Ansar Media
390 subscribers
410 photos
33 videos
21 files
807 links
Download Telegram
๐Ÿคฒ ุงู„ู„ู‡ู… ุงุญูุธ ูู„ุณุทูŠู† ูˆุฃู‡ู„ ูู„ุณุทูŠู† ูˆุงู„ู‚ุฏุณ ูˆุฃู‡ู„ ุงู„ู‚ุฏุณ ูˆุงู„ุฃู‚ุตู‰ ูˆุฃู‡ู„ ุงู„ุฃู‚ุตู‰ ูˆุงุฑุจุท ุนู„ู‰ ู‚ู„ูˆุจู‡ู… ูˆุซุจุชู‡ู… ูŠุง ุฑุจ ุงู„ุนุงู„ู…ูŠู†.๐Ÿคฒ
Forwarded from Gali Ababor Official
Sadarkaa gurguddaa Salaanni laylii qabu
****
Hojii sadarkaa namaa jannata keessatti ol kaasu keessaa tokko salaata layliiti. Caalaan salaataa booda waajibaatii salaata layliiti; inni naamuusa warra gaggaarii nuun duraati; boohartiifi boqonnaa salafa keenyaati.

Abuu umaamaa Albaahiliyyii irraa odeeffamee ุฑุถูŠ ุงู„ู„ู‡ ุนู†ู‡ ni jedhe: Ergamaan Rabbii ุตู„ู‰ ุงู„ู„ู‡ ุนู„ูŠู‡ ูˆุณู„ู… ni jedhan: โ€œsalaata laylii salaatuun isinirra haa jiraatu. Inni naamuusa warra gaggaarii isiniin duraati; gara Rabbii keessaniittis dhihaachuudha. Yakkas harcaaftuudha. Badii irraas nama dhorgiti.โ€
Salafoonni gaggaariin haqa salaata laylii hin hanqisanu turan. Hamma immoo Muslimoonni baayโ€™een haqa salaata Subhiituu ni hanqisaaru.
Irra hedduun Muslimaa yeroo ammaa salaata laylii halkan kurnan dhuma Ramadaanaa keessa laylatul qadrii barbaachaaf malee hin beekanu. Isumaayyuu gariin isaanii masjida dursee salaatu barbaadanii tahajjuda walakkaa halkanii salaatuun kahyrii dhuma halkanii of hoongessu. Hadiisa keessatti โ€˜halkan hunda keessaa saโ€™aatii duโ€™aaโ€™iin qeebalamtutu dhuma halkanii keessa jiraโ€™ jedha.
Jaabir bin Abdullaah irraa odeeffamee ุฑุถูŠ ุงู„ู„ู‡ ุนู†ู‡ ni jedhe: Ergamaa Rabbiitii ุตู„ู‰ ุงู„ู„ู‡ ุนู„ูŠู‡ ูˆุณู„ู… jedhanuun dhagaโ€™e: โ€œhalkan keessa saโ€™aatii namni Muslimni kamuu isa keessa dhaabbatee khayrii addunyaafi aakhiraa Rabbiin kadhatee yoo Rabbiin isaaf kenne malee hin hafnetu jira; kun immoo halkanuma hunda keessa.โ€

Abuu Hurayraa irraa odeeffamee ุฑุถูŠ ุงู„ู„ู‡ ุนู†ู‡ ni jedhe: Ergamaan Rabbii ุตู„ู‰ ุงู„ู„ู‡ ุนู„ูŠู‡ ูˆุณู„ู… ni jedhan: โ€œRabbiin keenya halkan hundaa ogga tokko sadaffaan halkanii hafu gara samii addunyaatti buโ€™ee โ€˜eenyutu na kadhannaan isaaf owwaadha? Eenyutu na gaafannaanin kennaaf? Eenyutu araarama narra barbaannaan araaramaaf?โ€™ jedha.โ€

Salaanni sunnaa booda Ishaa salaatamu kamuu salaata layliiti.
Abdullaah bin Amr bin Al-Aas irraa odeeffamee ุฑุถูŠ ุงู„ู„ู‡ ุนู†ู‡ ni jedhe: Ergamaan Rabbii ุตู„ู‰ ุงู„ู„ู‡ ุนู„ูŠู‡ ูˆุณู„ู… ni jedhan: โ€œnamni aayata kudhaniin salaata laylii salaate dagataa (kan zikrii Rabbii dhiise) irraa hin galmeeffamu; namni aayata dhibbaan salaate warra Rabbiin bulee halkan dhaabbatee salaatu irraa galmeeffama. Namni aayata kumaan salaate warra qabeenya baayโ€™ee sadaqate irraa galmeeffama.โ€

Yeroo nama hamilee guddaa taatee warra qabeenya guddaa sadaqate irraa galmeeffamuu feete salaata laylii juzโ€™ii Tabaarakaatiifi Ammaatiin salaati. Hundi ishee walitti aayata dhibba sagaliifi shantamii sagal geessi. Kanattimmoo ogga hanga ati rakaโ€™aa hunda keessatti faatihaa deddeebiftu idaane aayata kuma irra caalchifteetta jechuudha. Tolli Rabbii guddaadha Alhamdulillaah.
https://t.me/glababor/1136
Du'aatu jiruu waa gaafate.

๐Ÿ‘‰Du'a: Maaliif namni hundi si jaalatee, ana immoo jibba?
๐Ÿ‘‰Jiruu: Sababni isaa, an soba bareedduudha. Atimmoo, dhugaa hadhooftuudha.
Forwarded from Jafarbayan
Dirree Da'awaa afaan Oromootiif wannin hawwu:

1. Muhaadaraa gorsa amantii fii waltajjii naashidaa adda baasuu.
2. Ustaazoonni barruu gabaabaa fii dheeraa hundaa wajjiin footoo isaanii guyyarraa maxxansu dhabuu ykn xiqqeeysuu. Yoo dhiisuu hin dandeenye waggaatti footoo 12 ji'a hundarraa footoo takkatti deebisuu. Da'awaa irraa akka hin lakkaawamneef footoo maxxansuun xiqqaatuun gaariidha.
3. Sagantaa gorsaatiif hoggaa ganda tokko dhaqan goota ganda sanii qoratanii faarsuuf dhaquu dhabuu. Garuu sagantaa amantii ta himuu qaban san qoratanii dhaquu fii ragaa qabatamarratti gabaabbachuu.
4. Aqiidaaf xiyyeefannaa guddaa kennuun ummata baraaruu
5. Sheekkootii fii ustaazoonni hisaabaa ol wal faarsurraa if qabuu. Keeysattu fuula namaa duratti faarsaa ooluun nama san akka morma isaa muruuti. Fakkeenyaaf, "abalu mana kitaabaa lafarra deemu" hoggaa nama tokkoon jette deebi'ee kitaaba ni dubbisaa namni sun? Maaltu itti dhagayama?
6. Da'awaan ragaa kitaabaa fii sunnaa akkasumas qabatama adunyaatiin waan mirkanaawe qofarratti gabaabbattee arguu
7. Waltajjii gurguddaa sagantaa footoo tahee dabru caalaa waltajjii leenjii barnoota namaaf tahu hedduu qopheeysuu.
Channel photo updated
Channel name was changed to ยซAbuu Ansaar Ahmadยป
Namoota Rabbii isaanii didanii fi Munaafiqa fakkeenya godhatta taanaan, ati khasaarte. Rabbi nu haa baasu!
Imimmaan wanti dhangala'uuf, Onneen laalaa irra bu'e sanii ol obsuu waan dadhabdeefi.
Using your right properly is one success of achieving your goals.
Jireenyi mana qormaataati, Obsaan tarkaanfatama, ilmi namaa bakka du'etti malee bakka kufetti hin hafu.
Faaximaa Intalti Sa'id ilma Musayyib (Rabbiin rahmata haa godhuufii) akki jette "Nuti Abbaa Manaa keenya akki itti dubbifnu, akka isin Daanyoota (Aanga'oota) itti dubbiftanitti."
Forwarded from Muhammadsalih Kadir
2023  Palestinian  Genocide teach the world nation that:
1. There is no Unite Nation, but only the  interest of America,
2. There is no Democracy, but only the interest of America,
3. There is no Human rights, but only the interest of America,
4. There is no Women right, but only the interest of America,
5. There is no right of children, but only the interest of America,
6. There is no International criminal laws, but only the interest of America,
7. There is no WHO, but only the interest of America,
8. There is no value for the vote civilian including American except those who support what the politician plane,
9. There is no Countries free to do what they need, but only America,
10. There is no criteria to decide some thing is right or wrong, but only the interest of America,
11. There is no criteria to say one countries, groups or individual is "Terrorist", but only the interest of America.

In short, to day every thing is measured in "interest of America!"
I am shure, this will END UP one day.

IT IS A TIME FOR WORLD NATION TO SAY IN ONE VOTE:
* stop double standard!
* stop pseudo democracy!
* stop pseudo human right!
*stop stop seudo women right!
*stop stop pseudo children right!
* stop pseudo war crime!
* stop pseudo I international Organizations!

Stop! Stop! Stop!
Aduun hin gortu, kan goretti dhiiti.
Assalaamu'aleeykum Warahmatullaahi Wabarakaatuhuu
Jibbamiinsa Faaruu
(ูƒุฑุงู‡ุฉ ุงู„ู…ุฏุญ)
๐Ÿ—ฃ Akkuma beekamu, ilmi namaa faaruu jaalata. Nama isa faarsus ni jaalata. Faaruun daangaa qabaachuu qabdi. Nama faarsuurraa gabaabbachuun barbaachisaadha. Rasuulli (๏ทบ) waan jedhan haa ilaallu.

ุนู† ุฃุจูŠ ู…ูˆุณู‰ ุงู„ุฃุดุนุฑูŠ ุฑุถูŠ ุงู„ู„ู‡ ุนู†ู‡ ู‚ุงู„: ( ุณู…ุน ุงู„ู†ุจูŠ ุตู„ู‰ ุงู„ู„ู‡ ุนู„ูŠู‡ ูˆุณู„ู… ุฑุฌู„ุงู‹ ูŠุซู†ูŠ ุนู„ู‰ ุฑุฌู„ ูˆูŠุทุฑูŠู‡ ููŠ ุงู„ู…ุฏุญุŒ ูู‚ุงู„ : ุฃู‡ู„ูƒุชู…ุŒ ุฃูˆ ู‚ุทุนุชู… ุธู‡ุฑ ุงู„ุฑุฌู„ ) ู…ุชูู‚ ุนู„ูŠู‡.
Abaa Muusaa Al-ashaarii (ra) irraa odeeyfamee akki je'e, Rasuulli Rabbii (๏ทบ) gurbaa tokko kan gurbaa tokko faarsu, faaruu keessatti isa qulquleessu dhaga'ee, "Ajjeefte (duuyda isaa kutte) je'een.
(Bukhaarii fi Muslimtu gabaase)

ูˆุนู† ุฃุจูŠ ุจูƒุฑุฉ ุฑุถูŠ ุงู„ู„ู‡ ุนู†ู‡ : ( ุฃู† ุฑุฌู„ุงู‹ ุฐูƒุฑ ุนู†ุฏ ุงู„ู†ุจูŠ ุตู„ู‰ ุงู„ู„ู‡ ุนู„ูŠู‡ ูˆุณู„ู…ุŒ ูุฃุซู†ู‰ ุนู„ูŠู‡ ุฑุฌู„ ุฎูŠุฑุงุŒ ูู‚ุงู„ ุงู„ู†ุจูŠ ุตู„ู‰ ุงู„ู„ู‡ ุนู„ูŠู‡ ูˆุณู„ู… : ูˆูŠุญูƒ ู‚ุทุนุช ุนู†ู‚ ุตุงุญุจูƒ ู‚ุทุนุช ุนู†ู‚ ุตุงุญุจูƒ ุŒ ูŠู‚ูˆู„ู‡ ู…ุฑุงุฑู‹ุงุŒ ุฅู† ูƒุงู† ุฃุญุฏูƒู… ู…ุงุฏุญู‹ุง ู„ุง ู…ุญุงู„ุฉุŒ ูู„ูŠู‚ู„: ุฃุญุณุจู‡ ูƒุฐุง ูˆูƒุฐุง ุฅู† ูƒุงู† ูŠุฑู‰ ุฃู†ู‡ ูƒุฐู„ูƒ ูˆุญุณูŠุจู‡ ุงู„ู„ู‡ุŒ ูˆู„ุง ูŠุฒูƒูŠ ุนู„ู‰ ุงู„ู„ู‡ ุฃุญุฏู‹ุง ) ู…ุชูู‚ ุนู„ูŠู‡.
Abbaa Bakraa irraa odeeyfamee (ra)
gurbaan tokko ergamaa Rabbii (๏ทบ) biratti gurbaa tokko dubbatee faaruu isaatis tarreesse. Ergamaan Rabbii (๏ทบ), "Yaa badiitee! Morma hiriyaa keetii murte, morma hiriyaa keetii murte" je'een. Irra deddeebiโ€™uun akkas je'een. Yoo tokkoon keessan faarsuun barbaachisaa ta'ee argame, akkana haa jedhu, "Akkanaa fi akkas tahuu isaatiin yaada (herrega). An akkanaa fi akkas je'ee yaaduus, kan isa qoratu Allaah. Rabbirratti nam-tokko hin qulquleessu."
(Bukhaarii fi Muslimtu gabaase)

ูˆุนู† ู‡ู…ุงู… ุจู† ุงู„ุญุงุฑุซ ุนู† ุงู„ู…ู‚ุฏุงุฏ ุฑุถูŠ ุงู„ู„ู‡ ุนู†ู‡ : ( ุฃู† ุฑุฌู„ุง ุฌุนู„ ูŠู…ุฏุญ ุนุซู…ุงู† ุฑุถูŠ ุงู„ู„ู‡ ุนู†ู‡ุŒ ูุนู…ุฏ ุงู„ู…ู‚ุฏุงุฏ ูุฌุซุง ุนู„ู‰ ุฑูƒุจุชูŠู‡ุŒ ูุฌุนู„ ูŠุญุซูˆ ููŠ ูˆุฌู‡ู‡ ุงู„ุญุตุจุงุกุŒ ูู‚ุงู„ ู„ู‡ ุนุซู…ุงู† : ู…ุง ุดุฃู†ูƒ ุŸ ูู‚ุงู„ : ุฅู† ุฑุณูˆู„ ุงู„ู„ู‡ ุตู„ู‰ ุงู„ู„ู‡ ุนู„ูŠู‡ ูˆุณู„ู… ู‚ุงู„ : ุฅุฐุง ุฑุฃูŠุชู… ุงู„ู…ุฏุงุญูŠู† ูุงุญุซูˆุง ููŠ ูˆุฌูˆู‡ู‡ู… ุงู„ุชุฑุงุจ ) ุฑูˆุงู‡ ู…ุณู„ู….
Hammaam ilma Haaris Miqdaam irraa odeeysee (ุฑุถูŠ ุงู„ู„ู‡ ุนู†ู‡ู…), gurbaan tokko Usmaan (ุฑุถูŠ ุงู„ู„ู‡ ุนู†ู‡) faarsuutti seene. Miqdaad ifumarra jilbiinfateeti (jilbiibbateeti) cirracha fuula gurbaatti facaasuutti seene. Hoggaa sani Usmaan (ra), "Maaliif akkana goota?" jennaan, akki je'een, Ergamaa Rabbiitiitu (๏ทบ), nama nama faarsu hoggaa agartan, biyyee fuulasaatti facaasaa!" je'e.
(Bukhaarii fi Muslimtu gabaase)

Osoo Rasuula Rabbii (๏ทบ) irraa naamusni akkanatti lafa qabatee jiruu namni keenya arraan tana akka malee wal faarsuun daangaa ala wal baasuurratti argama. Yoo da'awaaf ykn daawwannaaf ykn dhimma tokkoof manaa bahan, biyya maarree, biyya namicha gootaa, biyya namittii minxiriqiyyootiin lafa balleeysan. Nama faarsitee, sababa saniif namichi yoo dilaawe atiis qooda keessaa qabdaa quba qabaadhu.

Maarree keenya jaalatamaa fi kabajamaa, Jinnii keenya qaalii fi qaalii namaa, Jinnittii teenyaa fi kkf faatu akkanatti baramaa dhufe. Faayidaan isaa maali? Garii faan waa'ee nama tokkoo oduu qofa waan dhaga'eef namuma biraarraa dhaga'ee osoon beekne faaruun qarxam godha. Sanuu nama Rabbitti hin amanin faa! Yaa akhii fayyuma qabdaa ati dura? If yaadadhu.

Rasuula Rabbii (๏ทบ) hordofi. Waan dhageesse hojiirra oolchuuf tattaafadhu.
(ูˆุงู„ู„ู‡ ุงู„ู…ุณุชุนุงู†)
Nama tokko faarsuun isa ajjeesuu akka ta'e ilaallee jirra. Kanaaf, faarsuun hin barbaachisu. Kan biraa immoo faaruu jaalachuudha. Dalagaan ilmi namaa faaruu barbaachaaf dalagu qeebaltii hin qabdu.

Faaruu jaalachuun dhaadannoo fiddi. Dhaadannoon tuffii fiddi. Tuffiin boona fiddi. Boonni Jannata nama dhoorkiti.
Dalagaa sadi guddina isiirraa guyyaa Qiyaamaa miizaanni isii fuudhu hin jiru...!!


1. Namaaf irra dabruu: Sawaabni
isii guddinarraa hangam akka tahe hin ibsamne.
Rabbiin (sw) akkana ja'a...
ู‚ุงู„ ุงู„ู„ู‡ ุชุนุงู„ู‰:{ ููŽู…ูŽู†ู’ ุนูŽููŽุง ูˆูŽุฃูŽุตู’ู„ูŽุญูŽ ููŽุฃูŽุฌู’ุฑูู‡ู ุนูŽู„ูŽู‰ ุงู„ู„ูŽู‘ู‡ู}.
"Namni namaaf irra dabree eeganaa gaarii dalage, sawaabni isaa Rabbirratti tahaadha."

2. Obsa: Sawaabni isaa guddinarraa hangam akka tahe hin ibsamne.
Rabbiin (sw) akkana ja'a..
ู‚ุงู„ ุชุนุงู„ู‰: (ุฅูู†ูŽู‘ู…ูŽุง ูŠููˆูŽููŽู‘ู‰ ุงู„ุตูŽู‘ุงุจูุฑููˆู†ูŽ ุฃูŽุฌู’ุฑูŽู‡ูู…ู’ ุจูุบูŽูŠู’ุฑู ุญูุณูŽุงุจู}.
"Warri karaa Rabbii kessatti obsan sawaaba isaanii lakkoofsaan maletti galata galfaman."

3. Soomana : Sawaabni isaa guddinarraa hangam akka tahe hin ibsamne.
Hadiisa qudsii keessatti Rabbiin akkana ja'a...
(ูƒู„ ุนู…ู„ ุงุจู† ุขุฏู… ู„ู‡ ุฅู„ุง ุงู„ุตูˆู… ูุฅู†ู‡ ู„ูŠ ูˆุฃู†ุง ุฃุฌุฒูŠ ุจู‡).
"Cufti dalagaa ilma Aadam isaaf taati soomana malee. Soomanni kiyyaa, anaatu galata galcha.

Guyyaa Qiyaamaa lallabbiin ni lallabamti ta akkana jattu,
"Warri sawaabni isaani Rabbirratti tahe eeysa jiran?
Warri obse, Warri soomanee fi warri namaaf irra dabaree gama Rabbiitti as dhufan!
ุฌุนู„ู†ุง ุงู„ู„ู‡ ูˆุงูŠุงูƒู… ู…ู…ู† ูŠู†ุงุฏู‰ ุนู„ูŠู‡ู… ุจู€ู‡ุฐุง ุงู„ู†ุฏุงุก
ุงุณุนุฏ ุงู„ู„ู‡ ุณุจุงุญูƒู…
"Gam-tokkoon ceekuurra Imaamaa (kan biraas tahu) kaayatanii, Masbaaha (Tasbii) harkatti qabaachuun mallattoo Amantii fi Salaataa godhachuun sirrii miti. Sababni isaa, kun waan Rasuula (๏ทบ) irraa fi Sahaaboota (ุฑุถูŠ ุงู„ู„ู‡ ุนู†ู‡ู…) irraa sabatee miti."
Sheekhul-Islaam Ibnu Teeymiyaa (ุฑุญู…ู‡ ุงู„ู„ู‡)
Namoonni gaariin ammallee numa jiru. Gad-galoon namaa Aannan gurguruun dura miica (dhiqa).
Forwarded from โค๏ธDhandhama Dhugaaโค๏ธ (Abdi Ahmed Abibeker)
Warri Baay'ina malee Yesuusitti/Macaafatti hin amanne Namni Waaqa ta'e Waaqnis nama ta'e jedhu.Garuu bakka takkattis Macaafa keessatti ykn Yesuus afaan isaatiin ani Abbaa ture isin fayyisuuf nama ta'e malee kan jedhee dubbate hin dhageenyellee hin agarrellee.Macaafni kan jedhu Raajii Miilkiyaa 3:6 irratti
แŠฅแŠ”แกแŠฅแŒแ‹šแŠ แ‰ฅแˆ”แˆญแกแŠ แˆแˆˆแ‹ˆแŒฅแˆแคแŠฅแŠ“แŠ•แ‰ฐแกแ‹จแ‹ซแ‹•แ‰†แ‰ฅแกแˆแŒ†แ‰ฝแกแˆ†แ‹ญแฅแˆตแˆˆแ‹šแˆ…แกแ‹จแŒ แ‹แ‰ฝแŠนแกแŠ แ‹ญแ‹ฐแˆ‹แ‰ฝแŠนแˆแข

"Ani Waaqayyo hin geeddaramu......" jedha

Obboleessa tokko wajji kaleessa osoo haasofnu Yesuusii fi abbaan tokkoo jedhee gaafadheen?

innis aangoo walqixa qaamaan gargari naan jedhe.

Tole jedheenii yoo akkas jette Yesuus waan abbaan beeku hunda nibeekaaree jedheen.

Eeyyen ni beeka naan jedhe.

Booda Maatewoos 24:36 fideef akkana jedha.

"Yesus itti dabalee, โ€œGuyyicha sanaa fi yericha sana garuu abbaa koo duwwaatu beeka malee, ergamoonni waaqa irraa, ilmis, namni tokko illees kana hin beekan."

Amma sihi moo Yesuustu sobe jedheen

Irra utaalee gara keeyyata biraatti deemuuf Yaale

Kana naaf himtu malee gara biraatti hindeemnu eenyutu sobe naaf himi si'i moo Yesuusi jedhee qabe.

Ati fudhachuu diddus Yesuus bara baraan Waaqa naan jedhe.๐Ÿคฃ๐Ÿคฃ๐Ÿคฃ๐Ÿคฃ๐Ÿคฃ

Akkasitti qoradhuu hubadhuu koottu Islaamummaa fudhadhu jedheenii nagaa walitti dhaamnee addaan baane.

Hordoftoonni amantii kiristaanaa Warroonni challenge akkanaa barbaaddan keessan nadubbisaa? Amantii keessan qoradhaa baradhaa, dubbisaa koottaa gara amantii tokkicha samiifi lafatti beekamuu.

Baay'inaan hin dhaadatinaa, Allaahaan irra hedduu jinnii fi namaa abiddaaf uume jedha.

Qur'aana 7:179

"Dhugumatti, Nuti jahannamiif jinnootaafi namoota irraa heddu uumnee jirra.Isaan onnee ittiin hin hubanne qabu.Isaan ijas kan ittiin hin argine qabu.Ammas isaan gurra ittiin hin dhageenye qabu.Warri sun akka beyladaati.Inumaa jarri irra jallatoodha.Isaan isaanumatu dagattoota."

Eeyyen Karaa haqaa yoo hin argatin girrigirriin ati har'a uumtu boru si hin fayyaddu asumatti hafti. Koottaa gara Islaamummaaโ‰๏ธ
Awol Kasim Alo