👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇
#Keewwata 543. Dagannoon Nama Ajjeesuu
✅️ Namni kamiyyuu seera yakkaa keewwata 54 keewwata xiqqaa (2) fi (3) jalatti haalawwan tumamaniin ala dagannoon nama kan ajjeese yoo ta’e;hidhaa salphaa ji’a jahaa hanga waggaa sadii gahuu danda’uun yookiin adabbii maallaqaa qarshii kuma lamaa hanga kuma afurii gahuu danda’uun ni adabama.

✅️ Lubbuu, fayyaa yookiin nageenya nama biroo eeguuf dirqama ogummaa yookiin kan biroo kan qabu kan akka ogeessa yaalaa yookiin konkolaachisaa kan ta’e dagannoon nama kan ajjeese yoo ta’e; adabbichi hidhaa salphaa waggaa tokkoo hanga waggaa shanii gahuu danda’uufi adabbii maallaqaa qarshii kuma sadii hanga kuma jahaa gahuu danda’u ni ta’a.

✅️Fakkeenyaaf konkolaachisaa namoota baay'een fe'uun of eeggannoon konkolaachisuu osoo garagaluun ykn daandii irraa maquun nama kan ajjeese yoo ta'ee akkasumaas Doktara osoo yaalii baqaqsanii yaaluu gochaa jiruu maqasii yokiin meeshaa biroo garaa namaa keessatti dagachuun namni akka du'u kan taasise yakka ajjeehaa dagannoon akkaataa seera yakkaa keewwata 543 kan itti gaafatamu taha.

✅️Balleessichi namoota lama yookiin isaa ol kan ajjeese yookiin yakkicha kan raawwate dambii yookiin qajeelfama ifa ta’e darbuun yoo ta’e, yookiin wahiyyoota yookiin dhugaatiwwan nama macheessan yookiin fajajeessan fudhachuun haala itti gaafatamummaa irraa bilisa isa taasisu keessa erga of galchee booda yoo ta’ellee;adabbichi hidhaa cimaa waggaa shanii hanga waggaa kudha shanii gahuu danda’uufi adabbii maallaqaa qarshii kuma kudhanii hanga kuma kudha shanii gahu ni ta’a.keewwata 543https://t.me/+WFtd-XXoYGk1ZTNk
Waliigalteen Bittaa fi Gurgurtaa Manneen Dhuunfaa Mirkanaa'uuf Ulaagaan Guutamuu Qabu Maal Fa'i? Waliigalteen Bittaafi Gurgurtaa Manaa Qaama Kam Biratti Mirkanaa'a (Raawwatama)?

€€€€¥€€€€€¥¥€€€€€€€€€¥¥¥¥€€€€€€€€€


Bittaa fi gurgurtaan manaa kan raawwatamu Bitaataa fi Gurgurataa gidduutti ta'ee, waliigaltichi mirkanaa'uuf;

a) Manichi qabeenya dhuunfaa gurgurataa ta'uu, kaartaa fi nagahee abbaa qabeenyumaa dhiyaachuu;
b) Kallattii 4 (arfaniin) maal maaliin akka daangeffamuu fi koordineetii manichaa beekamuu;
c) Idaa fi dhorkaa mana murtii kan hin qabne ta'uu;
d) Waraqaa eenyummaa gurgurataa jiraachuu fi
e) Ragaan Gaa'ilaa dhiyaachuun barbaachisaadha.
      (Qajeelfama Misooma, Bulchiinsaafi Dabarsa Manneen Naannoo Oromiyaa, Lakk.28/2016 Kwt 58)

👉Biiroon Misooma Magaalaafi Manneenii Oromiyaa;

Waliigalteen bittaa fi gurgurtaa manaa sadarkaa bulchiinsa magaalaatti akka raawwatamu taasisuuf; hordofuuf; to'achuuf aangoo qaba.
     (Qajeelfama Misooma, Bulchiinsaafi Dabarsa Manneen Naannoo Oromiyaa, Lakk.28/2016 kwt 61(6))https://t.me/+WFtd-XXoYGk1ZTNk

     
👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇#Dhaaltummaa_Keessaa_Buqqisuu
✍️Dhaalchisaan namoota isa dhaaluu danda’an kamiinuu dhaaltummaa keessaa buqqisuu danda’a. Dhaamoo dhaamu keessatti dhaaltota isaa kanneen isa akka hin dhaalle barbaadu maqaan ifa taasisuun, kanneen akka isa dhaala barbaadu ammoo dhaamoo dhaamuufii danda’a.

✍️Sirni dhaaltota asi-gadi lakkaa’amanii fi asi-ol lakkaa’aman dhaaltummaa keessaa itti buqqisan garaagarummaa qaba. Dhaalchisaan ilmaan ykn ilmaan ilaaman isaa dhaaltota keessaa buqqisuuf, sababa dhiyeessuutu irraa eegama.Gochaa dhaaltuun sun raawwate ykn gochaa inni raawwachuu dhabe diddiriirsee ibsuu qaba jechuu dha.

✍️Buqqa’uun dhaaltuu tokkoo mana murtiitti ijoo falmii kan ta’e taanaan, manni murtii sababni dhaaltuu sana dhaaltota keessaa buqqise,nama sana buqqisuuf gahaa ta’uusaa qulqulleessuun dhaamo dhaamame sana mirkaneessuu ykn diiguu danda’a. Hata’u malee, Sababa dhaalchisaan dhaaltuu sana buqqisuuf ibse gahaa ta’uusaa madaaluurra darbee, dhaalchisaan sababoota sana akka caqasu kan isa taasise maal akka ta’ee fi haalli dhaalchisaan keessa ture ejjennoo sanarra gahuu kan isa dandeessisu ta’uusaa madaaluu hin danda’u.Seera HH keewwata 938

✍️Dhaalchisaan qabeenya dhaalaa isaa nama tokkoof kan dhaame yoo ta’ee fi dhaaltota asi-gadi lakkaa’aman kan hin qabne taanaan, dhaaltota isaa sadarkaa lammaffaa, sadarkaa sadaffaa fi sadarkaa arfaffaa dhaaltota keessaa buqqisuu isaa ibsa. Dhaalchisaan dhaaltota isaa asi-gadi lakkaa’aman haala ifa ta’een osoo hin buqqisiin qabeenya isaa nama tokkoo qofaaf kan dhaame yoo ta’e,dhaamoon sun mana murtii duratti kan ragga’u hin ta’u.Namni dhaamoon dhaamameef sun qabeenya dhaamameef hunda qofaa isaa kan fudhatu osoo hin taane, ofii isaa akka dhalataa dhaalchisaa fi dhaaltuu sadarkaa tokkoffaatti lakka’amuun dhaaltota biroo wajjiin dhaalaaf kan dhiyaatu taha.

✍️Dhaalchisaan dhaaltota sadarkaa tokkoffaa ykn sadarkaa biroo irra jiran dhaaltota keessaa buqqisuu kan danda’u yoo ta’u,dhaamoo dhaalchisaan dhaaltota isaa ittiin buqqisa guutummaattis ta’e gamisaan sababoota garagaraatiif hanqina qabaachuun isaa kan hubatame taanaan tumaa dhaamichaa hanqina qabu sana qofa osoo hin taane guutummaan dhaamichaa fudhatama kan dhabu ta’a.

✍️Fudhatama dhabuun dhaamoo kanaa ammoo namootni qabeenya dhaalaa akka hin arganneef maqaan isaanii eerame, carraa mirga dhaaltummaa isaanii deebifatanii ni argatu jechuu dha👇👇👇👇👇👇😉👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇
Fuula miidiyaa Ijoo Seeraa kana follow ,share gochun maatii Ta'aa https://t.me/+WFtd-XXoYGk1ZTNk
👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇#GOCHOOTA_YAKKA_MALAAMMALTUMMAAA
1) Aangootti Gar-malee Fayyadamuu:
• Anngoo ykn itti gaafatamummaa kennameef akkaataa barbaadamuun ala itti fayyadamuu
• Aangoo kennameefiin ol bahuun hojjechuu
• Hojii irraa kaafame, jijjiirame, itti gahumsa hin qabne, irraa dhorkame hojjechuu
2) Matta’aa Fudhachuu:
Hojii raawwachuu qabu raawwachuu dhiisuuf, ykn raawwachuu kan hin qabne raawwachuuf jecha faayidaa nama biroorraa kallattiin ykn al-kallattiin ofiif ykn nama birootiif fudhachuu, gaafachuu, abdii fudhachuu, dabalata.
3) Faayidaa Hin Malle Fudhachuu:
Tajaajila kennuu qabu tokko kennuuf ykn erga kenneen booda kanfaltii bu’uura seeraa hin qabne gaafachuu
4) Jaarsolii Araaraa ykn Namoonni Biroo Faayidaa Fudhachuu ykn Gaafachuu:
Jaarsoliin araaraa ajaja m/murtiitinis ta’ee dhuunfadhaan dhimma nama biroo ilaalan, ogeessotni yaada ogummaa
kennan kan akka maandisaa fi kan biroo faayidaa kan fudhatan, kan gaafatan, yoo ta’e
5) Mana Hojii Mootummaa ykn Dhaabbata Misoomaa Haala Hin Mijanneen Gaggeessuu:
Hojicha karaa faayidaa mataasaaf ykn nama biraaf eeguu fi/ykn mana hojichaa miidhuun hojjechuu ykn raawwachuu, iccitii dabarsanii kennuu(jecha darbiinsaa kompuutaraa fi kan biroo)
6) Mi’a ykn Meeshaa Adaraadhaan Itti Kenname Haala Hin Taaneen Irratti Ajajuu:
Mi’a ykn meeshaa imaamaadhaan itti kenname tokko kan akka poostaa, mi’a haguuggamaa, sanada ykn wanta gatii
qabu kamuu eeyyama tokko malee banuu, bansiisuu,fudhachuu, fudhachiisuu, itti fayyadamuu, namni biroo akka itti fayyadamu gochuu
7) Sababa Hojiitiin Qabeenya Harkasaa Gale Fudhachuu ykn Dhoksuu
Sakatta’iinsaan, qabiinsaan,adaraadhaan, qabeenyichi dhaalamuudhaan, caalbaasiidhaan gurguramuudhaan, murti m/murtiitiin ykn karaa kamiinuu qabeenya harkasaa gale dhoksuu, fudhachuu
8) Aangoodhaan Daldaluu
Aangoo qabu akka meeshaatti fayyadamuun faayidaa hin malle argachuu ykn nama biroof argamsiisuu ykn miidhuu
9) Karaa Seeraan Alaa Galii/Maallaqa Sassaabuu ykn Dabarsuu Gibira, mindaa, beenyaa fi kanfaltiiwwan biroo hanga taarifaatiin ol ykn sanaa gadi sassaabuu ykn kennuu
10) Dhimma Lafarra Harkisuu;
Sababa gahaa fi amansiisaan osoo hin jiraanne ta’e jedhanii dhimma lafarra harkisuu/abbaa dhimmaa deddeebisuu
11) Wanta Gatii Qabu Tokko Kanfaltii Malee Ykn Kanfaltii Gahaa Malee Fudhachuu
12) Seeraa Ala Eeyyama Kennuu ykn Haaromsuu Ulaagaa guuttachuu qabu osoo hin guutiin eeyyama kennuu
ykn haaromsuu
13) Qabeenya ykn Maallaqa Maddisaa Hin Beekamne Qabatanii Argamuu
14) Iccitii Mana Hojichaa Baasuu
15) Sanada Sobaa Hojjechuu, Sobatti Jijjiiruu, Itti Fayyadamuu fi Seera Qabeessa Fakkeessanii Dhiyeessuu
16) Sanada Mootummaa/Dhaabbatichaa Balleessuu ykn Miidhaa Irraan Geessisuu
17) Tajaajilamaan matta’aa ykn faayidaa hin malle kennuu
18) Matta’aa ykn Faayidaa hin Malle Kennuu ykn Fudhachuu Irratti Faddaalaa/Walquunnamsiisaa Ta’ee Hojjechuu
19) Aangoo Hin Qabnetti Fayyadamuu
Erga aangoorraa kaafamee, hojii gadi lakkisee, haqamee/ari’amee, fuulduratti aangoon/hojiin argadha jechuun, ykn
hojjetaa mootummaa fakkaachuun akka waan aangorra jiruu fakkeessuun hojjechuu
20) Dhageettii Dhuunfaatiin Daldaluu
21) Faayidaa /Maallaqa Sossobbiif Filannoo Irratti Kennuu Namni mirga filachuu qabu tokko akka nama ta’e/dhaaba siyaansaa tokko filu ykn filuu dhiisu maallaqa kennuu ykn waadaa galuu
22) Amantaa Hir’isuu Cimaa Sababa hojiitiin wal qabatee imaanaa itti kenname faayidaa dhuunfaaf oolchuu
23) Gowwoomsuu Cimaa Hojetaan mootummaa/dhaabbilee misoomaa ykn muudamaan ykn filatamaan uummataa faayidaa argachuuf ykn nama biroof
argamsiisuuf ykn miidhaa irraan gahuuf gocha gowwomsuu raawwachuudha.👉👉👉👉👉👉👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇
Miidiyaa Ijoo Seeraa kan keessan share ,follow ,Join gochun maatii Ta'aa

https://t.me/+WFtd-XXoYGk1ZTNk
Forwarded from ⛤ Karam Tamaam ⛤
Qajeelfama kaffaltaa Iskeelii miindaa haara Mootummaa Naannoo Oromiyaa.የኦሮሚያ ክልል አዲሱ የደሞዝ እስኬል። #PDF

Credit to
👉 #Olyad_Girma
#Nuraddiin_Shaam @KerimOfficial
Forwarded from Elias Kasa Legal Service. (Elias Kasa)
qajeelfama kafaltii haaraa 2017.pdf
6.7 MB
Qajeelfama Raawwii Sirreeffamaa Iskeelii Mindaa Qaala'iinsa Jireenya Hojjettoota Mootummaa Naannoo Oromiyaa Dandamachiisuuf Bahe Lakk 27/2017
Qajeelfama lafa Baadiya Bulchinsa Magaalootaf (1).pdf
5.7 MB
Qajeelfama  kaffaltii itti fayyadama fi gibira galii hojii qonnaa lafa Baadiyyaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa lakk 39/2017
Forwarded from Elias Kasa Legal Service. (Elias Kasa)
Edited Leenjii 2017.pptx
13.4 MB
👉Leenjii : yakka malaammaltummaa fi qabeenya bu'aa yakka malaammaltummaa ta'e deebisiiisu( ILQSo Bara 2017),
👉Credit to Abdi Asefa fi Getachew kebede
Channel photo updated
👇👇👇👇👇👇🏾👇👇👇👇👇👇👇🏿👇👇🏿👇#Namni_akka_of_ajjeesu_kakaasuu
👉️Namni kamiyyuu namni biroo akka of ajjeesu kan kakaase yookiin kan gargaare yoo ta’e yaaliin of ajjeesuu yommuu taasifametti hidhaa salphaan; gochi of ajjeesuu yommuu raawwatametti hidhaa cimaa waggaa shan hin caalleen ni adabama.

👉️Akka of ajjeesu namni kakaafame yookiin gargaarsi taasifameef ijoollee gaa`elaafhin geenye yookiin sababa dhukkuba sammuun yookiin dullumaan dandeettii dhabee kan ture yoo ta’e; adabbiin kakaasaa yookiin gargaaraa irratti murtaa’u namni kakaafame yookiin gargaarame of ajjeesuuf kan yaale yoo ta’e hidhaa cimaa waggaa shan hin caalleen; kan of ajjeese yoo ta’e, hidhaa cimaa waggaa kudhan hin caalleen ni ta’a.seera yakkaa kwt 542https://t.me/+WFtd-XXoYGk1ZTNk
👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇
Bakka Bu’uun Dhaaluu (Representation),kwt. 842(3),831,908Bakka bu’uun dhaaluu kan jedhu dhaallii isa du’ee hogguu banamu:namni silaa lubbuun osoo jira ta’ee, dhaaltummaan dhaala isa du’ee keessatti qooda fudhachuu danda’uu tokko; dhaalchisaa isaatiin dura sababa du’een dandeettii isa du’e dhaaluu hogguu dhabu; dhalatoonni isaa isa bakka bu’uun dhaaltummaan akka hirmaatan sirna ilaalatuudha.

B/bu’ummaan dhaalchisaa dhaaluuf ulaagaaleen sadii wal-faana guutuu qaba (shh kwt.853-856):kunis:Bakka bu’aan dhaalchisaa wajjiin firooma kan qabu ta’uu Namni bakka bu’iinsaan dhaalu (the represented heir) nama dhaalchisaa dhaaluu hin malle (unworthy) ta’uu dhabuu.Bakka bu’iinsaan dhaaltummaa hin simatamne dhaaluun hin danda’amu.Garuu dhaalchisaa dhaalli isaa hin simatamne bakka bu’uun dhaaluun ni danda’ama.

2. Nama dhaaltummaaf hin malle ‘’unworthiness’’ ta’uu. Arts. 838 – 840Dhaaltuun dhaalchisaa, dhalattoota (ilmaanii fi abbayyuu) isaa ykn abbaa manaa /haadha manaa isaa itti yaadee ajjeesuun ykn yaalii ajjechaa irratti raawwachuun ykn himata yakka adabbii du’aa ykn hidhaa cimaa Wag.10 ol adabsiisu irratti ragaa sobaa bahuun isaa mirkanaa’ee itti murtaa’e ykn adabame (shh kwt.838)

Dandeettii dhabuu dhaalchisaatti fayyadamuudhaan du’aan duratti ji’a 3 gidduutti dhaalchisaan dhaamoo akka hin goone, akka hin jijjiirre, akka hin haqne kan godhe kwt.840Fedhii dhaalchisaa malee dhaamoo dhabamsiisuu, haquu fi dhaamoo sobaa qopheessuu kkf. Haata’u malee dhaalchisaan ifatti dhiifama yoo godheef dandeettii dhabuun dhaaltuu hafaa ta’a. SHH kwt.841https://t.me/+WFtd-XXoYGk1ZTNk
Forwarded from Reasonable Media
Vacancy Announcement for Fresh Graduates

Ethiopia Commodity Exchange (ECX)

VACANCY ANNOUNCEMENT No. 08 – 2023/24 (External)

Position: Junior, Legal Service and Enforcement

Job Grade: 5

Duty Station: Addis Ababa/Head Office

Job Requirements:
Education: LLB
Experience: Not Required

How to Apply:
All interested and qualified applicants may send a cover/application letter and updated CV with relevant documents via in the below link


https://docs.google.com/forms/d/13HoNSdoY4VYydv4LEO5dnTVk2G7sTZEyA2ytynjxOdI/edit

Deadline: On or before January 02, 2025
Forwarded from Muhammedteyib Nure:Judge
Galmeen yeroo beellamaa cufamee Abbaan Alangaa bu'uura seera deemsa falmii yakkaa keewwata 109(1) tiin guyyaa 15 keessatti himata akka irratti banu eeyyamamee;Abbaan Alangaa yeroo seeraan taa'e kana keessatti himannaa yoo hin bundeessine mirga wabii gaafachuu danda'aa? Manni Murtii duraan dhimmicha ilaales dhimmichi duraan bira darbame jechuun iyyata gaaffii mirga wabii ofitti fuudhee ajaja kennuu ni danda'aa?
Murtii 𝐃𝐡𝐚𝐝𝐝𝐚𝐜𝐡𝐚 𝐈𝐣𝐢𝐛𝐛𝐚𝐚𝐭𝐚𝐚 𝐌𝐚𝐧𝐚 𝐌𝐮𝐫𝐭𝐢𝐢 𝑾𝒂𝒍𝒊𝒊𝒈𝒂𝒍𝒂𝒂 𝐅𝐞𝐝𝐞𝐫𝐚𝐚𝐥𝐚 Lakk.Galmee 252231 ta'e kana dubbisaa.(Hiikoo haarawa).
#Dilbata_gaarii!!