Forwarded from Musa.H.Ⓜ️.Law Room (👾 BITS Musa Hashim🍅Ⓜ️ MEMES)
𝐌𝐮𝐫𝐭𝐢𝐢 𝐃𝐡𝐚𝐝𝐝𝐚𝐜𝐡𝐚 𝐈𝐣𝐢𝐛𝐚𝐚𝐭𝐚𝐚 𝐇𝐚𝐚𝐫𝐚𝐰𝐚
Manni Murtii waliigala federaalaa dhaddachi ijibaataa namni tokko dhaalaa ta'uu isaa yeroo seerri kaa'e keessatti mirkaneeffatullee dhaalli akka qulqullaawu yoo hin gaafanne xalayaa ragaa dhaaltummaa darbiinsa yerootiin kan addaan citu dha jechuun dhaddacha gaafa 6/2/2017 ooleen murteessee jira.
አንድ ሰው ወራሽ ስለመሆኑ ህጉ በሚፈቅደው ጊዜ ቢያረጋግጥም ውርስ እንዲጣራ ካልጠየቀ በይርጋ የሚታገድ ስለመሆኑ እና የወራሽነት ማረጋገጫ የምስክር ወረቀት በጊዜ መያዝ ይርጋን እንደማያቋርጥ የሰበር ውሳኔን በመሻር በሰባት ዳኞች የተሰጠ ውሳኔ ነው።
✍ @musalawyer

S.Y.K.86tiin yaada adabbii salphisu shan qabachuun gulantaa 33ffaa jalatti dhaddacha gaafa guyyaa 26/2/2017 ooleen adabbii isaa fi fakkaattota isaa barsiisuu danda'u hiidhaa ciimaa waggaa 14(kudha afurii) fi adabbii maallaqaa qarshii 20,000n (kuma diigdamiin) adabee jira.
Qindeessaa Garee Kenna tajaajila Abbaa Seerummaa Mana Murtii Ol'aanaa Godina Harargee Bahaa kan ta'an kabajamoo Obbo Ashannaafii Isheetuu dhimmichaan walqabatee yaada kennaniin akka jedhanitti hawaasni keenya gochi gowwoomsaan akkanaa daa'imman miidhaa ulfaataaf kan saaxilu malee faayidaan isaaniif argamsiisu akka hin jirre hubachuun bakka argatti gochoota akkanaa qaama mootummaa isaanitti dhiyoo jirannitti eeruu kennuun saaxiluu fi balaaleeffachuu akka qaban dhaamanii jiru.
Kominikeeshinii Mana Murtii Ol'aanaa Godina Harargee Bahaa https://t.me/+WFtd-XXoYGk1ZTNk

Beeksisa
-------------
(Sadaasa 3,2017 MMWO,Caffee Araaraa,Finfinnee)-
Manni Murtii Waliigalaa Oromiyaa dorgomtoota Gargaaraa Abbaa Seeraa Leenjii ILQSOn boodaa irratti dorgomanii qabxii waliigalaan caalamanii eeggataa ta'anii fi isaanitti aananii jiran kan maqaan isaanii armaan gaditti tarreeffame fedhii isaanii jiddu gala godhchuun gitoota banaa gara garaa irratti muudee hojjachiisuu barbaada.Waan ta'eefis dorgomtoonni maqaan keessan armaan gaditti tarreeffame sadaasa 5, 2017 ganama sa'aatii 3:00 irratti Magaalaa Finfinnee,Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa, Caffee Araaraatti argamutti akka argamtan ni https://t.me/+WFtd-XXoYGk1ZTNk.

Forwarded from Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa
Beeksisa Waamicha Qormaata Barreeffamaa
------------------
(Sadaasa 3,2017 MMWO,Caffee Araaraa,Finfinnee)-Dorgomtoota Gargaaraa Abbaa Seeraa Kallattii irratti dorgoman irratti calalliin gaggeeffamaa turee booda baay'ina dorgomtootaa tilmaama keesa galchuun namoota dorgommiif dhiyaatan daangessuun barbaachisaa ta'ee waan argameef Dhi-(CGPA 3.2fi isaa ol),Dubartoota (CGPA 2.0fi isaa ol fi Qaama Miidhamtoota 2.5 fi isaa ol) qormaata barreeffamaaf akka dhiyaatan murtaa'eera.
Waan ta'eefis dorgomtoonni maqaan keessan armaan gaditti tarreeffame Sadaasa 6,2017 ganama keessaa sa'aatii 3:00 irratti magaalaa Adaamaa Galma Aanaa Angaatuu (Karaa Hararitti geessu irra 'Amadee' bakka jedhamutti bu'uun 'Alem Hotel' cinaan harka bitaa gara kolleejjii geessu irra meetira 200 ol seenuun) akka argamtan ni beeksifna.
Hub-1-Kutaa qormaataa seerota kamuu (hard cooy) qabatanii seenuun kan danda'amu yammuu ta'u, barreeffamoota seerotaan alaa garuu kan hin hayyamamne ta'uu fi waraqaa eenyummaa qabatanii seenuun dirqama ta'uu ni hubachiifna.
2-Dorgomtoonni manneen murtii Oromiyaa keessa hojjataa jiraniifi xiinxalli naamusaa isaanii 'D' ta'e fi mana murtii keessatti muudama gara garaa irratti muudanii waggaa lama kan hin guunne fi dorgommii Gargaaraa Abbaa Seeraa Leenjii ILQSn boodaa irratti kanneen galmaa'anii turan dorgommii kana keessaa kan baafaman ta'uu ni hubachiifna.

𝐆𝐚𝐚𝐟𝐟𝐢𝐢 𝐌𝐢𝐫𝐠𝐚 𝐖𝐚𝐛𝐢𝐢 𝐅𝐢 𝐘𝐚𝐤𝐤𝐚 𝐒𝐡𝐨𝐨𝐫𝐚𝐫𝐤𝐞𝐞𝐬𝐬𝐮𝐦𝐦𝐚𝐚
🔴Dhaddachi Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa galmee lakk. 437085 ta’e irratti dhaddacha gaafa 02/04/2016 ooleen sirna gaaffiin mirga wabii yakka shororkeessummaa itti keessummaa’uu qabu ilaalchisee murtii tokko kenneera.
♦️Haaluma kanaan namni yakka shorkeessummaan shakkamuun to’atame gaaffii mirga wabii mana murtii sadarkaa kamittuu dhiyeeffachuu kan danda’u ta’uu akkasumas Manneen Murtii Aanaa fi Manneen Murtii Ol’aanaa dhimma akkasii ofitti fuunee hin keessummeessinu kan jedhan bu’uura seeraa hin qabu xinxaala jedhu kenneera.
♦️Dhaddachachi murtichaaf ka’uumsa kan godhate Seerri Deemsa Falmii Yakkaa keewwati 64 (3) gaaffiin mirga wabii Mana Murtii kamittuu dhiyaachuu kan danda’u ta’uu fi labsiin yakka shororkeessummaa ittisuuf bahe lakk. 1176/2012 keewwata 39 jalatti aangoon Mana Murtii Ol’aanaa Federaalaa fi Mana Murtii Waliigalaa Naannoof addatti kenname keessatti gaaffii mirga wabii dhiyaatu keessummeessuun kan hin hammatamne ta’uun isaa aangoon dhimmicha keessummeessuu kan mana murtii sadarkaa kamiituu agarsiisa kan jedhuu dha.
♦️Dabalataanis qabiinsa nama yakka shororkeessummaan to’atamee jiruu eegsisuu keessatti shoorri Manneen Murtii taphachuu qaban labsicha keewwata 39 (3) jalatti tumamuunis kanuma cimsa ejjannoo jedhu qabateera dhaddachichi ijibaataa.https://t.me/+WFtd-XXoYGk1ZTNk