Murtii Barsiisoo
==========+++=====
Oolmaa dhaddachaa
WAAA/Collee. Guyyaa 28/06/2017
Himatamaan Yakka yaalii Gudeeddii dubartii irratti raawwate adabbii hidhaa cimaa Waggaa jahaatiin(6) adabame.
Godina Arsii Aanaa Collee Ganda Qorroo Guuguu iddoo addaa naannoo Mana amantaa Qorroo maariyami jedhamuun beekamuutti gaafa guyyaa 16/06/2017 guyyaa keessaa tilmaamaan saa’atii 3:00----4:00tti Himatamaan Aabbuu Gameessaa Jedhamu Dubartii dirqamaan gudeeduf itti yaadee Miidhamtuu Maqaan ishee "__" jedhamtu Humna fayyadamuun Cuubee dhaan doorsisaa harka isaa tokkon immoo morma miidhamtuu hudhee qabee miidhamtuu gara duubatti kuffisee osoo dirqamaan gudeeduf yaaluu iyya miidhamtuuf hawaasni ykn ummanni waan irraa hambiseef Waj Poolisii A/Collee waliin ta'uun galmee Qorannoo erga qullqulleessanii booda Abbaan Alangaa Aanaa Collee Seera yakkaa bara 1996 bahe kewt 620(1) fi Kewt 639(1) jalatti
himannaa mana murtii Aanaa Colleetti kan dhiyeesse yoo ta'u Himatamaan himannaa isarratti dhiyaate Waan waakkateef manni murtiis falmii bitaa fi erga gaggeesseen booda himatamaan yakka ittiin himatame ofirraa Akka ittisuu ajaja kennus ragaa ittisaa hin qabu waan jedheef himatamaa keewwata (27)fi (620(1) jalatti balleessaa qaba jechuun yaada bitaa fi mirgaa erga dhagahe booda dhaddacha gaafa guyyaa 28/06/2017 ooleen adabbii himatamaa ni barsiisa akkasumaas fakkaatoota isaa ni akeekkachiisa jedhe adabbii hidhaa cimaa waggaa jahaatiin (6) tiin akka adabamu jechuun murteesseera.
Dhaamsa WAAA/Collee
Hirmaannaa hawaasaa fi qaamoolee dhimmi ilaallatu hunda waliin taanee yakka daa'immanii fi dubartootaa irratti raawwatamu haa ittifnuu jechaa iddoo yakki raawwatetti immoo eeruu kennuu fi saaxiluun waliin haa ittifnuun dhaamsa waajjira Abbaa Alangaa Aana Coolleeti.
Horaa Bulaa !!!!
https://t.me/Ijooseera

Falmiin qooda qabeenya abbaa warraa fi haadha warraatidha
Qabeenyi falmii kaase kanaan dura mana qabeenya dhaalaa ture walfuutonni yeroo gaa’ilaan jiran diiguudhaan mana haaraa (gamoo Daldalaa) itti ijaaranii jiru. Falmiin qooda qabeenyaa kanaan qabeenyichi kan dhuunfaati malee kan waliinii miti jechuun AW haalun dhimmichi Dha.Ijbaataa MMWF gahee gaafa 08/02/2017 galmee Lkk 246525 ta’erratti murtaa’ee jira.
Murtii kennameenis lafti manni irraa diigame kan dhaalaa ta’us gaa’ila keessatti diigamee kan falmii kaase haaraa yemmuu ijaaramu akkaataa SMO kwt 74(2)tti kan dhuunfaa jedhamee waan hingalmoofneef kan dhuunfaa jedhamuu akka hindandeenye hiikkoo dirqisiisaa ta’ee murtaa’eera

👍1
𝐃𝐡𝐨𝐫𝐤𝐚𝐚 𝐌𝐚𝐧𝐚 𝐌𝐮𝐫𝐭𝐢𝐢 𝐟𝐢 𝐁𝐮'𝐚𝐚 𝐢𝐬𝐚𝐚:
⏪//⏩
Ajajoota yeroof kennaman keessaa tokko dhorka Mana murtii qabeenyaan akka hin badne, hin mancaane, waliigalteen akka hin diigamne, Taateen addaa tokko akka dhimma Falmiif sababa ta'an irratti bu'aa jijjiirramaa hordofsiisu akka hin raawwatamne b'uura SDFHH kwt.154,155tiin kennamaniidha. Ajajni dhorkaa Qabeenyaa, Mirga, Waliigaltee ykn Taatee wayii irratti kennaman immoo Mana murtiitii qaama Ajajicha raawwachiisu qaqqabnaan Gareen falmii dhorkicha irraa fayyadamuu qabu fayyadamuuf mirga qaba. Kana jechuun Ajajni kenname tokko Galmee MM keessa kan hin jirre illee ta'u Ajaja dhorkaa Mana murtii irraa kennamee Qaama bulchiinsaa qaqqabnaan Gareen Iyyata dhorkaa iyyate qabeenyaa ykn Mirga dhorksiise irraa fayyadamaa ta'uuf mirga qaba. Qabeenyicha ykn Mirgicha ilaalchisee Waliigalteen Garee 3ffaan Abbaa qabeenyaa ykn abbaa mirga ykn Nama na ilaallata jedhe wajjiin raawwatu mirga dhorksisiisaa qabeenyichaa ykn Mirgichaa sana hin tuqu (hin mulqu) jechuudha.
Fakkeenyaaf: Waliigalteen akka gurgurtaa, kennaa fi kkf qabeenyaa dhorkan MM irratti kennaman irratti taasifame Fayyadamaan dhorkaa waliigalteewwan kanneen diigsisuu fa'a ni danda'a. Mirga qabeenyaa dhorkame irraa bifa Gosaan ykn Raawwiin argachuu qabaatu ni gonfachiisa jechuudha.
🅢🅞🅤🅡🅒🅔-👇
Murtii MMWF Dhaddacha Ijibbaataa (hin Maxxanfamne) Lakk.Galmee 251772 ta'erratti dhaddacha gaafa guyyaa 07/02/2017 ooleen kenneen kan murteesseedha.

👍2
Forwarded from Sagni.A Kutaa seeraa
No.1336_2024 Expropriation pro.ammendment.pdf
1.6 MB
Labsii Beenyaa Haarawa Labsii duraanii Lakk.1161/2011 Fooyyeessuuf Bahe Labsii Lakk.1336/2016
𝐖𝐚𝐫𝐚𝐪𝐚𝐚 𝐖𝐚𝐚𝐦𝐢𝐜𝐡𝐚𝐚 𝐅𝐢 𝐌𝐢𝐫𝐠𝐚 𝐇𝐚𝐪𝐚 𝐀𝐫𝐠𝐚𝐜𝐡𝐮𝐮 ( 𝐒𝐞𝐞𝐫𝐚𝐚 𝐟𝐢 𝐌𝐮𝐫𝐭𝐢𝐢 𝐃𝐡𝐚𝐝𝐝𝐚𝐜𝐡𝐚 𝐈𝐣𝐢𝐛𝐚𝐚𝐭𝐚𝐚)
📚Manni murtii dhimma tokko ilaalee murtii raawwatinsaa fi fudhatama qabu kennuuf jalqaba akkuma himanni banameen himatamaan dhiyaatee akka falmatuuf waraqaan waamichaa waraabbii himannaati waliin sirnaan akkaataa seeraan tumameen dhaqqabuu qaba.
📕Karan mirgi haqa argachuu lammiilee ittin mirkanaa'u keessa tokko waraqaan wamichaa nama mana murtiiti himatame tokko sirnaan dhaqqabuudha.
📗Manni murtii waliigala federaalaa dhaddachi ijibaataa jiildii 9ffaa lakkoofsa galmee 50376 ta'e irratti nama himatame tokkof waraqaan waamicha mana murtiitiin yeroo ergamuuf filannoowwaan waraqaan waamichaa himatamaa dhaqqabu keessaa filannoo caalati bu'a qabeessa ta'e fi hunda caalaa himatamaaf irra filatamaa ta'een ergamuufii akka qabu murteessee jira.
📕Dabalataan dhaddachi ijibaataa jiildii 24ffaa lakkoofsa galmee 173967 ta'e irratti manni murtii himatamaan tokko waamichi karaa gaazeexatiin taasifameefi himannaa isa irratti dhiyaate beekee jira jechuudhan iddoo inni hin jiretti himata dhiyaate ilaalee murteessuun gazeexaan waamichi himatamaa itti taasifame gaazexaa tamsaasa biyyoolleessaa qabu yoo ta'e malee gaxeexaa tamsaasa naannoo tokko qofan waamichi himatamaaf taasifameefi waamichi himatamaa sirnaan akka dhaqqabeeti fudhachuun iddoo inni hin jireti dhimmicha ilaaluun mirga haqa argachuu himatamaa kan sarbuudha jechuun murteessee jira.
Qopheessaan:@musalawyer
📚𝐁𝐚𝐫𝐧𝐨𝐨𝐭𝐚 𝐬𝐞𝐞𝐫𝐚𝐚 𝐟𝐢 𝐨𝐝𝐞𝐞𝐟𝐚𝐧𝐧𝐨𝐨 𝐝𝐡𝐢𝐦𝐦𝐨𝐨𝐭𝐚 𝐬𝐞𝐞𝐫𝐚𝐚𝐭𝐢𝐢𝐧 𝐰𝐚𝐥𝐪𝐚𝐛𝐚𝐭𝐚𝐧 𝐤𝐚𝐦𝐢𝐲𝐲𝐮𝐮 𝐢𝐭𝐭𝐢 𝐟𝐮𝐟𝐢𝐧𝐬𝐚𝐚𝐧 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐜𝐡𝐮𝐮𝐟 𝐭𝐨𝐨𝐫𝐚 𝐭𝐞𝐥𝐞𝐠𝐢𝐫𝐚𝐚𝐦𝐢𝐢 𝐤𝐞𝐞𝐧𝐲𝐚 𝐤𝐚𝐧𝐚 𝐣𝐨𝐢𝐧 𝐠𝐨𝐜𝐡𝐮𝐧 𝐧𝐮 𝐡𝐨𝐫𝐝𝐚𝐟𝐚𝐚.
👉https://t.me/Ijooseera

𝐃𝐚𝐫𝐛𝐢𝐢𝐧𝐬𝐚 𝐲𝐞𝐫𝐨𝐨 𝐐𝐨𝐨𝐝𝐢𝐧𝐬𝐚 𝐪𝐚𝐛𝐞𝐞𝐧𝐲𝐚𝐚 𝐆𝐚𝐦𝐭𝐚𝐚 𝐆𝐚𝐚'𝐞𝐥𝐚 𝐤𝐞𝐞𝐬𝐬𝐚𝐭𝐭𝐢 𝐡𝐨𝐫𝐚𝐭𝐚𝐦𝐞!
//
Abbaa Manaa fi haadha manaan Gaa'elli isaanii diigamee ykn gaa'elli osoo hin diiggamiin haala defacto fakkaatuun adda bahanii turan (yeroo ammaa defacto'n hin jiru malee) yoo ta'e qabeenyaa gamtaa osoo qoodachuuf wal hin himatiin waggaa meeqa turanii wal himachuu danda'u? kan jedhu irratti seerri Maatii Feederaalaa fi Oromiyaatis haala ifa ta'een daangaa yeroo kan kaa'e hin turreedha. Kana irraa ka'uun iftoomina dhabuu seerichaa hiikoo seeraa itti kennuuf jedhamee MMWF dhaddacha ijibbaataa murtii heedduu irratti SHH kwt.1845 xinxaaluun diiggaa gaa'eelaa booda hanga waggaa 10tti himannaa qoodinsa qabeenyaa Gamtaa wal himachuun akka danda'amu murteessaa tureera. Murtii kennamaa ture kanaan komiin gara Mana Maree Feedereshinii dhiyaatee Manni maree Feedereshii MFDRI Waxabajjii 02/2012 lakk.Galmee 77/12 ta'erratti hiikkoo heeraa kenneen ''Seerri Maatii ifatti daangaa yeroo kaa'ee waan hin jirreef gahee ofii Abbaa manaan ykn haati manaan diiggaa gaa'elaa booda ykn Diiggaa gaa'eelaa yeroo dheeraa booda dhiyaatuuf darbiinsa yeroo waggaa 10 keessatti dhiyaachuu qaba...'' jechuun fudhatama hin qabu qabeenyaa Gamtaa yeroo barbaadan himachuuf mirga qabu...'' jechuun hiikkoo heeraa kenneera.

#Adabbii_yakkaa_Labsii_Bulchiinsa_Nyaataa_fi_Qorichaa (1112/2019)#
✔Namni kamiyyuu oomisha(nyaataa/dhugaatii fi qoricha) too'annoo taasifamu sadarkaan isaa hin eegganne ykn oomisha saamsuu irratti hanqinni akka jiraatu gochuun(misbranding) yookiin fakkeessee hojjachuun kan oomishe,Biyya keessa kan galche,kan kuuse,waliigala kan qoode ykn oomisha tokko tokkoon kan gurgure,karaa kamiinuu ummataaf tajaajilaaf kan dhiheesse,akka raabsamu kan taasise yoo ta'e;hidhaa salphaa #waggaa shan(5) hin caallee fi adabbii maallaqaa #qarshii 200000(kuma dhibba lama) tiin adabama.Labsii 1112/2019 keewwata 67(1);
✔Hanqina/hir'ina sadarkaa Oomishaa irraa kan ka'een fayyaa namaa ykn lubbuu irratti miidhaa ol'aanaa kan hordofsiise yoo ta'e;namni kamiyyuu hidhaa cimaa #waggaa_torba(7) hin caalleen fi adabbii maallaqaa #qarshii 500,000(kuma dhibba shan) hin caalleen ni adabama
✅Labsicha keewwata 67(1);
Sababa Qoricha/dawaa keewwata 67(1) jalatti ibsameetiin:
👉A.qaama namaa ykn fayyaa irratti miidhaa Kan geessise yoo ta'e;hidhaa cimaa #waggaa torba(7) hanga kudha shan(15) gahuun fi adabbii maallaqaa qarshii 200,000-300,000 gahuun ni adabama,Labsii keewwata 67(2-A);
👉B.Lubbuu namaa irratti du'a kan hordofsiise yoo ta'e;hidhaa cimaa #waggaa_torba(7) hanga hidhaa cimaa #waggaa_digdama(20) fi adabbii maallaqaa qarshii 300,000 hanga 400,000(kuma dhibba afur gahuun) adabsiisa,keewwata 67(2-b).
✔Yakka Labsii keewwata 67(1)(2) jalatti caqafaman dagannoodhaan kan raawwate yoo ta'e;hidhaa salphaa hanga #waggaa 3 gahuun fi adabbii maallaqaa qarshii 50,000 gahuun adabsiisa,keewwata 67(3);
✔Waa'ee eeyyama daldalaa fi galmee seera biraatiin tumaman akkuma jirutti ta'ee,namni kamiyyuu bu'uura Labsii Bulchiinsa Nyaataa fi Qorichaa fi Dambii Labsicha raawwachiisuuf baheetiin galmee,eeyyama gabaa,waraqaa ragaa gahumsa mirkaneessaa ykn hayyama biroo osoo hin argatin,sanada sobaatiin tajaajiluun Oomisha too'annoon taasifamu kan Oomishe ykn gara Biyya keessa kan galche,kan kuuse,waliigala kan raabse/qoode ykn tokko tokkoon kan gurgure ykn karaa kamiinuu hawaasni akka tajaajilamuuf kan dhiyeesse,akka raabsamu kan taasise yoo ta'e;Oomishichi mootummaan dhaalamuun akkuma jirutti ta'ee,hidhaa #waggaa 3 hanga waggaa 5 gahuun fi adabbii qarshii 5000 hanga 100,000 gahuun ni adabama,labsicha keewwata 67(4);
✔Waraqaa ragaa mirkaneessa gahumsaa osoo hin jiraatin ykn sanada sobaatiin tajaajilamee Oomisha gocha keewwata muraa tokkoo fi lama jalatti ibsameetiin yakkicha raawwatee yoo argame,adabbiin keewwata 67(1) jalatti tumame irratti ni raawwatama,keewwata 67(4);
✔Namni kamiyyuu Oomisha/nyaataa fi qoricha akkaataa seeraatiin too'annoo taasifamu ilaalchisee galmee argate,eeyyama gabaa,waraqaa ragaa mirkaneessa gahumsaa argate ykn eeyyama biraa garee 3ffaaf dabarsee kan kenne ykn sanadoota kanniin fuudhuuf mirga osoo hin qabaatin kan fuudhee fi kan tajaajilame yoo ta'e;hidhaa cimaa
#waggaa 1 hanga 5 fi adabbii maallaqaa qarshii 10,000 hanga 100,000 gahuun adabama,Labsii keewwata 67(5);
✔Namni kamiyyuu akkaataa Labsii kanaatiin nama aangoo too'annoo fi hojii fayyaa kennameef akka hin raawwanne sodaachisuun ykn karaa kamiinuu ragaa dhorkame ykn ragaa saamudaa akka hin fudhanne kan taasisee balleesse ykn akka badu taasise,qorannoo gufachiisuuf ragaa sobaa ykn odeeffannoo sobaa kennuun kan dogongorsiise yoo ta'e,akka haala isaatti hidhaa salphaa #waggaa 1 hanga waggaa 5 tiin ni adabama,keewwata 67(6);
✔Gochichi kan raawwatame qaama too'ataa fayyaa yookiin qabeenya irratti miidhaa qaqqabsiisuun yoo ta'e,akka haala isaatti hidhaa cimaa #waggaa 3 hanga hidhaa cimaa #waggaa_kudha_shan(15) gahuun ni adabama keewwata 67(6);
✔Namni kamiyyuu ogeessa osoo hin ta'in Qoricha(Dawaa),meeshaa yaalaa ykn Oomisha wal qabatu kan gurgure,nama ogeessa hin taane akka gurguru yookiin akka dhiyeessu kan taasise yoo ta'e,hidhaa cimaa #waggaa 3 hanga hidhaa cimaa #waggaa_torba(7) gahuun fi adabbii maallaqaa qarshii 10,000 hanga 100,000 gahuun ni adabama,keewwata 67(7);

Qallaba daa'ima ulfaa'ame kan gadameessa keessa jiru ilaalchisee seerri maal jedha?
.....
Seerri keenya Seera hariiroo hawaasaa kwt.1 jalatti namni tokko guyyaa dhalate irraa eegalee hanga du'uutti mirga seeraa ni qaba" jedha. Kana jechuun osoo hin dhalatin mirgi seeraa namni gonfatu hin jiru jechuudha. Haa ta'u malee,seerichuma kana kwt.2 ,3 fi 4 jalatti immoo waa'ee daa'ima ulfaa'amee jiruus tumee jira. Akka tumaa keewwata kanaatti daa'imni ulfaa'ame tokko ulaagaalee 2(lama)kan guuttate yoo ta'e nama jechuun tuma.
Innis 1ffaa Lubbuu kan qabu ta'ee yoo dhalatee fi 2ffaa dhalatee immoo sa'aa 48 (afurtamii saddeet) yoo ture akka namaatti lakkaawwamee mirga seeraa argata jechuudha. Gama biraatin, Seera Yakkaa Kwt.545 fi keewwattoota itti aananii jiran irratti ulfa baasuun yakka ta'uu tumeera. Kana jechuun ulfa baasuun akka ajjeechaa namaatti lakkaawwama. Dabalataan Seerri hariiroo hawaasaa Kutaa Seera dhaalaa kwt.834 jalatti daa'imni ulfaa'ame dhaala akka argatu tumaan kun ni agarsiisa. Hayyuun Oromoo Makkoo Bilii illee tumaa seeraa tume keessatti 'Ulfi garaa jiru nama' jedhee tumeera.
Gara dhimma ijoo waa'ee qallaba daa'ima ulfaa'amee garaa jiruutti yoo deebinu seerri maatii Oromiyaas ta'ee Seera maatii Federaalaan wanti jedhu hin jiru. Seera baastuun dhimma kana callisaan bira darbuunis yaadama mataa isaa qabaatus jechuudha.
Akkaataa Seera maatii Oromiyaa labsii lakk.69/1995 fi 83/1996 tin qallaba daa'imman dhalatanii lafa gahanii malee daa'ima ulfa ta'e ilaalchisee tumaan tokkollee hin jiru. Manuwaaliin murteessa qallaba daa'immanii Oromiyaa immoo lakk.2 jalatti hiikkoo daa'ima jedhu hiikeen daa'imni kan garaa jirus ni dabalata jedheera. Dhimmi kun immoo wanta labsiidhan hin tumamne maanuwaalii irratti hiika itti kennuun rakkoo qabatamaa daa'imman ulfaa'aman mirga qallaba argachuu qabu moo hin qaban? gaaffii jedhu kaasuudha. Qallabni Manneen murtiin kan murtaa'u maqaa guutuu fi umurii tokkoo tokkoo daa'immaniin adda bahee waan ta'eef ulfa gadameessa keessa jiruuf murteessuuf ijjannoon add addaa yeroo calaqqisu ni mul'ata.
1ffaa Ulfi sun haadha daa'imichaa irraa hanga hin dhalannetti qaama isheetti jira waan ta'eef ulaagaa seeraa hin guutu qallabni hin muramu ejjannoo jedhu
2ffaa Ulfis nama waan ta'eef qallabni muramuu qaba ejjannoo jedhuudha. Kanas ta'ee sana dhimmi kun haala walfakkaataa ta'een ilaalamee murtaa'uu qaba. Dhimmi kun dantaa daa'imaa HMRDFI kwt.36 jalatti tumame ,waliigaltee mirgoota daa'immanii Idil-Addunyaa fi mirga seerota olitti caqasame keessatti argatan eegsisuunis walqabatee ilaalamuu feesisa. Akkasumas,abbaan warraa fi haati warraa tokko walfuudhanii sababa diiggaa gaa'ilaan yeroo gargar bahan haati daa'ima ulfaa'amee kun ofiishees of gargaaruu humna waan hin qabneef;daa'imni sunis boru dhalatee nama ta'uuf hordoffii fi kunuunsa gahaa yeroo ulfaa kanatti argachuu waan qabuuf nyaata madaalawaa haati fi daa'imni akka argattuu fi hordoffii mana yaalaa akkasumas baasiiwwan adda addaatiif abbaan daa'imichaa qallaba kennuu qaba. Seerri maatii keenyas keessa deebiin dhimma kanaa fi kanneen biroo hojiirratti rakkoo qaban ilaaluu fi fooyyessuu barbaachisa.

Dhimma Yakkaa Ilaalchisee Akkaataa Dhihaatinsaa fi Madaallii Ragaa Irratti Xinxaala Bal'aa fi Murtiilee Dhaddacha Ijibaataa.
❤1
Falmiin qooda qabeenya abbaa warraa fi haadha warraatidha
Qabeenyi falmii kaase kanaan dura mana qabeenya dhaalaa ture walfuutonni yeroo gaa’ilaan jiran diiguudhaan mana haaraa (gamoo Daldalaa) itti ijaaranii jiru. Falmiin qooda qabeenyaa kanaan qabeenyichi kan dhuunfaati malee kan waliinii miti jechuun AW haalun dhimmichi Dha.Ijbaataa MMWF gahee gaafa 08/02/2017 galmee Lkk 246525 ta’erratti murtaa’ee jira.
Murtii kennameenis lafti manni irraa diigame kan dhaalaa ta’us gaa’ila keessatti diigamee kan falmii kaase haaraa yemmuu ijaaramu akkaataa SMO kwt 74(2)tti kan dhuunfaa jedhamee waan hingalmoofneef kan dhuunfaa jedhamuu akka hindandeenye hiikkoo dirqisiisaa ta’ee murtaa’eera
https://t.me/Ijooseera
Qabeenyi falmii kaase kanaan dura mana qabeenya dhaalaa ture walfuutonni yeroo gaa’ilaan jiran diiguudhaan mana haaraa (gamoo Daldalaa) itti ijaaranii jiru. Falmiin qooda qabeenyaa kanaan qabeenyichi kan dhuunfaati malee kan waliinii miti jechuun AW haalun dhimmichi Dha.Ijbaataa MMWF gahee gaafa 08/02/2017 galmee Lkk 246525 ta’erratti murtaa’ee jira.
Murtii kennameenis lafti manni irraa diigame kan dhaalaa ta’us gaa’ila keessatti diigamee kan falmii kaase haaraa yemmuu ijaaramu akkaataa SMO kwt 74(2)tti kan dhuunfaa jedhamee waan hingalmoofneef kan dhuunfaa jedhamuu akka hindandeenye hiikkoo dirqisiisaa ta’ee murtaa’eera
https://t.me/Ijooseera
👉Murtii MMWFDHI Lakk.L.G 239903
gaafa 27/11/2015(Hin maxx.)
👉Namni tokko qabeenya iddoo tokko kaa'amee jiru garuu qabeenyummaan isaa kan namoota adda addaa ta'e(fakkeenyaaf horii namoota adda addaa iddoo tokkotti hidhamanii jiran) kan fudhate yoo ta'e yakka daddabalamaatiin bu'uura SY kwt 60(c) tiin gaafatamuu qaba moo? akka yakka tokkootti bu'uura Sy kwt 61(1) kan ilaalamuudha?
👉Bu'ura S/Y kwt 60(c) mirga qabeenya namoota adda addaa irratti miidhaa dhaqqabsiisee jira jechuuf itti yaaduun qabeenyi sun kan nama adda addaa ta'uu isaa osoo beekuu raawwachuun isaa yoo mirkanaa'eedha. kuniis horiin fudhatame kan namoota adda addaa ta'uun isaa qofti himatamaan yakkoota daddabalamaa raawwateera kan jechisisuu miti.
👉Hanga himatamaan horiin iddoo tokko jiran sunniin qabeenya miidhamtoota adda addaa ta'uu isaanii beekuun isaa hin mirkanoofneetti badii tokkoof adabbii tokko qofa waan ta'eef himatamaan akka yakka daddabalaamaa raawwatetti fudhachuun adabbii kennuun sirrii miti.

#hamma_daangicha_darbamee_beekuuf_hin_dirqamu.
Falmii daangaa irratti gareen walfalmitootaa hamma daangaa darbamee isa sirri ibsuuf kan hin dirqamsiifamnee yoo ta'uu, hammi daangaa darbamee yeroo ogeessaan safaramu hamma gaafatamee oli yoo ta'elle seerummaan hamma gafatame qofa irratti kennama jechuun hin danda’amu. Falmii daangaa irratti ragoonni himataa, himatamaan lafa himataa daangaa darbee qabachuu yoo hubachiisan meetira (kaaree) meeqatti qabatame kan jedhu ibsuuf hin dirqamani. Meetira(kaaree, heektaara) meeqattu darbamee qabatame kan jedhuuf Manni Murtii bu’uura sdfhh kwt 136tin ogeessan qulqulleessee murteessuu qaba.
Murtii MMWFDHI lakk.glme 188480(kan hin mxxanfamne)
ተከራካሪ ወገኖች የተገፋባቸውን መሬት መጠን ትክክለኛ መለኪያ መጠን እንዲገልፁ የማይገደዱ ሲሆን መጠኑ በባለሙያ ሲለካ ከጠየቁት መጠን የበለጠ ቢሆንም የጠየቁት ብቻ ነዉ ዳኝነት ሊባል አይችልም። በድንበር ግፊ ክርክር ከሳሽ የሆነ ወገን ምስክሮቹ ተከሳሹ መሬቱን መያዙን ካስረዳ የግድ በሜትር ስንት በስንት ተያዘ የሚለውን እንድያስረዱ አይጠበቅበትም፡፡ ፍ/ቤቱ ከይዞታው ላይ ስንት በስንት ሜትር ተይዟል የሚለውን በፍ/ብ/ስ/ስ/ህ/ቁ 136 መሰረት በባለሞያ አጣርቶ መወሰን አለበት።
ሰ/መ/ቁ 188480 / ያልታተመ/

✅Waraqaa ragaa dhaaltummaa (certificate heir) dhaala ta'u isaa qofa ibsu(gaheen isaa kan hin ibsamne) fudhachuun baankiin qarshii baankii keessa jiru kafaluuf dirqama qaba.
✅Falmii baankii fi nama dhaaltummaa mirkanneesse jiddutti falmii ka'e dhaddachi ijibbaataa murteesseedha. Interesting dubbisa.
Credit to Elias Kasa
https://t.me/Ijooseera
✅Falmii baankii fi nama dhaaltummaa mirkanneesse jiddutti falmii ka'e dhaddachi ijibbaataa murteesseedha. Interesting dubbisa.
Credit to Elias Kasa
https://t.me/Ijooseera
😁2
Dhimma yakkaan walqabatee nama yakkaan shakkamee toohatame ykn himatame kamiiyyuu mirga wabiin bahuun qajeeltoo bu’uraa waliigalaa qofa otuu hintaane mirga dhala namoomaa nama ta’uu qofa irraa waan maddeef heeraan beekamtii argateedha.
Haalli addaa qajeeltoo kan hanqisan ykn mirga wabii daangessan seera rogummaa qabuun ifatti tumamanii jiraachuu kan qaban yoo ta’u isaanis haalota gurguddoo lama jalatti ilaalamuu danda’u; haalota ijoo seeraa tumaa seeraa rogummaa qabu hiikuun ykn hojii irra oolchuun raawwatamu fi haalota ijoo firii dubbii ragaadhaan qulqullaa’aniidha.
Haalota ijoo seeraa kan jedhaman kanneen labsiilee addaa (fkn Labsii farra shororkeessummaa, malaammaltummaa fi kkf) fi SDFY kwt 63 jalatti tumaman yoo ta’an haalonni firii ijoo dubbii ragaan qulqullaa’an immoo kanneen SDFY kwt 67 jalatti ibsamanidha.
Haalota ijoo seeraa mirga wabii daangessan keessaa kan yeroo hedduu ka’uu fi falmisiisaa ta’us isa SDFY kwt 63 jalatti ibsame yoo ta’u innis yakkichi hidhaa waggaa 15 kaasee hanga du’aatti kan adabsiisu + duuti ykn carraan du’uu miidhamaa haala sababi qabeessaan jiraachuun bakka tokkotti ( cumulatively) yoo guutaman qofa kan raawwatamu yoo ta’u kanaan alatti Labsii addaa kan biroon Adabbii hidhaa waggaa hanga kanaa ol kan adabsiisu (fkn Labsii farra malaammaltummaa waggaa 10 ol) jedhamee ifatti yoo tumame qofa hangi adabbii qofaa Isaatti mirga wabii daangeessuu danda’a.
Kanaan walqabatee hojmaanni qabatamaa tokko tokko haalota seericha kwt 63 jalatti ibsaman alternatively hiikuuni fi kan seericha kwt 67 jalatti ibsaman ragaa malee yaada mormii AA qofaan daangessuun akka jiru ni agarsiisa waan ta’eef hanqini hubannoo jiraachuu mul’isa.
Kanaaf barreeffamoota acedamicia rogummaa qabani fi murtii Dhaddacha Ijibbaataa rogummaa qabus ilaaluun barbaachisaa ta’a. Fkn Wodiwosan Damissee ilaalaa “The Right Bail In Ethiopia: Respective Role of Court and Legislators “

😱3❤1
Kabajamaan Dhaddacha Ijibbaataa MMWF, hiikkoo seeraa dirqisiisaa dhaddacha gaafa 01/08/2007 ooleen Lakki.Ga.100950 ta'e irratti, iyyattoota:- Takilee Hayileefaa (N-5) fi Waamamaa:- Dhaabbata Ijaarsa Daandii Oromiyaa gidduutti ilaalee kenneen:
Falmiiwwan Hojii Dhuunfaa (Individual Labour Disputes) labsii lakk.377/1996 kwt 138(1) jalatti (a) hanga (f)tti tarreeffaman kan ilaalaman Mana Murtii Aanaatti ta'uun isaa kan beekamu yemmuu ta'u, dhimma kana keessatti himattoonni himannaa kan dhiyeessan Dhaabbata misoomaa mootummaa Naannoo Oromiyaa kan ta'e iyyataa ammaafi waajjira bulchiinsaa mootummaa Naannoo Oromiyaa kan ta'e himatamaa 2ffaa jalaa irrattidha. Gama birootiin, mootummaan naannichaa Godina Addaa Naannawaa Finfinnee kan hundeesse yemmuu ta'u, Godinni addaa kun caasaa aanaas kan qabu ta'uun isaa kan beekamudha. Himattoonni kunis himannaa isaanii dhiyeeffachuun kan irra ture Mana Murtii Aanaa Godina Addaa Oromiyaa Naannawaa Finfinnee keessatti argamuttidha malee haalli itti Mana Murtii Sadarkaa Duraa Federaalaatti dhiyaachuun isaa fudhatamummaa seeraa qabaatu hin jiru. Dhaddachi Falmii Hojii Mana Murtii Sadarkaa Duraa Federaalaas dhimmoota falmii hojii dhaabbileen misoomaa mootummaa naannichaa himataa ykn himatamaa ta'uun keessatti hirmaatan ilaaluuf aangoo hin qabu. Bu'uuraan Finfinneen magaalaa guddittii naannichaas waan taateef, waajjirri muummeen dhaabbilee misoomaa himatamanii Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee keessa ta'uun qofti aangoo dhimma falmii hojii qaamolee kana ilaallatu Mana Murtii Sadarkaa Duraa Federaalaatiif kan kennisiisu miti. Aangoon hundee dubbii gareewwan falmiitiin ka'uu baatus manneen murtii kamiyyuu dursanii mirkaneeffachuu kan qaban yemmuu ta'u, aangoo hin qaban taanaan bu'uura sdfs kwt 9fi 231(1)(b)tiin dhimmicha cufanii gaggeessuun irraa eegama.
Hubachiisa:
👉Labsii Dhaddachichi bu'uureffachuun murteesse (Labsiin Lakk.377/1996) Labsii lakk.1156/2011n kan haqame ta'ullee, yaadni kwt 138 jalatti ibsamee ture akkuma jirutti fudhatamee kwt 139 jalatti kan ibsame waan ta'eef dhimma aangoo sadarkaa duraa ilaalchisee yaadni fooyya'e hin jiru.
👁️Labsiin Lakk.216/2011 kwt 24(2) jalatti "Manneen Murtii Naannichaa Magaalaa Finfinnee keessatti dhimmoota dantaa Mootummaa Naannichaan walqabatan irratti aangoo abbaa seerummaa ni qabaatu jedhamee kan tumame ta'uun ni yaadatama.
https://t.me/Ijooseera
Falmiiwwan Hojii Dhuunfaa (Individual Labour Disputes) labsii lakk.377/1996 kwt 138(1) jalatti (a) hanga (f)tti tarreeffaman kan ilaalaman Mana Murtii Aanaatti ta'uun isaa kan beekamu yemmuu ta'u, dhimma kana keessatti himattoonni himannaa kan dhiyeessan Dhaabbata misoomaa mootummaa Naannoo Oromiyaa kan ta'e iyyataa ammaafi waajjira bulchiinsaa mootummaa Naannoo Oromiyaa kan ta'e himatamaa 2ffaa jalaa irrattidha. Gama birootiin, mootummaan naannichaa Godina Addaa Naannawaa Finfinnee kan hundeesse yemmuu ta'u, Godinni addaa kun caasaa aanaas kan qabu ta'uun isaa kan beekamudha. Himattoonni kunis himannaa isaanii dhiyeeffachuun kan irra ture Mana Murtii Aanaa Godina Addaa Oromiyaa Naannawaa Finfinnee keessatti argamuttidha malee haalli itti Mana Murtii Sadarkaa Duraa Federaalaatti dhiyaachuun isaa fudhatamummaa seeraa qabaatu hin jiru. Dhaddachi Falmii Hojii Mana Murtii Sadarkaa Duraa Federaalaas dhimmoota falmii hojii dhaabbileen misoomaa mootummaa naannichaa himataa ykn himatamaa ta'uun keessatti hirmaatan ilaaluuf aangoo hin qabu. Bu'uuraan Finfinneen magaalaa guddittii naannichaas waan taateef, waajjirri muummeen dhaabbilee misoomaa himatamanii Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee keessa ta'uun qofti aangoo dhimma falmii hojii qaamolee kana ilaallatu Mana Murtii Sadarkaa Duraa Federaalaatiif kan kennisiisu miti. Aangoon hundee dubbii gareewwan falmiitiin ka'uu baatus manneen murtii kamiyyuu dursanii mirkaneeffachuu kan qaban yemmuu ta'u, aangoo hin qaban taanaan bu'uura sdfs kwt 9fi 231(1)(b)tiin dhimmicha cufanii gaggeessuun irraa eegama.
Hubachiisa:
👉Labsii Dhaddachichi bu'uureffachuun murteesse (Labsiin Lakk.377/1996) Labsii lakk.1156/2011n kan haqame ta'ullee, yaadni kwt 138 jalatti ibsamee ture akkuma jirutti fudhatamee kwt 139 jalatti kan ibsame waan ta'eef dhimma aangoo sadarkaa duraa ilaalchisee yaadni fooyya'e hin jiru.
👁️Labsiin Lakk.216/2011 kwt 24(2) jalatti "Manneen Murtii Naannichaa Magaalaa Finfinnee keessatti dhimmoota dantaa Mootummaa Naannichaan walqabatan irratti aangoo abbaa seerummaa ni qabaatu jedhamee kan tumame ta'uun ni yaadatama.
https://t.me/Ijooseera
👍1
Falmii daangaa irratti gareen walfalmitootaa hamma daangaa darbamee isa sirri ibsuuf kan hin dirqamsiifamnee yoo ta'uu, hammi daangaa darbamee yeroo ogeessaan safaramu hamma gaafatamee oli yoo ta'elle seerummaan hamma gafatame qofa irratti kennama jechuun hin danda’amu. Falmii daangaa irratti ragoonni himataa, himatamaan lafa himataa daangaa darbee qabachuu yoo hubachiisan meetira (kaaree) meeqatti qabatame kan jedhu ibsuuf hin dirqamani. Meetira(kaaree, heektaara) meeqattu darbamee qabatame kan jedhuuf Manni Murtii bu’uura sdfhh kwt 136tin ogeessan qulqulleessee murteessuu qaba.
Murtii MMWFDHI lakk.glme 188480(kan hin mxxanfamne)
ተከራካሪ ወገኖች የተገፋባቸውን መሬት መጠን ትክክለኛ መለኪያ መጠን እንዲገልፁ የማይገደዱ ሲሆን መጠኑ በባለሙያ ሲለካ ከጠየቁት መጠን የበለጠ ቢሆንም የጠየቁት ብቻ ነዉ ዳኝነት ሊባል አይችልም። በድንበር ግፊ ክርክር ከሳሽ የሆነ ወገን ምስክሮቹ ተከሳሹ መሬቱን መያዙን ካስረዳ የግድ በሜትር ስንት በስንት ተያዘ የሚለውን እንድያስረዱ አይጠበቅበትም፡፡ ፍ/ቤቱ ከይዞታው ላይ ስንት በስንት ሜትር ተይዟል የሚለውን በፍ/ብ/ስ/ስ/ህ/ቁ 136 መሰረት በባለሞያ አጣርቶ መወሰን አለበት።
ሰ/መ/ቁ 188480 / ያልታተመ/
https://t.me/Ijooseera
Murtii MMWFDHI lakk.glme 188480(kan hin mxxanfamne)
ተከራካሪ ወገኖች የተገፋባቸውን መሬት መጠን ትክክለኛ መለኪያ መጠን እንዲገልፁ የማይገደዱ ሲሆን መጠኑ በባለሙያ ሲለካ ከጠየቁት መጠን የበለጠ ቢሆንም የጠየቁት ብቻ ነዉ ዳኝነት ሊባል አይችልም። በድንበር ግፊ ክርክር ከሳሽ የሆነ ወገን ምስክሮቹ ተከሳሹ መሬቱን መያዙን ካስረዳ የግድ በሜትር ስንት በስንት ተያዘ የሚለውን እንድያስረዱ አይጠበቅበትም፡፡ ፍ/ቤቱ ከይዞታው ላይ ስንት በስንት ሜትር ተይዟል የሚለውን በፍ/ብ/ስ/ስ/ህ/ቁ 136 መሰረት በባለሞያ አጣርቶ መወሰን አለበት።
ሰ/መ/ቁ 188480 / ያልታተመ/
https://t.me/Ijooseera
Ragaan A/Alangaa erga dhaga'aameen booda Galmeen Himata yakkaa cufamuu hin qabu.
Dhaddachi Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Lakk.Galmee 211518 ta'e irratti Guyyaa gaafa 30/5/2014 murtii kenneen "ragaan abbaa alangaa dhagahaamee Galmeen jala murtii kennuuf qorannoof bule irratti himatamaan beellama irraa yoo bade,
Galmeen cufamuu akka hin qabnee fi dhimmichi itti fufamee murtiin kennamuu akka qabu" hiikoo dirqisiisaa kennee jira.
Sababni isaas:-
1ffaa,himatamaan kun mirga ragaa abbaa alangaa gaaffii qaxxaamuraa gaafachuu heera Mootummaa kwt. 20(4) jalatti tumame fayyadamee waan badeef,
#.2ffaa,mirga haqa argachuu miidhamaa heera Mootummaa kwt.37 fi dirqama Mana Murtii mirga namaa kabachiisuu heera Mootummaa kwt 13 waliin bal'ifamee ilaalamuu waan qabuufidha
.https://t.me/Ijooseera
👍1
𝐁𝐚𝐤𝐤𝐚 𝐝𝐮𝐫𝐚 𝐣𝐢𝐫𝐚𝐧𝐢𝐭𝐭𝐢 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢'𝐮𝐮 (𝐑𝐞𝐢𝐧𝐬𝐭𝐚𝐭𝐞𝐦𝐞𝐧𝐭) 𝐕𝐒 𝐒𝐞𝐞𝐫𝐮𝐦𝐦𝐚𝐚 𝐆𝐚𝐚𝐟𝐚𝐭𝐚𝐦𝐞 (𝐂𝐕𝐏𝐂-𝟏𝟖𝟐)
//
MMWF Dhaddacha Ijibbaataa Lakk.Galmee 248670 (hin maxxanfamne) ta'erratti murtii kenneen ''...Waliigalteen yeroo akka diigamu murtaa'etti Wal falmitoota keessaa gareen Waliigalteen akka hin diigamne mormu akka filannootti yoo kan waliigalteen diigamu ta'e Bakka dura jirutti deebi'uuf (reinstate) Bu'uura SDFHH kwt.182tiin osoo seerummaa gaafachuu baatee illee MM Gareen wal falmitootaa ''..seerummaa hin gaafanne sababa jedhuun Reinstate gochuu dhiisuu..'' akka hin qabnee fi Manni murtii bu'aa Diiggamuu waliigaltee keessaa tokko bakka dura jiranitti deebi'uu ta'uu hubatee kaka'umsa Mataa isaatiin bakka dura jiranitti akka deebi'an murteessuu akka qabu...'' murtii dirqisiisaa kenneera.

Ragaan A/Alangaa erga dhaga'aameen booda Galmeen Himata yakkaa cufamuu hin qabu.Dhaddachi Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Lakk.Galmee 211518 ta'e irratti Guyyaa gaafa 30/5/2014 murtii kenneen "ragaan abbaa alangaa dhagahaamee Galmeen jala murtii kennuuf qorannoof bule irratti himatamaan beellama irraa yoo bade,
Galmeen cufamuu akka hin qabnee fi dhimmichi itti fufamee murtiin kennamuu akka qabu" hiikoo dirqisiisaa kennee jira.
Sababni isaas:-
1ffaa,himatamaan kun mirga ragaa abbaa alangaa gaaffii qaxxaamuraa gaafachuu heera Mootummaa kwt. 20(4) jalatti tumame fayyadamee waan badeef,
#.2ffaa,mirga haqa argachuu miidhamaa heera Mootummaa kwt.37 fi dirqama Mana Murtii mirga namaa kabachiisuu heera Mootummaa kwt 13 waliin bal'ifamee ilaalamuu waan qabuufidha
.https://t.me/Ijooseera
❤1👍1
DhIMMWF Lakk.galmee 240493 ta'e irratti gaafa guyyaa 29/10/2015 ooleen himata Abbummaa Haaluu 'Disowing' ilaalchisee murtii kennamee!
Himannaa haaluu kan dhiyeessuu dandahu nama tilmaaama seeraatiin Ati Abbaadha jedhamee qofa akka ta’ee dubbisa SMF keewwata 168 170 fi 174 irraa ni hubatama. Karaa biraatiin Nama ani abbaa mucaati jechuun ilmummaa ofitti fudhatee jiru fi Nama murtii mana murtiidhaan ati abbaadha jedhamee jiru ykn namni nama kana irraa mirga argatee jiru himata Haaluu 'Disowing' dhiyeessuuf seerri waan isaaf hin hayyamneef himatni haala kanaan dhiyaatuu bu'uura S.d.f.h.h keewwata 231(1(A)) tiin sababa himannaa hin qabu.
ሰ/መ/ቁ.240493 ግንቦት 29/2015
የመካድ ክስ ለማቅረብ የተፈቀደው ግን በህግ ግምት አባት ነህ" የተባለው ሰው ብቻ ስለመሆኑ ከቤተሰብ ህጉ አንቀፅ 168 170 እና 174 ድንጋጌዎች ጣምራ ንባብ መገንዘብ ይቻላል፡፡ በሌላ አነጋገር አባትነትን ፈቅዶ የተቀበለ እና በፍርድ ቤት ውሳኔ አባት ነህ የተባለው ሰው ወይም ከዚሁ ሰው መብቱ የተላለፈለት ሰው የመካድ ክስ ለማቅረብ ህግ ስለማይፈቅድለት ክሱ በፍ/ብ/ሥ/ሥ/ህ/ቁጥር 231(1(ሀ))ድንጋጌ መሠረተ የክስ ምክንያት የለዉም
https://t.me/Ijooseera