LabsiiYakkoota Malaammaltummaa Lakk.881/2007 keewwata 31(2) jalatti yakki malaammaltummaa amantaa hir’isuu cimaa faayidaan argame yookiin miidhaan dhaqqabe olaanaa dha jechuuf qajeelfama adabbii Lakk.2/2006 bu’uura godhachuun hiikkamuu hin qabu, Guddina dinagdee fi gatii bittaa maallaqaa akkasumas kaayyoo seera yakkaa bu’uureffachuu qaba jedhame.
--//--
Yakkoota Malaammaltummaa ilaalchisee, Qajeelfama Adabbii Mana Murtii Waliigalaa Federaalaatiin bahe Lakk.2/2006 keewwata 11(4) jalatti Miidhaan dhaqqabe ykn faayidaan argame: Daran Olaanaa: qarshii 500,000 ol yoo ta’e, Olaanaa: Qarshii 100,001 hanga 500,000  Gidduugaleessa: Qarshii 25001 hanga 100,000 Gadaanaa: Qarshii  1,001 hanga 25,000  Daran Gadaanaa: Hanga Qarshii 1,000  tti  sadarkaan qophaa’eefii itti hojjetamaa tureera.

                     Ka’umsi dhimmichaa:
Mana Murtii Olaanaa Godina Shawaa Lixaa Galmee Lakk. 42798 irratti Himatamaan Hojjetaa Mana Kuusaa Waldaa Hojii Gamtaa Qonnaan bultoota Aanaa Cobii Kilaastera Cobii Sirbaa jedhamu yeroo hojjechaa turetti daangaa odiitii Amajjii 1/2011 hanga Amajjii 25/2014 gidduutti odiitii taasifameen maallaqa qarshii 3,235,839.28 ol waan hir’iseef Labsii Lakk.881/2007 kewt.31(2) jalatti yakka malaammaltummaa amantaa hir’isuu cimaa raawwateera jedhamee himannaan dhiyaate.
Himatamaan yakkicha raawwachuu waan waakkateef odiitiin akka irra deebiin taasifamu ajajamee himatamaan maallaqa qarshii 203,022.81 kan hir’ise ta’uun mirkanaa’eera.
Kanumaan Mana Murtii Olaanaa GSHL faayidaan argame yookiin miidhaan gahe olaanaadha jechuun sadarkaa fi gulantaa baasee himatamaan adabbii hidhaa cimaa waggaa 11 fi qarshii 2000 akka adabamu murteesse.

Manni Murtii Waliigalaa Oromiyaa murtii kana ni cimse,

Dhaddachi Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa immoo himatamaan maallaqa qarshii Miliyoona 3 ol hir’isuun isaa mirkanaa’eera, kun immoo miidhaan gahe olaanaa ta’uu agarsiisa waan ta’eef Labsii Lakk.881/2007 kewt.31(2) jalatti balleessaa jedhamuun sirriidha jedhee, yakkichaaf sadarkaan yoo bahu garuu keewwatichi cimsee osoo jiruu irra deebiin sadarkaa olaanaa jedhamuu hin qabu jechuun yakkicha sadarkaa Gidduugaleessa jedhee qabachuun adabbii shallagee adabbii kenname gara adabbii hidhaa cimaa waggaa 7 fi baatii 8 tti fooyyessee jira.

Murtii kana irraa ol iyyachuun Manni Murtii Waliigalaa Federaalaa Dhaddachi Ijibbaataa immoo Galmee Lakk.258571 dhaddacha gaafa Amajjii 29/2017 ooleen Miidhaan gahe yookiin faayidaan argame Qarshii 203,022.81 gatii maallaqaa yeroo ammaatiin faayidaa ykn miidhaa olaanaa jedhamuu hin danda’u jechuun Himannaa Labsii Yakkoota Malaammaltummaa Lakk.881/2007 kewt.31(2) jalatti dhiyaate akkaataa s/d/f/y/kewt.113(2)tiin gara Labsicha kewt.31(1)tti jijjiiree, Adabbii hidhaa cimaa waggaa 3 fi qarshii 2000 akka adabamu murteessee jira.

Akka waliigalaatti labsii Lakk.881/2007 keewwata 31(2) jalatti yakki malaammaltummaa amantaa hir’isuu cimaa faayidaan argame yookiin miidhaan dhaqqabe olaanaa dha jechuuf qajeelfama adabbii Lakk.2/2006 bu’uura godhachuun hiikkamuu hin qabu, Guddina dinagdee fi dandeettii gatii bittaa maallaqaa akkasumas kaayyoo seera yakkaa bu’uureffachuu qaba jedhee jira.

Maddi:G/G Murtii fuula FB Voice of Justice jedhu
https://t.me/Ijooseera
Dhaddachi Ijibbaataa MMWF Galmee Lakk.208197 (Jildii 26ffaa) ta'e irratti:

"✍️Qarshii 500 ol liqeeffachuuf ykn liqeessuuf ykn nama biroodhaaf wabii ta'uuf dirqama seerri waliigaltee walfuutotaatu barbaachisa jedhu kabajuu dhabuudhaan walfuutota keessaa inni tokko waliigaltee raawwatee yoo argame, walfuutota keessaa inni biroon waliigaltichi akka diigamuuf himannaa yemmuu dhiyeessu, waliigalteen walfuutota keessaa isa tokkoon raawwatamuu isaa walfuutota keessaa inni biroon ni beeka jechuun mormii darbiinsa yeroo ji'a ja'aa bu'uura Seera Maatii kwt 69(2)tiin tumame yoo kaase, walfuutota keessaa inni himannaa dhiyeesse haala kamiin akka beekefi yoom akka beeke mirkaneessuuf dirqama qaba.

✍️Walfuutota keessaa gareen waliigalticha keessatti hin hirmaanne, himannaa waliigalteen naaf haa diigamu jedhu dhiyeessuu haala dandeessisuun waa'ee jiraachuu waliigaltichaa hubannoo guutuu qabaachuu waan qabuuf, waliigalteen liqii maallaqaa walfuutota keessaa isa tokkoon raawwatame jiraachuu ni beeka jedhamuuf yoo xiqqaate; waliigaltichi eenyu waliin akka raawwatame, waliigaltee liqii maallaqaa hagamii akka ta'e, waliigaltee liqii maallaqaa yoom raawwatame akka ta'e yoo beekuu danda'edha" jedheera.

Hubachiisa:
👉Dhaddachi Ijibbaataa kun murtii kana keessatti, darbiinsi yeroo waggaa lamaa kun 'Absolute Period of Limitation' ta’uu ibseera.
👉Tumaan Seera Maatii Mootummaa Federaalaa kwt 69(2)fi Kan Seera Maatii Oromiyaa Kwt 85(2) jalatti ibsame Wal fakkaataadha.

https://t.me/Ijooseera
👍1
Forwarded from https://t.me/ijoo seeraa
#𝐌𝐢𝐫𝐠𝐚_𝐁𝐢𝐥𝐢𝐬𝐮𝐦𝐦𝐚𝐚_𝐐𝐚𝐚𝐦𝐚𝐚_𝐊𝐚𝐛𝐚𝐜𝐡𝐢𝐢𝐬𝐮𝐮 (𝐇𝐚𝐛𝐞𝐚𝐬 𝐂𝐨𝐫𝐩𝐮𝐬)
⚖️ Nama Karaa al-seerawaan (unlawfully) qabanii tursuun, hidhuu fi to’achuun dhorkaa akka ta’e seerri ifatti kaa’eera. Ta’us yoo namni seeraan ala qabame, yeroo murtaa’e keessatti qaamni ykn seera kabachiisaan nama sana qabe mana murtiitti dhiyeessuun sababa nama sana qabeef ibsuu qaba. Kun yoo taasifamuu dhiise ammoo, namni qabame sun manni murtii bilisummaa qaamaa (personal liberty) isaa akka kabachiisuuf gaafachuudhaaf mirga akka qabu HMFDRI kewt. 19(4) jalatti ifatti tumameera. Kun mirga heerawaadha jechuudha.
#𝐄𝐞𝐧𝐲𝐮𝐭𝐮_𝐠𝐚𝐚𝐟𝐟𝐢𝐢_𝐚𝐤𝐤𝐚𝐬𝐢𝐢_𝐌𝐚𝐧𝐚_𝐌𝐮𝐫𝐭𝐢𝐢𝐭𝐭𝐢_𝐝𝐡𝐢𝐡e𝐬𝐬𝐮𝐮𝐝𝐚𝐧𝐝𝐚’𝐚?
Namni haala olitti eerame kanaan qabame, to’atame yokaan hidhame ofii isaatiin Manni Murtii bilisaan akka gad lakkisuuf iyyata dhiheeffachuu akka danda’u HMFDRI kewt. 19 (4) fi SDFHH kewt. 177-179 jalatti tumameera.
Gama biraatiin ammoo, namni kamiyyuu (any person) namni to’annoo, qabiinsa yokaan hidhaa jala jiru sun mirga isaa gaafachuuf kan rakkatu taanaan, bu’uura SDFHH kewt. 177 (3) irratti hundaa’ee nama sanaaf mana murtiitti iyyachuu ni danda’a.
Namni kun to’annoo jala akka turu kan ajajamu, “haqni akka hin hir’anneef haalichi kan gaafatu yoo ta'e qofadha”. Manni Murtii sababa dhiyaatuuf deebii qaamni qabe dhiyeessu irratti hundaa’uun beellama yeroo (remand) bu’uura SDFY kewt. 59 (1) fi (2) tiin kennuus ni danda’a. Hangi yeroo dabalataa beellama yerootiif kennamus bu’uura HMFDRI kewt. 19(4) tiin qorannoo yakka ittiin shakkamee xumuruuf yeroo fudhachuu danda’uu fi mirga ariitiidhaan mana murtiitti dhiyaachuu nama qabamee bu’uurefachuun ta’uu qaba.
𝙄𝙮𝙮𝙖𝙣𝙣𝙤𝙤𝙣 𝙦𝙖𝙖𝙢𝙖 𝙗𝙞𝙡𝙞𝙨𝙖 𝙗𝙖𝙖𝙨𝙪𝙪𝙛 𝙙𝙝𝙞𝙝𝙖𝙖𝙩𝙪 𝙈𝙖𝙣𝙖 𝙈𝙪𝙧𝙩𝙞𝙞 𝙞𝙨𝙖 𝙠𝙖𝙢𝙞𝙩𝙩𝙞? 𝙈𝙖𝙣𝙖 𝙈𝙪𝙧𝙩𝙞𝙞 𝙠𝙖𝙢𝙩𝙪𝙢𝙢𝙤𝙤 𝙖𝙖𝙣𝙜𝙤𝙤 𝙠𝙖𝙣𝙖 𝙦𝙖𝙗𝙖?
Iyyannoon (petition) qaama bilisa baasuu yokaan ammoo nama seeraan ala qabame, to’atamee fi hidhame naaf gad haa lakkifamu jedhamuun Mana Murtiitti dhihaatu Mana Murtii isa kamitti dhihaata isa jedhuuf, seeronni duraanii kanneen dhihootiin haqamanii jiru.
𝙈𝙚𝙚 𝙝𝙖𝙖 𝙞𝙡𝙖𝙖𝙡𝙡𝙪:
Duraan iyyannoon kun bu’uura SDFHH kewt. 177 (2) tiin Mana Murtii Ol’aanaatti akka dhihaachuu qabuu fi Manni Murtii Ol’aanaas bu’uura keewwata armaan olii fi seeruma kana kewt. 15(2 (i)) tiin aangoo iyyannoo qaama bilisa baasuuf dhihaate ilaaluu qaba jedhamee tumameera. Haa ta’u malee seerota dhihoo bahaniin tumaaleen seera armaan olii kun jijjiirameera.
𝙆𝙪𝙣𝙞𝙨:
Iyyata qaama bilisa baasuuf dhiyaatu (habeas corpus) ilaalchisee sadarkaa Federaalaatti dhimmicha ofitti fuudhee ilaaluuf aangoo kan qabu Mana Murtii Sadarkaa Jalqabaa Federaalaa (Federal First Instance Court) akka ta’e Labsii Manneen Murtii Federaalaa Lakk.1234/2013 kewt. 5 (1 (o)) jalatti ifatti taa’ee jira.
Gama biraan ammoo sadarkaa Oromiyaattis, Labsii Gurmaa’inaa fi Aangoo Manneen Murtii Oromiyaa Lakk. 216/2011 kewt. 31(2) tiin iyyannoon qaama bilisa baasuuf dhihaatu kallattiin aangoo Manneen Murtii Aanaa ta’uun tumameera.
#Dhadd_Ijji_MMWF_Lakk_Galmee_230167, 230168 fi 230169 irratti.
✏️ Bu'uura Labsii mana murtii federaalaa hundeesuuf bahe lakk.1234/2013 kew.5(1)(o) tin iyyata dhimma mirga Bilisummaa Qaamaa Kabachiisuu (Habeas Corpus) ofitti fudhatee ilaaluuf aangoo jalqabaa kan qabu mana murtii olaanaa federaalaa(federal high court) osoo hin ta'in mana murtii jalqabaa federalaati( federaal first instance court) dha.Jechuudhaan murtii dirqisiisaa kennee jira.
_
NB: Namni seeraan ala to’atame, qabamee fi hidhame, ykn firri keessan isin jalaa akkas ta’e, bu’uura seerota armaan oliitiin, “gad na lakkisaa!” ykn ammoo, “gad naaf haa lakkifamu!” jechuu ni dandeessu.
https://t.me/Ijooseera
LabsiiYakkoota Malaammaltummaa Lakk.881/2007 keewwata 31(2) jalatti yakki malaammaltummaa amantaa hir’isuu cimaa faayidaan argame yookiin miidhaan dhaqqabe olaanaa dha jechuuf qajeelfama adabbii Lakk.2/2006 bu’uura godhachuun hiikkamuu hin qabu, Guddina dinagdee fi gatii bittaa maallaqaa akkasumas kaayyoo seera yakkaa bu’uureffachuu qaba jedhame.
--//--
Yakkoota Malaammaltummaa ilaalchisee, Qajeelfama Adabbii Mana Murtii Waliigalaa Federaalaatiin bahe Lakk.2/2006 keewwata 11(4) jalatti Miidhaan dhaqqabe ykn faayidaan argame: Daran Olaanaa: qarshii 500,000 ol yoo ta’e, Olaanaa: Qarshii 100,001 hanga 500,000 Gidduugaleessa: Qarshii 25001 hanga 100,000 Gadaanaa: Qarshii 1,001 hanga 25,000 Daran Gadaanaa: Hanga Qarshii 1,000 tti sadarkaan qophaa’eefii itti hojjetamaa tureera.

Ka’umsi dhimmichaa:
Mana Murtii Olaanaa Godina Shawaa Lixaa Galmee Lakk. 42798 irratti Himatamaan Hojjetaa Mana Kuusaa Waldaa Hojii Gamtaa Qonnaan bultoota Aanaa Cobii Kilaastera Cobii Sirbaa jedhamu yeroo hojjechaa turetti daangaa odiitii Amajjii 1/2011 hanga Amajjii 25/2014 gidduutti odiitii taasifameen maallaqa qarshii 3,235,839.28 ol waan hir’iseef Labsii Lakk.881/2007 kewt.31(2) jalatti yakka malaammaltummaa amantaa hir’isuu cimaa raawwateera jedhamee himannaan dhiyaate.
Himatamaan yakkicha raawwachuu waan waakkateef odiitiin akka irra deebiin taasifamu ajajamee himatamaan maallaqa qarshii 203,022.81 kan hir’ise ta’uun mirkanaa’eera.
Kanumaan Mana Murtii Olaanaa GSHL faayidaan argame yookiin miidhaan gahe olaanaadha jechuun sadarkaa fi gulantaa baasee himatamaan adabbii hidhaa cimaa waggaa 11 fi qarshii 2000 akka adabamu murteesse.

Manni Murtii Waliigalaa Oromiyaa murtii kana ni cimse,

Dhaddachi Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa immoo himatamaan maallaqa qarshii Miliyoona 3 ol hir’isuun isaa mirkanaa’eera, kun immoo miidhaan gahe olaanaa ta’uu agarsiisa waan ta’eef Labsii Lakk.881/2007 kewt.31(2) jalatti balleessaa jedhamuun sirriidha jedhee, yakkichaaf sadarkaan yoo bahu garuu keewwatichi cimsee osoo jiruu irra deebiin sadarkaa olaanaa jedhamuu hin qabu jechuun yakkicha sadarkaa Gidduugaleessa jedhee qabachuun adabbii shallagee adabbii kenname gara adabbii hidhaa cimaa waggaa 7 fi baatii 8 tti fooyyessee jira.

Murtii kana irraa ol iyyachuun Manni Murtii Waliigalaa Federaalaa Dhaddachi Ijibbaataa immoo Galmee Lakk.258571 dhaddacha gaafa Amajjii 29/2017 ooleen Miidhaan gahe yookiin faayidaan argame Qarshii 203,022.81 gatii maallaqaa yeroo ammaatiin faayidaa ykn miidhaa olaanaa jedhamuu hin danda’u jechuun Himannaa Labsii Yakkoota Malaammaltummaa Lakk.881/2007 kewt.31(2) jalatti dhiyaate akkaataa s/d/f/y/kewt.113(2)tiin gara Labsicha kewt.31(1)tti jijjiiree, Adabbii hidhaa cimaa waggaa 3 fi qarshii 2000 akka adabamu murteessee jira.

Akka waliigalaatti labsii Lakk.881/2007 keewwata 31(2) jalatti yakki malaammaltummaa amantaa hir’isuu cimaa faayidaan argame yookiin miidhaan dhaqqabe olaanaa dha jechuuf qajeelfama adabbii Lakk.2/2006 bu’uura godhachuun hiikkamuu hin qabu, Guddina dinagdee fi dandeettii gatii bittaa maallaqaa akkasumas kaayyoo seera yakkaa bu’uureffachuu qaba jedhee jira.

https://t.me/Ijooseera
Umrii fi Haala Fayyummaa Hojjettanii Galii Argachuuf Nama Dandeessisu Keessa Jiraachuun Qofti Beenyaa Akkaataa SHH kwt 2095tiin Gaafatamu Nama Dhabsiisaa?

£££££✓✓✓✓£££££££✓✓✓✓✓✓✓✓✓✓

Seerri Hariiroo Hawaasaa kwt 2095 kwt xiqqaa (1)fi (2) jalatti:

Abbaan warraa ykn haati warraa ykn abbaafi haati ykn ijoolleen miidhamaa, sababa balaan du'aa miidhaamaa irra gaheef miidhaa gama waan ittiin jiraataniitiin (bulaniin) isaanirra gaheef, maqaa isaaniitiin, beenyaa gaafachuu kan danda'an ta'uufi yeroo kanatti, beenyaan miidhaa kan kaffalamu, bifaafi gosa sooromni nyaataa (waan ittiin jiraatan) kennamuun (in the form of a maintenance allowance) ta'uu tumeera.

Tumaa kanaan wal qabatee, gaaffiin qabatamaatti ka'aa ture, firri hojjetee madda galii mataa isaa qabaachuu danda'u, kan rakkina irratti hin kufne (kan 'needy' hin taane) gaaffii beenyaa gosa kanaa dhiyeessuu ni danda'amoo hin danda'u kan jedhu ture.

Gama kanaan, Dhaddachi Ijibbaataa MMWF, hiikkoo seeraa dirqisiisaa Galmee Lakk.225128 ta'e irratti kenneen:

"Firoonni gaaffii beenyaa dhiyeessan, umrii fi haala fayyummaa hojjettanii galii argachuuf isaan dandeessisu keessa jiru sababa jedhuun qofa beenyaan ittiin jiraatan kaffalamuu hin qabu gudunfaa jedhurra gahuun deeggarsa seeraa hin qabu jedheera.
   (Murtiiwwan Dhaddacha Ijibbaataa MMWFtiin murtaa'aniifi hin maxxanfamne jedhamuun Daani'eel Fiqaaduutiin walitti qabame keessaa kan fudhatame)

Kana malees, Dhaddachichi hiikkoo seeraa dirqisiisaa Lakk.Ga.134240 (Jildii 22ffaa) ta'e irratti, SHH kwt 2095 caqasuun kenne keessatti; firoonni beenyaa gaafachuu danda'an (Haala keewwaticha keessatti ibsameen Wayita namni balaadhaan du'u) eenyu eenyu fa'a akka ta'an tarreesseera.
         https://t.me/Ijooseera
Kabajamaan Dhaddacha Ijibbaataa MMWF, hiikkoo dirqisiisaa dhaddacha gaafa 27/10/2014 ooleen Lakk.Ga.219089 (Jildii 25ffaa) ta'e irratti kenne keessatti:


Heerri Mootummaa, sirna federaalaa biyya keenyatti diriire irratti hundaa'ee aangoo abbaa seerummaa manneen murtii federaalaafi naannoo waliin qaban tumuurra darbee, akkaataa Heericha kwt 78(2)fi 80(4-8)tiin dhimmoota qofaatti (exclusive) manneen murtii federaalaatiif kennaman ilaalchisee Manneen Murtii Waliigalaafi Ol'aanaa Naannoo bakka bu'ummaadhaan akka ilaalaniif aangoo kenneera. Kunis, heerichi kaayyoo dandeettii (aangoo) manneen murtii naannoolee ol guddisuu (empowerment), dhaqqabamummaa mirkaneessuu, hirmaannaa naannolee guddisuu akka qabuufi dhaabbattoota naannolee irratti amantaa qabaachuu isaa mirkaneessa.

Heera mootummaatiin qaamni abbaa seerummaa sadarkaa Mootummaa federaalaafi naannootti, walcinaatti, kan caaseffame (Dual System) ta'ullee, dhimmi federaalaafi dhimmi naannoo manneen murtii naannootiin ilaalamuun isaa walmakaa (Integrated System) ta'uu isaa agarsiisa.

Akkaataa Labsii lakk.322/1993tiin, naannolee manneen Murtii Ol'aanaa Federaalaa keessatti hundeeffaman irraa aangoon bakka bu'ummaan dhimma federaalaa ilaaluu kan ka'e ta'ullee, naannolee ibsaman keessattis ta'e naannolee biroo keessatti aangoon bakka bu'ummaadhaan dhimma mana Murtii sadarkaa duraa federaalaatti dhiyaatu ilaaluu akkaataa Heera Mootummaa RFDI keessatti tumameen hanga ammaatti hin kaane. Kunis, dhimmoota federaalaa manneen murtii naannolee sababa namoonni ykn qabeenyonni daangaa isaanii keessatti argamaniif bakka bu'ummaadhaan ilaalan, aangoon bakka bu'ummaa isaanii osoo hin ka'in dhimmichi mana Murtii federaalaatti dhiyaatee yoo ilaalame, dhimma aangoo waliinii manneen murtii (Concurrent Jurisdiction) Heera Mootummaa keessatti caqasame hordofuu dhabuu waan ta'uuf dogoggora bu'uuraa seeraa sirreeffamuu qabudha jedheera.

      
https://t.me/Ijooseera

.
#Yakka_kabaja_Amantaa_Tuquutiifi_Haasawa_Jibbinsaa
✍️ Dhiheenya kana miidiyaa hawaasaa gubbatti yeroo garaagaraatti namoonni tokko tokko kabajaa fi ulfina Amantaa nama biroo bifa garaagaraan yoo xiqqeessanii fi Arrabsan argaa jirra kuniis yakkaan nama Adabsiisa.
➥ Seera yakkaa Kew. 492 jalatti ulaagaa namoonni amantaa tuqan yakkaan itti adabaman tarreessee jira inniis:-
✔️ Namni kamiyyuu itti yaadee ifatti:
➤ (a) sirna amantaa, adeemsa ayyaaneffannaa yookiin gocha amantii
hayyamame akka hin raawwatamne kan dhorke, kan jeeqe, yookiin kan tuffate yoo ta’e; yookiin
➤ (b) iddoo, fakkii yookiin mi’a sirna amantaaf tajaajilu kan xureesse yoo ta’e;
adabbii maallaqaa qarshii kuma tokko hin caalleen yookiin hidhaa salphaa waggaa
lama hin caalleen ni adabama.

🔴 Inni biraa seera yakkaa Keewwata 816. Jalatti Haasawaa Amantii Arrabsuufi Salphisuu ilaalchisuun
Namni kamiyyuu bu’uura seera yakkaa keewwata 492 fi 493 tiin haala adabsiisuun ala, iddoo ummanni arguufi dhagahuu danda’utti mallattoon yookiin haasawaan amantii, sirna amantii, mallattoolee yookiin tajaajiltoota amantii haala tuffachiisu kan agarsiise, kan arrabse, kan salphise yookiin haala miira yookiin waaqeffannaa nama biroo tuquun kan dubbate yoo ta’e;
adabbii maallaqaatiin yookiin hidhaa mana turmaataa ji’a tokko hin caalleen ni adabama.

#Yakka_Haasawa_Jibbinsaa_fi_daddabarsa_odeeffannoo_sobaa
✔️ Haasawa jibbinsaa fi daddabarsa odeeffannoo sobaa too’achuu fi to'achuuf labsiin lakk.1185/2012  ifatti bahee hojii irra jira.
Akkuma beekkamu sadarkaa addunyaattis ta’ee haala qabatama biyya keenyaatiin guddina teeknoolojiin wal-qabatee haasawaan jibbinsaa fi daddabarsi odeeffannoo sobaa haalaan dabaluu isaatiin waliin jireenya ummattootaa jeequu bira darbee soodaa nageenya biyyoolessaa ta'ee waan argameef balaa inni fidu kana qolachuuf labsiin lakk.1185/2012  bahuu danda’ee jira.

✔️ Labsii kana keewwata 2(1) jalatti hiikni yeroo itti kennamu haassawa jechuun “jechaan,barreeffamaan,fakkii,bobbocaalee garagaraa fi karaalee kana fakkaatan kan birootiin ergaa dabarsuu jechuudha “jechuun kaa'ee jira. Haasawa jibbinsaa jechuun immoo eenyummaa nama dhuunfaa ykn garee murtaa’ e tokko miidhuuf sabaa,amantii, qomoo,saala yookiin qaama miidhamumma bu’uura godhachuun itti yaadamee miidhaa geessisuuf haasawa godhamu jechuu akka ta'e keewwata 2(2) jalatti taa’ee arganna.
✔️ Odeeffannoo sobaa jechuun immoo odeeffannoo tokko abbaan odeeffannoo sana dabarsu carraa dhugummaa odeffannoo sanaa qulqulleeffachuu osoo qabuu osoo hin qulqulleeffatin odeeffannoo carraan jeequmsa ykn walitti bu’insa kaasuu isaa ol aanaa ta’e daddabarsuu jechuu akka tahe labsii kana keewwata 2(3) irraa hubachuun ni danda’ama.
✔️  Labsii kana keewwata 4 fi 5 irraa akka hubatamutti namni kamuu miidiyaalee ykn maxxansa hawaasummaatiin haasawa jibbinsaa fi odeeffannoo sobaa maxxansuun dhorkaa akka ta'e tumamee .
          #ADABBII
✔️ Nama dhoorkaawwan  kana darbuun haasawa jibbinsaa kana facaase ykn dabarse adabbii hidhaa salphaa hanga waggaa 2 ykn adabbii maallaqaa qarshii 100,000 hin caalleen akka adabamu keewwata 7(1) irraa hubachuun ni danda’ama. Sababbii haasawaa jibbinsaa dabarfame kanaan nama dhuunfaa ykn garee irratti miidhaan qaqqabe yoo jiraate adabbiin isaa hidhaa salphaa waggaa tokkoo hanga shanii ta'uu akka danda’u keewwata 7(2) jalatti tumameera.

✔️ Yakka odeeffannoo sobaa dabarsuu namni raawwate immoo adabbii hidhaa salphaa hanga waggaa tokko ykn adabbii maallaqaa qarshii 50,000 hin caalleen kan adabbamu yemmuu ta’u yakka odeeffannoo sobaa kana kan dabarse fuula miidiyaa hawaasaa hordoftoota 5000 ol qabu ykn broadcastiin ykn maxxansa yeroo yeroon bahuun yoo ta’e adabbiin isaa hidhaa salphaa hanga waggaa 3 ykn adabbii maallaqaa hanga qarshii 50,000 ta'uu akka danda’u keewwata 7(3) fi 7(4) irraa hubachuun ni danda’ama.
👍1
Dhaddachi Ijibbaataa MMWF hiikkoo seeraa dirqisiisaa dhaddacha gaafa 07/02/2016 ooleen Lakk.Ga.235739 ta'e irratti kenneen:

"Dhaddachi Ijibbaataa MMWF, waliigalteen kennaa lafa baadiyyaa ijaarsa mana bahaatiif (ጎጆ መዉጫ) jedhamee raawwatamu, foormii addaatiin raawwatamuu qaba jedhamee seeraan kan hin tumamne ta'uu lakk.galmee 107840, 197998, 206535fi galmeewwan biroo irratti hiikkoo seeraa dirqisiisaa kenneera. Kanarraas kan hubannu, itti fayyadama lafa baadiyyaatiin wal qabatee, keessattuu, mucaan ykn namni miseensi maatii abbaa qabiyyee ta'e tokko gaa'ila wayita raawwatu ittiin jiraatu (bulu), baratamaan afaan Amaaraatiin 'ጎጆ መዉጫ' (mana keessa jiraatu akka irratti ijaarratuuf) kennamu sirna (foormii) waliigaltee cimaa ykn foormii waliigalteen kennaa guutuu qabu guutuu baatus, muuxannoofi sona faayidaa qabeessa hawaasichaan gabbate tilmaama keessa galchuun bu'aa seeraa akka qabaatu taasisuun barbaachisaa ta'uu isaati. Dhimma harkaa qabnu keessattis, Manni Murtii Waliigala Oromiyaa dhimmicha oliyyannoofi Ijibbaataan ilaalee, lafti falmiif sababa ta'e waamamaafi himatamaa jalaatiif kan kenname mana akka irratti ijaarrataniifidha gudunfaa jedhurra gahuun isaa labsii Bulchiinsaafi Itti Fayyadama Lafa baadiyyaafi hiikkoowwan seeraa dirqisiisoo galmeewwan tarreeffaman irratti kennaman kan bu'uureffate ta'uu isaa hubanneerra" jechuun murtiiwwan manneen murtii jalaa cimseera.

Hubachiisa:

✍️Dhimmichi Godina Shawaa Lixaa Mana Murtii Aanaa Meettaa Roobii irraa kan eegaledha.
✍️Dhaddachichi murtii isaa keessatti yeroo kennaan kun raawwatutti Labsiin hojiirra ture labsii lakk.130/99 ta'uufi labsichi dhimmi kana addatti kan hin hogganne ta'uu ibseera.
     (Garagalcha murtichaa waan nuuf ergeef Bahayiluu Solomooniin ni galateeffanna🙏🙏)

       
https://t.me/Ijooseera
Manni Maree Federeeshinii RFDI, Heera Mootummaa kwt 40(4) caqasuudhaan Galmee Lakk.51/10 ta'e irratti:

"Namni hojii qonnaatiin hin bulle, magaalaa jiraatuufi lafichatti fayyadamaa hin turre, qabiyyee lafa baadiyyaa akka qabeenya birootti dhaalaan argachuu hin danda'u" jechuun murteessee ture. (Kitaaba Yaadataa Gizawu, 2017, Fuula 38 ilaali)

Gama birootiin, Labsiileen Bulchiinsaafi Itti Fayyadama Lafa Baadiyyaa Sadarkaa Federaalaafi Naannoo Keenyatti bahan (Labsii Lakk.1324/2016fi 248/2015), tumaa walfakkaataa kwt 12(2) jalatti, namni akkaataa duraa duuba SHH keessatti tumameen dhaaluuf mirga qabu kamiyyuu qabiyyee lafa baadiyyaa dhaaluu kan danda'u ta'uu tumaniiru. Labsiileen kun ulaagaa Manni Maree Federeeshinii tarreessee ture akka ulaagaa dirqisiisaatti hin keenye. Magaalaa jiraachuun ykn hojjetaa mootummaa ta'uun kan mirga nama dhabsiisu ta'uus hin ibsine.

Gaaffiin asitti ka'uu danda'u, Labsiileen kun Heera faallessu jechuun ni danda'amaa? Labsiileen bahan hiikkoo heeraa Manni Maree Federeeshinii dursee kenne waliin wal faallessuu ni danda'uu? Falmii walfakkaataan yeroo ammaa kanatti osoo Mana Maree Federeeshiniitiif dhiyaatee, Manni Marichaa amma immoo Heera waliin Wal hin faallessu jechuu ni danda'aa? (Heerri isuma dura hiikametu hojiirra jira waan ta'eef)🤔🤔
https://t.me/Ijooseera
          
#Keewwata 543. Dagannoon Nama Ajjeesuu
✅️ Namni kamiyyuu seera  yakkaa keewwata  54 keewwata xiqqaa (2) fi (3) jalatti haalawwan tumamaniin ala dagannoon nama kan ajjeese yoo ta’e;hidhaa salphaa ji’a jahaa hanga waggaa sadii gahuu danda’uun yookiin adabbii maallaqaa qarshii kuma lamaa hanga kuma afurii gahuu danda’uun ni adabama.

✅️ Lubbuu, fayyaa yookiin nageenya nama biroo eeguuf dirqama ogummaa yookiin kan biroo kan qabu kan akka ogeessa yaalaa yookiin konkolaachisaa kan ta’e dagannoon nama kan ajjeese yoo ta’e; adabbichi hidhaa salphaa waggaa tokkoo hanga waggaa shanii gahuu danda’uufi adabbii maallaqaa qarshii kuma sadii hanga kuma jahaa gahuu danda’u ni ta’a.

✅️Fakkeenyaaf konkolaachisaa namoota baay'een fe'uun of eeggannoon konkolaachisuu osoo garagaluun ykn daandii irraa maquun nama kan ajjeese yoo ta'ee akkasumaas Doktara osoo yaalii baqaqsanii yaaluu gochaa jiruu maqasii yokiin meeshaa biroo garaa namaa keessatti dagachuun namni akka du'u kan taasise yakka ajjeehaa dagannoon akkaataa seera yakkaa keewwata 543 kan itti gaafatamu taha.

✅️Balleessichi namoota lama yookiin isaa ol kan ajjeese yookiin yakkicha kan raawwate dambii yookiin qajeelfama ifa ta’e darbuun yoo ta’e, yookiin wahiyyoota yookiin dhugaatiwwan nama macheessan yookiin fajajeessan fudhachuun haala itti gaafatamummaa irraa bilisa isa taasisu keessa erga of galchee booda yoo ta’ellee;adabbichi hidhaa cimaa waggaa shanii hanga waggaa kudha shanii gahuu danda’uufi adabbii maallaqaa qarshii kuma kudhanii hanga kuma kudha shanii gahu ni ta’a.keewwata 543

#Daaima Ajjeesuu
✅️Haati tokko da’uuf ciniinsuun yommuu qabamtetti yookiin miirri ciniinsuu ishii osoo hin darbiin itti yaaddee daa’ima ishii kan ajjeeste yoo ta’e; akka haala dubbichaatti hidhaa salphaan ni adabamti.

✅️Yakkichi yommuu yaalamu, daa’imicharra miidhaan akaakuun kamiyyuu kan hin geenye yoo ta’e, manni murtichaa bu’uura keewwata 180 tiin adabbicha ni salphisa

✅️Haati tokko haalawwan seera yakkaa keewwata  542  (1) jalatti ibsameen ala daa’ima ishii itti yaaddee yookiin dagannoon kan ajjeeste yoo ta’e; tumaaleen seeraa idilee ajjeechaa ilaallatan raawwatamoo ni ta’u.

✅️ Namni biroo akkaataa seera yakka keewwata 542 (1) jalatti ibsameen raawwataa yakkaa muummee ta’uun, kakastummaan, yookiin miiltummaan hirmaataa ta’e; ilaalchi addaa seerichaa osoo hin taasifamiiniif akka haala dubbichaafi akka hamma badii isaatti bu’uura tumaalee seeraa idilee ajjeechaa namaa ilaallataniin ni adabama.(keewwata  542)

✅️akka waliigalaatti yakki ajjeechaa lubbuu namaa ,cimaa,dassiba, salphaa fi dagannoon nama ajjeesuutti akka qoodamu ibsamee jira.hundinuu akkaatuma ulfaatina isaaniin bu'uura seera yakkaa tumaalee ajjeechaan wal qabataniin kan murtiin itti kennamuudha.

https://t.me/Ijooseera
#Murtiilee_Dhaddacha_Ijibbaataa_Mana_Murtii_Waliigala_Federaalaa_Seeraa_fi_Waliigaltee_Araaraara_Dhimma_H/Hawaasaa_irratti
=====================
✍️-Araara jechuun waliigaltee wal falmitootaa jidduu waldhabdee uumame hambisuu fi waldiddaan gara fuulduraa isaan gidduu akka hin uumamne ittisuuf garee wal falmitootaa jidduu taasifamuudha (shh keewwata 3307 fi sdfhh keewwata 274).

✍️Waliigalteen araaraa garee wal falmitootaa jidduutti
taasifamee bu'aan araaraa mana murtiitiin yoo
mirkanaa'e dhimmi isaan araaraan waliigalan irra deebi'amee hin ilaalamu res judicata with out appeal ta'a(shh keewwata 3312(1),sdfhh keewwata 5 fi 244(g).

✍️=Faayidaa dhimma ofii jaarsummaadhaan xumurachuu 1ffaa baasii fi xaarii abbootii dhimmaa hir'isa,2ffaa Hariiroo garee lameenii cimsa,3ffaa ba'aa hojii mana murtii hir'isa,4ffaa yeroo qusata fi k.k.f dha.

#Dhaddachi_ijibbaataa mana murtii waliigala federaalaa waliigaltee araaraa ilaalchisee galmeelee baay'ee irratti murtii dirqisiisaa kenneera.Isaan keessaa galmeelee muraasa haa ilaallu:-
👉1.Dh.Ij.MMWF Jildii 20ffaa Lakk.Galmee 114623 ta'e dhaddacha gaafa guyyaa 22/06/2009 ooleen  walfalmitoonni dhimma wal falman araaraan kan xumuratan yoo ta'ee fi bu'aan araaraa mana murtiitiin bu'uura sdfhh keewwata 277(1) tiin yoo mirkanaa'e waliigalteen araaraa sun akka murtii manni murtii kennetti dirqisiisummaa kan qabuu fi raawwatiinsa kan qabu ta'uu'' murtii dirqisiisaa kennee ture;

👉2.Dh.Ij.MMWF jildii 9ffaa Lakk.Galmee 52752 ta'e dhaddacha Waxabajjii 16 bara 2002 ooleen''Gareen wal falmitootaa dhimma isaanii jaarsummaadhaan xumurachuuf yoo waliigalanii fi waliigaltee araaraa kana mana murtii dhiheessanii manni murtii kan mirkaneesse yoo ta'e,waliigalteen araaraa sun akka murtii manni murtii kennetti lakkaa'amee raawwatamuu akka qabu''murteessee ture.

👉3.Dh.Ij.M.M.W.F Jildii 5ffaa Lakk.Galmee 25912 ta'e
dhaddacha Caamsaa 2,bara 2000 ooleen'waliigalteen araaraa garee wal falmitootaa gidduutti taasifame karaa mana murtiitiin mirkanaa'e akka murtii dhumaa manni murtii kennetti ilaalamuu akka qabu''murtii kennee ture.

👉4.Dh.Ij.MMWF Jildii 19ffaa Lakk.Galmee 109497 ta'e dhaddacha Gurraandhala 3 bara 2008 ooleen''Manni murtii waliigaltee araaraa falmitoota jidduutti taasifame;bu'aan araaraa sun ulaagaa seeraa guutuu mirkaneeffachuun mirkaneessuu akka qabu'' murteessee ture(shh keewwata 1731 fi sdfhh keewwata 277).

👉5.Dh.Ij.MMWF Jildii 15ffaa Lakk.Galmee 85873 ta'e dhaddacha Bitootessa 13 bara 2005 ooleen''manni murtii bu'aan araaraa ulaagaa seeraa kan guute ta'uu fi safuu hawaasaa kan hin faalleessine ta'uu erga mirkaneeffateen booda bu'aa araaraa mirkaneessuu akka qabu murtii dirqisiisaa kennee ture;

👉6.Dh.Ij.MMWF Jildii 5ffaa Lakk.Galmee 22857 ta'e dhaddacha Muddee 15,bara 2000 ooleen'Waliigalteen araaraa barreeffamaan taasifamee mana murtii yeroo dhihaatu;manni murtii waliigaltichi(bu'aan araaraa) faallaa seeraa fi safuu hawaasaa kan hin taane ta'uu qulqulleeffatee mirkaneessee dhimmicha ilaalaa jiru addaan kutuu akka qabu''murtii dirqisiisaa laatee ture.SDFHH keewwata 277(1),274(1) fi 275(1).

👉7.Dh.Ij.M.M.W.Federaalaa Jildii 23ffaa Lakk Galmee 146955 ta'e dhaddacha gaafa guyyaa 30/09/2010 ooleen''Waliigalteen araaraa akka murtii manni murtii kennetti lakkaa'amee mana murtiitti raawwiif yoo dhihaatu bu'aan araaraa sun ifa ta'uu kan qabu yoo ta'u;bu'aan araaraa ifa yoo hin taane,manni murtii himata raawwii kufaa gochuu danda'a'' jechuun murtii dirqisiisaa kennee ture.

✍️Murtiin dhaddacha ijibbaataa kun maal nutti agarsiisa bu'aan araaraa mana murtiitiin osoo hin mirkanaa'in ifa ta'uu akka qabuudha.Bu'aan araaraa ifa yoo hin taane,waliigalteen araaraa mana murtiitiin mirkanaa'us hin raawwatamu jechuudha.

#Keewwata 543. Dagannoon Nama Ajjeesuu
✅️ Namni kamiyyuu seera  yakkaa keewwata  54 keewwata xiqqaa (2) fi (3) jalatti haalawwan tumamaniin ala dagannoon nama kan ajjeese yoo ta’e;hidhaa salphaa ji’a jahaa hanga waggaa sadii gahuu danda’uun yookiin adabbii maallaqaa qarshii kuma lamaa hanga kuma afurii gahuu danda’uun ni adabama.
✅️ Lubbuu, fayyaa yookiin nageenya nama biroo eeguuf dirqama ogummaa yookiin kan biroo kan qabu kan akka ogeessa yaalaa yookiin konkolaachisaa kan ta’e dagannoon nama kan ajjeese yoo ta’e; adabbichi hidhaa salphaa waggaa tokkoo hanga waggaa shanii gahuu danda’uufi adabbii maallaqaa qarshii kuma sadii hanga kuma jahaa gahuu danda’u ni ta’a.

✅️Fakkeenyaaf konkolaachisaa namoota baay'een fe'uun of eeggannoon konkolaachisuu osoo garagaluun ykn daandii irraa maquun nama kan ajjeese yoo ta'ee akkasumaas Doktara osoo yaalii baqaqsanii yaaluu gochaa jiruu maqasii yokiin meeshaa biroo garaa namaa keessatti dagachuun namni akka du'u kan taasise yakka ajjeehaa dagannoon akkaataa seera yakkaa keewwata 543 kan itti gaafatamu taha.

✅️Balleessichi namoota lama yookiin isaa ol kan ajjeese yookiin yakkicha kan raawwate dambii yookiin qajeelfama ifa ta’e darbuun yoo ta’e, yookiin wahiyyoota yookiin dhugaatiwwan nama macheessan yookiin fajajeessan fudhachuun haala itti gaafatamummaa irraa bilisa isa taasisu keessa erga of galchee booda yoo ta’ellee;adabbichi hidhaa cimaa waggaa shanii hanga waggaa kudha shanii gahuu danda’uufi adabbii maallaqaa qarshii kuma kudhanii hanga kuma kudha shanii gahu ni ta’a.keewwata 543

#Daaima Ajjeesuu
✅️Haati tokko da’uuf ciniinsuun yommuu qabamtetti yookiin miirri ciniinsuu ishii osoo hin darbiin itti yaaddee daa’ima ishii kan ajjeeste yoo ta’e; akka haala dubbichaatti hidhaa salphaan ni adabamti.

✅️Yakkichi yommuu yaalamu, daa’imicharra miidhaan akaakuun kamiyyuu kan hin geenye yoo ta’e, manni murtichaa bu’uura keewwata 180 tiin adabbicha ni salphisa

✅️Haati tokko haalawwan seera yakkaa keewwata  542  (1) jalatti ibsameen ala daa’ima ishii itti yaaddee yookiin dagannoon kan ajjeeste yoo ta’e; tumaaleen seeraa idilee ajjeechaa ilaallatan raawwatamoo ni ta’u.

✅️ Namni biroo akkaataa seera yakka keewwata 542 (1) jalatti ibsameen raawwataa yakkaa muummee ta’uun, kakastummaan, yookiin miiltummaan hirmaataa ta’e; ilaalchi addaa seerichaa osoo hin taasifamiiniif akka haala dubbichaafi akka hamma badii isaatti bu’uura tumaalee seeraa idilee ajjeechaa namaa ilaallataniin ni adabama.(keewwata  542)

✅️akka waliigalaatti yakki ajjeechaa lubbuu namaa ,cimaa,dassiba, salphaa fi dagannoon nama ajjeesuutti akka qoodamu ibsamee jira.hundinuu akkaatuma ulfaatina isaaniin bu'uura seera yakkaa tumaalee ajjeechaan wal qabataniin kan murtiin itti kennamuudha.

https://t.me/Ijooseera
#Waldiddaa_falmii_Maatii
Waldiddaa falmii dhimma maatii ilaalchisee kanaan dura hiikkoo jiildii 19ffaa keessatti kennee tureen Dh, Ijbta MMWF waliigalteen liqii walfuutota keessaa isa tokko qofaan haayyama isa kaanii malee seename jedhamee akka diigamu gaafatamuu kan danda’u fi waliigaltichis kan diigamu 1) firiin dubbii himataan waliigalticha kan hinbeekne/keessa hinjirre ta’uu fi 2) qarshiin liqiidhaan fudhatame jedhame faayidaa waliiniif kan hinoolle ta’uun yoo mirkanaa’e qofa akka ta’edha. Falmii waliigalteen liqii otuu gaa’illi hindiigamin hariiroo gaa’elaa keessatti ka’u ilaalchisee kan raawwatuu fi eega gaa’elli diigamee fi qabeenyi otuu hinqoodamin dura liqii fudhatame yoo ta’e immoo qarshiin fudhatame faayidaa maatiif ooluu isaa dirqamni hubachiisuu kan himatamaa ykn garee liqaa jedhame fudhatee akka ta’edha Dh Ijb duraan kan murteesse.
Amma garuu Jiildii 26ffaa galmee Lkk. 208197 ta’erratti kenneen gareen himannaa dhiyeessu waliigalticha keessa kan hinjirre hinhirmaanne ykn hinmallatteessine ta’uu qofa ragaan yoo hubachiise waliigalteen liqaa sun akka diigamu MM murteessuu akka qabuu fi kanaan ala qarshiin liqii fudhatame faayidaa waliiniif oole moo miti kan jedhu irratti falmisiiuun murtiin kennamu dogongora bu’uraa Sirna seera hooggansa falmii akka ta’e ibsuun murtii kennee jira.
Murtichi maatii keessatti yeroo waldiddaan uumamu sarbama mirga diinagdaawaa/qabeenyaa garee tokkoon isa kaan irratti raawwatamu ittisuun mirga walfuutotaaf eegumsi akka godhamu  kan taasisuudha
https://t.me/Ijooseera
👍1
DhIMMWF Lakk.Galmee 235053 ta’e irratti gaafa 29/7/2015 murtii kenneen:Manneen Murtii himata qabiiyyee lafa keenya irratti waraqaan ragaa(kaartaa) seeraan ala kenname jiru akka nuuf haqamu fi qabiiyyeen lafichaas kan keenya ta’uun isaa akka nuuf mirkannaahu jechuun dhiyaatu ilaalani murtii kennuuf aangoo kan qaban ta'u.
DhIMMWF Lakk.Galmee 38452,220042 fi 220582 irratti Murtii kenneen:-Manneen Murtii himata kaartaan lafa magaalaa irratti kennamee jiru akka naaf haqamu jechuun qofa dhiyaatu irratti dursa ilaalani murtii kennuuf aangoo kan hin qabne ta'u. Sababa:-Dhimootni kana fakkaatan Bu’uura Labsii Adeemsa Bulchiinsa Lakk.1183/2012 keewwata 44 fi 49 tiin mana murtitti otoo hin dhiyaatiin dursa adeemsa bulchiinsaan fala argachu akka qaban tumamee jira.
https://t.me/Ijooseera
OL'IYYANNOO
Vs
SEERA:
Namni kamiyyuu murtii Manni Murtii dhimmicha ilaaluun Murtii isaan irratti kenne irratti Mana Murtii ol'iyyata dhagahuuf aangoo qabutti ol'iyyannoo dhiheeffachuuf mirga akka qabu heerri keewwata 20(6) jalatti ifa taasiseera. Murtii dhumaa Manni Murtii tokko kenne irratti garee komii qabuuf yoo seeraan dhorkame malee mirgi ol'iyyannoo eegamaadha.

#OL'IYYANNOO DHIMMA HARIIROO HAWAASAA:
1) Dhimma hariiroo hawaasaa murtii/ajaja dhumaa kenname irratti gareen komii qabu ol'iyyannoo isaa foormii, qabiyyee fi ulaagaa seeraa akkaataa sdfhh kwt 327 fi 320(1)(2)tiin guutee qophaa'e dhiyeeffachuu qaba. Murtichi komatamu mirga ol'iyyataa kan sarbu ta'uu, murtiin/ajajni kenname kan dhumaa fi falli Mana Murtii jalaatti jiru hundi kan yaalame ta'uu qaba.
2) Qabiyyee fi foormii guutee ol'iyyannichi guyyaa murtiin komatame kenname irraa eegalee guyyoota 60 (Ji'a Lama) keessatti dhiyaachuu qaba.
(sdfhh keewwata 323(2)).
3) Ol'iyyannoon ulaagaalee hunda guutamee karaa kutaa ofisaraatiin Mana Murtii ol'iyyata dhagahutti dhaddacha irratti dhiyaatee ajajni barbaachisaa ni kennama, iyyannoo biraa kan akka dhoorkii raawwii Murtii jalaa fi ragaa dabalataa fa'i ilaallatan yoo jiraatan qoratee ajaja ni kenna.
(sdfhh kwt.332,337 fi 338).
Qallaba ijoollee/daa'immanii yoo ta'e dhorkii raawwii Murtii jalaa hin kennamu.
4) Ajajni dhorkii kennamuun dura/kennameen booda akkuma haala isaatti ol'iyyannoon kan dhiyeessisu ta'uu fi dhiisuu adda baasuun ajajuun barbaachisaadha.
(sdfhh kwt.337).
5) Komiin ol'iyyannoo dhiyaate amansiisaa yoo hin taane battalumatti kufaa ta'a.
(sdfhh Kewt.337).
6) Ol'iyyannichi fudhatama yoo argate qabxiin qulqullaa'uu qabu adda bahee deebii kennaan akka dhiyaatu waamichi taasifamee falmiin ni dhagahama.
(sdfhh keewwata 338).
7) Manni Murtii ol'iyyata dhagahu dhimmichi ragaa dabalataan akka qulqullaa'u taasisuu kan danda'u sababoota 3 (Sadiin) dha:
A) Mana Murtii jalaa/dakaa ijoo qabachuu qabu osoo hin qabatiin bira darbee kan hin qulqulleessine yoo ta'e kanuma ibsuun qabxiin gadi deebisuu Manni Murtii jalaa ragaa dhagahuun Mana Murtii ol'iyyannootti akka deebisu qajeelchuu,
(sdfhh kwt.343)
B) Manni Murtii dakaa ragaa dhagahuun irra ture sababa malee dhagahuu kan dhabe yoo ta'e, Manni Murtii ol'iyyata dhagahu ofiisaatii ragaa dhagahuu,
(sdfhh kwt.345)
C) Murtii haqaa kennuudhaaf ragaan jiru gahaa yoo ta'uu baate, Manni Murtii ol'iyyannoo dhagahu ragaa dhagahuu,
(sdfhh kwt.345).
9) Manni Murtii dhimmicha ol'iyyannoon ilaalee falmii dhagahee ykn ragaa erga dhagaheen booda Murtii jalaa cimsu ykn diiguu ykn fooyyeessuu ni danda'a,
(sdfhh kwt.348(1)).
9) Murtii Mana Murtii jalaa diiguu ykn fooyyeessuu kan danda'u dogongora bu'uuraa murticha jijjiiru yoo arge qofaadha.

OL'IYYANNOO DHIMMA YAKKAA:
A) Himataan dhuunfaa ykn Abbaan Alangaa murtii himatamaa bilisaan gaggeessuu ykn adabbiin yakkaa kenname gahaa miti jechuun ol'iyyannoo gaafachuu ni danda'a.
B) Namni murtiin balleessummaa irratti kennamee fi Murtii adabbii kenname irratti ol'iyyannoo gaafachuu ni danda'a.
C) Himatamaan yakka ittiin himatame guutummaan guutuutti amanee bu'uura amantaa isaatiin murtiin balleessummaa erga murtaa'een booda hangi adabbii ykn adabbiin kenname deeggarsa seeraa kan hin qabne yoo ta'e malee Murtii balleessummaa kenname irratti ol'iyyannoo gaafachuu hin danda'u,
(sdfy kwt.181(1)).
D) Haata'u malee Manni Murtii dhimmicha jalqaba ilaale himatamaan himannaa Abbaa Alangaa guutumaan guutuutti osoo hin amanin osoo ragaa dhagahuu qabu hin dhagahiin himatamaan amane jechuun murteesse irratti komii ol'iyyannoo yoo gaafate, komiin kun ifaan galmee keessatti kan mul'atu yoo ta'e, Manni Murtii ol'iyyannoo dhagahu dhimmicha ilaalee Murtii Mana Murtii jalaa diiguun dhimmicha irratti ragaan dhagahamee Murtii itti fakkaate akka kennu Mana Murtii jalaatti deebisuu ni danda'a.
https://t.me/Ijooseera
Raawwii murtii ilaalchisee SDFHH kwt, 389 yoom raawwatama? Hidhaan hanga baatii jahaa jedhamuun tumame adabbii gochaa yakka raawwii murtii gufachiisuu ykn danquuti moo turtii toohannaa/hidhaa siviilii MAI dhibaawaa otuu dandeettii qabuu fi raawwachuu danda’u beekaa raawwii didu ykn danqu ykn gufuu uumu akka dirqamee raawwatu taasisuutidha? MMWF Dhaddachi Ijibbaataa murtii galmee lkk, 63754 ta’e irratti kennuun jiildii 11ffaa  keessatti maxxanfamuu argamuun kwt, 389 akka adabbii gochaa yakka ajaja raawwii diduu ykn gufachiisuutti xiinxaluun murteessuu isaa qabiyyeen murtichaa irraa kan hubatamudha. Akkas yoo ta’e immoo tumaan Seericha kwt, 389 raawwii idaa mallaqaa qofaaf otuu hintaane raawwii murtii kamiiyyuu keessatti MAI raawwicha danqe ykn gufuu itti ta’e ykn qabeenya/wanta raawwiif sababa ta’e miliqsuuf yaale ykn miliqse kamiiyyuu irrattis raawwatiinsa qaba jedhuu fakkaataa. Haata’u malee kaayyoo tumaa kwt ,389 hidhaa adabbii yakkaa otuu hintaane MAI sababa gahaa malee raawwii dide ykn danquu yaale ykn gufuu ta’uu danda’u iyyannoo MAMn dhiyaatu bu’ura gochuun gaaffii fi baasii MAMtiin toohannoo siviilii hanga ji’a jaha gahu jala akka turu sirna raawwii murtii dandeessisu akka ta’e SDFHH biyya Hindii fi qabatama MM biyya sanaa irraa nihubatama. Akka seera biyya keenyaattis tumaan SDFHH kwt, 389 tumaalee kwt, 386 fi 387 waliin walqabatee kan raawwatamuu fi innis MAI dhibaawaa fi dabaa dirqamsiisuuf kan yaadame malee tumaa adabbii yakkaa akka hintaane ifaan kan hubatamu waan ta’eef tarii murtiin Dhaddacha Ijbata ifa yoo ta’uu baateeyyuu bifa kanaan otuu hubatamee gaariidha.

https://t.me/Ijooseera
👍1
☞Hojjataan hojiirraa gaggeeffame gaaffii hojiitti deebi'uu dhiffachuu kan danda'u waliigalteen guyyaa addaan citeerraa eegalee yeroo ji'a sadii keessatti dhiyeeffachuu qaba (keewwata 163 (2)).
☞Kanfaltiin mindaa, kan hojii yeroo dabalataa, ykn kanfaltii kamuu hojjataan gaafatamu guyyaa waliigalteen hojii addaan citee kaasee yeroo ji'a jahaa keessatti qofa gaafatamuu danda'a (keewwata 163 (3) (4).
Falmii hojii irratti murtiin erga kennameen booda ol'iyyanni ijibbaataatti guyyoota 90 keessatti dhihaachuu qaba,ji'a sadi booda immoo ol'iyyanni ijibbaataatti gaafachuu hin danda'amu.

6️⃣. 𝑺𝒆𝒆𝒓𝒂 𝑫𝐄𝐄M𝐒𝐀 #FALMII 𝐇𝐀𝐑𝐈𝐈𝐑𝐎𝐎 𝐇𝐀𝐖𝐀𝐀𝐒𝐀𝐀

➠Abbaan mirgaa qabeenya irratti erga murtiin kennameen booda waggaa 10 keessatti akkaataa murtiitiin akka raawwatamuuf yoo hin gaafanne yookiin iyyata raawwii yoo hin dhiheeffanne waggaa 10 booda akkaataa murtiitiin akka raawwatamuuf gaafachuu hin danda'u,sdfhh keewwata 384.

➠Sirna ariirii irratti ol'iyyannichi murtiin erga kennamee kaasee guyyaa 10 keessatti dhihaachuu/gaafatamuu qaba.Yeroo seerri kaa'e keessatti ol'iyyanni yoo hin gaafatamne yeroon darbinaan ol'iyyannisaa fudhatama hin qabu.

➠Murtiin yookiin ajajni bakka ani hin jirretti kenname akka naaf ka'u jedhamee gaafatamu,erga murticha yookiin ajajicha beekee kaasee guyyoota 30 keessatti yoo iyyata hin dhiheessine Baatii tokko booda dhiheessuu hin danda'u,sdfhh keewwata 78(1).

➠Dhimma hariiroo hawaasaa irratti murtiin erga kennameen booda ol'iyyanni guyyoota 60 keessatti yoo hin dhihaanne(hin gaafatamne) ji'a lama(2) booda ol'iyyannoo dhiyeeffachuu hin danda'u,sdfhh keewwata 323(1).Yoo hayyamsiisni kennameef malee.

https://t.me/Ijooseera
#AANGOO_FI_HOJII__ABBAA_ALANGAA_NAANNOO_OROMIYAA_SADARKAA_HUNDA
✍️ Biiroon Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa Aangoo fi hojii Labsii Lakk.214/2011 fi Labsii kana Fooyyeessuuf kan Bahe Labsii Lakkoofsa 236/2013 tiin akkasumas bu’uura seerota birootiin kennameefiin aangoo fi hojii armaan gadii akka qabu ni hubatama. Aangoowwan kunniinis:
Labsii 214/2011 Keewwata 7(1-51)

1) Sirni Heeraafi seeraa akka kabajamuufi olaantummaan seeraa akka mirkanaa'u ni
taasisa; qaama dhimmi ilaalu waliin ni hojjata;

2) Imaammata sirna haqa yakkaa biyyaalessaa hojiirra ni oolcha; hojiirra akka oolu ni taasisa; qaama dhimmi ilaalu waliin ni hojjata;

3) Qaama dhimmi ilaallatu waliin haala tarsiimoon ittisa yakkaa naannicha keessatti
hojiirra itti oolu ni mijeessa; ni qindeessa; hojiirra oolmaa isaa ni hordofa;

4) Seerotni bahan hojiirra ooluufi hojiirra oolmaan isaaniis wal fakkaatinsa kan qabu ta'uu ni mirkaneessa;

5) Dhimma seeraa irratti gorsaa olaanaafi bakka bu'aa mootummaa naannichaa ta'ee ni hojjata;

6) Manneen hojii qaama raawwachiistuu mootummaa Naannichaa hojii isaanii bu'uura seeraatiin raawwachuu isaanii ni mirkaneessa;

7) Mirgootaafi bilisummaawwan bu’uuraa lammiilee heeraafi seeraan eeggaman kabajamuu isaanii ni mirkaneessa;

8) Seerota biraatiin aangoon Poolisiif kenname akkuma eegametti ta’ee, dhimmoota yakkaa aangoo Mana Murtii Naannichaa ta’an, akkasumas dantaa mootummaafi ummata Naannichaatiin walqabatee Magaalaa Finfinnee keessatti raawwataman irratti barbaachisaa ta’ee bakka argametti qorannoon yakkaa akka jalqabamu ni taasisa; qorannoo yakkaa gaggeeffamu ni hooggana; ni hordofa; faayidaa ummataa bu’uura godhachuun yookiin dhimmichi yakkaan kan hin gaafachiisne ta’uun ifatti yammuu beekkame qorannoon jalqabame akka addaan citu yookiin qorannoon yakkaa addaan citee ture akka itti fufu ni taasisa;

9) Yakkoota ciccimoo yookiin yakkoota malaammaltummaa yookiin yakkoota dantaa ummataafi mootummaa ta’an yookiin yakka taaksii irratti raawwatamu poolisii waliin ni qorata; barbaachisaa ta’ee yoo argame yakkoota biroos Poolisii waliin ni qorata; raawwiin isaa Dambii bahuun kan murtaa’u ta’a;

10) Manneen Hojii Mootummaa yookiin Dhaabbilee Misoomaa Mootummaa yookiin Jaarmiyaalee Ummataa keessatti yakka malaammaltummaa hojjetaa yookiin Abbaa Taayitaa isaanii yookiin namoota kan birootiin raawwatamuu isaa eeruun yoo isa dhaqqabu yookiin shakkii gahaa kan qabu yoo ta’e Poolisii waliin ni qorata; akka qoratamu ni taasisa; tarkaanfii barbaachisaa ta’e ni fudhata; akka fudhatamu ni taasisa;

11)  Aangoofi hojii mana hojichaatiin walqabatee qorannaa, himannaafi adeemsa murtii yakka malaammaltummaa gufachiisuuf yakkoota nama kamiinuu raawwatamuu isaa eeruun yammuu isa gahu yookiin shakkii gahaa kan qabu yoo ta’e Poolisii waliin ni qorata;

12)  Yakkoota malaammaltummaa seera yakkaa yookiin seerota biroo keessatti tumaman yookiin gochoota yakkaa Labsii kanaan dhorkamaniin walqabate eeruun yoo isa ga’e yookiin shakkii gahaa kan qabu yoo ta’e sirna dhoksaatiin yookiin haala mijaahaa diriirsuudhaan mala adda addaatti fayyadamuun poolisii waliin odeeffannoo yookiin eeruu ni sassaaba; akka sassaabamu ni taasisa; murtii barbaachisaa ni kenna; ni kennisiisa;

13)  Faayidaa yookiin bu’aa yakka malaammaltummaatiin argame filannoo yookiin tooftaa adda addaatti fayyadamuun akka deebi’u ni taasisa; ni himata; ni falma, ni deebisisa; ni dhaalchisa, himanni yakka malaammaltummaatiin dhiyaate yookiin yakkoota malaammaltummaa adeemsa qorannaarra jiran falmii himannaatiin ala akka xumuramu ni taasisa; raawwiin isaa Dambii bahuun kan murtaa’u ta’a;

14) Qorannaa yakka malaammaltummaa ciccimootiin walqabatee bu’uura seera sirna deemsa falmii yakkaa yookiin seerota biroo rogummaa qabaniin mooraa nama kamiiyyuu yookiin mana jireenyaa yookiin iddoo hojii yookiin konkolaataa yookiin qabeenya biroo kamiiyyuu akkaataa barbaachisummaa isaatti akka sakatta’amu ni taasisa; ni hordofa; to’annaa jala akka oolu ni taasisa;
https://t.me/Ijooseera
1