Qabiyyee lafaa hanga murtii muummeen murtaa’ee olitti MAM raawwatame akka deebi’u akkamitti gaafatama?=================
Qabxii kanaan walqabatee ijoo falmii kan kaase galmee raawwiin irratti gaggeeffame irratti gaafatama moo galmee haaraa kan biroo irratti gaafatamuu qaba kan jedhudha. Dhimmichi Naannoo SSUK eegaluun Dh Ijb MMWF gahee dhimmichi akkaataa SDFHH kwt 349tiin glmeedhuma raawwii cufame sana irratti ilaalamuu qabame malee galmee raawwii kan biroo haaraa banamuun dogongora adeemsa seeraati jedhee murteessee jira.
Booddee murtiin Dh Ijbt qajeeltoowwan heeraan kan walfaallessuudha jedhamee komatuun Mana Maree Federeeshiiniitti dhiyaatee Manni Maree Federeeshiinii hiikkoon Dh Ijb heera Mootummaa kwt 40(4) kan faallessuudha jechuun gaafichi galmee haaraa irratti ilaalamuu akka danda’u murteessee jira.
https://t.me/ijooseeraa
👍2
Seera Ragaa: Jechi amantaa SDFY kwt, 35n kenname dirqama malee bilisaan kan kenname ta’uun akkamitti mirkanaa’a?==============================
Namni yakkaan shakkame tokko adeemsa qorannoo yakkichaa keessatti mirgoota  ijoo qabu keessaa tokko mirga ogeessa seeraa qunnamuu fi hangasitti mirga caldhisuu yoo ta’u dirqama tokko malee jaalatee fi itti amanee bilisummaa guutuun jecha isaa W/ra Poolisii dhimmicha qoratutti akkaataa SDFY kwt 27(2) kennuu akka danda’u tumaalee heeraa fi SDFY rogummaa qaban irraa nihubatama.
Akkasumas jecha amantaa W/ra Poolisiitti kenne sana Mana Murtiitti dhiyaatee akkaataa SDFY kwt, 35n yoo kenne booddee himannaa irratti dhiyaatuuf ragaa akka irratti ta’u ibsamee jira. Jechi amantaa SDFY kwt, 27(2) kenname ragaa biroon yoo deeggarame malee  ofii isaatti yakka raawwatame jedhameef shakkamaa ykn himatamaa balleessaa gochuu akka hindandeenye saayinsiin seera ragaa waliigalaa kan akeeku ta’uu caalaayyuu Dh Ijib MMWF yeroo hedduu hiikkoo dirqisiisaa itti kennee jira. Gama biraan jechi amantaa akkaataa SDFY kwt, 35n kenname yeroo himannaan dhiyaatutti himatamaan dirqamee fedhii koo malee kan kennedha yoo jedhe fedhii isaatiin kan kenne ta’uun ykn kan hindirqisiifamne ta’uu fi dhiisuun akkamitti mirkanaa’a, qabxiin jedhu garuu hedduu falmisiisaa ta’ee mula’ta. Qabatama jiruunis ejjannoon adda addaa kan jiran yemmuu ta’u sana keessaa lama hedduu kan beekamudha.
Ogeeyyiin hedduun jecha amantaa akkaataa sdfy kwt, 35n Mana Murtii duratti kenname abbaan seeraa ulaagaalee seeraa guutuu isaa mirkaneessee, fedhii fi bilisa ta’ee shakkamaan kennuu isaa qulqulleefatee, dubbisee fi mallatteessisuun kan fuudhu waan ta’eef yeroo falmiin ka’etti jechichi bilisummaadhaan dirqama tokko malee kan kenname akka ta’etti tilamaamni kan fudhatamnu ta’uu fi garuu immoo himatamaan dirqamee kenne kan jedhu yoo ta’e dirqamee kennuu isaa ragaadhaan hubachisuu akka qabu falmu.
Gama biraan ogeeyyiin biroo immoo jalqabumaayyuu dirqamni balleessaa himatamaa mirkaneessuu jalqabaa kaasee hanga dhumaatti Abbaa Alangaa irra kan jiru ta’uu (legal burdon of proof) fi hanga Abbaan Alangaa dirqama isaa kan bahutti himatamaan akka nama qulqulluutti kan ilaalamu (presumption of innocence) ta’uun qajeeltoo seera ragaa fi heeraa waliigalaa ta’uu kaasu. Kana malees haalli qabiinsa shakkamaa yeroo qorannoon gaggeeffamutti poolisii harka waan ta’eef carraan dirqisiifamuu isaa jiraachuu fi kunis hanga Manna Murtiittis dirqiin akka amanu doorsifamuu akka danda’u qabatamaan bal’inaan kan jiru waan ta’eef jechichi himatamaan bilisaan kenne jedhamuun seerris ta’ee bu’urri qajeeltoo ragaa tilmaama fudhachiisu akka hinjirre falmu.
Akkasumas isuma akkaataa sdfy kwt, 132n eega himannaan irratti dhiyaate booda mana murtii duratti amanuuyyuu Manni Murtii barbaachisaa yoo ta’e ofeegannoon ilaalee akka hinamannetti fudhatee ragaa Abbaa Alangaa Dhagahuu akka qabu tumamee kan jiru waliin yemmuu ilaalamus jecha 35n kenname bilisaan kennamuu isaa himatamaan yoo haale dirqamni mirkaneessuu kan Abbaa Alangaati jedhu.
Muxannoon biyyoota birootis yemmuu ilaalamu kan biyyoota hedduu ejjannoo 2ffaa kana kan agarsiisu yoo ta’u akka fakkeenyeetti Afrikaa Kibbaa fudhachuun nidanda’ama.
https://t.me/ijooseeraa
𝐀𝐤𝐤𝐚 𝐬𝐞𝐞𝐫𝐚 𝐡𝐚𝐫𝐢𝐢𝐫𝐨𝐨 𝐡𝐚𝐰𝐚𝐚𝐬𝐚 𝐤𝐞𝐞𝐰𝐰𝐚𝐭𝐚 2472 𝐣𝐚𝐥𝐚𝐭𝐭𝐢 𝐭𝐮𝐦𝐚𝐦𝐞𝐞 𝐣𝐢𝐫𝐮𝐭𝐢 𝐰𝐚𝐥𝐢𝐢𝐠𝐚𝐥𝐭𝐞𝐞𝐧 𝐥𝐢𝐪𝐢𝐢 𝐧𝐚𝐚𝐥𝐚𝐪𝐚𝐚 𝐪𝐚𝐫𝐬𝐡𝐢𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐛𝐚 𝐬𝐡𝐚𝐧𝐢𝐢 𝐨𝐥𝐢𝐢 𝐫𝐚𝐠𝐚𝐚 𝐛𝐚𝐫𝐫𝐞𝐞𝐟𝐚𝐦𝐚𝐚𝐭𝐢𝐢𝐧 𝐦𝐢𝐫𝐤𝐚𝐧𝐚𝐚'𝐚 𝐤𝐚𝐧 𝐣𝐞𝐝𝐡𝐮, 𝐫𝐚𝐠𝐚𝐚𝐧 𝐛𝐚𝐫𝐫𝐞𝐞𝐟𝐚𝐦𝐚𝐚 𝐫𝐚𝐠𝐚𝐚 𝐀𝐤𝐤𝐚𝐦𝐢?

❇️Seera hariiroo hawaasaa keewwata 2472 jalatti jiraachuun waliigaltee liqii maalaqaa qarshii dhibba shanii olii kan mirkanaa’u ragaa barreefamaa. gaafa dhagaha duraa himatamaan yoo amanee fi jecha kakuu himatamaan kennu qofan kan mirkanaa’u tahuu isaa tumamee jira.

❇️Seera hariiroo hawaasaa keewwata 2472 jalatti waliigalteen liqii maalaqa qarshii dhibba shanii olii ragaa barreefamaatiin mirkanaa’a jechuun tumamee malee waliigaltichi mataan isaa barreemaan tahu akka qabu kan tumamee jiru waan hin tahiniif ragaa barreefamaatin mirkanaa’a kan jedhu  kun ragaa barreefamaa formaalitin isaa waliigaltee barreefaman tahu qabuf seera hariiroo hawaasaa keewwata 1727 hanga 1730 jalatti tumamee kan gareewwaan waliigaltee fi ragoonnis irratti mallatessaaniin mirkanaa’a jechuudha moo ragaa barreefamaa isa kami kan jedhu adda baasuun barbaachisaadha.

❇️Seera hariiroo hawaasaa keewwata 1719 jalatti seeraan yoo haala addaatiin formiin addaa waliigalteen itti raawwatamuu qabu tumamee jiraate malee gareewwaan waliigaltee akkaataa barbaadaniin waliigaltee isaanii raawwachuu akka danda’an tumamee jira.

❇️Waliigaltee liqii maalaqaa ilaalchisee seeraan kan tumamee jiru waliigalteen liqii maalaqa qarshii dhibba shanii ol ragaa barreefamaatin mirkanaa’a kan jedhu malee foormiin addatti waliigaltee liqii maalaqaa raawwachuuf yokiin waliigaltichi barreefamaan akka ta’uuf seeraan dirqisiisaa ta’e tumame kan hin jirree fi ragaa barreefamaatiin mirkanaa’a jechuun ragaa barreefamaa formaalitin isaa waliigaltee barreefaman tahu qabuf seera hariiroo hawaasaa keewwata 1727 hanga 1730 jalatti tumamee kan gareewwaan waliigaltee fi ragoonnis irratti mallatessaan qofaatu akka ragaa barreefamaati ilaalama jechuu akka hin taane hubatamuu qaba jechuudha.

❇️Sababni isaatiis waliigalteen liqii maalaqaa barreefamaan tahu akka qabu seeraan kan tumamee hin jirre waan taheef yoo ragaa barreefamaa haala sanaan barraa'een qofa mirkanaa'a kan jannu tahe waliigalteen liqii maalaqaa barreefamaan akka tahu qabu akkaataa seera hariiroo hawaasaa keewwata 1719 fi 1720 ttiin tumamuu qaba jechuudha.

❇️Fakkeenyaaf dhaddachi ijibaataa galmee lakkoofsa 221476 ta’e irratti formiin xalayaa baankii maalaqni ittin ergame waliigalteen liqii jiraachuu isaa mirkaneessuuf ragaa gaha tahuu hin danda’u jechuun kan murteessee fi kanaan dura dhaddachi ijibaataa galmee lakkoofsa 31737 ta’e irratti formiin waraqaa ragaa mana baankii maalaqni itti daddabarfame waliigaltee liqii jiraachuu mirkaneessuuf akka ragaa gahaati fudhatamu akka danda’u kan murteessee turee fi murtii kana booda galmee lakkoosa 221476 ta’e irratti immoo foormiin waraqaa mana baankii maalaqni ergamuu isaa malee sababa maalaqni itti ergameef ibsuu waan hin dandeenyeef waliigaltee liqii maalaqaa mirkaneessuuf ragaa gaha miti jechuun kan murteessee dha malee dhaddachi ijibaataa formiin waraqaa ragaa mana baankii waliigaltee liqii maalaqa mirkaneessuuf akka ragaa fudhatama hin qabnee tokkoti kan murteessee miti jechuudha.

❇️Bu’uruma kanaan waliigalteen liqii ragaa barreefamaatin mirkanaa’a kan jedhu ragoonni barreefamaa kun kanneen akka sanada wal amantaa yokiin sanadoota barreeffamaa liqeeffataan idaa amanuu agarsiisu ta’uu danda’a, sanada maallaqa baankiin ergamuu agarsiisu fi liqicha akka deebisuuf beeksisoota liqeeffataan qaqqabsiise illee yoo jiraate waliin walitti qabamee ilaalamuu danda’a yokiin madaalamuu danda'a jechuudha.

❇️Ragaan electrooniksii maallaqni ittiin daddabarfame keessattuu sababa isaa waliin yoo ibsame ragaa waliigaltee liqii jiraachuu ibsuu kanneen biroo waliin walitti qabame jiraachuu waliigaltee liqii hubachiisuu danda’a jechuudha.
Murtii Mana Maree Federeeshinii Lakk Galmee.121/2016

"..Mana labsii 47/67 tiin ala seeraan ala Mootummaan qabaman Manneen Murtii Sadarkaa duraatiin ilaalanii murteessuuf aangoo hin qaban.."
"..Manni Waggaa dheeraaf to’annaa Mootummaa jalatti bulaa ture kan Mootummaa akka ta’eetti lakkaawama.
Manni Mootummaan dhaalamuu isaa /ykn labsiin ala dhaalamee kan qabame ta’u isaa /ykn akka deebi’uuf qaama aangoo qabuun murtaa’uu isaa qaama aangoon kennameef duratti dhiyaatee dirqama mirkaneessuu kan qabu nama dhuunfaa manni kan kiyya jedhu malee qaama Mootummaa manicha qabatee jiru kan hin taane" ta’uu isaa kanneen biro kan keessatti xiinxalamedha...
https://t.me/http_Ijooseeraa
ቀብድ (Earnest)
ምንነትና ህጋዊ ውጤቱ


የቀብድ ምንነት
=========

በኢትዬጵያ የፍትሀብሄር ህግ ከቁጥር 1883- 1885 ድረስ ባሉት ሶስት አንቀፃች ውስጥ ቀብድን የሚመለከቱ ሀሳቦች የተቀመጡ ቢሆንም "ቀብድ" ለሚለው ቃል ግን የሚሰጡት ትርጉም የለም። እነዚህ ድንጋጌዎችም ቀብድን ከውል ምስረታ ማስረጃነት ገፅታውና በተዋዋይ ወገኖች መካከል እንደ አግባብነቱ ቅጣት በመወሰን ቀብድ ያለበት ውል በማናቸውም ጊዜ ቀሪ ሊሆን መቻሉን በመደንገግ ላይ የተወሰኑ ናቸው።

በፍትሀብሄር ህጉ ላይ ቀብድ (Earnest) የሚለው ቃል በግልፅ ትርጓሜ የተሰጠው ባይሆንም በእንግሊዘኛው አነጋገር በblacks law dictionary ውስጥ በተሰጠው ትርጉም መሰረት "ቀብድ ማለት ተዋዋይ ወገኖች ከግዴታቸው እንዳያፈነግጡ ለማድረግ ተብሎ የሚሰጥ የተሸጠ ዕቃ ከፊል ዋጋ ነው። እንዲሁም ዕቃው መሸጡን ለማሳየትና ለማፅደቅ ተብሎ አንዱ ተዋዋይ ለሌላው የሚሰጠው የመተማመኛ ገንዘብ ነው......" በሚል ያስቀምጣል።

ቀብድ አብዛሀኛውን ጊዜ የሚሰጠው ውሉ የሽያጭ ውል ሲሆን ነው። ገዥው በሽያጭ ውሉ ለመገደድ ያለውን ሀሳብ ለማሳየትና ሻጩ ደግሞ እሸጣለሁ ብሎ የሰጠውን ቃል እንዳያጥፍ ውሉ መፈፀሙ እርግጠኛ በሆነበት ሰዓት አንዱ ወገን ለሌላው ወገን ውሉ ሲደረግ ለማሰር የሚሰጠው ክፍያ ነው።

የቀብድ ህጋዊ ውጤት
=============

1) ቀብድ ሻጭና ገዥ በተነጋገሩበት ጉዳይ ላይ ውል መፈፀማቸውን እርግጠኛ ሲሆኑ የሚቀባበሉት ገንዘብ በመሆኑ ይህን ማድረጋቸው ገንዘቡን ለመቀባበላቸው ብቻ ሳይሆን ውሉን ለመዋዋላቸውም ማስተባበያ የማይቀርብበት ማስረጃ መሆኑን የፍ/ብ/ህ/ቁ 1883 ይደነግጋል። ገዥና ሻጭ አንድን ቤት ሲሻሻጡ በፍ/ብ/ህ/ቁ 1723(1) ስር የተመለከተውን ፎርም ባያሟሉም ሻጭ ለዚሁ የሽያጭ ውል ማስፈፀሚያ ቀብድ መቀበሉ ከተረጋገጠ በማያከራክር ሁኔታ ውሉ መደረጉን ያረጋግጣል። አንድ ውል የህጉን ፎርም ካላሟላ በህግ ፊት የማይፀና ይሆናል ነገር ግን በልዩ ሁኔታ የቀብድ ገንዘብ ክፍያ ካለ ውሉ የህጉን ፎርም ያላሟላ ቢሆንም የቤት ሽያጭ ውል ስለመኖሩ የማያከራክር ማረጋገጫ ስለሆነ ውሉ የፀና ይሆናል።
(የፌ/ጠ/ፍ/ቤት በሰ/መዝ/ቁ 56794 ቅፅ 12)

N.B
የተከፈለው ክፍያ ግን ቀብድ መሆኑ በውሉ ላይ ካልተገለፀ በቀር ቀብድ ነው ተብሎ ሻጭ አጠፌታውን እንዲከፍል የማያስገድድ ከመሆኑ በላይ ውሉ መኖሩንም ማረጋገጫ ሊሆን አይችልም።

2) የቀብድ ክፍያ መኖሩ የውሉን መኖር የሚያረጋግጥ ብቁ ማስረጃ ቢሆንም ተዋዋይ ወገኖች ውሉን ለማፍረስ ተቃራኒ ስምምነት ካላደረጉ በቀር ቀብድ ተቀባዩ የተቀበለውን ገንዘብ እጥፍ አድርጎ በመመለስ፥ ቀብድ ሰጪው ደግሞ ይህንኑ የሰጠውን ገንዘብ ለተቀባዩ በመልቀቅ ያለሌላ ተጨማሪ ሁኔታ ውሉን የማፍረስና በመካከላቸው የተመሰረተውን ግዴታ ለማስቀረት መብት አላቸው። ይህም አሰራር በቀብድ የታሰረ ውል ከሌሎች ውሎች የሚለይበት ልዩ ባህሪ ነው።
(የፍ/ብ/ህ/ቁ 1885)
ፍርድ ቤቶችም በተዋዋይ ወገኖች መካከል ተቃራኒ ስምምነት ከሌለ በቀር ሻጩ የቀብዱን አጠፌታ ከፍሎ ውሉን በማፍረስ የሸጠው ቤት እንዲመለስለት ከጠየቀ መወሰን የሚገባቸውና ተገዶ እንዲፈፅምም ማድረግ የሌለባቸው መሆኑ ግልፅ ነው።

N.B
የተደረገው ውል ሊፈፀም የማይችል (Impossible)፣ ወደ ገዥ ሊተላለፍ የማይችል እና ህገ ወጥ (unlawful) ከሆነ ግን ውሉ ፈርሶ ተዋዋይ ወገኖች ወደ ነበሩበት ከሚመላለሱ በቀር ሻጭም እጥፉን እንዲመልስና ገዢም የከፈለውን እንዲለቅ የሚጣልባቸው ግዴታ የለም።

#3 ውሉ በአግባቡ ከተፈፀመ እና ካለ ቀብዱ ገንዘብ ዕጣ ፋንታ በተዋዋዬቹ መሀል የተደረገ ሌላ ተቃራኒ ስምምነት ከሌለ የቃብድ ሂሳቡ ከጠቅላላው የሽያጭ ዋጋ ላይ የሚታሰብ ወይም እንዲመለስ የሚደረግ ይሆናል።
(የፍ/ብ/ህ/ቁ 1884)
https://t.me/http_Ijooseeraa
Murtii Manni Murtii tokko Aangoo Hundee Dubbii Otuu Hinqabaatin kennuu fi Bu’aa Isaa
=================
Barreeffama gabaabaa obbo Tewodroos Yhaabtaamneshiin barreeffame.

ፍርድ ቤት አንድ ጉዳይ በቀረበለት ግዜ  ክርክሩን ወደ መስማት ከመሄዱ በፊት በቀረበው ጉዳይ ላይ ሥልጣን ያለው መሆኑን በተለይ የሥረ ነገር ሥልጣን (material Jurisdiction) ያለው መሆን አለመሆኑን በቅድሚያ ማጣራት ያለበት ሲሆን  የፍታብሔር ሥነሥርአት ሕጋችንም ይህን አጥብቆ ያሳስባል።
💚🧡🧡❤️❤️❤️💙💙💙❤️🧡💚
ፍርድ ቤት አንድን ጉዳይ ለማየት የስረ ነገር ስልጣን የለውም የምንልባቸው ሁኔታዎች የሚከተሉት ናቸው

❶ኛ በሕገ መንግስቱ አንቀፅ 37 መሠረት ጉዳዩ በፍርድ ሊወሰን የማይችል (non- justiciable matter)  ሲሆን።

❷ኛ የቀረበው ጉዳይ በፍርድ ሊወሰን የሚችል ቢሆን እንኳን ጉዳዩን ለማየት በህግ የዳኝነት ስልጣን የተሰጠው ሌላ የ ዳኝነት አካል ሲሆን።

❸ኛ ጉዳዩ በመደበኛ ፍርድ ቤት ሊታይ የሚችል ቢሆን እንኳን ባይነቱ /subject matter/ ወይም በገንዘብ መጠኑ /pecuniary/ ተቀብሎ እንዲያይ በሕግ ያልተፈቀደለት ሲሆን።

❹ኛ በሕገ መንግስቱ የተሰጣቻው በውክልና የማየት ስልጣን እንደተጠበቀ ሆኖ ክልሎች በፌደራል ፍርድ ቤቶች የዳኝነት ሥልጣን ስር የሚገኙትን በቀጥታ ወስደው ማየት አይችሉም በተመሣሣይ የፌዴራል ፍርድ ቤቶችም በክልል ፍርድ ቤቶች የዳኝነት ስልጣን ስር የሚገኙትን ጉዳዮች ለማየት የሥረ ነገር ስልጣን የላቸውም። 

ፍርድ ቤት ጉዳዩን ለማየት የሥረ ነገር ሥልጣን በሌለው ግዜ ሊከተል የሚገባው ሥነስርአት

➡️ ፍርድ ቤቱ የሥረ_ነገር ሥልጣን የሌለው መሆኑን የተረዳው ገና ከጅምሩ ክሱ በቀረበለት ግዜ እንደሆን ተከሳሹን ከመጥራቱ በፊት በፍ/ሥ/ሥ/ህ/ ቁጥር 231 መሠረት አቤቱታውን ውድቅ አድርጎ መዝገቡን መዝጋት ይኖርበታል።

➡️ በፍ/ሥ/ሥ/ህ/ ቁጥር 231 መሠረት ፍርድ ቤቱ ክሱን ለማየት ሥልጣን የሌለው መሆኑን ሳያረጋግጥ ክርክሩን የሰማ እንደሆነ ፍርድ ቤቱ የሥረነገር ሥልጣን የሌለው መሆኑን ከተከራካሪ ወገን መቃወሚያ(244(2)) ሲቀርብለት የክሱን ማመልከቻ ውድቅ በማድረግ ተከሳሾቹን ማሰናበት ይኖርበታል።

➡️ እንዲሁም ከተከራካሪ ወገን መቃወሚያ ባይቀርብ እንኳን ፍርድ ቤቱ ጉዳዩን ለማየት የ ሥረ ነገር ሥልጣን የሌለው መሆኑን ፍርድ ከመስጠቱ በፊት በማንኛው ግዜ ከተረዳው መዝገቡን ዘግቶ ተከራካሪዎችን ማሰናበት ይኖርበታል።

አንድ ፍርድ ቤት ጉዳዩ ላይ የሥረ ነገር ስልጣን ሳይኖረው የሚሰጠው ውሳኔ የሚያስከትለው የሕግ ውጤት

➡️ ፍርድ ቤት በሕግ ከተሰጠው የስረ ነገር የዳኝነት ስልጣን ውጭ የሆነ ጉዳይ በማየት ውሳኔ የሰጠ እንደሆነ በክርክር ሂደት ውስጥ የሥነሥርዓት ጉድለት (procedural irregularity) መፈፀሙን ያሳያል። የሥነሥርዓት ጉድለት ፍርድ ቤት ሕጉ ያስቀመጠው ሥነሥርአት ወይም ደምብ ሳይከተል ሲቀር የሚፈፀም ግድፈት ነው።

➡️ በመሠረቱ የሥነሥርዓት ጉድለትን መሠረት በማድረግ የክርክሩ ሂደት እንዲሠረዝለት ጉዳዩን ለወሰነው ፍርድ ቤት ከማመልከት በስተቀር ወይም በተሰጠው ውሳኔ ምክንያት ካልሆነ በስተቀር በሥነሥርዓት ጉድለት ምክንያት ብቻ ይግባኝ ማቅረብ አይቻልም (በፍ/ሥ/ሥ/ህ/ ቁጥር 211(1) ይመለከቷል)።

➡️ የሥነሥርዓት ጉድለት የተፈፀመበት ጉዳይ ላይ ፍርድ ቤቱ ውሳኔ በሰጠ ግዜ ውሳኔው ላይ ይግባኝ ካልቀረበበት ወይም ይግባኝ ቀርቦበት በይግባኝ ሰሚው ፍርድ ቤት የፀደቀ እንደሆነ ውሳኔው አስገዳጅና የመጨረሻ ነው (በፍ/ሥ/ሥ/ህ/ ቁጥር 212 ይመለከቷል) ።

➡️ የያዝነውን ጉዳይ በዚህ አግባብ ስናየው አንድ ፍርድ ቤት በሕግ ከተሰጠው የስረ ነገር የዳኝነት ሥልጣን ውጭ የሆነ ጉዳይ በማየት ውሳኔ ሰጥቶ ቢገኝ የሥነሥርዓት ጉድለት (procedural irregularity) የተፈፀመ ቢሆንም የሥነሥርዓት ጉድለት የተፈፀመበት ውሳኔ በይግባኝ ታይቶ እስካልተሻረ ድረስ ውሳኔው የመጨረሻና አስገዳጅ ነው።

➡️ ስለዚህ የሥረ ነገር ሥልጣን የሌለው ፍርድ ቤት በጉዳዩ ላይ ውሳኔ በሠጠ ግዜ ተከራካሪ ወገን ውሳኔው ላይ በይግባኝ ሥነሥርዓት ሕጉ መሠረት ቅሬታ ሳያቀርብ ወይም አቅርቦም ይግባኝ ሰሚው ፍርድ ቤት ውሳኔውን ያፀናው እንደሆነ ውሳኔው በፍ/ሥ/ሥ/ህ/ ቁጥር 5/1/ መሠረት የመጨረሻ ውሳኔ በመሆኑ በዚያው ጉዳይ ላይ ፍርድ ቤት ክስ ለማቅረብ የሥነሥርዓት ሕጉ አይፈቅድለትም።

የፌዴራል ጠቅላይ ፍርድ ቤት ሰበር ሰሚ ችሎት በዚህ ዙርያ አስገዳጅ የሕግ ትርጉም ሰጥቷል (ቅፅ 15 የሰ/መ/ቁ. 85718, ሰኔ 03 ቀን 2005 ዓ.ም)

የሥረ ነገር ሥልጣን ሳይኖር የተሰጠ ውሣኔ በይግባኝ ታይቶ እንዲታረም ካልተደረገ በስተቀር በፍ/ሥ/ሥ/ሕግ ቁጥር 212 መሠረት በጉዳዩ ላይ አስገዳጅነት ያለውና የመጨረሻ ውሣኔ ነው፡፡ ውሣኔ ሥልጣን ባለው ፍርድ ቤት በይግባኝ ወይም በሰበር ታይቶ ባልተሻረበት ሁኔታ በዚያው ጉዳይ የሚቀረብ ክስ የፍ/ሥ/ሥ/ሕግ ቁጥር 5/1/ የሚቃረን በመሆኑ ተቀባይነት የሌለው ነው፡፡
https://t.me/http_Ijooseeraa
Yakkoota Akkamiitu Araaraan🤝Xumuramuu Danda'u?

Akka qajeeltotti dhimmoonni yakkaa kan nageenya hawaasaafi Biyyaa irratti raawwataman waan ta'eef adabbiidhaan kan xumuramaniidha malee araaraan xumuruun dhoorkaadha.  Haa ta'u malee haala addaatiin(exceptionally)  dhimmoonni yakkaa iyyannaa dhuunfaa qofaan dhiyaatan araaraan xumuramuu ni danda'u(sdfy kwt 13, 151). Yakkoota kanaan himachuuf jalqaba miidhamaan dhuunfaa shakkamaa himachuu akka barbaadu iyyannaa dhiheessu qaba. Yakkoonni kun uumamaan nageenya hawaasaafi biyyaa kan hin jeeqnee fi mirga miidhamaa dhuunfaa qofa irratti miidhaa kan geessisaniidha kanaaf fedhii miidhamaa qofa irratti hunda'amee Abbaan Alangaa  himata saaqa/bana. Yakkoonni hayyama miidhamaa dhuunfaa malee yoo banaman gocha miidhamaa dhuunfaa irratti raawwatameen ol miidhamaa dhuunfaa xiyyeeffannoo hawaasaa itti harkisuun kan miidhuu danda'aniidha.

Yakkoonni iyyannaa dhuunfaa dhiyaatan addatti tarreeffamanii hin kaa'amne. Yakkoonni iyyannaa dhuunfaan dhiyaachu danda'an kutaa addaa Seera Yakkaa keessa yookiin Seerota Yakkaa biroo keessatti iyyannaa dhuunfaan kan dhiyaatan ta'uun ifaan yoo tumameedha.

         https://t.me/http_Ijooseeraa
👍1
Himannaa fedhiin addaan kutuu fi  bu'aa isaa ilaalchisee DhIMMWF Lakk.Galmee 220782 dhaddacha gaafa 26/03/2015 ooleen murtii kenneen "....himataan himannaa dhiheeffate jiru hordofuuf ykn addaan kutuuf mirga guutuu ni qaba, himannaa isaa akka addaan hin kutne(hin kaafanne) dirqisiisuun hin dandahamu.Bu'aan himannaa addaan kutuus:-qaamni himannaa isaa gartokko ykn guutumaan guutuutti addaan kute dhimma sana irratti himannaa haaraa hundeessuu hin danda'u(mirga himannaa haaraa hundeessuu isaa ni dhaba).
Dhimma gartokkeen ykn guutumaan guutuutti adda cite sana irratti himannaa haaraa hundeessuuf,himatni sun hayyama Mana Murtiitiin kan addaan cite ta'uu qaba.Kanaaf,himannaa hayyama Mana Murtii malee kan adda citu yoo ta'ee mirga himannaa haaraa dhiyeeffachuu nama ni dhabsiisa" jechuun SDFHH Kwt. 278(2) waliin wal qabsiisuun hiikoo kennee jira.
https://t.me/http_Ijooseeraa
👍3
Namni Dhimma Siviliitiin Himatame Deebii Barreeffamaa Keessatti "Qabeenyicha Yeroo Dheeraadhaaf Waanan Qabadheef Gadi Lakkisuu Hin Qabu" Jechuun Falmii Ijoo Waliin Walitti Makee Barreessuun Yoo Dhiyeesse, Akka Mormii Sadarkaa Duraa Darbiinsa Yerootiin Walqabatu Kaaseetti Fudhatamuu Qabaa? Gama Kanaan, Dhaddachi Ijibbaataa MMWF fi Manni Maree Federeeshinii Maal Jedhan?
¢¢¢¢¢✓✓¢¢¢¢¢✓✓✓✓¢¢¢¢¢¢

Gareewwan falmii tokko tokko "qabeenyicha yeroo dheeraadhaaf waanan qabadheef gadi lakkisuu hin qabu" jechuun falmii ijoo waliin walitti makanii deebii barreeffamaa isaaniitiin wayita dhiyeessan qabatamaan ni mul'ata. Falmiin kun darbiinsa yerootimoo falmii biroodha kan jedhu ifa miti. Kanaan walqabatee, Dhaddachi Ijibbaataa MMWF murtii, iyyataa:-Badreddiin Abdulwuhab fi waamamaa:-Qamaraa Ahmad gidduutti ilaalee kenne keessatti; iyyataan kan jechaa jiru, mana kiyya waamamaan yeroodhaaf akka keessa jiraatuuf kenneefii gadi naaf lakkisi gaafan jedhuun gadi naaf lakkisuu waan hin dandeenyeef manicha gadi lakkisee akka na harkaan gahu jechuun himannaa dhiyeesseera.

Waamamaan deebii isaatiin; iyyataan mana isaa naaf kennee waggaa 47f kanan keessa jiraadhe waan ta'eefi umriin iyyataa waggaa 105 waan ta'eef himannicha ofii isaatiin sammuu fayyaadhaan beekaa kan dhiyeessan ta'uu isaatiif manni murtii dhiyeessisee yoo naaf mirkaneesse manicha gadin lakkisa jechuun falmeera.

Dhimma kana irratti manneen murtii Ijibbaataa gadi jiran hundi iyyataa dhaddachatti dhiyeessisanii, himannicha ofumaan kan dhiyeessan ta'uu mirkaneeffatanii waamamaan manicha gadi lakkisee iyyataa harkaan akka gahu jechuun murteessaniiru.

Dhimmi kun dhaddacha Ijibbaataa MMWF gahee, dhaddachichis hiikkoo seeraa dirqisiisaa galmee lakk.14047 (Jildii 1ffaa) ta'e irratti kenneen; falmii himatamaan waggaa 47f qabadheera jechuun kaasu akka mormii darbiinsa yeroo kaaseetti tilmaamni kan udhatamu ta'a. Iyyataan manicha kennaadhaan waamamaadhaaf kan kenne waan ta'eef, kunis bu'uura SHH kwt 2441(1)tiin darbiinsa yeroo waggaa lamaas ta'e, kan SHH kwt 1845 jalatti ibsame darbiinsi yeroo waggaa 10s darbeera waan ta'eef, waamamaan manicha iyyataa (himataa jalaa) harkaan gahuu hin qabu jedheera.

Dhimmi kun hiikkoo Heeraatiif Mana Maree Federeeshiniitti dhiyaatee, Manni Marichaas  Yaa'ii gaafa 2/10/2011, bara paarlaamaa 4ffaa, waggaa 4ffaa gaggeessee, murtii lakk.Ga.68/11 ta'e irratti kenneen; seera deemsa falmii sivilii kwt 245(2) irratti Manni murtii ofii isaatiin mormii darbiinsa yeroo kaasuu akka hin dandeenye tumamee osoo jiruu Dhaddachi Ijibbaataa ofumaaf kaasee murteessuun isaa tumaa Heera Mootummaa kwt 79(3), kan abbootiin seeraa hojii isaanii seeraan qofa hojjetu jedhu, kan faallessudha. Mirga dinagdee namootaa Heera Mootummaa kwt 41(5)n kabajames kan faallessuufi bu'uura Heera Mootummaa kwt 40(1)(2)tinis mirga qabeenya horachuu lammilee kan sarbe ta'uurrayyuu mirgoota manguddoowwan umriin isaanii waggaa 100 ol ta'ees kan miidhu waan ta'eef murtii Heera faallessudha jechuudhaan diigeera.
(Yaadni kun Kitaaba Kaasee Malkaam, mata duree "Mormiiwwan Sadarkaa Duraa" jedhuun Afaan Amaaraatiin barreeffame irraa kan fudhatamedha. Kan hiike anadha).

           Desalegn B.
👍2
Dhimmi tokko Mana Murtii Biyya Ormaatti Ilaalamee Murtii kan Argate Ta’uun Manneen Murtii Biyya Itiyoophiyaatti Himannaan Yoo Dhiyaate SDFHH kwt 5n Dhimma Dursee Murtii Argate Jedhamuu Nidanda’aa?=================
Dhimmi tokko dursee Mana Murtii Biyya ormaatti dhiyaatee falmiin ergaluun Mana Murtii biyya Itiyoophiyaatti himannaa dhiyeessuu irraa akka hindaangessine SDFHH kwt 8 jalatti tumamee jira.
Akkasumas mana Murtii biyya ormaatti murtiin kenname Manneen Murtii Itiyoophiyaatti dhiyaatee raawwatamuu kan danda’u haal-dureewwani fi ulaagaalee SDFHH kwt 456 hanga 461 jalatti tumaman guutee yoo argame qofa akka ta’e tumamee jira.
Haalota ykn ulaagaalee gaafataman keessaa tokko murtiin biyya ormaatti kenname Manneen Murtii biyya Itiyoophiyaatti fudhatama kan argatuu fi raawwatamu biyya ormaa murticha kenne sanatti murtii Manneen Murtii biyya Itiyoophiyaan kenname fudhatama kan qabu yoo ta’eedha.
Bu’ura kanaan yoo ilaalamu haallan ykn ulaagaaleen SDFHH olitti caqafaman jalatti ibsaman guutamuun yoo mirkanaa’e malee murtiin biyya ormaatti kennamuun qofaan himannaa dhimmicha irratti Manneen Murtii biyya Itiyoophiyaatti dhiyaatu dursee murtii kan argateedha jedhamee SDFHH kwt 5n kan daangeffamu akka hintaane hubachuun nidanda’ama.
Gama kanaan Dh Ijb MMWF glme Lkk 54632 ta’ee fi Jld 12ffaa keessatti manxanfamee argamu irratti hiikkoon kennes yaaduma olitti ibsame agarsiisa.
               Jemal Kumbi
https://t.me/http_Ijooseeraa
👍1
Qabiyyee Lafaa Abbaa Qabiyyee Harkaa Akkaataa Seera Beenyaatti Otuu Hinfuudhamin Nama Dhuunfaaf Kennuun Bu’aa Hordofsiisu: =====================
Heera Mootummaa kwt 40(8) fi Labsii Lkk 1160/2011 Kwt 8 waliin Xiinxaluun Hiikkoo Dh Ijbta MMWF glme Lkk 249569 ta’erratti gaafa 06/2017 kenname===========================
Qabiyyee nama dhuunfaa ykn abbaa qabiyyee harka jiru Keessaayyuu daangaa magaalaa irratti/keessatti argamu otuu akkaataa seera qabiyyee gad-lakkisiisuu rogummaa qabu hinhordofin B/Magaalaa dabarsee qilleensa irratti tajaajila mana jireenyaaf ykn inveestimantiif nama biroof ragaa saayitii fi kaartaa abbaa qabiyyummaa haalli itti kennan baratamaadha. Sababa kanaan falmiin abbaa qabiyyee fi nama kaartaan kennameef giddutti mana murtiitti yeroo dhiyaatu bal’inaan mul’ata. Manneen murtiis irra caalaa himatamaan qaama aangoo qabu irraa kaartaa ragaa abbaa qabiyyummaa seera qabeessa kan argate waan ta’eef qabiyyichi himataaf gad-lakkisuuf dirqama hinqabu, himataan yoo barbaada qaama mootummaa ilaalu irraa beenyaa fi lafa bakka bu’iinsaa gaafachuu danda’a jechuun kan murteessan akka ta’es qabatamni jiru niagarsiisa.
Haata’u malee dhimma Magaalaa Shaggar Aanaa Sulultaa duraaniitti eegaluun dhumarra Dh Ijbt MMWFtti bara kana murtaa’e irratti Dh Ijbt MMWF murtii Manneen Murtii Ol’aanaa, Waliigalaa fi Ijbta Naannichaa kenname diiguun qabiyyee lafaa falmii kaase akkaataa Labsii Lkk 1160/2011tiin faayidaa ummataaf akka fudhatamu murtaa’uudhaan adeemsa labsichaan taa’e hordofee himataa harkaa dursee fuudhamuun otuu hinmirkanoofne sababa himatamaaf ragaan kaartaan kenname jedhuun qofa himataan beenyaa fi lafa bakka bu’iinsaa gaafachuu danda’a jedhamee murtaa’uun dogongora bu’uraa ijoo seeraa Heera mootummaa kwt 8 fi Labsii beenyaa Lkk 1160/2011 irratti raawwatameedha jechuun murteessee jira.
Guutuun murtichaa armaan gaditti kaajameera.
https://t.me/http_Ijooseeraa
1
Waliigaltee Kiraa mana mootummaa/gandaa ilaalchisee ijaarsi dabalataa mana gandaa kiraan qabatame irratti raawwatamus ta’ee waliigalticha irratti bu’aa akkamii akka hordofsiisu ======================
Hiikkoo Dh Ijbta MMWF glme Lkk 245889 ta’erratti gaafa 05/02/2017 kenname waliin kan ilaalame============================
Yeroo hedduu mana mootummaa B/Gandaa irraa waliigaltee kiraatiin namoonni qabatanii tajaajila mana jireenyaa fi ykn daldalaaf ittifayyadamuun kan beekamu yoo ta’u mana haala kanaan waliigaltee kiraan qabatan beekamtii fi eeyyama kireessaa malee haaromsuu fi ykn dallaa keessatti mana dabalataa Ijaaruu bira darbee dabarsanii namoota biroo garee 3ffaatti kireessuu fi darbee darbee gurguruunis nimul’ata. Sababa kanaan falmiin qaama mootummaa ilaallatu (yeroo hedduu B/Gandaa) fi kireeffataa manichaa fi ykn garee 3ffaa kireeffataa jalqabaa irraa kiraan ykn bittaan argate giddutti nika’a.
Manneen murtiitis murtii garaagaraa kan kennan yoo ta’u kana irratti manicha beekamtii fi eeyyama kireessaa malee haaromsuu, dabalataan ijaaruus ta’ee garee 3ffaatti dabarsuun gochaa seeraan alaa waliigaltee kiraa adda kutuuf dandeessisu ta’uu fi haaromsa taasifames ta’ee mana dabalataa ijaarames kireeffataas ta’ee gareen 3ffaan sababa tokko malee gad-lakkisuuf kan dirqaman akka ta’e Dh Ijbta galmee olitti caqafame irratti hiikkoo kennee jira.
https://t.me/http_Ijooseeraa
#Dhala seeraan hin eeyyamamne(araaxaa) vs Seeraa fi Dh.Ij.MMWF:
  Dhaabbileen xixiqqaan liqaa maallaqaa irratti hojjatan,fi namni dhuunfaan himannaa yeroo dhiheessan tokko tokko dhibbeentaa kudha sadi(13%) yoo gaafatan,kaan immoo 16%,kaan immoo 18%,kaan immoo 24% yommuu gaafatan ni mul'ata.
  Namni dhuunfaan tokko(liqeessaan) qarshii 200 liqeeffataatti liqeessee liqeeffataan rakkina mataa isaatiif jedhee liqeeffachuu hubatee akka qarshii 3000 liqeessetti qarshii 3000 waliigaltee liqii qarshii waliif mallatteessuunis ni mul'ata.
  Dhalli seeraan eeyyamame dhibbeentaa sagal(9%) akka ta'e seera hariiroo hawaasaa irraa ni hubatama.Kunis kan kanfalamu waggaatti akka ta'e seera siivilii keewwatni 1751 ifa taasisee jira.
  Dhaabbatoota xixiqqaa liqaa qarshii irratti hojjatan wal qabatee hanga dhala isaanii Baankii Biyyoolessaa yeroo yeroon kan murteessu waan ta'eef,himannaan dhaabbileen kunneen dhiheessan qajeelfama Baankiin Biyyoolessaa yeroo yeroon baasuu fi hanga dhalaa ittiin murteessu waliin akka ragaa barreeffamaatti wal qabatuu baannaan dhala seeraa(legal interest rate) dhibbeentaa sagal/9% seera siivilii irratti tumame murtaa'uu akka qabuudha.
#Dhalli seeraan hin hayyamamne araaxaadha,yakkaan nama gaafachiisa.Araaxaa:seera yakkaa bara 1996 bahe keewwata 712(1) jalatti"namni(nama dhuunfaas ta'e dhaabbanni) kamiyyuu rakkoo gadi aantummaa yookiin rakkina maallaqaa yookiin dadhabina yaadaa yookiin muuxannoo yookiin dandeettii dhabuu miidhamaa(liqeeffataa) bu'uura godhachuun:
A.dhala seeraan hayyamameen ol ta'een maallaqa kan liqeesseef yoo ta'e; yookiin
B.maallaqa liqeesseef waliin qabeenya ifatti wal madaalaa hin taane bakka isaa akka kennuuf kan taasise yookiin waadaa Kan seensise yoo ta'e hidhaa salphaan yookiin haala dubbichaatti hidhaa cimaa waggaa 5(shan) hin caallee fi adabbii maallaqaatiin adabama jechuun tumeera.
#Dhaddachi ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Jildii 15ffaa Lakkoofsa galmee 80119 ta'een"namni tokko gocha yakka araaxaa raawwateera jechuun yakkaan itti gaafatamaa ta'uuf ulaagaa guutuu qabu,ji'aan dhibbeentaa kudhan(10%) dhalli shallagamaa akka kanfaluuf waliigaluun qarshii liqeessuun gocha yakka araaxaa raawwachuutiin kan gaafachiisu ta'uu" murtii kennee ture.Seera adaba yakkaa bara 1949 bahe keewwatni 667(1) fooyya'ee seera yakkaa bara 1996 bahe keewwata 712 tiin bakka bu'eera.Keewwattoonni lameenuu walfakkaatu.
#Himannaa keessatti seerummaa dhallii fi adabbiin yeroo tokko yoo gaafatame,dhallii fi adabbiin yeroo tokko hin murtaa'u.Adabbiin biraa dhiisuun dhala murteessuutu bu'uura seeraa qaba.
#Dh.Ij.MMWF Jildii 12ffaa Lakk.Galmee 59882 ta'een "seera hariiroo hawaasaa keewwata 2489 waliin xinxaluudhaan dhalaa fi adabbiin erga tokko gaafatameera yoo ta'e erga tokko murteessuu osoo hin taane,adabbii biraa dhiisuun dhala qofatti murtii kennuun deeggarsa seeraa qaba"jechuun murteessee ture.
#Dhalli seeraan alaa,fi dhala seerawaa dabalataan waliigalteen akka adabbiitti kanfalamuuf waliigalame diigamaa akka ta'e shh keewwattoota 2006(2),2005(1),2489 fi 1889 irraa ni hubatama.Dhalli seeraan alaa(araaxaan) yakkaan nama gaafachiisa.
Mohamedtyib Nure Law  Office
https://t.me/http_Ijooseeraa
#Dhala seeraan hin eeyyamamne(araaxaa) vs Seeraa fi Dh.Ij.MMWF:
  Dhaabbileen xixiqqaan liqaa maallaqaa irratti hojjatan,fi namni dhuunfaan himannaa yeroo dhiheessan tokko tokko dhibbeentaa kudha sadi(13%) yoo gaafatan,kaan immoo 16%,kaan immoo 18%,kaan immoo 24% yommuu gaafatan ni mul'ata.
  Namni dhuunfaan tokko(liqeessaan) qarshii 200 liqeeffataatti liqeessee liqeeffataan rakkina mataa isaatiif jedhee liqeeffachuu hubatee akka qarshii 3000 liqeessetti qarshii 3000 waliigaltee liqii qarshii waliif mallatteessuunis ni mul'ata.
  Dhalli seeraan eeyyamame dhibbeentaa sagal(9%) akka ta'e seera hariiroo hawaasaa irraa ni hubatama.Kunis kan kanfalamu waggaatti akka ta'e seera siivilii keewwatni 1751 ifa taasisee jira.
  Dhaabbatoota xixiqqaa liqaa qarshii irratti hojjatan wal qabatee hanga dhala isaanii Baankii Biyyoolessaa yeroo yeroon kan murteessu waan ta'eef,himannaan dhaabbileen kunneen dhiheessan qajeelfama Baankiin Biyyoolessaa yeroo yeroon baasuu fi hanga dhalaa ittiin murteessu waliin akka ragaa barreeffamaatti wal qabatuu baannaan dhala seeraa(legal interest rate) dhibbeentaa sagal/9% seera siivilii irratti tumame murtaa'uu akka qabuudha.
#Dhalli seeraan hin hayyamamne araaxaadha,yakkaan nama gaafachiisa.Araaxaa:seera yakkaa bara 1996 bahe keewwata 712(1) jalatti"namni(nama dhuunfaas ta'e dhaabbanni) kamiyyuu rakkoo gadi aantummaa yookiin rakkina maallaqaa yookiin dadhabina yaadaa yookiin muuxannoo yookiin dandeettii dhabuu miidhamaa(liqeeffataa) bu'uura godhachuun:
A.dhala seeraan hayyamameen ol ta'een maallaqa kan liqeesseef yoo ta'e; yookiin
B.maallaqa liqeesseef waliin qabeenya ifatti wal madaalaa hin taane bakka isaa akka kennuuf kan taasise yookiin waadaa Kan seensise yoo ta'e hidhaa salphaan yookiin haala dubbichaatti hidhaa cimaa waggaa 5(shan) hin caallee fi adabbii maallaqaatiin adabama jechuun tumeera.
#Dhaddachi ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Jildii 15ffaa Lakkoofsa galmee 80119 ta'een"namni tokko gocha yakka araaxaa raawwateera jechuun yakkaan itti gaafatamaa ta'uuf ulaagaa guutuu qabu,ji'aan dhibbeentaa kudhan(10%) dhalli shallagamaa akka kanfaluuf waliigaluun qarshii liqeessuun gocha yakka araaxaa raawwachuutiin kan gaafachiisu ta'uu" murtii kennee ture.Seera adaba yakkaa bara 1949 bahe keewwatni 667(1) fooyya'ee seera yakkaa bara 1996 bahe keewwata 712 tiin bakka bu'eera.Keewwattoonni lameenuu walfakkaatu.
#Himannaa keessatti seerummaa dhallii fi adabbiin yeroo tokko yoo gaafatame,dhallii fi adabbiin yeroo tokko hin murtaa'u.Adabbiin biraa dhiisuun dhala murteessuutu bu'uura seeraa qaba.
#Dh.Ij.MMWF Jildii 12ffaa Lakk.Galmee 59882 ta'een "seera hariiroo hawaasaa keewwata 2489 waliin xinxaluudhaan dhalaa fi adabbiin erga tokko gaafatameera yoo ta'e erga tokko murteessuu osoo hin taane,adabbii biraa dhiisuun dhala qofatti murtii kennuun deeggarsa seeraa qaba"jechuun murteessee ture.
#Dhalli seeraan alaa,fi dhala seerawaa dabalataan waliigalteen akka adabbiitti kanfalamuuf waliigalame diigamaa akka ta'e shh keewwattoota 2006(2),2005(1),2489 fi 1889 irraa ni hubatama.Dhalli seeraan alaa(araaxaan) yakkaan nama gaafachiisa.
Mohamedtyib Nure Law  Office
https://t.me/http_Ijooseeraa
Gaa'illii gamtaa jaarsaa fi jaartiiti malee gamtaa qabeenyaa waan hin taaneef jaarsaa fi jaartiin qabeenya osoo gaa'ila waliin hin hundeefatin dura dhunfa dhunfaa isaaniitin qaban gaa'ila boodas waliigaltee fuudhaa fi heerumaatin qabeenya waliinii akka ta’u yoo murteefatan malee qabeenyuma dhunfaa isaanii ta'ee itti fufa.
👉Erga gaa'ila hundeefatanii booda jaarsaa fi jaartiin qabeenya dhunfaa isaanii karaa sadi gurguddoon horachuu ni danda’an
👉Kunis qabeenyi dhiirsaa fi niitiin gaa'ila keessatti waliin osoo hin tahin dhunfaan kophatti dhaalaan maatii isaaniirra dhaalaanii fi kennaan dhunfaan nama biroo irraa argatan qabeenya waliinii osoo hin tahin qabeenya dhunfaa isaanii taha
👉Seera maatii federaalaa keewwata 57 fi seera maatii Oromiyaa keewwata 72 jalatti qabeenyi abbaan warraa fi haati warraa guyyaa fuudhaa fi heeruma isaanii raawwatan dhunfaa isaaniti qabanii fi erga wal fuudhan booda dhaalan maatii irraa yokiin kennaan nama biroo irraa dhunfaa isaaniti argatan kanuma dhunfaa isaanii taha jechuun ifatti tumamee jira.
Fakkeenyaaf fuudhaa fi heeruma akkaataa amantaa islaamatti raawwatamu keessatti Mahariin gaa'illi akka ragga’aa tahuuf ulaagaa barbaachiftuu fi qabeenya dhunfaa haadha warraatif guyyaa gaa'illli raawwatamu kennamu waan taheef qabeenya dhunfaa isiiti jechuudha
👉Bu’an yokiin firiin qabeenya dhunfaa irra argamu garuu qabeenya waliiniti.
👉Fakkeenyaaf mahaariin sa'aa yokiin raaddi kan jaartiif guyyaa gaa'illli raawwatamu kennamuuf qabeenya dhunfaa haadha warraa yommuu tahu jabbiin sa'aan mahaarii kun horu immoo qabeenya waliinii taati
Jarsaa fi jaartiin Gaa'ila keessatti qabeenya tokko kennaan dhunfaa isaaniiti nama biroo irraa argachuun kan dhunfaa isaanii taasifachuuf namni kennaa isaaniif kennu qabeenya kennaan isaanif dabarsu ilaalchisee jaarsaa fi jaartii keessa isa tokko yokiin abaaluufin kanne jechuun ifaa ifatti ibsuun akkasumaas akkaataa seera rogummaa qabuutiin ulaagaan waaligalte kennaa qabeenya kanaatis guutamuun qabeenyichi isaan keessa nama tokko qofaaf kennamuun isaa haala shakkii hin qabneen yoo ibsamee qofa qabeenyi kun qabeenya dhunfaa nama kennameefii san taha malee yoo haala kanaan ibsamu baate qabeenyi kennaan argame kun qabeenya waliinii jaarsaa fi jaartii tahuun isaa waan hafu miti jechuudha
👉Haa tahu garuu jaarsaa fi jaartiin erga wal fuudhan booda qabiyyee lafaa dhaalaa ykn kennaan maatii isaaniirra dhunfaa isaaniti kan argatan yoo ta’e akka qabeenya birooti lafti dhunfaan isaan keessaa namni tokko dhaalan yokiin kennaan maatii isaarraa argate kun qabiyyee dhunfaa isaa qofa tahuu hin dandeesu.
👉Kunis gaa'ila keessatti jaarsaa fi jaartii keessaa namni tokko qofti qabiyyee lafaa kennaan yokiin dhaalaan kan argatu yoo ta’e inni kaanis nama qabiyyee lafaa kennaan yokiin dhaalaan kophatti maatii isarraa argate waliin kan itti fayyadamu waan taheef mirga qabiyyee laficha irratti kan waliin horatan waan taheef lafti kunis sababa waliin itti fayyadamaniif qofa qabiyyee waliinii isaanii taati jechuudha.
👉 Bu’uruma kanaan manni murtii waliigalaa naannoo oromiyaa dhaddachi ijibaataa jildii 10ffaa lakka galmee 393039 ta'e irratti qabiyyeen lafa baadiyyaa dhaalan yokiin kennaan jaarsaa fi jaartii keessaa garee isa tokkoof gaa'ila keessatti kenname akka qabeenya kaani kan dhunfa ta'e itti hin fufu jechuun murteesseera.
Karaan inni sadaffaan jaarsaa fi jaartiin gaa'ila keessatti qabeenya tokko dhunfaan horachuu danda’an qabeenya dhunfaa isaaniiti gaa'ilan duraa fi gaa'ila keessatti qaban gurguruun qabeenya biroo bituun yokiin kan birootiin jijjiruun qabeenyi argatan qabeenya dhunfaa isaanii taha
👉Seera maatii federaalaa keewwata 58 fi seera maatii Oromiyaa keewwata 74 jalatti abbaan warraa fi haati warraa qabeenya tokkoon isaanii qabeenya dhunfaa isaatiin jijjiruun argatu yokiin qabeenya dhunfaa isaatiin bitatu yokiin maalaqni qabeenya dhunfaa isaa gurguree argatu kanuma dhunfaa nama sanii taha jechuudhan ifatti tumamee jira.
https://t.me/http_Ijooseeraa
Dhaddachi Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa (DHIMMWF ) lakkoofsa 235844 irratti dhaddacha gaafa Guyyaa 06/2016 oolen:-- Qabeenyi hin sochoone(Mana) ragaan Abbaa qabeenyummaa  maqaa Abbaa manaa Fi haadha manaatin  galmaa'ee yoo jiraatellee,  lamaan keessaa tokko qabeenyichi kan dhuunfaa Isaa ta'uu hubachiisuu yoo danda'e, qabeenyichi kan dhuunfati malee, qabeenya waliiniti miti. Qabeenyichi maqaa isaan lamaanitin galmaa'uu qofti, qabeenya walinii gaa'ela keessatti horatame hin taasisu.
      *Hubachiifachuun gahee keeti

Hubannoo walfakkaataa argachuuf linkii gadii kana qofa cuqasi:-
      
   https://t.me/http_Ijooseeraa
Madaaallii Ragaa Dhimma Yakkaa Ilaalchisee Adeemsa Dhoorkame.
=========="========
𝐃𝐡𝐚𝐝𝐝𝐚𝐜𝐡𝐢 𝐈𝐣𝐢𝐛𝐛𝐚𝐚𝐭𝐚𝐚 𝐌𝐚𝐧𝐚 𝐌𝐮𝐫𝐭𝐢𝐢 𝐖𝐚𝐥𝐢𝐢𝗴𝗮𝐥𝗮𝗮 𝐅𝐞𝐝𝐞𝐫𝐚𝐚𝐥𝐚𝐚 𝐋𝐚𝐤𝐤𝐨𝐨𝐟𝐬𝐚 𝐆𝐚𝐥𝐦𝐞𝐞 220008 ta’e irratti bu'uura SDFY tiin namni yakkaan himatame ragaa ittisaa akka dhiyeessu kan ajajamu ragaan Abbaa Alangaa dhiyaate haala gahaa fi amansiisaa ta'een gochicha raawwachuu isaa yoo mirkaneesse akka ta'e SDFY kwt 141 fi 142 irraa ni hubatama.Manni murtii himatamaan ragaa ittisaa akka dhiyeeffatu ajajuu kan qabus dandeettii ragaa gama Abbaa Alangaatiin dhiyaate haala hunda galeessa ta'een  himannicha mirkaneessuu isaa erga qulqulleessee booda akka ta'e tilmaamni ni fudhatama.Gama kanaan himatamaan ragaa ittisaa dhiyeesseen fashaleessuu hanga hin dandeenyetti balleessaa jedhamee kan adabamu ta'a.Kanaafuu,hanga ragaan ittisaa dhiyaate ragaa AA fashalleessuu hin dandeenyetti ragaan Abbaa Alangaa dura madaalamee ture Mana murtii murticha kenneen irra deebiin madaalamee ejjannoo ajaja/jal-murtii dura kennameen faallaa ta'e haalli itti qabamu faallaa kaayyoo SDFY ti.
   Walumaagalatti,adeemsa falmii dhimma yakkaa keessatti namni yakkaan himatamee jiru tokko ragaan Abbaa Alangaa dhagahamee jal-murtii/ajajni akka ofirraa ittisu erga kennameen booda jal-murtii/ajajni akka ofirraa ittisu kennamee jiru sun dogoggora illee kan qabu yoo ta’e,Manni murtii dhimmicha ilaalaa jiru sun ragaa abbaa alaangaa irra deebidhaan madaaluun eejjennoo haarawaa qabachu kan hin dandeenye ta’u isaa ykn himatamaan ragaa ittisaa otoo hin dhiyeeffatiin murtii bilisaan gadi lakkisu kan hin dandeenye ta’uu isaa" hiikoo kenneera.

አንድ በወንጀል የተከሰሰ ሰው የዐቃቤ ህግ ማስረጃ ተሰምቶ የመከላከያ ማስረጃዉን እንዲያቀርብ ብይን/ትዕዛዝ ከተሰጠ በኋላ እንዲከላከል የተሰጠው ትዕዛዝ ስህተት ቢኖረዉም እንኳን ተከሳሹ ማስተባበያ ማስረጃ ባልቀረበበት ሁኔታ ከሱን በሚሰማው ፍርድ ቤት የዐቃቤ ህግ ማስረጃ በድጋሚ መዝኖ ቀደሞ ከተሰጠዉ ብይን/ትዕዛዝ የተለየ አቋም በመያዝ ተከሳሽን በነፃ እንዲሰናበት ሊወሰን የማይችል ስለመሆኑ፡፡
የሰ.መ.ቁ.220008 ሐምሌ 26/2014 ዓ.ም (ያልታተመ)
https://t.me/http_Ijooseeraa