DHIMMA_YAKKAA_IRRATTI_MORMII_SADARKAA_DURAA_HIMATAMAAN_KAASUU_DANDA'U:
==============================
1️⃣.Himatamaan foormii himannaa,bifa, yookiin qabiyyee himannaa mormuun akka mormii sadarkaa duraatti kaasuu danda'a,sdfy keewwata 130(1).

#A.Himatamaan foormii fi qabiyyee himannaa irratti mormii dhiheessee Manni Murtii yoo fudhate akka haala dhimmichaatti himanni akka jijjiiramu yookiin akka dabalamu yookiin himannaa haaraa akka qopheessu ajajuu ni danda'a,sdfy keewwata 130(1) fi 119(1).
#B.Bu'uura Manni Murtii ajajeen Abbaan Alangaa yoo hin raawwanne,himatamaan yeroodhaaf too'annaa jalaa gadi lakkifama,sdfy keewwata 122.
#C.Himanni Abbaa Alangaa yoo jijjiirame,yoo dabalame yookiin himanni haaraa yeroo dhihaatu Manni Murtii himatamaaf dubbisuun akka hubatu ni taasisa,sdfy keewwata 119(2).
#D.Itti aansuunis himata jijjiirame,dabalame ykn haaraa banamee dhihaateef himatamaan dhagahuuf qophii ta'uu fi dhiisuu Manni Murtii himatamaa gaafachuu qaba,sdfy keewwata 120(1).
#E.Akkuma himanni himatamaaf qaqqabeen battalumatti himata dhagahuu yoo itti fufe mirga ofirraa ittisuu himatamaa kan hin sarbine ta'ee Mana Murtiitiif yoo mul'ate dhimmicha dhagahuu itti fufa.
#F.Manni Murtii dhimma battalumatti itti fufuun mirga ofirraa ittisuu kan himatamaa yookiin haala himannaa Abbaa Alangaa jijjiiru ta'ee yoo argame garuu,himata dhagahuuf beellama biraa kennuu qaba,sdfy keewwata 120(3).
2️⃣.Himatamaan darbiinsa yeroo akka mormii sadarkaa duraatti kaasuu danda'a.Himanni Abbaa Alangaa darbiinsa yerootiin kan daangeeffame yoo ta'e,himatamaan mormii kaasuu baatus Manni Murtii kaka'umsa isaatiin Galmee cufuu qaba.
3️⃣.Himatamaan gocha yakkaa raawwate jedhamee ittiin himatameef itti gaafatamaa ta'uu dhabuu ibsuun akka mormii sadarkaa duraatti kaasuu danda'a(criminal irresponsibility).
#Keessattuu,himatamtichi dhukkuba sammuu ykn gaggabdoon kan jeeqamu yoo ta'e waan gocha raawwatu beekuu fi dhiisuu isaa fi kan kana fakkaatan yaada ogeessa beekumsa addaa qabuun(Hospitaala dhimma kana adda baasuu danda'uun) qulqulleessuun dirqama.
4️⃣.Dhimmichi dursa Murtii kan argate yoo ta'e akka mormii sadarkaa duraatti kaasuu danda'a,sdfy keewwata 130(1)(b).
5️⃣.Dhimmichi dhiifamaan yookiin maaruudhaan/baraarsaan kan hafe yoo ta'e himatamaan akka mormii sadarkaa duraatti kaasuu danda'a.
6️⃣.Dhimmichi Mana Murtii birootti dhihaatee ilaalamaa kan jiru yoo ta'e akka mormii sadarkaa duraatti kaasuu danda'a.
7️⃣.Himanni dhihaate mirga ofirraa ittisuu himatamaa kan tuqu yoo ta'e himatamaan kanuma sababaan deeggaruun ibsuun akka mormii sadarkaa duraatti dhiheessuu danda'a.
Himatamaan akkuma himanni dubbifameefi hubateen booda mormii qabu duguugee kaasuu qaba.Yoo battalumatti mormii sadarkaa duraa qabu hin kaafne booda kaasuu hin danda'u.Garuu,murtii mormii irratti kennamu haqa kan daangeessu yoo ta'e(prohibit to give valid judgment) mormiin booda irratti ka'uu akka danda'u sdfy keewwata 130(3) jalatti ifa taasiseera.
#Mormiiwwan sadarkaa duraa seera deemsa falmii yakkaa keewwata 130 jalatti tumaman duguugamanii kan kaa'amanii miti.Mormii sadarkaa duraa seera kana jalatti hin tumamnes dhimmichaaf rogummaa qaba taanaan himatamaan mormii biraa kaasuu danda'a.
#Dhaddachi Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Jildii 14ffaa Lakkoofsa Galmee 73514 ta'een"himatamaan mormii sadarkaa duraa seera deemsa falmii yakkaa keewwata 130 jalatti hin tumamnes akka mormii sadarkaa duraatti kaasuu akka danda'u" hiikoo kennee ture.
#Haalawwan hin adabsiisne(of irraa ittisuu seera qabeessa yookiin legitimate self-defense) Vs seeraa:
#Namni mirga isaa yookiin kan nama biroo miidhaa seeraan alaa irraa yookiin miidhaa seeraan alaa dhiheenyatti qaqqabu irraa oolchuuf miidhaan sun akka hin qaqqabne taasisuuf karaan biroo yoo hin jiraanne hamma haalichaa osoo hin darbin gochi raawwateef hin adabamu,seerri yakkaa bara 1996 bahe keewwatni 78 ifa taasisee jira.
Credit to Chala Abdurahiman
https://t.me/http_Ijooseeraa
2
Forwarded from Maftuu lawyer @Gola seeraa🙏️ (Maftu Ebrahim)
250725.pdf
192 KB
Murtiin Lakkoofsa Abbootii Seeraa Dhaddacha tokkoof seeraan ramadamee jiru hin guunneen fi Abbaa Seeraa Mana Maree bakka bu'oota uummataatiin hin muudamneen kennamu bu'uura seeraa kan hin qabne ta'uu isaa DhIMMWF Lakk.Galmee 250725 ta'e irratti murtii kennee jira.
👉👉T.me/maftulawyer
#BOQONNAA_HAARAA ❗️
Duraan Dursee obboleewwan koo hundi nageenyi Rabbii bakka jirtanitti isiniif haa ta'u. Jireenya kiyya ogummaa seeraa Abbaa Alangaa ta'uun bara 2011- 2018 irraa jalqabee ummata koo tajaajiluuf Godina Harargee lixaa irraa jalqabee hanga Magaalaa Bishooftuutti sadarkaa garaagaraatiin gammachuu fi jaalalaan ummata koo tajaajilaa turee hardha boqonnaa jireenyaa seera haarawa gama Abukaatummaatti ce'uun Abukaatoo dhuunfaa fi Gorsaa. seeraa ta'uun jalqabeen jira.

Ammaas jireenya haarawa kana keessatti akkuma kana duraa Rabbumaa fi isin abdachuun  boqonnaa jireenya haarawa jalqabeen jira. Ammallee akkuma dur akka nacinaa dhaabbattan abdiin qaba.
Tajaajila Abukaatummaa namoonni barbaaddaniis anatti tajaajilamuu dandeessu akkasumaa namootni harka qalleeyyii ta'aniifiw bilisaan dhaabbachuuf qophiidha.

Namoonni dhimma seeraa mana murtii qabdaniis manneen murtii Oromiyaa kamittuu natti tajaajilamuu dandeessu.

Bilbilli kiyyaas-  0911932736 ykn 0927795673
Teessoon ;- Magaalaa Adaamaati.
https://t.me/http_Ijooseeraa
#BOQONNAA_HAARAA ❗️
Duraan Dursee obboleewwan koo hundi nageenyi Rabbii bakka jirtanitti isiniif haa ta'u. Jireenya kiyya ogummaa seeraa Abbaa Alangaa ta'uun bara 2011- 2018 irraa jalqabee ummata koo tajaajiluuf Godina Harargee lixaa irraa jalqabee hanga Magaalaa Bishooftuutti sadarkaa garaagaraatiin gammachuu fi jaalalaan ummata koo tajaajilaa turee hardha boqonnaa jireenyaa seera haarawa gama Abukaatummaatti ce'uun Abukaatoo dhuunfaa fi Gorsaa. seeraa ta'uun jalqabeen jira.

Ammaas jireenya haarawa kana keessatti akkuma kana duraa Rabbumaa fi isin abdachuun boqonnaa jireenya haarawa jalqabeen jira. Ammallee akkuma dur akka nacinaa dhaabbattan abdiin qaba.
Tajaajila Abukaatummaa namoonni barbaaddaniis anatti tajaajilamuu dandeessu akkasumaa namootni harka qalleeyyii ta'aniifiw bilisaan dhaabbachuuf qophiidha.

Namoonni dhimma seeraa mana murtii qabdaniis manneen murtii Oromiyaa kamittuu natti tajaajilamuu dandeessu.

Bilbilli kiyyaas- 0911932736 ykn 0927795673
Teessoon ;- Magaalaa Adaamaati.
1
Himatamaan mirgi deebii dhiyeeffachuu bira darbame gaafa falmii afaanii dhiyaatee mormii sadarkaa duraa kaasuu Nidanda’aa? Manneen Murtii Keenya Akkamitti Dogongora hanga kana gahu raawwatan?
==================================
SDFHH kwt 231, 233, 199 fi Murtii Dh Ijb glme Lkk 158462 ta’erratti gaafa 11/04/2011 kenname waliin kan ilaalame.
==================================
Himanni hariiroo hawaasaa tokko akkuma dhiyaateen ulaagaa teeknikaa fi seeraa kan guute ta’uun isaa akkaataa SHHH kwt 231tiin eega mirkanaa’e booda himatamaan deebii isaa barreeffamaan akka dhiyeeffate garagalcha ragaalee waliin karaa teessuu isaa ergamuufii akka qabu Seericha kwt 233 jalatti tumamee argama.
Guyyaa beellamaatti deebii yoo dhiyeeffachuu baate ykn waamichi isa gahuun morkanaa’ee garuu yoo hafe mirgi deebii isaa kan bira darbamu akka ta’e ajaja waamchaa keessatti ibsamuufii akka qabu seericha kwt 233 jalatti kan tumame irraa yemmuu hubatamu haaluma kanaan mirgi deebii kennuu isaa akkaataa SDFHH kwt 199n kan bira darbamu ta’a.
Sana booda himatamaan dhiyaatee komatuun ajaja mirgi isaa bira ittiin darbame kaasisuun deebii barreeffamaa yoo dhiyeeffate malee deebii barreeffamaa otuu hindhiyeessin gaafa dhagaha duraa ykn falmii afaanii dhiyaatee falmii kan hindandeenye ta’uu caalaayyuu qabxiilee mormii sadarkaa duraa kaasuu akka hindandeenye tumaalee kwt 231, 233, 244 fi 70 walitti dubbisuun hubachuun kan danda’amudha.
Gama biraan dhimmi galmee Dh Ijbt olitti caqafame irratti ilaalame MMA Jajuutti kan eegale yoo ta’u himatamaan mirgi deebii isaa akkaataa SDFHH kwt 199 bira darbamuun himannaa himataa dhagahuuf gaafa dhimmichi buletti himatamaan dhaddachatti dhiyaatee mormii sadarkaa duraa himannaan himataa darbiinsa yeroon kan daanga’e ta’uu kaasuun falmee jira.
MMAanichaatis mormii darbiinsa yeroo himatamaan kaase fudhatee himannaa himataa darbiinsa yerootiin jal-murtiin kufaa kan godhe yoo ta’u MMO G/Arsii fi Dh Ijbt MMWO tis komii himataan itti dhiyeeffate kufaa gochuun jal-Murtii MMA cimsaniii jiru.
Dha Ijbt MMWF glme Lkk 158462?ta’erratti murtii gaafa 11/04/2011 kenneen himatamaan mirgi deebii isaa bira darbame ajaja mirgichi bira ittiin darbame bu’ura sirna ilaaluun kaasisee otuu deebii barreeffamaa hindhiyeeffatin gaafa falmii afaanii dhiyaatee mormii sadarkaa duraa kaasee falmuu seerri Deemsa Falmii kan dhoorku ta’uu ibsuudhaan jal-murtii MMAanichaa fi ajaja MMO fi kan Dh Ijbt MMWO diigee jira.
Waliigalatti himatamaan mirgi deebii isaa bira darbame mormii sadarkaa duraa dabalatee falmiii ittisaa kamiiyyuu kaasus ta’ee ragaa dhiyeeffachuu kan hindandeenye ta’uu fi wanti inni gochuu danda’u tokko ragaa himataa gaaffii qaxxaamuraa gaafachuu qofa akka ta’e hubatamuu qaba.
Manneen Murtii keenya garuu maal ta’an?
https://t.me/http_Ijooseeraa
2
Forwarded from Maftuu lawyer @Gola seeraa🙏️ (Maftu Ebrahim)
Murtii Dirqisiisaa Dhaddacha Ijibbaataa MMWO.pdf
5.7 MB
Dhaddachi Ijibbaataa MMWO murtii dirqisiisaa (HAARAYA) dhaddacha gaafa 11/10/2016 ooleen Lakk Ga.453487 ta'e irratti kenneen dhimma mana Murtii Aadaa Sadarkaa jalqabaatti dhiyaatee, MM Aadaa oldabarfataatiin oliyyannoodhaan ilaalameen walqabatee murtii dhumaa kan kennu Mana Murtii Aanaa (Idilee) ta'uufi namni murtiin dhumaa MM Aanaatiin kenname dogoggora bu'uura seeraa qaba jedhu dhaddacha Ijibbaataa MMWOtti iyyachuu kan danda'u ta'uu ibseera.
      Desalegn B.
T.me/maftulawyer
#Murtiilee_Dhaddacha_Ijibbaataa_Mana_Murtii_Waliigala_Federaalaa_Seeraa_fi_Waliigaltee_Araaraara_Dhimma_H/Hawaasaa_irratti
=======()==============()========
✍️-Araara jechuun waliigaltee wal falmitootaa jidduu waldhabdee uumame hambisuu fi waldiddaan gara fuulduraa isaan gidduu akka hin uumamne ittisuuf garee wal falmitootaa jidduu taasifamuudha(shh keewwata 3307 fi sdfhh keewwata 274).

✍️Waliigalteen araaraa garee wal falmitootaa
jidduutti taasifamee bu'aan araaraa mana murtiitiin yoo mirkanaa'e dhimmi isaan araaraan waliigalan
irra deebi'amee hin ilaalamu res judicata with
out appeal ta'a shh keewwata 3312,1 sdfhh kwt
5 fi 244,g

✍️=Faayidaa dhimma ofii jaarsummaadhaan xumurachuu 1ffaa baasii fi xaarii abbootii dhimmaa hir'isa,2ffaa Hariiroo garee lameenii cimsa 3ffaa
ba'aa hojii mana murtii hir'isa,4ffaa yeroo qusata
fi k.k.f dha.

#Dhaddachi_ijibbaataa mana murtii waliigala federaalaa waliigaltee araaraa ilaalchisee galmeelee baay'ee irratti murtii dirqisiisaa kenneera.Isaan keessaa galmeelee muraasa haa ilaallu:-
👉1.Dh.Ij.MMWF Jildii 20ffaa Lakk.Galmee 114623 ta'e dhaddacha gaafa guyyaa 22/06/2009 ooleen ''walfalmitoonni dhimma wal falman araaraan kan xumuratan yoo ta'ee fi bu'aan araaraa mana murtiitiin bu'uura sdfhh keewwata 277(1) tiin yoo mirkanaa'e waliigalteen araaraa sun akka murtii manni murtii kennetti dirqisiisummaa kan qabuu fi raawwatiinsa kan qabu ta'uu'' murtii dirqisiisaa kennee ture;

👉2.Dh.Ij.MMWF jildii 9ffaa Lakk.Galmee 52752 ta'e dhaddacha Waxabajjii 16 bara 2002 ooleen''Gareen wal falmitootaa dhimma isaanii jaarsummaadhaan xumurachuuf yoo waliigalanii fi waliigaltee araaraa kana mana murtii dhiheessanii manni murtii kan mirkaneesse yoo ta'e,waliigalteen araaraa sun akka murtii manni murtii kennetti lakkaa'amee raawwatamuu akka qabu''murteessee ture.

👉3.Dh.Ij.M.M.W.F Jildii 5ffaa Lakk.Galmee 25912 ta'e
dhaddacha Caamsaa 2,bara 2000 ooleen'waliigalteen araaraa garee wal falmitootaa gidduutti taasifame karaa mana murtiitiin mirkanaa'e akka murtii dhumaa manni murtii kennetti ilaalamuu akka qabu''murtii kennee ture.

👉4.Dh.Ij.MMWF Jildii 19ffaa Lakk.Galmee 109497 ta'e dhaddacha Gurraandhala 3,bara 2008 ooleen''Manni murtii waliigaltee araaraa falmitoota jidduutti taasifame;bu'aan araaraa sun ulaagaa seeraa guutuu mirkaneeffachuun mirkaneessuu akka qabu'' murteessee ture(shh keewwata 1731 fi sdfhh keewwata 277).

👉5.Dh.Ij.MMWF Jildii 15ffaa Lakk.Galmee 85873 ta'e dhaddacha Bitootessa 13,bara 2005 ooleen''manni murtii bu'aan araaraa ulaagaa seeraa kan guute ta'uu fi safuu hawaasaa kan hin faalleessine ta'uu erga mirkaneeffateen booda bu'aa araaraa mirkaneessuu akka qabu''murtii dirqisiisaa kennee ture;

👉6.Dh.Ij.MMWF Jildii 5ffaa Lakk.Galmee 22857 ta'e dhaddacha Muddee 15,bara 2000 ooleen'Waliigalteen araaraa barreeffamaan taasifamee mana murtii yeroo dhihaatu;manni murtii waliigaltichi(bu'aan araaraa) faallaa seeraa fi safuu hawaasaa kan hin taane ta'uu qulqulleeffatee mirkaneessee dhimmicha ilaalaa jiru addaan kutuu akka qabu''murtii dirqisiisaa laatee ture.SDFHH keewwata 277(1),274(1) fi 275(1).

👉7.Dh.Ij.M.M.W.Federaalaa Jildii 23ffaa Lakk Galmee 146955 ta'e dhaddacha gaafa guyyaa 30/09/2010 ooleen''Waliigalteen araaraa akka murtii manni murtii kennetti lakkaa'amee mana murtiitti raawwiif yoo dhihaatu;bu'aan araaraa sun ifa ta'uu kan
qabu yoo ta'u;bu'aan araaraa ifa yoo hin taane,manni murtii himata raawwii kufaa gochuu danda'a'' jechuun murtii dirqisiisaa kennee ture.

✍️Murtiin dhaddacha ijibbaataa kun maal nutti agarsiisa bu'aan araaraa mana murtiitiin osoo hin mirkanaa'in ifa ta'uu akka qabuudha.Bu'aan araaraa ifa yoo hin taane,waliigalteen araaraa mana murtiitiin mirkanaa'us hin raawwatamu jechuudha.

✍️FKN:-Waliigalteen araaraa qabeenya gosa akkamii irratti akka taasifame ykn qabiyyee lafaa kamirratti akka taasifame daangaa fi bal'ina lafichaa fi mana yoo ta'e daangaa,kaaree meetira manichi qubate fi kaartaa manichaa kan ibsu ta'uu qaba fi kkf.
https://t.me/http_Ijooseeraa
Manni Murtii falmiifi ragaan dhiyaate tokko  soba ta’uu yoo mirkaneeffate battalatti dhaddacha irratti adabuu ni danda’aa?                                                                                                                
Manneen Murtii murtii haqaa akka hin kennine , darbees amantaa uummata biratti akka hin horanne wantoota taasisan  keessaa tokko ragaa sobaa yookaan falmii sobaa Mana Murtiitti dhiyaatanidha.Manneen Murtiis ragaa fi falmiin sobaa akka hin babal’anne taasisuu keessatti gahee olaanaa osoo qabanii kana gochuu dhabuun isaanii hanqina jedhamuun yeroo hedduu ni komatamu.
#Dhaddachi Ijibbaataa MMWFDHIJ   murtii hin maxxanfamne galmee lakk. 220108 ta’e irratti dhaddacha gaafa 28/11/2014 ooleen kenneen, abbaa dhimmaa osoo qabeenya qabuu- ani hiyyeessa  nama qabeenya hin qabne waan ta’eef sirna hiyyummaan akkan falmu naaf haa eeyyamamu jechuun jecha kakuun mirkaneessee dhiyeesse; kanas dhaddachatti dhiyaatee ibsuun isaa ===bu’uura sdfs keewwata 481 fi SY keewwata 452 tiin himannaa yakkaa dhiyeessuu osoo hin barbaachisne , kallattiin dhaddachi adabuu danda’a  jechuun adabbii hidhaa salphaa baatii tokkoofi guyyaa kudha shanii akka adabamu murteessee jira

https://t.me/http_Ijooseeraa
Darbiinsa Yeroo Mirga Abbaa Qabiyyummaa fi Mirga Ittifayyadama Lafa Baadiyaa Ilaalchisee  Labsiin lkk, 248/2015 Maal Jedhe?
========================================
Mirgi lammiileen lafa irratti qaban mirga abbaa qabiyyummaa fi mirga ittifayyadamaa qofa akka ta’e Heera Mootummaa Federalaa fi kan Naannichaa kwt 40 (4-8) fi labsiilee lamaan irraayis nihubatama. Mirgoonni kun darbiinsa yeroon daanga’uu danda’u moo miti? Yoo ta’e darbiinsi yeroo rogummaa qabu isa kami kan jedhu falmisiisaadha. Keessaayyuu falmii dhaala qbyye lafaan walqabate ka’u irratti mormiin yeroo ka’u darbiinsa yeroo isa kamitu rwtsa akka qabu ifa miti.
Akka qajeeltootti labsi lafa baadiyaa rogummaa qabu keessa tumaan darbiinsa yeroo tumu yoo jiraate raawwatiinsa niqabaata. Yoo hinjirree fi falmiin dhaaltota gidduu yoo ta’e SHH kwt, 1000 raawwata. Dhaalaa fi nama dhaalaa hintaane gidduu yoo ta’e immoo SHH kwt, 1845 kan raawwatu ta’a. Yeroo ammaa labsiin lkk, 248 kwt, 53 jalatti qabiyyee seeraan ala qabatame irratti darbiinsa yeroo kaasuun akka hindanda’amne tumee jira waan ta’eef sadarkaa naannichaatti raawwatiinsa akka qabus ifadha.
Gama biraan labsiin lkk, 1324/2016 kwt 64 jalatti daangaa wagga 15 kan tume yoo ta’u labsiin lkk, 248/2015 kwt, 53 immoo guyyaa lbsichi bahee kaasee gara fuulduraa daangaan yeroo akka hnijirre tumeera. Asirrattis isa kamtu irra aana ykn fudhatama kan jedhu gamanumaan qabxii falmii ta’ee jira. Kanaan walqabatee seera kamtu ol’aantummaa qaba kan jedhu sirna seeraa biyya Itoophiyaa amma jiru keessatti seerri ykn qajeeltoon heeraa ifaan kaahame waan hinjirreef hanga qaama heera hiikuun falli itti kennamutti qabxii falmii ta’ee ammas itti fufu ta’a. Akka Nnaannoo Oromiyaatti garuu Lbsi lkk 248 kwt, 53(1) jalatti guyyaa labsichi ragga’ee kaasee gara fuula duraa falmii mirga abbaa qabiyummaa irratti darbiinsa yeroo kaasuun hindanda’amu. Labsichi bahuun wagga 10 dura lafa qabatame ilaalchisee labsiin lkk 248 raawwatiinsa akka hinqabne kwt, 53(2) jalatti tumamee jira. Kunis qabiyyee dhuunfaa qofa kan ilaalu yoo ta’u falmiin darbiinsa yeroo yoo ka’e labsii lkk 130/99 fi dmbi lkk, 155/2005 kwt, 32 raawwatiinsa qaba jechuudha.
Falmiin mirga abbaa qabiyyummaa dhuunfaa ilaalchisee dhiyaatu lafa waliigaltee seeraan alaan qabame irraan kan hafe wagga 12n kan daangeffamu akka ta’e dh,Ijbt dambii lkk, 151/2005 kwt, 32 irratti hiikkoo kennee jira (Dh, Ijbt Jld 22, glme lkk, 140538). Ta’us lafa waliigaltee seeraan alaatiin qabame ilaalchisee falmii dhiyaatu turtiin yeroo kan hindaangessine ta’uu Dh, Iijb jld 14 glm lkk, 79394 ta’erratti hiikkoo dirqisiisaa kennee jira. Kanaaf, falmii qabiyyee bittaa fi gurgurtaan qabatame irratti ka’u yeroon kan hindaangessine ta’uun qabxii seeraa fi murtii hiikkoo seeraa dirqisiisaanis ifatti fala argatedha.
Haaluma walfakkaatuun falmiin dhiyaate falmii jeequmsaa yoo ta’e immoo bu’ura lbs lkk 248 kwt, 53(3) fi SHH kwt, 1149(2)ttin daangaa yeroo w-2 keessatti dhiyaachuu kan qabu yoo ta’u falmii  waliigalteen kennaa qabiyyee lafa baadiyaa irratti godhame akka diigamu dhiyaatus lbsicha kwt, 13(11)tiin daangaa wagga 2 kaahame keessatti dhiyaachuu qaba. Kanaaf tumaan labsii lkk 248/2015 kwtni 53 darbiinsa yeroo otuu hintaane daangaa raawwii labsichaa kan tume yoo ta’u kana jechuun qabiyyeen lafaa nama dhuunfaan labsichi bahuun wagga 10n dura qabatame seeraan ala kan qabatame hangan hintaanetti (bittaa fi gurgurtaan) seerri biroo yeroo sanatti hojii irra ture rogummaa qabu darbiinsa yeroo tume kan jiru taanaan raawwatiinsa qaba jechuudha.
https://t.me/http_Ijooseeraa
1
MMWF Dhaddachi ijibbaataa Murtii gaafa guyyaa 05/02/2017 Lakk. Galmee 247605 irratti kenneen " Seerri Maatii gaa'ela keessatti Waliigalteen fedhii gama tokkoon ala raawwatame akka diigamu seerummaan gaafatamu guyyaa waliigalteen raawwatame irraa hanga ji'a 6(Jahaa) haala kam keessattuu ammoo hanga waggaa 2(Lama) qofa keessattu dhiyaachuu akka qabu tume. Haa ta'u malee Dhaddachi Ijibbaataa Murtii kenneen  Kennaan fedhii Niitii ykn dhirsaan ala waliigalame akka diigamu seerummaan dhiyaatu haala addaa Waliigalteen Kennaa itti raawwatamu bu'ura kan godhate ta'uu qaba. Seerri dhimmichaaf Rogummaa qabus Seera Maatii Osoo hin taane Seera Hariiroo Hawaasaa kwt 1845 irratti kan ibsame Darbijnsa yeroo waggaa 10 ta'uu qaba" jechuun murtii barsiisaa kennee jira.
https://t.me/http_Ijooseeraa
Beeksisa Ramaddii
---------------
(Onkoloolessa 19,2018 MMWO,Caffee Araaraa,Finfinnee)-Gargaartota Abbaa Seeraa ILQSO irraa eebbifamtanii ramaddii eeggataa jirtan hundi  ramaddii kan isiniif ifoomsine ta'uu beeksisaa, hanga gaafa 24/2/2018 tti Godina itti ramadamtanitti argamuun gabaasa akka gootan ni beeksifna.
Forwarded from Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Cinaaksan! (Maftu Ebrahim)
269430.pdf
1.1 MB
#Murtii haaraa (MMWFDH L.G 269430 gaafa 29/2/2017(hin maxxa.)- Haala Raawwii dhoorkaa mirga wabii SdFY kwt 67(a)
👉Manneen Murtii bu'uura SDFY kwt 67(a) tiin himatamaan mirga wabiidhaan yoo bahan dirqama wabummaa isaanii eeganii hin dhiyaatan jechuuf sababoota seera qabeessaa fi gahaa ta'e haaloota naannoo sana jiruun hubachisuun dirqama. Haa ta'u malee manneen murtii haala raawwii yakkicha itti raawwatanii fi ulfaatina isaa caqasuuun bu'uura SdFY kwt 67(a) mirga wabii dhoorkuun sirrii miti.
👉Sababni isaas murtiin balleessummaa osoo isaan irratti hin kennamin dura akka nama qulqulluutti tilmaamamuu isaanii kan tuqu waan ta'eef tilmaamni mana murtichaa sababa seera qabeessa ta'e irratti kan hundaa'e miti jechuun mirga wabii heyyameera.
T.me/waaac2016
👍1