Medical laboratory new information
137 subscribers
171 photos
2 videos
37 files
35 links
To get information for medical lab
oratory students ppt, exams, research, coc,and other information s of d/t universities
Download Telegram
#MoE

Barattoonni yunivarsiitii waggaa 3ffaatti barnoota isaanii xumuruun, waggaa tokkoo tajaajila barsiisummaa akka kennan seerri dirqisiisu bara barnootaa 2019 irraa eegalee hojiirra ni oola jedhame.

Faayidaa fi mindaan barsiisonni argatan gahaa hin taane jechuun hanqinni barsiisotaa akka sababa ta’e Ministirri Barnootaa Birhaanuu Naggaa (PHD) mana maree duratti himeera. Kuniis barsiisota haaraa baay’inaan oomishuu akka rakkisu ibseera.

Namoonni Digirii Jalqabaa (First Degree) qabanii, waggaa tokko koorsii barnoota barsiisuu (Pedagogy) fudhachuun barsiisummaan akka danda’ani Ministirri ibseera. Kunis baay’ina barsiisotaa dabaluuf ni gargaara jedheera.

Barattoonni yunivarsiitii waggaa tokko tajaajila barsiisuu kennan, jaalala fi fedhii ogummaa barsiisummaa guddisuu danda’u jedhus himameera.

Waggaa darbe, biyya keessatti hanga kutaa 12ffaa guutuu, lakkoofsi barsiisotaa 625,000 ture; waggaa kana ammoo lakkoofsa kana gara 700,000 ol guddifachuuf hojjetamaa jiraachuu ministeerichi ibse.

Odeeffannoo barnootaa qofa bakka tokkotti argachuuf @Abdii_Sabaa_University irratti hordofaa!

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡