Hamza mohammed๐Ÿ‘‰offical
356 subscribers
388 photos
144 videos
18 files
613 links
Nashiidaa daุนwalee walaalo fi videolee bashannansiiftuu gara garaalee argachuuf channel kana ๐ŸŒดjoin ๐ŸŒด godhaa

@hamzeshin
Download Telegram
๐ŸŒณ. Adduniya Tana fi wontti isii keessa jirtu Cuftii isiitu Abaaramtudha Nama 2 malee Je'an Ergamaan Rabbii ๏ทบ Isaan Aalima fi muta'allim
( Muslim Gabaase)
Anaafi Attii kam keessa jirra Aalima. Muta'allim mo worra Abaarame san keeysa jirra ofumaaf of haa gaafnu???.

. Abaarama Hin tayiin
dandeettu Aalima tayi
Dadhabdu Barata Aalimaa tayi
Dhabdu sahiba Aalima tayi
Dhabdu Aalima jaaladhu Hin jibbiin.

๐Ÿ”น. Ergamaan Rabbii ๏ทบ‎ Akkana jedhan namni Aalima Biyya isaa keessa jiru kan diini Rabbii isa Barsiisu tokko jaalate kabaje Akka nama Na Agree na kabajee na jaalateetti je'an.

Rabbiin nama Aalima isaa jaalatee jaalala Ergamaa Rabbii ๏ทบ‎ Argattu isiin haa Taasisu

Jaalala Sahaabotaf kenne jidduu
Muslima Nuuf Haa kaayu
Worra Abaarama san keessas mitti
Worra Aalima fi muta'allim irraa nu Haa Taasisu Rabbiin.
Forwarded from Mr. Geme ๐Ÿ”…
Namni maalif jaalalaan qabamaa? sababoota gurguddoo namni jaalalaan qabamuuf beektonni saayikooloojii maal kaa'u
Viidiyoo kanarraa ilaalaa:
๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡
https://youtu.be/0byeX0bePLs
Forwarded from Mr. Geme ๐Ÿ”…
Namni maalif jaalalaan qabamaa? sababoota gurguddoo namni jaalalaan qabamuuf beektonni saayikooloojii maal kaa'u
Viidiyoo kanarraa ilaalaa:
๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡
https://youtu.be/0byeX0bePLs
Ni yaadatta garuu gaafa duranii gaffiin nuti dubartii gaafannu Dubrummaa ni qabda dha ture........garuu Yeroo ammaa kallittiidha gaffiin keenya gara........ Ilma ni qabdatti cehee jira.
๐Ÿ˜‚๐Ÿ˜‚๐Ÿ˜‚๐Ÿ˜‚๐Ÿ˜‚๐Ÿ˜‚๐Ÿ˜‚๐Ÿ˜‚๐Ÿ˜‚๐Ÿ˜‚
@Orosarcasm
Forwarded from Deleted Account
๐ŸŽคNashida afan oromo group tami barbaddu ๐ŸŽง



Filladha caqasa
๐ŸŽง๐ŸŽง๐ŸŽง๐ŸŽง๐ŸŽง๐ŸŽง๐ŸŽง๐ŸŽง๐ŸŽง
Forwarded from Mr. Geme ๐Ÿ”…
Namni maalif jaalalaan qabamaa? sababoota gurguddoo namni jaalalaan qabamuuf beektonni saayikooloojii maal kaa'u
Viidiyoo kanarraa ilaalaa:
๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡
https://youtu.be/0byeX0bePLs
Qiyaamaan Dhufuun Haqa

๏ฟผ

โ€œ(1)-Wal duraa duubaan [bubbeewwan] ergamaniin; (2)-Humnaan bubbisuu bubbisaniin; (3)-Faffacaastota faffacaasaniin nan kakadha; (4)-Adda baastota adda baasaniin, (5)-Yaadannoo darbitootaan nan kakadha, (6)- sababa dhabamsiisuuf yookiin akeekachisaaf. (7)- Dhugumatti wanti isin waadaa galamtan ni argama.โ€ Suuratu Al-Mursalaat 77:1-7

Jecha โ€œmursalaatโ€ jedhu ilaalchise hayyoonni hiikota beekkamo lama kennanii jiru. Isaanis, bubbee fi malaykoota. Garuu harki caalaan hayyootaa, โ€œbubbeeโ€ jedhanii jiru.[1] Kanaafu, nutis gara Afaan Oromootti yommuu deebisnu bubbee jechuun fayyadamne jirra.

โ€œWal duraa duubaan [bubbeewwan] ergamaniinโ€ Kana jechuun bubbee wal duraa duubaan qananii fi rahmataan ergamaniin Nan kakadha. Bubbeen tuni rooba rahmata Rabbii taโ€™een nama gammachiisti. Rabbiin subhaanahu wa taโ€™aalaa ni jedha:โ€œInni bubbee gammachiisa taasisee rahmata Isaa dura Kan erguudha.โ€ Suuratu Al-Aโ€™araaf 7:57 (Asitti rahmanni Isaa rooba)

โ€œHumnaan bubbisuu bubbisaniinโ€ Ammas bubbee humnaan bubbistuun Nan kakadhaa. Aayaata keessatti jecha heddumminna agarsiisu waan fayyadameef akkuma jiruutti gara Afaan Oromootti deebise. Garuu ibsa keessatti akka namaaf galuuf jecha tokke (singular) fayyadame. Bubbeen humnaan bubbistu tuni wanta dachi irra jiru fuutee bakka tokko irraa bakka biraatti geessun hojii adda addaa hojjatti. Hojii kana keessaa namoota kan fayyadu jira, ammas isaaniif qormaata kan taโ€™uu fi isaan adabuufis kan taโ€™u jira. Bubbeen humnaan bubbistu tan adabbii fiddu akka aadaa fi seeraa Rabbiitti bubbee rahmataa fi qananiin ergamtu booda dhufti.

โ€œFaffacaastota faffacaasaniin nan kakadhaโ€ Kana jechuun bubbee faffacaastu taaten nan kakadha. Bubbeen tuni hurka bishaani ni faffacaasti. Hurka kanarraayis duumessi ni uumama. Akkasumas, bubbeen tuni sanyii biqiltootaa fi daakuu habaaboo bakka tokko irraa bakka biraatti faffaacasun biqiltoonni akka bilchaatanii fi wal horan gahee taphatti. Ammas, bubbeen tuni gaazi fi wantoota nama ukkaamsan ni faffaasti.[2] Rabbiin subhaanahu wa taโ€™aalaa haqa guddaa gara fuunduraatti dhufu tokko mirkaneessuf bubbeewwan faayda guddaa fi baayโ€™ee qaban tanniinin kakate.

โ€œAdda baastota adda baasaniinโ€ Kana jechuun Malaaykota wanta dhugaa fi soba addaan baasu fidaniin nan kakadha.[3]

โ€œYaadannoo darbitootaan nan kakadhaโ€ Kana jechuun Malaykoota ergaa fi beeksisa (wahyii) Rabbii gara Ergamtootatti geessaniin kakadha.[4] Wahyiin (ergaa fi beeksisni) Rabbiin irraa gabrootatti dhufu isaaniif yaadannoo taโ€™a. Wahyi kana keessatti faayda isaanii isaan yaadachiisa.

โ€œsababa dhabamsiisuuf yookiin akeekachisuuf.โ€ Ergaa fi beeksisni Rabbiin irraa gara namootaa dhufe kuni wantoota sodaachisoo gara fuunduraatti isaanitti dhufu akeekachiisu, ammas, sababa isaan dhiyeefatan dhabamsiisu. Kanaafu, Rabbiin biratti ragaa ittiin mormatan hin qaban.[5] Guyyaa Qiyaamaa, โ€œRabbiin irraa ergaan nutti hin dhufneโ€ jechuun akka sababa hin dhiyeefanneef Rabbiin subhaanahu kitaabban ni buuse, ergamtoota ni erge. Keeyyattoonni Rabbii erga isaaf ibsamanii booda namni kafaruun adabbiif of saaxile, sababa dhiyeefatu hin qabu. Mataa ofii malee eenyullee hin komatu.

Rabbiin subhaanahu wa taโ€™aalaa wantoota armaan oliitin kan kakatuuf haqa shakkiin keessa hin jirre namootaaf mirkaneessu fi isaan amansiisuufi. Haqa kanas akkana jechuun ibse: โ€œDhugumatti wanti isin waadaa galamtan ni argama.โ€ Kana jechuun โ€œGuyyaa Qiyaamaa xurunbaan ni afuufama, qaamonni duโ€™an ni kaafamu, namoota jalqaba irraa kaasee hanga dhumaa jiran dirree tokko irratti walitti qaba, hunda isaanitiifu jazaa Nan kafalaโ€ jechuun waadaan Ani isiniif gale ni argama. โ€œni argamaโ€ kana jechuun wanti waadaa galame kuni dirqamaan ni taโ€™a, shakkii hin qabu.
Assalamu'aleeykumโ˜…10
Warahamatullahiโ˜…10
Wabarakaatuhโ˜…10
Obbolleeyyan Muslima โ™ฅโ™ฅโ™ฅmee Hangam Takka Addunyaa Jaalanna Hadiisa kanan wal cinaa if ha qabnu!
ูˆุนู† ุฃุจู‰ ู‡ุฑูŠุฑุฉ ุฑุถู‰ ุงู„ู„ู‡ ุนู†ู‡ โ˜…ุนู† ุฑุณูˆู„ ุงู„ู„ู‡ ุตู„ู‰ ุงู„ู„ู‡ ุนู„ูŠู‡ ูˆุณู„ู…โ˜…:- (( ุงู„ุฏู†ูŠุง ุณุฌู† ุงู„ู…ุคู…ู† ูˆุฌู†ุฉ ุงู„ูƒุงูุฑ)) ุฑูˆุงู‡ ู…ุณู„ู…
๐ŸŒด๐ŸŒด๐ŸŒด๐ŸŒด๐ŸŒด๐ŸŒด๐ŸŒด๐ŸŒด๐ŸŒด๐ŸŒด
Abu Hureeyirraan oddeesse( R.a) โ™ฅErgamaan Rabbii ุตู„ู‰ ุงู„ู„ู‡ ุนู„ูŠู‡ ูˆุณู„ู… Akkana ja'eโ™ฅ ((Addunyaan Mu'uminaaf mana Hidhaatti ykn Kharshalleedha Kaafiraaf Ammoo Jannataa ja'e )) muslimii gabaasee
โ˜…โ˜…โ˜…โ™ฅโ™ฅโ™ฅโ˜…โ˜…โ˜…โ™ฅโ˜…โ™ฅ
Kanaaf obbolleeyyan khiyyaa Addunyaan tun Nutif mana Hidhaa waan taatef Akka mana hidhaa jirrutti beeynee kheeyirrii Carraqachuu nu qabdi
โ˜žโ˜œโ˜žโ˜œโ˜žโ˜œโ˜žโ˜œโ˜žโ˜œโ˜žโ˜œโ˜ž
Rabbiin warraa Addunyarratti toltu dalagattee Aakhiratti milkaahu nuhaa godhu...Aammiiiiin Allahummaa Aammiiin