1
Beeksisa Waamicha Eeggataa
--------------------------------
(Onkoloolessa 19,2017 MMWO,Caffee Araaraa,Finfinnee)-Leenjifamtoota Gargaaraa Abbaa Seeraa Ieenjii akka seenaniif murtaa'e keessaa Mahaammad Boonsoo Ulii hanga ammaatti leenjii kan hin galle ta'uun waan mirkanaa'eef bakka isaa eeggataa 8ffaa kan ta'e Lalisaa Guutaa Mul'ataa leenjii akka galu waamichi taasifameera.
Waan ta'eefis   dorgomaan maqaan armaan olitti caqasame hanga gaafa 21/2/2017tti ILQSO seenuun leenjii akk jalqabdu  ni beeksifna.https://t.me/+WFtd-XXoYGk1ZTNk
📎Maanaajaroonni Dameelee Baankii bu'uura Labsii 1156/2011 kewt 2(10)tiin dhimmoota tarsiimoo Baankichaa irratti karoorsuu fi murteessuu. Akkasumas, Hojjataa qcaruus ta'e hojii irraa gaggeessuuf Aangoo kan hin qabne yoo ta'e bu'uura labsii hojjataa fi hojjachiisatiin kan ilaalamu ta'uu DhIMMWF Murtii hikkoo dirqisiisaa kenneera.https://t.me/+WFtd-XXoYGk1ZTNk
#YAKKA_DIRQISIISANII_GUDEEDUU
✍️ Madaallii Ragaa dhimma Yakka Dirqisiisanii Gudeeduu irratti taasifame.
Dhaddachi Ijibbaataa mana murtii waliigala federaalaa Lakk.Galmee 209136 gaafa 27/7/2014 murtaa'e (Hin Maxxanfamne) irratti.

Himata yakka gudeeddii fi firaa irratti raawwatame jechuun Abbaan Alangaa himata lama dhiyeesse ragaan Abbaa alangaa miidhaa gahee kallattiin dhiiga miidhamtuu dhunfaa irratti arguu ibsuun fi xalayaan yaalaas durbummaan akka badee fi tan hin turiin tahuu ibsuun himatamaa irratti mirkaneessee , garuu ragaan ittisaa himatamaadhaa dhiyaatee jecha isaa yeroo kennuutti maatiin miidhamtuu dhunfaa himatamaa waliin wal lola waan qabaniif sobaan ragaa qindeessanii himatan akkasumaas miidhamtu miidhaan xiinsammuu akka irra hin gahiiniif fi nyaataas ofiif nyaachaa turte jedhee ragee irratti manni murtii jalaa irraa waliigalaatti midhamtuun wal lola waan qabaniif haloo bahachuuf himatte sababniis namni gudeedame tokko xiinsammuu miidhamuu akka qabuufi nyaataas ofii isheef nyaachuun miidhamtuun akka hin gudeedamiin argiisisa jechuun jecha isaanii kennan garuu manni murtii lakkii kuni jiraatuus miidhaan jiraannaan haloo miti ykn hin miidhamne hin jechiisisuu jechuu hidhaa cimaa waggaa 8 adabee jira garuu manni murtii waliigalaa naannoo lakkii jechuun murtii jalaa diigee jira.

Manni murtii waliigalaa federaalaa Xalayaan yaalaa durbummaan baduu fi kan hin turin tahuu ibsinaan, akkasumaas ragaa Abbaa Alangaa ijoo himataa mirkaneessinaan, ragaa Ittisaa wal lola qabaachuu fi ofii isheef of tajaajilaa turtee jechuun ibsuun miidhamtuu hin miidhamne jechuu waan hin ta'iiniif haalli madaallii mana murtii waliigalaa sirrii akka hin ta'in ibsuun murtii mana murtii gochuun sirrii miti jechuun mana murtii Ol'aanaa cimsuun akka raawwatamuu jechuun murtii mana murtii waligalaa kufaa godhee murtii mana murtii jalaa cimsee jira.

Kanaafuu osoo ragaan ogeesaaa fi namaa gochicha mirkaneessuu wal lollii dhunfaa himatamaa fi miidhamaadha jidduu tureef  haloof sobaan himata jechuun hin danda'amu akkasumaas xiinsammuu miidhamuu dhabuu fi miidhamtuun soochii godhuun, ciisuu dhabuun, ofii isheef nyaachuun fi kkf miidhaan hin geenye jechuu miti. https://t.me/+WFtd-XXoYGk1ZTNk
#Murtii MMWF Dhaddacha  Ijibbaataa Lakk.Galmee 242958 ta'ee gaafa 24/12/2016 ooleen kenname.
        ##############
👉Yakka Amantaa hir'isuutin hojjataan himatamee jiru himannaan yakkaa erga irratti dhiyaate booda qarshii hir'isee jiru deebisuun(galii gochuun) isaa gochichatti gaabbuu isaa kan agarsiisuudha malee qarshiicha deebisuun isaa qofti yaada gocha yakkaa amantaa hir'isuu raawwachuu hin qabu kan jechisiisuu waan hin taaneef bilisaan gadhifamuu hin qabu.
👉Dhimmichi labsii yakkoota malaamm. lakk. 881/2007 kwt 31(1) yakka amantaa hir'isuu ilaalchisee kennameedha. Labsicha kwt.31(3)(b) gaaleen himatamichi yeroo gaafatamu…. Kan jedhu kun shakkamaan yeroo mana hojii mootummaatti gaafatamu ykn qorannoon geggeeffamu waajjira poolisitti, Mana Murtiitti yeroo jecha amantaa kennu moo, yeroo himatni A/A dhaddachatti dhiyaatee gaafatamu jecha inni kennutu ilaalamee yakki amantaa hir'isuu raawwateera yookin hin raawwanne jechuu dandeenya?? gaaffii jedhu waan deebisuudha. https://t.me/+WFtd-XXoYGk1ZTNk
Dambiilee,Qajeelfamoota Fi Maanuwaalii Manneen Murtii Oromiyaa iddoo tokkootti qindaa'e chaanaalii Koo irratti.
1.KOODII NAAMUSA ABBAA SEERUMMAA ABBOOTII SEERAA MANNEEN MURTII 
OROMIYAA, DAMBII LAKK. 01/2011 
2. DAMBII NAAMUSA ABBOOTII SEERAA MANNEEN MURTII OROMIYAA FOOYYA’EE BAHE  LAKK. 02/2011 
3. DAMBII SIRNA ITTI GAAFATAMUMMAA NAAMUSA ABBOOTII SEERAA MANNEEN MURTII  OROMIYAA FOOYYA’EE BAHE DAMBII LAKK. 03/2011 
4. DAMBII BULCHIINSA ABBOOTII SEERAAFI MUUDAMTOOTA MANNEEN MURTII  OROMIYAA IRRA DEEBIIN FOOYYA’EE BAHE, LAKKOOFSA 07/2012
5. DAMBII BULCHIINSA OFIISAROOTA SEERAA MANNEEN MURTII OROMIYAA LAKK.4/2012
6. DAMBII GURMAA’INSAA FI HOJIMAATA DHADDACHA MANNEEN MURTII  OROMIYAALAKK. 06/2011 
7. DAMBII SIRNA WALGAHII GUMII BULCHIINSA ABBOOTII SEERAA OROMIYAA LAKK  05/2011.
8. QAJEELFAAMA SIRNAA FI HOJIMAATA KOREE BULCHIINSAA MANNEEN  MURTIIOROMIYAA, QAJ. LAK. 8/2012.
9. QAJEELFAMA SIRNA BULCHIINSA DHANGALA’A DHIMMAA MANNEEN MURTII  OROMIYAA LAKK.1/2010 
Fi kanneen biroohttps://t.me/+WFtd-XXoYGk1ZTNk
Daldalaan Dukkaana Daldalaa (ንግድ መደብር) ykn 'Business' Isaa Nama Birootti Kireessee Hojii Daldalaa Ittiin Hojjechiisu Akka Daldalaatti Ni Lakkaawamaa?


¢¢¢¢¢✓✓✓¢¢¢¢¢✓✓✓✓¢¢¢¢¢¢¢✓✓✓

Daldalaan tokko, abbaa qabeenyaa Dukkaana Daldalaa (Business), nama yeroodhaaf itti fayyadamuuf mirga seera irraa madde argate (fayyadamaa alaabaa) ykn kireeffataa ta'uudhaan hojii daldalaa isaa gaggeessuu ni danda'a. Akka daldalaatti kan lakkaawamu nama Dukkaana daldalichaatiin hojii daldalaa gaggeessu qofadha. Dukkaanichi kan kireeffame yoo ta'e, abbaan qabeenyaa dukkaanichaa ykn kireessaan daldalaa jedhamuu hin danda'u.
   (Seera Daldalaa Haarayaa, Labsii Lakk.1243/2013 Kwt 107(3))

ነጋዴ የንግድ ሥራውን የሚያካዛደው በንግድ መደብር ባለቤትነት፣ በአላባ ተጠቃሚነት ወይም በተከራይነት ሊሆን ይችላል፤ እንደ ነጋዴ የሚቆጠረው በንግድ መደብሩ የሚነግድ ሰው ብቻ ነው:: መደብሩ የተከራየ እንደሆነ ባለቤቱ ወይም አከራዩ ነጋዴ ሊባል አይችልም::
  (አዲሱ የንግድ ሕግ, አዋጅ ቁ.1243/2013 አንቀጽ 107(3))

A trader may operate a business in the capacity of owner, usufructuary or lessee; only the person who operates the business shall be deemed to be a trader and the owner or lessor of the business shall not be regarded as a trader.
  (The new Commercial Code, Proc.No.1243/2013, Art.107(3))

Hubachiisa:
✍️Akkuma beekamu, jeçha Afaan Inglishiitiin 'Business' jedhamu, ykn afaan Amaaraatiin 'የንግድ መደብር' jedhamu ibsuuf yeroo baay'ee, afaan Oromootiin, gaalee "Dukkaana Daldalaa" jedhu fayyadamna. Akka kiyyatti, gaaleen kun jecha Afaan Inglishiitiin 'Business' jedhamu guutummaatti ni ibsa jedhee hin amanu. Hanga jecha waltawaan argamutti garuu sanuma fayyadamuuf dirqamna.

✍️Dukkaana Daldalaa ykn ''Business' jechuun maal jechuudha? Maal maal of keessatti hammata? Haala kamiin gurgurama? kan jedhu ilaalchisee barreeffama gabaabaa yeroo gabaabaa keessatti waanan barreessuuf hordoftoonni Chaanaalii kanaa obsaan nu eeggadhaa!!
https://t.me/+WFtd-XXoYGk1ZTNk
Lawyer getacho sisay

           Galatoomaa!!