Wixinee Labsii Daldaala Bu'aawwan Boba'aa Murteessuuf qophaa'e, kan marii Paarlaamaaf dhiyaate.
Forwarded from ⛤ Karam Tamaam ⛤
petroleum marketing proclamation amharic.pdf
366.7 KB
Wixinee Labsii Daldaala Bu'aawwan Boba'aa Murteessuuf qophaa'e, kan marii Paarlaamaaf dhiyaate.
👍1
#Murtii haaraa (MMWFDH L.G 269430 gaafa 29/2/2017 fi 233903(hin maxxa.)- Haala Raawwii dhoorkaa mirga wabii SdFY kwt 67(a)
#Lak.gal.233903 ta'erratti Sababa iddoo garaagaraa jiraachuu himatamaa/Shakkamaa ilaalchisee"Himatamaan/Shakkamaan teessoo dhaabbataa waan hin qabneef dirqama wabii kabajee hin dhiyaatu jechuun Mirga wabii dhorkachuun "Mirga lammiileen daangaa biyyatti keessatti filatanii jiraachuu Heera Mootummaa Rippaabilika Federaalaa Itoophiyaa keeyyata 32,Mirga walqixxummaa lammiilee seera fuuldurattii Keeyyata 25 fi Mirga shakkamaan wabiin to'annaa jalaa ba'ee dhimma isaa hordofachuu keeyyata 19(6) bu'uura godhachuun dhimmi teessoo mirga wabii gaafataa irraa mulquuf sababa ga'aa akka hin taane asgadajii wissaanee Kennesaw!

#Dabalataanis Lak.gal.269430 ta'errattis
👉Manneen Murtii bu'uura SDFY kwt 67(a) tiin himatamaan mirga wabiidhaan yoo bahan dirqama wabummaa isaanii eeganii hin dhiyaatan jechuuf sababoota seera qabeessaa fi gahaa ta'e haaloota naannoo sana jiruun hubachisuun dirqama. Haa ta'u malee manneen murtii haala raawwii yakkicha itti raawwatanii fi ulfaatina isaa caqasuuun bu'uura SdFY kwt 67(a) mirga wabii dhoorkuun sirrii miti.
👉Sababni isaas murtiin balleessummaa osoo isaan irratti hin kennamin dura akka nama qulqulluutti tilmaamamuu isaanii kan tuqu waan ta'eef tilmaamni mana murtichaa sababa seera qabeessa ta'e irratti kan hundaa'e miti jechuun mirga wabii heyyameera.🙏🙏🙏🙏
👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇 miidiyaa Ijoo seeraa kana maatii fi Hiriyoota keessanif share godhaa .https://t.me/+WFtd-XXoYGk1ZTNk
2👍1
Dhoorkiin ka'uuf sababni gahaan jiraachuu qaba!
=============================
Dhimma falmii irra jiru tokko hanga murtiin dhumaa kennamutti dhoorkamee akka turu iyyanni Mana Murtii dhimma haadhoo ilaalaa jirutti dhiyaatee manni murtii iyyata dhiyaate fudhatee qabeenya yookaan maallaqa falmii irratti gaggeeffamaa jiru irratti dhoorkii akka kennu ni beekama. Kunis dhimmicha qaama dhoorkiin akka kennamuuf gaafate dhimmi falmii irra jiru isaaniif kan murtaa'u yoo ta'e  himatamaan murtiin isarratti murtaa'e akka hin raawwatamneef qabeenya qabu miliksuu, qaama 3ffaa dabarsuu, balleessuu, jijjiiruu fi kkf akka hin raawwanne ittisuuf iyyanni yoo dhiyaate manni murtii ajaja dhoorkii kenna. Dhoorkiin mana murtiin kenname kun akka ka'uuf himatamaan iyyata dhiyeeffachuu ni danda'a! Manni Murtii dhoorkii kennee ture akka ka'uuf iyyanni yoo dhiyaate dhoorkii kana haala kamiin kaasa? Manni Murtii dhoorkii akka ka'u iyyanni dhiyaateef, qaamni dhoorkii akka ka'uuf iyyata dhiyeesse kun sababa dhoorkiin akka ka'uuf gaafate ifa gochuudhaan sababa gahaa ta'e hanga hin dhiyeessinetti sababni dhiyaate gahaadha jechuun fudhatee dhoorkii kaasuun sirri miti!  Kanaaf Manni Murtii dhoorkii kennee ture kaasuuf sababni gahaan jiraachuu isaa mirkaneeffachuu qaba! Sababa gahaan haala ifa ta'een osoo hin dhiyaatin dhoorkii kennamee ture kaasuun sirrii miti!
👉Sdfhh keewwata 158
👉MMWF,Dh,Ij, Lakk. Gal.196172
👉Jarso Law Box!👉👉👉👉👉👉👉👉👉👉👉👉👉👉👉👉👉👉👉👉👉👉👉👉👉👉👉👉👉👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇https://t.me/+WFtd-XXoYGk1ZTNk🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏
Namni Tokko Mallattoo Waliigaltee Bittaafi Gurgurtaa Qabeenyaa Hin Sochoonee Irra Jiru Kiyya Miti Jedhee Haaluun Isaa (Qofti) Seera Qabeessummaa Waliigaltichaa (Legality of the Contract) Irratti Falmii Kaaseera Ni Jechisiisamoo Hin Jechisiisu??

€€€€€€¥¥¥¥¥€€€€€€€€¥¥¥¥¥¥¥¥¥¥¥¥¥¥

Dhaddachi Ijibbaataa MMWF hiikkoo seeraa dirqisiisaa dhaddacha gaafa 16/03/2001 ooleen Galmee Lakk.35791 ta'e irratti kenne keessatti:

Galmee kana keessatti, namni gurgurataadha jedhame mallattoon kiyya miti jedhee kan haale ta'ullee manni murtii himannichi itti dhiyaate mallattoon kan eenyuu akka ta'e akka qoratamu taasisee, bu'aa qorannoo mallattichi kanuma gurguraataati jedhu irratti hundaa'ee gurgurataafi bitataa gidduu waliigalteen jira jechuun murtii kennee dhaddacha ijibbaataatinis cimeera. Dhaddachi Ijibbaataa murtii mana murtii jalaa wayita cimsu sababa inni kenne "waamamaan mallattoo waliigalticharra jiru haaluun ala seera qabeessummaa waliigaltichaa irratti falmii akka hin dhiyeessine hubanneerra. Manni Murtii jalaas qulqulleeffannaa taasiseen mallattoon waliigalticha irra jiru kan waamamaa ta'uu isaa mirkaneesseera. Falmii tokkichi waamamaan waliigaltee gurgurtichaa irratti kaase ragaadhaan kan mirkanaa'e waan ta'eefidha jedheera.

Dhaddachi Ijibbaataa kun, kanarraas darbee, Manni murtii oliyyannoo dhagahu SHH kwt 1723 caqasuun, gareewwan falmii gidduu waliigalteen bittaafi gurgurtaa bu'aa qabu hin jiru jechuun murtii inni kenne sirrii miti "Manni murtichaa kaka'umsa mataa isaatiin keewwatichi akka raawwatamu taasisuu hin danda'u" jechuun diigeera.
  (Murtichi (Lakk.Galmee) Telegram Channel Abraham Yohannes irraa kan fudhatamedha.👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇
https://t.me/+WFtd-XXoYGk1ZTNk
Qabeenya Dhaalaa Dhoksaan Gurguruu!
================================
Dhaalaan tokko qabeeya waliinii dhaaltotaa tokko haayyama dhaaltotaa malee dhoksaan yoo gurgurate dhaaltotni maali gochuu qabu?
Dhaalaa tokko qabeenya dhaaltotaa kan ta'e mana jireenyaa qabeenya waliinii dhaaltotaa kan ta'e karaa dhoksaa ta'een kaartaa gara maqaa ofii isaa nanneessuun manicha kana nama biraatti ykn qaama 3ffaa dabarsee yoo gurgurate dhaaltonni kan gochuun isaanirra jiraatu nama manicha bitate kana qabeenya dhaalaa haayyama dhaaltota hundaa osoo hin argatin dhoksaan bite waan ta'eef waliin galteen bittaa fi gurgurtaa manaa dhaalaa fi nama mana bitate giddutti taasifame nuuf diigamee manicha harkaan akka nu gahu jedhamanii himachuu hin danda'an. Namni mana bite kun ''good faith'' kan bitate yoo ta'e  isa himachuun hin danda'an. Isaan himachuu  kan qaban dhaalaa haayyama isaanii malee dhoksaan manicha gurgurate. Seerummaan isaan yeroo himata dhiyeessan mana murtii  gaafachuu qabanis dhaalaan dhoksaadhaan mana gurgure kun qarshii mana itti gurgure keessaa gahee keenna akka nuuf qoodu ykn kennuu jechuun gaafachuu qabu!
👉SHH 19960 bahe keewwata1266, 1060(1)
👉MMWF, Dh, Ij l, Jildii 10ffaa Lak,Gal. 41857
👉 Box!https://t.me/+WFtd-XXoYGk1ZTNk
#Adabbii_yakkaa_Labsii_Bulchiinsa_Nyaataa_fi_Qorichaa (1112/2019)#
Namni kamiyyuu oomisha(nyaataa/dhugaatii fi qoricha) too'annoo taasifamu sadarkaan isaa hin eegganne ykn oomisha saamsuu irratti hanqinni akka jiraatu gochuun(misbranding) yookiin fakkeessee hojjachuun kan oomishe,Biyya keessa kan galche,kan kuuse,waliigala kan qoode ykn oomisha tokko tokkoon kan gurgure,karaa kamiinuu ummataaf tajaajilaaf kan dhiheesse,akka raabsamu kan taasise yoo ta'e;hidhaa salphaa #waggaa shan(5) hin caallee fi adabbii maallaqaa #qarshii 200000(kuma dhibba lama) tiin adabama.Labsii 1112/2019 keewwata 67(1);
Hanqina/hir'ina sadarkaa Oomishaa irraa kan ka'een fayyaa namaa ykn lubbuu irratti miidhaa ol'aanaa kan hordofsiise yoo ta'e;namni kamiyyuu hidhaa cimaa #waggaa_torba(7) hin caalleen fi adabbii maallaqaa #qarshii 500,000(kuma dhibba shan) hin caalleen ni adabama
Labsicha keewwata 67(1);
Sababa Qoricha/dawaa keewwata 67(1) jalatti ibsameetiin:
👉A.qaama namaa ykn fayyaa irratti miidhaa Kan geessise yoo ta'e;hidhaa cimaa #waggaa torba(7) hanga kudha shan(15) gahuun fi adabbii maallaqaa qarshii 200,000-300,000 gahuun ni adabama,Labsii keewwata 67(2-A);

👉B.Lubbuu namaa irratti du'a kan hordofsiise yoo ta'e;hidhaa cimaa #waggaa_torba(7) hanga hidhaa cimaa #waggaa_digdama(20) fi adabbii maallaqaa qarshii 300,000 hanga 400,000(kuma dhibba afur gahuun) adabsiisa,keewwata 67(2-b).
Yakka Labsii keewwata 67(1)(2) jalatti caqafaman dagannoodhaan kan raawwate yoo ta'e;hidhaa salphaa hanga #waggaa 3 gahuun fi adabbii maallaqaa qarshii 50,000 gahuun adabsiisa,keewwata 67(3);
Waa'ee eeyyama daldalaa fi galmee seera biraatiin tumaman akkuma jirutti ta'ee,namni kamiyyuu bu'uura Labsii Bulchiinsa Nyaataa fi Qorichaa fi Dambii Labsicha raawwachiisuuf baheetiin galmee,eeyyama gabaa,waraqaa ragaa gahumsa mirkaneessaa ykn hayyama biroo osoo hin argatin,sanada sobaatiin tajaajiluun Oomisha too'annoon taasifamu kan Oomishe ykn gara Biyya keessa kan galche,kan kuuse,waliigala kan raabse/qoode ykn tokko tokkoon kan gurgure ykn karaa kamiinuu hawaasni akka tajaajilamuuf kan dhiyeesse,akka raabsamu kan taasise yoo ta'e;Oomishichi mootummaan dhaalamuun akkuma jirutti ta'ee,hidhaa #waggaa 3 hanga waggaa 5 gahuun fi adabbii qarshii 5000 hanga 100,000 gahuun ni adabama,labsicha keewwata 67(4);
Waraqaa ragaa mirkaneessa gahumsaa osoo hin jiraatin ykn sanada sobaatiin tajaajilamee Oomisha gocha keewwata muraa tokkoo fi lama jalatti ibsameetiin yakkicha raawwatee yoo argame,adabbiin keewwata 67(1) jalatti tumame irratti ni raawwatama,keewwata 67(4);
Namni kamiyyuu Oomisha/nyaataa fi qoricha akkaataa seeraatiin too'annoo taasifamu ilaalchisee galmee argate,eeyyama gabaa,waraqaa ragaa mirkaneessa gahumsaa argate ykn eeyyama biraa garee 3ffaaf dabarsee kan kenne ykn sanadoota kanniin fuudhuuf mirga osoo hin qabaatin kan fuudhee fi kan tajaajilame yoo ta'e;hidhaa cimaa
#waggaa 1 hanga 5 fi adabbii maallaqaa qarshii 10,000 hanga 100,000 gahuun adabama,Labsii keewwata 67(5);
Namni kamiyyuu akkaataa Labsii kanaatiin nama aangoo too'annoo fi hojii fayyaa kennameef akka hin raawwanne sodaachisuun ykn karaa kamiinuu ragaa dhorkame ykn ragaa saamudaa akka hin fudhanne kan taasisee balleesse ykn akka badu taasise,qorannoo gufachiisuuf ragaa sobaa ykn odeeffannoo sobaa kennuun kan dogongorsiise yoo ta'e,akka haala isaatti hidhaa salphaa #waggaa 1 hanga waggaa 5 tiin ni adabama,keewwata 67(6);
Gochichi kan raawwatame qaama too'ataa fayyaa yookiin qabeenya irratti miidhaa qaqqabsiisuun yoo ta'e,akka haala isaatti hidhaa cimaa #waggaa 3 hanga hidhaa cimaa #waggaa_kudha_shan(15) gahuun ni adabama keewwata 67(6);
Namni kamiyyuu ogeessa osoo hin ta'in Qoricha(Dawaa),meeshaa yaalaa ykn Oomisha wal qabatu kan gurgure,nama ogeessa hin taane akka gurguru yookiin akka dhiyeessu kan taasise yoo ta'e,hidhaa cimaa #waggaa 3 hanga hidhaa cimaa #waggaa_torba(7) gahuun fi adabbii maallaqaa qarshii 10,000 hanga 100,000 gahuun ni adabama,keewwata 67(7);https://t.me/+WFtd-XXoYGk1ZTNk
BEEKSISA!

Beeksisa Abbaa Alangaa Godinaa fi Aanaa jijjiirraa Magaalotaaf Dorgomanii;

Biroon Abbaa Alangaa woliigala Oromiyaa hanqina humna Abbaa Alangaa Bulchiinsa Magaalaa Shaggar, Adaamaa, Bishooftuu fi Shaashamannee irratti qabu furuuf jecha beeksisa dorgommii jijjiirraa gaafa 9/3/2017 baasuudhaan  Abbootii Alangaa Godinaa fi Aanaa ulaagaa seeraan taa'e guutanii argaman galmeessaa turuun isaa ni yaadatama. Haaluma kanaan dorgomtoota galmaa'an kanneennen maqaan keessan armaan oliitti caqasamtan qormaata barreeffamaan 40% keessaa keennamu akka fudhattan calalmtanii jirtu.

#Yeroo👉 Gaafa 22/5/2017 Ganama keessaa 3:00 irratti

#Bakka qormaataa👉 ILQSO

#Biiroo Abbaa Alangaa Woliigala Oromiyaa
ብርሀን ኢንሺራንስ አዲስ የስራ ማስታወቂያ

Deadline: January 28, 2025

Berhan Insurance would like to invite potential candidates who fulfill the job requirement for the following post.

✔️ Position 2: Legal Aid
💎 Position 3: Legal Officer I

❇️
Qualification: College Diploma / Degree Law, Accounting or related fields

🔻Location : Addis Ababa

🌀 How to Apply  ??
   👇👇👇👇👇👇👇
https://dailyjobsethiopia.com/2025/01/20/berhan-insurance-job-vacancy-2025-2/

Share with your friends
👍1
Forwarded from ⛤ Karam Tamaam ⛤
Beeksisa Qacarrii Abukaatoo ittisaa fi Ofisera seeraa
*Dhimma kaffaltii tajaajila(service charge) hojii mirkaneessaa fi galmeessa sanadootaa ilaalchisee.**
✍️Sanadni Waajjira Abbaa Alangaatti mirkanaa'u hunduu koppii sadiin(Bu'uura Maanuwaalii Daayirektoreetii Mirkaneessaa fi Galmeessa Sanadoota BAAWOtiin)kan dhiyaatu ta'ee akkaataan kaffaltii isaa akka armaan gadiitti ta’a.
✍️Bakka bu'ummaa bulchiinsaa  akkaataa SHH kewt. 2204 kennamu  kooppiin tokko dhibba lama  200x3= 600 fi taarifni qaraxa teembiraa qarshii 35 kanaan dura kaffalamu akkuma jirutti ta'a. Kanaafuu qarshii 635 ta'a jechuudha                                                                                            
✍️Bakka bu'ummaa addaa ilaalchisee  akkaataa SHH kewt. 2205  kennamu  kooppiin tokko dhibba afur  400x3= 1,200 fi taarifni qaraxa teembiraa 35 kanaan dura kaffalamu akkuma jirutti ta'a. Kanaafuu qarshii 1235 ta'a jechuudha.
✍️Bakka bu'ummaa Abukaatoo akkaataa SDFHH kewt. 57 kennamu kooppii tokkon dhibba lama yoo ta'u 200x3=600 fi qarata teembiraa abbaa 35 kan kaffalamu ta'ee. Walitti qarshii 635 ta'a jechuudha. Kanumaan walqabatee Waliigalteen maamilaa fi abukaatoo kooppii sadiin kan dhiyaatu ta'ee Kaffaltiin Tajaajila Hojii Mirkaneessaa fi Galmeessa Sanadootaa bu’uura Qajeelfama Kaffaltii Tajaajila Hojii Mirkaneessaa fi Galmeessa Sanadootaa Biiroo Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa Murteessuuf bahe Lakk. 24/2016 Miiltoo 1ffaa Kaffaltii ibsu Kewt. 10 (3) tiin Tarree Waliigalteewwan biroo jedhu jalatti kooppiin tokko dhibba afur  400x3= 1,200 fi qaraxa teembara abbaa qarshii 5 kan mirkanaa'u ta'a. Kanaafuu walitti 1840 ta'a jechuudha.
✍️Bareeffama hundeeffamaa waldaa shaarikummaa kooppiin tokko dhibbaa afur yoo ta'u, 400x3=1200 fi kaffaltii teembiraa kanuma duraan ture qarshii 350 yoo ta'u waliigalatti qarshii 1,550 kaffalama.
✍️Barreeffama hundeeffamaa waldaa dhuunfaa I/G isaa murtaa'ef kooppiin tokko dhibba 600 yoo ta'u, 600x3=1800 fi kaffaltii teembiraa qarshii 350 yoo ta'u waligalattii qarshii 2,150 ta'a
Horaa Bulaa Deebanaahttps://t.me/+WFtd-XXoYGk1ZTNk 👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇
https://facebook.com/groups/1071018180580563/?mibextid=rS40aB7S9Ucbxw6v
1
𝐌𝐮𝐫𝐭𝐢𝐢 𝐃𝐡𝐚𝐝𝐝𝐚𝐜𝐡𝐚 𝐈𝐣𝐢𝐛𝐚𝐚𝐭𝐚𝐚 𝐇𝐚𝐚𝐫𝐚𝐰𝐚 𝐇𝐢𝐧 𝐌𝐚𝐱𝐱𝐚𝐧𝐟𝐚𝐦𝐢𝐧 𝐆𝐚𝐥𝐦𝐞𝐞 𝐋𝐚𝐤𝐤𝐨𝐨𝐟𝐬𝐚 273144 𝐈𝐫𝐫𝐚𝐭𝐭𝐢 𝐌𝐢𝐫𝐠𝐚 𝐖𝐚𝐛𝐢𝐢 𝐈𝐥𝐚𝐚𝐥𝐜𝐡𝐢𝐬𝐮𝐮𝐧 𝐊𝐞𝐧𝐧𝐚𝐦𝐞
♦️Dhaddachi ijibaataa mana murtii waliigala federaalaa galmee lakkoofsa 273144 ta'e irratti dhaddacha gaafa 21/4/2017 ooleen himatamaan bu'uura SDFY keewwata 67 (c) ttiin yoo mirga wabiitiin bahe ragaa balleessa jedhani  mormuun mirga wabii kan dhoorgisiisuu danda'u osoo ragoonni waajjira poolisiiti dhiyaatanii jecha ragummaa isaanii hin kennin dura malee erga galmee qorannoo xumuramee himannaan yakkaa mana murtiiti banamee booda miti jechuun murtii dirqisiisaa kannee jira.

♦️Erga galmeen qorannoo xumuramee himanni baname booda sababa raga balleessa jedhamee mormameef mirga wabii himatamaa dhoorkuun mirga heerri mootummaa namni kamiyyuu murteen dura akka nama qulqulluutti ilaalamuu qaba jechuun ka'een kan walitti bu'uudha jechuun dhaddachi ijibaataa murtii galmee kana irratti bal'inaan kanneen ibsee jira.
Ijoo seeraa kana hiriyoota keessanif share godha 👉👉👉👉👉👉👉👉👉👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇
𝐁𝐚𝐫𝐧𝐨𝐨𝐭𝐚 𝐬𝐞𝐞𝐫𝐚𝐚 𝐟𝐢 𝐨𝐝𝐞𝐞𝐟𝐚𝐧𝐧𝐨𝐨 𝐝𝐡𝐢𝐦𝐦𝐨𝐨𝐭𝐚 𝐬𝐞𝐞𝐫𝐚𝐚𝐭𝐢𝐢𝐧 𝐰𝐚𝐥𝐪𝐚𝐛𝐚𝐭𝐚𝐧 𝐤𝐚𝐦𝐢𝐲𝐲𝐮𝐮 𝐢𝐭𝐭𝐢 𝐟𝐮𝐟𝐢𝐧𝐬𝐚𝐚𝐧 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐜𝐡𝐮𝐮𝐟 𝐭𝐨𝐨𝐫𝐚 𝐭𝐞𝐥𝐞𝐠𝐢𝐫𝐚𝐚𝐦𝐢𝐢 𝐤𝐞𝐞𝐧𝐲𝐚 𝐤𝐚𝐧𝐚 𝐣𝐨𝐢𝐧 𝐠𝐨𝐜𝐡𝐮𝐧 𝐧𝐮 𝐡𝐨𝐫𝐝𝐚𝐟𝐚𝐚.
👉https://t.me/+WFtd-XXoYGk1ZTNk
𝐏𝐞𝐞𝐣𝐢𝐢 𝐅𝐚𝐜𝐞𝐛𝐨𝐨𝐤 𝐤𝐞𝐞𝐧𝐲𝐚𝐚 𝐁𝐚𝐫𝐧𝐨𝐨𝐭𝐚𝐚 𝐟𝐢 𝐨𝐝𝐞𝐞𝐟𝐚𝐧𝐧𝐨𝐨 𝐝𝐡𝐢𝐦𝐦𝐨𝐨𝐭𝐚 𝐬𝐞𝐞𝐫𝐚𝐚𝐧 𝐰𝐚𝐥𝐪𝐚𝐛𝐚𝐭𝐚𝐧 𝐤𝐚𝐦𝐢𝐲𝐲𝐮𝐮 𝐛𝐢𝐥𝐢𝐬𝐚𝐧 𝐢𝐫𝐫𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐚𝐧 𝐥𝐢𝐢𝐧𝐤𝐢𝐢 𝐚𝐫𝐦𝐚𝐚𝐧 𝐠𝐚𝐝𝐢𝐢 𝐤𝐚𝐧𝐚 𝐢𝐫𝐫𝐚𝐭𝐭𝐢 𝐜𝐮𝐪𝐚𝐚𝐬𝐮𝐮𝐧 𝐣𝐨𝐢𝐧 𝐠𝐨𝐝𝐡𝐚𝐚👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇https://www.facebook.com/61571397566359/posts/122108914412713252/?mibextid=rS40aB7S9Ucbxw6v
Forwarded from ⛤ Karam Tamaam ⛤
moojulii dhimma yakka.pdf
1.2 MB
Yakkoota Bilisummaa fi Qulqullummaa Saalaa Irratti Raawwataman, Yakkoota Miidhaa Qaamaa, Yakkoota Dachaa fi Adabbiiwwan Isaanii: Seeraa fi Hojimaata Naannoo Oromiyaa- Moojulii Leenjii Hojiirraa Yeroo