Dirqama Abbootii Dhimmaa
-----------------------------------------
(Amajjii 4, 2018 MMWO,Caffee Araaraa,Finfinnee)-Akkuma beekamu sirna hooggansa dhaddachaa manneen murtii Oromiyaa ammayyaa'aa, bu'a qabeessaa fi naamusaawaa taasisuuf Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaatiin Qajeelfamni Sirna fi Naamusa Hojii Dhaddachaa Manneen Murtii Oromiyaa Lakkoofsa 23/2018 tumamuun isaa ni beekama. Bu’uura Qajeelfamicha Keewwata 28tiin naamusaa fi gochoota abbaa dhimmaa Irraa eegaman maal maali kan jedhu hubannoof akka tolu akka armaan gadiitti dhiyeessinee jira.
****
Naamusaafi Gochoota Abbaa Dhimmaa Irraa Eegaman
---------------------------------------
@Abbaan dhimmaa yeroo mooraa nana murtii seenu sakatta’amee seenuu qaba;
@Bakka aara galfannaa abbaa dhimmaaf qophaa’e taa’ee beellamasaa eeggachuu qaba;
@Falmiif qophii barbaachisaa taasisee dhiyaachuu qaba;
@Haalli uffannaa isaa duudhaa, safuu, waliin jireenya uummata Naannoo Oromiyaafi biyyattii kan kabaje, kabajaa Mana Murtiifi bulchiinsa haqaa kan eege ta’uu qaba;
@Abbaan Dhimmaa mooraa mana murtii keessattis ta’e dhaddacha irratti waantota kabachiisaan dhaddachaafi hojjatootnni biroon ajajan kabajuun raawwachuu qaba;
@Haalli addaa kan dirqisiise yoo ta’e malee guyyaa, sa’atiifi bakka itti beellamametti yoo xiqqaate daqiiqaa kudha shan dursee argamuudhaan mana murtii dhimmi isaa itti ilaalamu seenee dabaree beellama isaa eeggachuu qaba;
@Falmiifi yaada qabu hunda haala kabaja dhaddachaa, garee biroo, abbaa seeraafi hojjatoota biroo eegeen dhiyeeffachuu qaba;
@Yaadaafi falmii qabu yeroo dhiyeeffatu maqaa dhuunfaa abbaa seeraa yookiin garee waliin falmuu kallattiin osoo hin waamin, kutaa dhaddachaa keessa bakkaa bakkatti osoo hin socho’in bakkuma tokko dhaabbatee kallattiin dhaddachaaf ‘kabajamaa mana murtii’ yookiin ‘kabajamaa abbaa seeraa’ jechuudhaan dhaddachaaf ibsachuu qaba; @Abbaa eeraattis yookiin ragaa namaatti dhaddacha irratti itti hasaasuun, yookiin itti dhiyaachuun dubbachuun yookiin dubbisuun dhorkaadha.
@Abbaan Dhimmaa kamiyyuu gochoota armaan gadii raawwachuun dhorkaadha:Himannaan, deebiin adabbiin, ajajni, jala murtiin yookiin murtiin dubbifamuu yookiin ragaan dhagahamuu erga eegaleen booda dhaddacha addaan kutanii bahuu; mirgi yaada ofii ibsachuu akkuma eegameetti ta’ee, yaadni abbaa seeraatiin dhaddacha irratti dubbatame yookiin ibsame sirrii ta’uu yookiin dogoggora ta’uu isaa mallattoo yookiin sochii qaamaan agarsiisuun yookiin abbaa seeraatti falmuu; Abbaan seeraa osoo dubbatuu gidduu seenuun addaan kutuu;Hayyama abbaa seeraa malee gareen biroo falmii dhageessifataa osoo jiruu gidduu seenuun addaan kutuun dubbachuudha.Haqaaf haqaan koottaa !! Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa
----------------------------
Wal ta'iinsa Waajjira Naamusaa fi Inispeekshinii fi Daayireektoreetii Komunikeeshiniin kan dhiyaate
Forwarded from Maftuu lawyer @Gola seeraa🙏️ (Maftu Ebrahim)
224876 (2).pdf
1 MB
የውርስ ሀብት በእጁ አድርጎ ያልያዘ ወራሽ በፍ/ብ/ህ/ቁ 1000(1) መሰረት የይርጋ መቃወሚያ ማንሳት አይችልም።
የፍ/ብ/ህ/ቁ 1000(1) ከሳሹ መብቱንና የውርሱ ንብረቶች በተከሳሹ መያዛቸውን ካወቀ ሶስት አመት ካለፈ በኋላ ስለወራሽነት ጥያቄ የሚቀርበው ክስ ተቀባይነት ለማግኘት እንደማይችል ደንግጓል፡፡ ይህ ድንጋጌ በይዘቱ የይርጋ መቃወሚያ ማንሳት የሚችለው የውርስ ንብረቶቹን በእጁ የያዘው ሰው ብቻ ስለመሆኑ የሚያስገነዝብ ነው፡፡
ሰ-መ-ቁ 224876 ቀን ጥቅምት 2 2015 ዓ.ም
Namni qabeenya dhalma harkaa hin qabne darbinsa yeroo himannaa dhiyaatu irratti kaasuu kan hin dandeenye tahuu isaa
T.me/maftulawyer
#Qooddii_qabiyyee_Abbaa_Warraa_Haadha_Warraa_Lama_qabuu_ilaalchisee!
Dhiirri tokko haadha warraa/Niitii/lama yoo qabaate dhimma qabeenyaa irratti wal diddaan yoo ka'e haati warraa 2ffaan haadha warraa jalqabaatin wal qixa qabeenya qooddatti moo miti? Kan jedhu irratti seeaafi manni murtii waliigala federaalaa dhaddachi ijibbaataa maan jedhu?
kunooti👉👇

€€€€€✓✓✓✓€€€€€✓✓✓✓✓€€€€€€€€✓✓✓✓✓

👉......Kanaan wal qabatee murtiin galmee dhaddacha Ijibbaataa lakkoofsi isaa 120844 ta'e irratti kenname, abbaan warraafi haati warraa osoo gaa'ilaan waliin jiranii qabiyyee lafaa argatanitti waggaa dheeraadhaaf itti fayyadamaa erga turanii booda abbaan warraa haadha warraa lammaffaa fuudhuun isaa waan ragaadhaan mirkanaa'eef haati warraa isheen jalqabaa waa'ee gaa'ila isa lammaffaa fedhii ishee osoo hin ibsin haati warraa isheen boodarraa gaa'ila raawwachuun dura qabiyyee ture kallattiidhaan qixxeetti akka qooddattuuf seerri deeggaru hin jiru jechuun haati warraa boodarraa gahee abbaa warraa ishee qofarraa akka qooddattu jedhamee kan murtaa'edha.

👉Kanaan ala abbaan warraa, yeroo hunda, wayita haadha warraa lama fuudhu haati warraa boodarraa gahee abbaa warraa irraa qofa qooddachuu qabdi jedhamee hiikkoon seeraa kenname hin jiru

https://t.me/http_Ijooseeraa
#Darbinsa_Yeroo Himannaa beenyaa fi gaaffiiwwan mirgaa lafa faayida ummataatiif gadi lakkifamu waliin walqabatee dhiyaatu.
Seera hariiroo hawaasaa keewwata 1677(1) jalatti seerri waliigaltee waligalaa seerri addaa dhimmicha faana rogummaa qabuu ifatti wanti jedhu yoo jiraachuu baate dirqamoota fi dhimmoota seeraa kan biroo irrattis raawwatinsa kan qabu tahuu isaa ifatti tumamee jira
Kana jechuun himannaan beenyaa lafa faayidaa ummataatiif fudhatameef seera addaa itti hogganamu labsii lakk 1161/2019 kan qabu waan taheef dhimma darbinsa yeroo ilaalchisee darbinsi yeroo waggaa lama seera waliigalteen alaa jalatti tumamee jiru dhimma kana irartti kan rogummaa hin qabne tahuun isaa kan hubatamuu dha.
Labsiin lakk 1161/2019 ta’e immoo waa’ee darbinsa yeroo himannaa beenyaa lafa faayidaa ummataatiif fudhatame irratti waan jedhe hin qabu
👉Kanaafuu himannaa beenyaa lafaa faayidaa ummataatiif fudhatame irratti darbinsi yeroo raawwii qabu kan seera hariiroo haawaasaa keewwata 1845 jalatti tumamee jiru darbinsa yeroo waggaa kudhaani ta’a jechuu dha.
👉Falmii dhimma itti fayyadamuu lafa koo irratti miidhaa dhaqqabeef beenyaan naaf haa kafalamu jechuun dhiyaatu ilaalchisee immoo hanga gaaffiin lafti koo faayidaa ummataatiif guutumaan guututi fudhatame jira waan ta’eef beenyaan naaf haa kafalamu jedhu hin dhiyaanneetti himannaan beenyaa lafaa gaafatamu bu’uura SHH kwt 2143 tiin darbiinsa yeroo waggaa lamaatiin kan daangeffamuudha.
👉Abbaan qabiyyee dhaabbiidhaan qabiyyee isaa irraa sababa faayidaa ummataatiin hanga hin buqqaafamnetti miidhaa lafa isaa irra dhaqqabeef beenyaa gaafatuuf raawwatiinsa kan qabu darbiinsa yeroo waggaa lama SHH kwt 2143 jalatti tumamee jiruudha
💟MMWFDI Jildii 11 lakk.galmee  59979 ta’e irratti bu’uura heera mootummaa kwt.40(8)tiin qabiyyee mootummaan fudhateetiif beenyaan gaafatamu darbiinsa yeroo waggaa lamaa kwt.1149(1) fi 2143tiin hin daanga’u jechuun murtii kennee jira.
👉Murtiin kun qabiyyee lafa guutumaan guututti fudhatameef raawwii kan qabu ta’uu isaa ibseera
Gama biraatiin MMWFDI Jiildii 20ffaa Lakk. gal.119563 ta’e irratti  sababa itti gaafatamummaa waliigalteen alaatiin miidhaa qaqqabeef beenyaan akka naaf kaffalamu jechuun himanni dhiyaatu guyyaa miidhaan irra gahe irraa kaasee wagga 2 keessatti dhiyaachuu yoo baate darbiinsa yerootiin ni daanga’a jechuun murtii kennee jira
👉kanaafuu qabiyyeen guutumaan guututti osoo hin fudhatamin miidhaan dhaqqabe yoo ta’e darbiinsa yeroo waggaa lamaatiin kan daanga’u ta’uu isaati.
Kanaafuu darbiinsa yeroo isa kamtu raawwatiinsa qaba kan jedhu adda baasuuf ijoon qabiyyeen sun guutumaan guutuutti ykn dhaabbiidhaan fudhatame moo?miti? jedhu erga xiinxalameen booda darbiinsa yeroo raawwii qabu filatama jechuudha
https://t.me/http_Ijooseeraa
2
#Dhimmoota hariiroo hawaasaa darbiinsa yerootiin daanga'an Vs DH.Ij.MMWF fi Seera:
1.Himannaa qabiyyee lafa baadiyaa himatamaan itti fufiinsaan waggaa 12 ol yoo itti fayyadame qabiyyicha waliigaltee seeraan alaan qabachuu hanga hin mirkanoofnetti darbiinsa yeroo waggaa 12 tiin daangeeffama(Dh.Ij.MMWF Jildii 22ffaa L.G.140538,dambii labsii lafa baadiyaa oromiyaa raawwwachiisuuf bahe L.151/2005 keewt.32).Dh.Ij.MMWF Jildii 13ffaa L.G.69302 ta'een bara 2004 Osoo dambiin 151/2005 hin bahin darba yeroo waggaa 10 jedhee murteessee ture.Hub:Darbiinsi yeroo lafa baadiyaarratti ka'u waggaa 10 osoo hin taane waggaa 12.
2.Qabeenya tasgabbaa'aarratti jeequmsi ka'e akka dhaabbatuuf himanni dhihaatu waggaa 2 keessatti yoo hin dhihaanne darba yerootiin daangeeffama.Shh keewwata 1149/2,Dh.Ij.MMWF Jildii 9ffaa,11ffaa fi 15ffaa.
3.Dhimmootni hojjataa fi hojjachiisaa ilaallatan kamiyyuu guyyaa balleessaan raawwatame kaasee waggaa 1 yoo darbe himannaa dhiheessuun hin danda'amu(seera hojjataa fi hojjachiisaa Labsii L.1156/2011 A.L.I bahe kwt.189,Dh.Ij.MMWF Jildii 21ffaa L.G.136981,134188).
4.Beenyaa waliigalteen alaatiin miidhaa qaqqabeef gaafatamu guyyaa miidhaan qaqqabe kaasee waggaa 2 keessatti yoo himanni hin dhihaanne darbiinsa yerootiin daanga'a(Shh kwt.2143/1,Dh.Ij.MMWF Jildii 6ffaa L.G.34406,Jildii 11ffaa L.G.58920).
5.Dhimma hariiroo hawaasaarratti Murtiin erga kennameen booda ol'iyyanni guyyoota 60 keessatti yoo hin dhihaanne darba yerootiin daangeeffama(sdfhh kwt.323/1.Falmii hojiirratti murtiin erga kennameen booda ol'iyyanni ijibbaataatti guyyoota 90 keessatti dhihaachuu qaba.Murtiin(ajajni) bakka ani hin jirretti kenname akka ka'u jedhamee gaafatamu,erga murticha/ajajicha beekee kaasee guyyoota 30 keessatti yoo iyyata hin dhiheessine ji'a 1 booda dhiheessuu hin danda'u(Dh.Ij.MMWF Jildii 18ffaa L.G.101478,sdfhh kwt.78/1).
6.Qabeenyi dhaamoon argame waggaa 10 keessatti yoo hin gaafatamne darba yerootiin daanga'a(DhIjMMWFJildii 8ffaa LG.38152,shh kewt.1677/1 fi 1845).
https://t.me/http_Ijooseeraa
1
#FOORMII_WALIIGAALTEE_KENNAA
▬▬▬▬▬▬▬▬
➦Ulaagaalee kennaan seera qabeessa ta'e tokko guutuu qabu keessaa inni tokko unka (foormii) dha. Seerri Hariiroo Hawaasaa gosa qabeenya kennaan dabarfamuu irratti hundaayuun foormii hordofamuu qabu adda baasuun tumee jira.

➦Dhimmi kennaan irratti taasifamu qabeenya hin sochoone yoo ta’e ykn qabeenya hin sochoone irratti mirga namni tokko qabu irratti yoo ta’e bu’uura keewwata 881-883 tiin ta’uu akka qabu SHH ifatti tumee jira. Haaluma kanaan walii galteen qabeenya hin sochoone kennuuf ykn mirga qabeenya hin sochoone irratti namni tokko qabu kennaa dhaan dabarsuuf raawwatamu ulaagaalee armaan gadii guutuu qaba.
➢ Barreeffamaan ta’uu qaba;
➢ Namni kennaa kennu sun ofuma isaa walii galtee sana kan barreesse ykn inni osoo dubbatuu kan namni biroo barreese ta’uu qaba;
➢ Ragaa namaa 4’n mirkanaahuu kan qabu ta’uu qaba. Haa ta’uutii garuu ragoolii keessaa namni tokko abbaa seeraa ykn nama walii galtee akka mallatteessisuuf aangoon kennameef duratti kan walii galame yoo ta’e garuu ragaan nama lamaa gahaa dha;
➢ Bakkuma ragooliin 4n kunii fi namni kennaa kennu jiranitti walii galteen dubbifamee sirni kun kan gaggeeffame ta’uu ibsuun ragoolii fi namni kennaa laatu sun yerooma sana mallattoo isaanii sanada walii galtee kennaa irratti mallatteessuu kan qaban yommuu ta’u sanadni walii galtee kennaa kun guyyaa kennaan itti taasifame ofirratti qabaachuu qaba;
➢  Ragooliin kunneen afaan sanadni walii galtee kennaa kun ittiin raawwatame kan dubbisan ykn dhagahan ta’uu qabu.

➦Karaa biroo immoo SHH Keewwata 1723 (1) jalatti walii galteen qabeenya hin sochoone irratti taasifamu kamuu barreeffamaan mana murtiitti ykn qaama walii galtee raawwachiisuuf aangoon kennameef duratti taasifamuu akka qabu hubachiisa. Manni murtii Walii Galaa Federaalaa Dhaddachi Ijibbaataa Lakk. Galmee 39803 (Jildii 8) ta’e irratti Keewwata 1723 (1) fi Keewwattoota 2443 akkasumas Keeww. 881 jidduu walitti bu’insi akka jiru amanuun hiikkoo dirqisiisaa laateen walii galteen kennaa qabeenya hin sochoone irratti taasifamu mana murtiitti ykn qaama walii galtee akka raawwachiisuuf aangoon kennameef duratti taasifamuun dirqama akka hin taane murteesseera.
Qabeenya socho’uu fi sanadoota mirga daddabarsuu danda’an ilaalchisee kennaan laatamu garuu foormii kamuu hordofuun osoo hin barbaachifne kennuun ni danda’ama.

➦MURTII DHADDAACHAA IJJIIBBAATA  MMWF  lakk.Galmee  193067 hin maxxanffamnee Seeraa hiikkoon itti kennamee:-
➢ Seera Hariiroo Hawaasaa: Keewwata 881 (2), 882 fi 2443
➢ Labsii Lakk. 922/2008 Keewwata 2 (2 fi 5), 8(5), 10 (2) fi 17 (1)-A, C
➢ Murtii Dhaddacha Ijibbaata: Lakk. Galmee 107020, 70057 (J-13), 147331, 17429 (J-2), 22712 (J-4), 32337 (J-5)
Firii Dubbii (Facts):-
➢ Dhimmi kun waliigalteen kennaa qabeenya hin sochoonee foormii akkamii hordofuu akka qabu kan ilaallatu dha. Namni qabeenya kennan (wayitii falmiin ka’etti lubbuun hin jiran) mana dhuunfaa isanii kan Magaala Finfinnee Kutaa Magala Aqaaqii Aanaa 08tti argamuu fi Lakk. Manaa isaa 338 ta’e waliigaltee kennaa gaafa 06/07/2009 taasifamee fi karaa Ejensii Galmeessaa fi Mirkaneessa Ragaalee Federaalaatiin galmaaheen Iyyattoota ammaaf kennaa godhanii laataniiru. Manni falmii kaase kun osooma harmeen kennaa laatan lubbuun jiranii bu’uura walii galtee kennaa taasifameen gara maqaa iyyattootaatti jijjiiramee ragaan abbaa qabeenyummaa manichaas qaama aangoon kennameefiin iyyattootaaf naannaheera.
➢ Qabiyyeen sanada waliigaltee kennaa sanaa nama kennaa laateef kan dubbifame ta’uu isaa sanadicha keessatti hin caqafamne. Waamamtoonni ammaa kun Mana Murtii Federaalaa Sadarkaa Duraatti himata Iyyattoota irratti dhiyeessaniin qabeenya haadha isaanii qabatanii akka jiran, akka deebisaniif wayitii gaafatamanittis walii galtee kennaa gaafa guyyaa 06/07/2009 taasifameen kan kennameef ta’uu fi akka qabeenya dhaalamuun maluufiitti fudhatamee qulqullaahuu fi qoodinsaaf dhiyaachuu akka hin qabne ibsuun akka didan ibaniiru.
https://t.me/http_Ijooseeraa
2
⚖️ሰበር 243973 ወራሽነታችሁን ብቻ አሣውጃችሁ ቁጭ ያላችሁ ወዮላችሁ!

" አንድ ወራሺ ነኝ ባይ ሟች ከሞተ ቡሀላ በማንኛውም ጊዜ የወራሺነት ምስክር ወረቀት እንዲሰጠው ለፍርድ ቤት ጥያቄ ማቅረብ ይችላል. ህጉ የወራሺነት ምስክር ወረቀት ይሰጠኝ ለሚል አቤቱታ ያስቀመጠው ይርጋ የለም. ነገር ግን የወራሺነት ምስክር ወረቀት መያዛችሁ የውርስ ንብረት/ድርሻን ለመጠየቅ በምታቀርቡት ክስ ላይ የሚነሣ የ3 አመት (በወራሾች መካከል) ወይም የ10 አመት (ወራሽ እና ወራሽ ባልሆኑ መካከል) የይረጋ መቃወሚያን ቀሪ አያደርግም. በመሆኑም የወራሺነት ማስረጃ ያለዉ ሰዉ ሟች በሞተ በ3 አመት ውስጥ የውርስ ሀብቱን በያዙበት ሰዎች ላይ ክስ ካላቀረበ መብቱ በይርጋ ይታገዳል"

* አንድ ወራሺ በአንቀጽ 996 መሰረት በፍርድ ቤት የሚሰጠው የምስክር ወረቀት ወራሽነትንና አመልካች ከውርስ የሚያገኘውን ድርሻ የሚመለከት ቢሆንም በውጤት ደረጃ ግን ወራሽ ስለመሆን እና የውርስ ድርሻውን ግምት የሚያስወስድ ብቻ ነው (አንቀ 997).
* ከውርስ ንብረት መተላለፍ ጋር በተያያዘ ህጋችን ያስቀመጠው የውርስ ሀብት ማስተላለፊያ መንገድ ሞትን ተከትሎ የውርስ ንብረቱ በጊዜያዊነት በሌላ ሠው እጅ ቆይቶ የውርስ ማጣራት ሂደት ካለቀ ቡሀላ የሚደረግ ዝውውርን ሲሆን ለወራሾች የሚተላለፈው መብት 3ኛ ወገን በአጣሪነት ተሳትፎበት ከእዳ እና እገዳ የተረፈው ንብረት ነው (አንቀጽ 1053). ከዚህ አኳያ ወራሾች ወዲያውኑ በውርስ ንብረቱ ላይ መብት እንደማይኖራቸው ግልጽ ነው. የውርስ ማጣራት አልቆ የተረፈው ንብረት የጋራ መሆኑ ከተረጋገጠ በኃላ ንብረት ክፍፍል በሚጠየቅበት ጊዜ የወራሾችን ትክክለኛ ድርሻ የሚለየው በጋራ በሚመረጥ ሰው ወይም በፍርድ ቤት በሚሾም ባለሙያ ሊሆን እንደሚችል መመልከቱ የወራሽነት ሰርትፍኬት የመጨረሻ ውሳኔ አለመሆኑን ያሳያል(1083 ). *በይርጋ የማይታገደው የውርስ ክፍፍል ጥያቄ የሚቀርበውም ዉርስ ከተጣራ ቡሃላ መሆኑ በአንቀጽ 1062 ተመልክቷል፡፡
* ስለዚህ አሳውጃችሁ ብቻ ቁጭ ያላችሁ ሰዎች በፍርድ ቤት ውርስ አጣሪ ተመድቦ ውርስ እንዲጣራላችሁ አድርጉ ከዛ ቡሀላ በማንኛውም ጊዜ የውርስ ሀብት ድርሻየ ይሰጠኝ የሚል ክስ ማቅረብ ትችላላችሁ ይርጋ አይኖርባችሁም!(ሰበር መ.ቁ 243973
https://t.me/http_Ijooseeraa
Forwarded from Jemal Kumbi
Waldiddaan Qabiyyee Lafa Baadiyaa Irratti Ka’u Dursa B/Gandaa Irratti Jaarsaan Ilaalamuu Kan Qabu Eenyuun Ilaallata?
================================
Labsii Bulchiinsaa fi Ittifayyadama Lafa Baadiyaa Lkk 130/1999 Kwt 16; Labsii Lkk 248/2015 kwt 33 fi; Murtii Dh Ijb MMWF glm Lkk 102406 (Jld 21) .
================================
Waldiddaan Qabiyyee Lafa Baadiyaa irratti ka’u kamiiyyuu kallattiin gara Manneen Murtii Idilee dhufuu akka hinqabnee fi jalqaba karaa B/Gandaa Jaarsota bitaa fi mirgi filataniin ilaalamuu akka qabu Labsii Lafa Baadiyaa Oromiyaa duraanii Lkk 130/1999 kwt 16 jalatti tumamee ture.
Haaluma walfakkaatuun labsiin Lkk 248/2015 Labsii Lkk 130/99 fooyyesses kwt 33 (1) jalatti gosa Dhimmoota waldiddaawwan sadarkaa Bulchiinsa gandaatti jaarsaan ilaalamuu qabanii tarreessuun ibsee jira.
Isaanis; falmii daangaan walqabatu, falmii mirga abbaa qabiyyummaa Lafa mana jireenyaa, dheedichaa, bishaanii , ooyruu ykn jallisiin fi akkasumas dhaaltotaa fi Nama dhaalaa hintaane giddutti ka’uun walqabatee ka’u jalqaba Bulchiinsa Gandaa qabiyyichi itti argamutti dhiyaachuun jaarsota filayamaniin ilaalamuu akka qabu labsicha kwt 33(1(a-c)) jalatti tarreeffamuun ibsamee.
Akkasumas adeemsi ittiin ilaalamus labsicha kwt 33(2) jalatti bal’inaan diriirfamee argama.
Egaa kanaan walqabatee gaaffiin ka’u tumaan seerichaa kun qaama/garee falmii akkamii ykn eenyuun ilaala kan jedhu yemmuu ta’u jecha biraatiin namoota dhuunfaa qofa moo dhaabbilee/jaarmiyaslees niilaala kan jedhudha.
Kanaan walqabatee labsiin duraanii Lkk 130/1999 s ta’ee labsiin Lkk 248/2015 eenyummaa gareewwaniin wanti adda kan hinjirre ta’us Dha Ijbta MMWF garuu Murtii glm Lkk 102406(Jld 21) irratti gaafa 09/03/2009 kenneen akkaataa Labsii Lkk 130/99 kwt 16n waldiddaawwan qabiyyee Lafa Baadiyaa ilaalchisee B/Gandaatti dhiyaachuun Jaarsa araaraa filatamaniin ilaalamuu qaba jedhame falmii qotee bultoota namoota uumamaa ta’an giddutti kan ka’an malee falmii Nama uumamaa fi jaarmiyaa ykn dhaabbata seeraan namoomee giddutti ka’u kan ilaalu/dabalatu akka hintaane hiikkoo laatee jira.
Akka hiikkoo kenneettis Labsii Lkk 130/99 kwt 16 Labsii Lafa Baadiyaa Mootummaa Federaalaa waliin haala walsimuun hiikamuu kan qabu ta’uun alattis kaayyoo Caffeen tumaa kwt 16 labsicha keessatti hammachiiseef waliin hubatamuu qaba jedhee jira.
Haaluma kanaan Caffeen keewwaticha kan labseef qotee bultii dhuunfaa Waldiddaa qabiyyee lafaa irratti godhatan otuu fagoo deemuun yeroo fi qabeenya isaanii hinqisaasin dhiyeenyatti dhimmicha karaa araaraa fi jaarsummaan akka furatqn yaadeeti malee jaarmiyaalee qaama seerummaa Federaalatti ykn Naannotti galmaa’an akka hammatuuf yaadanii miti waan ta’eef qotee bultoota malee jaarmiyaalee seeraan uumaman hinilaallatu jedheera Dh Ijbta MMWF.
Labsiin Lkk 248/2015 kwt 33 tumaa Labsii Lkk 130/99 kwt 16 kan hinjijjiirre waan ta’eef hiikkoon Dhaddacha Ijbt olitti ilaalame kwt 33 Labsii Lkk 248/2015 irratti raawwatiinsa akka qabu ifadha.
NB: akkaataa tumaa kwt 16 Labsii Lkk 130/99tis ta’ee Labsii Lkk 248/2015 kwt 33tti namni kamiiyyuu jalqaba falmii isaa B/Gandaatti dhiyeeffachuun/jaarsota araaraatti ilaalcjifachuun fedhii malee dirqama akka hintaanee fi namni barbaade kallattiin Mana Murtii idilee aangoo qabutti himachuu akka danda’u glm biroo irratti Dh Ijbta MMWF hiikkoon kennes niyaadatama.
1
Forwarded from Dereje Tariku Law Office (Dereje Tariku)
የፍርድ_አፈፃፀም_ፅ_ቤት_የአሰራር_ስርዓት_መመሪያ_ቁጥር_26_201709122025.pdf
8.8 MB
Qajeelfama Sirna Raawwii Murtii Manneen Murtii Federaalaa Lakk.26/2017

የፌዴራል ፍርድ ቤቶች የፍርድ አፈፃፀም ፅ/ቤት የአሰራር ስርዓት መመሪያ ቁጥር 26/2017
Forwarded from Dereje Tariku Law Office (Dereje Tariku)
ከጥቅምት_2017_እስከ_የካቲት_2017_የተወሰኑ_የሰበር_ውሳኔዎች_by_AbduRahman_Seid.pdf
10 MB
FSCD! 2017!

ከጥቅምት 2017 እስከ የካቲት 2017 የተወሰኑ 239 የፌደራል ጠቅላይ ፍ/ቤት ሰበር ሰሚ ችሎት ውሳኔዎች


Fuula 'Telegram' Elias Kasa Ta irraa kan fudhatame
Forwarded from Maftuu lawyer @Gola seeraa🙏️ (Maftu Ebrahim)
የፌዴሬሽን_ምቤት_ውሳኔ_11_01_2023_19_39_59_1.pdf
6.6 MB
𝙈𝙪𝙧𝙩𝙞𝙞 𝙢𝙖𝙣𝙖 𝙢𝙖𝙧𝙚𝙚 𝙛𝙚𝙙𝙚𝙧𝙚𝙨𝙝𝙞𝙣𝙞𝙞 𝙢𝙖𝙣𝙖 𝙦𝙖𝙗𝙖𝙡𝙚𝙚 𝙞𝙡𝙖𝙖𝙡𝙘𝙝𝙞𝙨𝙚𝙚 𝙢𝙪𝙧𝙩𝙞𝙞 𝙙𝙝𝙖𝙙𝙙𝙖𝙘𝙝𝙖 𝙄𝙟𝙞𝙗𝙖𝙖𝙩𝙖𝙖 𝙙𝙞𝙞𝙜𝙪𝙪𝙣 𝙢𝙪𝙧𝙩𝙚𝙚𝙨𝙚 𝙜𝙪𝙪𝙩𝙪𝙪 𝙞𝙨𝙖𝙖
𝘫𝘰𝘪𝘯 𝘰𝘶𝘳 𝘵𝘦𝘭𝘦𝘨𝘪𝘳𝘢𝘮
T.me/maftulawyer
𝗠𝘂𝗿𝘁𝗶𝗶 𝗛𝗮𝗮𝗿𝗮𝘄𝗮𝗮
•••
Dhaddachi ijibbaataa MMWF dhaddacha Abbootiin Seeraa 7 irratti moggaafamuun guyyaa kaleessaa jechuunis, Amajjii 25 bara 2018 oole kenneen murtiiwwan kana dura galmeewwan lakk. 50835 fi 67127 ta’an irratti kennee ture jijjiiree jira.

Haaluma kanaan namni murtiin Mana Murtiin kenname mirga koo tuqa jedhu himata haaraa hundeessuun mirga isaa kabachiifachuu kan danda’u sababa humnaa ol ta’e ykn gahaadhaan murtiin mirga isaa tuqu kennamuu haalli itti beeku yoo hin jiraanne ykn sababa kanaan mormii dhiyeeffachuu kan hin dandeenye ta’uun yoo mirkanaa’e akka ta’e hiikoo haaraan kennameera.
https://t.me/http_Ijooseeraa
1