Ustaz Nasruddin Ahmad
4.82K subscribers
1.03K photos
197 videos
24 files
901 links
_ Hiika qur'aanaa
- kitaabota aqiidaa
- kitaabota hadiisaa
- seenaa nabiyyii
- khuxbaa jum'aa
- Ahkaamuttajwiid
- gorsa gaggaarii
- ergaa gara garaa
- akkasumas gaaffii keessaniif deebii ni argattu inshaa allaahu ta'aalaa
Gaaffiidhaaf: +251935844268
Download Telegram
Forwarded from Daandii Haqaa {RDH}
Magaalaa Cirootti Ijaarsa Yuunversiitii Koolleejii Ifa Islaamaa Itti Fufsiisuuf Guyyaa Hardhaa Muhaadaraa fi Sagantaan Galii Walitti Qabuu Guddaan Geggeffame.

Hawaasni Musliimaa goodina Harargee Lixaa fi naannawa ishee ijaarsa yuunversiitii Koolleejii Ifa Islaamaa tumsuuf muhaadaraa guddaa guyyaa hardhaa magaalaa Cirootti qophaa'e irratti argamuun maallaqaa fi horii gumaachaa oolaniiru.

Sagantaa kana irratti hawaasa Musliimaa goodinoota Harargew Bahaa fi Laxaa dabalatee hawaasni Musliimaa lakkoofsaan guddaa tahan kutaalee Oromiyaa gara garaa irraa irratti argamaniiru.

Sagantaa kana irratti Ulamoonni gurguddoo biyyattii kanneen akka:
Dr Jeeylaan Khadir
Sheek Yuusuuf Ciroo
Sheek Hajjii Ibrahiim
Ustaaz Kaamil Shamsuu
Ustaaz Injiiner Badruu Huseen
Sheek Abdoosh Aliyyii
Sheek Najjaash Mohaammed
Sheek Mikaa'il Huseen
Munashid Injiiner Abdurrahmaan Huseenii fi kanneen biroo irratti kan argaman yoo tahu, hawaasni Musliimaa saganticha irratti argaman haala nama gammachiisuun gumaacha maallaqaa fi horii taassisaa oolaniiru.

#RDH Mudde 28/2011
Forwarded from Daandii Haqaa {RDH}
Goodina Jimmaa Aanaa Oomoo Naaddaa Magaalaa Naaddaatti Konferensiin Islaamaa Guddaa Geggeeffame.

Goodina Jimmaa aanaa Oomoo Naaddaa magaalaa Naaddaa keessatti guyyaa hardhaa Konferensiin Islaamaa guddaan geggeeffamaa ooleera.

Hawaasni Musliimaa Konferensii kana irratti argaman Masjiida guddaa Magaalicha keessatti ijaarsi isaa eegalame itti fufsiisuuf maallaqa gumaachaa oolaniiru.

Sagantaa kana irratti Aliimoota gurguddoo goodinichaa dabalatee Magaalaa Finfinnee irraa Ustaaz Ahmeddiin Jabal, Ustaaz Hayder Kadirii fi Munashid Raayyaa Abbaa Maccaa argamaniiru.

#RDH Mudde 28/2011
Forwarded from Daandii Haqaa {RDH}
Nannnoo Kibbaa Magaalaa Arbegonnaatti Sagantaan Muhaadaraa Guddaan Geggeeffame.

Naannoo Kibbaa Magaalaa Arbegonnaatti guyyaa hardhaa sagantaan Muhaadaraa guddaan geggeeffamaa ooleera.

Sagantaa kana irratti hawaasni Musliimaa Magaalaa Arbwgonaa hedduun irratti kan argaman yoo tahu, magaalaa Hawaasaa fi magaalota ollaa isheerraas hawaasni musliimaa hedduun irratti hirmaataniiru.

Sagantaa muhaadaraa kana irratti Ustaaz Abu Hayder (Saadiq Mohaammed), Ustaaz Ahmed Muaxafaa fi Piroofeeser Adam Kaamil irratti argamuun daawaa fi ergaa kan dabarsan yoo tahu, qophii Daa'awaa Ustaaz Abu Hayder dhiheesse irratti namoonni 12 shahaadaa qabachuun gara amantaa Islaamaatti akka deebi'an gabaafameera.

#RDH Mudde 28/2011
Forwarded from Nuuralhudaa (RNH_Telegram)
​​HUBACHIISA: Guyyaan Sagantaa Eebbaa fi Tumsa Yuunivarsiitii Imaamu Shaafi'ii gara Alhada irraa gara Sabtiitti jijjiirame

Ijaarsi Yuunivarsiitii Islaamaa Imaamu Shaafi'ii kan magaalaa Adaamaatti argamuu kan xumurame yoo tahu, gara hojiitti seenuuf Sagantaan Eebbaa fi Tumsaa Amajjii 5/2011 geggessuuf yaadamee ture. Haata’u malee sababa adda addaatiin gara Sabtii Amajjii 4 /2011 akka lakkoofsa biyya keenyaatti kan jijjiirame ta'uu isiin hubachiisna. Sagantaa Eebbaa kana irratti Ulamaa'onni, Hayyoonni, aangawoonni mootummaa Federaalaa fi Naannoo akkasums keesummooni hedduun ni argamu jedhamee eegama. Kanaaf Hawaasni muslimaa biyya keessaa fi biyya alaa jiraattan, sagantaa seena qabeessa kana irratti argamuun dirqama isin irraa eeggamu akka baatan waamichi godhamee jira.

Guyyaan Eebbaa Amajjii 4 /2011 ykn January 12/2019 guyyaa sabtii
Sa'aan sagantaan itti eegalu Ganama 2:00 akka biyyaatti
Iddoon: Magaalaa Adaamaa ganda 09 ganda Irraachaa
ولغير الله لا نحني الجباه .. لا ولن نخضع إلا للإله
منه نرجو النصر وهو المرتجى .. إنه خالقنا جل علاه
ليس من مات شهيدا ميتا .. إنما في جنة الخلد الحياة
"الَّذِينَ قَالَ لَهُمُ النَّاسُ إِنَّ النَّاسَ قَدْ جَمَعُوا لَكُمْ فَاخْشَوْهُمْ فَزَادَهُمْ إِيمَانًا وَقَالُوا حَسْبُنَا اللَّهُ وَنِعْمَ الْوَكِيلُ "
Forwarded from Nuuralhudaa (RNH_Telegram)
​​BREAKING: Naannoo Tigraay Magaalaa Shiree keessatti Makiinotaa fi meeshaaleen waraana makkalaakayaa gurguddaan ugguramuu gabaafame.

Odeeyfannoo #Nuuralhudaa
January 8, 2019

Ummanni magaalattii milishaan naannichaa waliin tahuun meeshaan waraanaa tokkollee naannichaa bahuu hin qabu sababa jedhuun, Ooraalii Makkalaakayaa 60 dabalatee meeshaalee waraanaa gurguddaa heddu akka hin sochoone kan ugguran tahuun beekamee jira.

#Naannoo_Tigraay
Forwarded from قناة الجزيرة
عاجل | رويترز عن ظريف: إيران ستستمر ببرنامجها الفضائي رغم تحذيرات واشنطن وليس هناك قانون دولي يحظره
مــن وجــد مــالًا زهيــدًا فــي الطريــق مــاذا يعمــل بــه ؟
-
-
#سئــل الشيخ الألباني -رحمه الله- :
يسأل السائل يقول :إذا وجدت على قارعة الطريق شيئا من المال أو غيره وكان قليلا تافها ليس ذا قيمة . فماذا أفعل به ؟
#الشيخ : إن كان كما ذكرت وكان الملتقط فقيرا فهو أولى بها من غيره من الفقراء ، وإن كان غنيا فيتصدق به على من يعرفه فقيرا .
.
[ سلسلة الهدى والنور|439 ]
-------------------------------------------------------------------
#الشيخ ابن عثيمين -رحمه الله- :
إذا وجد الإنسان لقطة من دراهم أو حلي فينظر :
• إذا كانت شيء يسيراً لا يهتم به الناس : إذا ضاعت منهم فإنها له ولا يحتاج أن يبحث عن صاحبها، لكن إن علمه وجب عليه أن يعيدها إليه
مثال لذلك : وجد إنسان خمسة ريالات ، وخمسة ريالات لا يهتم بها الناس ولا يبحثون عنها في وقتنا هذا إذا ضاعت؛ لأن الأمور ولله الحمد وافرة والخير كثير
لكن إذا علمت صاحب هذه الخمسة فيجب أن تدفعها له سواء طلبها منك أو لم يطلبها
• أما إذا كان الذي وجدته مما يهتم الناس به ويبحثون عنه فإن الواجب عليك أن تبحث عن صاحبه سنة كاملة .
.
[ نور على الدرب - 254 ]
Forwarded from Nuuralhudaa (RNH_Telegram)
​​Komishiiniin Poolisii magaalaa Finfinnee miseensota 184 hojii irraa ari'uu gabaafame

Odeeyfannoo #Nuuralhudaa
January 11, 2019

Komishiiniin Poolisii magaalattii odeeyfannoo hawaasa fi qaamota gara garaa irraa funaane irratti hundaa’uun qorannoo eega geggeessee booda, miseensota poolisii184 kanneen yakka gurguddaa raawwatanii fi akkasumas warra qajeelfama dhaabbatichaa cabsanii argaman irratti tarkaanfii hojii irraa ari’uu kan fudhate tahuu FBC'n gabaase.
Dabalataanis miseensonni poolisii yakka ol-aanaa raawwatuun shakkamanii too’annaa jala oolfaman, kan qoratamaa jiran tahuu odeeyfannoon ni addeessa.
#Komishiinii_Poolisii #Finfinnee
Forwarded from Daandii Haqaa {RDH}
Innaalillaahi Wa'innaa Ileeyhii Raaji'uun!!

Sheek Kamaal Abbaa Simal gara Aakiraa deeman.

Magaalaa Jimmaa keessatti Ulamaa guddaa waggoottaan dheeraadhaaf diinii Islaamaa fi hawaasa Musliimaa tajaajilaa kan turan sheek Kamaal Abbaa Simal dhibee kaleen qabamuun dhukkubsachaa erga turanii booda galgala kana gara Aakiratti imalaniiru.

Sirni awwaalcha isaaniis guyyaa boorii kan geggeeffamu taha.

Rabbi sheeka keenya jannataan haa qananeessu.

Maatii fi hawaasa Musliimaa maraaf obsaa fi jajjabina haa kennu.

#RDH Amajji 03/2011
Forwarded from Nuuralhudaa (RNH_Telegram)
​​Sheikh Kamaal Abbaa Simal gara ganda Aakiraa godaanan!


INNAA LILLAAHI WA INNAA ILEYHI RAAJI’UUN!


Sheikh Kamaa Abbaa Simal dhukkubsatanii biyya keessaa fi alattis wal'aanama kan turan yoo ta’u galgala hardha kan Aakiraaman tahu beekame. Sheikh Kemaal yeroo lubbuun turanitt waggoota dheeraf barattoota Yunivarsitii Jimmaa Ilmii Diinaal Islaam barsiisaa turan. Yoo Rabbiin jedhe guyyaa har’aa sirni Awwaalcha isaanii magaalaa Jimmaatti ni geggeeffama.

Maatii f Firoottan isaaniitii Rabbiin Sabrii haa kennuuf, Isaanis Jannatul Firdoowsiin akka waffaqu Rabbi kadhanna.

#Sheikh_Kamaal_Abbaa_Simal
Forwarded from Daandii Haqaa {RDH}
Kolleejiin Islaamaa Imaamu Shaafi'ii guyyaa hardhaa Amajji 04/2011 haala bareedan eebisiifama jira.

Sagantaa eebbaa kana irratti Ulamoonni biyyattii gurguddoo kallattii afraniin jiran kan irratti argamaniif akkasumas hayyoonni, itti gaafatamtoonni Mootummaa Olaanoofi Namoonni bebbeekamoon hedduun argamaniiru. Hawaasni lakkoofsaan kumaatama tahu dhiiraa dhalaan , diqqaa guddaan irratti argamuun eebbisiisaa jiru.

Koollejjii uummanni keenyaa fi biyyi keenya irraa fayyadamtu Rabbiin nuuf haa taasissu.

#RDH Amajji 04 /2011