➜• Ragaa waa’ee namoota mirga qabanii ibsu sassaabuudhaan abbaan mirgaa eenyu akka ta’e murteessuu,
➜• Koree shallagduu qabeenyaa ofiin qabeenya tilmaamsisuu, erga shallagamee booda akkaataa Dambii kwt 15 jalatti ibsametti guyyaa shaniif uummataaf ifa ta’ee kantiibaa ykn bulchaa aanaatiin mirkaneessisuu,
➜• Hanga tilmaamaa kana beeksisa ajaja gadi lakkisiisuu keessatti ibsuun ajaja gadi lakkisiisuu abbaa qabiyyeefi haadha warraa (abbaa warraa)f erguufi gahuu isaa mirkaneeffachuu,
➜• Beenyaa maallaqaa kaffaluu (baankii cufaa kaa’uu), lafa ykn mana bakka bu’iinsaatu kennama yoo ta’es dursee iddoofi hanga isaa adda baasee kennuu,
➜• Qabiyyee lafaa gadi lakkisiisee of harkaan gahuufi
➜• Dhuma irratti daangaa kabachiisuudha. Labsiifi Dambiin armaan olitti ibsaman kwt 6 jalatti dhaabbattoonni bu’uuraalee misoomaa diriirsan daangaan kabajamuu osoo hin mirkaneeffatiin waliigaltee diriirsuu seenuu akka hin qabne tumu.
Adeemsi kun adeemsa qaamni aangoo gadi lakkisiisuu qabu dirqama hordofuu qabudha. 

✍️ Labsiin lakk.1161/2011 seera bulchiinsaa adeemsa itti lafti faayidaa uummataaf gadi lakkisiifamu of keessaa qabudha. Labsiin kun ajaja ykn murtii qaamni aangoo gadi lakkisiisuu qabu kennu irraa namni komii qabu qaama ilaallatutti iyyachuu akka danda’u kan ibsu ta’ullee adeemsota seeraan teechifaman (adeemsa tokko) osoo hin hordofin namni dhuunfaa qabiyyee akka gadi lakkisu yoo taasifame furmaata seeraa akkamii qaba kan jedhu irratti ifa miti.
➥ Sadarkaa Mootummaa Federaalaatti, Labsiin Adeemsa Bulchiinsaa Federaalaa,  Labsii Lakk.1183/2012 namni murtii qaama bulchiinsaa irraa komii qabu dursee qaamuma bulchiinsaatti iyyachuu akka qabuufi Mana Murtii Ol’aanaa Federaalatti dhiyaachuu kan  qabu murtiin bulchiinsaa keessa deebiin akka ilaalamuuf (judicial review) dhaaf qofa akka  ta’e tuma.

➥Haalli itti murtiin bulchiinsaa keessa deebiin ilaalamu qajeeltowwan tarreeffaman bu’uura godhachuun ta’uu labsichi kwt 50(2) jalatti tumeera. Kun immoo yoo xiqqaate sadarkaa federaalatti sababoonni itti manni murtii idilee murtii bulchiinsaa keessa deebi’uun itti ilaalan jiraachuu kan namatti agarsiisudha.

✍️ Dambiin lakk.472/2012 kwt 7(4) jalatti qaamni lafa gadi lakkisiifate erga gadi lakkisiifatee booda yeroo seeraan ykn waliigalteen taa’e keessatti kan hin misoomsine yoo ta’e tarkaanfiin 
kan fudhatamu bu’uura seera bulchiinsa lafaatinidha jechuun tumeera
https://t.me/http_Ijooseeraa
‎"Abbaan alangaa galmeen murtiif kan bule yoo ta'ees,murtii haqaa kennuuf barbachiisaadha jedhee yoo amane himannaa isaa foyyeessuu ni danda’a jechuun MMWFDHIJ Jildii 20ffaa lakk G 116405 ta'ee irratti hiikkoo dirqisiisaa kenneera"
‎Akkaatuma kanaan yoo mannii murtii didee A/Alangaa murtiin durattii gara mana murtii ol'aanaatti ol'iyyachuu akka danda’uu MMWFDHIJ Jildi 24ffa Lakk G 171521 fi Jildii 17ffaa Lakk G 93234 ta'e irratti ol'iyyachuu akka danda’uu hikkoo dirqisiisaa kenneera"
https://t.me/http_Ijooseeraa
✍️ Akka waliigalaatti yakki Hannaa abbaan qabeenyaa osoo hin argin dhoksaan kan raawwatamu yommuu ta'u Yakki Wanbadummaa garuu miidhamaan dhuunfaa osuma ilaaluu humnaan dirqisiifamee qabeenya isaa haala Ittisuu hin dandeenyeen kan raawwatamuudha.

✍️ Yakki Wanbadummaa kan raawwatamu qabeenya irratti yommuu ta'u yakki Dirqisiisuun Fayyadamuu immoo gadi aantimmaa xiinsammuu ykn hamilee namootaa irratti kan raawwatamuudha.

Yakki Wanbadummaa bu'uura Kan godhatu qabeenya yommuu ta'u yakki Dirqisiisuun Fayyadamuu immoo gadi aantimmaa xiinsammuu ykn hamilee namootaa kan bu'uureeffatuudha.

👍 Kanaafuu yakki Hannaa kan himatamaan "miidhamaan dhuunfaa na arge moo hin argine " jechuun dhoksaan raawwatu yommuu ta'u yakki Wanbadummaa immoo himatamaan Hanna raawwachuuf yoo jedhu ykn yommuu raawwatu ykn erga raawwatee booda miidhamaa dhuunfaa irratti gocha humnaa ykn doorsisaa kan irraan gahuudha.

👍 Dirqisiisuun Fayyadamuun immoo himatamaan gocha humnaa ykn doorsisaa yakka Wanbadummaa irra salphaa ta'e kan fayyadamee Fi Yakkichis akkuma olitti ibsame sanadootaan kan walqabate ta'ee miidhamaa dhuunfaa irraan dhiibbaa xiinsammuu yommuu gahu kan hundaa'uudha.

✍️ Gochi baratamaan "butuu" jedhamu immoo yakka Hannaa waliin kan ramadamu yommuu ta'u Himatamaan miidhamaa dhuunfaa irratti gocha humnaa yoo fayyadame garuu yakka Wanbadummaa kan hundeessu ta'a:
https://t.me/http_Ijooseeraa
1
Dirqama Qallaba Kennuu Raawwachuu Dhabuu fi adabbii yakkaa.
==========================================
Dirqama qallaba kennu dirqama seera irraa madde yoo ta'u Abbaan mirgaa fi abbaan dirqama qallaba kennu qabu akkaataa qallabnii itti kennamu waligaltee raawwachuu ni danda'u.
Haa ta'u malee waligalteen isaani kuni faallaa ulaagaa ykn haala dureewwan seeraan ka'aame faaleessuu hin qabu.
Kanumaan seeri yakkaa biyya keenyas kwt 658 jalati dirqama qallaba kennu  raawwachuu dhabuun adabbii akke hordofsiisu tume jira
Kunis...
Namni kamiyyuu sababa gahaa malee:
(a) Bu’uura seeraan qallaba kennamuu qabu abbootii mirgaaf, murtiin hiikkaa
hanga kennamutti abbaa warraa yookiin haadha warraa gaaffii hiikkaa
fuudhaafi heerumaa dhiheesseef ta’ullee, hin kennu kan jedhe yookiin
kennuu kan bacancarse yoo ta’e; yookiin
(b) Bu’uura seeraan, yookiin dirqama waliigaltee seeneen dubartii fuudhaafi heerumaan ala ulfeesseef yookiin nama fuudhaafi heerumaan ala saalqunnamtiin isa waliin jiraateef yookiin daa’ima fuudhaafi heerumaan
ala dhalateef dirqama maallaqaa guutuu qabu kan hin baane yoo ta’e;
iyyannoon dhuunfaa yommuu irratti dhihaatu adabbii maallaqaatiin yookiin hidhaa salphaa ji’a jaha hin caalleen ni adabama jechuun kaa'ee jira.
Akka waligalatii
Qallabni nama hojjate galii jireenya isaaf maluu argachuuf humna hin qabneefi rakkoo irra kufeef qallaba seeraan nama qallaba kennuu dirqama qabu irraa akka ittin jiraatuf kennamu waan ta'eef namni qallaba kennuu dirqama qabu dirqama isaa sirnaan bahaachuun qallabaa fudhataas lafaatii hin malee saaxiluu irraa akkasumas ittigaafatamumaa yakkaa itti dhufu irraa of eeguu qaba jechudha.
Fuula FB Teedii Abbaa Haqaa irraa fudhatame
https://t.me/http_Ijooseeraa
Qabiyyee Lafa Dhaalaa Irratti Dhaalaan Mana Ijaare Mirga Akkamii Qabaata?
==================================
Heera Mootummaa kwt 40(3,7), SHH kwt 1179(2), 1180, Murtii Mana Maree Federeeshiinii glme Lkk 106/15 ta’erratti gaafa 28/10/2015 kennamee fi Murtii Haaraa Dha Ijb Mana Murtii Waliigala Federaalaan galmee Lkk 242314 ta’erratti gaafa 30/11/2017 kenname
==================================
Namni qabiyyee lafaa nama biroo irratti eeyyama abbaa qabiyyeetiin ykn abbaan qabiyyee otuu hinmormin ijaarsa raawwate/ mana ijaare qabiyyicha irratti mirga akka argatu SHH kwt 1179 jalatti tumamee kan jiru yoo ta’u Dhaddachi Ijb MMWFtis yeroo adda addaatti murtiilee adda addaa kennaa turee jira.
Fkn, glme Lkk 22563 ta’erratti dhaaltuu Lafa Dhaalaa irratti mana ijaaree ykn falmii dhaaltota giddutti ka’uuf tumaan SHH kwt 1179 raawwatiinsa akka hinqabne kan murtaa’e yoo ta’u glmee Lkk 96628 ta’erratti murtii kenneen immoo bakka Manni mormii dhaalchisaa malee ykn eeyyama dhaalchisaan ijaarame irra qubate qofa ilaalchisee SHH kwt 1179 raawwatiinsa akka qabu hiikkoo kennee ture.
Glme Lkk 30101 ta’erratti immoo mormii malee ykn eeyyama dhaalchisaatiin ykn abbaa qabiyyeetiin mana ijaarame irratti mirga akka argatu kan murteesse yoo ta’u Manni Maree Federeeshiinii gama isaan glmee Lkk 106/15 ta’erratti hiikkoo kenneen lafti qabeenya mootummaa fi ummataa ta’uu fi namni dhuunfaa mootummaa irraa karaa seeraan yoo argate malee lafa Nama biroo irratti ijaarsa raawwateef baasii baase gaafachuu irraan kan hafe laficha irratti mirga argatu hinqabu jechuun Heera Mootummaa kwt 40(3) waliin tumaan SHH kwt 1179 walsimee hiikamuu  akka qabu hiikkoo heerawaa kennee jira.
Murtii Mana Maree Federeeshiinii kana bu’ura gochuuni fi hiikkoowwan walhinsimnee fi ifa hintaane garaagaraa galmeewwan olitti caqafaman irratti kennee ture akka walsimuu fi ifa ta’u gochuuf jecha Dh Ijb MMWF galmee Lkk 242314 ta’erratti murtii haaraa gaafa 30/11/2017 kenneen dhaalaan Lafa Dhaalaa irratti eeyyama dhaalchisaatiin ykn mormii dhaalchisaa malee mana ijaara ijaarsa raawwate qofa ilaalchisee SHH kwt 1179n kan ilaalamu ta’uu fi sanaan alatti Lafa irratti mirgi akka hinjirree fi tumaan SHH kwt 1179-1180 jiru mirga abbaa qabiyyummaa lafaa dabarsuu ilaalchisee raawwatiinsa akka hinqabne abbootii seeraa Nama torbaan hiikkoo dirqisiisaa haarawa kennee jira.
https://t.me/http_Ijooseeraa
2
Erga falmiin eegalee booda himataan /himatamaan ragaa haaraa yoo argate  bu’uura sdfs keewwata 91 tiin himannaan /deebii fooyyeffachuu danda’aa?===========================MMWFDHIJ Murtii hin maxxanfamne lakk.210559 ta’e irratti dhaddacha gaafa 26/08/2014 ooleen kan armaan gadii jedheera.===============================
SDFS  keewwatni 91 fooyya’uun himataa/deebii dhimmicha caalaatti ifa taasisuuf yookaan murtii haqaa kennuuf ni gargaara jedhamee yoo tilmaame  kan hojii irra oolu malee, falmii yookaan ragaa haaraa argame dhiyeessuuf  kan gargaaru miti.
https://t.me/http_Ijooseeraa
Yakki kompiwutaraa maalidha? Gochoota akkamii hammata, maal adabsiisa?
==================================
Labsii lkk 956/2008 kwt 2(1(a-c)), kwt 3 fi 4
=================
Yakka kompiwutaraa jechuun gochaa yakkaa kompiwutara irratti ykn sirna compiwutaraa ykn daataa kompiwutaraa ykn neerwoorkii irratti raawwatamu ykn, yakka kompiwutara ykn sirna kompiwutaraa ykn daataa ykn netwoorkii fayyadamuun raawwatamu ykn, kompiwutaraan ykn sirna kompiwutaraan ykn networkiin qabiyyee daataa seeraan alaa tamarin gochaa raawwatamu jechuu akka ta’e Labsii Lkk 956/2008 kwt 2(1(a-c)) jalatti ibsamee jira.
Gama biraan namni kamiiyyuu gara kompiwutara ykn sirna kompiwutara ykn networkii hayyama malee ykn hanga eeyyamameen ala darbuun seenuun adabbii hidhaa salphaa waggaa sadii hincaalleen ykn adabbii mallaqaa qarshii kuma 30 hanga kuma 50n kan adabsiisu akka ta’e labsicha kwt 3(1) jalatti kan tumame yoo ta’u yakkichi kan raawwatame kompiwutara ykn sirna kompiwutaraa ykn networkii dhaabbata qaama seerummaa qabu tokko qofaaf akka tajaajilu addatti kenname irratti yoo ta’e adabbii hidhaa cimaa waggaa 3-5 adabbii mallaqaa qarshii kuma 30-50n akka adabsiisus labsicha kwt 3(2(a)) jalatti ibsamee argama.
Misooma tajaajila bu’uraa ummataa kan akka Telekom fa’a irratti kan raawwate yoo ta’e yakkichi ulfaataa ta’uu fi adabbii hidhaa cimaa waggaa 5-10 fi adabbii mallaqaa kuma 50-100,000 adabsiisa (labsicha kwt 3(2(b)).
Kana malees eeyyama malee kompiwutaara ykn sirna kompiwutara ykn netwoorkii ykn sirna tajaajila daataa process gochuu butuun yakka adabbii hidhaa cimaa waggaa 5 hincaallee fi adabbii mallaqaa kuma 10 hanga kuma 50n kan adabsiisu akka ta’es labsicha kwt 4(1) jalatti kan tumame yoo ta’u yakkichi sirna kumpiwutaaraa ykn networkii ykn tajaajila daataa process gochuu tajaajila dhaabbata qaama seerummaa qabu tokkoof addatti kenname ykn wirtuulee tajaajila bu’uraa irratti raawwatame yoo ta’e adabbii isaa daraan cimaa akka ta’es labsicha kwt 4(2,3) jalatti kan tumame irraa nihubatama.
https://t.me/http_Ijooseeraa
#Garaagarummaa_Himannaa_Dhaaltummaa_Fi_Himannaa_Qoodinsa_Qabeenya
Dhaalaa Iyyannoo ykn himannaa bifa kamiin dhiyaatetu himannaa dhaaltummaati ykn himannaa qoodinsa qabeenya dhaalaati jedhu adda baafachuuf himannaa dhiyaate haalaan qorachuu kan qabu Mana Murtiidha. Himanni dhaaltummaas ulaagaan isaa maal akka ta’e seera dhaalaa keessatti ball’inaan ibsamanii jiran

↪️Dhimmoota kana addaan baasuu danda’uun keenya darbinsi yeroo dhimmichaaf rogummaa qabu kami kan jedhu murteessuu akka dandeenyuuf nugargaara. Kutaa kana jalatti ulaagaa himannaa dhaaltummaa fi himannaa qoodinsa qabeenya dhaalaa tooftaa ittiin addaan baafnu akka armaan gadiitti ilaalla.

✍️Dhimma kana lamaan addaan baasuun darbinsi yeroo dhimmicha irratti raawwii qabu isa kami kan jedhu murteessuuf kan gargaaru ta’a.

✍️Garee wal falmu keessaa tokko dhaaltuu ta’uu isaa yeroo seerichaan taa’e keessatti kan mirkaneeffate yoo ta’e kaan immoo haaraa gaaffii qulqulleessaa kan gaafatu yoo ta’e himannaa dhaaltummaa malee himannaa qoodinsa qabeenyaa kan ta’u miti. Sababiin asitti ka’uu malu
immoo gareen falmu tokko haaraa akka qabeenyaan qulqullaa’u gaafataa jira waan ta’eef kun
dhimma SHH kwt 996 kaasee hanga 999 jiru keessa darbuu waan gaafatuuf himannaa dhaaltummaatiin fudhatama.Gama biraatiin gareen wal falmu yeroo seerichaan taa’e keessatti dhaaltuu ta’uun isaanii fi gaheen isaanii qulqullaa’ee beekame tokko falmiin isaan gidduutti taasifamu himannaa qoodinsa qabeenya dhaalaa malee himannaa dhaaltummaa kan ta’u miti.Sababiin isaa immoo gareen wal falmu ragaa dhaaltummaa yeroo seerichaan taa’e keessatti fudhataniiru yoo ta’e sirni qulqulleessa qabeenya dhaalaa raawwatameera yaada jedhu irraa
ka’eeti.

✍️ Bu’uura ulaagaa himannaa dhaaltummaa SHH kwt 999 tiin dhaaltuu ta’uun isaa akka
beekamee gaheen isaa ykn qabeenyaan dhaalaa akka deebi’uuf namni gaafatu himannaa  dhaaltummaati malee qoodinsa qabeenyaa hin ta’u.

✍️Himannaan qoodinsa qabeenyaa dhaalaa gareen wal falmu bitaa mirgaan dhaaltuu ta’uun isaanii yeroo seerichaan taa’e keessatti beekamanii jiru garuummoo qabeenya dhaalaa osoo hin qooddatiin namoota turaniif ta’a jechuudha. Qabatamaan gahee qabeenya dhaalaa dhaaltuu dhugaatiin qabatame akka deebi’uuf dhaaltuu dhugaa birootiin dhihaatu; qoodinsa qabeenyaa bu’uureffachuun addaan baateen ni jira. Ulaagaa himannaa himannaan dhaaltummaa fi himannaa qoodinsa qabeenya dhaalaa ittiin adda bahan  murtii DhIMMWF tiin kennaman kana dubbisaa.

👉SHH kwt 999 fi hiikkoowwan seeraa dhaddacha Ijibbaataa Federaalaatiin yeroo adda addaa kennaman FKN Dh.IJ.MMWF lakk galmee 20295 lakk galm. 44237 fi lakk galmee 15974 irratti kenname ilaalaa ta’uu fi himata dhaaltummaa ta’uu ilaalchise, keessattuu bu’aa kwt.1001 fi 1002 jalatti ibsamaniin wajjiin.

👉DhIMMWFtiin jildii 10 ffaa galmee lakkoofsa 44237
https://t.me/http_Ijooseeraa
Komiin Qaxxaamuraa Ol’iyyataan Deebii Akk Itti Kennu Ajajamuu Kan Qabu Yoom?
==================================
SDFHH kwt 337, 340(2), 213 fi Murtii Dh Ijb MMWF glme lkk 92043(Jld 18)
==================================
Yeroo hedduu Murtii kennamu tokko irratti Komiin ykn ol’iyyannoon kan dhiyaatu garee tokko qofa akka ta’e baay’inaan kan beekamu ta’us gareen lamaanii yeroo kotanii galmee akka addaa irratti bitaa fi mirgaan ol’iyyatan arguunis darbee darbee nimul’ata.
Murtii tokko irraa bitaa fi mirgi komii yoo qabatan galmee adda addaa irratti komii adda addaan dhiyeessuu irra galmeedhuma komiin jalqabaa irratti dhiyaate irratti deebi kennaan komii isaa qaxxaamuraan dhiyeeffachuu akka danda’us SDFHH kwt 340(2) jalatti tumamee jira.
Kunis komiin bitaa fi mirgaan galmee adda addaa irratti dhiyaatu otuu hinbeekamin kophaa kophaa ilaalamuun Dhaddacha garaagaraatti murtiin walfaallessu carraan itti kennamuu bal’aa waan ta’eef ol’iyyannoon qaxxaamuraa rakkina akkasii kanas hambisuuf kan gargaaruudha.
Kanaan walqabatee gaaffiin ijoon hunannoof dhiyaachuu qabu 1) ol’iyyannoon qaxxaamuraa simatamuu kan qabu dursa komiin ol’iyyataa muummee nidhiyeessisa yoo jedhame qofa ta’uu fi deebi kennaaaf deebii akka kennu waamichi guyyaa isa dhaqqabee kaasee guyyoota 30 keessatti Ol’iyyannoo qaxxaamuraa dhiyeeffachuu akka qabu SDFHH kwt 340 (2) jalatti tumamee argama.
Akkasumas 2) komiin qaxxaamuraan dhiyaates kanfaltii tajaajila abbaa seerummaa barbaachisu eega itti lanfalamee booda dhaddachaaf dhiyaatee qoratamuun akkaataa SDFHH kwt 338tiin nidhiyeessisa eega jedhame qofa ol’iyyataan muummeen deebii akka itti kennu ajajamuu akka qabu Dhaddacha Ijbtaa MMWF glme lkk 92043 ta’erratti (Jld 18) murtii kenneen hiikkoo itti laatee jira.
https://t.me/http_Ijooseeraa
1
Hubachiisa: Maqaa abbaa jijjiiruu fi abbaa ofii jijjiirachuun garaagara
Seeraa (SDFHH kwt. 33 fi 231, SHH kwt. 32-46 fi 3358- 3360) fi murtiin hiikkoo seeraa dirqisiisaa Dhaddacha Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaatiin galmee kana (116977) irratti kenname maqaan abbaa kiyyaa naaf haa jijjiiramu jechuun himanni dhiyaachuu akka hin dandeenye ni agarsiisu. Haala kanaan maqaan abbaa abbaa sanaaf maqaa dhuunfaati waan ta'eef maqaan dhuunfaa akka jijjiiramu gaafachuu kan danda'u abbuma maqichaa qofa ta'a. Namni biroo (ilma abbaa maqichaas dabalatee) seerummaa kanaa dhiyeessuuf dantaas ta'ee sababa himannaa hin qabaatu.
Haa ta'u malee, qabatamaan hubannoo wal dhahaa seerummaa maqaa abbaa jijjiirsisuu gaafachuufi seerummaa maqaa abbaa ofiitiin waamamuu yookin maqaa maatiitiin (dabalataan) akka waamamuf akka murtaa'u gaafachuu tokko gochuun fudhachuutu mul'ata.
Namni tokko maqaa nama abbaa isaa hin taaneetiin kan waamamu yoo ta'e maqaa sirrii abbaa gudeedaa ofiitiin akka waamamu akka murtaa'uuf yookiin maqaa maatiitiin dabalataan waamamuu akka danda'uu akka murtaa'uuf gaafii seerummaa dhiyeeffachuu akka danda'u (Dhugummaa gaafii fi mirgi garee biroo karaa seeraan ala ta'een sababa kanaan miidhamu akka hin jiraanne dirqamni mirkaneessuu akkuma jirutti ta'ee) tumaalee SHH dhimmichaaf rogummaa qaban (kwt. 32-46 fi kwt 3358- 3360) fi murtiilee hiikkoo seeraa dirqisiisoo Dhaddacha Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaatiin jildiilee 9(Lakk.galmee 95995), 15( Lakk.galmee 116977) fi 21( Lakk.galmee 120355) irratti kennaman irraa kan hubatamuudha.
https://t.me/http_Ijooseeraa
Forwarded from Elias Kasa Legal Service. (Elias Kasa)
Leenjii Labsii Investimentii labsii 249-2015.pptx
6.2 MB
👉Hubannoo waliigalaa Labsii Bulchiinsaa fi Ittifayyadama Lafa Baadiyyaa lakk.248/2015 fi Labsii Bulchiinsa Investimentii Naannoo Oromiyaa Lakk.249/2015 irratti yaadama tumaalee Labsiiwwani kana duuba jiran irratti Leenjistootaa fi Qorattoota ILQSO kenname dha. Bara 2016
👉Credit To Ibsa Chemeda( BAAWOtti AA Naannoofi Qindeeessa Qorannoo fi Qophii Wixinee S.)- 👉👉👉👉👉👉👉👉https://t.me/eluLaw
Waamicha Qormaataa Dorgomtoota Gargaaraa Abbaa Seeeaa Mana Murtii Aanaa
------------------------------------------- (Fulbaana 14, 2018 MMWO, Caffee Araaraa, Finfinnee) Dorgomtoonni Gargaaraa Abbaa Seeraa Mana Murtii Aanaa maqaan keessan armaan gaditti tarreeffame calallii jalqabaa dabartanii qormaataaf akka dhiyaattan waan murtaa'eef Fulbaana 20,2018 magaalaa Adaamaa, Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa (Galma Abbaa Gadaa cinaatti argamu)tti ganama keessaa sa'aatii 3:00tti argamuun qormaata barreeffamaa akka fudhattan ni beeksifna.
Hubachiisa:
1-Qormaanni afaanii gaafa 21/1/2018 itti fufee waan kennamuuf akkaataa kanaan of qopheessitanii akka argamtan 2-Galma qormaataa seerotaa fi labsiileedhaan alatti barreeffamoota biroo kan akka 'module' fi barreeffamoota harkaa fuudhanii seenuun dhorkaadha. (Seeronnii fi labsiileen ni hayyamamu) 3-Laptop, bilbila harkaa fi meeshaalee elektrooniksii fayyadamuun dhorkaadha.4-Dorgomtoonni Lakk.6ffaa,37ffaa,81ffaa,114ffaa,120ffaa,121ffaa,125ffaa,158ffaa,183ffaa fi 187ffaan ragaa yakka irraa bilisa ta'uu keessan ibsu waajjira poolisii naannawaa keessanitti argamu irraa ( erga barreeffamee baatii 6 kan hin caalle) guyyaa qormaataatti qabattanii akka dhiyaattan ni hubachiifna.
Dorgomtoonni calallii jalqabaa keessaa baafaman:-
1-Umurii ragaa barnootaa kutaa 8 irra jiruun ulaagaa kan hin guunne
2.Mana Murtii keessatti muudamanii waggaa 2 kan hin guunne
3.Umuriin isaanii leenjii xumuranii bahanii tajaajila kennuu kan isaan hin dandeessifne.(umurii 59)
4.Kanaan dura leenjii fudhatanii hojii AS jalqabanii sababa gara garaan kan adda kutan
5.Hojjattoota mana murtii ta'anii xiinxala naamusaa isaaniin Giddugaleessaa fi sanaa gad kan qaban.
6.Duudhaa naamusaa keessaa tokko kan ta'e, ulaagaa 'naamusa ol'aanaa' jedhu kan hin guunne ta'uu ragaawwan dhiyaatan kan mul'isan ta'uun akka hubatamu ta'ee;
Dorgomtoonni calallii jalqabaa kana darbanii garuu ammoo ulaagaa armaan olitti caqasaman kan hin guunnee fi dogoggorsaa