Forwarded from Jemal Kumbi
Dhimmi MMtti falmii irra jiru tokko akkaataa SDFHH kwt 274 -277tiin araaraan xumurameera kan jedhamu yoomiidha? Ulaagaa maal maal guutuu qaba?
==================================
Dhaddacharratti araarri taasifamuu fi bitaa fi mirgi araaraan xumuanneerra jechuun Dhaddachis kanuma mirkaneessee galmee cufuun dhimmichi bu’ura tumaalee seeraa olitti caqafamaniin araaraan xumurame kan jechisiisuu miti.
Araaraan xumurameera jedhamuu kan danda’u 1) waliigalteen araaraa barreeffamaan ta’uu, 2)gareewwaniin mallattaa’uu, 3) seeraa fi safuu kan eeggate ta’uun dhaddachaan ykn MMn mirkanaa’uu fi sanadni waliigaltichaa galmeen walqabachuu qaba.
Kana yoo ta’ee waliigalteen araaraa murtii MM ta’uun bu’aa murtiin MM tokko qabu hunda kan hordofsiisu ta’a. Bal’ina qabxii kanaa irratti xiinxala murtii Mana Maree Federeeshiinii glme Lkk 107/15 ta’erratti gaafa 28/10/2015 kenname 👇👇👇👇ilaalaa.
Forwarded from Temesgen A.Lawyer
Waliigaltee Mandaraatiin Mana Bituu?
=============================
Waliigaltee safaraatiin bittaa fi gurgurtaa mana jireenyaa raawwatame ilaalchisee haalli waliigalteen safaraa kun qaama aangoo qabu fuulduratti mirkanaa'uu baatus sababa kanaan waliigalteen safaraa kun ulaagaa seeraa hin guunne ykn qaama aangoo qabu fuulduratti hin mirkanoofne jedhamee kufaa akka hin taanee fi seera duratti fudhatama qabaachuu beektuu?
Yeroo hedduu falmiin irra deddeebiin manneen murtii keenna cinqan dhimma waliigaltee bittaa fi gurgurtaa manaa osoo qaama aangoo qabu biratti hin mirkanaa'in waliigaltee safaraa jedhamee beekamuun raawwatamuudha. Namoonni haala kanaan waliigaltee bittaa fi gurtaa manaa raawwatan ashuuraa mootummaa kaffalamu dheefaaf waliigaltee safaraa fi bakka bu'ummaa filatu. Namoota biratti adeemsii fi haalli bittaaf gurgurtaa manaa karaa kanaan raawwatamu filatamaa ta'us dhuma irratti bu'aan inni guyyaa guyyaatti hordofsiisaa jiru gaarii miti!

Haa ta'uu malee miidhaa gama kanan nama ykn hawaasa irra gahu hambisuuf sababuma maqaa waliigaltee safaraa yookaan mandaraa jedhu qofaan yeroo hunda waliigaltee karaa kanaan raawwatame irratti falmiin yoo mana murtiitti ka'e haalli waliigaltichi kufaa itti hin taane ni jira. Kunis 1ffaa yeroo garee bittaa fi gurgurtaa manaa waliigaltee safaraatiin kan raawwatan ta'uu kan amanan yoo ta'ee fi 2ffaa bitataan erga waliigaltee safaraatiin ykn mandaraatiin mana bitatee ijaarsa irratti gaggeessee yoo waliigalteen diigame gareewwan waliigaltee safaraa yookaan mandaraa raawwatan iddoo duraan turanitti deebisuun kan hin danda'amne yoo ta'e waliigalteen kan hin diigamne ta'u meeqa keennatu beeka?

Haalota lamaan kanaan alatti waliigaltee mandaaraatiin mana bitattanii namni mana isinitti gurgure yoo waakkate manichi nama irraa bittaniif kan deebi'u ta'ee isin qarshii mana itti gurgurtan qofa kan isiniif deebi'u ta'a. Yeroo akkanaa kana kisaaraa guddaan gama maallaqaa fi hamilee namatti fida! Hawaasni keenna yeroo mana bitatu rakko akkanaa isaan mudatee falmii baasii hin malleef isaan saaxilu irraa ofeeguu qabu. Yeroo mana bitattan wal amantaa qofaan waliigaltee safaraa ykn mandaraa jedhamu mallatteessuun sirrii akka hin taanee namuu hubachuu qaba. Waliigaltee keessan qaama aangoo qabu Waajjira Lafa Magaalaa bira deemuun waliigaltee bittaa fi gurgurtaa akka isiniif mirkanaa'u gochuu hin dagatinaa! 👉Jarso Law Box!
👉#Waliigaltee_Bittaa_Fi_Gurgurtaa_Qabeenya_Hin_Sochoone_Mana_Irratti_Taasifamu Vs Murtiilee Dhaddacha Ijibbaataa:
____''______
1️⃣.#Dhaddachi Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Lakkoofsa Galmee 215444 ta'e dhaddacha Onkoloolessa 2,bara 2015 ooleen "waliigaltee bittaa fi gurgurtaan MANAA qaama aangoo qabu biratti osoo hin galmaa'in karaa bakka bu'aatiin raawwatame,namni bakka buufate sun(bakka buufataan) waliigalticha yoo waakkate,waliigaltee karaa bakka bu'aan raawwatame jedhame diigamaa waan ta'eef,bu'aa seeraa hin qabaatu.Kanaaf,bakka duraan turanitti deebi'uu qabu" jechuun hiikoo kennee ture.(Murtii haaraadha).

2️⃣.#Dhaddachi_Ijibbaataa_Mana_Murtii Waliigalaa Federaalaa Jildii 14ffaa lakkoofsa galmee 78398 fi Jildii 12ffaa lakkoofsa galmee 57356 ta'aniin "waliigalteen bittaa fi gurgurtaa Mana tokko seera fuulduratti raawwatiinsa qaba jechuuf akkaataa seera waliigaltee keessatti tumameen ulaagaa guutamee raawwatamuu akka qabu"seera hariiroo hawaasaa keewwata 2005(1),1678(C),1723 fi 2877 waliin wal qabsiisuun murtii dirqisiisaa kennanii turan.
👇Waliigalteen qaama sanadicha mirkaneessu fuul-duratti taasifamu faayidaa guddaa qaba:
1ffaa waliigaltichi Mana Murtiitti fudhatama akka qabaatu taasisa;
2ffaa Sanadni garee falmitootaa harka ture yoo bade,yoo gubate yookiin garaa garummaa yoo qabaate sanadichi qaama mirkaneesserraa akka argamu taasisa;
3ffaa nama barumsa hin qabnee fi ijaan arguu hin dandeenye miidhaa irraa hambisa.

3️⃣.#Dhaddachi_Ijibbaataa_Mana_Murtii_Waliigala_Federaalaa_Jildii 15ffaa lakkoofsa galmee 83674 ta'een "waliigalteen tokko barreeffamaan ta'ee garee waliigaltootaatiin ragoolee lamaan mallattaa'uu akka qabuu fi waliigalteen namoota hin barannee fi ijaan arguu hin dandeenyeen taasifamu waliigalchiisa yookiin Mana Murtii fuulduratti yoo hin taasifamne waliigaltichi dirqisiisummaa akka hin qabne"seera siivilii keewwattoota 1727,1728(3),fi 2005 waliin wal qabsiisuun murteessee ture.

4️⃣.#Dhaddachi_Ijibbaataa_Mana_Murtii_Waliigala_Federaalaa_Jildii 13ffaa lakkoofsa galmee 36887 ta'een "waliigalteen jiraachuu yoo amaname mormiin qaama aangoo qabu fuulduratti hin taasifamne jedhamee ka'u fudhatama hin qabu"jechuun murtii dirqisiisaa laatee ture.Seera hariiroo hawaasaa keewwattoota 1731(1),2878.Kunis sababnii fi kaayyoon waliigalteen qaama aangoo qabu biratti taasifamee galmaa'uu barbaachiseef waliigaltichi jiraachuu hubachiisuufiidha.
👉Waliigalteen ulaagaa armaan olitti ibsameen hin hundeeffamin bu'uura shh keewwata 1720(1) tiin akka wixineetti lakkaa'ama(dirqisiisummaa hin qabu).

5️⃣.#Dhaddachi_Ijibbaataa_Mana_Murtii_Waliigalaa_Federaalaa Jildii 10ffaa lakkoofsa galmee 43825 ta'e irratti "garee wal falmitootaa yoo kaasan malee Manni Murtii kaka'umsa isaatiin kaasuun waliigalteen foormii(ulaagaa) hin guunne diigamaadha jedhee murtii kennuu akka hin dandeenye"seera hariiroo hawaasaa keewwattoota 1723,fi 1808(2) waliin wal qabsiisuun murtii laatee ture.

6️⃣.#Dhaddachi_Ijibbaataa_Mana_Murtii_Waliigalaa_Federaalaa_Jildii 8ffaa lakkoofsa galmee 34803 ta'e irratti "waliigalteen ulaagaa seera hariiroo hawaasaa keewwata 1723 hin guutne jedhamee yeroo diigamu gareen wal falmitootaa bakka duraan turanitti akka deebi'an murtiin kennamuu akka qabu"seera siivilii keewwattoota 1723 fi 1815 waliin wal qabsiisuun murteessee ture.
👇
https://t.me/Mnure88
Forwarded from Temesgen A.Lawyer
Murtiile DHIMMWF Waliigaltee Qabeenya hin sochoone ilaalchise kenne

👉dhaddachi ijibbaata MMWF jildii 23 ffaa Lakk Galmee 153664 irratti namni tokko qabeenya hin sochoone dhaaltota keessa isa tokko qofa waliin Waliigalteen Bittaa fi Gurgurtaa raawwate qaama Angoo qabu biratti yoo hin galmoofnee Raawwatiinsa hin qabu.waliigalteen Bittaa fi Gurgurtaa yeroo diigamu immoo himata biraa dhiyeesuun osoo hin barbaachifne namni maallaqa sababa waliigalteetiin fudhate maallaqa kana nama kafaleef deebisuuf dirqama qaba.jechuun mirtii dirqisiisaa kennee jira.

👉dhaddachi ijibbaataa MMWF jildii 22ffaa Lakk Galmee 123761 irratti Namni tokko qabeenya mana waliigalteedhan bitee manicha kana Aangoo Qaama sadaffaatti dabarsuuf bakka bu’iinsa fi sanadoota Manicha ilaallatan gurguraa irraa fudhatuus waliigatichi qaama Aangoo qabu birati yoo hin galmoofnee (hin mirkanoofne) ta’ee fi manichii qaama sadaffaatii (bitaa 2ffaa ttii ) yoo darbee waliigaltee bittaa fi gurgurtaa fi Aangoo bakka bu’iinsa isaa waliigaltee qaama 3ffaa waliin raawatamee mormuuf akka ragaatti dhiyeesu hin danda’u jechuu murtii dirqisiisaa kennee jira.

👉dhaddacha ijibbaataa MMWF jildii 8ffaa Lakk,Galmee 39803 irratti S/H/H keewata
1723 (1) jalatti waliigalteen qabeenyaa hin sochoone ilaallatan Qaama waliigaltee galmeessuuf(mirkaneessuuf) Aangoo qabu fuula duratti yoo hin taasifamne fudhatama akka hin qabne ibsa. Karaa biraan immoo kennaan (donation) qabeenya hin sochoone immoo bu’uura keewata 1723 (1) ta’uu akka qabuu keewata 2443 ta’e 881 jalati hin ibsamne. keewatni 1723 (1) waliigaltee akka waliigalaatti(general) kan ilaallatu yoo ta’uu keewatni 2443 fi 881 immoo seera addaa (special laws) kennaa (donation) ilaallatanidha. Kanaaf waliigaltee kennaa (donation) qabeenya hin sochoone bu’uura keewatni 1723(1) ajajun qaama waliigaltee Raawachiisuuf Angoo qabu fuuldurati raawatamu baatus waliigaltichi kan
raga’edha jechuun murtii dirqisiisaa kennee jira.
3
Seerri Deemsa Falmii Yakkaa kwtni 63 Akkamitti Hiikamuu Qabaa?
======///====///=====///==========
Mirgi wabii, mirgoota bu'uuraa namoota qabamaniif Heera mootummaatiin eegumsi taasifameef keessaa isa tokkodha. Heerri Mootummaa FDRI kwt 19(6) jalatti namoonni qabaman wabiidhaan bahuuf mirga kan qaban ta'uu akka qajeeltootti kan kaa'e yemmuu ta'u, mirgi bu'uuraa Heera mootummaatiin kabajame kun kan sarbamu, ykn daangeffamuu ykn wabummaa gahaa ta'e akka dhiyeessu kan taasifamu, haala addaatiin, seerota tarreeffama biroo rogummaa qabanin ta'uu isaa tumaan heera kanaa ifatti ibsa. Waan ta'eefis mirgi kun mirga daangaa hin qabne waan hin taaneef akkaataa seeraatiin dhorkamuu danda'a.

Qabiyyee sdfy kwt 63(1) irraa akka hubatamutti, yakka namni qabame kamiyyuu ittiin himatame adabbii du'aa ykn hidhaa cimaa waggaa kudha shanii ykn oliitiin kan hin adabsiisne yoo ta'eefi namni yakki irratti raawwatame kan hin duune yoo ta'e Manni murtichaa mirga wabii eegee gadi lakkisuu danda'a jedha. Tumaa kanarraa wanti hubachuun danda'amu, Keewwatni seeraa himatamaan ittiin himatame du'a ykn hidhaa cimaa waggaa kudha shanii oliitiin kan adabsiisu yoo ta'eefi namni miidhaan irra gahe kan du'e yoo ta'e wabiidhaan gadi lakkisuun kan hin danda'amne ta'uu, garuu immoo Keewwatni seeraa himatamaan ittiin himatame du'aan ykn adabbii waggaa 15fi oliitiin kan hin adabsiisnefi namni miidhaan irra gahe kan hin duune yoo ta'e himatamicha mirga wabiitiin gadi lakkisuun ni danda'ama jedheera.
(Murtii Dhadd.Ijib.MMWF. Lakk.Ga. 182266, 19/2/2012, Jildii 24)

የዋስትና መብት በሕገ መንግስት ጥበቃ ከተደረጉት የተያዙ ሰዎች መሠረታዊ መብቶች አንዱ ነው፡፡ የኢፌዲሪ ሕገ መንግሥት በአንቀጽ 19/6/ ስር የተያዙ ሰዎች በዋስትና የመፈታት መበት ያላቸው መሆኑን በመርህ ደረጃ ያስቀመጠ ሲሆን ይህ በሕገ መንግሥቱ የተከበረው መሠረታዊ መብት ሊነፈግ፤ ሊገደብ ወይም በቂ የሆነ የዋሰትና መረጋገጫ እንዲቀርብ የሚደረገውም አግባብነት ባላቸው ሌሎች ዝርዝር ሕጎች መሠረት በልዩ ሁኔታ ስለመሆኑ ይኸው የሕገ መንግስቱ ድንጋጌ በግልጽ ያሳያል፡፡ በመሆኑም የዋስትና መብት መሠረታዊ የሆነ ሕገ መንግስትዊ መብት ቢሆንም ፍጹም መበት ሳይሆን በሕጉ አግባብ ሊነፈግ የሚችል ነው፡

በመሰረቱ ከወ/መ/ሥ/ሥ/ሕ/ቁ 63/1 ይዘት ለመረዳት እንደሚቻለው ማንኛወም የተያዘ ሰው የተከሰሰበት ወንጀል የሞት ቅጣትን ወይም አሥራ አምሥት ዓመት ወይም በላይ በሆነ ፳ኑ አስራት የማያስቀጣው ከሆነና ወንጀል የተፈጸመበት ሰው በደረሰበት ጉዳት የማይሞት የሆነ አንደሆነ ቤቱ የዋስትና ወረቀት አስፈርሞ ለመልቀቅ ይችላል በማለት ይደነግጋል ። ከድንጋጌው ይዘት መገንዘብ የሚቻለው ተከሳሹ የተከሰሰበት የሕግ አንቀጽ በሞት ወይም ከ15 ዓመት በላይ የሚያስቀጣ ከሆነ አና ጉዳት የደረሰበት ሰው የሞተ እንደሆነ በዋስትና መልቀቅ የማይቻል መሆኑን ፤ሆኖም ተከሳሹ የተከሰሰበት የሕግ አንቀጽ በሞት ወይም ከ15 ዓመት እና በላይ የማያስቀጣ አና ጉዳት የደረሰበት ሰው ያልሞተ እንደሆነ ተከሳሹን በዋስትና መልቀቅ የሚቻል መሆኑን ነው፡፡
(የሰ/መ/ቁ. 182266, 19/2/2012, vol. 24)
Hubannoo Waliigalaaf..
𝐇𝐈𝐈𝐊𝐎𝐎 𝐒𝐄𝐄𝐑𝗔𝐀 𝐃𝐇𝐀𝐃𝐃𝐀𝐂𝐇𝐀 𝐈𝗝𝗜𝐁𝐁𝐀𝐀𝐓𝐀𝐀 𝐇𝐀𝐀𝐑𝐀𝐖𝗔:
𝑺𝒆𝒆𝒓𝒂 𝑾𝒂𝒍𝒊𝒊𝒈𝒂𝒍𝒕𝒆𝒆
𝐃𝐡IjMMWF LGMM 𝟮𝟒𝟗𝟗𝟏𝟏 ta'e irratti
"Mana maqaa garee bitaa mirgaatiin hin galmoofnee fi waliigalteen bittaaf gurgurtaa qaama aangoo qabu biratti maqaa nama kamiyyuutiin hin galmoofne dhimma akkanaa irratti gareen Manicha bitate of eeggannoo barbaachisaa osoo hin taasisin bitate jedhamee falmiin ka'u fudhatama hin qabu,dhimma kana ilaalchisee gareen bitate ilaalcha gaariin (goodfaith) dhaan kan bitate waan ta'eef,Manicha gadi lakkisuuf hin dirqamu" jechuun dhaddacha gaafa guyyaa 24/04/2017 ooleen hiikoo seeraa kenneera.

𝐃𝐡IjMMWF LGMM 𝟮𝟒𝟬𝟮𝟒𝟮 ta'e irratti:
"Waliigalteen adaraa qabeenya hin sochoone irratti taasifamu Mana Murtii ykn qaama aangoo qabu biratti barreeffamaan taasifamuu qaba" jechuun shh keewwata 1723(1) waliin wal qabsiisee hiikkoo kenneera.

𝑺𝒆𝒆𝒓𝒂 𝐋𝐚𝐟𝐚𝐚
𝐃𝐡IjMMWF LGMM 𝟮𝟑𝟒𝟱𝟬𝟬  ta'e irratti:
"Qabiyyee Lafa Baadiyaa Pilaanii Magaalaa jala gale irratti abbootiin qabiyyee Lafa sanaa Mana irratti ijaarrachuuf yookiin Mana duraan ture haaromsuuf qaama aangoo qabu irraa hayyama ijaarsaa baafachuun (hayyama fudhatanii harkatti qabaachuun) dirqama miti. Abbootiin qabiyyee sunniin eeyyama ijaarsaa malee Mana yoo ijaarratan akka ijaarsa seeraan alaatti lakkaa'amee Manicha sana diiguuf sochiin yoo taasifame;abbootiin qabiyyee sunniin jeequmsi uumame haa dhaabbatu jedhanii gaafachuu akka danda'an"  hiikoo kenneera.(Hiikoo Jildiin hin Maxxanfamne).

𝐃𝐡IjMMWF LGMM 𝟏𝟗𝟑𝟖𝟗𝟒 ta'e irratti
"Lafa qonnaa falmiif sababa ta'e ilaalchisee, qabiyyee Lafa baadiyyaa kana himattuu jalaatiif (ol'iyyattuu ammaatiif) Lafa waljalaa siqsuun qoodameefi itti fayyadamaa turte Ganda baadiyaa gadi dhiistee gara Magaalaa kan galte ta'uu,himattuun jalaa (ol'iyyattuun ammaa) Ganda baadiyaa sababni gadi lakkisteef humna waan hin qabnee fi nama ishii deeggaru dhabdee ta'uu Bulchiinsi Gandaa bara 2005 mirkaneessee qabiyyee isheef kan deebise ta'uu,yeroo murtaa'e booda bara 2008 seeraan ala ishee harkaa fudhatamee himatamtoota jalaatiif (waamamtoota ammaatiif) qooduun karaa seera faalleessuun kan fudhatame waan ta'eef, qabiyyeen Lafaa himannaaf sababa ta'e himattuu jalaatiif yookaan ol'iyyattuu ammaatiif haa deebi'u" jechuun dhaddacha gaafa guyyaa 27/03/2017 ooleen hiikoo kenneera.
(Hiikoo Jildiin hin Maxxanfamne).

𝑺𝒆𝒆𝒓𝒂 𝑫𝒉𝒂𝒂𝒍𝒂𝒂
𝐃𝐡𝐚IjMMWF LGMM 𝟮𝟒𝟑𝟗𝟕𝟑 ta'e irratti
"Waraqaan ragaa dhaaltummaa dhaalaa ta'uu tilmaamni fudhatamuu bira darbee qabeenya irratti mirga hin gonfachiisu;namni tokko dhaalaa ta'uusaa mirkaneeffatee waraqaa ragaa dhaaltummaa yoo fudhatellee, dhaalli akka qulqullaa'u yoo hin gaafanne
/ himannaa yoo hin hundeessine, waraqaa ragaa dhaaltummaa qabaachuun darbiinsa yeroo hin hambisu" jechuun hiikoo kenneera.

𝑺𝒆𝒆𝒓𝒂 𝐘𝐚𝐤𝐤𝐚𝐚
𝐃𝐡IjMMWF LGMM 𝟮𝟒𝟮𝟗𝟱𝟖 ta'e irratti:
"Hojjataan yakka amantaa hir'isuu raawwachuutiin himatame; erga himanni yakkaa isa irratti dhiyaate maallaqa hir'ise yoo deebise ykn galii yoo godhe gocha raawwate gaabbuu isaa agarsiisa malee qarshii sana deebisuun isaa qofti gocha yakkaa amantaa hir'isuu hin raawwanne hin jechisiisu" jechuun hiike.

𝐃𝐡IjMMWF LGMM 𝟐𝟔𝟏𝟕𝟔𝟕 ta'e irratti:
"Himatamaan yakka amantaa hir'isuu cimaa raawwachuu isaa himataan ragaa isaatiin hanga hin mirkaneessinetti,qabeenyi yeroo lakkaa'amu dhabameef qofa himatamaan badhaadhina hin malle ofiif argachuuf yookiin nama birootiif argamsiisuuf yakkicha raawwate jedhamee labsii farra malaammaltummaa lakk.881/2007 tiin kan isa gaafachiisu waan hin taaneef, bilisaan gaggeessineerra" jechuun dhaddacha guyyaa 27/03/2017 ooleen hiikoo kenneera.
(Hiikoo Jildiin hin Maxxanfamne).

𝑺𝒆𝒆𝒓𝒂 𝐌𝐚𝐚𝐭𝐢𝐢
   𝐃𝐡IjMMWF LGMM 𝟐𝟑𝟓𝟖𝟒𝟒 ta’e irratti
"Qabeenyi hin sochoone Manni jireenyaa maqaa abbaa warraa fi haadha warraatiin  galmaa'uun qofti qabeenya waliinii isaanii hin taasisu;qabeenyi akkanaa maqaa abbaa warraa fi haadha warraatiin galmaa'ee kan argamu ta'us,isaan keessaa gareen tokko qabeenyi ykn Manni sun kan dhuunfaa isaa ta'uu
Forwarded from Jemal Kumbi
Mirga qabeenya hinsochoone lafa baadiyaa irratti horatame gurgurachuu; abbaan qabiyyee lafa baadiyaa mana jireenyaa irratti ijaaratee lafa isaa yoo gurgurte hoo?==================================
Mirgi abbaa qabeenyummaa lafaa fi qabeenya uumamaa kamiiyyuu (baadiyaas ta’ee Magaalaa) kan ummataa fi mootummaa ta’uun Heera Mootummaa kwt 40(3) jalatti tumamee jira. Kan “ummataa fi Mootummaa” inni jedhu ifa ta’uu dhabuu caalaayyuu kan “Saba, Sablammootaa fi ummattootaa’ kan Keshia yeroo dheeraaf falmisiisee kan ture ta’us amma kallattii godhate fakkaata (kan mootummaati gara jedhutti ifa bahe yaada jedhuun qaba).
Kan ummataas ta’ee kan mootummaas haata’uutii waanti achi irraa hafe yoo jiraate mirgi namni dhuunfaa qabu mirga itti fayyadamaa qofa akka ta’e beekamaadha, mirga gurguruu fi bituu irraan kan hafe jechuudha.
Gama biraa abbaan qabiyyee lafa magaalaa qabeenya hinsochoone irratti horatee gurgurachuuf mirga qabaachuun isaa takkaayyuu falmii kaasee kan hinbeekne yoo ta’u lafa baadiyaa ilaalchisee garuu qatee bulaa ykn abbaan qabiyyee qabeenya hinsochoone lafa isaa irratti ijaaratee gurgurachuun faallaa heeraati jedhamee waliigaltichis jalqabumaayyuu bu’aa seeraa akka hinqabnetti fudhatamee kufaa ta’aa akka turee fi ammas itti jiru ifa dha. Labsiileen lafa baadiyaa l, keessaayyuu kan naannoo Oromiyaa Labsii Lkk 130/99 ta’ee Lkk 248/2015 daraanuu dhoorkaa mirga gurgurtaa mana lafa baadiyaa daraanuu kan jabeessan yoo ta’u kan Federaalaa garuu keesaaayyuu inni ammaa Labsii Lkk. 1324/2016 hanga tokko mirga kanaaf iddoo kan kenne fakkaata.
Kanas ta’ee garuu ammas qabatama jiruun bittaa fi gurgurtaan mana lafa baadiyaa seeraan ala qofa otuu hintaane faallaa heeraa akka ta’etti duuchumaan ilaalamuun waliigalteen akkasii kufaa ta’uun akkama ittifufetti jira. Asirratti gaaffiin ijoon heerri abbaa qabiyyee lafa Magaalaaf mirga mana laficha irraa qabu gurgurachuu eeyyamuun abbaa qabiyyee lafa baadiyaa immoo dhoorke kun Heera isa kamidha? kan jedhu deebii barbaada. Gama kanaan Heera Federaalaas ta’ee kan naannoo “mirgi abbaa qabeenyummaa lafaa (Magaalaas ta’ee baadiyaa otuu hinjedhin) kan ummataa fi mootummaa ta’uu fi bituu fi gurguruun dhoorkaa akka ta’e tumamee jira. Kanaan ala heerri biroo achii as fooyya’e ykn haaraa bahe bakka hinjirretti abbaan qabiyyee lafa magaalaa mana yoo gurgurte seera qabeessa ta’ee inni baadiyaa immoo Heera faallessa jedhamuun mataan isaa faallaa mirga walqixxummaa kwt 25 jalatti tumamee ta’ee mul’ata.
Kanuma irraa ka’uun fakkaata Dh Ijbt MMWF glm Lkk 184647 ta’erratti murtii gaafa 27/09/2012) kenneen abbaan qabiyyee lafa baadiyaa mana lafa isaa irraa qabu gurgurachuu akka danda’uu fi waliigalteen bittaa fi gurgurtaa manaa lafa baadiyaatis heeraan ala jedhamuun sirrii akka hintaane dhimma naannoo Tigray irraa ka’e tokko irratti hiikkoo dirqisiisaa kan kenne.
Eega hiikkoo kun kenname booda Labsii lafa baadiyaa Lkk 248/2015 kan Naannoo Oromiyaa kan bahe mirga mana lafa baadiyaa gurgurachuuf ammas iddoon kenne gatii xaaraa fi girgiddaa qofa waan ta’eef hiikkoo Dh Ijbt olitti caqafame waliin akkamitti ilaalama kan jedhu ammas falmichi akka itti fufu godhee jira. Labsicha moo hiikkoo Dh Ijbt fudhatama?
Hundaafuu murtiin dhaddacha Ijbta kunooti👇👇👇👇👇
Waraqaa ragaa dhaaltummaa baafachuun qofaan darbiinsa yeroo mirga dhaalaa gaafachuu jalaa nama hinbaasu ========================
Dh, Ijbta MMWF glme Lkk, 243973 ( gaafa 06/02/2017)=========================
Kanaan dura Dh Ijbt MMWF hiikkoo dirqisiisaa galmeewwan adda addaa (205248, 44237, 38533 fi kkf) irratti kennee tureen dhaaltuun waraqaa ragaa dhaaltummaa fudhate yeroo barbaadetti dhaaltuu  qabeenya dhaalaa harkaa qabu irratti himannaa dhiyeessuu kan danda’u ta’uu fi falmiin dhaaltota ragaa dhaaltummaa qaban giddutti ka’us falmii qooda qabeenyaa waan ta’eef darbiinsa yeroon kan hindaangofne akka ta’e murteessuun isaa nibeekama.
Amma garuu ejjannoo isaa jijjiiruun waraqaa ragaa dhaaltummaa qabachuun qofaa isaatti  darbiinsa yeroo jalaa kan baasu akka hintaanee fi dhaaltuun waraqaa ragaa dhaaltummaa qofa baafatee otuu qabeenyatti hinfayyadamne dhaaltuu qabeenya dhaalaa harka qabu irratti himannaan waggaa sadii booda dhiyeessu akkaataa SHH kwt 1000(1) tiin waggaa aadiin akka daangeffamu murteessuun hiikkoo dirqisiisaa haaraa glme Lkk 243973 ta’erratti gaafa 06/02/2017 kennee jira. Hiikkoon dirqisiisaan kanaan dura galmeewwan adda addaa irratti ragaa dhaaltummaa qabaannaan darbiinsi yeroo akka hinjirretti kennee ture isa ammaa kanaan jijjiiruu isaatis ibsee jira.
https://t.me/http_Ijooseeraa
የባል እና ምስት የጋራ በሆነ ንብረት ላይ የምደረግ የስጦታ ውል እንድፈርስ ለምቀርብ ጥያቄ/ክስ ተፈፃምነት ያለው ይርጋ በቤተሰብ ህጉ የተደነገገው የ6 ወሩ ወይም የ2 ዐመቱ ጊዜ ሳይሆን በፍተሀብሄር ህግ ቁጥር 2472 እና 1845 መሠረት የ 10 ዐመት የይርጋ ጊዜ ነው። ==================================
ፌዴራል ጠ/ፍ/ቤት ሰበር ችሎት ፣ የሰ/መ/ቁ 247605 (05/02/2017)
👇👇👇👇👇👇👇👇
https://t.me/http_Ijooseeraa
1👍1
Mirga qabeenya hinsochoone lafa baadiyaa irratti horatame gurgurachuu; abbaan qabiyyee lafa baadiyaa mana jireenyaa irratti ijaaratee lafa isaa yoo gurgurte hoo?==================================
Mirgi abbaa qabeenyummaa lafaa fi qabeenya uumamaa kamiiyyuu (baadiyaas ta’ee Magaalaa) kan ummataa fi mootummaa ta’uun Heera Mootummaa kwt 40(3) jalatti tumamee jira. Kan “ummataa fi Mootummaa” inni jedhu ifa ta’uu dhabuu caalaayyuu kan “Saba, Sablammootaa fi ummattootaa’ kan Keshia yeroo dheeraaf falmisiisee kan ture ta’us amma kallattii godhate fakkaata (kan mootummaati gara jedhutti ifa bahe yaada jedhuun qaba).
Kan ummataas ta’ee kan mootummaas haata’uutii waanti achi irraa hafe yoo jiraate mirgi namni dhuunfaa qabu mirga itti fayyadamaa qofa akka ta’e beekamaadha, mirga gurguruu fi bituu irraan kan hafe jechuudha.
Gama biraa abbaan qabiyyee lafa magaalaa qabeenya hinsochoone irratti horatee gurgurachuuf mirga qabaachuun isaa takkaayyuu falmii kaasee kan hinbeekne yoo ta’u lafa baadiyaa ilaalchisee garuu qatee bulaa ykn abbaan qabiyyee qabeenya hinsochoone lafa isaa irratti ijaaratee gurgurachuun faallaa heeraati jedhamee waliigaltichis jalqabumaayyuu bu’aa seeraa akka hinqabnetti fudhatamee kufaa ta’aa akka turee fi ammas itti jiru ifa dha. Labsiileen lafa baadiyaa l, keessaayyuu kan naannoo Oromiyaa Labsii Lkk 130/99 ta’ee Lkk 248/2015 daraanuu dhoorkaa mirga gurgurtaa mana lafa baadiyaa daraanuu kan jabeessan yoo ta’u kan Federaalaa garuu keesaaayyuu inni ammaa Labsii Lkk. 1324/2016 hanga tokko mirga kanaaf iddoo kan kenne fakkaata.
Kanas ta’ee garuu ammas qabatama jiruun bittaa fi gurgurtaan mana lafa baadiyaa seeraan ala qofa otuu hintaane faallaa heeraa akka ta’etti duuchumaan ilaalamuun waliigalteen akkasii kufaa ta’uun akkama ittifufetti jira. Asirratti gaaffiin ijoon heerri abbaa qabiyyee lafa Magaalaaf mirga mana laficha irraa qabu gurgurachuu eeyyamuun abbaa qabiyyee lafa baadiyaa immoo dhoorke kun Heera isa kamidha? kan jedhu deebii barbaada. Gama kanaan Heera Federaalaas ta’ee kan naannoo “mirgi abbaa qabeenyummaa lafaa (Magaalaas ta’ee baadiyaa otuu hinjedhin) kan ummataa fi mootummaa ta’uu fi bituu fi gurguruun dhoorkaa akka ta’e tumamee jira. Kanaan ala heerri biroo achii as fooyya’e ykn haaraa bahe bakka hinjirretti abbaan qabiyyee lafa magaalaa mana yoo gurgurte seera qabeessa ta’ee inni baadiyaa immoo Heera faallessa jedhamuun mataan isaa faallaa mirga walqixxummaa kwt 25 jalatti tumamee ta’ee mul’ata.
Kanuma irraa ka’uun fakkaata Dh Ijbt MMWF glm Lkk 184647 ta’erratti murtii gaafa 27/09/2012) kenneen abbaan qabiyyee lafa baadiyaa mana lafa isaa irraa qabu gurgurachuu akka danda’uu fi waliigalteen bittaa fi gurgurtaa manaa lafa baadiyaatis heeraan ala jedhamuun sirrii akka hintaane dhimma naannoo Tigray irraa ka’e tokko irratti hiikkoo dirqisiisaa kan kenne.
Eega hiikkoo kun kenname booda Labsii lafa baadiyaa Lkk 248/2015 kan Naannoo Oromiyaa kan bahe mirga mana lafa baadiyaa gurgurachuuf ammas iddoon (kwt 9(2 fi 13)ilaalaa)  kenne gatii xaaraa fi girgiddaa qofa waan ta’eef hiikkoo Dh Ijbt olitti caqafame waliin akkamitti ilaalama kan jedhu ammas falmichi akka itti fufu godhee jira. Labsicha moo hiikkoo Dh Ijbt fudhatama?
https://t.me/http_Ijooseeraa
1
Forwarded from ⛤ Karam Tamaam ⛤
Dambii beenyaa.pdf
10.4 MB
Regulation No. 472/2020
“Expropriation and
Valuation, Compensation and Resettlement Council of Ministers Regulation
Forwarded from Jemal Kumbi
Himata dhaaltummaa ilaalchisee falmii dhaaltota jidduutti gaggeeffamuuf darbiinsi yeroo raawwatiinsa qabu waggaa sadii(3) dha.
Falmii qabeenya dhaalaa ilaalchisee falmiin dhaalaa fi dhaalaa hin taane(garee 3ffaa) jidduu ka'uuf raawwatiinsa kan qabu darbiinsa yeroo waggaa 10 dha,Kanas #Dhaddacha Ijibaataa Jildii 6ffaa Lakk.Galmee 38152 fi shh keewwata 1845 irraa hubachuun ni danda'ama.#Jildii 6ffaa Lakk.Galmee 25664 ilaaluu dandeessu.

🅱️. #Darbiinsa_yeroo qoodinsa qabeenya dhaalaa:-

Qoodinsi qabeenyaa kan ka'u bakka dhaaltonni baay'ee ta'anittiidha.Hanga addaan hin qoodaminitti qabeenyi dhaalaa qabeenya waliinii dhaaltotaa ta'ee tura.Dhaaltummaan yoo qulqullaa'e,achiin booda qoodinsi qabeenya dhaalaa yoomiyyuu gaafachuun ni danda'ama.
#Dhaddachi Ijibbaataa Federaalaa Jildii 10ffaa Lakk.Galmee 44237 ta'een "gareen waliin falmu dursee waraqaa ragaa dhaaltummaa fudhatanii jennaan,himannaa dhaalaa osoo hin taane,gaaffii qoodinsa qabeenyaa waan ta'uuf shh keewwata 1062 tiin yeroo kamiyyuu gaafachuun ni danda'ama" jechuun murteessee ture.
#Dhaddachi_Ijibbaataa Federaalaa Lakkoofsa Galmee 38533 ta'een himata qabeenya dhaalaa dhaaltonnii fi qabeenyi gaheen isaanii beekamee waliigalteen/fedhiin osoo hin qooddatin kan kaa'an yoo ta'e,yeroo kamittuu gaaffii dhihaachuu waan danda'uuf,darbiinsa yerootiin hin daangeeffamu jechuun murteessee ture,shh keewwata 1060 fi 1061.

#C.#Darbiinsa_yeroo mormii qoodinsa qabeenyaa dhaalaa:-

Waliigalteen qoodiinsaa bakka dhaaltuun tokko hin jirretti godhame tokko Mana Murtiitiin yoo mirkanaa'uu baate gaaffiin isa hin jirreen diigamuu danda'a,shh keewwata 1080.Gaaffiin kun guyyaa qoodinsi godhamuu beekee kaasee waggaa tokko(1) keessatti mormiin dhihaachuu akka qabu,haala biraatiin erga dhaalchisaan du'ee waggaa 10 keessatti yoo hin dhihaatin darbiinsa yerootiin hafaa ta'a,shh keewwata 1080(3).
#Dhaddachi_Ijibbaataa Federaalaa Jildii 10ffaa Lakk.Galmee 40418 ilaaluun ni danda'ama.

#D. #Darbiinsa_yeroo mormii dhaamoo irratti dhihaatu:-shh keewwattoota 973,974.

👉Darbiinsi yeroo dhaaltota gaafa dhaamoon dubbifamu jiran ilaallatu shh keewwata 973,himannaa dhiheessuuf yaada akka qaban guyyaa dhimmichi dubbifamee kaasee guyyoota 15 keessatti Qulqulleessituu dhaalaatiif barreeffamaan ibsuu qaba.Himannaan kunis guyyaa ibsi barreeffamaan dhihaatee kaasee hanga ji'a 3 tti Mana Murtiitti dhihaachuu qaba shh keewwata 973(3).
Namoota gaafa dhaamoon dubbifamu hin jirreef lakkaa'amuu kan eegalu gaafa Qulqulleessituun haala raawwii dhaalaa yaada qabu itti himeedha shh keewwata 974(1).Dhaamoon yoo jiraate erga dubbifamee,yoo hin jiraatin dhaalchisaan erga du'ee waggaa 5 booda mormiin gonkumaa hin dhihaatu,shh keewwata 974(2).
#Dhaddacha_Ijibbaataa Federaalaa Jildii 11ffaa Lakkoofsa Galmee 53223 ilaaluun ni danda'ama.
#Dhaamoon yeroo dubbifamu ykn bakka bu'aan isaanii kan jiran yoo ta'e guyyaa dubbifamee eegalee bultii 15 keessatti iyyannoo isaan qaama ilaallatutti Baatii sadi keessatti ibsuu baannaan dhiheessuu hin danda'u.Namni dhaaltuu hin taane bu'uura shh keewwata 974 tiin mormii dhiheessuu hin danda'u.

#E. #Darbiinsa_yeroo Sirna dhaaltummaa qulqulleessuu:-

♂️Sirna kana keessatti gaaffiiwwan qulqulleessituun dhaalaa naaf haa muudamu,qulqulleessituun dhaalaa naaf haa bu'u,dhaaltummaan naaf haa qulqullaa'u fi kan kana fakkaataniin dhihaataniidha.Darbiinsa yeroo isa qubee 'E' jalatti ibsame kana ilaalchisee ejjannoo 4tu jira:Isaanis:-
#A.Ejjannoo 1ffaa darbiinsi yeroo waliigaltee keessatti tumame waggaa 10 shh keewwata 1845 jalatti tumame raawwatiinsa qaba jedhu.
#B.Ejjannoo 2ffaaa shh keewwata 1052 raawwatiinsa qaba jedhu.
#C.Ejjannoo 3ffaa darbiinsa yeroo shh keewwata 874(2) jalatti tumame raawwatiinsa qaba jedhu.
#D.Ejjannoo 4ffaa shh keewwata 1000 raawwatiinsa qaba,sababni isaas bu'aan iyyata dhaaltummaan naaf haa qulqullaa'uu fi himata dhaaltummaa tokkuma waan ta'eef keewwatni kun Qulqulleessituu dhaalaa irratti raawwatiinsa qaba jedhu.Anis ejjannoo isa 4ffaa darbiinsi yeroo sirna Qulqulleessituu dhaalaa waggaa 3 kan jedhu kana deeggara.Dh.Ij.MMWF Jildii 11ffaa L.G.52407.

#F.