Dhimmi tokko Mana Murtii Biyya Ormaatti Ilaalamee Murtii kan Argate Ta’uun Manneen Murtii Biyya Itiyoophiyaatti Himannaan Yoo Dhiyaate SDFHH kwt 5n Dhimma Dursee Murtii Argate Jedhamuu Nidanda’aa?=================
Dhimmi tokko dursee Mana Murtii Biyya ormaatti dhiyaatee falmiin ergaluun Mana Murtii biyya Itiyoophiyaatti himannaa dhiyeessuu irraa akka hindaangessine SDFHH kwt 8 jalatti tumamee jira.
Akkasumas mana Murtii biyya ormaatti murtiin kenname Manneen Murtii Itiyoophiyaatti dhiyaatee raawwatamuu kan danda’u haal-dureewwani fi ulaagaalee SDFHH kwt 456 hanga 461 jalatti tumaman guutee yoo argame qofa akka ta’e tumamee jira.
Haalota ykn ulaagaalee gaafataman keessaa tokko murtiin biyya ormaatti kenname Manneen Murtii biyya Itiyoophiyaatti fudhatama kan argatuu fi raawwatamu biyya ormaa murticha kenne sanatti murtii Manneen Murtii biyya Itiyoophiyaan kenname fudhatama kan qabu yoo ta’eedha.
Bu’ura kanaan yoo ilaalamu haallan ykn ulaagaaleen SDFHH olitti caqafaman jalatti ibsaman guutamuun yoo mirkanaa’e malee murtiin biyya ormaatti kennamuun qofaan himannaa dhimmicha irratti Manneen Murtii biyya Itiyoophiyaatti dhiyaatu dursee murtii kan argateedha jedhamee SDFHH kwt 5n kan daangeffamu akka hintaane hubachuun nidanda’ama.
Gama kanaan Dh Ijb MMWF glme Lkk 54632 ta’ee fi Jld 12ffaa keessatti manxanfamee argamu irratti hiikkoon kennes yaaduma olitti ibsame agarsiisa.
               Jemal Kumbi
https://t.me/http_Ijooseeraa
👍1
Qabiyyee Lafaa Abbaa Qabiyyee Harkaa Akkaataa Seera Beenyaatti Otuu Hinfuudhamin Nama Dhuunfaaf Kennuun Bu’aa Hordofsiisu: =====================
Heera Mootummaa kwt 40(8) fi Labsii Lkk 1160/2011 Kwt 8 waliin Xiinxaluun Hiikkoo Dh Ijbta MMWF glme Lkk 249569 ta’erratti gaafa 06/2017 kenname===========================
Qabiyyee nama dhuunfaa ykn abbaa qabiyyee harka jiru Keessaayyuu daangaa magaalaa irratti/keessatti argamu otuu akkaataa seera qabiyyee gad-lakkisiisuu rogummaa qabu hinhordofin B/Magaalaa dabarsee qilleensa irratti tajaajila mana jireenyaaf ykn inveestimantiif nama biroof ragaa saayitii fi kaartaa abbaa qabiyyummaa haalli itti kennan baratamaadha. Sababa kanaan falmiin abbaa qabiyyee fi nama kaartaan kennameef giddutti mana murtiitti yeroo dhiyaatu bal’inaan mul’ata. Manneen murtiis irra caalaa himatamaan qaama aangoo qabu irraa kaartaa ragaa abbaa qabiyyummaa seera qabeessa kan argate waan ta’eef qabiyyichi himataaf gad-lakkisuuf dirqama hinqabu, himataan yoo barbaada qaama mootummaa ilaalu irraa beenyaa fi lafa bakka bu’iinsaa gaafachuu danda’a jechuun kan murteessan akka ta’es qabatamni jiru niagarsiisa.
Haata’u malee dhimma Magaalaa Shaggar Aanaa Sulultaa duraaniitti eegaluun dhumarra Dh Ijbt MMWFtti bara kana murtaa’e irratti Dh Ijbt MMWF murtii Manneen Murtii Ol’aanaa, Waliigalaa fi Ijbta Naannichaa kenname diiguun qabiyyee lafaa falmii kaase akkaataa Labsii Lkk 1160/2011tiin faayidaa ummataaf akka fudhatamu murtaa’uudhaan adeemsa labsichaan taa’e hordofee himataa harkaa dursee fuudhamuun otuu hinmirkanoofne sababa himatamaaf ragaan kaartaan kenname jedhuun qofa himataan beenyaa fi lafa bakka bu’iinsaa gaafachuu danda’a jedhamee murtaa’uun dogongora bu’uraa ijoo seeraa Heera mootummaa kwt 8 fi Labsii beenyaa Lkk 1160/2011 irratti raawwatameedha jechuun murteessee jira.
Guutuun murtichaa armaan gaditti kaajameera.
https://t.me/http_Ijooseeraa
1
Waliigaltee Kiraa mana mootummaa/gandaa ilaalchisee ijaarsi dabalataa mana gandaa kiraan qabatame irratti raawwatamus ta’ee waliigalticha irratti bu’aa akkamii akka hordofsiisu ======================
Hiikkoo Dh Ijbta MMWF glme Lkk 245889 ta’erratti gaafa 05/02/2017 kenname waliin kan ilaalame============================
Yeroo hedduu mana mootummaa B/Gandaa irraa waliigaltee kiraatiin namoonni qabatanii tajaajila mana jireenyaa fi ykn daldalaaf ittifayyadamuun kan beekamu yoo ta’u mana haala kanaan waliigaltee kiraan qabatan beekamtii fi eeyyama kireessaa malee haaromsuu fi ykn dallaa keessatti mana dabalataa Ijaaruu bira darbee dabarsanii namoota biroo garee 3ffaatti kireessuu fi darbee darbee gurguruunis nimul’ata. Sababa kanaan falmiin qaama mootummaa ilaallatu (yeroo hedduu B/Gandaa) fi kireeffataa manichaa fi ykn garee 3ffaa kireeffataa jalqabaa irraa kiraan ykn bittaan argate giddutti nika’a.
Manneen murtiitis murtii garaagaraa kan kennan yoo ta’u kana irratti manicha beekamtii fi eeyyama kireessaa malee haaromsuu, dabalataan ijaaruus ta’ee garee 3ffaatti dabarsuun gochaa seeraan alaa waliigaltee kiraa adda kutuuf dandeessisu ta’uu fi haaromsa taasifames ta’ee mana dabalataa ijaarames kireeffataas ta’ee gareen 3ffaan sababa tokko malee gad-lakkisuuf kan dirqaman akka ta’e Dh Ijbta galmee olitti caqafame irratti hiikkoo kennee jira.
https://t.me/http_Ijooseeraa
#Dhala seeraan hin eeyyamamne(araaxaa) vs Seeraa fi Dh.Ij.MMWF:
  Dhaabbileen xixiqqaan liqaa maallaqaa irratti hojjatan,fi namni dhuunfaan himannaa yeroo dhiheessan tokko tokko dhibbeentaa kudha sadi(13%) yoo gaafatan,kaan immoo 16%,kaan immoo 18%,kaan immoo 24% yommuu gaafatan ni mul'ata.
  Namni dhuunfaan tokko(liqeessaan) qarshii 200 liqeeffataatti liqeessee liqeeffataan rakkina mataa isaatiif jedhee liqeeffachuu hubatee akka qarshii 3000 liqeessetti qarshii 3000 waliigaltee liqii qarshii waliif mallatteessuunis ni mul'ata.
  Dhalli seeraan eeyyamame dhibbeentaa sagal(9%) akka ta'e seera hariiroo hawaasaa irraa ni hubatama.Kunis kan kanfalamu waggaatti akka ta'e seera siivilii keewwatni 1751 ifa taasisee jira.
  Dhaabbatoota xixiqqaa liqaa qarshii irratti hojjatan wal qabatee hanga dhala isaanii Baankii Biyyoolessaa yeroo yeroon kan murteessu waan ta'eef,himannaan dhaabbileen kunneen dhiheessan qajeelfama Baankiin Biyyoolessaa yeroo yeroon baasuu fi hanga dhalaa ittiin murteessu waliin akka ragaa barreeffamaatti wal qabatuu baannaan dhala seeraa(legal interest rate) dhibbeentaa sagal/9% seera siivilii irratti tumame murtaa'uu akka qabuudha.
#Dhalli seeraan hin hayyamamne araaxaadha,yakkaan nama gaafachiisa.Araaxaa:seera yakkaa bara 1996 bahe keewwata 712(1) jalatti"namni(nama dhuunfaas ta'e dhaabbanni) kamiyyuu rakkoo gadi aantummaa yookiin rakkina maallaqaa yookiin dadhabina yaadaa yookiin muuxannoo yookiin dandeettii dhabuu miidhamaa(liqeeffataa) bu'uura godhachuun:
A.dhala seeraan hayyamameen ol ta'een maallaqa kan liqeesseef yoo ta'e; yookiin
B.maallaqa liqeesseef waliin qabeenya ifatti wal madaalaa hin taane bakka isaa akka kennuuf kan taasise yookiin waadaa Kan seensise yoo ta'e hidhaa salphaan yookiin haala dubbichaatti hidhaa cimaa waggaa 5(shan) hin caallee fi adabbii maallaqaatiin adabama jechuun tumeera.
#Dhaddachi ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Jildii 15ffaa Lakkoofsa galmee 80119 ta'een"namni tokko gocha yakka araaxaa raawwateera jechuun yakkaan itti gaafatamaa ta'uuf ulaagaa guutuu qabu,ji'aan dhibbeentaa kudhan(10%) dhalli shallagamaa akka kanfaluuf waliigaluun qarshii liqeessuun gocha yakka araaxaa raawwachuutiin kan gaafachiisu ta'uu" murtii kennee ture.Seera adaba yakkaa bara 1949 bahe keewwatni 667(1) fooyya'ee seera yakkaa bara 1996 bahe keewwata 712 tiin bakka bu'eera.Keewwattoonni lameenuu walfakkaatu.
#Himannaa keessatti seerummaa dhallii fi adabbiin yeroo tokko yoo gaafatame,dhallii fi adabbiin yeroo tokko hin murtaa'u.Adabbiin biraa dhiisuun dhala murteessuutu bu'uura seeraa qaba.
#Dh.Ij.MMWF Jildii 12ffaa Lakk.Galmee 59882 ta'een "seera hariiroo hawaasaa keewwata 2489 waliin xinxaluudhaan dhalaa fi adabbiin erga tokko gaafatameera yoo ta'e erga tokko murteessuu osoo hin taane,adabbii biraa dhiisuun dhala qofatti murtii kennuun deeggarsa seeraa qaba"jechuun murteessee ture.
#Dhalli seeraan alaa,fi dhala seerawaa dabalataan waliigalteen akka adabbiitti kanfalamuuf waliigalame diigamaa akka ta'e shh keewwattoota 2006(2),2005(1),2489 fi 1889 irraa ni hubatama.Dhalli seeraan alaa(araaxaan) yakkaan nama gaafachiisa.
Mohamedtyib Nure Law  Office
https://t.me/http_Ijooseeraa
#Dhala seeraan hin eeyyamamne(araaxaa) vs Seeraa fi Dh.Ij.MMWF:
  Dhaabbileen xixiqqaan liqaa maallaqaa irratti hojjatan,fi namni dhuunfaan himannaa yeroo dhiheessan tokko tokko dhibbeentaa kudha sadi(13%) yoo gaafatan,kaan immoo 16%,kaan immoo 18%,kaan immoo 24% yommuu gaafatan ni mul'ata.
  Namni dhuunfaan tokko(liqeessaan) qarshii 200 liqeeffataatti liqeessee liqeeffataan rakkina mataa isaatiif jedhee liqeeffachuu hubatee akka qarshii 3000 liqeessetti qarshii 3000 waliigaltee liqii qarshii waliif mallatteessuunis ni mul'ata.
  Dhalli seeraan eeyyamame dhibbeentaa sagal(9%) akka ta'e seera hariiroo hawaasaa irraa ni hubatama.Kunis kan kanfalamu waggaatti akka ta'e seera siivilii keewwatni 1751 ifa taasisee jira.
  Dhaabbatoota xixiqqaa liqaa qarshii irratti hojjatan wal qabatee hanga dhala isaanii Baankii Biyyoolessaa yeroo yeroon kan murteessu waan ta'eef,himannaan dhaabbileen kunneen dhiheessan qajeelfama Baankiin Biyyoolessaa yeroo yeroon baasuu fi hanga dhalaa ittiin murteessu waliin akka ragaa barreeffamaatti wal qabatuu baannaan dhala seeraa(legal interest rate) dhibbeentaa sagal/9% seera siivilii irratti tumame murtaa'uu akka qabuudha.
#Dhalli seeraan hin hayyamamne araaxaadha,yakkaan nama gaafachiisa.Araaxaa:seera yakkaa bara 1996 bahe keewwata 712(1) jalatti"namni(nama dhuunfaas ta'e dhaabbanni) kamiyyuu rakkoo gadi aantummaa yookiin rakkina maallaqaa yookiin dadhabina yaadaa yookiin muuxannoo yookiin dandeettii dhabuu miidhamaa(liqeeffataa) bu'uura godhachuun:
A.dhala seeraan hayyamameen ol ta'een maallaqa kan liqeesseef yoo ta'e; yookiin
B.maallaqa liqeesseef waliin qabeenya ifatti wal madaalaa hin taane bakka isaa akka kennuuf kan taasise yookiin waadaa Kan seensise yoo ta'e hidhaa salphaan yookiin haala dubbichaatti hidhaa cimaa waggaa 5(shan) hin caallee fi adabbii maallaqaatiin adabama jechuun tumeera.
#Dhaddachi ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Jildii 15ffaa Lakkoofsa galmee 80119 ta'een"namni tokko gocha yakka araaxaa raawwateera jechuun yakkaan itti gaafatamaa ta'uuf ulaagaa guutuu qabu,ji'aan dhibbeentaa kudhan(10%) dhalli shallagamaa akka kanfaluuf waliigaluun qarshii liqeessuun gocha yakka araaxaa raawwachuutiin kan gaafachiisu ta'uu" murtii kennee ture.Seera adaba yakkaa bara 1949 bahe keewwatni 667(1) fooyya'ee seera yakkaa bara 1996 bahe keewwata 712 tiin bakka bu'eera.Keewwattoonni lameenuu walfakkaatu.
#Himannaa keessatti seerummaa dhallii fi adabbiin yeroo tokko yoo gaafatame,dhallii fi adabbiin yeroo tokko hin murtaa'u.Adabbiin biraa dhiisuun dhala murteessuutu bu'uura seeraa qaba.
#Dh.Ij.MMWF Jildii 12ffaa Lakk.Galmee 59882 ta'een "seera hariiroo hawaasaa keewwata 2489 waliin xinxaluudhaan dhalaa fi adabbiin erga tokko gaafatameera yoo ta'e erga tokko murteessuu osoo hin taane,adabbii biraa dhiisuun dhala qofatti murtii kennuun deeggarsa seeraa qaba"jechuun murteessee ture.
#Dhalli seeraan alaa,fi dhala seerawaa dabalataan waliigalteen akka adabbiitti kanfalamuuf waliigalame diigamaa akka ta'e shh keewwattoota 2006(2),2005(1),2489 fi 1889 irraa ni hubatama.Dhalli seeraan alaa(araaxaan) yakkaan nama gaafachiisa.
Mohamedtyib Nure Law  Office
https://t.me/http_Ijooseeraa
Gaa'illii gamtaa jaarsaa fi jaartiiti malee gamtaa qabeenyaa waan hin taaneef jaarsaa fi jaartiin qabeenya osoo gaa'ila waliin hin hundeefatin dura dhunfa dhunfaa isaaniitin qaban gaa'ila boodas waliigaltee fuudhaa fi heerumaatin qabeenya waliinii akka ta’u yoo murteefatan malee qabeenyuma dhunfaa isaanii ta'ee itti fufa.
👉Erga gaa'ila hundeefatanii booda jaarsaa fi jaartiin qabeenya dhunfaa isaanii karaa sadi gurguddoon horachuu ni danda’an
👉Kunis qabeenyi dhiirsaa fi niitiin gaa'ila keessatti waliin osoo hin tahin dhunfaan kophatti dhaalaan maatii isaaniirra dhaalaanii fi kennaan dhunfaan nama biroo irraa argatan qabeenya waliinii osoo hin tahin qabeenya dhunfaa isaanii taha
👉Seera maatii federaalaa keewwata 57 fi seera maatii Oromiyaa keewwata 72 jalatti qabeenyi abbaan warraa fi haati warraa guyyaa fuudhaa fi heeruma isaanii raawwatan dhunfaa isaaniti qabanii fi erga wal fuudhan booda dhaalan maatii irraa yokiin kennaan nama biroo irraa dhunfaa isaaniti argatan kanuma dhunfaa isaanii taha jechuun ifatti tumamee jira.
Fakkeenyaaf fuudhaa fi heeruma akkaataa amantaa islaamatti raawwatamu keessatti Mahariin gaa'illi akka ragga’aa tahuuf ulaagaa barbaachiftuu fi qabeenya dhunfaa haadha warraatif guyyaa gaa'illli raawwatamu kennamu waan taheef qabeenya dhunfaa isiiti jechuudha
👉Bu’an yokiin firiin qabeenya dhunfaa irra argamu garuu qabeenya waliiniti.
👉Fakkeenyaaf mahaariin sa'aa yokiin raaddi kan jaartiif guyyaa gaa'illli raawwatamu kennamuuf qabeenya dhunfaa haadha warraa yommuu tahu jabbiin sa'aan mahaarii kun horu immoo qabeenya waliinii taati
Jarsaa fi jaartiin Gaa'ila keessatti qabeenya tokko kennaan dhunfaa isaaniiti nama biroo irraa argachuun kan dhunfaa isaanii taasifachuuf namni kennaa isaaniif kennu qabeenya kennaan isaanif dabarsu ilaalchisee jaarsaa fi jaartii keessa isa tokko yokiin abaaluufin kanne jechuun ifaa ifatti ibsuun akkasumaas akkaataa seera rogummaa qabuutiin ulaagaan waaligalte kennaa qabeenya kanaatis guutamuun qabeenyichi isaan keessa nama tokko qofaaf kennamuun isaa haala shakkii hin qabneen yoo ibsamee qofa qabeenyi kun qabeenya dhunfaa nama kennameefii san taha malee yoo haala kanaan ibsamu baate qabeenyi kennaan argame kun qabeenya waliinii jaarsaa fi jaartii tahuun isaa waan hafu miti jechuudha
👉Haa tahu garuu jaarsaa fi jaartiin erga wal fuudhan booda qabiyyee lafaa dhaalaa ykn kennaan maatii isaaniirra dhunfaa isaaniti kan argatan yoo ta’e akka qabeenya birooti lafti dhunfaan isaan keessaa namni tokko dhaalan yokiin kennaan maatii isaarraa argate kun qabiyyee dhunfaa isaa qofa tahuu hin dandeesu.
👉Kunis gaa'ila keessatti jaarsaa fi jaartii keessaa namni tokko qofti qabiyyee lafaa kennaan yokiin dhaalaan kan argatu yoo ta’e inni kaanis nama qabiyyee lafaa kennaan yokiin dhaalaan kophatti maatii isarraa argate waliin kan itti fayyadamu waan taheef mirga qabiyyee laficha irratti kan waliin horatan waan taheef lafti kunis sababa waliin itti fayyadamaniif qofa qabiyyee waliinii isaanii taati jechuudha.
👉 Bu’uruma kanaan manni murtii waliigalaa naannoo oromiyaa dhaddachi ijibaataa jildii 10ffaa lakka galmee 393039 ta'e irratti qabiyyeen lafa baadiyyaa dhaalan yokiin kennaan jaarsaa fi jaartii keessaa garee isa tokkoof gaa'ila keessatti kenname akka qabeenya kaani kan dhunfa ta'e itti hin fufu jechuun murteesseera.
Karaan inni sadaffaan jaarsaa fi jaartiin gaa'ila keessatti qabeenya tokko dhunfaan horachuu danda’an qabeenya dhunfaa isaaniiti gaa'ilan duraa fi gaa'ila keessatti qaban gurguruun qabeenya biroo bituun yokiin kan birootiin jijjiruun qabeenyi argatan qabeenya dhunfaa isaanii taha
👉Seera maatii federaalaa keewwata 58 fi seera maatii Oromiyaa keewwata 74 jalatti abbaan warraa fi haati warraa qabeenya tokkoon isaanii qabeenya dhunfaa isaatiin jijjiruun argatu yokiin qabeenya dhunfaa isaatiin bitatu yokiin maalaqni qabeenya dhunfaa isaa gurguree argatu kanuma dhunfaa nama sanii taha jechuudhan ifatti tumamee jira.
https://t.me/http_Ijooseeraa
Dhaddachi Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa (DHIMMWF ) lakkoofsa 235844 irratti dhaddacha gaafa Guyyaa 06/2016 oolen:-- Qabeenyi hin sochoone(Mana) ragaan Abbaa qabeenyummaa  maqaa Abbaa manaa Fi haadha manaatin  galmaa'ee yoo jiraatellee,  lamaan keessaa tokko qabeenyichi kan dhuunfaa Isaa ta'uu hubachiisuu yoo danda'e, qabeenyichi kan dhuunfati malee, qabeenya waliiniti miti. Qabeenyichi maqaa isaan lamaanitin galmaa'uu qofti, qabeenya walinii gaa'ela keessatti horatame hin taasisu.
      *Hubachiifachuun gahee keeti

Hubannoo walfakkaataa argachuuf linkii gadii kana qofa cuqasi:-
      
   https://t.me/http_Ijooseeraa
Madaaallii Ragaa Dhimma Yakkaa Ilaalchisee Adeemsa Dhoorkame.
=========="========
𝐃𝐡𝐚𝐝𝐝𝐚𝐜𝐡𝐢 𝐈𝐣𝐢𝐛𝐛𝐚𝐚𝐭𝐚𝐚 𝐌𝐚𝐧𝐚 𝐌𝐮𝐫𝐭𝐢𝐢 𝐖𝐚𝐥𝐢𝐢𝗴𝗮𝐥𝗮𝗮 𝐅𝐞𝐝𝐞𝐫𝐚𝐚𝐥𝐚𝐚 𝐋𝐚𝐤𝐤𝐨𝐨𝐟𝐬𝐚 𝐆𝐚𝐥𝐦𝐞𝐞 220008 ta’e irratti bu'uura SDFY tiin namni yakkaan himatame ragaa ittisaa akka dhiyeessu kan ajajamu ragaan Abbaa Alangaa dhiyaate haala gahaa fi amansiisaa ta'een gochicha raawwachuu isaa yoo mirkaneesse akka ta'e SDFY kwt 141 fi 142 irraa ni hubatama.Manni murtii himatamaan ragaa ittisaa akka dhiyeeffatu ajajuu kan qabus dandeettii ragaa gama Abbaa Alangaatiin dhiyaate haala hunda galeessa ta'een  himannicha mirkaneessuu isaa erga qulqulleessee booda akka ta'e tilmaamni ni fudhatama.Gama kanaan himatamaan ragaa ittisaa dhiyeesseen fashaleessuu hanga hin dandeenyetti balleessaa jedhamee kan adabamu ta'a.Kanaafuu,hanga ragaan ittisaa dhiyaate ragaa AA fashalleessuu hin dandeenyetti ragaan Abbaa Alangaa dura madaalamee ture Mana murtii murticha kenneen irra deebiin madaalamee ejjannoo ajaja/jal-murtii dura kennameen faallaa ta'e haalli itti qabamu faallaa kaayyoo SDFY ti.
   Walumaagalatti,adeemsa falmii dhimma yakkaa keessatti namni yakkaan himatamee jiru tokko ragaan Abbaa Alangaa dhagahamee jal-murtii/ajajni akka ofirraa ittisu erga kennameen booda jal-murtii/ajajni akka ofirraa ittisu kennamee jiru sun dogoggora illee kan qabu yoo ta’e,Manni murtii dhimmicha ilaalaa jiru sun ragaa abbaa alaangaa irra deebidhaan madaaluun eejjennoo haarawaa qabachu kan hin dandeenye ta’u isaa ykn himatamaan ragaa ittisaa otoo hin dhiyeeffatiin murtii bilisaan gadi lakkisu kan hin dandeenye ta’uu isaa" hiikoo kenneera.

አንድ በወንጀል የተከሰሰ ሰው የዐቃቤ ህግ ማስረጃ ተሰምቶ የመከላከያ ማስረጃዉን እንዲያቀርብ ብይን/ትዕዛዝ ከተሰጠ በኋላ እንዲከላከል የተሰጠው ትዕዛዝ ስህተት ቢኖረዉም እንኳን ተከሳሹ ማስተባበያ ማስረጃ ባልቀረበበት ሁኔታ ከሱን በሚሰማው ፍርድ ቤት የዐቃቤ ህግ ማስረጃ በድጋሚ መዝኖ ቀደሞ ከተሰጠዉ ብይን/ትዕዛዝ የተለየ አቋም በመያዝ ተከሳሽን በነፃ እንዲሰናበት ሊወሰን የማይችል ስለመሆኑ፡፡
የሰ.መ.ቁ.220008 ሐምሌ 26/2014 ዓ.ም (ያልታተመ)
https://t.me/http_Ijooseeraa
Dhimmi hariiroo hawaasaa tokko kanaan dura dursee murtii kan argateedha jechuuf ulaagaalee guutamuu qaban ==================================
SDFHH kwt 5 fi hiikkoo Dh Ijbta MMWF glme lkk246803 ta’erratti gaafa 06/02/2017 kenname waliin akka xiinxalametti =================
Seerri deemsa falmii hariiroo hawaasaa     falmiin dhimma hariiroo hawaasaa baasii xiqqaan yeroo gabaabaa keessatti murtii haqa qabeessa akka argatu sirna falmii dandeessisu diriirsuu kaayyoo kan godhatedha.
Kunis gareewwan falmii baasii hinmallee fi dhamaatii hinbarbaachifneef otuu hinsaaxilamin falmiin dhimmootaa sadarkaa tokko irratti akka xumuramu fi kanas Manneen Murtii hordoffii seeraa gochuun namoonni dhimma al-tokko murtii dhumaa argate irra deebiin dhiyeessuun sirna deemsa falmii gar-malee akka dhimma itti hintaane fi namoota himataman seeraan akka hindhamaafne eegumsa seeraa cimaa taasisuuf SDFHH kwt 5 tumamee argama.
Bu’ura tumaa seericha kwt 5tiinis ulaagaaleen gurguddoon dhimmi tokko kanaan dura murtii dhumaa argateera jechuuf guutamuu qaban afur (4) ilaaluun nidanda’ama.
1) Dhimmichi kanaan dura Mana Murtii Aangoo Abbaa Seerummaa seeraan kennameefiin kan murtaa’e ta’u. Murticha kan kenne qaama bulchiinsaa ootuu hintaane Mana Murtii Idilee ykn bu’ura seera rogummaa qabuun aangoon abbaa seerummaa kennameefiin ilaalamee kan murtaa’e qaba.
2) Murtichi murtii dhumaa ta’uu; mormii sadarkaa duraan ykn ijoo dubbii dhimmichaa keessa seenamee kan murtaa’e ta’uu qaba. Kana jechuun dhimmichi galmeen sababa gareen beellama irraa hafeef ykn sababa biroo adeemsa falmii keessa ijootti otuu hinseenamin kan cufame ta’uun ulaagaa miti.
3) Firiin dubbii galmee duraa keessatti qabxii ijoo turee fi kan amma dhiyaate tokko ta’uu; firiin/firiiwwan dubbii himannaa ammaa keessatti ka’an kan duraa keessatti ilaalamanii kan murtaa’an ykn achitti ka’anii garuu caldhiinsaan otuu murtiin irratti hinkennamin bira darbaman ta’uu qaba.
4) Eenyummaan gareewwan falmii tokko ta’uu; falmiin duraa walfalmitootumma ammaa giddutti ykn namoota isaan irraa mirga argatan (fkn dhaaltota,mirga bakka bu’aa argatan, fi kkf) giddutti kan dhiyaate ta’uu qaba.
Egaa ulaagaaleen kun SDFHH kwt 5(1-4) jalatti kan tumaman yoo ta’an ulaagaalee gurguddoo filannoon otuu hintaane al-tokko (cumulatively) guutamuu qabanidha.
https://t.me/http_Ijooseeraa
👍2
Dhimmi Falmii Hariiroo Hawaasaa Tokko Bakka Hin Jirretti (Ex parte) Akka Itti Fufu Mana Murtiitiin Ajajamuun, Adeemsota Falmii Itti Aanan Keessatti Himatamaan Akka Hin Hirmaanne Ni Taasisaa?

===✓====✓✓=====✓✓======

Dhaddachi Ijibbaataa MMWF, hiikkoo seeraa dirqisiisaa dhaddacha gaafa 25/05/2014 ooleen Lakk.Ga.206006 (kan hin maxxanfamne) ta'e irratti kenne keessatti:

"በተያዘው ጉዳይ አመልካች መጥሪያ ደርሶት መልስ አቅርቦ ፤ ባቀረበው የመጀመሪያ ደረጃ መቃወሚያ ላይ ብይን ተሰጥቶ በፍሬ ነገሩ ላይ ክስ ለመስማት መዝገቡ በተቀጠረበት ዕለት ባለመቅረቡ ያቀረበው ምክንያት በቂ ሊባል የማይችል በመሆኑ ክርክሩ በሌለበት እንዲታይ ብይን የተሰጠ መሆኑን ከመዝገቡ መረዳት ተችሏል፡፡ አመልካች ክርክሩ በሌለበት እንዲታይ ብይን የተሰጠው የፍ/ሥ/ሕ ቁ 70(ሀ) መሰረት አድርጎ በመሆኑ ፤ በፍ/ሥ/ሥ/ሕ/ቁ 72 መሰረት ያቀረበው ምክያንት ተቀባይነት ማጣቱ የመከላከያ ክርክር የማቅረብ መብቱን ከማሳጣት አልፎ በቀሪዎቹ የክርክር ሂደቶች ከመሳተፍ የማያግደው ሆኖ እያለ ፤ የሥር ፍርድ ቤት አመልካችን ሙሉ በሙሉ ከክርክሩ ሂደት ውጭ ማድረጉ መሰረታዊ የሕግ ስህተት ሲሆን ጉዳዩ በይግባኝ እና በሰበር የቀረበላቸው ፍርድ ቤቶችም ስህተቱን አለማረማቸው መሰረታዊ የሕግ ስህተት ነው" jedheera.

✍️Dhaddachichi, hiikkoo seeraa dirqisiisaa kana keessatti, murtii kanaan dura lakk.Ga.15835 ta'e irratti kennee tures (falmiin bakka hin jirretti (ex parte) akka itti fufu ajajamuun himatamaa falmicha keessaa waan baasisu fakkeessee kennee ture) fayyadameera.
✍️Kanaan walqabatee, barreessaan M P JAIN jedhamu, kan seera deemsa falmii Hariiroo Hawaasaa biyya Hindii irratti yeroo adda addaatti Kitaaba maxxansiisee qabu:

"Ex parte merely means in the absence of the other party. In ex parte proceedings the necessity of plaintiff proving his case is not lost. In a case which has proceeded ex parte, the trial Court would scrutinize the available proceedings and documents, consider the evidence adduced. It would do well to frame the 'points for determination' and proceed to construct the ex parte judgment dealing with the points at issue one by one. Merely because the defendant is absent the Court shall not admit evidence, the admissibility of which is excluded by law. It should also not permit its decision being influenced by irrelevant or inadmissible evidence. The proviso merely authorizes the Court to do that which it could not have done without this authority namely to proceed in the absence of one of the parties" jechuun ibseera.

👁️Kunis kan agarsiisu, jechi 'ex parte' jedhu "bakka gareen biroo hin jirretti" yaada jedhu qofa akka ibsu, 'ex parte' jedhamuun dirqama mirkaneessuu himataa kan hin hambisne ta'uu, bakka hin jirretti kan jedhame ta'us manni murtii tokkoon tokkoon ijoo dubbii ragaalee hunda waliin wal bira qabee madaaluu kan qabu ta'uu, Manni murtii sababuma himatamaan hin jirreef ragaa fudhatamummaa hin qabne (akka seeraatti) fudhachuu kan hin qabne ta'uufi tumaan sun (Akka sdfs keenyatti kwt 70(a)n ilaali), guyyaa dhagaha duraa himatamaan yoo hafe tarkaanfii akkamiin fudha kan jedhu ilaalchisee akka gaaffiin itti hin uumamneef "yoo himatamaan dhiyaachuu baates itti fufi" jedhee kan aangesseen ta'uudha.

         Desalegn B

https://t.me/http_Ijooseeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
.
Hubannoof

Qabiyyee Lafa Baadiyyaa Ilaalchisee Hiikoo DhIjMMWF

1) "Namni qabiyyee lafaa kennaan karaa seera qabeessa ta'e qaama kennaa raawwachuuf rogummaa qabu irraa argatee yeroo dheeraaf itti fayyadamuun isaa mirkanaa'e; lafichi maqaa nama kennaa raawwatuutiin galmaa'ee gibirri kanfalamaa turuu isaa qofti lafichi waliigalteen hin darbine kan nama jechisiisuu miti"  DhIjMMWF Jildii 21ffaa LGMM 122740

2) "..Mirgi itti fayyadama Lafa baadiyyaa bu'uura seera dhaalmaatiin nama qabiyyee fayyadamuuf mirga miseensa maatiitiif yoo ta'u; haaluma kanaan mirgi dhaalmaa dursa kennamuuf nama galii qabiyyee kana irraa argamuun bulu/dhaalaa galii biraa hin qabneef" DhIjMMWF Jildii 19ffaa LGMM 108335

3) "..Namni tokko qabiyyee Lafa baadiyaa karaa seera qabeessa ta'een qabachuu hanga hin mirkanoofnetti, qabiyyee lafaa kan qabate karaa seeraan alaatiin ta'uu tilmaamni waan fudhatamuuf adeemsa mormii sadarkaa duraatiin himannaa irratti mormii sadarkaa duraa kaasuu akka hin dandeenye" DhIjMMWF Jildii 24ffaa LGMM 179827

4) "..Qabiyyee lafa baadiyyaa waliin wal qabatee waldhabdee ykn wal diddaan yoo jiraate dhimmichi karaa Bulchiinsa Gandaatiin ykn filannoo falmitootaatiin jaarsolii araaraatiin ilaalamee wal dhabdeen akka hiikamu gochuun garee falmitootaaf carraa hayyamame malee dirqama akka hin taane; dhimmichi sadarkaa Gandaatti jaarsolii bitaa mirgi filataniin osoo hin ilaalamiin kallattiin Mana Murtii idileetti dhihaachuu akka danda'u" DhIjMMWF Jildii 24ffaa LGMM 169648

5) "..Qotee bulaan abbaa qabiyyee lafaa ta'e tokko akkaataa seeraatiin beenyaan kanfalameefi ykn bakka bu'iinsaan qabiyyeen Lafa biraa kennameefi itti fayyadama qabiyyee isaa irraa akka ka'u taasifama malee fedhii qaama Bulchiinsaa guutuuf qofa qabiyyee isaa irraa buqqa'uu akka hin dandeenye; qabiyyee Lafa isaa qotee bulaa biraatiif kennuun dura dursa qotee bulaa abbaa qabiyyee sanaaf qabiyyee Lafa isaa irraa buqqa'uu akka hin hordofsiisne of eeggannoo cimaa taasifamee qulqullaa'uu akka qabu"
DhIjMMWF LGMM 162083

6) "..Waliigaltee seeraan alaa ta'e ka'umsa irraa hin jirre waan ta'eef darbiinsa yerootiin hin daangeeffamu, qonnaan bulaan abbaa qabiyyee isaa garee sadaffaaf qabsiisaan kennuuf ykn nama miseensa maatii hin taaneef kennaan dabarsuuf mirga kan hin qabne ta'uu; dhimma seeraan akka taasifamu hayyamame fi ykn dhorkii seeraa kan jiru irratti waliigaltee taasifame waliigaltee seeraan waan ta'eef, waliigalteen seeraan alaa ka'umsa irraayyuu bu'aa kan hin qabnee fi diigamaadha"
DhIjMMWF Jildii 14ffaa LGMM 79394

7) "..Kennaa Lafa baadiyaa ilaalchisee seerri raawwatiinsa qabu seera addaa Labsii Lafa baadiyaa Bulchuuf baheedha malee seera hariiroo hawaasaa miti; nama firooma dhiigaa hin qabneef kennaa Lafa baadiyaa taasisuu kan hin danda'amne ta'uu"
DhIjMMWF Jildii 18ffaa LGMM 105092

8) "..Namni tokko mirga abbaa qabiyyummaa Lafa baadiyaa dhaalaan argachuuf miseensa maatii ta'uun qofti gahaa miti, dabalataanis, qonnaan bulaa, jiraataa Ganda baadiyaa Lafa falmiif sababa ta'e keessa jiraatufi galii qabiyyee kana irraa argachuun bulu ta'uu akka qabu" DhIjMMWF Jildii 18ffaa LGMM 109776

9) "..Abbaa warraa fi haati warraa yeroo wal fuudhan maatiin hayyama isaaniitiin qabiyyee mana bahaaf kennanii yeroo dheeraa itti fayyadamaa turan yoo ta'e, yeroo gaa'elli diigamu qabeenya waliinii jedhamee qixxeetti qooddachuu akka qaban"
DhIjMMWF Jildii 18ffaa LGMM 107840
irratti murtii dirqisiisaa kennee jira.
https://t.me/http_Ijooseeraa
2
Seera Ragaa; Qajeeltoowwan madaallii Ragaa ilaalchisee ==================================
Bu’aan qorannoo samudaa ashaaraa ykn foorensikii kophaa isaa otuu hintaane ragaalee biroo waliin madaalamee ilaalamuu akka qabu Dh Ijbt MMWF glme Lkk 248162 ta’erratti gaafa 07/02/2017 hiikkoo haaraa kennee jira.
=================
Falmii ragaalee barreeffamaa bu’ura gochuun dhiyaataniin walqabatee yeroo hedduu mallattoon kiyyaa miti ykn ani hinmallatteessine jechuun falmiin yeroo ka’u numudata. Keessaayyuu falmiiwwan waliigaltee fi cheekii fa’aan walqabatan irratti sanadicha haaluu fi mallattoon kiyyaa miti jechuun foorensikiin akka qoratamu gaafachuun hedduu baratamaadha.
Bu’aa qorannoo foorensikii dhiyaatu haalduree tokko malee akka ragaa dhumaatti (conclusive) fudhachuun ragaalee biroo kufaa gochuun murtii kennuunis bal’inaan mul’ata.
Haata’u malee glme olitti caqafame irratti Dh Ijbta MMWF hiikkoo kenneen mallattoon waakkatame kan abbaa waakkatee ta’uu dhabuun bu’aa qorannoo foorensikiin mirkanaa’uun qofaa isaatti hariiroon falmii kaase hinjiru ykn wanti abbaa mallattoo waakkate sana waliin akka jiru ibsame hinjiru jechuun sirrii akka hintaane ykn bu’aa qorannoo foorensikii qofaa isaa yeroo hunda akka ragaa mudaa hinqabneetti fudhatamuu akka hinqabne bal’inaan ibsee jira.
Haaluma kanaan qabxii falmii kaase ilaalchisee hariiroo gareewwan giddutti ture ulaagaalee seeraa hundeessuuf rogummaa qaban hubachiisuu ragaalee danda’a waliin ilaalamuu akka qabus Dh Ijbta murtii kenneen murteessee jira.
https://t.me/http_Ijooseeraa
Seera Yakkaa: Adabbii Hidhaa Akkaataa Seera Yakkaa kwt 192n Daangeffamu=======================
Hiikkoo Dh Ijbta MMWF glme Lkk 262248 ta’erratti gaafa 06/02/2017 kenname===========================
Namni gochaa yakkaa adabbii hidhaan adabsiisuun himatame tokko balleessaa jedhamee yoo itti murtaa’e akkaataa qajwelfama adabbiitiin adabbiin tumaa kwt balleessaa jalatti jedhamaan ibsame shalagamee adabamuun sirnuma Seera yakkaa qajeeltoo waliigalaatidha. Adabbii hidhaa itti murtaa’es Mana Amala Sirreessaa aangoo qabutti kan raawwatu ta’uunis hoj-maata seera qabeessaa fi baratamaadha.
Haata’u malee adabbiin hidhaa yakkamaa gochaa yakkaa raawwatee balleessaa jedhame irratti murtaa’u haala addaan akka hinraawwatamne daangeffamuu akka danda’u SY kwt 192 tumee jira. Akkaataa hiikkoo kwt 192 ilaalchisee garuu hanga ammaatti ejjannoowwan garaagaraa kan jiran yemmuu ta’u inni duraa yakki adabbiin hidhaa kamiiyyuu ulaagaa kwt 192 guute daanga’uu akka danda’u kan falmu yoo ta’u kaan immoo adabbii yakka itti yaadamee (intentionally) raawwatamuu daangessuun akka hindanda’amne ibsa.
Dh Ijb MMWF glme Lkk olitti caqafame irratti hiikkoo kenneen garuu tumaan seera yakkaa murtiin balleessummaa jalatti kenname adabbiin akka hindaangeffamne ifatti kan dhoorku yoo ta’e malee adabbiin ulaagaa kwt 192 guutu kamiiyyuu daangeffamuu akka danda’u murteessee jira. Keessaayyuu haala guddinaa fi fayyummaa xiinsammuu daa’immanii eeguun sababa akkaataa SY kwt 192 jalatti adabbii daangessuuf dandeessisan keessaa isa tokko akka ta’e Dhaddachichi bal’inaan xiinxalee jira.
Guutuu murtichaa armaan gaditti dhoobamee jira.
https://t.me/http_Ijooseeraa
1
#Waliigaltee_Bittaa_Fi_Gurgurtaa_Qabeenya_Hin_Sochoone_Mana_Irratti_Taasifamu Vs Seeraa fi Murtiilee Dhaddacha Ijibbaataa:
  Waliigaltee bittaa fi gurgurtaa Manaa seera fuulduratti raawwatiinsa qabaachuuf barreeffamaan taasifamee garee waliigaltootaan irratti mallattaa'ee ragooleen lama mallattoon mirkaneessanii qaama waliigaltee raawwachiisu yookiin Mana Murtii fuul-duratti raawwatamuu qaba.Waliigalteen barreeffamaan taasifame qaama aangoo qabu biratti galmaa'uu qaba,seera hariiroo hawaasaa keewwattoota 1723,2877 fi 2878.
#Dhaddachi_Ijibbaataa_Mana_Murtii Waliigalaa Federaalaa Jildii 14ffaa lakkoofsa galmee 78398 fi Jildii 12ffaa lakkoofsa galmee 57356 ta'aniin "waliigalteen bittaa fi gurgurtaa Mana tokko seera fuulduratti raawwatiinsa qaba jechuuf akkaataa seera waliigaltee keessatti tumameen ulaagaa guutamee raawwatamuu akka qabu"seera hariiroo hawaasaa keewwata 2005(1),1678(C),1723 fi 2877 waliin wal qabsiisuun murtii dirqisiisaa kennanii turan.
👇Waliigalteen qaama sanadicha mirkaneessu fuul-duratti taasifamu faayidaa guddaa qaba:
1ffaa waliigaltichi Mana Murtiitti fudhatama akka qabaatu taasisa;
2ffaa Sanadni garee falmitootaa harka ture yoo bade,yoo gubate yookiin garaa garummaa yoo qabaate sanadichi qaama mirkaneesserraa akka argamu taasisa;
3ffaa nama barumsa hin qabnee fi ijaan arguu hin dandeenye miidhaa irraa hambisa.
#Dhaddachi_Ijibbaataa_Mana_Murtii_Waliigala_Federaalaa_Jildii 15ffaa lakkoofsa galmee 83674 ta'een "waliigalteen tokko barreeffamaan ta'ee garee waliigaltootaatiin ragoolee lamaan mallattaa'uu akka qabuu fi waliigalteen namoota hin barannee fi ijaan arguu hin dandeenyeen taasifamu waliigalchiisa yookiin Mana Murtii fuulduratti yoo hin taasifamne waliigaltichi dirqisiisummaa akka hin qabne"seera siivilii keewwattoota 1727,1728(3),fi 2005 waliin wal qabsiisuun murteessee ture.
🤙#Dhaddachi_Ijibbaataa_Mana_Murtii_Waliigala_Federaalaa_Jildii 13ffaa lakkoofsa galmee 36887 ta'een "waliigalteen jiraachuu yoo amaname mormiin qaama aangoo qabu fuulduratti hin taasifamne jedhamee ka'u fudhatama hin qabu"jechuun murtii dirqisiisaa laatee ture.Seera hariiroo hawaasaa keewwattoota 1731(1),2878.Kunis sababnii fi kaayyoon waliigalteen qaama aangoo qabu biratti taasifamee galmaa'uu barbaachiseef waliigaltichi jiraachuu hubachiisuufiidha.
👉Waliigalteen ulaagaa armaan olitti ibsameen hin hundeeffamin bu'uura shh keewwata 1720(1) tiin akka wixineetti lakkaa'ama(dirqisiisummaa hin qabu).
#Dhaddachi_Ijibbaataa_Mana_Murtii_Waliigalaa_Federaalaa Jildii 10ffaa lakkoofsa galmee 43825 ta'e irratti "garee wal falmitootaa yoo kaasan malee Manni Murtii kaka'umsa isaatiin kaasuun waliigalteen foormii(ulaagaa) hin guunne diigamaadha jedhee murtii kennuu akka hin dandeenye"seera hariiroo hawaasaa keewwattoota 1723,fi 1808(2) waliin wal qabsiisuun murtii laatee ture.
#Dhaddachi_Ijibbaataa_Mana_Murtii_Waliigalaa_Federaalaa_Jildii 8ffaa lakkoofsa galmee 34803 ta'e irratti "waliigalteen ulaagaa seera hariiroo hawaasaa keewwata 1723 hin guutne jedhamee yeroo diigamu gareen wal falmitootaa bakka duraan turanitti akka deebi'an murtiin kennamuu akka qabu"seera siivilii keewwattoota 1723 fi 1815 waliin wal qabsiisuun murteessee ture.
Maddi:-Fuula Fb MohammedXeyyibNure
https://t.me/http_Ijooseeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
1
👉#Dhaddachi_Ijibbaataa_Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Lakkoofaa Galmee 219862 ta'e irratti "lafeen cabee ture kan fayye ta'uu Ogeessa Mana yaalaatiin kan mirkanaa'e yoo ta'e,himatamaan seera yakkaa keewwata 555(B) bira darbuun utuu hin taane seera yakkaa keewwata 556(2) bira darbuun adabamuu qaba" jechuun murteessee ture.

  Ka'umsi dhimmichaa gabaabinaan,himatamaa 1ffaan  ulee kaazaraatiin miidhamaa dhahee buruksee kuffisee Lafee nyaara ijaa keessatti kan cabe yoo ta'u, himatamaa 2ffaan uleedhaan(dullaan) ceekuu miidhamaa dhahuun miidhaan caba lafee nyaaraa waan gaheef seera yakkaa Keewwata 555(b) jalatti himanni hundaa'ee ture.
Manni Murtii Aanaa bu'aan yaalaa kan agarsiisu Lafeen nyaaraa jedhame fayyeera kan jedhuudha jechuun seera yakkaa keewwata 556(2) (a) jalatti jijjiiruun adabeera.
Manni Murtii Ol'aanaa ammoo miidhaan gahe kan ilaalamuu qabu " yeroo yakkichi raawwatametti(at the time of commission of crime) ta'uu ibsuun murtii Mana Murtii Aanaa diiguun himatamaa keewwatuma ittiin himatame seera yakkaa keewwata 555 jalatti adabeera! Manni Murtii Waliigalaa fi Ijibbaata Oromiyaas Murtii Mana Murtii Ol'aanaa kana cimsuun murteessanii turan.

⚖️ #Dhaddachi_Ijibbaataa_Mana_Murtii_Waliigalaa_Federaalaa Lakkoofaa Galmee 219862 ta'e irratti "lafeen cabee ture kan fayye ta'uu Ogeessa Mana yaalaatiin kan mirkanaa'eera,bu'aan yaalaa dhihaate irraa kan hubatamu Lafeen nyaaraa cabe fayyuu isaati.Kana malees miidhaan miidhamaa irra gahe bifa miidhamaa ifatti balleesse kan hin jechisiifne waan ta'eef,yakkichi yeroo raawwatametti osoo hin taane erga raawwatamee booda miidhaan dhaqqabe fayye moo hin fayyine kan jedhutu ilaallamuu qaba jechuun himatamaan seera yakkaa keewwata 555(B) bira darbuun osoo hin taane seera yakkaa keewwata 556(2)(A) bira darbuun adabamuu qaba" jechuun yakkicha Keewwata 555(B) irraa gara keewwata 556(2)(A) jalatti jijjiiruun hidhaa salphaa Baatii 6 tiin adabeera!
=============================
⚖️ #Dhaddachi_Ijibbaataa_Mana_Murtii_Waliigalaa_Federaalaa Lakkoofsa Galmee 168166 ta'e fuula 367 irratti kenneen "namni tokko yakka miidhaa qaamaa cimaa geessiseera jedhamee himatame gochicha raawwachuuf meeshaan fayyadame kan hin jirre ta'uu ragaan kan mirkanaa'e yoo ta'e,itti yaadee miidhaa kan qaqqabsiise(kan geessise) yoo ta'es miidhaa kan geessise boksiidhaan fi teestaan ta'uu, fi miidhaa cimaa itti yaadee qaqqabsiisuu kan hin mirkanoofne yoo ta'e seera yakkaa keewwata 555 jalatti tumameen ala seera yakkaa keewwata 556(1) jalatti balleessaadha jedhamee adabamuu qaba,namni tokko itti yaadee miidhaa cimaa qaqqabsiisuu Abbaan Alangaa ragaa isaatiin  hubachiisuuf(mirkaneessuuf) dirqama qaba jechuun seera yakkaa keewwata 556(1) jalatti hidhaa salphaa Baatii 3 tiin adabee "  seera yakkaa bara 1996 bahe keewwata 23(2),111,112,141,555 fi 556(1) wal qabsiisuun hiikoo kenneera.
===========================
#Gaaffii:
✍️Gochi yakkaa tokko yeroo raawwatametti( at the time of commission of crime ) ilaalamuu qaba moo erga raawwatamee booda bu'aan(consequence) isaatu ilaalamuu qaba jettu? Lafeen cabe fayyee bakka uumama isaatti deebi'ee guutumaan guutuutti tajaajiluu danda'a?

Join https://t.me/BikilaFreeLegalAwareness

https://t.me/http_Ijooseeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
1
Seera Ragaa: Jechi amantaa SDFY kwt, 35n kenname dirqama malee bilisaan kan kenname ta’uun akkamitti mirkanaa’a?==============================
Namni yakkaan shakkame tokko jechi adeems qorannoo yakkichaa keessatti mirgoota  ijoo qabu keessaa tokko mirga ogeessa seeraa qunnamuu fi hangasitti mirga caldhisuu yoo ta’u dirqama tokko malee jaalatee fi itti amanee bilisummaa guutuun jecha isaa W/ra Poolisii dhimmicha qoratutti akkaataa SDFY kwt 27(2) kennuu akka danda’u tumaalee heeraa fi SDFY rogummaa qaban irraa nihubatama.
Akkasumas jecha amantaa W/ra Poolisiitti kenne sana Mana Murtiitti dhiyaatee akkaataa SDFY kwt, 35n yoo kenne booddee himannaa irratti dhiyaatuuf ragaa akka irratti ta’u ibsamee jira. Jechi amantaa SDFY kwt, 27(2) kenname ragaa biroon yoo deeggarame malee  ofii isaatti yakka raawwatame jedhameef shakkamaa ykn himatamaa balleessaa gochuu akka hindandeenye saayinsiin seera ragaa waliigalaa kan akeeku ta’uu caalaayyuu Dh Ijib MMWF yeroo hedduu hiikkoo dirqisiisaa itti kennee jira. Gama biraan jechi amantaa akkaataa SDFY kwt, 35n kenname yeroo himannaan dhiyaatutti himatamaan dirqamee fedhii koo malee kan kennedha yoo jedhe fedhii isaatiin kan kenne ta’uun ykn kan hindirqisiifamne ta’uu fi dhiisuun akkamitti mirkanaa’a, qabxiin jedhu garuu hedduu falmisiisaa ta’ee mula’ta. Qabatama jiruunis ejjannoon adda addaa kan jiran yemmuu ta’u sana keessaa lama hedduu kan beekamudha.
Ogeeyyiin hedduun jecha mantaa akkaataa sdfy kwt, 35n Mana Murtii duratti kenname abbaan seeraa ulaagaalee seeraa guutuu isaa mirkaneessee, fedhii fi bilisa ta’ee shakkamaan kennuu isaa qulqulleefatee, dubbisee fi mallatteessisuun kan fuudhu waan ta’eef yeroo falmiin ka’etti jechichi bilisummaadhaan dirqama tokko malee kan kenname akka ta’etti tilamaamni kan fudhatamnu ta’uu fi garuu immoo himatamaan dirqamee kenne kan jedhu yoo ta’e dirqamee kennuu isaa ragaadhaan hubachisuu akka qabu falmu.
Gama biraan ogeeyyiin biroo immoo jalqabumaayyuu dirqamni balleessaa himatamaa mirkaneessuu jalqabaa kaasee hanga dhumaatti Abbaa Alangaa irra kan jiru ta’uu (legal burdon of proof) fi hanga Abbaan Alangaa dirqama isaa kan bahutti himatamaan akka nama qulqulluutti kan ilaalamu (presumption of innocence) ta’uun qajeeltoo seera ragaa fi heeraa waliigalaa ta’uu kaasu. Kana malees haalli qabiinsa shakkamaa yeroo qorannoon gaggeeffamutti poolisii harka waan ta’eef carraan dirqisiifamuu isaa jiraachuu fi kunis hanga Manna Murtiittis dirqiin akka amanu doorsifamuu akka danda’u qabatamaan bal’inaan kan jiru waan ta’eef jechichi himatamaan bilisaan kenne jedhamuun seerris ta’ee bu’urri qajeeltoo ragaa tilmaama fudhachiisu akka hinjirre falmu.
Akkasumas isuma akkaataa sdfy kwt, 132n eega himannaan irratti dhiyaate booda mana murtii duratti amanuuyyuu Manni Murtii barbaachisaa yoo ta’e ofeegannoon ilaalee akka hinamannetti fudhatee ragaa Alangaa Dhagahuu akka qabu tumamee kan jiru waliin yemmuu ilaalamus jecha 35n kenname bilisaan kennamuu isaa himatamaan yoo haale dirqamni mirkaneessuu kan Alangaati jedhu.
Muxannoon biyyoota birootis yemmuu ilaalamu kan biyyoota hedduu ejjannoo 2ffaa kana kan agarsiisu yoo ta’e akka fakkeenyeetti Afrikaa Kibbaa fudhachuun nidanda’ama.
https://t.me/http_Ijooseeraa
1👍1
𝐁𝐮'𝐮𝐫𝐚 𝐒𝐞𝐞𝐫𝐚 𝐀𝐝𝐞𝐞𝐦𝐬𝐚 𝐅𝐚𝐥𝐦𝐢𝐢 𝐇𝐚𝐫𝐢𝐢𝐫𝐨𝐨 𝐇𝐚𝐰𝐚𝐚𝐬𝐚 𝐊𝐞𝐞𝐰𝐰𝐚𝐭𝐚 78 𝐭𝐭𝐢𝐢𝐧 𝐅𝐚𝐥𝐦𝐢𝐢𝐧 𝐈𝐫𝐫𝐚 𝐃𝐞𝐞𝐛𝐢𝐢𝐧 𝐀𝐤𝐤𝐚 𝐈𝐥𝐚𝐚𝐥𝐚𝐦𝐮𝐮𝐟 𝐈𝐲𝐲𝐚𝐭𝐚 𝐃𝐡𝐢𝐲𝐚𝐚𝐭𝐮𝐮 𝐟𝐢 𝐇𝐚𝐚𝐥𝐚 𝐈𝐲𝐲𝐚𝐧𝐚𝐚 𝐃𝐡𝐢𝐲𝐚𝐚𝐭𝐞 𝐈𝐫𝐫𝐚𝐭𝐭𝐢 𝐌𝐮𝐫𝐭𝐢𝐢𝐧 𝐊𝐞𝐧𝐧𝐚𝐦𝐮.

📕Himatamaan tokko namni mana murtiiti isa himatee osoo hin dhiyaatin hafuun falmii fi ragaa himataa qofan  murtiin iddoo inni hin jirreti kan kennamu yoo ta'e bu'ura seera adeemsa falmii hariiroo hawaasaa kewwaata 78 ttiin falmiin iddoo inni jirtuti irra deebin dhagahamee murtiin akka kennamu iyyannaa dhiyeefachuu ni danda'a.

📚Seera adeemsa falmii hariiroo hawaasaa keewwata 78 jalatti murtiin iddoo himatamaan hin jiretti kenname ka’uun galmeen of deebi’amee iddoo himatamaanm jirutti irra deebiin kan ilaalamu waraqaan waamichaa akkaataa seeraatin himatamaan kan hin dhaqqabne yoo ta'e yokiin waraqaan waamichaa sirnaan isa dhaqqabe sababa gahaadhan kan hafu yoo ta’e qofa akka ta’e ifatti tumamee jira.

📗Bu’ura SDFHH keewwata 78 iyyannaa dhiyaatu yeroo ilaalu manni murtii himatamaan dhimma duubati deebisuuf beekaa hafuu fi dhabuu isaa mirga himataa wal bira qabun ilaaluun barbaachisaadha.

📕Bu'ura SDFFH keewwata 78 ttiin yeroo himatamaan iyyannaa dhiyeefatu himataan deebii akka irratti kennu taasifamee wanti falmisiisaan yoo jiraate falmii fi ragaan dhagahamuu qaba.

📗Himatamaan waraqaan waamichaa sirnaan ana hin dhaqqabne jechuun kan falmu yoo ta'e himataan waraqaa waamichaa sirnaan himatamaa dhaqqabsiisuu ragaan mirkaneessuu qaba.

📕Waraqaan waamichaa karaa bulchiinsa gandaatiin kan himatamaa dhaqqabu yoo ta’e bulchaa gandaa waraqaa waamichaa himatamaa dhaqqabsiise jedhame waamuun akkasumaas ragaa nama himatamaan yeroo waraqaa waamichaa fudhatu argan dhagahuun barbaachisaadha.

❇️Dhaddachi ijibaataa galmee hin maxxanfamin galmee lakkoofsa 198839 ta’e irratti haala kanaan murteessee jira.

📗Himatamaan waraqaan waamichaa na dhaqqabee sababa gahaniin hafe jechuun kan falmu yoo ta'e kan ragaan mirkaneessuu qaba.

📗Sababa gahan falmii irraa hafuu isaa mirkaneessuuf kan dirqama qabu himatamaa yommuu tahu waraqaa waamichaa himatamaa dhaqqabsiisuu isaa mirkaneessuuf kan dirqama qabu himataadha jechuudha.

📕Waraqaan waamichaa sirnaan tartiiba seerri ka’een himatamaa dhaqqabuun ragaa gahan mirkanoofnaan iyyannaan kufaa ta’a jechuudha.

📗Himatamaa waraqaan waamichaa isa dhaqqabee garuu sababa gahan kan osoo hin falmatin hafuun murtiin kenname yoo ta’e sababa himatamaan hafeef jedhu ragaan qulqullaa’ee sababa gahaa tahuu fi dhabu isaa madaalamuun jala murtiin kennamuu qaba.

📗Dhaddachi ijibaata mana murtii waliigala federaalaa jiildii 6ffaa lakkoofsa galmee 35403 ta’e irratti himatamaan sababa waraqaan waamicha hin dhaqqabiniif dhihaatee falmachuu yoo oole murtiin kenname ka'uun falmiin irra deebi'amee kan dhagahamu tahu murteessee jira.

📕Karaa biraatiin iyyanni gaafa himatamaa beeke irra ji’a tokko keessatti dhiyaachu qaba jechuun kan SDFHH keewwata 78 jalatti tumamee ilaalchisee manni murtii waliigala federaalaa dhaddachi ijibaataa galmee hin maxxanfamin lakkofsi isii 198141 ta’e irratti darbinsi yeroo ji’a tokko absolute period of limitation akka hin taane fi ji’a tokko booda sababni humnaa olii yoo jiraate sana madaaluun barbaachisaadha jechuun murteesse jira.

📕Dabalataan dhaddachi ijibaataa mana murtii waliigala federaalaa jiildii 23ffaa lakkoofsa galmee 137704 ta'e irratti himatamaan bu'ura SDFHH keewwata 78 ttiin murtiin iddoo inni hin jiretti kenname akka ka'uuf gaafa murtiin kennamuu beeke irraa yeroo ji'a tokko keessatti iyyannaa dhiyeeffachuu qaba jechuun kan tumame mirga haqa argachuu himatamaa kan sarbu waan ta'eef bu'ura heeraa hin qabu jechuun murteessee jira.
@musalawyer
🔰Barnootaa Fi Odeeffannoo dhimmoota seeraatiin walqabatan kamiyyuu itti fufinsaan argachuuf fuula telegiraamii keenyaa liinkii armaan gadii kanan seenuun join godha, kanneen birootifis share godha galatoomaa
👉https://t.me/musalawyer
👍1
Seera Ragaa: Jechi amantaa SDFY kwt, 35n kenname dirqama malee bilisaan kan kenname ta’uun akkamitti mirkanaa’a?==============================
Namni yakkaan shakkame tokko jechi adeems qorannoo yakkichaa keessatti mirgoota  ijoo qabu keessaa tokko mirga ogeessa seeraa qunnamuu fi hangasitti mirga caldhisuu yoo ta’u dirqama tokko malee jaalatee fi itti amanee bilisummaa guutuun jecha isaa W/ra Poolisii dhimmicha qoratutti akkaataa SDFY kwt 27(2) kennuu akka danda’u tumaalee heeraa fi SDFY rogummaa qaban irraa nihubatama.
Akkasumas jecha amantaa W/ra Poolisiitti kenne sana Mana Murtiitti dhiyaatee akkaataa SDFY kwt, 35n yoo kenne booddee himannaa irratti dhiyaatuuf ragaa akka irratti ta’u ibsamee jira. Jechi amantaa SDFY kwt, 27(2) kenname ragaa biroon yoo deeggarame malee  ofii isaatti yakka raawwatame jedhameef shakkamaa ykn himatamaa balleessaa gochuu akka hindandeenye saayinsiin seera ragaa waliigalaa kan akeeku ta’uu caalaayyuu Dh Ijib MMWF yeroo hedduu hiikkoo dirqisiisaa itti kennee jira. Gama biraan jechi amantaa akkaataa SDFY kwt, 35n kenname yeroo himannaan dhiyaatutti himatamaan dirqamee fedhii koo malee kan kennedha yoo jedhe fedhii isaatiin kan kenne ta’uun ykn kan hindirqisiifamne ta’uu fi dhiisuun akkamitti mirkanaa’a, qabxiin jedhu garuu hedduu falmisiisaa ta’ee mula’ta. Qabatama jiruunis ejjannoon adda addaa kan jiran yemmuu ta’u sana keessaa lama hedduu kan beekamudha.
Ogeeyyiin hedduun jecha mantaa akkaataa sdfy kwt, 35n Mana Murtii duratti kenname abbaan seeraa ulaagaalee seeraa guutuu isaa mirkaneessee, fedhii fi bilisa ta’ee shakkamaan kennuu isaa qulqulleefatee, dubbisee fi mallatteessisuun kan fuudhu waan ta’eef yeroo falmiin ka’etti jechichi bilisummaadhaan dirqama tokko malee kan kenname akka ta’etti tilamaamni kan fudhatamnu ta’uu fi garuu immoo himatamaan dirqamee kenne kan jedhu yoo ta’e dirqamee kennuu isaa ragaadhaan hubachisuu akka qabu falmu.
Gama biraan ogeeyyiin biroo immoo jalqabumaayyuu dirqamni balleessaa himatamaa mirkaneessuu jalqabaa kaasee hanga dhumaatti Abbaa Alangaa irra kan jiru ta’uu (legal burdon of proof) fi hanga Abbaan Alangaa dirqama isaa kan bahutti himatamaan akka nama qulqulluutti kan ilaalamu (presumption of innocence) ta’uun qajeeltoo seera ragaa fi heeraa waliigalaa ta’uu kaasu. Kana malees haalli qabiinsa shakkamaa yeroo qorannoon gaggeeffamutti poolisii harka waan ta’eef carraan dirqisiifamuu isaa jiraachuu fi kunis hanga Manna Murtiittis dirqiin akka amanu doorsifamuu akka danda’u qabatamaan bal’inaan kan jiru waan ta’eef jechichi himatamaan bilisaan kenne jedhamuun seerris ta’ee bu’urri qajeeltoo ragaa tilmaama fudhachiisu akka hinjirre falmu.
Akkasumas isuma akkaataa sdfy kwt, 132n eega himannaan irratti dhiyaate booda mana murtii duratti amanuuyyuu Manni Murtii barbaachisaa yoo ta’e ofeegannoon ilaalee akka hinamannetti fudhatee ragaa Alangaa Dhagahuu akka qabu tumamee kan jiru waliin yemmuu ilaalamus jecha 35n kenname bilisaan kennamuu isaa himatamaan yoo haale dirqamni mirkaneessuu kan Alangaati jedhu.
Muxannoon biyyoota birootis yemmuu ilaalamu kan biyyoota hedduu ejjannoo 2ffaa kana kan agarsiisu yoo ta’e akka fakkeenyeetti Afrikaa Kibbaa fudhachuun nidanda’ama.
https://t.me/http_Ijooseeraa
👍2
#Lafa!
Himannaan Lafa Bu'uuraan Daangaa Bulchiinsa Baadiyyaa Jala Tureefi Boodarra immoo Daangaa Bulchiinsa Magaalaa Jala Galeen Wal Qabatee Dhiyaatu Bu'uura Seera Lafa Magaalaatiinmoo Bu'uura Seera Lafa Baadiyyaatiin Furmaata Argata?
======✓✓[[[[[]]]=====✓✓✓✓[[[[]]]]]

Lafti magaalaa bu'uuraan lafa baadiyyaa kan ture ta'ullee, falmiin yemmuu ka'utti dhimmichi kan ilaalamuu qabu wayita himannichi dhiyaatu lafichi kan magaalaatimoo kan baadiyyaati? Seerri dhimmichaaf rogummaa qabuhoo seera lafa magaalaatimoo baadiyyaati? kan jedhu ta'uu osoo qabuu, lafichi Bulchiinsa Magaalaa jala erga galee booda waliigaltee kennaa Lafa Baadiyyaa yeroo lafichi ganda Baadiyyaa jala ture raawwatame bu'uureffachuun himannaa; manni ijaarame diigamee, lafti falmiif sababa ta'e akka gadi lakkifamuuf iyyattootaan gaafatame ta'ee osoo jiruu, murtiin seera lafa baadiyyaa irratti hundaa'ee kenname dogoggora bu'uura seeraa mirga bu'uuraa qabeenya horachuu daangessudha jedheera.
  (Murtii dirqisiisàa Dhaddachi Ijibbaataa MMWF, Lakk.Ga.210072 ta'e irratti kenne. Murtiin kun murtiilee Daani'eel Fiqaaduutiin walitti qabamaniifi hin maxxanfamne keessaa kan fudhatamedha)

Tajaajilli lafichaa jijjiiramuun ('Land Conversion') dura waa'een mirga qonnaan bultootaa ykn namoota biroo (garee 3ffaa) Lafa Baadiyyaa irraa mirga argatanii furmaata argachuu hin qabu turee? Seerri Lafa Magaalaa, kan qabiyyee duriiyyuu sirna liiziitti galchuuf qorannoo eegaa jiru lafa baadiyyaa kallattiidhaan ni simataa? (Labsii Lakk.721/2004 Kwt 6 ilaali)
Seerri adeemsa lafti itti daangeeffamuu tarreessu (Seera lafa Magaalaa keessattis ta'e lafa Baadiyyaa) haala itti mirgoonni duraan uumamanii turan itti keessummeeffaman ykn hafaa itti ta'an (ukkaamfaman) ilaalchisee maal akka jedhe addatti ilaaluun hin barbaachisu jechuudhaa?

👁️Hubachiisa:

Labsiin Bulchiinsaafi Itti Fayyadama Lafa Baadiyyaa Oromiyaa, Lakk.248/2015 Kwt 2(13) jalatti "Lafa Baadiyyaa" jechuun lafa daangaa bulchiinsa ganda baadiyyaa keessatti argamu ta'ee, lafa akkaataa Labsii kana keessatti tumameen daangeffamee pilaanii magaalaa jala galee walharkaa fuudhinsi hin taasifamne hunda kan dabalatuudha jedha.
https://t.me/http_Ijooseeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
1👍1
Beekisisa Gita Hojii Banaa
--------------
(Caamsaa 5,2017 MMWO,Caffee Araraa,Finfinnee)-Kunneen ulaagaa guuttanii fi fedhii qabdan itti dhiyadhaa.!!