የባል እና ምስት የጋራ በሆነ ንብረት ላይ የምደረግ የስጦታ ውል እንድፈርስ ለምቀርብ ጥያቄ/ክስ ተፈፃምነት ያለው ይርጋ በቤተሰብ ህጉ የተደነገገው የ6 ወሩ ወይም የ2 ዐመቱ ጊዜ ሳይሆን በፍተሀብሄር ህግ ቁጥር 2472 እና 1845 መሠረት የ 10 ዐመት የይርጋ ጊዜ ነው። ==================================
ፌዴራል ጠ/ፍ/ቤት ሰበር ችሎት ፣ የሰ/መ/ቁ 247605 (05/02/2017)
👇👇👇👇👇👇👇👇
https://t.me/http_Ijooseeraa
1👍1
Mirga qabeenya hinsochoone lafa baadiyaa irratti horatame gurgurachuu; abbaan qabiyyee lafa baadiyaa mana jireenyaa irratti ijaaratee lafa isaa yoo gurgurte hoo?==================================
Mirgi abbaa qabeenyummaa lafaa fi qabeenya uumamaa kamiiyyuu (baadiyaas ta’ee Magaalaa) kan ummataa fi mootummaa ta’uun Heera Mootummaa kwt 40(3) jalatti tumamee jira. Kan “ummataa fi Mootummaa” inni jedhu ifa ta’uu dhabuu caalaayyuu kan “Saba, Sablammootaa fi ummattootaa’ kan Keshia yeroo dheeraaf falmisiisee kan ture ta’us amma kallattii godhate fakkaata (kan mootummaati gara jedhutti ifa bahe yaada jedhuun qaba).
Kan ummataas ta’ee kan mootummaas haata’uutii waanti achi irraa hafe yoo jiraate mirgi namni dhuunfaa qabu mirga itti fayyadamaa qofa akka ta’e beekamaadha, mirga gurguruu fi bituu irraan kan hafe jechuudha.
Gama biraa abbaan qabiyyee lafa magaalaa qabeenya hinsochoone irratti horatee gurgurachuuf mirga qabaachuun isaa takkaayyuu falmii kaasee kan hinbeekne yoo ta’u lafa baadiyaa ilaalchisee garuu qatee bulaa ykn abbaan qabiyyee qabeenya hinsochoone lafa isaa irratti ijaaratee gurgurachuun faallaa heeraati jedhamee waliigaltichis jalqabumaayyuu bu’aa seeraa akka hinqabnetti fudhatamee kufaa ta’aa akka turee fi ammas itti jiru ifa dha. Labsiileen lafa baadiyaa l, keessaayyuu kan naannoo Oromiyaa Labsii Lkk 130/99 ta’ee Lkk 248/2015 daraanuu dhoorkaa mirga gurgurtaa mana lafa baadiyaa daraanuu kan jabeessan yoo ta’u kan Federaalaa garuu keesaaayyuu inni ammaa Labsii Lkk. 1324/2016 hanga tokko mirga kanaaf iddoo kan kenne fakkaata.
Kanas ta’ee garuu ammas qabatama jiruun bittaa fi gurgurtaan mana lafa baadiyaa seeraan ala qofa otuu hintaane faallaa heeraa akka ta’etti duuchumaan ilaalamuun waliigalteen akkasii kufaa ta’uun akkama ittifufetti jira. Asirratti gaaffiin ijoon heerri abbaa qabiyyee lafa Magaalaaf mirga mana laficha irraa qabu gurgurachuu eeyyamuun abbaa qabiyyee lafa baadiyaa immoo dhoorke kun Heera isa kamidha? kan jedhu deebii barbaada. Gama kanaan Heera Federaalaas ta’ee kan naannoo “mirgi abbaa qabeenyummaa lafaa (Magaalaas ta’ee baadiyaa otuu hinjedhin) kan ummataa fi mootummaa ta’uu fi bituu fi gurguruun dhoorkaa akka ta’e tumamee jira. Kanaan ala heerri biroo achii as fooyya’e ykn haaraa bahe bakka hinjirretti abbaan qabiyyee lafa magaalaa mana yoo gurgurte seera qabeessa ta’ee inni baadiyaa immoo Heera faallessa jedhamuun mataan isaa faallaa mirga walqixxummaa kwt 25 jalatti tumamee ta’ee mul’ata.
Kanuma irraa ka’uun fakkaata Dh Ijbt MMWF glm Lkk 184647 ta’erratti murtii gaafa 27/09/2012) kenneen abbaan qabiyyee lafa baadiyaa mana lafa isaa irraa qabu gurgurachuu akka danda’uu fi waliigalteen bittaa fi gurgurtaa manaa lafa baadiyaatis heeraan ala jedhamuun sirrii akka hintaane dhimma naannoo Tigray irraa ka’e tokko irratti hiikkoo dirqisiisaa kan kenne.
Eega hiikkoo kun kenname booda Labsii lafa baadiyaa Lkk 248/2015 kan Naannoo Oromiyaa kan bahe mirga mana lafa baadiyaa gurgurachuuf ammas iddoon (kwt 9(2 fi 13)ilaalaa)  kenne gatii xaaraa fi girgiddaa qofa waan ta’eef hiikkoo Dh Ijbt olitti caqafame waliin akkamitti ilaalama kan jedhu ammas falmichi akka itti fufu godhee jira. Labsicha moo hiikkoo Dh Ijbt fudhatama?
https://t.me/http_Ijooseeraa
1
Forwarded from ⛤ Karam Tamaam ⛤
Dambii beenyaa.pdf
10.4 MB
Regulation No. 472/2020
“Expropriation and
Valuation, Compensation and Resettlement Council of Ministers Regulation
Forwarded from Jemal Kumbi
Himata dhaaltummaa ilaalchisee falmii dhaaltota jidduutti gaggeeffamuuf darbiinsi yeroo raawwatiinsa qabu waggaa sadii(3) dha.
Falmii qabeenya dhaalaa ilaalchisee falmiin dhaalaa fi dhaalaa hin taane(garee 3ffaa) jidduu ka'uuf raawwatiinsa kan qabu darbiinsa yeroo waggaa 10 dha,Kanas #Dhaddacha Ijibaataa Jildii 6ffaa Lakk.Galmee 38152 fi shh keewwata 1845 irraa hubachuun ni danda'ama.#Jildii 6ffaa Lakk.Galmee 25664 ilaaluu dandeessu.

🅱️. #Darbiinsa_yeroo qoodinsa qabeenya dhaalaa:-

Qoodinsi qabeenyaa kan ka'u bakka dhaaltonni baay'ee ta'anittiidha.Hanga addaan hin qoodaminitti qabeenyi dhaalaa qabeenya waliinii dhaaltotaa ta'ee tura.Dhaaltummaan yoo qulqullaa'e,achiin booda qoodinsi qabeenya dhaalaa yoomiyyuu gaafachuun ni danda'ama.
#Dhaddachi Ijibbaataa Federaalaa Jildii 10ffaa Lakk.Galmee 44237 ta'een "gareen waliin falmu dursee waraqaa ragaa dhaaltummaa fudhatanii jennaan,himannaa dhaalaa osoo hin taane,gaaffii qoodinsa qabeenyaa waan ta'uuf shh keewwata 1062 tiin yeroo kamiyyuu gaafachuun ni danda'ama" jechuun murteessee ture.
#Dhaddachi_Ijibbaataa Federaalaa Lakkoofsa Galmee 38533 ta'een himata qabeenya dhaalaa dhaaltonnii fi qabeenyi gaheen isaanii beekamee waliigalteen/fedhiin osoo hin qooddatin kan kaa'an yoo ta'e,yeroo kamittuu gaaffii dhihaachuu waan danda'uuf,darbiinsa yerootiin hin daangeeffamu jechuun murteessee ture,shh keewwata 1060 fi 1061.

#C.#Darbiinsa_yeroo mormii qoodinsa qabeenyaa dhaalaa:-

Waliigalteen qoodiinsaa bakka dhaaltuun tokko hin jirretti godhame tokko Mana Murtiitiin yoo mirkanaa'uu baate gaaffiin isa hin jirreen diigamuu danda'a,shh keewwata 1080.Gaaffiin kun guyyaa qoodinsi godhamuu beekee kaasee waggaa tokko(1) keessatti mormiin dhihaachuu akka qabu,haala biraatiin erga dhaalchisaan du'ee waggaa 10 keessatti yoo hin dhihaatin darbiinsa yerootiin hafaa ta'a,shh keewwata 1080(3).
#Dhaddachi_Ijibbaataa Federaalaa Jildii 10ffaa Lakk.Galmee 40418 ilaaluun ni danda'ama.

#D. #Darbiinsa_yeroo mormii dhaamoo irratti dhihaatu:-shh keewwattoota 973,974.

👉Darbiinsi yeroo dhaaltota gaafa dhaamoon dubbifamu jiran ilaallatu shh keewwata 973,himannaa dhiheessuuf yaada akka qaban guyyaa dhimmichi dubbifamee kaasee guyyoota 15 keessatti Qulqulleessituu dhaalaatiif barreeffamaan ibsuu qaba.Himannaan kunis guyyaa ibsi barreeffamaan dhihaatee kaasee hanga ji'a 3 tti Mana Murtiitti dhihaachuu qaba shh keewwata 973(3).
Namoota gaafa dhaamoon dubbifamu hin jirreef lakkaa'amuu kan eegalu gaafa Qulqulleessituun haala raawwii dhaalaa yaada qabu itti himeedha shh keewwata 974(1).Dhaamoon yoo jiraate erga dubbifamee,yoo hin jiraatin dhaalchisaan erga du'ee waggaa 5 booda mormiin gonkumaa hin dhihaatu,shh keewwata 974(2).
#Dhaddacha_Ijibbaataa Federaalaa Jildii 11ffaa Lakkoofsa Galmee 53223 ilaaluun ni danda'ama.
#Dhaamoon yeroo dubbifamu ykn bakka bu'aan isaanii kan jiran yoo ta'e guyyaa dubbifamee eegalee bultii 15 keessatti iyyannoo isaan qaama ilaallatutti Baatii sadi keessatti ibsuu baannaan dhiheessuu hin danda'u.Namni dhaaltuu hin taane bu'uura shh keewwata 974 tiin mormii dhiheessuu hin danda'u.

#E. #Darbiinsa_yeroo Sirna dhaaltummaa qulqulleessuu:-

♂️Sirna kana keessatti gaaffiiwwan qulqulleessituun dhaalaa naaf haa muudamu,qulqulleessituun dhaalaa naaf haa bu'u,dhaaltummaan naaf haa qulqullaa'u fi kan kana fakkaataniin dhihaataniidha.Darbiinsa yeroo isa qubee 'E' jalatti ibsame kana ilaalchisee ejjannoo 4tu jira:Isaanis:-
#A.Ejjannoo 1ffaa darbiinsi yeroo waliigaltee keessatti tumame waggaa 10 shh keewwata 1845 jalatti tumame raawwatiinsa qaba jedhu.
#B.Ejjannoo 2ffaaa shh keewwata 1052 raawwatiinsa qaba jedhu.
#C.Ejjannoo 3ffaa darbiinsa yeroo shh keewwata 874(2) jalatti tumame raawwatiinsa qaba jedhu.
#D.Ejjannoo 4ffaa shh keewwata 1000 raawwatiinsa qaba,sababni isaas bu'aan iyyata dhaaltummaan naaf haa qulqullaa'uu fi himata dhaaltummaa tokkuma waan ta'eef keewwatni kun Qulqulleessituu dhaalaa irratti raawwatiinsa qaba jedhu.Anis ejjannoo isa 4ffaa darbiinsi yeroo sirna Qulqulleessituu dhaalaa waggaa 3 kan jedhu kana deeggara.Dh.Ij.MMWF Jildii 11ffaa L.G.52407.

#F.
Forwarded from Jemal Kumbi
#Darbiinsa_yeroo iyyata waraqaa ragaa dhaaltummaa:

Waraqaan ragaa dhaaltummaa akka Murtiitti hin lakkaa'amu.Akka ragaatti kan lakkaa'amuu fi mormiin irratti yoo ka'e kan haqamuu,fi waraqaa ragichaa kennuun immoo yeroo dhumaatiif iyyata mirgaa kan gonfachiisuu fi nama biraa immoo kan dhabsiisu osoo hin taane mirga mirkaneeffachuuf adeemsa raawwatamuudha waan ta'eef,iyyata amala akkanaa qabu irratti seerichi darbiinsa yerootiin hin daangeessu.

Addatti hiikoon Dhaddacha Ijibbaataa MMW Federaalaa Jildii 26ffaa Lakkoofsi Galmee 236246 fi 191393 haa dubbifamu.

2️⃣. 𝑺𝒆𝒆𝒓𝒂 𝑸𝒂𝒃𝒆𝒆𝒏𝒚𝒂𝒂

☞Namni Lafa qabiyyee mootummaa yookiin waliinii yookiin dhuunfaa karaa seeraan alaatiin qabate kamiyyuu darbiinsa yeroo akka mormiitti dhiheessuu hin danda’u.Nama mirga abbaa qabiyyummaa qabuun yookiin mootummaadhaan yeroo kamiyyuu akka gadi lakkisuuf gaafatamuu ni danda’a.Qabiyyee bittaaf gurgurtaan qabame yoo ta’e malee,qabiyyeen dhuunfaa Labsiin Lakk.248/2015 kun hojii irra ooluun dura waggaa
10’n oliif qabame ilaalchisee raawwatinsa hin qabaatu.Darbiinsi yeroo gaaffi mirgoota biroo hariiroo labsicha keessatti tumaman irraa maddaniin wal qabatee dhiyaatu akkaataa seeraa dhimmichaaf rogummaa qabuutiin kan raawwatamu akka ta'e Labsii Bulchiinsaa fi itti faayyadama lafa baadiyaa OROMIYAA Lakk.
248/2015 keewwata 53.Garuu,Labsii Bulchiinsa fi itti Fayyadama Lafaa Federaalaa lakk.1324/2016 keewwata 64(2) jalatti darbiinsi yeroo waggaa 15 tumame waliin akkamitti ilaaltu?

☞Namni qabiyyeen isaa jalaa qabame yookiin qabiyyee isaa irratti jeequmsi uumame qabeenyi jalaa qabame akka deebi’uuf ykn jeequmsi irratti uumame akka dhaabbatuuf himanni dhiyeessu yeroo waggaa lamaa keessatti yoo hin dhiyaanne darbiinsa yerootiin kan jalaa daangeffamu ta’uu SHH keewwata 1149 (2) jalatti tumameera.

3️⃣. 𝑫𝒂𝒓𝒃𝒊𝒊𝒏𝒔𝒂 𝒀𝒆𝒓𝒐𝒐 𝑺𝒆𝒆𝒓𝒂 𝑾𝒂𝒍𝒊𝒊𝒈𝒂𝒍𝒕𝒆𝒆 𝑲𝒆𝒆𝒔𝒔𝒂𝒕𝒕𝒊

➠Seera hariiroo hawaasa Itoophiyaa bara 1952 bahe (SHH) keewwata 1845 jalatti waliigalteen akka raawwatamu gaaffiin dhiyaatu ykn waliigalteen raawwatamuu dhabuu isaatiin miidhaa gaheef beenyaan gaafatamu yeroo waggaa 10 keessatti qofa gaafatamuu akka qabu tumameera.

➠ Waliigalteen akka raawwatamu yookiin waliigalteen waan hin raawwatamneef miidhaa qaqqabeef namni Beenyaa gaafatu waggaa 10 keessatti himannaa Mana Murtii idileetti yoo hin dhiheessine darbiinsa yerootiin waan daangeeffamuuf waggaa 10 booda gaafii Beenyaa akka kanfalamuuf gaafachuu hin danda'u,shh keewwata 1845.

➠ Darbiinsi yeroo waggaa lamaa seera hariiroo hawaasaa keewwata 1810(2) jalatti tumame raawwatiinsa kan qabu"waliigaltee hanqina eeyyamaa yookiin dandeettii dhabuutiin raawwatame diigsisuuf dhihaatu qofa irrattiidha.

➠Dhimma waliigaltee ilaalchisee darbiinsi yeroo ifa ta'ee seeraan yoo hin tumamne,darbiinsi yeroo waliigaltee waliigalaa keessatti tumame waggaa 10(kudhan) raawwatiinsa qaba.

4️⃣. 𝑺𝒆𝒆𝒓𝒂 𝑰𝒕𝒕𝒊 𝑮𝒂𝒂𝒇𝒂𝒕𝒂𝒎𝒖𝒎𝒎𝒂𝒂 𝑾𝒂𝒍𝒊𝒊𝒈𝒂𝒍𝒕𝒆𝒆𝒏 𝑨𝒍𝒂𝒂 (𝑻𝒐𝒓𝒕 𝑳𝒂𝒘)

➠Waliigalteen osoo hin jiraatin itti gaafatamummaa hariiroo hawaasaa hordofu ilaalchisee himanni dhiyaatu yeroo waggaa lamaa (2) keessatti yoo hin dhiyaanne darbiinsa yerootiin akka daangeffamu SHH keewwata 2143 jalatti tumameera.

Haa ta’u malee,dhimmichi yakkaan kan adabsiisu yoo ta’ee fi darbiinsi yeroo dhimma yakkichaa waggaa lama kan caalu yoo ta’e, kan dhimma yakkaa raawwatiinsa akka qabaatu keewwatuma kana jalatti tumameera.

5️⃣. 𝑺𝒆𝒆𝒓𝒂 𝑯𝒐𝒋𝒋𝒂𝒕𝒂𝒂 𝒇𝒊 𝑯𝒐𝒋𝒋𝒂𝒄𝒉𝒊𝒊𝒔𝒂𝒂

Labsii hojjataa fi hojjachiisaa lakk. 1156/2011 keessatti tumaaleen adda addaa darbiinsa yerootiin wal qabatan tumamaniiru.Badiin labsichaan hammatame kamuu gochichi erga raawwatee yeroo waggaa 1 keessatti yoo hin dhiyaanne darbiinsa yerootiin akka daangeffamu haala waliigalaatiin keewwata 189 jalatti tumameera.
☞Hojjataan hojiirraa gaggeeffame gaaffii hojiitti deebi'uu dhiffachuu kan danda'u waliigalteen guyyaa addaan citeerraa eegalee yeroo ji'a sadii keessatti dhiyeeffachuu qaba (keewwata 163 (2)).
1
Forwarded from Jemal Kumbi
☞Kanfaltiin mindaa, kan hojii yeroo dabalataa, ykn kanfaltii kamuu hojjataan gaafatamu guyyaa waliigalteen hojii addaan citee kaasee yeroo ji'a jahaa keessatti qofa gaafatamuu danda'a (keewwata 163 (3) (4).
Falmii hojii irratti murtiin erga kennameen booda ol'iyyanni ijibbaataatti guyyoota 90 keessatti dhihaachuu qaba,ji'a sadi booda immoo ol'iyyanni ijibbaataatti gaafachuu hin danda'amu.

6️⃣. 𝑺𝒆𝒆𝒓𝒂 𝑫𝐄𝐄M𝐒𝐀 #FALMII 𝐇𝐀𝐑𝐈𝐈𝐑𝐎𝐎 𝐇𝐀𝐖𝐀𝐀𝐒𝐀𝐀

➠Abbaan mirgaa qabeenya irratti erga murtiin kennameen booda waggaa 10 keessatti akkaataa murtiitiin akka raawwatamuuf yoo hin gaafanne yookiin iyyata raawwii yoo hin dhiheeffanne waggaa 10 booda akkaataa murtiitiin akka raawwatamuuf gaafachuu hin danda'u,sdfhh keewwata 384.

➠Sirna ariirii irratti ol'iyyannichi murtiin erga kennamee kaasee guyyaa 10 keessatti dhihaachuu/gaafatamuu qaba.Yeroo seerri kaa'e keessatti ol'iyyanni yoo hin gaafatamne yeroon darbinaan ol'iyyannisaa fudhatama hin qabu.

➠Murtiin yookiin ajajni bakka ani hin jirretti kenname akka naaf ka'u jedhamee gaafatamu,erga murticha yookiin ajajicha beekee kaasee guyyoota 30 keessatti yoo iyyata hin dhiheessine Baatii tokko booda dhiheessuu hin danda'u,sdfhh keewwata 78(1).

➠Dhimma hariiroo hawaasaa irratti murtiin erga kennameen booda ol'iyyanni guyyoota 60 keessatti yoo hin dhihaanne(hin gaafatamne) ji'a lama(2) booda ol'iyyannoo dhiyeeffachuu hin danda'u,sdfhh keewwata 323(1).Yoo hayyamsiisni kennameef malee.
Credit to : M/teyib Nure Law Office
Forwarded from Jemal Kumbi
Darbiinsa Yeroo Qooda Qabeenya Maatii: ==========================================
Gaa’illi hiikkaan ykn du’a Walfuutota keessaa isa tokkoon yoo diigame gaaffiin qooda qabeenyaa Daangaa yeroo hangamii keessatti dhiyaachuu qaba?
================
Fuudhaa fi heerumni sababa hiikkaa gareewwan dhiyeessaniin ykn sababa du’uu ykn baduu walfuutota keessaa isa tokkootiin diigamuu nidanda’a. Yeroo sana falmiin qooda qabeenyaa walfuutota ykn haalota isa du’e ykn badee fi walfuutota keessaa isa jiru giddutti ka’uu akka danda’u beekamaadha.
Keessaayyuu gaa’illi eega hiikkaan diigame booda walfuutonni sababa adda addaatiin gaaffii qooda qabeenyaa otuu hindhiyeessin waggaata hedduu turanii falmii yeroo kaasan qabatamaan nimil’ata.
Akkasumas gaa’illi sababa du’a ykn badii isa tokkoon yoo diigamu walfuutota keessaa inni jiru qabeenyaa ijoollee isa du’e ykn bade waliin horate gabatee yeroo dheeraaf eega ture booda gaaffiin qooda qabeenyaa gahee isa du’ee ykn badee ka’uun himannaan waggoota hedduu booda dhaaltota isa du’een dhiyaachuun baratamaadha.
Yeroo akkasii gaaffii eega gaa’elli diigame booda qooddii qabeenyaa ilaalchisee dhiyaatu daangaa yeroo hangamii keessatti dhiyaachuu qaba isa jedhu Seera Maatiis ta’ee Seerri biroo rogummaa qabu kallattiin tume hinjiru.
Bara 2001 keessa Dh Ijbt MMWF glm Lkk 17937 ta’e (Jld 4ffaa) irratti gaaffiin qooda qabeenyaa guyyaa gaa’illi diigamee kaasee waggaa 10 keessatti dhiyaachuu akka qabuu fi yeroo kana keessatti yoo dhiyaachuu baate akkaataa SHH kwt 1845tiin daangaa yeroo waggaa 10n akka daangeffamu hiikkoo dirqisiisaa kennee ture. Yeroo sanii kaaseetis itti hojjetamaa turee jira.
Haata’u malee hiikkoon Dhaddacha Ijibbaataa olitti ibsame kun mirga qabeenya jiraachuu Heera mootummaa kwt 40 jalatti eegumsa argate kan faallessudha jedhamee Mana Maree Federeeshiiniin bara 2012 keessa glm Lkk 77/12 ta’erratti diigamuun gaaffiin qooda qabeenya abbaa warraa fi haadha warraa yeroo kamuu gaafatamuu akka danda’u murtiin biroo kennamee jira.
Garagalchi murtii MMFedereeshiin armaan gadiitti kaahamee jira👇👇👇
Labsii Lakk.1334/2016 Labsii Ayyaanota Ummataa fi Kabaja Ayyaanotaa murteessuuf bahe.
👉Labsii kanaan Ayyaanonni akka biyya keenyaatti Ayyaana Biyyoolessaa fi Ayyaana Amantaa jedhamuun qoodameera.
👉Ayyaaanota Biyyooleessaa immoo #Ayyaanota_kabajamanii_oolanii fi #Ayyaanota_yaadatamanii_oolan jedhamanii bakka lamatti qoodamaniiru.
#Ayyaanota Kabajamanii oolan kanneen akka
1. Fulbaana 1 Ayyaana Bara Haaraa,
2. Guraandhala 23 Adawaa,
3. Eebla 23 Guyyaa Dafqaan bultootaa,
4. Eebla 27 guyyaa goototaa yoo ta'u,
#Guyyoonni Yaadatamanii oolan immoo
1. Sadaasa 29 fi
2. Gurraandhala 12.
#Ayyaanonni_Amantaa immoo
1. Fulbaana 17 Masqala,
2. Mudde 29 Ayyaana Gannaa,
3. Amajjii 11 Ayyaana Cuuphaa,
4. Ayyaana Fannoo,Du'aa ka'uu,
5. Eid Al Faxir,
6. Eid Al Adaha
7. Mawaalidaa kan jedhaman yoo ta'u,
#Caamsaan_20 Ayyaana jedhamee kabajamuun Labsii kanaan #hafeera.
https://t.me/tehasultilawchannel
Forwarded from Teferi Tibebu
#Hiikoo Dhaddacha Ijjibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Haaraa Jildiidhaan Hin Maxxanfamne:
_//_

1️⃣.Dhaddacha Ijibbaataa Murtii Waliigalaa Federaalaa Lakk.Galmee 208865 ta'e dhaddacha guyyaa 28/6/2014 ooleen "namni qabiyyee Lafaa iddoo Mana jireenya Waldaatiif kennamu argachuuf qophaa'ee osoo jiru hojiif iddoo biraa yoo jijjiirame,iddoo Lafa Mana jireenyaa hin argatu jechuun kan hin danda'amne ta'uu" hiikoo kennee ture.

2️⃣.DHaddachi Ijjibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Lakk.Galmee 232474 ta'e DHaddacha Caamsaa 29,bara 2015 ooleen "mirga abbaa qabeenyummaa gar-malee fayyadamu ilaalchisee; abbaan qabeenyaa tokko mirga isaatti yommuu fayyadamu gochoota m𝗶𝗿𝗴𝗮 i𝘁𝘁𝗶 f𝗮𝘆𝘆𝗮𝗱𝗮𝗺𝗮 q𝗮𝗯𝗲𝗲𝗻𝘆𝗮 n𝗮𝗺𝗮 𝗯𝗶𝗿𝗼𝗼(ollaa isaa) miidhuu malan(n𝘂𝗶𝘀𝗮𝗻𝗰𝗲) kamiyyuu irraa of qusachuu akka qabu;amni dhuunfaa yokiin dhaabbani tokko eeyyama daldalaa baafachuun hojii hojjataa hojjiiwwan isaanii kun ollaa yokiin jiraatoota naannoo irratti faalama keemikaalaa yookiin faalama sagalee yoo fidan himannaa dhiyeeffachuun beenyaa gaafachuun akka danda'amu" hiikoo kennee ture.

3️⃣.Dhaddachi Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Lakkoofsa Galmee 184647 ta'e irratti "qabiyyee Lafa baadiyaa irratti Mana ijaarame yoo ta'eyyuu qabiyyee Lafa baadiyyaa irratti qabeenya hin sochoone horate qabeenya dhuunfaa waan ta'eef manicha gurguruun kan hin dhorkamnee fi gurgurtaanis seeraan ala kan hin jechisiifne ta'uu" Murtii kennee ture.

4️⃣.Dhaddachi Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Jildii 24ffaa Lakk.Galmee 179827 ta'een "namni tokko qabiyyee Lafa baadiyaa karaa seera qabeessa ta'een qabachuu hanga hin mirkanoofnetti darbiinsa yeroo kaasuu hin danda'u" jechuun Labsii Bulchiinsaa fi Itti Fayyadama Lafa Baadiyaa Naannoo Amaaraa Lakk.252/2009 waliin wal qabsiisuun murteessee ture.

5️⃣.Dhaddachi Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Lakk.Galmee 217195 ta'e irratti dhaddacha Caamsaa 30,bara 2014 ooleen qabiyyee Lafaa ilaalchisee qaamni Bulchiinsaa osoo Lafa bakka bu'iinsaa hin kennin beenyaa osoo hin kanfalin,Lafa baadiyaa abbaa qabiyyee irraa fuudhee nama biraatiif yoo kenne,Manni Murtii Aanaa himannaa abbaan qabiyyee Lafti bakka bu'iinsaa fi beenyaan akka kennamuuf dhiyeessu ofitti fuudhee ilaaluuf aangoo akka qabu" hiikoo kennuun murteesseera.

6️⃣.Dhaddachi Ijjibbaataa MMWF Lakk.Galmee 220782 dhaddacha gaafa 26/03/2015 ooleen murtii kenneen "himataan himannaa dhiheeffate jiru hordofuuf ykn addaan kutuuf mirga guutuu ni qaba, himannaa isaa akka addaan hin kutne(hin kaafanne) dirqisiisuun hin dandahamu.Bu'aan himannaa addaan kutuus:-qaamni himannaa isaa gartokko ykn guutumaan guutuutti addaan kute dhimma sana irratti himannaa haaraa hundeessuu hin danda'u(mirga himannaa haaraa hundeessuu isaa ni dhaba).Dhimma gartokkeen ykn guutumaan guutuutti adda cite sana irratti himannaa haaraa hundeessuuf,himatni sun hayyama Mana Murtiitiin kan addaan cite ta'uu qaba.Kanaaf,himannaa hayyama Mana Murtii malee kan adda citu yoo ta'ee mirga himannaa haaraa dhiyeeffachuu nama ni dhabsiisa" jechuun SDFHH Kwt. 278(2) waliin wal qabsiisuun hiikoo kennee jira.

7️⃣.Dhaddachi_Ijibbaataa_Mana_Murtii_Waliigalaaa_Federaalaa Lakkoofsa Galmee 219736 ta'e irratti "maalummaa gocha jeequmsaa seera hariiroo hawaasaa keewwata 1149(1) jalatti tumameen ijoowwan jeequmsa jechisiisuuf taa'an malee maalummaa jeequmsaa ifatti hiikoo hin kennine.Tumaa seeraa kanarraa kan hubatamuu danda'u,gocha jeequmsaa kanneen hundeessuu danda'an lama akka ta'aniidha.Inni 1ffaa abbaan qabiyyee mirga nagaan fayyadamuu isaa irratti jeequmsi giddu seentummaan (interference) yoo uumameedha.Inni 2ffaa ammoo qabeenya abbaa qabiyyee harka ture guutummaan yookiin gartokkeen qabachuun abbaa qabiyyee qabeenyaan ala (dispossession) gochuu kan ilaallatuudha.
Via:-Mohammed T.Nuuree
https://t.me/Fuula_Hubannoo_Seeraa
Murtii DhIjMMWF
LGMM 127313 Jildii 22ffaa
Vs.
LGMM 211518 Jildii 26ffaa
**
M
anni Murtii Waliigalaa Federaalaa Dhaddachi ijibbaataa kanaan dura dhimma Himatamaan erga ragaan Abbaa Alangaa dhagahamee booda of irraa ittisi kan jedhame ta'ee himatamaan kun dhaddacha irraa kan badu yoo ta'e murtiin bakka inni hin jirretti itti kennamuu akka qabu Jildii 22ffaa LGMM 127313 ta'een Murtii dirqisiisaa kennee ture.

Haata'u malee amma immoo murtiin kun dhaddachuma ijibbaataa kanaan:
"Himatamaan tokko ragaan Abbaa Alangaa dhagaa'amee of irraa ittisi osoo hin jedhamiin galmeen qorannoof bulee gaafa beellamaatti himatamaan kan dhaddacha irraa hafu yoo ta'e sababa of irraa ittisi hin jedhamneef qofa bakka inni hin jirretti jedhamuun akka irra hin jirreefi himatamaan kun dhimmicha osoo beeku kan hafe akka ta'e tilmaamuun waan danda'amuuf bakka inni hin jirretti jala murtiifi murtiin barbaachisu akka itti kennamu jechuun DhIjMMWF LGMM 211518 Jildii 26 Amajjii 30 Bara 2014  murtii dirqisiisaa kenneera".
https://t.me/http_Ijooseeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
Forwarded from Solomon Debele Lemi (Solomon Dabale)
Qaxarrii haaraa fii Jijjiirraa Mana Murtii Olaanaa Godina Arsii
Gita Hojii: Ofiisara Seeraa mana Murtii Aanaa I
Forwarded from Roba Girma Law Office
Qooda qabeenya AW fi HW ilaalchisee eega qoodinsi raawwatamee galmeen cufame booda qabeenyi haaraan yoo argame SDFHH kwt 5(1) fi 216 waliin akkamitti ilaalama?
==================================
Dhaddachi Ijibbaataa MMWF dhimmichi qabeenyi yeroo qooddiin gaggeeffamu jiraachuun isaa hinbaramne garuu qooddii booda beekamu akka qoodamuuf iyyanni/himanni dhiyaatu akkaataa SDFHH kwt 5(1)nis ta’ee kwt 216n kan daangeffamu akka hintaane hiikkoo dirqisiisaa kanaan dura galmee Lkk 36780 ta’erratti kennee ture yaadachiisuun murtii haaraa kennee jira ( Glme Lkk 251383 gaafa 07/02/2017).
1