Forwarded from Olika M law Office (Olika ❤️ Mohmedzakir)
Hiikoo_Jildiidhaan_hin_maxxanfamne_gara_Afaan_Oromootti_hiikame.pdf
13.3 MB
👍1
Forwarded from Jemal Kumbi
Waliigalteen Tokko Seeraan Ala Ta’uu Manni Murtii Ofii Isaa Kaasee Kufaa Gochuu Nidanda’aa?
=================================================
Heera Mootummaa kwt 40(2); Labsii Lafa Baadiyaa Lkk 1324/2016, Labsii Lkk 248/2015, Murtii Dh Ijbt MMWF glme Lkk 257723 ta’erratti gaafa 25/04/2017 kenname
=============================
Waliigalteen tokko bu’aa seeraa akka qabaatuuf, "Seeraa qabeessa" ta’uun dirqama. Kanas yeroo hedduu eega waldiddaan uumamee dhimmichi mana Murtii gahe booda gareewwan falmiin kan ka’u yoo ta’u darbee darbee otuu gareewwan hinkaafnes Manni Murtii adeemsa falmii keessatti waliigaltichi seeraan ala ta’uu haalli itti argu/hubatu nijira. Kanas, yoo falmitoonni mormii waliigaltee seeraan alaa jedhu dhiyeessuu baatan, manni murtii ofii isaatii kaasuu hindanda’u jedhamee ogeessota seeraa hedduun nidubbatama."
Hata’u malee, Dhaddachi Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa murtii dhiyoo kenneen qabxiilee armaan gadii ifa godheera: Manni murtii sadarkaa kamiyyuu irratti argamu, waliigalteen dhiyaateef seeraan alaa ta’uu isaa yoo mirkaneeffate, falmitoonni mormii dhiyeessuu baatanis, murtii ofiitiin (kaka'umsa ofiitiin) waliigalticha kufaa gochuu ni danda’a.
Fkn, gurgurtaan Lafaa Maqaa "Kennaa”tiin raawwatamu waliigaltee seeraan alaatidha. Gurgurtaan lafaa seeraan dhorkamaa dha. Kunis Heera Mootummaa kwt 40(2) jalatti akka qajeeltoo imaammata Lafaatti kan tumame yoo ta’u Labsii Lafa Baadiyaa kan Federaalaas ta’ee kan naannolee keessatti ifaan tumamee jira.
Gurgurtaa lafaa bifa "Waliigaltee Kennaa" tiin haguuganii dhiyeessuun seera qabeessa taasisuuf yeroo hedduu haalli itti yaalamu qabatamaan nimul’ata. Waliigalteen akkasii jalqaba irraa kaasee bu’aa seeraa waan hin qabneef, qabiyyee waliigaltee kennaan argadhe akka harkaan nagahan ykn gadi lakkisan jedhanii gaafachuuf mirga hin kennu.
Akkasumas waliigaltee seeraan alaa ta’een qabiyyee qabatanii waggoota dheeraaf gibira kanfaluunis mirga abbaa qabiyyummaa hin argamsiisu.
Kanaaf walumaagalatti , waliigalteen akkasii. Seeraa ala (unlawful) waan ta’eef jalqabuma bu’aa hinqabu (void abinitio) akka ta’ee fi Manni Murtii kamiiyyuu kaka’uumsa ofiitiin kufaa gochuu akka qaban Dhaddachi Ijibbaata MMWF galme olitti caqafamee fi kanneen biroo irratti hiikkoo seeraa kennee jira.
Jemal K Kumbi
https://t.me/speaklawinabsentia

Telegram
Jemal Kumbi
jemal4k
Forwarded from Jemal Kumbi
Dhimmi MMtti falmii irra jiru tokko waliigalteen araaraan xumuramuun waliigaltichi MMtti dhiyaatee mirkanaa’uun akka Murtii MMn kennameetti kan ilaalamu ta’uun SDFHH kwt 277(1) jalatti tumamee jira. Kanaan walqabatee gareen falmii keessa hinturre waliigalteen araaraa sun mirga koo tuqa jedhu waliigaltee araaraa sana akka diigamuuf gaafata moo iyyannoo mormii murtii dhiyeeffata?
=====================================================
Dhimmi falmii irra jiru tokko waliigaltee araaraan ximuramuun waliigalteen araaraa MMtti dhiyaatee mirkanaa’uun galmeen eega cufame bood gareen biroo waliigalteen araaraa sun mirga koo miidha ykn ani keessatti hin hirmaanne jedhu akkaataa SDFHH kwt 358tiin mormii Murtii MM waliigalticha mirkaneessetti dhiyeeffachuu malee himannaa haaraa waliigalteen akka diigamu jedhu dhiyeessuu hindanda’u . SDFHH kwt 276, 277(1) fi Dh Ijbta MMWF glm Lkk 114623 (Jld 20)

Forwarded from የኢትዮጵያ ጉምሩክ ህጎች (𝗕𝗶𝗸𝗶𝗹𝗮 𝘀𝗲𝗴𝗻𝗶🍅 It's better to trust on God than to put confidence in man)
Kennaan Lafa Baadiyyaa Mana Baasaaf Jedhamee KennamuUlaagaa Akkamii Guutuu Qaba?
•••
Kennaa akkasumas bittaa fi gurgurtaa dabalatee waliigalteen mirga qabeenya hin sochoone dabarsuuf taasifamu kamuu seera qabeessa jedhamuuf barreeffamaan ta’ee qaama waliigaltee raawwachiisuuf aangoo qabu biratti taasifamuu akka qabu Seera Hariiroo Hawaasaa keewwata 1723, 2877 jalatti tumamee jira.
Labsii lafa baadiyyaa Oromiyaa haaraa (lakk. 248/2015) keessattis waliigalteen kennaa lafa baadiyyaa ilaalchisee taasifamu barreeffamaan ta’ee Waajjira Lafaa Aanaa biratti galmaa’uu akka qabu keewwata 13 (6) fi (7) jalatti ibsamee jira. Waliigalteen kennaa lafa baadiyyaaulaagaa kana osoo hin guutin taasifame seera duratti fudhatama kan hin qabne ta’uu keewwata 13 (7) jala taanee jira. Labsii dursaa (lakk. 130/1999) raawwachiisuuf dambiin bahee ture dambii lakk. 151/2005 keewwata 3 (12) jalattis tumaan wal fakkaataan tumamee argama.
Haa ta’u malee kennaan lafa baadiyyaa namni tokko gaafa gaa’ela raawwatu maatii (abbaa fi ykn haadha fi maatiiwwan gara oliitti lakkaa’aman) irraa kennamuuf ulaagaa barreeffamaan taasifamuu fi galmaa’uu olitti ibsame kana dirqama guutuun akka irraa hin eegamne dhaddachi ijibbaataa MMWF galmeewwan lakk. 113973 (jildii 19ffaa), 197998 (jildii 28ffaa) fi kanneen biroo irratti murtii dirqisiisaa kennee jira. Akkaataa ejjannoo dhaddacha ijibbaataa kanaatiin kennaan mana baasaaf jedhamee taasifame raawwatamuun mirkanaa’e taanaan barreeffamaan taasifamuu fi galmaa’uun dirqama waan hin taaneef kennaa seera qabeessadha.
Dhaddachichi ejjannoo kana irra gahuuf waan isa dandeessise murtiilee kanneen keessatti gaafa xinxaalu aadaan hawaasaa gama kanaan gabbate eegumsa argachuu kan qabu ta’uu fi kennaan gosa kanaa barreeffamaan taasifamuu qaba jedhamee seerichaan ifatti waan hin tumamneef waanti ifatti hin dhorkamne akka hayyamametti lakkaa’ama waan jedhu wayii fakkaata.
Mee irratti haa mari’annu: gama tokkoon baratama aadaa hawaasaatiin gabbate eegumsa kennuuf jedhamee haala kanaan hiikoo seeraa kennuun aangoo dhaddacha Ijibbaataa waliin akkamitti ilaalama? gama biraatiin seerichi waliigaltee kennaa lafa baadiyyaa jedhee bifa waliigalaatiin ibsee osoo jiruu waliigaltee kennaa lafa baadiyyaa mana baasaaf jedhamee taasifamu addatti treat gochuun eessaa dhufe?
https://t.me/Customlaws

የኢትዮጵያ ጉምሩክ ህጎች
🍅stay Tunned
#Manni murtii tokko dhimma dhiyaateef irratti waliigalteen akka diigamu kan murteessu yoo ta'e, gareewwan waliigaltee bakka duraan turanitti akka deebi'an murteessuun itti gaafatamummaa mana murtiiti malee akkaataa sdfs kwt 182(2)tiin dhimma gareewwaniin dhiyaachuu qaba jedhamu akka hin taane Dhaddachà #Ijibbaataa MMWF, hiikkoo seeraa dirqisiisaa dhaddacha gaafa 05/02/2017 ooleen Lakk.Ga.248670 ta'e irratti (kan hin maxxanfamne) irraa ya hubanne .
https://t.me/http_Ijooseeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
Telegram
https://t.me/ijoo seeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa