Lafa magaalaa duwwaa maqaa waliigaltee kennaattiin danarsuun dhoorkaadha
==================================
Lafa magaalaa duwwaa isaa kennaanis ta’ee gurgurtaadhaan dabarsuun akka hindanda’amne Heera Mootummaa kwt 40(3) irraa kan hubatamu yemmuu ta’uu waliigalteen kennaa dhimma heeraan ykn seeraan dhoorkame irratti raawwatamus jalqabumaayyuu kaasee bu’aa seeraa kan hordofsiisu akka hintaane Dh, Ijbt MMWF glmwn adda addaa irratti yeroo adda addaa hiikkoo kennee jira (glm Lkk 43226, glm Lkk 79394 fi kkf).
Ammas glm, Lkk 257723 ta’erratti murtii gaafa 25/04/2017 kenneen hiikkoo olitti caqafame irra deebiin cimsuun ibsee jira.
=================
ባዶ የከተማ መሬት/ይዞታን በስጦታም ሆነ በሽያጭ ማስተላለፍ የማይቻል መሆኑን የፌ/ሰ/ፍ/ቤት ከዝህ በፍት በሰ/መ/ቁ 43226፣ 79394 እና የመሳሰሉት ላይ አስገዳጅቨየህግ ትርጉም የሰጠ ሲሆን አሁንም ተህሳስ 25/2017 በሰ/መ/ቁ 257723 ላይ ያንኑ አስገዳጅ ትርጉም የምያጠናክር ኣድስ ውሳኔ ሰጥቷል።
https://t.me/http_Ijooseeraa

Telegram
https://t.me/ijoo seeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
❤1
Forwarded from Vacancy Posts
#BEEKSISA_HOJII 🌭
Komishiniin Gumurka Federaalaa beeksisa carraa hojii ajaa'ibqa qabatee baheedha. Hardhuma bahe 17/10/2017 qaxarrii department heddu barbaadudha waan ta'eef carraa kana itti fayyadamaa.
Ulaagaa armaan gadii kana sirritti ilaalaa.
Komishinii Gumurka Federaalaa.
Adaraa #Share waliig godhaa.

Manni Murtii falmiifi ragaan dhiyaate tokko soba ta’uu yoo mirkaneeffate battalatti dhaddacha irratti adabuu ni danda’aa? ================================================================== #Falmii fi ragaa Sobaa==Qormaata sirna haqaa!! =============
Manneen Murtii murtii haqaa akka hin kennine , darbees amantaa uummata biratti akka hin horanne wantoota taasisan keessaa tokko ragaa sobaa yookaan falmii sobaa Mana Murtiitti dhiyaatanidha.Manneen Murtiis ragaa fi falmiin sobaa akka hin babal’anne taasisuu keessatti gahee olaanaa osoo qabanii kana gochuu dhabuun isaanii hanqina jedhamuun yeroo hedduu ni komatamu.
#Dhaddachi Ijibbaataa MMWFDHIJ murtii hin maxxanfamne galmee lakk. 220108 ta’e irratti dhaddacha gaafa 28/11/2014 ooleen kenneen, abbaa dhimmaa osoo qabeenya qabuu- ani hiyyeessa nama qabeenya hin qabne waan ta’eef sirna hiyyummaan akkan falmu naaf haa eeyyamamu jechuun jecha kakuun mirkaneessee dhiyeesse; kanas dhaddachatti dhiyaatee ibsuun isaa ===bu’uura sdfs keewwata 481 fi SY keewwata 452 tiin himannaa yakkaa dhiyeessuu osoo hin barbaachisne , kallattiin dhaddachi adabuu danda’a jechuun adabbii hidhaa salphaa baatii tokkoofi guyyaa kudha shanii adabeera.Murticha

Falmii Sobaa Mirga Nama Biraa Miidhaa Danda’u Manneen Murtii Qulqulleessuun Murtii Haqa Qabeessa Kennuu Qabu.
============================
Seera Deemsa Falmii Siviilii kwt 231(1(a)), 238, 241, 246, 249, 253-255, 264-266 fi Murtii Dh Ijbt MMWF glm Lkk 168094 Jld 24ffaa
=======================
Namoonni falmii mana murtiitti dhiyeessan hundi yeroo hunda dhimma dhagaa ta’e qabatanii dhiyaatu jechuun miti. Namoonni mirga seeraa ykn haqaa otuu hinqabaanne abbaa mirga irra caalu qabu dhoksuun murtii mana murtiitti fayyadamanii mirga hinqabne seera qabeessa taasifachuuf yeroo yaalan, kana milkeessuufis himannaa sobaa Mana Murtiitti yeroo dhiyeessan qabatamaan nimul’ata.
Fkn, qabiyyee dhaalaa abbaan irraa du’e dhaaltuun inni sirriin mirga qabu bakka quba hinqabnetti namoonni hariiroo tokkooyyuu du’aa waliin hinqabne garuu sababa seeraa hintaane adda addaan qabeenyi harka isaanii gale sobaan waliigalanii inni tokko himataa, inni kaan himatamaa ta’uun himannaa mana murtiitti dhiyeessanii waliiamanuun murtii qabeenya nama biroo irratti murtii yeroo kennisiisan arguun baratamaa dhufeera.
Akkasumas qabiyyee lafaa kan ummataa ta’e seeraan ala qabachuun otuu qaamni mootummaa quba hinqabne inni tokko isa kaan himatee, inni himatames amanee deebii kennuun falmii sobaa akkasiitiin murteessisuun bu’ura murtichaan qaamni lafa bulchu seera qabeessa godhee ragaa akka itti kennuuf taasisuun baratamee jira.
Kana irraa ka’uudhaan Dh Ijbt MMWF Manneen Murtii falmii dhugummaa ykn haqummaa dhimmichaa irraa shakkan ykn ifatti dhugaa ta’uu hubachuu rakkatan, mirga nama biroo haqa qabu miidhuuf yaada fayya qabeessa hintaaneen (bad faith) gareewwan falmii dhiyeessan qulqulleessan barbaachisu taasisuun murtii sirrii kennuu akka qaban murtii glme Lkk 168094 ta’ee fi Jld 24ffaa keessatti maxxanfamee jiruun hiikkoo dirqisiisaa kennee jira.

👍1
Dhimmoonni Murtiin Xumuraman (Justiciable Matters) fi Dhimmoonni Manneen Murtii Idileetiin Ilaalaman Tokkumadhamoo Garaagarummaa Ni Qabu? Namni Seeraan Ala Lafa Qabate, Laficha Irratti Mirga Argachuun Kiyya Naaf Beekamee Sirna Liiziitiin Akka Buluuf Naaf Haa Murtaa'u Jechuun Mana Murtii Idileetti Himannaa Dhiyeessuu Ni Danda'aa?
¢¢¢¢✓✓¢¢¢¢¢✓✓✓✓¢¢¢¢¢¢¢¢¢¢
Akka Kaasee Malkaam jedhutti:
"Dhimmoonni murtiin murtaa'an (Justiciable matters) fi dhimmoonni manneen murtii idileetiin ilaalaman addaa addadha. Dhimmoonni murtiidhaan murtaa'an (xumuraman), dhimmoota mana murtii idileetiin murtaa'aniifi dhimmoota qaamolee mana murtii idileetiin ala seeraan aangoon abbaa seerummaa kennameefiin murtaa'an ni dabalata. Waan ta'eefis yaaddamni dhimmoota murtii mana murtiitiin murtaa'u jedhamu, keessa isaatti, waantota baay'ee kan of keessatti hammate yemmuu ta'u, dhimmi mana murtii idileetiin murtaa'u dhimmoota murtiidhaan murtaa'an keessaa isa tokkodha.
Dhimmoonni Mana Murtii Bulchiinsaa, Mana Murtii Hawaasummaa Gandaa, Boordii Murteessaa Dhimma Hojjetaafi Hojjechiisaa, Mana Maree Federeeshinii, Qaama komii Dhageessuu Dhimma Galiiwwaniifi Gumurukaafi kkfn murtaa'an dhimmoota murtiin murtaa'uu (xumuramuu) danda'anidha. Haa ta'u malee, murtiilee dirqisiisoo garaagaraa Dhaddacha Ijibbaataa MMWFtiin kenname irraa kan hubatamu, akka hubannoo dhaddachichaatti, dhimma manni murtii Idilee hin ilaalleefi qaamolee mana Murtii idileetiin ala jiraniin murtiin irratti kennamu dhimma murtiidhaan hin xumuramne (Non-Justiciable Matter) dha" kan jedhan ta'uu ibsuudhaan barreessaan kitaabichaa haala hubannaa dhaddacha Ijibbaataa qeeqeera.
Itti fufuun, dhimmoonni murtiidhaan murtaa'uu hin dandeenye dhimmoota kanneen akka; dhimma sababa himannoo hin qabne, dhimma siyaasaa, dhimma amantii, dhimma qaamni bulchiinsaa irratti aangeffame jechuun erga tarreessee booda dhimma qaamni bulchiinsaa murtii irratti kennuuf aangeffame wayita ibsu:
በጉዳዩ ላይ ፍትሕ ለመስጠት ለአስተዳደር አካል ሥልጣኑ የተሰጠ ከሆነ
"የመንግስት ክንፍ የሆኑት ሕግ አውጭ፣ ሕግ አስፈጻሚ እና ሕግ ተርጓሚ የየራሳቸው በሕገ መንግስት እና በሌሎች ሕጎች ተለይተው የተሰጣቸው ስልጣን አላቸው:: አንዳንድ ጊዜ በፍ/ቤት ለአስተዳደር አካሉ የተሰጠውን ስልጣን ዜጎች የአስተዳደር አካሉ ሃላፊነቱን በትክክል በሕግ መሰረት አልተወጣም በሚል በፍ/ቤት የአስተዳደር አካሉ ላይ ክስ ያቀርባሉ፡፡ ፍ/ቤቶች ጉዳዩን አይቶ ከሕግ እና አሰራር አንጻር የመጨረሻ ውሳኔ የመስጠት የአስተዳደር አካሉ ከሆነ ጉዳዩ በፍ/ቤት የሚታይ ባለመሆኑ ክሱን ውድቅ ማድረግ አለባቸው፡፡
ምሳሌ: አንድ ሰው በሕገ ወጥ (በወረራ) የያዘውን መሬት መብት ተፈጥሮለት በሊዝ እንዲካተትልኝ ይደረግ በሚል ክስ ለፍ/ቤቶች ቢያቀርብ ይዞታ በሊዝ ይካተትልኝ ጥያቄን ለማስተናገድ በሕግ እና በመመሪያ ስልጣን የተስጠው ለአስተዳደር አካሉ ማለትም ለህግ አስፈጻሚው በመሆኑ የአስተዳደር አካሉ አቤቱታውን ውድቅ ሲያደርግበት ለፍ/ቤት ክስ ካቀረበ ፍ/ቤቶች ጉዳዩ በፍርድ የሚወሰን አይደለም በማለት ውድቅ ማድረግ አለባቸው በማለት የፈዴራል ጠቅላይ ፍ/ቤት ሰበር ሰሚ ችሎት በሰ/መ/ቁ.229930 በቀን 28/10/2015 ዓ.ም አስገዳጅ የሕግ ትርጉም ሰጥቷል፡፡
(Kitaaba Kaasee Malkaam mata duree "በኢትዮጵያ የፍትሐብሔር ሥ/ሥርዓት ሕግ የመጀመሪያ ደረጃ መቃወሚያዎች" jedhuun barreesse keessaa kan fudhatame)
❓Haala itti barreessaan kun gaalee 'Justiciable Matter' jedhuuf hiikkoo kenne sirriidha jettuu? Keessattuu, dhimmi waldiddaa Heeraa (kan dhimma siyaasaa of keessaa qabuufi mana Maree Federeeshiniitiin murtaa'u) 'Justiciable Matter' ni ta'aa?
Join:-@desberofMM
Desalegn B.
https://t.me/http_Ijooseeraa
Telegram
https://t.me/ijoo seeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
Forwarded from Bikila Law Office (Bikila Birhanu Geremu)
211518.pdf
917.1 KB
Dhaddachi Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Lakkoofsa Galmee 211518 ta'e irratti "ragaan abbaa alangaa dhagahamee Galmeen jala murtii kennuuf qorannoof bule irratti himatamaan beellama irraa yoo bade,Galmeen cufamuu akka hin qabnee fi dhimmichi itti fufamee murtiin kennamuu akka qabu" hiikoo dirqisiisaa kenneerra.Sababni isaas:-#1ffaa,himatamaan kun mirga ragaa abbaa alangaa gaaffii qaxxaamuraa gaafachuu heera Mootummaa keewwata 20(4) jalatti tumame fayyadamee waan badeef,#2ffaa,mirga haqa argachuu miidhamaa heera Mootummaa keewwata 37 fi dirqama Mana Murtii mirga namaa kabachiisuu heera Mootummaa keewwata 13 waliin bal'ifamee ilaalamuu waan qabuufidha.
Forwarded from Bikila Law Office (Bikila Birhanu Geremu)
KAAYYOO ADABBII, MURTII BALLEESSUMMAA FI MURTII ADABBII DAANGEESSUU SEERA YAKKAA BIYYA KEENYAA
KAAYYOO ADABBII
Kaayyoon adabbii kaayyoo seera yakkaa akka waliigalaatti jiru milkeessuuf akka meeshaatti kan gargaaru ta’uun isaa beekamaadha. Kaayyoo waliigalaa seera yakkaa kana milkeessuuf adabbiin addatti kaayyoo maalii yoo qabaate dha yaada jedhu ilaalchisee garuu hayyootni yaadota adda addaa qabu. Kun ammoo tiworiiwwan kaayyoo adabbii adda addaa akka uumaman godheera. Tiwooriwwaan kunniinis:
Haaloo bahuu (Retrbution)
Yakki biraa akka hin raawwatamne ittisuu (deterrence)
Dadhabsiisuu (incapacitation)
Haaromsuu (rehabilitation or reform) fi
Hunda-hammataa(inclusive) jedhamuun ibsamuu danda’u.
1. Haaloo Bahuu (Retribution, Retaliation ): Uummatni yakka yakkamaan raawwatetti hedduu kan mufate waan ta’eef, mootummaan uummata bakka bu’uun yakkamticha kallattiin hanguma balleessaa isaa (direct proportion to the harm done) hubuu (adabuu) qaba kan jedhu dha. Kun amantaa fi ilaalcha dur ture “nama ija balleesse ija balleessuu, nama ilkaan cabse ammoo ilkaan cabsuu” jedhuun walfakkaata.
YAADA DEEGGARSAA TIWOORII KANAA:
✓Mufannaa hawaasni yakkamaa irratti qabu haaloo baha.
YAADA QEEQAA (MORMII TIWOORII KANAA)
✓Duudhaa Adabbiin gar-malee hammaataa, alnamoomaa fi kabaja dhala namaa kan gadi buusu ta’uu hin qabu.
2. Yakki Biraa Akka Hin Raawwatamne Ittisuu (Deterrence Effect): Yakkamaan yakka raawwachuu irraa kan of qusatu gocha inni raawwachuu yaadeef durfamee seeraan nama kan gaafachisu ta’uun isaa ifatti seeraan yoo tumame qofa akka ta’ee fi akkasumas namoota yakka raawwatanii adabaman hawaasatti agarsiisuudhaan namni kamiyyuu yemmuu yakka raawwatee argamu mirga isaa kan dhabu ta’uu isaa dursanii akeekkachiisuunidha .Akeekkachiifni kunis:-
Akeekkachisaa wliigalaa (General deterrence) fi
Akeekkachiisaa dhuunfaa (Specific deterrence) of keessaa qaba.
#Akeekkachiifni waliigalaa akkuma waliigalaatti hawaasa keessatti kaayyoo yakka ittisuu kan qabu fi gocha yakka ta’e seeraan tumun akeekkachiisuudha.
#Akeekkachiifni dhunfaa ammoo yakkamaan gocha yakkaa tokkoon yommuu adabamu gocha raawwate irraa barumsa argachuun akkasumas waan itti adabameef gara fuulduraatti yakka biraa raawwachuu irraa akka of qusatu ni taasisa
YAADA DEEGGARSAA TIWOORII KANAA KANAA
✓yakka ittisuu irratti gahee mataa isaa qaba.
YAADA QEEQA TIWOORII KANAA
✓yakkaa xiqqeessuu irratti waan xiyyeeffatuuf, adabbiin kennamuu malu ol kaasuun qajeeltoo walgituu adabbii fi yakka raawwatame jedhu wajjiin walitti bu’uu danda’a.
✓Qabatamatti akka xiyyeeffannoo isaatti yakki biraa akka hin babal’anne gochuu hin dandeenye. Fknf Namooni yakka adda addaatiin adabamaa kan jiran ta’u illee yakkii xiiqaachaa hin jiru.
3. Dandeetti Dhabsiisuu (Incapacitation)
Yakkamtootni Amalaan hammeenyummaa guddaa qaban, Hawaasa keessatti yakkaa irra deddeebiin raawwatan “yakka biraa raawwachuudhaaf carraa akka hin arganne akkasumaas nagaa fi tasgabbii hawaasichaatiif sodaa akka hin taane taasiisuun barbaachisaa dha” yaada jedhu of keessatti hammata. Fakkeenyaaf, adabbiin du’aa yakkamaan tasuma yakka biraa akka hin raawwanne adabbii taasisu dha.
YAADA DEEGGARSAA TIWOORII KANAA:
✓Yakkamtoota balaafamoo ta’an hawaasaaf sodachiisaan ni tasgabeessa.
YAADA QEEQAA TIWOORII KANAA:
✓Kana malees, yakkamtoonni yeroo dheeraaf mana sirreessaa keessa akka turan kan taasifamu yoo ta’e, baasii mootummaan yookiiin hawaasichi mana sirreessaaf baasuu akka dabalu ni taasisa.
4. Sirreessuu ykn Barsiisuu (Reformation or Rehabilitation):
Ilaalchaa amala badaa yakkamaan qabu sirreessuu fi barsiisuudhaan jijjiirama amalaa akka fiduuf (akka haaromuuf) kan hojjetu dha. Yakkamaan lammii gaarii gocha yakka jibbu, gara fuula duraatti yakka biroo raawwachuu irraa kan of qusatuu fi oomisha adda addaa keessatti hirmaachuun gumaachaa barbaachisu akka taasiisuu gochuu irratti kan xiyyeeffatu dha.

Forwarded from Jemal Kumbi
Qabxii falmii haaraa ykn ragaa haaraa dhiyeessuuf iyyannoon ykn gaaffiin himannaa ykn deebii fooyyessfachuu kaayyoo SDFHH kwt 91 miti, eeyyamamuus hinqabu jedha Dhaddachi MMWF glme Lkk 210559 irratti murtii gaafa 26/08/2014 kenneen (kan hinmaxxanfamne)
Garagalchi murtichaa kan Mulugeta F.Binegdeti, galata qabu.

Forwarded from Oromia Legal Training and Research Institute