Waamicha Eeggattoota Gargaaraa Abbaa Seeraa MMA
---------------------------
(Adoolessa 28,2017 MMWO,Caffee Araaraa,Finfinnee)-Gargaartota Abbaa Seeraa MMA kallattii muudamni kennameefii  ramadaman keessaa sagal (9) bakka ramaddiin kennametti kan hin argamneefi tokko (1)  immoo gowwoomsaan ulaagaa cabsuun waan mirkanaa'eef  bakka isaanii eeggattoota waamuun barbaachisaa ta'ee argameera.Waan ta'eefis dorgomtoota  Gumiin eeggataa akka taatan murteesse keessaa  kan maqaan keessan 1ffaa-10ffaatti tarreffamee jiru gaafa 2/8/2017 ( kamisa dhufu) magaalaa Adaamaa Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa (Galma Abbaa Gadaa cinaatti argamu)tti argamuun unkaa qacarrii akka guuttanii fi leenjii guyyoota sadiif qophaa'e akka fudhattan ni beeksifna.
Hub-Durgoon oolmaa fuula dura bakka itti ramadamtanii waan isiniif kaffalamuuf ammaaf mallaqa turtii guyyoota sadiif isin tursiisu qabattanii akka argamtan ni hubachiifna.
👍2
#Exit_Exam_Certificate
==================
‎Erga bara 2015 dhimmi Exit exam eegalee as barataan 'exit exam' hin milkoofne 'Temporary degree' dhowwatamaa turuun isaa ni yaadatama.

‎Dhaabbanni barnootaa Olaanoo kan taatan hundi keessan Ministeerri barnoota, kan kufeefis kan darbeefis 'Waraqaa ragaa barnootaa 'Curicullum' irra jiru baratee xumuree jira, garuu isa hin milkaa'iin hafeef qormaata bahiinsaa hin milkoofne jedhamee akkasumas kan milkaa'efis milkaa'eera jechuun garee lachuuf ragaan barnootaa akka firii qabxii bahiinsa isaaniitti haa kennamuufi jedhee jira.
‎Kanumaafis kan tajaajilu Xalayyaa armaan olii dhaabbata barnoota Ol aanoo hundaaf ministeerichi ergee jira.
‎Barattootni dhimmi kun isin ilaallatu xalayyaa kana buufadhaatii 'Print' godhaa qaama ilaallatuuf ibsaatii ragaa barnootaa keessan fudhaa.

Odeeffannoo qulqulluu fi si'ataa argachuuf 
            
https://t.me/Ijooseera                   
(Dhaddachaa ijjibaata MMWF galmee lakk 218309 ta’erratti gaafa 30/09/2014 falmii dhimma jeequmsaa qabeenya ykn qabiyyee wal qabatee  murtii dirqisisaa kennee kana dubbisa!
Himannaan dhimmaa Hariiroo Hawaasa jeequmsaan wal qabatee seerummaa gaafatamee jeequmsi uumame haa dhaabatu kan jedhu dhiyaatee jechuun kan danda'amuu qabeenyi ykn qabiyyee falmiif sababa ta'e himataa harka turuufi dhugumatti ajajuu akka danda'uuf karaa seeraan alaatiin kan hin qabamnee tahuu mirkana'uu akka qabu. Akkasumaas himatamaan gochicha raawwachuuf mirgaa fi aangoo kan hin qabne ta'uu yoo hubachiifame ta’uu akka qabu SDFHH keewwata 1140 fi 1149'n wal qabsiisee murtii dirqisisaa kennee jira.
https://t.me/Ijooseera
Saayikooloojiin amala namaa bakka
gurguddaa Sadiitti Qoodee kaa’a

1. #Passive_person( Suutee)
Namni kun yeroo hundaa moo’amaadha, waan namni jedhe hunda tole jedhee fudhata, waan isaaf ta’u adda baasee hin beeku, waanuma hiriyaan isaa/ishee gootu ilaalee godha. Ofitti amanamummaa hin qabu, waanuma sirrii dhiisi kun sirrii miti yoo jette ni dhiisa. Namni akkasii kun jireenyi isaa kufaadha.

2. #Aggressive_person (Ofittoo)
Namni akkasii immoo Kan Koo malee jechuu baay’isa, yaada nama biraa qooddatu,ni dheekkama, lafuma fayyaa si dhaanuu, ooduu, barbaada ija diimeffata.

Namni kun ija jabinaan dorgooma hin qabu.Ana malee, of tuula, ana malee namni hin jiru jedha, sin kabaju, qoma dhiibee deema dhimma kee hin qabu. Hiriyaa akkasii sirraa haa qabu malee guyyaa adii qullaa si hambisa. hanga ati sagalee qabdu qofa si kabajaa Irraa isin haa baraaruu!!!!!!!

3. #Assertive_Person Nama sammuu banaa qabu (open minded person), yaada nama biraa giddu galeessa godhee fudhata, waan isaaf ta’u adda baasee keessaa gadi fageessee fudhata, yaada isa ijaaruuf isa diigu beeka. Namni akkasii kun yaada namoota biroo fudhachuuf sammuunsaa qophaa’aadha.

Ilaalcha madaalawaa qaba, siin hin mormu, erga yaada kee hubatee si amansiisuuf ragaadhaan deeggaree yaadasaa dhiyeeffata. Yeroo hunda ilaalcha qajeelaa qaba, nama hundaaf gaarii yaada, ilaalcha naannummaa, gandummaa,  sanyummaa fi lagummaa of keessaa hin qabu, haasa’aan isaa ogummaan kan guutameedha. Fageessee yaada, fageessee tarkaanfata, hamma dubbatuun ol hojjeta, odeessuurra hojiidhaan agarsiisuu filata.
Via kanan dubbisee irraa.
https://t.me/Ijooseera
Dhimma Falmii Investment Walqabatu ilaalchisee murtii Dh, Ijbt MMWO glm Lkk 437926 ta’erratti gaafa 05/06/2016 kenname============================================
Dhimma falmii inveestimantiin walqabatee haqamuu haayyama investimantii ykn adda cituu waliigaltee investmentin walqabatee kallattiin Mana Murtii Idileetti dhiyaachuu akka hinqabne Labsii Lkk 249/2015 kwt 48(2,3) fi dambii Lkk 244/2016 kwt 37(2,3) jalatti tumamee jira.
Haala kanaan jalqaba waajjira Investimantii fi indaastirii magaalaa ykn godinaa  naannoof waamamanitti dhiyaachuun Biiroo Investimantii keessa darbee Korea Raawwachiistuu Dhimma Investimantiitti murtii dhumaa eega argate booda bifa komiitiin Mana Murtii Waliigala Oromiyaatti dhiyaachuu akka qabu tumaalee olitti caqafamanii fi kwt 48(4) labsichaa fi kwt 37(4) dambichaa jalatti ifaan tumamee argama.
Kanaaf adda cituu waliigaltee investimantii fi haqamuu haayyamaatiin walqabatee kallattiin manni murtii idilee ilaaluu akka hindandeenye nihubatata.
Haata’u malee waliigaltee investimantii otuu hinmallatteessisin haalli lafti inveestimantiin itti kennamu jiraachuu isaa dhimmoonni qabatamaa agarsiisan hedduun kan jiran yoo ta’u kanumaan walqabatee otuu waliigalteen investimantii nugidduu hinjiraatin waliigalteen waan adda citeef qabeenya irraa qabdu kaafattee lafa akka gad-Lakkistu jechuun jeequmsi uuman akka dhaabbatu jedhamee himannaan Mana Murtii Idileetti yoo dhiyaatu nimul’ata.
Egaa manneen murtiitis waliigalteen jiraatuu yoo   baateeytuu lafichi tajaajila investimantiif kan fudhatame waan ta’eef dhimma kallattiin mana murtiitti dhiyaatuu miti, ilaaluuf aangoo hinqabnu jechuun Labsii Lkk 249/2015 kwt 48 caqasuun murteessaa jiru.
Dhimma haala kanaan dhiyaatee Mana Murtii Magaalaa Shaggar MMA K/Magaalaa Malkaa Noonnootti egaluun Dh Ijb MMWOtti glm lkk 437926?ta’erratti ilaalameen Dh Ijb waliigalteen investimantii otuu hinjiraatin lafa akkaataa seera liiziitiin qaama aangoo qabu waliin waliigaltee liiziin fudhatame irratti waliigalteen investimantii waan adda citeef lafa akka gad-lakkisu jedhamuun gochaa jeequmsaa akka ta’ee fi kun immoo falmii dhimma investimantii otuu hintaane falmii jeequmsa qabiyyee akkaataa SHH kwt 1140 - 1149 tumaalee jiraniin ilaalamu waan ta’eef kallattiin fuudhanii ilaaluuf Manneen Murtii Idilee aangoo niqaba jedhee murtii Manneen murtii jalaa diigee jira.
Garagalchi murtichaa armaan gaditti argama👇
https://t.me/Ijooseera
👍2
(Dhaddachaa ijjibaata MMWF jildii 26 galmee lakk199901 ta’e irratti gaafa 27/01/2014 falmii dhimmaa waliigaltee dhaaltota jidduutti qabeenya hin sochoone wal qabatee  taasifamuu irratti murtii dirqisisaa kennamee kana dubbisa!
Qabeenya hin sochoone ilaalchisee dhaaltota jidduutti ulaagaa waliigalteen hirmaannaa dhaalaa itti raawwatamuu qabu ilaalchisee tumaan seeraa ifa ta’e yoo jiraachuu baatellee waliigalteen taasifamu namoota waliigalan jidduutti mirgaafi dirqama kan uumu waan ta’eef waliigalteen hirmaannaa fi daddabarsaa kamiyyuu barreeffamaan taasifamee qaama waliigaltee galmeessuuf aangoo qabu biratti galmeeffamee dhaaltota isaan ilaallatu hundumaatiin kan irratti mallatteeffamuu akka qabu jechuun SHH keewwata 1079,1719,1677 fi 1723(2) wal qabsiisee murtii dirqisisaa kennee jira.
https://t.me/Ijooseera
Dhaddachi Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Lakkoofsa Galmee 224876 ta'e dhaddacha Onkoloolessa 2 bara 2015 ooleen "dhaaltuun qabeenya dhaalaa harkatti hin qabanne darbiinsa yeroo akka mormii sadarkaa duraatti bu'uura seera hariiroo hawaasaa keewwata 1000(1) tiin kaasuu hin danda'u.Himataan mirgii fi qabeenyi dhaalaa himatamaan qabamuu beeke kaasee waggaa 3(sadi) erga darbeen booda gaaffii dhaaltummaa dhiyeessuu akka hin dandeenye shh keewwata 1000(1) jalatti tumeera.Keewwatni kun qabiyyeen isaa darbiinsa yeroo kaasuu kan danda'u,nama qabeenyota dhaalaa qabatee jiruun qofa akka ta'e kan hubachiisuudha" jechuun hiikoo dirqisiisaa kennee ture.
https://t.me/Ijooseera
Murtii dirqisiisaa DhIjMMWF LGMM 218309 irratti kenname

DhIjMMWF LGMM 218309 ta’e iratti dhaddacha gaafa 30/09/2014 ooleen dhimma falmii jeequmsa qabeenya ykn qabiyyeen wal qabatee  murtii dirqisisaa kenneera.
"..Himannaan dhimmaa Hariiroo Hawaasa jeequmsaan wal qabatee seerummaa gaafatamee jeequmsi uumame haa dhaabatu kan jedhu dhiyaate jechuun kan danda'amu qabeenyi ykn qabiyyeen falmiif sababa ta'e himataa harka turuufi dhugumatti ajajuu akka danda'uuf karaa seeraan alaatiin kan hin qabamnee tahuu mirkana'uu qaba. Akkasumas himatamaan gochicha raawwachuuf mirgaa fi aangoo kan hin qabne ta'uu yoo hubachiifame ta’uu akka qabu SDFHH keewwata 1140 fi 1149'n wal qabsiisee murtii dirqisisaa kennee jira.
Dhaddachi Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Lakkoofsa Galmee 224876 ta'e dhaddacha Onkoloolessa 2 bara 2015 ooleen "dhaaltuun qabeenya dhaalaa harkatti hin qabanne darbiinsa yeroo akka mormii sadarkaa duraatti bu'uura seera hariiroo hawaasaa keewwata 1000(1) tiin kaasuu hin danda'u.Himataan mirgii fi qabeenyi dhaalaa himatamaan qabamuu beeke kaasee waggaa 3(sadi) erga darbeen booda gaaffii dhaaltummaa dhiyeessuu akka hin dandeenye shh keewwata 1000(1) jalatti tumeera.Keewwatni kun qabiyyeen isaa darbiinsa yeroo kaasuu kan danda'u,nama qabeenyota dhaalaa qabatee jiruun qofa akka ta'e kan hubachiisuudha" jechuun hiikoo dirqisiisaa kennee ture.
https://t.me/Ijooseera
👍1
#Aangoo_Bakka_Bu'ummaa_fi_Itti_Gaafatamummaa_Yakkaa(#Power_of__Attorney_and_Criminal_liability)
✍️Dhaddachi Ijibbaataa #Jildii_13ffaa Lakk.Galmee #67408 ta'e irratti Hiikoo kenneen Bakka bu'aan tokko qabeenya bu'uura aangoo Bakka bu'ummaa bakka buusaa isaa irraa argateen fudhate deebisuuf fedhii kan hin qabne ykn kan dide yoo ta'e seera yakkaa keewwata 676(2) jalatti yakka amantaa hir'isuu cimaadhaan gaafatamuu danda'a jedhee jira.
https://t.me/Ijooseera
𝐇𝐚𝐦𝐛𝐢𝐟𝐚𝐧𝐧𝐨𝐨𝐧 𝐀𝐦𝐚𝐧𝐮𝐮 𝐕𝐬 𝐘𝐚𝐚𝐝𝐚 𝐚𝐝𝐚𝐛𝐛𝐢𝐢 𝐬𝐚𝐥𝐩𝐡𝐢𝐬𝐮
⚖️⚖️⚖️⚖️⚖️⚖️⚖️⚖️⚖️⚖️
𝐆𝐨𝐜𝐡𝐚 𝐘𝐚𝐤𝐤𝐚𝐚𝐧 𝐡𝐢𝐦𝐚𝐭𝐚𝐦𝐞𝐞 𝐧𝐚𝐦𝐧𝐢 𝐛𝐚𝐥𝐥𝐞𝐞𝐬𝐬𝐚𝐚 𝐣𝐞𝐝𝐡𝐚𝐦𝐞 𝐰𝐚𝐚'𝐞𝐞 𝐲𝐚𝐤𝐤𝐚 𝐫𝐚𝐚𝐰𝐰𝐚𝐜𝐡𝐮𝐮 𝐠𝐮𝐮𝐭𝐮𝐮 𝐠𝐮𝐮𝐭𝐮𝐦𝐦𝐚𝐚𝐭𝐭𝐢 𝐨𝐬𝐨𝐨 𝐡𝐢𝐧 𝐚𝐦𝐚𝐧𝐢𝐢𝐧 𝐠𝐚𝐫𝐭𝐨𝐤𝐤𝐞𝐞𝐧 𝐚𝐦𝐚𝐧𝐮𝐮 𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐪𝐨𝐟𝐚𝐚𝐧 𝐨𝐟 𝐝𝐚𝐧𝐝𝐚'𝐞𝐞 𝐚𝐤𝐤𝐚 𝐲𝐚𝐚𝐝𝐚 𝐚𝐝𝐚𝐛𝐛𝐢𝐢 𝐬𝐚𝐥𝐩𝐡𝐢𝐬𝐮 𝐭𝐨𝐤𝐤𝐨𝐭𝐭𝐢 𝐤𝐚𝐧 𝐡𝐢𝐧 𝐟𝐮𝐝𝐡𝐚𝐭𝐚𝐦𝐧𝐞𝐞𝐟 𝐭𝐚𝐡𝐮𝐮 𝐡𝐢𝐢𝐤𝐤𝐨𝐨 𝐝𝐢𝐫𝐪𝐢𝐬𝐢𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐤𝐞𝐧𝐧𝐞𝐞𝐫𝐚.
𝐉𝐢𝐥𝐝𝐢𝐢 18𝐟𝐟𝐚𝐚 𝐋𝐚𝐤𝐤.𝐆𝐚𝐥𝐦𝐞𝐞 111006 𝐭𝐚'𝐞𝐞𝐧 𝐠𝐚𝐚𝐟𝐚 𝐠𝐮𝐲𝐲𝐚𝐚 30/11/2007 𝐒𝐘 𝐤𝐞𝐞𝐰 82(𝐞) 𝐰𝐚𝐥𝐢𝐢𝐧 𝐰𝐚𝐥𝐪𝐚𝐛𝐬𝐢𝐢𝐬𝐮𝐮𝐧 𝐦𝐮𝐫𝐭𝐢𝐢 𝐝𝐢𝐫𝐪𝐢𝐬𝐢𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐤𝐞𝐧𝐧𝐞𝐞𝐫𝐚
https://t.me/Ijooseera
#Daldalaa_Naannoo_biroo
𝗠𝘂𝗿𝘁𝗶𝗶 𝗠𝗮𝗻𝗮 𝗠𝗮𝗿𝗲𝗲 F𝗲𝗱𝗲𝗿𝗲𝗲𝘀𝗵𝗶𝗻𝗶𝗶❗️
✍️ Daldalaan tokko Hayyama daldalaa Naannoo biroo qabatee Naannoo biroo keessatti Bittaa raawwachuu danda'aa?
Murtii Mana Maree federeeshinii Gal.Lakk. 66/11 ta'e irratti kenname.
Daldaalaan tokko Hayyama daldalaa Naannoo tokko irraa fudhate qabatee Naannoo biroo keessatti osoo hayyama Naannichaa hin qabaatiin bittaa raawwate jedhamee yakkan kan hin gaafatamne ta'uu; Heera Mootummaa Federaalaa Ripaablikaa Itoophiyaa kew.22 fi 32 waliin wal qabsiisuun murtii kennee ture.
Murtii isaa kana keessatti Daldalaan tokko Naannoo hojii daldala itti hojjechuuf jedhu keessaa Damee baanuuf yoo ta'e qofa waajjira dhimmi ilaalu biraatti hayyama daldalaa fi TIN qabatee argamuun beeksisuu qabu jechuun murtii kenneera.
https://t.me/Ijooseera
Qabeenya hin sochoonee kaartaa Abbaa qabiyyummaa  dhiyeessudhan qofa mirkaneessun akka  hin danda"amne DHIMMWF lakk,Galmee 229608.
Bu'uura SDFHH kewt 33(2) tin himataan himannaa dhiyeesse irratti mirgaa Fi faayidaa irraa hin qabu jedhame himannaan murtaa"u, himataan dhimma dhiyeesse irratti  mirgaa qabaachuu Isaa Ragaa osoo hin dhiyeessun yoo hafeedha.
Ol'iyyataan mana murtii jaalatti qabeenya himannaa irratti dhiyeesse irraa mirgaa Fi faayidaa qabaachuu Isaa Ragaa garaagaraa himannaa isaatin walqabsiisee osoo jiruu, manni murtii jalaa ol'iyyataan himannaa dhiyeessudhaaf mirgaa Fi faayidaa hin qabu jechuun himannaa kufaa taasisun murtiin kenname Fi ajajni manni murtii ol'iyyannoo dhagahu kenne murtii dogoggora bu'uura seeraa raawwatameedha. Manni murtii jalaa mirgii Fi faayidaan qabeenya hin sochoonee waraqaa Abbaa qabiyyummaa qofa dhiyeessudhan akka mirkanaa'u godhee murtii kan kenne yoo ta'u, Kun immoo DHIMMWF lakk,Galmee 36320 fuula 9 irratti qabeenya hin sochone irratti himannaa hundeessuf, kaartaa Abbaa qabiyyummaa mirkaneessu dhiyeessuun dirqama akka hin taanee Fi abbaan qabiyyummaa karaa biraatin mirkanaa"uu akka danda'u jechuun hiikoo seeraa dirqisiisaa kennameen ala ta'uun Isaa dogoggora seeraa bu'uuraa raawwatameedha.
https://t.me/Ijooseera