Hektaarra tokkotii Qarshii 250 fi galii Gibira lafa qonnaaf qarshi 1000 waligaalatii qarshii 1250 kan kafaluu qaba.
👉kaffaaltii lafa baadiyyaa kan oomisha baala shaayii, mi'eessituu urgeessituu ,Paappaayaa Muuzii Fi oomishaalee kan fakkatana kafaltii itti fayyadama lafa Hektaara tokkoti Qarshii 250 fi galii Gibira lafa qonnaaf qarshi 850 waligaalatii qarshii 1100 kan kafaluu qaba .
👉 kaffaaltii lafa baadiyyaa oomisha dibataaf kafaltii itti fayyadama lafa Hektaarra tokkotii Qarshii 250 fi galii Gibira lafa qonnaaf qarshi 1200 waligaalatii qarshii 1450 kan kafaluu qaba .
👉 kaffaaltii lafa baadiyyaa kan oomisha agada shaankoraa kafaltii itti fayyadama lafa Hektaarra tokkotii Qarshii 250 fi galii Gibira lafa qonnaaf qarshi 800 waligaalatii qarshii 1050 kan kafaluu .
Hangaa kagafaltii horsiisaa beeyladaa
✍️Qonnaan bulaan, horsiisee bulan yookiin gamisaa horsiisee bulan akkata baayi'inaa fi gosa beeylaadaa irratii hundaa'ee Hanga Gibiira Galii kan kafaluu horii gaafa baayi'inaa 10 ol qabu loon tokkotti Qarshii 50 kaffala, Hoolaa yookin re'ee baayi'inaa isaan 15 ol qabu tokkotti Qarshii 10 kaffala, Harree,Gaangee fi Farda baayi'inaa isaan 5 ol qabu tokkotti Qarshii 30 kaffala, Gaala baayi'inaa 5 ol qabu tokkotti Qarshii 100 kaffala.
✍️Dubartootni Mana bulchaniifi Qaama miidhamtootni Loon baayina 12 olitti kaffalu, Hoolaa fi re'ee walumatti 17 olitti kaffalu ,Harree ,Gaangee fi farda 7 olitti kaffalu akkuma olitii ibsame kanatii kafaluu.
MIRGA KAFFALAA GIBIRAA
👉Kaffalaan Gibiraa,haala Raawwii kaffaltii raawwatuu irratti hubannoo ga'aa argachuu,
👉Hanga kaffaltii akka kaffaluuf itti murtaa'ee fi haala Ragaan itti sassabame irratti komii yoo qabate koree komiitti ragaa qabatamaa dhiyeessee komachuu ni danda'a.
👉Kaffaltii raawwateef naga'ee seera qabeessa fudhachuuf mirga qaba.
Adabbii Bulchiinsaa
👉Qonnaan bulaan, horsiisee bulan yookiin gamisaa horsiisee bulan kaffaltii itti fayyadama lafaa yookiin Gibiira Galii qonna kaffaluuf dirqama qabu kamiiyyuu akkataa seeran daangaa yeroo kaa'ame dabarsee yoo argame Qarshii kaffaluu qabu irratti ji'a ji'aan qarshii paraasantii % 5 Hanga 25% Kan Adabbii ni kafalaa. Haa ta'uu malee adabbin 25% caalu hin qabuu.
👉 Kaffaaltii itti Fayyadama Lafa Baaddiyaa Fi Gibiira Galii hojii qonna akka sassabuuf bakka bu'ee daangaa yeroo Galii gochuu qabuu dabarsee argame yeroo itti dabarse irraa egaale ji'a ji'aan 5% Hanga 50% Kan Adabamu . Komishinii kaffaalamuufi qabus hin argaatu.

Hubachiinsa: Namooni akkataa seeran ala bahatani Gibiira Nagahee malee hangaa barbaddan Sassabaan jirtaan itti Gaafatamummaa yakkaaf of qoppheesaa.
#AANGOO_FI_HOJII__ABBAA_ALANGAA_NAANNOO_OROMIYAA_SADARKAA_HUNDA
✍️ Biiroon Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa Aangoo fi hojii Labsii Lakk.214/2011 fi Labsii kana Fooyyeessuuf kan Bahe Labsii Lakkoofsa 236/2013 tiin akkasumas bu’uura seerota birootiin kennameefiin aangoo fi hojii armaan gadii akka qabu ni hubatama. Aangoowwan kunniinis:
Labsii 214/2011 Keewwata 7(1-51)
1) Sirni Heeraafi seeraa akka kabajamuufi olaantummaan seeraa akka mirkanaa'u ni
taasisa; qaama dhimmi ilaalu waliin ni hojjata;
2) Imaammata sirna haqa yakkaa biyyaalessaa hojiirra ni oolcha; hojiirra akka oolu ni taasisa; qaama dhimmi ilaalu waliin ni hojjata;
3) Qaama dhimmi ilaallatu waliin haala tarsiimoon ittisa yakkaa naannicha keessatti
hojiirra itti oolu ni mijeessa; ni qindeessa; hojiirra oolmaa isaa ni hordofa;
4) Seerotni bahan hojiirra ooluufi hojiirra oolmaan isaaniis wal fakkaatinsa kan qabu ta'uu ni mirkaneessa;
5) Dhimma seeraa irratti gorsaa olaanaafi bakka bu'aa mootummaa naannichaa ta'ee ni hojjata;
6) Manneen hojii qaama raawwachiistuu mootummaa Naannichaa hojii isaanii bu'uura seeraatiin raawwachuu isaanii ni mirkaneessa;
7) Mirgootaafi bilisummaawwan bu’uuraa lammiilee heeraafi seeraan eeggaman kabajamuu isaanii ni mirkaneessa;
8) Seerota biraatiin aangoon Poolisiif kenname akkuma eegametti ta’ee, dhimmoota yakkaa aangoo Mana Murtii Naannichaa ta’an, akkasumas dantaa mootummaafi ummata Naannichaatiin walqabatee Magaalaa Finfinnee keessatti raawwataman irratti barbaachisaa ta’ee bakka argametti qorannoon yakkaa akka jalqabamu ni taasisa; qorannoo yakkaa gaggeeffamu ni hooggana; ni hordofa; faayidaa ummataa bu’uura godhachuun yookiin dhimmichi yakkaan kan hin gaafachiisne ta’uun ifatti yammuu beekkame qorannoon jalqabame akka addaan citu yookiin qorannoon yakkaa addaan citee ture akka itti fufu ni taasisa;
9) Yakkoota ciccimoo yookiin yakkoota malaammaltummaa yookiin yakkoota dantaa ummataafi mootummaa ta’an yookiin yakka taaksii irratti raawwatamu poolisii waliin ni qorata; barbaachisaa ta’ee yoo argame yakkoota biroos Poolisii waliin ni qorata; raawwiin isaa Dambii bahuun kan murtaa’u ta’a;
10) Manneen Hojii Mootummaa yookiin Dhaabbilee Misoomaa Mootummaa yookiin Jaarmiyaalee Ummataa keessatti yakka malaammaltummaa hojjetaa yookiin Abbaa Taayitaa isaanii yookiin namoota kan birootiin raawwatamuu isaa eeruun yoo isa dhaqqabu yookiin shakkii gahaa kan qabu yoo ta’e Poolisii waliin ni qorata; akka qoratamu ni taasisa; tarkaanfii barbaachisaa ta’e ni fudhata; akka fudhatamu ni taasisa;
11) Aangoofi hojii mana hojichaatiin walqabatee qorannaa, himannaafi adeemsa murtii yakka malaammaltummaa gufachiisuuf yakkoota nama kamiinuu raawwatamuu isaa eeruun yammuu isa gahu yookiin shakkii gahaa kan qabu yoo ta’e Poolisii waliin ni qorata;
12) Yakkoota malaammaltummaa seera yakkaa yookiin seerota biroo keessatti tumaman yookiin gochoota yakkaa Labsii kanaan dhorkamaniin walqabate eeruun yoo isa ga’e yookiin shakkii gahaa kan qabu yoo ta’e sirna dhoksaatiin yookiin haala mijaahaa diriirsuudhaan mala adda addaatti fayyadamuun poolisii waliin odeeffannoo yookiin eeruu ni sassaaba; akka sassaabamu ni taasisa; murtii barbaachisaa ni kenna; ni kennisiisa;
13) Faayidaa yookiin bu’aa yakka malaammaltummaatiin argame filannoo yookiin tooftaa adda addaatti fayyadamuun akka deebi’u ni taasisa; ni himata; ni falma, ni deebisisa; ni dhaalchisa, himanni yakka malaammaltummaatiin dhiyaate yookiin yakkoota malaammaltummaa adeemsa qorannaarra jiran falmii himannaatiin ala akka xumuramu ni taasisa; raawwiin isaa Dambii bahuun kan murtaa’u ta’a;
14) Qorannaa yakka malaammaltummaa ciccimootiin walqabatee bu’uura seera sirna deemsa falmii yakkaa yookiin seerota biroo rogummaa qabaniin mooraa nama kamiiyyuu yookiin mana jireenyaa yookiin iddoo hojii yookiin konkolaataa yookiin qabeenya biroo kamiiyyuu akkaataa barbaachisummaa isaatti akka sakatta’amu ni taasisa; ni hordofa; to’annaa jala akka

👍2
#Seera_Deemsa_Falmii_Yakkaa_Keessatti_Mirga_Ragaa_Abbaa_Alangaa_Ofirraa_Mormachuu_Himatamaa
#Ragaa_Sanadaa_Abbaa_Alangaan_Dhiyaatu_Himatamaan_Yoom_Ofirraa_Mormuu_Qaba_?
Namni yakkaan himatame tokko mirgoota bu’uuraa qabu keessaa mirgi dhagahamuu fi falmachuu isa bu’uuraa yemmuu ta’u kunis mirga waan ittiin himatame yookiin yakka irratti dhiyaate beekuu, ogeessaan gargaaramee deebii kennachuu, ragaa irratti dhiyaate beekuu fi ofirraa mormuu (the right to challenge prosecution evidence) fi falmii fi ragaa ittisaa dhiyeeffachuu kan haammatuudha.
Mirgoonni kunis akka bu’uuraatti Heera Mootummaa Rippaablika Dimokiraatawaa Federaalawaa Itiyoophiyaa fi Heera Mootummaa Naannoo Oromiyaa keewwata 20 jalatti beekamtii fi eegumsi ifa ta’e taasifameefii argama. Akkasumas Seera Deemsa Falmii Yakkaa (SDFY) keewwata 124 - 127(1) (dhiyeessa himannaa fi ragaa), keewwata 129 – 132 (dhagaha falmii duraa), keewwata 136 – 141(dhagaha ragaa abbaa alangaa) fi akkasumas seericha keewwata 142 – 143 (dhagaha falmii fi ragaa ittisaa yookiin himatamaa) fi kkf diriirfamuun tumamee jira.
Kana malees, waliigalteewwan mirga namoomaa Idil-Adunyaa biyyi keenya mallatteesite kanneen akka Waadaa Mirga Namoomaa Idil-Addunyaa (Universal Declaration of Human Rights), Kovanantii Mirgoota Siyaasaa fi Dhuunfaa Idil-Addunyaa (ICCPRs) fi kkf keessattis mirgoonni nama yakkaan himatamee kun bal’inaan beekamtii fi eegumsa kan argatan ta’uunis beekamaadha.
Mirga falmii fi ragaa ilaalchisee himatamaadhaaf heerichaan eegamuu fi seerichaan ifatti tumaman kanneen keessaa mirgi himannaa fi ragaa isa irratti dhiyaate beekuu fi ofirraa mormuu (challenging the charge and evidence against him) dirqama ragaa dhiyeessuu fi himannicha hubachiisuu Abbaa Alangaa waliin kan walqabatu yemmuu ta’u adeemsa falmii mirga kana haala haqa qabeessa ta’een kabajeen Abbaan Alangaa akkaataa himannaatti himatamaan gochaa yakkaa ittiin himatame raawwachuu isaa haala gahaa fi ifa ta’een yoo agarsiise qofa himatamaan ofirraa ittisi jedhamuu akka qabu tumaalee SDFY keewwata 141 fi 142 hiikkoo Dhaddachi Ijibbaataa MMWF Jiildii 26ffaa galmee lak. 208644 ta’erratti kenne walitti dubbisuun hubachuun ni danda’ama.
Kanaan walqabatee akka adeemsa seeraan tumameetti himatamaan ragaalee Abbaa Alangaa kan namaa fi kan sanadaa akkasumas kan biroos yoo jiraatan beekee ofirraa mormachuuf (challenge gochuuf) carraan ifatti eega kennameef booda falmii fi ragaan A/Alangaa madaalamuun himatamaan ofirraa haa ittisu yookiin hin ittisiin jedhamuu kan qabu akka ta’e seericha irraa kan hubatamuudha. Gama kanaan ragaa namaa yookiin ijaa ilaalchisee guyyaa dhagaha guutuu akkaataa SDFY keewwata 136 – 139tti gaggeeffamu irratti himatamaan dhiyaatee ragaa Abbaa Alangaa kan ijaa gaaffii qaxxaamuraa gaafachuun ofirraa kan mormu akka ta’e seerichas ta’e qabatamni hoji-maataa jiru kan agarsiisu ta’uun beekamaadha.
Haata’u malee, ragaalee sanadaa fi kan agarsiisaa (exhibit) Abbaan Alangaa dhiyeeffatu ilaalchisee mirgi ofirraa mormachuu himatamaadhaa yoom eegamuufii akka qabu, seeraa fi hoj-maata qabatamaa gidduu garaagarummaan kan jiru ta’uun alattis qabatamni jiruyyuu garaagarummaa qaba. Kunis, himatamaan ragaalee sanadaa irratti dhiyaatan gaafa jecha amantaa ykn waakkii kennu beekee ofirraa mormuu qaba moo, gaafa ragaan ijaa dhagahamu moo eega ofirraa ittisi jedhame boodadha, qabxii jedhu irratti hanqini hubannoo bal’aan kan jiru yemmuu ta’u qabatamni hoji-maataa irra caalu eega ragaan ijaa dhagahamee himatamaan ofirraa akka ittisu jedhame booda akka qaama falmii ittisaa yookiin mirga ittifachuu himatamaatti kan ilaaludha.
Bu’ura hoj-maata olitti ibsameen himatamaan ragaa Abbaa Alangaan isa irratti dhiyaate hunda irratti mirgi dursee beekuun ofirraa mormachuu Heericha keewwata 20(4) fi SDFY keewwata 136(3) jalatti tumamee jiru otuu hin eegaminiif ragaa himatamaan ofirraa mormachuuf (challenge gochuuf) carraa hin arganneen akkaataa SDFY keewwata 141tiin akka ofirraa ittisu jedhamuun mirga heeraan himatamaaf eegame kan sarbe ta’uun alattis Seera Deemsa Falmii Yakkaa kan hordofee miti.

Kanaaf, akkuma ragaan Abbaa Alangaa kan ijaa dhagahamee xumurameen ragaaleen sanadaa yoo jiraatan himatamaan akka mormu (challenge godhu) ykn beellamaan/ofirraa ittisi yookiin hin ittisiin jedhamuun dura barreeffamaan yaada akka irratti kennatu (galmeen dursee akka walqabsiifatu) taasifamuun ofirraa hin ittisiin yookiin haa ittisuu irratti dhimmichi yaada isaa waliin otuu qoramee mirga heeraan eegame kan kabajchiisuu fi seera deemsa falmiis kan hordofe ta’a.
https://t.me/Ijooseera
https://t.me/Ijooseera
Darbiinsa yeroo falmii qabiyyee lafa dhaalaa ilaalchisee.
Sabbariin Federaalaa akkas jedha: falmiin falmii dhaala qabiyyee lafaa yoo ta’ee fi seerota bulchiinsa lafaa (Labsii fi dambii) rogummaa qabu keessatti tumaan darbiinsa yeroo yoo jiraachuu baate , falmichi immoo dhaaltota gidduu yoo ta’e SHH kwt 1000 raawwatiinsa qaba.
Dhaalaa fi nama dhaalaa hintaane giddutti yoo ta’e immoo SHH kwt 1677(1) fi 1845 niraawwata.

Cheekii Gogaa Wobummaaf kennuun yakka miti!
======================================
Namni tokko maallaqa gahaa ta'e kan itti ajaju lakk herraaga baankii isaa irraa osoo hin qabaatin wobummaadhaaf jecha cheekii gogaa nama biraatiif mallatteessee dabrsee yoo kennee fi cheekiin kenname kunis gara qarshiitti akka sharafamuuf ykn jijjiiramuuf osoo hin taane walitti dhufeenya ykn hariiroo daldalaa namootaa wajjin qabu bu’uura kan godhate wal amantaaf qofaaf yoo ta'ee fi kanumti akkaataa Seera daldalaa keewwata 952 fi seera hariiroo hawaasaa keewwata 2864 hanga 2866 ajajuun raawwatamee yookaan guuttamee kan argame yoo ta'e namni cheekii gogaa akkasii kenne yakkaan hin himatamu ykn hin gaafatamu. Kan himatame yoo ta'es bilisaan ni gaggeeffama. Asirratti kan sirnaan hubatamuu qabu namni cheekii gogaa kana kenne gara qarshiitti akka sharafamuuf osoo hin taane wobummaaf kenne jechuun ragaa namaatiin qofa osoo hin taane ragaa barruu dhiyeeffatee kanuma yoo mirkaneesse ta'e kan hin gaafatamne ta'uu hubachuun hedduu barbaachisaadha! Cheekii gogaa maallaqa gahaa hin qabne tokko wobummaaf kenne jechuudhan ragaa namaatiin mirkaneessuun hin danda'amu! Kanaafuu faallaa qabxiilee armaan olitti ibsame kanaan cheekii gogaa wobummaaf kenne falmiin jedhu fudhatama hin qabu waan ta'eef yeroo cheekii maallaqa gahaa hin qabne wobummaaf kan kennitan ta'e ulaagaalee seeraa armaan olitti ibsaman kunneen guutamanii jiraachuu qalbifachuu hin dagatunaa!
👉MMWF, Dh,Ij L.Galmee 161448

Dhaddachi Ijibbaataa MMWF Galmee Lakk.208197 (Jildii 26ffaa) ta'e irratti:
"✍️Qarshii 500 ol liqeeffachuuf ykn liqeessuuf ykn nama biroodhaaf wabii ta'uuf dirqama seerri waliigaltee walfuutotaatu barbaachisa jedhu kabajuu dhabuudhaan walfuutota keessaa inni tokko waliigaltee raawwatee yoo argame, walfuutota keessaa inni biroon waliigaltichi akka diigamuuf himannaa yemmuu dhiyeessu, waliigalteen walfuutota keessaa isa tokkoon raawwatamuu isaa walfuutota keessaa inni biroon ni beeka jechuun mormii darbiinsa yeroo ji'a ja'aa bu'uura Seera Maatii kwt 69(2)tiin tumame yoo kaase, walfuutota keessaa inni himannaa dhiyeesse haala kamiin akka beekefi yoom akka beeke mirkaneessuuf dirqama qaba.
✍️Walfuutota keessaa gareen waliigalticha keessatti hin hirmaanne, himannaa waliigalteen naaf haa diigamu jedhu dhiyeessuu haala dandeessisuun waa'ee jiraachuu waliigaltichaa hubannoo guutuu qabaachuu waan qabuuf, waliigalteen liqii maallaqaa walfuutota keessaa isa tokkoon raawwatame jiraachuu ni beeka jedhamuuf yoo xiqqaate; waliigaltichi eenyu waliin akka raawwatame, waliigaltee liqii maallaqaa hagamii akka ta'e, waliigaltee liqii maallaqaa yoom raawwatame akka ta'e yoo beekuu danda'edha" jedheera.
Hubachiisa:
👉Dhaddachi Ijibbaataa kun murtii kana keessatti, darbiinsi yeroo waggaa lamaa kun 'Absolute Period of Limitation' ta’uu ibseera.
👉Tumaan Seera Maatii Mootummaa Federaalaa kwt 69(2)fi Kan Seera Maatii Oromiyaa Kwt 85(2) jalatti ibsame Wal fakkaataadha.

Murtii DhIMMWF Lakk. Galmee 222435 ta'e irratti kenname(hin maxxanfamne)
Qabeenya dhaalaa dursa gurgurame irratti gaheen qaba namni jedhu gahee isaa gaafachuu kan danda'u ofeeggannoo gahaa taasisuun yaada fayyaalummaatiin qabeenya bitate irraa osoo hin taane nama(maatii)qabeenyicha qaama 3ffaadhaaf dabarse irraa ta'a.
kanaafuu waliigalteen bittaa fi gurgurtaa dura taasifame naaf diigamee qabeenya dhaalaa keessaa gaheen naaf haa kennamu jechuun gaaffiin dhiyaatu fudhatama hin qabu.
(SHH Kwt 997፣1195፣2882-2884)
፨ ሰ.መ.ቁ.222435 [ያልታተመ]
አስቀድሞ በተሸጠ የውርስ ሀብት ላይ ድርሻ አለኝ የሚል ሰው ድርሻውን ሊጠይቅ የሚችለው ተገቢውን ጥንቃቄ አድርጎ ሀብቱን ገዝቶ በእጁ ካደረገው የቅን ልቦና ገዥ ሳይሆን የውርስ ድርሻውን ለ3ኛ ወገን በሽያጭ ካስተላለፈው ሰው (ቤተሰብ) ስለመሆኑ። በመሆኑም አስቀድሞ የተደረገ የሽያጭ ውል ፈርሶ የውርስ ሀብት ድርሻዬ ይለቀቅልኝ በሚል የሚቀርብ ጥያቄ ተቀባይነት የለውም።
[የፍትሐብሔር ህግ ቁጥር 997፣1195፣2882-2884]

#Qabiyyee_Sanada_Barreeffamaa_Ragaa_Namaatiin_Mirkaneessuun_ni_danda'amaa? Dhaddachi Ijibbaataa jildii 19ffaa Lakk. Galmee 106535 ta'e irratti hiikoo kenneen akka asii gadii jedheera.
✅''Ragoota ijaa ykn namaa sanada waliigaltee barreeffamaan taasifame tokko irratti ragaa ta’uun maqaan isaanii barreeffame waliigaltichi jiraachuu fi jiraachuu dhabuu aaksumas qabiyyee isaa akka hin mirkaneessine dhorkaa taasisuun sirrii miti jedhee jira. ✅Dhaddachichi dhorkaan SHH Kewt. 2005 jalatti tumame ragoota ijaa maqaan isaanii waliigalticha irratti taasifame waayee waliigaltichaa akka hin mirkaneessine kan dhorku miti jechuun hiikoo kennee jira

#ከማይንቀሳቀስ_ንብረት_ጋር_በተያያዘ_የመንደር_ውል_ህጋዊ_የሚሆንባቸው 5/አምስት/ ሁኔታዎች
✅ የማንይቀሳቀስ ንብረትን ለማስተላለፍ ወይም የማይንቀሳቀስ ንብረት ላይ ያለ መብትን ለማስተላለፍ የሚደረግ ውል በ ፍርድ ቤት ወይም ውል ለማዋዋል ስልጣን በተሰጠው አካል ፊት ካልተደረገ ተቀባይነት የለውም። ነገር ግን ከተወሰኑ የሰበር ችሎት ውሳኔዎች በመነሳት የመንደር ውል ህጋዊ ተብለው የሚቆጠሩበት ሁኔታዎች አሉ። እነዚህ 5 ሁኔታዎች የሚከተሉት ናቸው።
❶ኛ የሽያጭ ውል መኖሩ ከታመነ ወይም ካልተካደ
✅ ገዢ ውል እንዲፈፀምለት ክስ አቅርቦ ከሳሽ መከላከያ መልሱ ላይ በመካከላቸው ውል መኖሩን ካመነ ወይም ካልካደና በሌሎች ነጥቦች ላይ መልስ ከሰጠ ፍርድ ቤቱ በራሱ አነሳሽነት ውሉ በፍርድ ቤት ወይም ውል ለማዋዋል ስልጣን በተሰጠው አካል ፊት አልተደረገም ብሎ ውድቅ ሊያደርገው አይችልም።
❷ኛ በማህበር በመደራጀት የተሰራ ቤት በሽያጭ ማስተላለፍ (ሰ/መ/ቁጥር 36294 ቅፅ 8)
✅ በማህበር በመደራጀት እየተሰራ ያለ ቤት ቤቱ ተጠናቆ ካርታ እስኪወጣለት ድረስ የማህበሩ አባል የሆነ ሰው ይህን ቤት ቢያስተላልፍ ቤት የመስራት መብቱን ወይም እጣውን እንዳስተላለፈ እንጂ የማይንቀሳቀስ ንብረትን እንዳስተላለፈ አይቆጠርም። የማህበሩ አባል በስሙ ካርታና የባለቤትነት ማስረጃ እስካልተሰጠው ድረስ ቤቱ ወይም እየተሰራ ያለው ቤት በማህበሩ አጠቃላይ ይዞታ ስር የሚገኝ በመሆኑ የማህበሩ አባል ለ 3ኛ ወገን ሊያስተላልፍ የሚችለው እጣውን ወይም ጥቅሙን እንጂ የማይንቀሳቀስ ንብረት ላይ ያለውን መብት አይደለም። እንዲህ አይነት ውሎች የግድ ስልጣን በተሰጠው አካል ፊት ሊረጋገጡ አይገባም።
❸ኛ ያልነበረን ቤት ሰርቶ ለማስተላለፍ የሚደረግ ውል (ሰ/መ/ቁጥር 32222 ቅፅ 7)
✅ ብዙን ግዜ እንዲህ አይነት ውል ከ Real Estate ቤቶች ግንባታ ጋር የተያያ ነው። ምንም እንኳን ውላቸው ላይ የማይንቀሳቀስ ንብረት ሽያጭ ውል ቢሉም ዉሉ በሚደረግበት ግዜ ቤቱ ያልነበረ በመሆኑ የማይንቀሳቀስ ንብረት ባለሀብትነት ከአንዱ ወደ ሌላው ተላልፏል ሊባል አይችልም። ያልነበረን ቤት ሰርቶ ለማስተላለፍ የሚደረግ ውል የግንባታ ውል እንጂ የማይንቀሳቀስ ንብረት ሽያጭ ውል ሊባል የሚችል ባለመሆኑ ውሉ በፍርድ ቤት ወይም ውል ለማዋዋል ስልጣን በተሰጠው አካል ፊት መረጋገጥ አይኖርበትም።
❹ኛ አዋዋይ ፊት ቀርቦ ነገር ግን አስተዳደራዊ ወይም የፕሮቶኮል ጉዳዮች ለተወሰነ ግዜ ሳይፈፀምበት የቆየ የመንደር ውል (የሰ/መ/ቁጥር 36740 ቅጽ 8)
✅ ችሎቱ በዚህ መዝገብ ላይ በሰጠው ውሳኔ መሠረት በግራ ቀኙ መሀከል የተደረገው የመንደር ውል ስልጣን በተሰጠው አካል ፊት ቀርቦ ነገር ግን አስተዳደራዊ ወይም የፕሮቶኮል ጉዳዮች የተሟሉት የተወሰነ ግዜ ከቆየ በኋላ ቢሆንም ውል ለማዋዋል ስልጣን በተሰው አካል ፊት ያልተደረገ ነው በሚል ውድቅ ሊደረግ አይገባም የሚል ነው።
✅ ችሎቱ በዚህ መዝገብ ላይ እንዳለው ቤቱን የሚመለከቱ እዳና እገዳ ለማጣራትና ክፍያ ለመፈፀም የውልና ማስረጃ ምዝገባ ጽ/ቤት በውል ላይ ማህተም ሣያሣርፍበትና የፕሮቶኮል ቁጥር ሰጥቶ ሣያረጋግጥበት የተወሰነ ጊዜ ያለፈ ቢሆንም እነዚህ አስተዳደራዊ ጉዳዮች እስኪከናወኑ ድረስ በውል ላይ ማህተም ሣያርፍበት መቆየቱ ወይም የፕሮቶኮል ቁጥር ሣይሰጠው መዘግየቱ ውል እንዳልተደረገ የሚያስቆጥረው ነው ለማለት አያስችልም፡፡
❺ኛ የሊዝ መብትን ለማስተላለፍ የሚደረግ ውል (የሰ/መ/ቁጥር 191095 & 225796)
✅ በሊዝ የተገኘ ይዞታ ላይ ግንባታ ከመጀመሩ በፊት ወይም ተጀምሮ በግማሽ ያለ

Abbaa seeraa hin muudamneen murtiin kenname murtii Abbaa seeraa hin guunnen kennametti wal lakka'amuuf bu'aa seeraa hin qabu.
DhIJMMWF lakkoofsa galmee 250725 Mana maree bakka bu'oota Uummataa FDRI tti Abbaa seeraa hin muudamneen murtiin kenname murtii abbaa seeraa hin guunnen kennametti waan lakka'amuuf bu'aa seeraa hin qabatu jechuun murtii dirqisiisaa fooyyessun murteessuu qaba jechuun DHIJ Abbootii seeraa torbaan kan murteeffame sirritti hiikkoo seeraan murtii itti kennameedha.
Ijooseera

Himannaan dachaa/daddabalamaa ta'eedhaf qofa Mirga wabii kabajanii hin dhiyaatan jechuun tilmaama fudhachuun mirga wabii himatamtootaa dhiphisuudha jechuun DhIJMMWF galmee lakk.244554 onkolooleessa guyyaa 6 bara 2016 hiikkoo seeraa dirqisiisa kennee jira.
ክሶቹ ተደራራቢ በመሆናቸው ብቻ ዋስትናውን አክብረው አይቀርቡም የሚል ግምት መውሰድ የተከሳሾችን የዋስትና መብት የሚያጣብብ ነው በማለት የፌ/ጠ/ፍ/ቤት ሰበር ሰሚ ችሎት በሰ.መ.ቁ 244554 ጥቅምት 6 ቀን 2016 ዓ.ም አስገዳጅ የህግ ትርጉም ሰጥቷል
https://t.me/Ijooseera
ክሶቹ ተደራራቢ በመሆናቸው ብቻ ዋስትናውን አክብረው አይቀርቡም የሚል ግምት መውሰድ የተከሳሾችን የዋስትና መብት የሚያጣብብ ነው በማለት የፌ/ጠ/ፍ/ቤት ሰበር ሰሚ ችሎት በሰ.መ.ቁ 244554 ጥቅምት 6 ቀን 2016 ዓ.ም አስገዳጅ የህግ ትርጉም ሰጥቷል
https://t.me/Ijooseera
የኪራይ መኪና ተከራይ እጅ እያለ በሌላ ሰዉ ንብረት ላይ ጉዳት ካዳረሰ ለደረሰዉ ጉዳት ተጠያቂዉ ተከራይ ብቻ ነዉ።
ሰ/መ/ቁ 230493
Konkolaataan kireeffame kireeffataa harka osoo jiruu qabeenya nama biroo irratti miidhaa yoo geessise, miidhaa geessiseef itti gaafatamaan kireeffataa qofaadha. DHIJMMWF lakk.galmee 230493.

Labsii Yakkoota Malaammaltummaa Lakk. 881/2007 keewwata 31(2) jalatti yakki malaammaltummaa amantaa hir’isuu cimaa faayidaan argame yookiin miidhaan dhaqqabe olaanaa dha jechuuf qajeelfama adabbii Lakk.2/2006 bu’uura godhachuun hiikkamuu hin qabu, Guddina dinagdee fi gatii bittaa maallaqaa akkasumas kaayyoo seera yakkaa bu’uureffachuu qaba jedhame.
--//--
Yakkoota Malaammaltummaa ilaalchisee, Qajeelfama Adabbii Mana Murtii Waliigalaa Federaalaatiin bahe Lakk.2/2006 keewwata 11(4) jalatti Miidhaan dhaqqabe ykn faayidaan argame: Daran Olaanaa: qarshii 500,000 ol yoo ta’e, Olaanaa: Qarshii 100,001 hanga 500,000 Gidduugaleessa: Qarshii 25001 hanga 100,000 Gadaanaa: Qarshii 1,001 hanga 25,000 Daran Gadaanaa: Hanga Qarshii 1,000 tti sadarkaan qophaa’eefii itti hojjetamaa tureera.
Ka’umsi dhimmichaa:
Mana Murtii Olaanaa Godina Shawaa Lixaa Galmee Lakk. 42798 irratti Himatamaan Hojjetaa Mana Kuusaa Waldaa Hojii Gamtaa Qonnaan bultoota Aanaa Cobii Kilaastera Cobii Sirbaa jedhamu yeroo hojjechaa turetti daangaa odiitii Amajjii 1/2011 hanga Amajjii 25/2014 gidduutti odiitii taasifameen maallaqa qarshii 3,235,839.28 ol waan hir’iseef Labsii Lakk.881/2007 kewt.31(2) jalatti yakka malaammaltummaa amantaa hir’isuu cimaa raawwateera jedhamee himannaan dhiyaate.
Himatamaan yakkicha raawwachuu waan waakkateef odiitiin akka irra deebiin taasifamu ajajamee himatamaan maallaqa qarshii 203,022.81 kan hir’ise ta’uun mirkanaa’eera.
Kanumaan Mana Murtii Olaanaa GSHL faayidaan argame yookiin miidhaan gahe olaanaadha jechuun sadarkaa fi gulantaa baasee himatamaan adabbii hidhaa cimaa waggaa 11 fi qarshii 2000 akka adabamu murteesse. Manni Murtii Waliigalaa Oromiyaa murtii kana ni cimse, Dhaddachi Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa immoo himatamaan maallaqa qarshii Miliyoona 3 ol hir’isuun isaa mirkanaa’eera, kun immoo miidhaan gahe olaanaa ta’uu agarsiisa waan ta’eef Labsii Lakk.881/2007 kewt.31(2) jalatti balleessaa jedhamuun sirriidha jedhee, yakkichaaf sadarkaan yoo bahu garuu keewwatichi cimsee osoo jiruu irra deebiin sadarkaa olaanaa jedhamuu hin qabu jechuun yakkicha sadarkaa Gidduugaleessa jedhee qabachuun adabbii shallagee adabbii kenname gara adabbii hidhaa cimaa waggaa 7 fi baatii 8 tti fooyyessee jira.
Murtii kana irraa ol iyyachuun Manni Murtii Waliigalaa Federaalaa Dhaddachi Ijibbaataa immoo Galmee Lakk.258571 dhaddacha gaafa Amajjii 29/2017 ooleen Miidhaan gahe yookiin faayidaan argame Qarshii 203,022.81 gatii maallaqaa yeroo ammaatiin faayidaa ykn miidhaa olaanaa jedhamuu hin danda’u jechuun Himannaa Labsii Yakkoota Malaammaltummaa Lakk.881/2007 kewt.31(2) jalatti dhiyaate akkaataa s/d/f/y/kewt.113(2)tiin gara Labsicha kewt.31(1)tti jijjiiree, Adabbii hidhaa cimaa waggaa 3 fi qarshii 2000 akka adabamu murteessee jira.
Labsii Lakk.881/2007 keewwata 31(2) jalatti yakki malaammaltummaa amantaa hir’isuu cimaa faayidaan argame yookiin miidhaan dhaqqabe olaanaa dha jechuuf qajeelfama adabbii Lakk.2/2006 bu’uura godhachuun hiikkamuu hin qabu, Guddina dinagdee fi dandeettii gatii bittaa maallaqaa akkasumas kaayyoo seera yakkaa bu’uureffachuu qaba jedhee jira. 👇

Murtii dirqisiisaa DhIjMMWF
#DhIjMMWF LGMM 204922 ta’e irratti "Konkolaataa tokko keessatti iddoon meeshaan Kontirobaandii dhokfamu tolfamee achi keessatti meeshaa seeraan alaa fe'amee yoo argame, konkolaaticha dhaaluuf abbaan qabeenyaa dhimmicha beekuu fi beekuu dhabuun yaada keessa galuu hin qabu" jechuun hiikoo kenneera.
#DhIjMMWF LGMM 211339 ta’e irratti:
"Bakki meeshaalee dhokfamee fe'amu sun kan tolfame konkolaataa kan walharkisu gubbaarra yoo ta'eefi konkolaataa wal harkisu keessaa kan gara afoo jiru meeshaa kontirobaandii kan hin feene yoo ta'e, konkolaataa duuba irraa meeshaa seeraan alaa fe'etu dhaalamuu qaba" jechuun hiikoo kenneera.
#DhIjMMWF LGMM 241787 ta’e irratti:
"Konkolaataan tokko meeshaa waraanaa utuu geejjibsiisu yoo qabame,miiltoo ta'e dhiise abbaan qabeenyaa konkolaataa sanaa konkolaataan isaa meeshaa waraanaa geejjibsiisuu isaa beekees beekuu baates konkolaataan sun dhaalamuu qaba" jechuun hiikoo kenneera.