Channel name was changed to «Ijoo Seeraa @https://t.me/+WFtd-XXoYGk1ZTNk»
Forwarded from Firew Law Office
Wixinee_Labsii_216_fooyyessuuf_qophaa'e_First_Draft_1_1.docx
63.6 KB
📎Wixinee Labsii Gurmaa’ina, Aangoo fi Hojii Manneen Murtii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Irra Deebiin Murteessuuf Bahe, lakk 216/2011 fooyyeessuuf bahe bara 2017
"Abbaan warraa fi haati warraa erga gaa'ela raawwatan booda qabeenya dhaalaan ykn kennaan dhuunfaatti argatan,qabeenya waliinii haa godhannu jedhanii waliigaltee Mana Murtii ykn qaama aangoo qabu biratti hin galmoofne yoo raawwatan,qabeenyi dhaalaan(kennaan) argame qabeenya dhuunfaa ta'ee itti fufa malee qabeenya waliinii ta'uu hin danda'u;qabeenya waliinii ta'uuf Mana Murtii ykn qaama aangoo qabu biratti galmaa'uu qaba" jechuun Dhaddachi Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Jildii 26ffaa Lakk.Galmee 198277 ta'e irratti hiikoo dirqisiisaa kenneera.
#Seera_Deemsa_Falmii_Yakkaa_Keessatti_Mirga_Ragaa_Abbaa_Alangaa_Ofirraa_Mormachuu_Himatamaa
#Ragaa_Sanadaa_Abbaa_Alangaan_Dhiyaatu_Himatamaan_Yoom_Ofirraa_Mormuu_Qaba_?
Namni yakkaan himatame tokko mirgoota bu’uuraa qabu keessaa mirgi dhagahamuu fi falmachuu isa bu’uuraa yemmuu ta’u kunis mirga waan ittiin himatame yookiin yakka irratti dhiyaate beekuu, ogeessaan gargaaramee deebii kennachuu, ragaa irratti dhiyaate beekuu fi ofirraa mormuu (the right to challenge prosecution evidence) fi falmii fi ragaa ittisaa dhiyeeffachuu kan haammatuudha.

Mirgoonni kunis akka bu’uuraatti Heera Mootummaa Rippaablika Dimokiraatawaa Federaalawaa Itiyoophiyaa fi Heera Mootummaa Naannoo Oromiyaa keewwata 20 jalatti beekamtii fi eegumsi ifa ta’e taasifameefii argama. Akkasumas Seera Deemsa Falmii Yakkaa (SDFY) keewwata 124 - 127(1) (dhiyeessa himannaa fi ragaa), keewwata 129 – 132 (dhagaha falmii duraa), keewwata 136 – 141(dhagaha ragaa abbaa alangaa) fi akkasumas seericha keewwata 142 – 143 (dhagaha falmii fi ragaa ittisaa yookiin himatamaa) fi kkf diriirfamuun tumamee jira.

Kana malees, waliigalteewwan mirga namoomaa Idil-Adunyaa biyyi keenya mallatteesite kanneen akka Waadaa Mirga Namoomaa Idil-Addunyaa (Universal Declaration of Human Rights), Kovanantii Mirgoota Siyaasaa fi Dhuunfaa Idil-Addunyaa (ICCPRs) fi kkf keessattis mirgoonni nama yakkaan himatamee kun bal’inaan beekamtii fi eegumsa kan argatan ta’uunis beekamaadha.

Mirga falmii fi ragaa ilaalchisee himatamaadhaaf heerichaan eegamuu fi seerichaan ifatti tumaman kanneen keessaa mirgi himannaa fi ragaa isa irratti dhiyaate beekuu fi ofirraa mormuu (challenging the charge and evidence against him) dirqama ragaa dhiyeessuu fi himannicha hubachiisuu Abbaa Alangaa waliin kan walqabatu yemmuu ta’u adeemsa falmii mirga kana haala haqa qabeessa ta’een kabajeen Abbaan Alangaa akkaataa himannaatti himatamaan gochaa yakkaa ittiin himatame raawwachuu isaa haala gahaa fi ifa ta’een yoo agarsiise qofa himatamaan ofirraa ittisi jedhamuu akka qabu tumaalee SDFY keewwata 141 fi 142 hiikkoo Dhaddachi Ijibbaataa MMWF Jiildii 26ffaa galmee lak. 208644 ta’erratti kenne walitti dubbisuun hubachuun ni danda’ama.

Kanaan walqabatee akka adeemsa seeraan tumameetti himatamaan ragaalee Abbaa Alangaa kan namaa fi kan sanadaa akkasumas kan biroos yoo jiraatan beekee ofirraa mormachuuf (challenge gochuuf) carraan ifatti eega kennameef booda falmii fi ragaan A/Alangaa madaalamuun himatamaan ofirraa haa ittisu yookiin hin ittisiin jedhamuu kan qabu akka ta’e seericha irraa kan hubatamuudha. Gama kanaan ragaa namaa yookiin ijaa ilaalchisee guyyaa dhagaha guutuu akkaataa SDFY keewwata 136 – 139tti gaggeeffamu irratti himatamaan dhiyaatee ragaa Abbaa Alangaa kan ijaa gaaffii qaxxaamuraa gaafachuun ofirraa kan mormu akka ta’e seerichas ta’e qabatamni hoji-maataa jiru kan agarsiisu ta’uun beekamaadha.

Haata’u malee, ragaalee sanadaa fi kan agarsiisaa (exhibit) Abbaan Alangaa dhiyeeffatu ilaalchisee mirgi ofirraa mormachuu himatamaadhaa yoom eegamuufii akka qabu, seeraa fi hoj-maata qabatamaa gidduu garaagarummaan kan jiru ta’uun alattis qabatamni jiruyyuu garaagarummaa qaba. Kunis, himatamaan ragaalee sanadaa irratti dhiyaatan gaafa jecha amantaa ykn waakkii kennu beekee ofirraa mormuu qaba moo, gaafa ragaan ijaa dhagahamu moo eega ofirraa ittisi jedhame boodadha, qabxii jedhu irratti hanqini hubannoo bal’aan kan jiru yemmuu ta’u qabatamni hoji-maataa irra caalu eega ragaan ijaa dhagahamee himatamaan ofirraa akka ittisu jedhame booda akka qaama falmii ittisaa yookiin mirga ittifachuu himatamaatti kan ilaaludha.

Bu’ura hoj-maata olitti ibsameen himatamaan ragaa Abbaa Alangaan isa irratti dhiyaate hunda irratti mirgi dursee beekuun ofirraa mormachuu Heericha keewwata 20(4) fi SDFY keewwata 136(3) jalatti tumamee jiru otuu hin eegaminiif ragaa himatamaan ofirraa mormachuuf (challenge gochuuf) carraa hin arganneen akkaataa SDFY keewwata 141tiin akka ofirraa ittisu jedhamuun mirga heeraan himatamaaf eegame kan sarbe ta’uun alattis Seera Deemsa Falmii Yakkaa kan hordofee miti.
👉Manni Murtii Aanaa dhimma hariiroo hawaasaa kamiyyuu aangoo sadarkaa jalqabaatiin ilaalee murteessuu qaba.Manni Murtii Ol'aanaa Aangoo oliyyannoo qofa qaba.
👉Manni Murtii Olaanaa dhimmoota HH fi Yakkaa oliyyannoodhaan erga ilaalee booda murtii Mana Murtii Aanaa kan cimse yoo ta’e murtichi isa dhumaa ta’a.(oliyyannoon 2ffaa hin jiru)

👉Manna Murtii Aanaatti dhimmi hariiroo hawaasaa tilmaamni maallaqa isaa qarshii miliyoona tokkoo (1) ol ta’eefi dhimmi yakkaa hidhaa baaxiin isaa waggaa kudhan (10) oliin adabsiisu dhaddacha Abbootiin Seeraa sadii itti moggaafamaniin ilaalamee kan murtaa’u ta’a.

👉Yaaii Abbootii Seeraa Naannoo irratti haalli Abbootii Seeraa Mana Murtii Olaanaafi Abbootii Seeraa Mana Murtii Aanaa irraa bakka buufamanii Yaa’ii Naannoo irratti hirmaatan qajeelfama bahuun kan murtaa’u ta’a.

👉Namnii ykn qaamnii kamuu bilisummaa mana murtii tuqu ykn ajaja mana murtii raawwachu diduun walqabate adabbii fudhatamu ilaalchise badiin raawwatamuu isaa yoo mirkaneeffate adeemsa qorannoo idilee hordofuu osoo hin barbaachisiin galmee ilaalamaa jiru irratti murtii adabbii kan kennu ta’a.
👉Ilmii namaa jiraachuuf wanti inni hin taane hin jiru akkasumas, jireenya isaa keessatti bu'aa ba'ii heddu keessa dabra. Akkuma jireenya isaa keessatti bu'aa ba'ii hedduu fi gufuu heddu keessummeessaa dabru itti gaafatamummaa jireenya isaa keessatti yakka faallaa seera itiyoophiyaatiin raawwachuu danda'a. Kanaaf seerri Itiyoophiyaa maal jedha kan jedhuuf immoo
👇👇👇
Akkaataa qajeeltoo bu'uura SDFY Itiyoophiyaa keewwata 49 tti namni kamiiyyuu ajaja Mana Murtii malee nama qabuus ta'ee  yookiin too'annaa seeraa jala tursiisuun hin danda'amu.

Namni tokko ajaja mana murtii malee to'annoo seeraa jala oolus ta'ee qabuun yeroo kami ?
Kan jedhuuf seerri SDFY kew. 50 fi 51 jalatti ifaan ibseera
1. Namni kamiiyyuu yakka harkaaf harkaa (flagrant offence) yoo raawwate
2. Nama yakka hidhaa waggaa tokkoo gadi hin taaneen raawwachuuf qophaa'e yookiin nama yakka raawwate jedhamee sababa gahaan shakkame yoo ta'e
3. Nama nageenya uummataa booressu ykn jeequu irratti argamu yoo ta'e
4. Nama to'annoo poolisii jalaa miliqee deemuuf jedhu yoo shakke
5. Humna poolisii yookiin raayyaa ittisa biyyaa jalaa miliquuf yoo yaale ta'e
6. Meeshaa manaa seerri hin hayyamne kan meeshaa mana namaa cabsuu danda'u kaayyoof hayyama seeraa tokko malee qabatee kan argame yoo ta'e
7. Kashalabbee beekamaa ta'uun isaa sababa gahaan yoo  beekameedha.

https://t.me/Fuula_Hubannoo_Seeraa
Sadarkaa Manneen Murtii Oliyyannootti, Akka Qajeeltootti, Dhagahi Oliyyataafi Deebii Kennaa Kan Gaggeeffamuu Qabu Afaaniin Moo Barreeffamaan?

¢¢¢¢¢¢✓✓✓✓✓¢¢¢¢¢¢¢✓✓✓✓✓✓✓¢¢¢¢¢¢

"Akka qajeeltootti deebii kennaan komii oliyyannoo isa irratti dhiyaateef deebii kan kennu afaaniinidha. Bitaafi mirgi falmiifi ragaa qaban hunda mana Murtii jalaatti barreeffamaan kan dhiyeeffatan waan ta'eef, deebii kennaan oliyyannoo irratti deebii isaa afaaniin akka kennatu taasisuun faayidaa hedduu qaba. Sadarkaa jalqabaatti Manni murtichaa, komii oliyyannoo garagalcha galmee mana murtii jalaa waliin wal bira qabee qoratee, dhimmoonni ifa hin taanes yoo jiraatan qulqulleessuuf qophaa'ee kan eegu waan ta'eef, tarii deebii kennaan deebii isaa afaaniin wayita kennu qabxiilee san ifa gochuu danda'a. Yoo ta'uu baates, manni murtichaa qabxiilee ifa hin taaneen wal qabatee battalatti gaaffilee kaasuudhaan bu'uura deebii gareewwan falmiitiin kennamuun dhimmicha irratti ejjennoo mataa isaa akka qabatuuf ni gargaara. Falmichi barreeffamaan kan taasifamu yoo ta'e garuu manni murtichaa waantota akkasii qulqulleessuu kan eegalu dhimmicha irratti murtii kennuuf beellamee yeroo galmicha qoratuttidha. Kanas ta'ee garuu Manni murtichaa yoo itti amane deebii kennaan deebii isaa barreeffamaan akka kennu hayyamuu ni danda'a. Yeroo kanatti oliyyataanis gama isaatiin deebii deebii isaa barreeffamaan dhiyeessuuf mirga qaba. Haa ta'u malee, adeemsi akkanaa falmicha akka malee kan dhedheressu waan ta'eef sababni addaa kan mudate yoo ta'e malee deebii kennaan deebii isaa afaaniin akka kennatu taasifamuu qaba.
   (Moojula SDFHH irratti Wiirtuun Leenjii Abbootii Seeraafi Abbootii Alangaa Federaalaatiin barreeffame irraa kan fudhatame)

👁️Seerri deemsa falmii sivilii Kwt 338 fi 339 jalatti yaaduma olitti ka'e kana ifatti agarsiisa.

✍️Tarii, qabatamaatti, bakka tokko tokkotti manneen murtii oliyyannoo adeemsa akka qajeeltootti taa'e jijjiiruun qajeeltoo hambifannoo (hafaa) taasisaniiru. (Sababa akka qabu ni beekama; garuu, sababichi qajeeltoo seeraan taa'e jijjiirsisuu ni danda'aa? kan jedhu of haa gaafannu)

✍️Akkuma olitti ka'e, afaaniin dhagahuu dhabuunis rakkoo akka qabu ogeessota hojii kana irratti bobba'anii jiranitti kan himamu miti.

✍️Kana malees, hojmaanni faallaan kun sadarkaa oliyyannotti mirga afaaniin dhagahamuu gareewwanii daangesseera. Adeemsi akkasii mirga gareewwan dhaddacha ifatti, ija keessa wal ilaalaa yaada isaanii ibsachuuf qaban kan daangessuufi uummannis  dhaddachicha irratti argamuun falmii ka'aa jiru (haqa ijaan arguun) akka hin taajjabne kan taasisudha.

Adeemsi bifa kanaan deemanu qulqullina hojii abbaa seerummaafi galma hojii abbaa seerummaa irratti dhiibbaa hin qabu jettuu? Yeroo ammaa kanatti meeshaalee tekinoolojii madaqfaman fayyadamuun afaaniin dhagahuun hin danda'amuu? Barreeffamaan taasisuun miidhaa isaamoo faayidaa isaatu caala? Isin Maal Jettu? (Kan sdfy fuulduratti itti deebina) Galatoomaa!🙏🙏

       
👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇HIMANNAAN_HARIIROO_HAWAASAA_YOO_SIRRATTI_DHIHAATE_QABXIILEEN_BEEKUU_QABDU!

Ani dubbii hin barbaadu osoo jettuu, dubbiin manatti si barbaaduu waan danda'uuf na caqasi!
☞ Himannaan Mana murtiitti sirratti dhihaata.
☞ Manni murtii garagalcha himannaa sirratti dhihaatee siif erguun, "deebii barreeffamaa qabadhuu dhihaadhu!" jedhee waraqaa waamichaa siif erga.
☞ Waraqaa waamichaa siif ergame fudhachuu hin didin! Diduun sin fayyadu. Inumaayyuu kana gochuun kee ragaa namaatiin sirratti mirkanoofnaan mirga deebii barreeffamaa dhiheeffachuukee si jalaa hambisa.
☞ Himannicha erga fudhattee booda sirriitti dubbisii, ijoo dubbii ittiin himatamte adda baafachuun deebii
barreeffamaakee qopheeffadhu.
☞ Deebii barreeffamaa kana yoo qopheeffattu 'Mormii Sadarkaa Duraa' utuu falmichattuu hin seenin galmicha sirraa cufsiisuu danda'u waliti coradhu. Fknf:-
✔️Manni murtichaa dhimmicha ilaaluuf aangoo kan hin qabne ta'uu;
✔️Himannichi daangaa yeroon kan dhorkame ta'uu;
✔️Dhimmichi kanaan dura murtii kan argate ta'uu;
✔️Dhimmichi kanaan dura araaraan kan xumurame ta'uunfaa
beellamuma duraan galmee waan sirraa cufsiisaniif itti
fayyadami!
☞ Ijoo dubbii ittiin himatamte (waan irratti wal dhabdan) ilaalchisees deebii qabdu sirriitti ibsii barreessi. Dhimmoota
sobaan sirratti dhihaatan ifatti waakkadhu barreessi. Dhugaa jirus sirriitti ibsi. Waan sirratti hin dhihaatin hin kaasin!
☞ Dabalataanis, ragaalee dhugaakee siif mirkaneessuu danda'an hunda deebiikeen wal-qabsiisi. Ragaa barreeffamaa harka kee jiru mara koppii godhii wal-qabsiisi. Ragaa barreeffamaa harka kee hin jirre ammoo bakka inni jiru ibsii bu'ura s/d/f/h/h keew.145tiin ajaja Mana Murtiin akka siif dhihaatu gaafadhu. Ragaa namootaa sii raguu danda'aniis tarreeffadhu.
☞ Booda falmii afaaniif beellamamta.
☞ Hanga siif danda'ametti falmii afaaniirraa hin hafin. Yoo hafte Manni murtii bu'ura s/d/f/h/h keew. 70 tiin bakka ati hin jirretti dhimmichi akka ilaalamuuf sirratti ajaja. Kunimmoo
baayyee si miidha.
☞ Sababa humnakee ol ta'een yoo hafte garuu, kanuma ibsuun bu'ura s/d/f/h/h keew. 72 tiin ajajichi akka sirraa ka'u iyyadhu!
☞ Erga falmii afaanii xumurtanii booda, Manni murtichaa galmicha qorachuun haqa baasuuf jecha ajaja adda addaa
dabarsuu danda'a. Fknf:- sanadni haa dhihaatuu..., lafti haa safaramuu..., qamni mootummaa ibsa haa kennu... fi kkf.
☞ Bu'aa ajajaa barreeffamaan sirratti dhihaatu kana galmeerraa koppii godhadhuu sirrittii dubbisi! Bu'aan kun kan mirgakee sarbu yoo ta'e, bu'ura s/d/f/h/h keew. 205 tiin bu'aa kana kan mormitu ta'uu fi irra deebi'amee qaama biraan qulqullaa'uu akka qabu ibsadhu!
☞ Xaarii kee kana hundumaa boodas, Manni murtichaa sirratti murteessuu danda'a. Kun jalqaba malee dhuma waan hin taaneef hin na'in!
☞ Gaafa murtiin kennamerraa eegalee hanga ji'a lamaatti Oliyyannoo kee Mana Murtii itti aanuuf dhiyyefata.
👍2
👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇
#Namni_qabeenya_bade_argate_Mirgoota_akkamii_qaba_laata?
👉Gaaffii kanaaf deebii ni ta'a jedhee yaade akka armaan gadii kanatti ibsuuf yaaleera.
#Dubbisa_Gaarii
================
✍️Abbaan qabeenyichaa hanga dhufutti harka ofii keessa galchuun kaa’uu (keewwata 1155(1)).

✍️Qabeenyi badee argame yeroo tajaajilaan ala yookaan
tortoruuf; dulloomuuf danda’utti fi kkf yookaan eegumsa isaaf
baasii baay’ee kan gaafatu yoo ta’e bakka ifaa ta’etti caalbaasiin gurguruu (keewwata 1156(1)).

✍️Baasii heedduuf kan
saaxilu jecha jedhuuf gatii qabeenyichaan madaaluun
kan ilaalamu dha.

✍️Abbaa qabeenyichaarraa tokko afuraffaan gatii qabeenyichaa bifa komishiniitiin akkuma haala isaatti argachuu danda’a. As irratti komishiniin kennamuu fi kennamuu dhabuun aangoo abbootii seeraatiif kan kenname dha (keewwata 1158(1)).

✍️Hama komishinii kan murteessuu danda’uus qabeenya nama qabeenyicha argatee fi abbaan qabeenyichaa qaban akkasumas abbaan qabeenyaa qabeenya bade barbaadee argachuuf carraa inni qabu dhiphisuu fi bal’isuun tilmaama keessa kan galchuudhan.

✍️Eegumsa yookaan gurgurtaa qabeenyichaaf, abbaan qabeenyaa dhiyaatee qabeenya isaa akka fudhatuuf baasii
beeksisaaf baase akka bakka buufamuuf gaafachuuf mirga
qaba (keewwata 1157(2)).

✍️Abbaan qabeenya baasii nama argee hanga bakka hin buufnetti qabeenyicha idaadhaan namni arge qabatee turuuf mirga qaba. Darbiinsi yeroo isaa kan raawwate yoo ta’e abbaa qabeenyaa
qabeenyichaa ta’uu (keewwata 1157(1)).

✍️Mirga kun S/H/H keewwata 1192 waliin wal qabatee kan ilaalamu dha.qabeenyi gataman yookaan dhiifaman qabeenya badan irraa garaagarummaa akka qaban hubachuun barbaachisaa dha.

✍️Qabeenyi hayyama abbaa qabeenyaan ala; kana jechuun
dagannoo irraa kan ka’e yookaan dhimma humnaa oli ta’een baduu akka danda’an gararaatti ilaaleera.

✍️Qabeenyi gataman yookaan dhiifaman garuu abbaan qabeenyaa kanniinii beekuudhaan ammaan booda na hin gargaaran jechuun kan
gate yookaan dhiise dha. Kana waan ta’eef abbaan qabeenyaa
duraa akkuma qabeenya kanniin gateen mirga abbaa
qabeenyummaa addaan cita.

✍️Qabeenyi kun akkuma gatamaniin battalumatti namni biroon kan argate qabeenyaa kaase yoo ta’e namni kun yeroo argate irraa eegalee qabeenya
kaniiniif abbaa qabeenyaa ta’a. Kanaaf, asi irratti akka dhimma
ijoo tokkotti kan fudhatamu abbaan qabeenyaa duraa
qabeenyichi harka isaa keessaa bahuu kan danda’e hayyamaa
isaan moo miti kan jedhu dha.
miidiyaa ijoo seeraa https://t.me/+WFtd-XXoYGk1ZTNk midiyaa Ijoo seeraa hordoofun maatii ta,a.
#Galatoomaa🙏🙏🙏

Share, like , or Comment godhuu dandeessu.
👉MURTII BARSIISOO✍️
Himatamtuun Halkan Alatti Daa'ima Lubbuu qabu dhaltee Gatte Hidhaa Cimaa Waggaa "4'' fi baatii "6"tiin Adabamte!!!!!
✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️
Himatamtuun maqaan isii Mastawaat Luluu Asfaa jedhamtu yakka raawwachuuf itti Yaaddee  gààfa guyyaa 18/2/2017 halkan  irraa tilmaamaan sa'aa 3:00tti Go/Ha/Bahaa Anaa Malkaa Bal'oo  Magaalaa Harawaacaa  keessaatti daa'imaa isii kan of eeguu hin dandeenye akkuma deesseen osoo inni lubbuu qabuu  gattee(Darbitee) deemte jechuun Eeruun dhiyaatee; Eeruu dhiyaate Gareen qorannaa yakkaa Ragaan qulqulleessuun galmee A/Alangaaf dabarsanii; Abbaan Alangaas Seera yakkaa bara 1996 fooyya'ee bahe kwt 574(2) jalatti yakka nama balaaf Saaxiluu ykn Balaa keessatti dhiisuutiin himannaan himatamtuu irratti dhiyaatee Himatamtuun dhaddachaatti dhiyyaattee Enyummaan isii erga mirkanaahe booda, Mormii   Sadarkaa duraa akka qabdu gaafatamee hin qabu jettee; Manni murtii Abukaatoo Dhaabeefii erga abukaattoon mariyatte booda; Jecha Amantaa kenniteen Eyyen Daa'ima dhalee Sodaa warra keenyaatiif gateen jira erga jette booda Manni murtii Akka waakkatteetti qabachuun ragaan AA akka dhagahamu ajajee, Ragaan AA dhagahamee erga irratti mirkaneesse booda, manni murtii jalmurtii laateen Keewwatuma ittiin himatamte jalatti ofirraa ittisi erga jedheen booda Himatamtuun ragaa ittisaa hin qabu jechuun guca guuttee dhaddachaaf erga dhiheessite booda, Kewwata ittiin himatamte jalatti murtii balleessummaa kennuun Dhaddacha gaafa guyyaa 23/3/2017 Ooleen Adabbii himatamtuu fi Namoota akka isii kan biroo barsiisuu dandahu Hidhaa Cimaa waggaa Afuriifi Baatii Jahaa(HC.W4 fi B.6)tiin Adabamtee jiti.
Hub. Dubartoonni Seeraan Ala daa'ima godhattanii Daa'ima Abdii Boruu gattan ykn darbitan Murtee kanarraa barattanii  yakka kanarraa akka of eegdaniin Dhaamsa Keenya.

WAAAM/Bal'oo 
Sadaasa 23 Jaaja
👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇#LAFA_NAMAA_IRRATTII_MANA_IJAARUU
Lafa qabiyyee nama biroo irrattii namnii mirga hin qabnee tokko abbaan qabiyyee osoo mormuu yookiin iddoo inni hin jirreetti yookiin abbaan qabiyyeedha yoo osoo hin mormiin calliisuu fi hayyamuun mana ijaaramuun wal qabsiisee irrattii seerri maal jedha
✍️ Seerri biyya teenyaa nama qabiyyee nama irrattii mana ijaarrate ilaalchisee SHH kew.1170 fi 1179 irratti dubbatee jira.
Namni tokko lafa qabiyyee isaa hin ta'in yookiin kan nama biraa irratti mana ijaarachuu hin danda'u.Mirgii itti fayyadamuudha kan abbaa qabiyyeeti jedha.
✍️ Namnii osoo abbaan qabiyyeedhaa ykn lafaa laftii kan kootii irratti hin ijaarrattu jechuun mormuu lafa nama irrattii mana ijaarrate furmaata lamaatu jira.
1-Baasii inni mana ittii ijaaree osoo hin kaffaliin mana keessaa baasuu ni danda'a.
2-Namichii lafa nama irraatti mana ijaare baasii isaatiin mana irraa diiggatee akka deemuu hayyamuufi.
Abbaan lafichaa yeroo namni biraa lafa isaa irraatti mana ijaarutti iddoo san yoo hin jirree fi ijaaramuu isaa yoo quba hin qabannee, yeroo dhagayetti ykn beeketti manicha akka gad dhiisee deemuu godhuu ni danda'a.
✍️ Namni lafa isaa irrattii nama biraatin manni ijaaramuu osoo arguu ykn beekuu yoo hin mormiin ykn akka hin ijaarreef dhoorkuuf yaalii hin godhiin hayyamee ta'e,
Dhaddachi Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Jildii 6ffaa lakk galmee 30101fi jildii 20ffaa lakk galmee 105125 irrattii manni kan abbaa ijaarrateeti abbaan qabiyyee namicha mana irrattii hojjatee gatii baasii mana itti ijaare kaffallee keessa baasuu fi irraa fudhachuu hin danda'u jechuun murtii kennee ture.
👉 Qabxiin inni biraa #Namni qabiyyee Lafa magaalaa bitatee Mana irratti ijaare baasii ijaarsaaf baase abbaa qabiyyee (gurgurataa) gaafachuu danda'aa
⚖️ Dhaddachi Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Jildii 22ffaa Lakkoofsa Galmee 141606 ta'e irratti "qabiyyee Lafaa tokko waliigaltee bittaa fi gurgurtaa seeraan alaatiin argame ta'uu yoo mirkanaa'e,gareen laficha bitatee Mana irratti ijaare eeyyama gurgurtaatiin kan ijaareedha jedhamee tilmaamni seeraa fudhatamu kan hin jirre waan ta'eef, bitataan mana ijaare baasii isaatiin kaasee qabiyyicha abbaa qabiyyeetiif(gurgurataaf) gadi lakkisuu akka qabu" hiikoo dirqisiisaa kennee ture.

⚖️ Dhaddachi Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Jildii 22ffaa Lakk.Galmee 128650 ta'e irratti "namni laficha bitee Mana irratti ijaare qabeenya laficha irratti ijaarame baasii isaatiin kaasuu malee baasii gurgurtaa (abbaa qabiyyee) gaafachuu akka hin dandeenye" hiikoo kennee ture.

Itti fufa.....
𝐍𝐚𝐦𝐧𝐢 𝐘𝐚𝐤𝐤𝐚𝐚𝐧 𝐇𝐢𝐦𝐚𝐭𝐚𝐦𝐞 𝐌𝐢𝐢𝐝𝐡𝐚𝐦𝐚𝐚 𝐑𝐚𝐠𝐚𝐚 𝐈𝐭𝐭𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐆𝐨𝐝𝐡𝐚𝐭𝐞𝐞 𝐃𝐡𝐢𝐲𝐞𝐞𝐟𝐚𝐜𝐡𝐮𝐮 𝐍𝐢 𝐃𝐚𝐧𝐝𝐚'𝐚?
     (Murtii fi Dhimma Falmisiisaa)

📌Namni yakkan himatame miidhamaa akka ragaa ittisaati dhiyeefatee miidhamaan himatamaan yakkicha hin raawwanne jechuun kan rage yoo ta’e abbaan alangaa miidhamaan jecha ragaa faayidaa dhunfaatiif bitame kan kanne tahuu isaa hanga hin mirkaneesinitti himatamaan yakka ittin himatame ofirraa hin ittifne kan hin jechisifne tahuu isaa dhaddachi Ijibaataa mana murtii waliigala federaalaa jildii 22ffaa irratti murtii dirqisiisaa kannee jira.

📌Kana jechuun mirgi ragaa ittisaa dhiyeefachuu mirga namummaa heeraa fi waadaalee mirgoota namummaa Idil Addunyaa jalatti tumamee jiru fi mirga bal'aa waan ta'eef namni yakkaan himatame ragaa ittisaa barbaade dhiyeefachuu kan danda'u ta'uu isaa kan agarsiisuudha.

📌Murtii dhaddacha ijibaataa kanaan walqabatee dhimmi guddaan gaaffii kaasu miidhamaan jalqaba gaafa ragaa Abbaa Alangaa tahuun dhiyaate himatamaan yakkicha raawwate jechuun ragee yeroo lamaffaaf ammaas ragaa ittisaa himatamaa tahuun dhiyaate gaafa himatamaan yakkicha hin raawwanne jechun rage yakka ragaa sobaatin hin gaafatamu?

📌Miidhamaan ragaa ittisaa ta'un dhiyaatee himatamaan yakkicha hin raawwane jechuun erga ragee booda yakka ragaa sobaatin kan himatamu yoo ta'e murtii dhaddacha ijibaataa kana akka ittisa seeraati kaafachuun itti gaafatamummaa yakka jalaa bahuu ni danda'aa?
https://t.me/ijooseeraa
🔰𝐁𝐚𝐫𝐧𝐨𝐨𝐭𝐚 𝐬𝐞𝐞𝐫𝐚𝐚 𝐟𝐢 𝐨𝐝𝐞𝐞𝐟𝐚𝐧𝐧𝐨𝐨 𝐝𝐡𝐢𝐦𝐦𝐨𝐨𝐭𝐚 𝐬𝐞𝐞𝐫𝐚𝐚𝐭𝐢𝐢𝐧 𝐰𝐚𝐥𝐪𝐚𝐛𝐚𝐭𝐚𝐧 𝐤𝐚𝐦𝐢𝐲𝐲𝐮𝐮 𝐢𝐭𝐭𝐢 𝐟𝐮𝐟𝐢𝐧𝐬𝐚𝐚𝐧 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐜𝐡𝐮𝐮𝐟 𝐭𝐨𝐨𝐫𝐚 𝐭𝐞𝐥𝐞𝐠𝐢𝐫𝐚𝐚𝐦𝐢𝐢 𝐤𝐞𝐞𝐧𝐲𝐚 𝐤𝐚𝐧𝐚 𝐣𝐨𝐢𝐧 𝐠𝐨𝐜𝐡𝐮𝐧 𝐧𝐮 𝐡𝐨𝐫𝐝𝐚𝐟𝐚𝐚.
👉olny legal issue and legal questions can be posted and rised on this page !https://t.me/+WFtd-XXoYGk1ZTNk Midiiyaa Ijoo Seeraa kana Hiriyoota keessaniif share waliif gochun maatii ta,a .
3👍1
👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇
𝗚𝗔𝗔'𝗘𝗟𝗔 𝗢𝗦𝗢𝗢 𝗛𝗜𝗡 𝗥𝗔𝗔𝗪𝗪𝗔𝗧𝗜𝗡 𝗔𝗞𝗞𝗔 𝗔𝗕𝗕𝗔𝗔 𝗠𝗔𝗡𝗔𝗔 𝗙𝗜 𝗛𝗔𝗔𝗗𝗛𝗔 𝗠𝗔𝗡𝗔𝗔𝗧𝗧𝗜 𝗪𝗔𝗝𝗝𝗜𝗡 𝗝𝗜𝗥𝗔𝗔𝗖𝗛𝗨𝗨:𝗕𝗨'𝗔𝗔 𝗦𝗘𝗘𝗥𝗔𝗔 𝗛𝗢𝗥𝗗𝗢𝗙𝗦𝗜𝗜𝗦𝗨

#Maatiin bu'uura hawaasaa akka ta'ee fi mootummaa dabalatee qaamolee hunda irraa eegumsi taasifamuufii akka qabu Heera Mootummaa Federaalaa fi kan Naannoo Oromiyaa keewwata 34 (3) jalatti tumameera.

Karaalee maatiin itti ijaaramuu fi seeraan beekamtiin kennameef keessaa tokko osoo gaa'ela hin raawwatin akka abbaa manaa fi haadha manaatti wajjin jiraachuu (irregular union) dha. Karaan biraa maatiin ittiin bu'uureffamu gaa'ela. Seerri Maatii Oromiyaa boqonnaa tokko (boqonnaa 8ffaa) dhimma kanaaf kan ramade yoo ta'u hariiroon kun beekamtii fi eegumsa seeraa kan argate ta'uu agarsiisa.

Hariiroon kun jira jedhamuuf ulaagaaleen guutamuu qaban maal maal? Walitti dhufeenyaa fi qabeenya gareewwan lamaanii irratti bu'aalee akkamii hordofsiisa? Seerri hariiroo kanaaf eegumsa gochuu kan barbaade maalirraa ka'eeti? Qabxiileen jedhan barreeffama gabaabaa kana keessatti uwwisa kan argatan ta'a.

𝗛𝗮𝗿𝗶𝗶𝗿𝗶𝗰𝗵𝗶 𝗝𝗶𝗿𝗮 𝗝𝗲𝗱𝗵𝗮𝗺𝘂𝘂𝗳 𝗨𝗹𝗮𝗮𝗴𝗮𝗮𝗹𝗲𝗲 𝗚𝘂𝘂𝘁𝗮𝗺𝘂𝘂 𝗤𝗮𝗯𝗮𝗻
Osoo gaa'ela hin raawwatin hariiroon akka abbaa manaa fi haadha manaatti wajjin jiraachuu jira jedhamuuf ulaagaa guutamuu qabuu fi hariiricha mirkaneessuuf ragaa dhiyaachuu qabu Seerri Maatii Oromiyaa keewwata 128, 129 fi 136 jalatti ifatti kaa'ee jira.

Kunis, haalli jarri itti wajjin jiraatan hawaasa keessa jiraatan biratti akka abbaa manaa fi haadha manaatti akka isaan ilaalu taasisuu danda'uu dha. Ragaan dhiyaatus hawaasni jara lamaan akka abbaa manaa fi haadhaa manaatti kan ilaalu ta'uu mirkaneessinaan gahaa akka ta'e keewwata 136 irraa ni hubatama, dhaddachi ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaas galmeewwan adda addaa irratti murtiiwwan dirqisiisoo kennees kanuma agarsiisu.

𝗕𝘂'𝗮𝗮 𝗨𝘂𝗺𝗮𝗺𝘂𝘂𝗻 𝗛𝗮𝗿𝗶𝗶𝗿𝗶𝗰𝗵𝗮𝗮 𝗛𝗼𝗿𝗱𝗼𝗳𝘀𝗶𝗶𝘀𝘂
𝙵𝚒𝚛𝚘𝚘𝚖𝚊 𝙸𝚕𝚊𝚊𝚕𝚌𝚑𝚒𝚜𝚎𝚎: Jiraachuun hariirichaa firooma firoota foonii dhiirichaa fi dubartittii gidduutti firooma fuudhaa fi heeruma irraa maddu uumuu hin danda'u. Haa ta'u malee yeroo hariirichi jiru keessatti firoota dhiirichaa fi kan dubartittiit gidduutti dhorkaan wal fuudhuu Seera Maatii Oromiyaa keewwata 28'n dhorkame raawwatiinsa akka qabu tumameera; jecha birootiin yeroo dhiirri tokkoo fi dubartiin tokko osoo gaa'ela hin raawwatin akka abbaa manaa fi haadha manaatti waliin keessatti obboleewwan isaanii akkasumas ijoollee obboleewwan isaanii ykn obboleewwan isaanii ijoollee obboleewwan isaanii wal fuudhuu hin danda'an jechuu dha.

𝙱𝚊𝚊𝚜𝚒𝚒 𝙹𝚒𝚛𝚎𝚎𝚗𝚢𝚊𝚊 𝙸𝚕𝚊𝚊𝚕𝚌𝚑𝚒𝚜𝚎𝚎: lamaanuu akkaataa humnaa fi dandeettii isaaniitti baasii jireenyaa waliin haguuguuf dirqama qabu (keewwata 131)

𝚀𝚊𝚋𝚎𝚎𝚗𝚢𝚊 𝙸𝚕𝚊𝚊𝚕𝚌𝚑𝚒𝚜𝚎𝚎: hariirichi waggaa 3 fi isaa ol kan ture yoo ta'e qabeenyi yeroo waliin jireenyaa kana keessatti uumame qabeenya waliinii akka ta'uu fi idaawwan yeroo kana keessatti seenamanis idaa waliinii akka ta'an seerichaan tumameera (keewwata 132). Hariirichi waggaa sadii kan hin guutne taanaan garuu bu'aan hariirichi qabeenya irratti hordofsiisu hin jiru.

𝙰𝚍𝚍𝚊𝚊𝚗 𝙲𝚒𝚝𝚞𝚞 𝚆𝚊𝚕𝚒𝚒𝚐𝚊𝚕𝚝𝚒𝚌𝚑𝚊𝚊 𝙸𝚕𝚊𝚊𝚕𝚌𝚑𝚞𝚜𝚎𝚎: lamaan jaraa yeroo kamittuu addaan kutuuf mirga kan qaban ta'uun ibsameera. Jiraachuu fi jiraachuu dhabuu hariiroo kanaa ilaalchisee falmiin yoo ka'e dhimmicha ilaalee murtii kennuuf aangoo kan qabu Mana Murtii qofa akka ta'es tumameera (keewwata 135 fi 137).https://t.me/+WFtd-XXoYGk1ZTNk
👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇
#Adabbii Du'aa
....
Adabbiin du'aa maali? Haalli raawwii isaa akkami? Seerri yakkaa keenya maal jedhaa? Murtiin du'aa maloota adabbiin seera yakkaa yakkamaa tokko irratti kennamu keessaa isa tokkoodha. HMFRDI kwt.15 jalatti murtii du'aatiif uwwisa kenneera. Akkas jedha.
“Every person has the right to life. No person may be deprived of his life except as a punishment for a serious criminal Offence determined by law”. Heera mootummaa hordofee seerri yakkaa keenya tumaalee kwt.117-120 jalatti dhimmoota kanneenif uwwisa seeraa kenneera. Yakkoonni adabbii du'aa hordofsiisanis yakkoota ciccimoo fi addatti yakkamtoota balaafamoo ta'an irrattiidha. Yakkoota adabbii du'aa adabsiisan muraasa yoo ilaalle:
Seera Yakkaa kwt. 539,671(2), 238(2), 240(2), 241,246, 247,248, 251, 258), 252(2) fi yakkoota waraana irratti raawwataman (kwt. 270) fa'aa ilaaluun ni danda'ama.
Akka qajeeltootti adabbiin du’aa kan murtaa’u, yakkichi xumura kan argate ta’ee, daran baay’ee cimaa ta’uu isaafi yakkamtichis balaafamaa addaa ta’uu isaatiin, yakkichaaf adaba akka ta’utti seerichaan ifatti tumamee yoo jiraate, akkasumas yakkamtichaaf sababni adabbii salphisu kan hin jirre yoo ta'ee fi yakkamtichi yeroo yakkicha raawwatetti yoo xiqqaate umuriin
isaa/she waggaa 18 (Kudha Saddeet) kan guute yoo ta'e qofaadha.
° Adabbiin du’aa, murtiin isaa pirezidaantii biyyaattiin kan ragga’e yoo ta’e malee raawwatamuu hin danda’u. Adabbichi dhiifamaan yookiin baraarsaan kan hin diigamne yookiin kan hin jijjiiramne ta’uun isaa qoratamuu fi beekamuu isaatiin dura raawwatiinsa hinqabaatu.
° Adabbiin du’aa uummata duratti, addababayiitti fannisuun yookiin karaa biroo kabaja namoomaa isaa tuqu kamiiniyyuu hin raawwatamu. Adabbichi haala kabaja namoomaa isaa eegeen mooraa mana sirreessichaa keessatti akka raawwatamu ni ajajama. Tooftaan raawwii isaas qaama olaanaa seera raawwachiisaa Bulchiinsa Mana Sirreessaa Federaalaa yookiin Naannoo dhimmichi ilaallatuun ni murtaa’a.
° Namni Adabbiin Du’aa Itti Murtaa’e Hanga Adabbichi Raawwatamutti Haala kamiin turaa? Namni adabbiin du’aa itti murtaa’e hanga adabbichi ragga’uu fi raawwatamutti, haala hidhamaan adabbiin hidhaa cimaa itti murtaa’e adabbii isaa raawwatuun hidhamee ni tura.Bulchiinsi mana sirreessichaa nageenya hidhamtichaaf eegumsa eeggannoo barbaachisaa ta’e ni taasisaaf. Hidhamtichi yoo fedheefi kan danda’amu yoo ta’e, kutaa itti hidhame keessatti hojii akka hojjetu ni taasifama.
° Raawwiin Adabbii Murtii Du’aa Dhorkamee Turuu ni danda'a. Haalli raawwii isaas Namoota guutummaan yookiin gartokkeen itti gaafatamummaa hinqabne, yookiin nama baay’ee dhukkubsate, yookiin dubartii ulfaa irratti hanga haala akkasii keessa jiranitti adabbiin du’aa isaan irratti murtaa’e dhorkamee ni tura.
° Adabbii Du’aa Jijjiiruun ni danda'amaa? Eeyyee! Dubartiin ulfaa daa’ima lubbuu qabu yoo deesseefi daa’ima kanas sooruufi guddisuun yoo ishee irra jiraate, adabbiin du’aa kun hidhaa cimaa umurii guutuutti ni jijjiiramaaf...https://t.me/+WFtd-XXoYGk1ZTNk
Murtii DhIMMWF dhimma adeemsa falmii mirga abbaa qabiyyummaa lafa baadiyyaa irratti seera addaa raawwatiinsa qabu ilaalchisee dhaddacha gaafa kenne.

"....Akkuma olitti ibsame dhimmichi falmii mirga abbaa qabiyyummaa lafa baadiyyaatiin wal qabatee himannaa dhiyaate kan ilaallatu waan ta'eef, Manni murtii himannichi sadarkaa jalqabaatiin itti dhiyaatu, haala (sirna) dhiyaatinsa oliyyannoofi sirna itti iyyannoon dhaddacha ijibbaataatti dhiyaatuu, fi manneen murtii iyyannoowwan kana akka ilaalaniif aangoon kennameef ilaalchisee falmii ka'u irratti seerri addaa raawwatiinsa qabaatu labsii Bulchiinsaafi Itti Fayyadama Lafa Baadiyyaa naannichaa labsii lakk.110/1999dha" jedheera.

👁️Dhimmi kun kan eegale Naannoo SSU Kibbaa irraa ta'ullee, Dhaddachi Ijibbaataa MMWF murtii kana keessatti
seerri addaa adeemsa falmii mirga abbaa qabiyyummaa lafa baadiyyaa irratti raawwatiinsa qabaatu seera bulchiinsaafi itti Fayyadama Naannoo sanii ta'uu haala kallattii agarsiisuun kaa'eera.
        https://t.me/+WFtd-XXoYGk1ZTNk
#Cheekii_Gogaa
Akkuma beekamu Seerri Yakkaa biyya keenyaa kwt 693(1) jalatti namni kamiyyuu yeroo cheekiin kennamutti (bahutti) ykn yeroo cheekiin baankiitti dhiyaatutti maallaqa gahaa itti ajaju akka hin qabne osoo beekuu cheekii yoo kenne yakkaan kan adabamu ta'uu tumeera. Kwt xiqqaa (2) jalatti immoo gochichi dagannoodhaan kan raawwatame yoo ta'es yakkaan kan adabsiisu ta'uu tumeera.

Barreeffamni gabaabaan olitti dhoobame kun (☝️☝️☝️), yakka cheekii gogaa kennuu seera Yakkaa kwt 693 jalatti ibsameen kan wal qabatu yemmuu ta'u, barreeffamichi Dhaddachi Ijibbaataa MMWF dhimmichaan wal qabatee galmee garaagaraa irratti yaada garaagaraa calaqqisiisuu isaa, keessattuu falmii sivilii cheekiin wal qabatu keessatti dhimmi wabummaa akka ittisaatti ka'uu kan danda'u ta'uu galmeelee addaa addaa irratti ibsaa turuufi dhimma yakka cheekii gogaa keessatti garuu wabummaan akka ittisaatti ka'uu kan hin dandeenye ta'uu ibsàa turee booda kana murtii Lakk.Ga.161448 ta'e irratti kenneen fooyyessuu, murtiin boodarra kenname kunis iftoomina kan hin qabne ta'uu, dhaddachichi dhimma yakkaa irratti sadarkaa mirkaneessa ragaa (Standard of Proof) isa gadi aanaa kan fayyadame ta'uu ibseera. Kana malees, muuxannoo biyya Indiyaa kaasuudhaan seera baastuun ulaagaa gochaa seera yakkaa kwt 693 ifa taasisuun seericha fooyyessuu qaba jechuunis yaada isaa kenneera.

Akkuma olitti ibsine barreeffamichi, gama kanaan, murtii Dhaddachi Ijibbaataa MMWF Lakk.Ga.161448 (Jildii 25ffaa) ta'e irratti murteesses xiinxaleera. Murtii yakka cheekii gogaa kennuu ilaalchisee kenname kana keessatti dhaddachichi; Hariiroo daldalaa nama cheekii kenneefi fudhate gidduu jiru irraa ka'uudhaan cheekiin kan kenname ta'uu, dhimmicha keessatti cheekiin kan kenname akka calleeffamuuf osoo hin taane wal amantaadhaaf ta'uu ibsuudhaan, ta'us namni cheekii kenne itti gaafatamummaa yakkaa irraa bilisa ta'uu kan danda'u cheekicha wabummaadhaaf ykn qabsiisaaf kan kenne ta'uu isaatiifi waliigalteen Wabummaa ykn qabsiisaa (pledge) bu'uura ulaagaa Seera Daldalaafi Seera Hariiroo Hawaasaa keessatti teechifameen raawwatamuu isaa yoo mirkaneesse malee mirkaneessi ragaa namaatiin taasifamu fudhatama hin qabu jechuun akka bu'uura murtichaatti Seera Daldalaa Kwt 952 fi SHH kwt 2864-2866s caqaseera. Hiikkoon seeraa Galmee Lakk.67947 ta'e irratti kennamee tures fooyya'uu isaa ibseera)https://t.me/+WFtd-XXoYGk1ZTNk