Himatamaan Raawwataa Yakkaa Muummee (principal offender) Ta’uun Namoota Biroo Waliin Himatame Yakkicha Raawwateera Jechuuf Ragaan AA Maal Murkaneessuu Qaba? Himatamaan Bakka Raawwii Yakkichaatti Argamuun Isaa Qofa Gahaadha?
==================================
Seera Yakkaa 32 fi 23; SDFY kwt 141; Murtii Dhaddacha Ijbt Glmee Lkk 251519 ta’erratti gaafa 24/06/2017 kenname waliin kan xiinxalame
==================================
Yakka gareen raawwatamu ilaalchisee gosaa fi sadarkaa akkasumas bifa hirmaannaa raawwattoota adda addaa ibsuudhaan Seerri yakkaa diriisee kan tume yemmuu ta’u sana keessaa inni yeroo hedduu beekamuu fi baratamaan hirmaattota raawwataa yakkaa mummee (principal offenders) jedhamuun SY kwt 32 jalatti ibsamedha.
Raawwataa yakkaa muummee kan jedhaman namoota qaamaan iddoo yakkichaatti argamuu baatanillee yaada yakkichaa abbummaan wixineessanii hoogganan, namoota ofii isaanii qaamaan yakkicha raawwatan ykn tooftaa adda addaatti fayyadamuun raawwachiisan jedhamuun seericha kwt 32(1(a-c)) jalatti ibsamanii jiru.
Namoonni akkasii kun yakka ittiin himataman raawwatan kan jedhamu ulaagaalee sadiin yakkaa seera yakkaa kwt 23(2) jalatti tarreeffaman (kutaa yaadaa, kutaa seeraa fi gochaa) haala guuteen raawwii yakkichaa keessatti hirmaachuun yoo mirkanaa’e qofadha.
Haallan kun guutamuu isaanii ragaan Abbaa Alangaa akkaataa SDFY kwt 141n shakkii sababi qabeessaa olitti mirkaneessuu kan qabu yemmuu ta’u MMtis ragaa AA bu’ura kanaan Madaaluun tokkoon tokkoon hirmaattotaa kwt 32n gareen himataman yakkicha keessaa hirmaannaa qabaachuu fi dhiisuu mirkaneessuun ofirraa haa ittisan ykn hin ittisinii murteessuu akka qabu Qajeeltoowwan Seera Ragaa kan ajajan ta’uun gamattis Dhaddachi Ijbt yeroo hedduu galmeewwan Lkk 113464 (vol 19), 225975, 246157 fi 228017 (kan hinmaxxanfamne) irratti hiikkoo dirqisiisaa kennee jira.
Qabxiilee ijoo namoota raawwataa muummee ta’uun SY kwt 32 jalatti gareen himatamaan ilaalchisee yakkicha raawwatan jechuuf ragaan AA maal mirkaneessuu qaba kan jedhuu fi himatamaan iddoo raawwii yakkichaatti argamuu isaa ragaan ibsuun qofa gahaadha moo miti kan jedhu ilaalchiseetis Dhaddachi Ijbt yakka ajjeechaa cimaa SY kwt 32(1(a)) fi 539 jalatti himannaa naannoo Sidaamaatti namoota lama irratti dhiyaachuun hanga Dhaddacha Ijbt gaheen Dh Ijb MMWF glme Lkk 251519 ta’erratti murtii gaafa 24/06/2017 kenneen hiikkoo ifa ta’e kenneera.
Dhimmicha keessatti iyyataan Dhaddacha Ijbt himatamaa 2ffaa kan ture yoo ta’u hirmaannaa isaa ilaalchisee ragaan AA jecha kennaniin “isa ta’uu fi dhiisuu adda hinbaafannee garuu nama isa fakkaatu iddoo sanatti arginee jirra, namoota du’aa reebuun waraanaa turan keessaa tokko himatamaa 2ffaa fakkaata, sana dura himatamaa 2ffaa hinbeeknu” jechuun ibsuu isaanii Dh Ijbt gargalcha Murtii jalaa keessaa ilaaluu caqasee jira.
MMO Naannichaa ragaan itti mirkaneesseera jechuun iyyataa balleessaa taasisee kan adabe yoo ta’u MMW Dhaddachi idilee ragaan AA iyyataa irratti shakkii sababi qabeessaan olitti hinmirkaneessine jechuun murtii MMO diigee iyyataa bilisa godheera. Dhaddachi Ijbt Naannichaa ragaan AA iyyataan iddoo yakkichaa akka turee fi gochicha raawwachuu mirkaneessanii jiru jechuun murtii MMO cimseera.
Dhaddachi Ijbt MMWF gama isaan 1) ragaan AA namni yakkicha raawwate iyyataa kana fakkaata jedhan malee iyyataa ta’uu isaa akka hinibsine MM jalaa galmeessuu isaanii fi iddoo yakkichaatti argine jechuu malee maal akka raawwate akkaataa SYbkwt 32(1(a)) , 23(2) fi 58tiin ifatti wanti agarsiisan akka hinjirre garagalcha Murtii MM jalaa irraa hubachuu isaa fi ;
Akkasumas 2) iyyataan maal akka raawwate ifatti ragaan adda bahee bakka hinibsamnetti iddoo yakki itti raawwatametti argamuun qofti yakkicha raawwateera jechuuf gahaa akka hintaane bal’inaan ibsuun walumaagalatti ragaan AA iyyataan yakka raawwachuu isaa hirmaannaa isaa agarsiisuun shakkii sababi qabeessaa olitti otuu hinmirkaneessin murtiin MMO fi Dh Ijbt Naannichaa kennan dogongora ijoo qajeeltoo madaallii ragaa waan ta’eef Dha Ijbtaan ilaalamee sirraa’uu danda’a jedhee murtii MMO fi kan Dha Ijb Naannichaa diigee kan MMW dhaddacha
Bu'aa Qormaata Barreeffamaa fi Afaanii
----------------------------------
(Fulbaana 23,2018 MMWO,Caffee Araaraa,Finfinnee)-Dorgomtoota Gargaaraa Abbaa Seeraa Mana Murtii Aanaa hundaaf,bu'aa qormaata barreeffamaa fi afaanii kan isiniif ifoomsine ta'uu beeksisaa,qabxiin  qormaata barreeffamaa 100% keessaa kan kaawwame ta'uufii bu'uura sirna jiruun 30% tti kan deebi'u ta'uu ni hubachiifna.
Adeemsa itti aanu yeroo dhiyootti waan isin beeksifnuuf fuula 'faceboo'  fi 'telegram' keenya akka hofdoftan ni beeksifna.
Forwarded from ⛤ Karam Tamaam ⛤
Fedhii fi beekamtii hojjataa ykn ajaja mana murtii malee hojjetaa irraa mindaa hir'isuun dhorkaadha.

Labsii H/M lakk.1353/17 Kw.11(2)
#Dhaddachi Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Jildii 23ffaa Lakkoofsa Galmee 156408 ta'e irratti "mallattoon waliigaltee liqii irra jiru kiyya miti jedhamee falmiin yeroo ka'u;mallattoo waliigaltee irra jiru liqeeffataan jedhame yoo waakkate,qorannoo forensikii(saayinsaawaa) tiin mallattoon kan isaa akka hin taane yoo mirkanaa'e;liqeessaan mallattoon waliigaltee irra jiru kan liqeeffataa ta'uu ragoolee namaa qaba ragaa namaatiin nan hubachiisa jechuun himannaa dhiyeessu fudhatama akka hin qabne,dhimma akkanaa ragaa namaatiin mirkaneessuun akka hin danda'amne" murteessee ture.
⚖️Waliigalteen liqii qarshii 500 ol barreeffamaan ta'uu akka qabu shh keewwanni 2472 tumeera.
👉Waliigaltee liqii qarshii 500 ol barreeffamaan hin taasifamne(afaaniin) waliigalame himatamaan hin liqeeffanne jedhee yoo haale ragaa namaa dhagahuun mirkaneessuun ni danda'ama? Liqii afaaniin waliigalame himatamaan yoo amane himataan murtiin abbaa mirgaa ta'uun bu'uura seeraa qaba?
Jildii 13ffaa Lakk.Galmee 64397,Jildii 20ffaa Lakk.Galmee
116961,Jildii 5ffaa Lakk.Galmee 31737,Fi Jildii 10ffaa Lakk.Galmee 29181.

https://t.me/http_Ijooseeraa
#Haati Mucaa, Abbàan Warraa Ana Waliin Gaa'ilaan Jiru Abbàa Mucaa Waan Hin Taaneef Qorannoon DNA naaf Haa Taasifamu Jettee Kallattiin Gaafachuu Dandeessii? (Mucichi Gaa'ila Isaan Gidduu Jiru Keessatti Kan Dhalate Ta'ee Osoo Jiruu) Adeemsa Akkamii Hordofee Gaafatamuu (Qulqullaa'uu) Danda'a?

‎========//========///==============

‎Abbummaan tooftaalee tilmaama seeraa ykn ofitti fudhachuutiin akka murtaa’uuf falmiin wayita ka’u, bu’aan qorannoo DNA akka ragaa ittisaatti akka dhiyaatu tumaan seeraa ifatti agarsiisu jiraachuu baatus, manneen murtii adeemsa seeraan diriire hordofuudhaan murtii haqa qabeessa ta’e kennuuf barbaachisaadha jedhanii yoo itti amanan hojiirra oolchuu ni danda’u. Bu’aan qorannoo DNA akkaataa seerichaan ibsameen sababoota seera qabeessaan akka ragaatti kan dhiyaatudha malee sababa haati tilmaama seeraan taa’e haalteef qofa akka ragaatti kan dhiyaatu miti.    
‎    (Dhaddacha Ijibbaataa MMWF, Lakk.Ga.148570 (Jildii 23ffaa)

‎አባትነትን በሕግ ግምት ወይም በመቀበል መንገዶች ለመወሰን ክርክር ሲነሳ የባህሪ ወሳኝ ቅንጣት(DNA) ውጤት እንደ መከላከያ ማስረጃ እንዲቀርብ በሕጉ በግልጽ የተቀመጠ ድንጋጌ የሌለ በመሆኑ ፍርድ ቤቶች በሕጉ የተረዘረጋውን ስርዓት ተከትለውና ለትክክለኛ ፍትህ አሰጣጥ አስፈላጊ መሆኑን ሲያምኑበት ተግባራዊ ሊያደርጉት ይችላሉ:: የዘር የባህሪ ወሳኝ ቅንጣት (DNA) ምርመራ ውጤት በሕጉ በተመለከተው አግባብ በሕጋዊ ምክንያቶች ለማስረጃነት የሚቀርብ እንጂ በሕግ የተቀመጠውን ግምት እናት ስለካደች ብቻ ለማስረጃነት የሚቀርብ ማስረጃ ነው ተብሎ ድምዳሜ የሚደረስበት አይደለም::            
‎    (የሰ/መ/ቁ. 148570, ቅጽ-23) 

‎   credit        to    Desalegn B.
https://t.me/http_Ijooseeraa
Yakka Ajaja Mana Murtii Fudhachuu Diduu, Cabsuu ykn Gufachiisuu

Seera yakkaa MDFRI bara 1996 bahe kwt 448, Labsii Lkk 216/2011 kwt, 48 fi Murtii Dh Ijbt Jld 13ffaa glme Lkk 67777 ta’erratti hiikkoo kenname
Waliin ha ilaallu
Manni Murtii hojii tajaajila haqa kennuu hojjetu keessatti dhimma qabate qulqulleessuuf ajaja adda addaa dhaabbilee mootummaas ta’ee miti mootummaa ykn nama seeraas ta’ee nama uumamaa tti dabarsuu ykn baasuu nidanda’a.
Kana males ajaja ykn murtii kenne akka raawwatanis ajajuu mala. Qaamni ajajame ykn namni biroo ajaja Manni Murtii kennu sababa malee raawwachuu ykn fudhachuu dide ykn akka hinraawwatamne danqe ykn cabse itti gaafatamummaa adda addaa kan hordofsiisu akka ta’ee fi yakkaanis akka adabamuudha.

Ittigaafatamummaa ajaja Mana Murtii cabsuun ykn danquu ykn fudhachuu diduun hordofsiisu keessaa tokko itti gaafatamummaa yakkaa yemmuu ta’u innis SY kwt 448 fi labsi Lkk 216/2011 kwt 48 jalatti tumamee jira.
Kanas Manni Murtii qaama gochaa akkasii raawwate irratti galmeedhuma ajajni cabe ykn raawwachuu didame ykn danqame irratti kenname sana irratti qulqulleessa biroo otuu hin barbaachisin tarkaanfii itti gaafatamummaa yakkaa fudhachuun adabuu akka qabu keewwanni seerota olitti ibsamee ifatti tumee jira.Dhaddachi ijibbaataa mana murtii woliigalaa federaalaas  murtii lakk.Galmlee  67777 ta’een Jildii13ffaan manxanfame keessatti haala kanaan  murteessuun murtii hiikkoo dirqisiisaa qabu kennee jira.
https://t.me/http_Ijooseeraa
Forwarded from Jemal Kumbi
Afeerraa Yaada Uummataa
-----------------------------
(Fulbaana 27,2018 MMWO,Caffee Araaraa,Finfinnee)-Dorgommii Gargaaraa Abbaa Seeraa Mana Murtii Aanaa gaggeeffamaa tureen wal qabatee bu'aa qormaata barreeffamaa fi afaanii ifoome ture irratti dabalataan ulaagaaleen bu'uura Dambii BASO fi qajeelfamoota rogummaa qabaniin jiran waliin 100% keessaa cuunfuun kunneen caalmaa argatanii argaman akkasumas kunneen eeggataa ta'an ifoomanii jiru.Waan ta'eefis naamusa dorgomtoota kanaa irratti odeeffaannoo fi eeruu gara garaa kan qabdan lakk.bilbilaa 0903571457 irratti(telegraamaa fi SMS) n akka nuuf barreessitan ykn Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa,Waajjira Gumii Bulchiinsa Abbootii Seeraatti qaamaan argamuun eeruu akka nuuf kennitan ni gaafanna.
Hub-1)Dorgomtoonni lakk.65ffaa-70ffaatti jiranii fi eeggataa 1ffaan qabxii waliigalaan wal qixa waan argataniif eeggataa ta'uu kan qabu CGPAn akka adda bahu murtaa'eera.
2) Baay'inni eeggattootaa bu'uura sirna jiruun 25% kan fudhatamaniidha.
Via MMWO
Akka beeknuu fi hanga quba qabnuun yaada itti haakennunuu.