Forwarded from Musa.H.Ⓜ️.Law Room (👾 BITS Musa Hashim🍅Ⓜ️ MEMES)
Biiroo Bishaaniifi Inarjii.rar
11.4 MB
Seerota bishaanii fi inarjiin wal qabatan
Forwarded from Muhammedteyib Nure:Judge
Qajeelfama Hojii Safartii Marsaa 2ffaa Lakk. 03-2017.PDF
1.9 MB
Qajeelfama galmeessaa fi kenna waraqaa ragaa Lafa Baadiyyaa haaraa Lakk.03/2017
Qajeelfama Naamusa Hojjattoota BLO fooyya'e.PDF
1.3 MB
Qajeelfama naamusa hojjattoota Biiroo Lafaa haaraa Lakk.4/2017
𝗔𝗸𝗸𝗮𝗮𝘁𝗮𝗮 𝗤𝗮𝗯𝗶𝘆𝘆𝗲𝗲 𝗟𝗮𝗳𝗮𝗮 𝗙𝗶 𝗠𝗮𝗻𝗮 𝗠𝗮𝗴𝗮𝗮𝗹𝗮𝗮 𝗜𝗿𝗿𝗮𝘁𝘁𝗶 𝗪𝗮𝗿𝗮𝗾𝗮𝗮𝗻 𝗥𝗮𝗴𝗮𝗮 𝗔𝗯𝗯𝗮𝗮 𝗤𝗮𝗯𝗶𝘆𝘆𝘂𝗺𝗺𝗮𝗮 (𝗞𝗮𝗮𝗿𝘁𝗮𝗮𝗻) 𝗔𝗯𝗯𝗼𝗼𝘁𝘁𝗶𝗶 𝗤𝗮𝗯𝗶𝘆𝘆𝗲𝗲𝘁𝗶𝗶𝗳 𝗜𝘁𝘁𝗶 𝗞𝗲𝗻𝗻𝗮𝗺𝘂𝘂 𝗳𝗶 𝗞𝗮𝗻𝗮 𝗜𝗿𝗿𝗮𝘁𝘁𝗶 𝗥𝗮𝗴𝗮𝗮𝗹𝗲𝗲 𝗗𝗵𝗶𝘆𝗮𝗮𝗰𝗵𝘂𝘂 𝗤𝗮𝗯𝗮𝗻 𝗜𝗹𝗮𝗮𝗹𝗰𝗵𝗶𝘀𝗲𝗲 𝗦𝗲𝗲𝗿𝗿𝗶𝗶 𝗙𝗶 𝗗𝗵𝗮𝗱𝗱𝗮𝗰𝗵𝗶 𝗜𝗷𝗶𝗯𝗮𝗮𝘁𝗮𝗮 𝗠𝗮𝗮𝗹 𝗝𝗲𝗱𝗵𝗮𝗻?
🔴Qabiyyee falmii kaase keessa manni mootummaan bulchu jiraachuu fi jiraachuu dhabuu yoo jiraate akkaataa qajeelfama bulchiinsa magaalaatiin qabiyyeen iyyattoonni ragaa itti argachuu qaban hangam akka ta'e akkasumaas iyyattoonni kaareemetira meeqa irratti kartaa argachuu akka qaban manni murtii ragaa rogummaa qabuun osoo hin qulqulleessin sababoota fudhatama hin qabne bu'ura godhachuun murtiin kanne dogongora bu'ura seeraa kan qabuudha jechuun manni murtii waliigala federaalaa dhaddachi ijibaataa dhaddacha gaafa 8/2/2016 ooleen murtii dirqisiisaa kannee jira.
𝐐𝐚𝐛𝐢𝐲𝐲𝐞𝐞 𝐋𝐚𝐟𝐚 𝐌𝐚𝐠𝐚𝐚𝐥𝐚𝐚 𝐈𝐫𝐫𝐚𝐭𝐭𝐢 𝐖𝐚𝐫𝐚𝐪𝐚𝐚𝐧 𝐑𝐚𝐠𝐚𝐚 𝐀𝐛𝐛𝐚𝐚 𝐐𝐚𝐛𝐢𝐲𝐲𝐮𝐦𝐦𝐚𝐚 (𝐊𝐚𝐚𝐫𝐭𝐚𝐚𝐧) 𝐀𝐛𝐛𝐨𝐨𝐭𝐢𝐢 𝐐𝐚𝐛𝐢𝐲𝐲𝐞𝐞𝐭𝐢𝐢𝐟 𝐀𝐤𝐤𝐚𝐦𝐢𝐢𝐧 𝐊𝐞𝐧𝐧𝐚𝐦𝐚?
🔰Akkaataa qabiyyee lafaa fi mana nagaalaa ilaalchisee waraqaan ragaa abbaa qabiyummaa yokiin kaartaan abbootii qabiyyeetiif itti kennamuu qabu ilaalchisee qajeelfama keessummeessa qabiyyee lafa magaalaa ragaa hin qabnee fi ijaarsa seeraan alaa sirna qabsiisuuf bahe qajeelfama lakk 5/2008 jalati bal'inaan tumamee jira.
𝗔𝗸𝗸𝗮𝗮𝘁𝗮𝗮 𝗾𝗮𝗷𝗲𝗲𝗹𝗳𝗮𝗺𝗮 𝗸𝗮𝗻𝗮 𝗸𝗲𝗲𝘄𝘄𝗮𝘁𝗮 11 𝗷𝗮𝗹𝗮𝘁𝗶 𝘁𝘂𝗺𝗮𝗺𝗲𝗲 𝗷𝗶𝗿𝘂𝘂𝗻 𝗯𝘂'𝘂𝗿𝗮 𝗹𝗮𝗯𝘀𝗶𝗶 𝗳𝗶 𝗹𝗶𝗶𝘇𝗶𝗶𝘁𝗶𝗻 𝗾𝗮𝗯𝗶𝘆𝘆𝗲𝗲𝗻 𝗹𝗮𝗳𝗮 𝗺𝗮𝗴𝗮𝗮𝗹𝗮𝗮 𝗱𝗮𝗮𝗻𝗴𝗮𝗮 𝗺𝗮𝗴𝗮𝗮𝗹𝗮𝗮 𝗸𝗲𝗲𝘀𝘀𝗮𝘁𝘁𝗶 𝗾𝗮𝗮𝗺𝗮 𝗮𝗱𝗱𝗮 𝗮𝗱𝗱𝗮𝗮𝘁𝗶𝗶𝗻 𝗾𝗮𝗯𝗮𝗺𝗮𝗻𝗶𝗶 𝘁𝗮𝗷𝗮𝗮𝗷𝗶𝗹𝗮 𝗮𝗱𝗱𝗮 𝗮𝗱𝗱𝗮𝗮𝘁𝗶𝗶𝗳 𝗼𝗼𝗹𝗮𝗮 𝗷𝗶𝗿𝗮𝗻 𝗯𝗲𝗲𝗸𝗸𝗮𝗺𝘁𝗶𝗶𝗻 𝘀𝗲𝗲𝗿𝗮𝗮 𝗸𝗲𝗻𝗻𝗮𝗺𝗲𝗲𝗳𝗶𝗶 𝘄𝗮𝗿𝗮𝗾𝗮𝗮 𝗿𝗮𝗴𝗮𝗮 𝗮𝗯𝗯𝗮𝗮 𝗾𝗮𝗯𝗶𝘆𝘆𝘂𝗺𝗺𝗮𝗮 (𝗸𝗮𝗮𝗿𝘁𝗮𝗮) 𝗮𝗿𝗴𝗮𝗰𝗵𝘂𝘂𝗳 𝘂𝗹𝗮𝗮𝗴𝗮𝗮𝗻 𝗴𝘂𝘂𝘁𝗮𝗺𝘂 𝗾𝗮𝗯𝘂.
Ulaagaa gosa tajaajilcha qabiyyichaaf dambii fi qajeelfama 
kanaan tumaman guutee argamuu
Abbaan mirgaa qabiyyichaa ifatti kan beekamuu fi akkaataa dambii fi qajeelfama kanaatiin kan mirkanaa’e 
ta’uu.
Qabiyyeen ragaan itti gaafatame kun akkaataa dambichaa fi qajeelfama kanaan tumameen manni tajaajila kennaa jiru kan irra jiru ta’uu
Qabiyyichi lafa tajaajila qonnaaf 
qabame yoo ta’e oomisha qonnaaf kan oolaa jiru ta’uu.
Abbootiin qabiyyee naqaa isaaniitin qabeenya dhaabbataa horachuuf mirgi seeraan kan hin daangefamne ta'uu
Hangi bal’ina qabiyyee lafaa fi baay’ina gosa qabeenya dhaabbataa nama yookiin maatii tokkoof seeraan 
hayyamame ta’uun mirkanaa’uu qaba.
Qabiyyeen lafaa ragaan irratti gaafatame mirga seeraa nama biraa kan hin daangessine yookiin kan hin 
faalleessine ta’uu qaba
𝗠𝗮𝗱𝗱𝗶 𝗥𝗮𝗴𝗮𝗮 𝗤𝗮𝗯𝗶𝘆𝘆𝗲𝗲 𝗗𝘂𝗿𝗶𝗶 𝗪𝗮𝗿𝗮𝗾𝗮𝗮 𝗥𝗮𝗴𝗮𝗮 𝗔𝗯𝗯𝗮𝗮 𝗤𝗮𝗯𝗶𝘆𝘆𝘂𝗺𝗺𝗮𝗮 𝗛𝗶𝗻 𝗤𝗮𝗯𝗻𝗲 𝗔𝗱𝗱𝗮𝗮𝗻 𝗕𝗮𝗮𝘀𝘂𝘂𝗳 𝗙𝘂𝗱𝗵𝗮𝘁𝗮𝗺𝗮 𝗤𝗮𝗯𝘂 𝗸𝗮𝗻𝗻𝗲𝗲𝗻 𝗔𝗿𝗺𝗮𝗮𝗻 𝗚𝗮𝗱𝗶𝗶 𝗞𝗮𝗻𝗮.
Maqaa abbaa qabiyyichaan yookiin qabiyyichi ragaa mana galmee bulchiinsa magaalaa yookiin 
gandichaa keessa yookiin bakka lameenuu keessaa qabaachuu sakatta’uun yoo qabaate madda ragaa bu’uuraa ta’ee fudhatama ni qabaata.
Faayila ragaan itti fayyadama lafa baadiyyaa(Green Card) itti kenname
Ragaa walharkaa fuudhinsa ganda baadiyyaa magaalaatti makame agarsiisu
Ragaa qaama aangoo qabuun magaalichi qaama seerummaa argachuun itti mirkanaa’e.
Ragaalee mannii fi qabiyyichi akkaataa itti argame agarsiisu kanneen akka waliigaltee daddabarsa manaa.
Murtee mana murtii kan dhaaltummaa
Ragaa hayyama haaromsa ijaarsaa
Ragaa bu’uuraa abbaa mirgaa qabiyyichaa ta’uu nama tokkoo murteessuuf fudhatama qabu ragaahttps://t.me/+WFtd-XXoYGk1ZTNk
bulchiinsi ganda magaalichaa manaa fi qabiyyicha  nama abbaa mirgaa ta’e ulaagaa qajeelfama kanaan taa’een adda baasee mirkaneessee kennuu.
Waraqaa ragaa abbaa qabiyyummaa durii kan labsii lakk. 47/1967 dura kennameefi qabiyyichi yookiin manichi guutummaatti kan  mootummaadhaan hin dhaalamne ta’uun yoo mirkanaa’e
Qabiyyichi Labsii lakk. 47/1967 dura qabamuu isaa ragaa barreeffamaa faayila mana galmee keessatti argamu.
Ragaan qaama aangoo qabuun kenname qabiyyeen lafaa kun seera yeroo saniitiin eeyyamamuu isaa agarsiisu galmee kuusaa isaa keessatti kan argamu yoo ta’e.
Ganda qonnaan bulaa gara magaalaatti dhufe yookiin ganda baadiyyaa beekumtii magaalummaa 
kennameef yoo ta’e, nagahee kaffaltii gibira itti fayyadama lafa baadiyyaa osoo magaalaatti hin daangeffamiin dura yoo xiqqaate kan waggoota 3 bara adda addaatti cite yoo qabaatee fi dhiyeeffachuu danda’e.
Xalayaa yookiin iyyannoo mirriitii lafaa qaama aangoo qabuun qajeelfame yookiin hafteen nagahee 
mirriitii lafaa faayila mana galmee keessatti yoo argame
Murtii Mana Murtiitiin qabiyyee yookiin mana kana ilaalchisee kenname yoo qabaatee fi faayila mana galmee keessa yoo jiraate
Waraqaa ragaa itti fayyadama lafa baadiyyaa akkaataa seera itti fayyadama lafa baadiyyaatiin  kennameefi seera qabeessummaan isaa mirkanaa’e .
Ragaaleen dhiyeessii bu’uraalee misoomaa (Biilii bishaan dhugaatii, kan ibsaa, kan bilbilaa) yookiin 
qabiyyee lafa magaalaa tajaajila invastimantiif kiraan hayyamaman yoo ta’an ragaalee saayit pilaanii fi hayyama ijaarsaa maqaa abbaa 
qabiyyichaan kennaman akka madda ragaa dabalataatti fudhachuun ni danda’ama.
👉Ragaaleen kun mana galmee keessatti kan hin argamnee fi harka abbaa qabiyyee kan jiru yoo ta'e abbaan qabiyyee ragaalee kana dhiyeefachuu qaba.
👉Ragaalee dhiyaatu kana irratti hundaa'uun murtii yokiin waraqaa ragaa abbaa qabiyyummaa (kaartaa) osoo hin kennin dura seeraa qabeessummaan ragaalee kana qaama aangoo qabuun mirkanaa'uu qaba.
𝗥𝗮𝗴𝗮𝗮𝗹𝗲𝗲 𝗸𝗮𝗻𝗻𝗲𝗲𝗻 𝗾𝘂𝗹𝗾𝘂𝗹𝗹𝗲𝗲𝘀𝘀𝗮𝗻𝗶𝗶 𝗺𝘂𝗿𝘁𝗶𝗶 𝗸𝗲𝗻𝗻𝘂𝘂𝗳 𝗮𝗱𝗲𝗲𝗺𝘀𝗮 𝗿𝗮𝗮𝘄𝘄𝗶𝗶 𝗾𝘂𝗹𝗾𝘂𝗹𝗹𝗲𝗲𝘀𝘀𝘂𝘂 𝗵𝗼𝗿𝗱𝗮𝗳𝗮𝗺𝘂𝘂 𝗾𝗮𝗯𝘂.
Faayila abbaa qabiyyee durii waraqaa ragaa abbaa qabiyyummaa hin qabne mana galmee ejensii 
magaalaa yookiin gandaa keessa jiraachuu barbaaduun yoo argame, haala qabiyyicha itti  argamee (bittaan, kennaan, dhaalaan, mirriitiin 
yookiin kan biroon) fi qabiyyichi yookiin manichi guutummaan yookiin gartokkeen dhaalamuu dhabuu isaa adda baasuun galmeessuu fi ragaa gurmeessuu.
Ragaalee qabiyyee ganda qonnaan bulaa magaalati guddaten walqabatee ragaan dhugummaa isaa mirkaneessu (ragaa walharkaa fuudhinsa gandichaa yookiin ragaa magaalichi qaama seerummaa argachuu argisiisu) walqabatee kan dhiyaate ta’ee manni kun yeroo sanatti ijaaramee tajaajila kennaa jiraachuu yookiin kennuu jalqabuun bulchiinsa gandaa yookiin magaalichaan ragga’ee akka dhiyaatu gochuu.
Waraqaa ragaa itti fayyadama lafa baadiyyaa waliin walqabatee dhiyaatu qulqulleessuuf seera kenniinsa ragaa itti fayyadama lafa baadiyyaaf bahe hordofee kan kenname ta’uu isaa qaama ragaa kana kenne irraa ragaan mirkaneessu barreeffamaan akka dhiyaatu gochuu fi manni qabiyyicha irratti ijaaramee tajaajila kennaa ture yookiin kennuu jalqabe yeroo ragichi 
kennametti jiraachuun akkaataa qajeelfamichaatiin qaama aangoo qabuun ragga’ee dhiyaachuun mirkanaawuu qaba.
Ragaalee nagahee waliin walqabatee nagaheen kafaltii gibira manaa fi kiraa lafa magaalaa maqaa abbaa mirgaa qabiyyichaan bara 
adda addaa bara 2001 dura kenname yoo xiqqaate kan bara 3(sadii) yoo dhiyaate
Ragaalee maqaa abbaa mirgaan mana qabiyyicha irra jiruuf bu’uurri misoomaa(kanneen akka bishaan, ibsaa, bilbila sararaa) itti hayyamame yookiin biilii (nagahee) bara 2001 dura bara adda addaa yoo xiqqaate kan bara 3 kafaltiin itti raawwatame.https://t.me/+WFtd-XXoYGk1ZTNk
Bal’ina qabiyyichaa sanada fudhatama argate irra jiruu, qabiyyicha safaruun kan argamee fi ragaalee lameen gidduu garaagarummaan yoo jiraate adda baasuun galmeessuu.
Tajaajila qabiyyichi kennaa jiruu fi gosa tajaajilaa pilaanii itti fayyadama lafaatiin jiru waliin ilaalamee 
adda baasuun ragaa isaa qabiyyee lafaa tokko tokkoon gurmeessuu fi qabachuun murteef qopheessuu dha
𝐀𝐤𝐤𝐚𝐚𝐭𝐚𝐚 𝐐𝐚𝐣𝐞𝐞𝐥𝐟𝐚𝐦𝐢𝐜𝐡𝐚 𝐁𝐮'𝐮𝐫𝐚 𝐊𝐞𝐞𝐰𝐰𝐚𝐭𝐚 12 (4) 𝐭𝐭𝐢𝐢𝐧 𝐐𝐚𝐛𝐢𝐲𝐲𝐞𝐞 𝐃𝐮𝐫𝐢𝐢 𝐑𝐚𝐠𝐚𝐚 𝐀𝐛𝐛𝐚𝐚 𝐐𝐚𝐛𝐢𝐲𝐲𝐮𝐦𝐦𝐚𝐚 (𝐤𝐚𝐚𝐫𝐭𝐚𝐚) 𝐇𝐢𝐧 𝐐𝐚𝐛𝐧𝐞𝐞𝐟 𝐖𝐚𝐫𝐚𝐠𝐚𝐚 𝐑𝐚𝐠𝐚𝐚 𝐀𝐛𝐛𝐚𝐚 𝐐𝐚𝐛𝐢𝐲𝐲𝐮𝐦𝐦𝐚 𝐊𝐞𝐧𝐧𝐮𝐮𝐧 𝐃𝐮𝐫𝐚𝐚 𝐐𝐚𝐛𝐱𝐢𝐢𝐰𝐰𝐚𝐧 𝐁𝐮'𝐮𝐫𝐚𝐚 𝐈𝐥𝐚𝐚𝐥𝐚𝐦𝐮𝐮 𝐐𝐚𝐛𝐚𝐧.
Qabiyyicha keessa manni labsii lakk.47/67’n dhaalame kan hin jirre ta’uun mirkannaa’uu qaba.
Abbaan qabiyyichaa ifaan ulaagaa qajeelfama kana keessatti tumameen ragaan mirkanaa’ee beekamuu qaba
Mirga dhaalaan yookiin bittaan argame yoo ta’e ragaa qabatamaatiin mirkanaa’uu qaba.
Daangaa fi tajaajjilli qabiyyichaa ifaan beekamuu qaba.
Walitti bu’iinsa daangaa, gaaffii naaf malaa fi dhoorkii kamiyyuu gandatti yookiin ejensiitti kan hin dhihaanne ta’uun isaa mirkanaa’uu qaba.
🔴Qabiyyeewwan Lafa Magaalaa Amala Addaa Qabanii fi Faayidaa Waliitiif Qabamanii Tajaajila Kennaa 
Jiraniif Ragaa Abbaa Qabiyyummaa Kennuu f Ulaagaan Guutamu Qabu Kanneen Armaan Gadii Kana.
Qabiyyee lafaa Dambiin lakk. 155/2005 ragga’uun dura qabamanii tajaajila kennuu kan jalqaban yoo ta’an.
Qaamni qabiyyee kana bulchuuf aangoo seeraa qabu yookiin qaama seerummaa qabu yoo jiraate.
Qabiyyee lafa magaalaa qabeenyi dhaabbataan irra jiruu fi tajaajila kennaa jiru ta’uun yoo mirkanaa’ee dha.
𝐐𝐚𝐣𝐞𝐞𝐥𝐟𝐚𝐦𝐢𝐜𝐡𝐚 𝐁𝐮'𝐮𝐫𝐚 𝐊𝐞𝐞𝐰𝐰𝐚𝐭𝐚 20 𝐭𝐭𝐢𝐢𝐧 𝐀𝐤𝐤𝐚𝐚𝐭𝐚𝐚 𝐐𝐚𝐛𝐢𝐲𝐲𝐞𝐞𝐰𝐰𝐚𝐧 𝐋𝐚𝐟𝐚 𝐌𝐚𝐠𝐚𝐚𝐥𝐚𝐚 𝐌𝐚𝐧𝐧𝐞𝐞𝐧 𝐇𝐨𝐣𝐢𝐢 𝐌𝐨𝐨𝐭𝐮𝐦𝐦𝐚𝐚 𝐁𝐚𝐚𝐣𝐚𝐭𝐚 𝐌𝐨𝐨𝐭𝐮𝐦𝐦𝐚𝐚𝐭𝐢𝐢𝐧 𝐁𝐮𝐥𝐚𝐧𝐢𝐢𝐟 𝐖𝐚𝐫𝐚𝐪𝐚𝐚𝐧 𝐑𝐚𝐠𝐚𝐚 𝐀𝐛𝐛𝐚𝐚 𝐐𝐚𝐛𝐢𝐲𝐲𝐮𝐦𝐦𝐚𝐚 (𝐤𝐚𝐚𝐫𝐭𝐚𝐚𝐧) 𝐈𝐭𝐭𝐢 𝐊𝐞𝐧𝐧𝐚𝐦𝐮.
Qabiyyichii fi manni yookiin qabeenyi dhaabbataan qabiyyicha irra jiru kan mana hojii kana ta’uu ragaa barreeffamaatiin mirkanaa'uu qaba.
Waraqaa ragaa abbaa qabiyyummaa maqaa mana hojichaatiin kan qophaa’u maqaa isaatiin qabeenya hin sochoone horachuuf mirgi seeraan kan kennameef ta’uu isaa ragaa 
barreeffamaan yookiin seera hundeeffama mana hojichaa ragga’e dhiyeessuun yoo mirkanaa’e kana ta’uu baannaan maqaa qaama mootummaa dhimmi ilaaluun kan kennamu ta’a.
Bal’inni lafaa mana hojii kanaan qabamee jiru bal’inaa fi amala tajaajila manni hojichaa kennaa jiru waliin madaalamee kan murtaa’u ta’ee, bal’inni qabiyyee kanaa qisaasama lafa magaalaa kan qabu yoo ta’e,bulchiinsi magaalichaa irraa hir’isuun misooma biroof bu’uura pilaanii magaalichaan oolchuu ni danda’ama.
𝗔𝗸𝗸𝗮𝗮𝘁𝗮𝗮 𝗪𝗮𝗿𝗮𝗾𝗮𝗮𝗻 𝗥𝗮𝗴𝗮𝗮 𝗔𝗯𝗯𝗮𝗮 𝗤𝗮𝗯𝗶𝘆𝘆𝘂𝗺𝗺𝗮𝗮 𝗤𝗮𝗯𝗶𝘆𝘆𝗲𝗲𝘄𝘄𝗮𝗻 𝗟𝗮𝗳𝗮 𝗠𝗮𝗴𝗮𝗮𝗹𝗮𝗮 𝗠𝗮𝗻𝗻𝗲𝗲𝗻 𝗚𝗮𝗻𝗱𝗮𝗮 𝗬𝗼𝗸𝗶𝗶𝗻 𝗠𝗼𝗼𝘁𝘂𝗺𝗺𝗮𝗮𝘁𝗶𝗶𝗳 𝗜𝘁𝘁𝗶 𝗞𝗲𝗻𝗻𝗮𝗺𝘂.
Qaamni mana mootummaa kana bulchuuf aangoon kennameef tarreeffama ragaa manneen kanaa teessoo guutuu(ganda keessatti argamu, lakkoofsa manaa) waliin 
xalayaan dhiyeessuu qaba.
Manneen kana bulchaa jiraachuu fi kan nama dhuunfaa ta’uu dhabuu isaaf waliigaltee qaama manicha kireeffatee jiruun waliin taasifame yookiin ragaa biroo fudhatama qabu qaamni manaa fi qabiyyee kana bulchuuf aangoon 
kennameef dhiyeeffachuu qaba.
Waraqaan ragaa abbaa qabiyyummaa maqaa qaama manneen kana bulchuuf aangoon seeraan kennameef kan kennamu ta’a.
Bal’ina lafaa ragaan kennamuuf kan qabamee jiruu fi safaramee argamu ta’ee, qabiyyee mirgi nama biroo keessatti argamu yoo ta’e akkaataa qajeelfama kana keewwata 14 Keewwata  xiqqaa (4) yookiin (5) jalatti tumameen kan murtaa’u https://t.me/+WFtd-XXoYGk1ZTNk.
✳️Yeroo baayyee qabiyyee mana fi lafa magaalaa akkasumaas akkaataa ragaan abbaa qabiyyummaa qabiyyee kana irratti abbaa qabiyyeetiif Itti kennamu waliin walqabatee waldhabdeen walxaxaa ta'e mudachaa waan ooluuf haqni nama akka hin dabnee fi mirgi nama akka hin sarbamneef kana irratti barreefamni qopheessine kun rakkoo kana hanga tokko ni fura jannee waan yaanneef qaamni ragaa abbaa qabiyyummaa qabiyyee lafa fi mana magaalaa irratti abbootii qabiyyeetiif kennuuf aangoo qabu waajjirri bulchiinsa magaalaa barreefama kana dubbisuun hubannoo irraa argatanii akkaataa seeraatin qofa ragaa abbaa qabiyyummaa (kaartaa) qabiyyee lafa fi mana magaalaa irratti abbootii qabiyyeetiif kennun haqaa fi mirga ummata keenyaa akka mirkaneessan isaaniif dhaama.
Qopheessaan:@musalawyer
🔰𝐁𝐚𝐫𝐧𝐨𝐨𝐭𝐚 𝐬𝐞𝐞𝐫𝐚𝐚 𝐟𝐢 𝐨𝐝𝐞𝐞𝐟𝐚𝐧𝐧𝐨𝐨 𝐝𝐡𝐢𝐦𝐦𝐨𝐨𝐭𝐚 𝐬𝐞𝐞𝐫𝐚𝐚𝐭𝐢𝐢𝐧 𝐰𝐚𝐥𝐪𝐚𝐛𝐚𝐭𝐚𝐧 𝐤𝐚𝐦𝐢𝐲𝐲𝐮𝐮 𝐢𝐭𝐭𝐢 𝐟𝐮𝐟𝐢𝐧𝐬𝐚𝐚𝐧 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐜𝐡𝐮𝐮𝐟 𝐭𝐨𝐨𝐫𝐚 𝐭𝐞𝐥𝐞𝐠𝐢𝐫𝐚𝐚𝐦𝐢𝐢 𝐤𝐞𝐞𝐧𝐲𝐚 𝐤𝐚𝐧𝐚 𝐣𝐨𝐢𝐧 𝐠𝐨𝐜𝐡𝐮𝐧 𝐧𝐮 𝐡𝐨𝐫𝐝𝐚𝐟𝐚𝐚.
👉https://t.me/musalawyer
📌𝐏𝐞𝐞𝐣𝐢𝐢 𝐅𝐚𝐜𝐞𝐛𝐨𝐨𝐤 𝐤𝐞𝐞𝐧𝐲𝐚𝐚 𝐁𝐚𝐫𝐧𝐨𝐨𝐭𝐚𝐚 𝐟𝐢 𝐨𝐝𝐞𝐞𝐟𝐚𝐧𝐧𝐨𝐨 𝐝𝐡𝐢𝐦𝐦𝐨𝐨𝐭𝐚 𝐬𝐞𝐞𝐫𝐚𝐚𝐧 𝐰𝐚𝐥𝐪𝐚𝐛𝐚𝐭𝐚𝐧 𝐤𝐚𝐦𝐢𝐲𝐲𝐮𝐮 𝐛𝐢𝐥𝐢𝐬𝐚𝐧 𝐢𝐫𝐫𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐚𝐧 𝐥𝐢𝐢𝐧𝐤𝐢𝐢 𝐚𝐫𝐦𝐚𝐚𝐧 𝐠𝐚𝐝𝐢𝐢 𝐤𝐚𝐧𝐚 𝐢𝐫𝐫𝐚𝐭𝐭𝐢 𝐜𝐮𝐪𝐚𝐚𝐬𝐮𝐮𝐧 𝐣𝐨𝐢𝐧 𝐠𝐨𝐝𝐡𝐚𝐚 𝐚𝐤𝐤𝐚𝐬𝐮𝐦𝐚𝐚𝐬 𝐤𝐚𝐧𝐧𝐞𝐞𝐧 𝐛𝐢𝐫𝐨𝐨𝐭𝐢𝐟 𝐪𝐨𝐨𝐝𝐚𝐚 𝐡𝐮𝐛𝐚𝐧𝐧𝐨𝐨 𝐟𝐢 𝐨𝐝𝐞𝐞𝐟𝐚𝐧𝐧𝐨𝐨 𝐝𝐡𝐢𝐦𝐦𝐨𝐨𝐭𝐚 𝐬𝐞𝐞𝐫𝐚𝐚 𝐛𝐚𝐚𝐲𝐲𝐞𝐞 𝐢𝐬𝐢𝐧 𝐟𝐚𝐲𝐲𝐚𝐝𝐮 𝐢𝐫𝐫𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐝𝐡𝐚𝐚
https://t.me/+WFtd-XXoYGk1ZTNk
👍2
Forwarded from Musa.H.Ⓜ️.Law Room (👾 BITS Musa Hashim🍅Ⓜ️ MEMES)
𝐌𝐮𝐫𝐭𝐢𝐢 𝐃𝐡𝐚𝐝𝐝𝐚𝐜𝐡𝐚 𝐈𝐣𝐢𝐛𝐚𝐚𝐭𝐚𝐚 𝐇𝐚𝐚𝐫𝐚𝐰𝐚

Manni Murtii waliigala federaalaa dhaddachi ijibaataa namni tokko dhaalaa ta'uu isaa yeroo seerri kaa'e keessatti mirkaneeffatullee dhaalli akka qulqullaawu yoo hin gaafanne xalayaa ragaa dhaaltummaa darbiinsa yerootiin kan addaan citu dha jechuun dhaddacha gaafa 6/2/2017 ooleen murteessee jira.

አንድ ሰው ወራሽ ስለመሆኑ ህጉ በሚፈቅደው ጊዜ ቢያረጋግጥም ውርስ እንዲጣራ  ካልጠየቀ በይርጋ የሚታገድ ስለመሆኑ እና የወራሽነት ማረጋገጫ የምስክር ወረቀት በጊዜ መያዝ ይርጋን እንደማያቋርጥ የሰበር ውሳኔን በመሻር በሰባት ዳኞች የተሰጠ ውሳኔ ነው።
       @musalawyer
S.Y.K.86tiin yaada adabbii salphisu shan qabachuun gulantaa 33ffaa jalatti dhaddacha gaafa guyyaa 26/2/2017 ooleen adabbii isaa fi fakkaattota isaa barsiisuu danda'u hiidhaa ciimaa waggaa 14(kudha afurii) fi adabbii maallaqaa qarshii 20,000n (kuma diigdamiin) adabee jira.

Qindeessaa Garee Kenna tajaajila Abbaa Seerummaa Mana Murtii Ol'aanaa Godina Harargee Bahaa kan ta'an kabajamoo Obbo Ashannaafii Isheetuu dhimmichaan walqabatee yaada kennaniin akka jedhanitti hawaasni keenya gochi gowwoomsaan akkanaa daa'imman miidhaa ulfaataaf kan saaxilu malee faayidaan isaaniif argamsiisu akka hin jirre hubachuun bakka argatti gochoota akkanaa qaama mootummaa isaanitti dhiyoo jirannitti eeruu kennuun saaxiluu fi balaaleeffachuu akka qaban dhaamanii jiru.

Kominikeeshinii Mana Murtii Ol'aanaa Godina Harargee Bahaa https://t.me/+WFtd-XXoYGk1ZTNk