BEEKSISA!

Beeksisa Abbaa Alangaa Godinaa fi Aanaa jijjiirraa Magaalotaaf Dorgomanii;

Biroon Abbaa Alangaa woliigala Oromiyaa hanqina humna Abbaa Alangaa Bulchiinsa Magaalaa Shaggar, Adaamaa, Bishooftuu fi Shaashamannee irratti qabu furuuf jecha beeksisa dorgommii jijjiirraa gaafa 9/3/2017 baasuudhaan  Abbootii Alangaa Godinaa fi Aanaa ulaagaa seeraan taa'e guutanii argaman galmeessaa turuun isaa ni yaadatama. Haaluma kanaan dorgomtoota galmaa'an kanneennen maqaan keessan armaan oliitti caqasamtan qormaata barreeffamaan 40% keessaa keennamu akka fudhattan calalmtanii jirtu.

#Yeroo👉 Gaafa 22/5/2017 Ganama keessaa 3:00 irratti

#Bakka qormaataa👉 ILQSO

#Biiroo Abbaa Alangaa Woliigala Oromiyaa
ብርሀን ኢንሺራንስ አዲስ የስራ ማስታወቂያ

Deadline: January 28, 2025

Berhan Insurance would like to invite potential candidates who fulfill the job requirement for the following post.

✔️ Position 2: Legal Aid
💎 Position 3: Legal Officer I

❇️
Qualification: College Diploma / Degree Law, Accounting or related fields

🔻Location : Addis Ababa

🌀 How to Apply  ??
   👇👇👇👇👇👇👇
https://dailyjobsethiopia.com/2025/01/20/berhan-insurance-job-vacancy-2025-2/

Share with your friends
👍1
Forwarded from ⛤ Karam Tamaam ⛤
Beeksisa Qacarrii Abukaatoo ittisaa fi Ofisera seeraa
*Dhimma kaffaltii tajaajila(service charge) hojii mirkaneessaa fi galmeessa sanadootaa ilaalchisee.**
✍️Sanadni Waajjira Abbaa Alangaatti mirkanaa'u hunduu koppii sadiin(Bu'uura Maanuwaalii Daayirektoreetii Mirkaneessaa fi Galmeessa Sanadoota BAAWOtiin)kan dhiyaatu ta'ee akkaataan kaffaltii isaa akka armaan gadiitti ta’a.
✍️Bakka bu'ummaa bulchiinsaa  akkaataa SHH kewt. 2204 kennamu  kooppiin tokko dhibba lama  200x3= 600 fi taarifni qaraxa teembiraa qarshii 35 kanaan dura kaffalamu akkuma jirutti ta'a. Kanaafuu qarshii 635 ta'a jechuudha                                                                                            
✍️Bakka bu'ummaa addaa ilaalchisee  akkaataa SHH kewt. 2205  kennamu  kooppiin tokko dhibba afur  400x3= 1,200 fi taarifni qaraxa teembiraa 35 kanaan dura kaffalamu akkuma jirutti ta'a. Kanaafuu qarshii 1235 ta'a jechuudha.
✍️Bakka bu'ummaa Abukaatoo akkaataa SDFHH kewt. 57 kennamu kooppii tokkon dhibba lama yoo ta'u 200x3=600 fi qarata teembiraa abbaa 35 kan kaffalamu ta'ee. Walitti qarshii 635 ta'a jechuudha. Kanumaan walqabatee Waliigalteen maamilaa fi abukaatoo kooppii sadiin kan dhiyaatu ta'ee Kaffaltiin Tajaajila Hojii Mirkaneessaa fi Galmeessa Sanadootaa bu’uura Qajeelfama Kaffaltii Tajaajila Hojii Mirkaneessaa fi Galmeessa Sanadootaa Biiroo Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa Murteessuuf bahe Lakk. 24/2016 Miiltoo 1ffaa Kaffaltii ibsu Kewt. 10 (3) tiin Tarree Waliigalteewwan biroo jedhu jalatti kooppiin tokko dhibba afur  400x3= 1,200 fi qaraxa teembara abbaa qarshii 5 kan mirkanaa'u ta'a. Kanaafuu walitti 1840 ta'a jechuudha.
✍️Bareeffama hundeeffamaa waldaa shaarikummaa kooppiin tokko dhibbaa afur yoo ta'u, 400x3=1200 fi kaffaltii teembiraa kanuma duraan ture qarshii 350 yoo ta'u waliigalatti qarshii 1,550 kaffalama.
✍️Barreeffama hundeeffamaa waldaa dhuunfaa I/G isaa murtaa'ef kooppiin tokko dhibba 600 yoo ta'u, 600x3=1800 fi kaffaltii teembiraa qarshii 350 yoo ta'u waligalattii qarshii 2,150 ta'a
Horaa Bulaa Deebanaahttps://t.me/+WFtd-XXoYGk1ZTNk 👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇
https://facebook.com/groups/1071018180580563/?mibextid=rS40aB7S9Ucbxw6v
1
𝐌𝐮𝐫𝐭𝐢𝐢 𝐃𝐡𝐚𝐝𝐝𝐚𝐜𝐡𝐚 𝐈𝐣𝐢𝐛𝐚𝐚𝐭𝐚𝐚 𝐇𝐚𝐚𝐫𝐚𝐰𝐚 𝐇𝐢𝐧 𝐌𝐚𝐱𝐱𝐚𝐧𝐟𝐚𝐦𝐢𝐧 𝐆𝐚𝐥𝐦𝐞𝐞 𝐋𝐚𝐤𝐤𝐨𝐨𝐟𝐬𝐚 273144 𝐈𝐫𝐫𝐚𝐭𝐭𝐢 𝐌𝐢𝐫𝐠𝐚 𝐖𝐚𝐛𝐢𝐢 𝐈𝐥𝐚𝐚𝐥𝐜𝐡𝐢𝐬𝐮𝐮𝐧 𝐊𝐞𝐧𝐧𝐚𝐦𝐞
♦️Dhaddachi ijibaataa mana murtii waliigala federaalaa galmee lakkoofsa 273144 ta'e irratti dhaddacha gaafa 21/4/2017 ooleen himatamaan bu'uura SDFY keewwata 67 (c) ttiin yoo mirga wabiitiin bahe ragaa balleessa jedhani  mormuun mirga wabii kan dhoorgisiisuu danda'u osoo ragoonni waajjira poolisiiti dhiyaatanii jecha ragummaa isaanii hin kennin dura malee erga galmee qorannoo xumuramee himannaan yakkaa mana murtiiti banamee booda miti jechuun murtii dirqisiisaa kannee jira.

♦️Erga galmeen qorannoo xumuramee himanni baname booda sababa raga balleessa jedhamee mormameef mirga wabii himatamaa dhoorkuun mirga heerri mootummaa namni kamiyyuu murteen dura akka nama qulqulluutti ilaalamuu qaba jechuun ka'een kan walitti bu'uudha jechuun dhaddachi ijibaataa murtii galmee kana irratti bal'inaan kanneen ibsee jira.
Ijoo seeraa kana hiriyoota keessanif share godha 👉👉👉👉👉👉👉👉👉👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇
𝐁𝐚𝐫𝐧𝐨𝐨𝐭𝐚 𝐬𝐞𝐞𝐫𝐚𝐚 𝐟𝐢 𝐨𝐝𝐞𝐞𝐟𝐚𝐧𝐧𝐨𝐨 𝐝𝐡𝐢𝐦𝐦𝐨𝐨𝐭𝐚 𝐬𝐞𝐞𝐫𝐚𝐚𝐭𝐢𝐢𝐧 𝐰𝐚𝐥𝐪𝐚𝐛𝐚𝐭𝐚𝐧 𝐤𝐚𝐦𝐢𝐲𝐲𝐮𝐮 𝐢𝐭𝐭𝐢 𝐟𝐮𝐟𝐢𝐧𝐬𝐚𝐚𝐧 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐜𝐡𝐮𝐮𝐟 𝐭𝐨𝐨𝐫𝐚 𝐭𝐞𝐥𝐞𝐠𝐢𝐫𝐚𝐚𝐦𝐢𝐢 𝐤𝐞𝐞𝐧𝐲𝐚 𝐤𝐚𝐧𝐚 𝐣𝐨𝐢𝐧 𝐠𝐨𝐜𝐡𝐮𝐧 𝐧𝐮 𝐡𝐨𝐫𝐝𝐚𝐟𝐚𝐚.
👉https://t.me/+WFtd-XXoYGk1ZTNk
𝐏𝐞𝐞𝐣𝐢𝐢 𝐅𝐚𝐜𝐞𝐛𝐨𝐨𝐤 𝐤𝐞𝐞𝐧𝐲𝐚𝐚 𝐁𝐚𝐫𝐧𝐨𝐨𝐭𝐚𝐚 𝐟𝐢 𝐨𝐝𝐞𝐞𝐟𝐚𝐧𝐧𝐨𝐨 𝐝𝐡𝐢𝐦𝐦𝐨𝐨𝐭𝐚 𝐬𝐞𝐞𝐫𝐚𝐚𝐧 𝐰𝐚𝐥𝐪𝐚𝐛𝐚𝐭𝐚𝐧 𝐤𝐚𝐦𝐢𝐲𝐲𝐮𝐮 𝐛𝐢𝐥𝐢𝐬𝐚𝐧 𝐢𝐫𝐫𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐚𝐧 𝐥𝐢𝐢𝐧𝐤𝐢𝐢 𝐚𝐫𝐦𝐚𝐚𝐧 𝐠𝐚𝐝𝐢𝐢 𝐤𝐚𝐧𝐚 𝐢𝐫𝐫𝐚𝐭𝐭𝐢 𝐜𝐮𝐪𝐚𝐚𝐬𝐮𝐮𝐧 𝐣𝐨𝐢𝐧 𝐠𝐨𝐝𝐡𝐚𝐚👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇https://www.facebook.com/61571397566359/posts/122108914412713252/?mibextid=rS40aB7S9Ucbxw6v
Forwarded from ⛤ Karam Tamaam ⛤
moojulii dhimma yakka.pdf
1.2 MB
Yakkoota Bilisummaa fi Qulqullummaa Saalaa Irratti Raawwataman, Yakkoota Miidhaa Qaamaa, Yakkoota Dachaa fi Adabbiiwwan Isaanii: Seeraa fi Hojimaata Naannoo Oromiyaa- Moojulii Leenjii Hojiirraa Yeroo
Forwarded from Muhammedteyib Nure:Judge
Hiikoo_Seeraa_Dhaddacha_Ijibbaataa_MMWO_Haarawa_gara_Afaan_Oromootti.pdf
1.2 MB
Hiikoo Seeraa Dhaddacha Ijibbaataa MMW Federaalaa Haarawa gara Afaan Oromootti hiike.pdf
Kumalaa Firrisaatiin kan barreeffame.🙏🙏

Hojiiwwan Sanada Mirkaneessuu Hojiiwwan Akkamii
of Keessatti Qabata?

@@@@@@@

#Mirkaneessa_Sanada/Authentication_ Documents***
Hojiiwwan Sanada Mirkaneessuu(Authentication Activities)*
Hojiiwwan Sanada Mirkaneessuu labsii Lakk. 922/2008 kewt. 8 jalatti kan tareeffaman yoo ta'u kanneen armaan gadii dabalata
✍️ Sanadoota Mirkaneessuu
✍️ Garagalchi Sanadootaa sanada haadhoo waliin walfakkaachuu isaa raggaasisee mirkaneessuun galmeessuu
✍️ Jecha Kakuu fi mirkannoowwan jecha kakuutiin deeggaraman fuudhuu
✍️Abbaan dhimmaa yoo gaafate ykn akkuma barbaachisummaa isaatti saamuda mallattaa fi ykn chaappaa qabuu/eeguu
✍️ Seerummaa Sanadoota mirkanaa'uuf dhiyaatanii mirkaneeffachuu
✍️ Dandeettii, mirgaa fi aangoo namoota sanada mirkanaa'uuf dhiyaatu irratti mallatteessanii ykn mallatteessuuf jedhanii mirkaneeffachuu
✍️ Waliigalteewwan mirga Abbaa qabeenyummaa qabeenyota waraqaan ragaa Abbaa qabeenyummaa hojjetamuuf dabarsuuf dhiyaatanii ilaalchisee
_ mirga dabarsaan qabeenyicha isa dabarfamuufitti dabarsuuf qabuu fi
_ qabeenyichi wabummaan ykn qabsiisaan kan hin qabamnee fi ajaja mana murtiitiin kan hin dhorkamne ta'uu mirkaneeffachuu
✍️ Maddi Sanadoota dhiyaatanii qaama rogummaa qabu irraa ta'uu qulqulleeffachuu
✍️ Waayee Sanadoota mirkanaa'anii fi galmaa'anii qaama aangoo qabuun ykn rogummaa qabuun yeroo gaafatamutti ragaa kennuu fi gochoota walfakkaatoo biraa raawwachuudha.https://
t.me/+WFtd-XXoYGk1ZTNk

   Geetachoo sisaay .
https://www.facebook.com/61571397566359/posts/122108914412713252/?mibextid=rS40aB7S9Ucbxw6v
 https://t.me/Ijooseera
Kumalaa Firrisaatiin kan barreeffame.🙏🙏 Hojiiwwan Sanada Mirkaneessuu Hojiiwwan Akkamii of Keessatti Qabata? @@@@@@@ #Mirkaneessa_Sanada/Authentication_ Documents*** Hojiiwwan Sanada Mirkaneessuu(Authentication Activities)* Hojiiwwan Sanada Mirkaneessuu…
Bakka bu’iinsa Falmii diiggaa gaa’ilaa
…………………………….
Bakka bu’iinsi falmii diiggaa gaa’ilaa ni danda’amaa?  DhIjMMWF Jiildii 23ffaa LGMM 150408 ta’e irratti murtii dirqisiisaa kennee jira.
Xiinxalli isaas “Gaa’ila raawwachuuf haala addaatin bakka bu’iinsan akka danda’amu osoo seerri hayyamuu gaaffii diiggaa gaa’ilaa Manni Murtii falmii dhirsaa fi niitii yeroo ilaalutti akkuma haala dhimmichaatti barbaachisaa ta’ee yoo argame dhirsaafi niitii bakka tokkotti ykn kopha kophaatti yeroo haasofsiisu ykn dhimmicha yeroo qoratuu fi ragaa yeroo dhaga’u dhaddacha cufaadhan ilaala isa jedhu tumaa seera maatii Federaalaa kwt.110 caqasuudhan gaa’ilaa fi diiggaan bakka bu’iinsan hin danda’amu jedhamuun falmiin dhiyaatu fudhatama hin qabu. Sababni isaa manni murtii walfuutota qaaman kan haasofsiisu barbaachisaa ta’ee ennaa arge malee dirqama dubbisuu akka qabu kan tumu akka hin taane  fi gaa’illi abbaanan /agent/ raawwatamuu akka qajeeltootti kan hin danda’amne ta’us walfuutota keessaa tokko gaa’ila raawwachuuf  haala nama hin shakkisiisneen ibsuudhan fuula fi fuulatti argamuuf ykn dhiyaachuuf kan isa hin dandeessifne sababa cimaan yoo isa mudate dhimmichi Ministeera Haqaatti dhiyaatee yoo mirkanaa’e gaa’ila karaa abbaanaa raawwachuun akka danda’amu ifatti Seera maatii Federaalaa fooyya’e kwt.12 jalatti tumameera. Kana ta’ee qabiyyeen ragaa bakka bu’iinsaa  bu’uura S/D/F/H/H kwt.58 fi S/H/H kwt.2199 tin bakka bu’aan diiggaa dabalatee dhimmoota kamiiyyuu bakka bu’ee falmuu fi ogeessa seeraa biraa bakka buusuu akka danda’u sanada bakka bu’iinsaa irratti ifatti kan ibse yoo ta’e diiggaan bakka bu’iinsaan hin gaafatamu jedhamee dhorkamuu hin qabu”.
Guduunfaa:
Gaa’ila raawwachuuf bakka bu’iinsi akkuma danda’amu diigufis bakka bu’iinsi ni danda’ama
http://t.me/+WFtd-XXoYGk1ZTNk

!https://www.facebook.com/61571397566359/posts/122108914412713252/?mibextid=rS40aB7S9Ucbxw6v
👍1
Qabiyyee/Lafa baadiyyaa irratti wal falmii ka’u qaamni mootummaa Federaalaa keessatti hirmaatus ykn qabeenya mootummaa federaalaa ta’us yookiin wal falmitoonni jiraattota naannolee garagaraa yoo ta’anis dhimmicha sadarkaa jalqabaan ofitti simatee ilaaluun murtii kennuuf  Aangoo hundee dubbii kan qabu Mana Murtii Aanaa qabiyyeen sun keessatti argamudha jechuun Manni Murtii Waliigalaa Federaalaa Dhaddachi Ijibbaataa galmee lakk 246305  ta’e dhaddacha gaafa Mudde 25/2016 ooleen (kan hin maxanfamne) irratti murtii fi hiikoo seeraa dirqisiisaa kenneera.

Akkaataa Labsii 1234/2013 kewt.5(1)(f,g,h) jalatti tumamee jiruun, falmii dhimmoota qaamni mootummaa federaalaa keessatti hirmaate yookiin qabeenya mootummaa federaalaa ta’e yookiin qaama Mootummaa Federaalaatti galmaa'e, yookiin dhimmoota jiraattota Naannolee adda addaa jiraatan gidduutti wal falmii ka’u yookiin wal falmii jiraattota naannolee fi Magaalaa Finfinnee jiraatan gidduutti falmii ka’u ilaaluuf  aangoo kan qabu Manneen Murtii Federaalaa akka ta'e tumamee jira.

Dhimmi kun keessaawuu, dhimmi wal falmii jiraattota Naannoo Oromiyaa fi magaalaa Finfinnee gidduutti wal falmii ka’u ilaalchisee hiikkoo Heeraatiif qajeelfamee kan jiru fi murtii /fala xumuraa kan hin arganne ta’uun ni beekkama.
Haata’u malee, Dhimma MMWF/Dh/Ijibbaataa Galmee Lakk. 246305  ta’e dhaddacha gaafa 25/4/2016 ooleen murtii fi hiikkoo seeraa dirqisiisaa kenname kanaan immoo dhimma wal falmii qabiyyee lafa baadiyyaa irratti ka’u ilaalchisee Manni Murtii dhimmicha sadarkaa jalqabaatiin ilaalee murtii kennuu danda’u (Aangoo hundee dubbii kan qabu) Mana murtii Aanaa qabiyyee/lafti sun keessatti argamudha jechuun murtii kennee jira.
Dhimmichi falmii lafa baadiyaa naannoo Amaaraatii ka'e ilaalchisee murtii kenname yoo ta’u, akkaataa Heera Mootummaa kewt. 51(5) tiin Lafaa fi qabeenya uumamaa irratti seera baasuun aangoo Mootummaa Federaalaa akka ta’e tumus, akkaataa Heericha kewt.52(2d) tiin Lafaa fi qabeenya uumamaa bulchuun aangoo naannoleef kenname akka ta'e, naannon immoo seera mootummaa federaalaan bahe irratti hundaa'uun seera lafaa fi qabeenya uumamaa ittiin bulchu baasee, seera ofii baaseen wal dhabbiin yeroo uumamu qaama dhimmicha ilaalee furmaata kennu hanga kaa'etti aangoon kan qaama seera naannotiin aangeffame ta'a malee sababa teesson wal falmitootaa naannoo gara garaa ta'eef ykn galmaa'aa ykn qaama mootummaa federaalaa ta'eef dhimmichi dhimma federaalaa kan ta'uu miti jechuun murtii kenneera

.https://www.facebook.com/61571397566359/posts/122108914412713252/?mibextid=rS40aB7S9Ucbxw6v
1