Bu'aa Diiggaa gaa'elaa (Effect of divorce)

Abbaan warraa fi haati warraa ergaa wal fuudhan gargar hin bahan jechuu mitii sababaa garagaraatiin gaa'ela isaani karaalee sadeen yeroo darbee isiinif ibseen isaaniis
1.Du'a ykn badiinsa(walfuutota keessaa tokko yoo du'e ykn Mana Murtiitiin murteen badiinsaa yoo kenname) ykn
2.Hir'ina ulaagaa bu'uuraa(fuudhaa fi heeruma raawwachuudhaaf haalaawwan barbaachisaa ta'an keessaa tokko sababa hin kabajamneef gaa'elli Mana Murtiitiin yoo diigame) ykn
3.Hiikkaa(murtii diiggaa gaa'elaa Mana Murtiitiin yoo kenname) dhaan diigaamu danda'aa,garu yeroo diigameeti bu'aale hordoofsisu qaba walii galattii

Diiggaan gaa'ela bu'aalee lama hordoofsisa
1.Bu'aa qabeenya(pecuniary effect)  fi
2.Bu'aa dhunfaa (personal effect)

1.Bu'aa Qabeenya(pecuniary effect)
Bu'aa qabeenya jechuun:- qabeenya walfuutotni gaa'elaan duraafi booda horatan irraatti bu'aa gamaa dhunfaa ykn waliini hordofamuu jechuudha.
Kanaaf gaa'ela kessaatti fi ergaa diigamee boodas bu'aa gamaa kanaan dhufuu iddoo lamatti qoodamee ilaalama
Qabeenyaa dhunfaa fi
Qabeenya walinii jedhamee

1-Bu'aa Qabeenyaa Dhunfaa

Seera Maatii Oromiyaa keewwata 74(2) Wal fuutotni guyyaa gaa'elaa isaani irratti kennaan dhunfaan kennamuuf yookiin erga wal fuudhan booda bifaa dhaamsan argataan akkaa qabeenya dhunfaatti fudhatamaa.
Ergaa wal fuudhan boodas bu'aan qabeenya dhunfaa saniin argamee fi qabeenyi dhunfaa san yoo gurgurames qabeenyuma dhunfaati jedhamaa.kunii raawwatiinsa kan qabaatu qabeenyii gurgurtaan argamee saan akkaa dhunfaa kootti haa anaaf lakkawamuu jedhee mana murtitti iyyatee yoo mirkana'eef qofadha kan san irraa hafee hundii qabeenya waliniiti taaha kana jechuun xaarii dhunfaa isaanitin yookiin waliitin galiin argamuu hundii jechuudha.

Haatii warraa fi Abbaan warraa waligaltee gaa'elaa isaani kessaatti qabeenya dhunfaa fi qabeenya walinii jechuun murteefachuu ni danda'aan. yeroo diiggaan gaa'elaa godhamuu mana murtiif qabeenya dhunfaa isaani akkaa ta'ee ibsuudhan deebisani fudhachuu ni danda'uu.

#Qabeenyaa_Waliinii_Abbaa_Warraa_fi_Haadha_Warraa_Gaa 'ila_Keessatti:

"Qabeenya waliinii" jechuun qabeenya bu'aa fi galii qabeenya dhuunfaa fi waliinii irraa argamu,galii carraaqqii dhuunfaa irraa argamu;gaa'ila keessatti horatame,qabeenya dhuunfaa bu'uura Seera Maatii Oromiyaa keewwata 74(2) tiin argame yoo kan dhuunfaa jedhamee galmaa'een ala,qabeenyi kennaan ykn dhaamsaan argame haala addaatiin yoo kan dhuunfaa ta'uun hin ibsamin fi kan kana fakkaatan jechuudha.

#Dhaddachi_Ijibbaataa_Federaalaa Jildii 17ffaa Lakkoofsa Galmee 95680 ta'een "qabeenyi tokko gaaffii garee tokkoon kan dhuunfaati jedhamee akka mirkanaa'uuf gaafatamee Mana
Murtiitiin yoo raggaasifame(galmaa'ee mirkanaa'e) malee qabeenya isaan itti bulaa fayyadamaa turan qabeenya waliinii abbaa warraaf haadha warraati jechuun Seera Maatii Oromiyaa
keewwata 74(1)(2) waliin wal qabsiisuun murteessee ture.

#Dhaddachi_Ijibbaataa_Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Jildii 8ffaa Lakk.Galmee 37275 ta'een"qabeenyi Manaa gaa'elaan dura horatame tokko gurguramee maallaqa gurgurtaa irraa argameen Manni biroon gaa'ila keessatti yoo bitame Manni haaraa bitame kan dhuunfaa jedhamee hanga Mana Murtiitiin hin mirkanoofnetti qabeenya waliinii ta'a,kan dhuunfaa ta'ee itti fufuuf ykn mirkanaa'uu ykn bifa jijjiirachuu
dhabuudha"jechuun hiikoo kennee ture.

#Dhaddachi_Ijibbaataa Federaalaa jildii 11ffaa Lakk.Galmee 50489 ta'een "qabeenyi abbaa manaa fi haadha manaa keessaa carraaqqii isa tokkootiin argamus qabeenya kan waliinii ta'a"
jechuun murteessee ture.

#Qabeenyi /qarshiin gaa'ila keessatti deeggarsaan argamu qabeenya waliinii abbaa manaa fi haadha manaati jechuun

#Dhaddachi Ijibbaataa Jildii 5ffaa Lakk.Galmee 31430 ta'een fuula 237 irratti murteessee ture.
"Bulchiinsa qabeenya abbaa manaa fi haadha manaa" jechuun qabeenya isaan waliin qaban eeguu,kunuunsuu,galii sassaabuu, gurguruu fi kan kana fakkaatan kan dabalatuudha.

Abbaa warraa fi haati warraa qabeenya waliinii kunuunsuu,eeguu,galii sassaabuu fi gurguruuf mirga walqixa qabu.WFtd
Waamicha Qormaata Afaanii
----------------------
(Sadaasa 13,2017 MMWO,Caffee Araaraa,Finfinnee)-Dorgomtoonni Gargaaraa Abbaa Seeraa kallattiif dorgomaa jirtan,kan maqaan keessan armaan gaditti tarreeffame  qormaata afaaniif waan barbaadamtaniif gaafa  16/3/2017(wixata) magaalaa Adaamaa Mana Murtii Ol'aanaa Godina Shawaa Bahaatti akka argamtan ni beeksifna.
Hub-Argamni  Mana Murtii Ol'aanaa Godina Shawaa Bahaa 'tax' Boole geessu yaabbachuun dhuma irratti bu'amee kan argamu ta'uu ni hubachiifna.