ARDII__JรƒALALAA๐ŸŒโ™ฅ๏ธ
3.3K subscribers
36 photos
5 videos
167 links
Ardii jaalalaa irraa
๐Ÿ‘‰mamaksa jaalala
๐Ÿ‘‰jechoota jaalala
๐Ÿ‘‰ergaa jaalala
๐Ÿ‘‰ dambali jaalala
๐Ÿ‘‰walaloo jaalala
๐Ÿ‘‰ furmaata jaalala sodaa fi
๐Ÿ‘‰ dhimota jaalalan wal qabatan hunda waliti qabanera

YAADAF๐Ÿ‘‰ @fileebar18

Kota ๐Ÿ‘‰join ๐Ÿ‘‰ @hacefunny๐Ÿ‘
Download Telegram
TARKAANFFII WALLAALE


Tarkaanffii wallaale
Mila salalchite
Hiddoota koo cirtte
Miirota qaama Koo
Hunda keessa seentte
Walitti na diiydee
Garamiittan deema
Faana Kankee malee
Natti golgoleeyssite
Filannoo dhabeetin
Si faana qajeele
Ija koo mararte
Miirota koo banttee
Jaalalaan ajajje
Faana kee na ooftte
Jaalalaan na feete
Mana Ke na galchite
Jilmmaadhan na bitte
Akkan sirraan hafnne
Seeqa bashaq goota
Akka na jaalatte
Manaan na gayannaan
Duuba balbala kee
Maa natti cufatte
Karan deemu hin beeku
Miila Koo sakaaltte
Achitti na hiite
Sin eega dhaabbadhee
Addun seentte baatee
Tan batelleen seentte
Qabbantti halkkaniis
Coraa koo na shubdde
Dhuka lafee seentte
Hin deemu garayyuu
Sin eega dhaabbadhee
Hangga naa banttu Onnee te
Deemus eessan dhaqa
Jireenya addunyaa
Naduraa dhaamssite
Halkaniifi guyyaa
Bishaanif nyaatallee
Natti hadheeysite
Waarddiyyaa jaalalaa
Karra teeyssan duraa
goote na ramadde
Du'aaf na kaadhimtte
Namarraa na dhiibddee
Carqii na guurssiftte
Damma too gad-behi
Si fudhadheen gala
Rabbirra Yoo taate



โœ๏ธโœ๏ธโœ๏ธโœ๏ธโœ๏ธโœ๏ธ
Fileebaer

Join, JOIN
๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡
@hacefunny
@hacefunny

Share waliif haa goonu guddina afaan oromootif Jenneโ˜บ๏ธโ˜บ๏ธ
Intala takka fb irratti #like isii dinqisiifadheetin..akkasitti #chat wajjiin godhe


ANA๐Ÿ•ต๏ธ๐Ÿ•ต๏ธ๐Ÿ•ต๏ธHy

ISHE๐Ÿ‘ฐ๐Ÿ‘ฐ๐Ÿ‘ฐHy

ANA๐Ÿ•ต๏ธ๐Ÿ•ต๏ธ๐Ÿ•ต๏ธHeddu bareedda

ISHE๐Ÿ‘ฐ๐Ÿ‘ฐ๐Ÿ‘ฐGalatoomi

ANA๐Ÿ•ต๏ธ๐Ÿ•ต๏ธ๐Ÿ•ต๏ธGaruu meekaap fayyadamtteeti moo camera Samsung Galaxy fayyadamtteeti??

ISHE๐Ÿ‘ฐ๐Ÿ‘ฐ๐Ÿ‘ฐAre bro an meekaapis hin beeku
Samsungis harkaan tuqee hin beeku

ANA๐Ÿ•ต๏ธ๐Ÿ•ต๏ธ๐Ÿ•ต๏ธPapa...An silaahin si tehee qaatan beekkamaa ta'an ture

ISHE๐Ÿ‘ฐ๐Ÿ‘ฐ๐Ÿ‘ฐMaalif hoo?

ANA๐Ÿ•ต๏ธ๐Ÿ•ต๏ธ๐Ÿ•ต๏ธDubarttii meekaap malee dhiirota fb irree boojitee fixxeefi Dubarttii yeroo jalqabaatif Nokia dhan fb fayyadamtte #like ol'aana galmmeesite ja'ameetin beekkaman ture

ISHE๐Ÿ‘ฐ๐Ÿ‘ฐ๐Ÿ‘ฐBro heddu taphataadha

ANA๐Ÿ•ต๏ธ๐Ÿ•ต๏ธ๐Ÿ•ต๏ธGaruu maal hiika qaba si tahuu dhabuun kiyya na marara (na qocca'a)

ISHE๐Ÿ‘ฐ๐Ÿ‘ฐ๐Ÿ‘ฐMaalif

ANA๐Ÿ•ต๏ธ๐Ÿ•ต๏ธ๐Ÿ•ต๏ธSilaa miidhagina Kana fayyadamtteetin dhiirota hunda tajaajila gaan je'een๐Ÿ˜‚๐Ÿ˜‚

JOIN JOIN
๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡
@hacefunny
@hacefunny.

Share hadaraa lammummaa fi hadaraa tokkumma๐Ÿ˜„๐Ÿ˜„
๐Ÿ’—๐Ÿ’—๐Ÿ’—๐Ÿ’—๐Ÿ’—๐Ÿ’—๐Ÿ’—๐Ÿ’—๐Ÿ’—๐Ÿ’—๐Ÿ’—๐Ÿ’—๐Ÿ’—๐Ÿ’—๐Ÿ’—๐Ÿ’— โœ๏ธ Fileebae ๐Ÿ’—
๐Ÿ’—๐Ÿ’—๐Ÿ’—๐Ÿ’—๐Ÿ’—๐Ÿ’—๐Ÿ’—๐Ÿ’—๐Ÿ’—๐Ÿ’—๐Ÿ’—๐Ÿ’—๐Ÿ’—๐Ÿ’—๐Ÿ’—๐Ÿ’—
Forwarded from Dambalii_Jaalalaaโค๏ธ (ฤโ‚ฌr๐Ÿ’•๐Ÿ’• Zล™eal)
Guyyaa Gootota Oromoo

#8

Akkamiin sin daganna
mandiisa qabsoo keenyaa
sintu daandii nuuf saaqee
sintu fakkeenya keenyaa

guyyaa gaafa Elemoon
qabsoo hidhannoo labse
guyyaa gaafa Ziyaad Baarree
ABO humnaan cabse

guyyaa ummanni Oromoo
gabrummaa diduuf ka'e
guyyaa rasaasni ABO
tokko jedhee dhuka'e
guyyaa gaddaaf yaadannoo
guyyaa irbuu shinniiggaa
lubbuu ofii kennanii
nuuf dhangalaasan dhiiga

Guyyoota kabajamoo
oromoon qabu keessaa
Amajji gaafa tokkoo
Eebila walakkeessa

Gaafa shiftaan sumaalee
gootota keenya nyaatte
gaafa abdiin Oromootaa
biiftuu dhokatte taate

Kan araddaa shinnigaa
gaafa lola eenyummaa
gaafa ilmaan abbaa tokkoo
agarsiisan TOKKUMMAA

amantiif manaa hin baanee
jechuudhan dubbatanii
eenyummaa isaanii qofaaf
shiftaadhan gubatani
Oromoo jennee baanee
amantiif jennee hin galluu
amantiif hin qabsoofnee
jaallan ofirraa hin qalluu
jechuun diina didanii
dhuman gootonni keenya
walumaan biyyoo taanee
seenaaf kaayuu dandeenya

Musliima yoo taanes
yookiin Kiristaana
amantiif ganda caalaa
Oromummaa nutti aana

gaafa Gadaa Gammadoo
gaafa Magarsaa Barii
gaafa Muhee Abdoofi
gaafa Abbooman Mitikkuu
lagaan walqooduu didan

gaafa Yiggazu Bantiif
gaafa Falmataan Sabaa
dhiigaan tokkummaa fidan
ilaalcha diinaa cabsan

guyyaa Nadhii Gammadaaf
guyyaa Laggasaa Wagiif
dungoo qabsiifnee teenyu
guyyaa gootota qaalif
kan wareegamaniif
siidaa yaadannoo keenyu

Guyyaan kun guyyaa caalti
guyyaa mullataaf abdii
worra beeku biratti
dhuguma seenaa qabdi!!!

SEENAAN ISIN YAADATA YOOMUU GOOTOTA KEENYA ๐Ÿ™๐Ÿ™๐Ÿ™๐Ÿ™๐Ÿ™๐Ÿ™

@dera_zreal

@Dambalii_Jaalalaa
BAR MOOTIN JAALALAA


Qurquraan daraare
walakkaa gaaratti
Jaalaltti dukkana
Dukkana na ooftti


Bar Mootin afaani
Afaan oromooti
Bar Mootin jaalalaa
Giiftti oromooti
Addunyaan tun guutun
Sitti Of tilmaamtti
Jaalala labsiteet
Bar siin ooltte but ltti


Raajii bareenni kee
Baasa ajaa'ibuma
Bareedinni Kankee
Ta'e soorggoo cimaa
Tokko sirraan hafu
Ta'ee ilmma namaa
Libsata ijaatin
sirraa booji'ama
Bareenni si caalu
jiraachun Shakkuma
Maddaalli bareeda
Sumaan safarama


โœ๏ธโœ๏ธโœ๏ธโœ๏ธโœ๏ธโœ๏ธ
Fileebaer

JOIN JOIN
๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡
@hacefunny
@hacefunny

Share NAA godhi hadaraa lammummaa fi hadaraa tokkumma Afaan Oromoo
Forwarded from แˆ˜แˆชแŒŒแ‰ณ แˆ˜แ‹˜แˆแˆญ แ‹˜ แŠขแ‰ตแ‹ฎแŒฐแ‹ซ แ‹จแ‰ฃแˆ…แˆ แˆ˜แ‹ตแˆ€แŠ’แ‰ต ($รธรตl ฤŽavฤ›) via @like
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
Sammuu koo keessa jirtta

Sammuu koo keessa jirtta
Mooraa ballifattee
Onnee too keessa jirtta
Dhiiga Koo mayffattee
Baqaqaa jaalalaa
Na keessa gadhiiftte
Hidda fageeyfatteet jirta
Biqilttee daraartte
Qara eeboo Ija keetii
Qarttee na gadhiiftte
Na sakaaltteeti jiraatta
Fe'uman cinne taate
Galmma Onnee tiyya dhaaltte
Irra saarttee marsite
Eenyut mormmee siin falmma
Heeraf seeran siif murtooytte
Siitu na ajaja arra booda
Bittaa keetin shuumamtte
Onneen too dhahanna gochuuf
Maashaalesaa lagateet
Argaa teen dhiiga naa raabsa
Bakka maashaa si buufate
Sin jaaladha An yoomiyyuu
Onnee dhugaa arjoomtten

โœ๏ธ fileebar umare

JOIN JOIN
๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡
@hacefunny
@hacefunny

#SHARE...**Share NAA godhi hadaraa lammummaa fi tokkumma Afaan oromootif jedhi๐Ÿ˜˜๐Ÿ˜˜

ISININ JAALALADHA
HAADHOO KOOTI HUNDI KEESSANU


Durssaa Afaan Oromootif๐Ÿ‘๐Ÿ‘
Nuti ummanni Ithiyophiyaa yoo Balbala(Barrii) cufadhaati mana tataa'aa ala gad hin ba'inaa nuun jedhanillee, Akka Namoonni Cufatanii jiran Mirkaneeffachuuf Gad banee alatti wal argina.๐Ÿ˜‚
Dhugaa ๐Ÿ‘ soba ๐Ÿ™Š
Forwarded from JECHOOTA JAALALAA FI BASHANANAA (๐Ÿ…ฐ๐Ÿ†ˆ๐Ÿ†ˆ๐Ÿ†„๐Ÿ†„ wรญth ๐Ÿ…ผ๐Ÿ…ฐ๐Ÿ…ผ๐Ÿ…ธ) via @toolkitbot
โ‰๏ธOSOO SI TA'EE MAAL GOOTA?

๐Ÿ‘‰Jaalaleewwa lamatu turan. Isaanis akka ajaaโ€™ibaa kanatti wal jaalatu. Wal malee hin deeman, hin taaโ€™an, hin nyaatan. Sababuma kanaan maqaa masoo โ€œroomiโ€™oo fi juuleeytiโ€ jedhu argatanii jiru.
Osoma akkanatti jiranii ija namaa keessa buโ€™an seโ€™aa ani isaanoo wal dhaban. Wal dhabaniis araaramuu dadhabanii gargar bahan. Martuu jireenya dhuunfaa isaanii geggeessuu jalqaban. innis gara magaalaa biraa deemee; isheenis gara magaalaa biraatti deemtee jireenya dhuunfaa isaanii geggeessuu jalqaban. Turtii waggaa lamaa booda isaan lachanuu gara magaalaa duraaniitti deebiโ€™an. Akkuma deebiโ€™aniin wal argan. Aariin warra lachuu irraa baddee waan jirtuuf; akkuma wal arganiin akkuma duraa jechuun yeroo jaalalaan waliin turan sanitti naga bareedaa fi hooโ€™aa tahe wal gaafatan. Haaluma kana fakkaatu keessa osoo jirai dargageesichi ishee waliin buluu akka barbaadu itti hime. Isheenis gaafii isaa osoo hin didin tole jettee fudhatte. Isaan lachanuu gammadanii wal qunnamtii saalaa osoo geggeessani lafti isaanitti barite. Bariisaa ganamaan osoo isheen hiribaa hin ka'in dargageesichi biraa deemee bilbileefii akkana jedheen
:

โ€œsi jazbaa wayii; na dhageessaa si jaaladhen si waliin bule sitti hin fakkatiin, fedhiin koo waan natti baayโ€™ateef ofirraa sitti fincaa'uuf maleeโ€ฆโ€ jedheen bilbilaan.

isheenis โ€œjazbaan si caalu eessa jira; anis si jaaladheen seetaa kan si wajjiin buleef HIV waan na qabee jiruuf si balleessuuf maleeโ€ฆโ€ jetteen jedhama.

๐Ÿ‘‰Jarana gochaa akkanaa kana irraa rabbi nu haa baraaru!!
๐Ÿ‘
Garuu osoo si tahee maal goota?

Yaadaaf: โœ @Ayyuu_Love

๐Ÿ—ฃHiriyyaa keefis share godhi.
๐ŸŒน๐ŸŒน๐Ÿ…น๐Ÿ…พ๐Ÿ…ธ๐Ÿ…ฝ๐ŸŒน๐ŸŒน
๐ŸŒน๐ŸŒน๐Ÿ…น๐Ÿ…พ๐Ÿ…ธ๐Ÿ…ฝ๐ŸŒน๐ŸŒน @jechoota_jaalalaa_fi_bashananaa
Bareedinni kee Onnee tiyya sakaalee Miila koo gadaache, Sammuu koo hadooche,,,YAADAN oolen bulu


Ati akkami Silaa bareeddu tiyya
Hogguman si argu Onnee tiyya gidaararraa sossofte


Si jaaladhe
MAALOO
Naa bilbili๐Ÿ’—
โœ๏ธโœ๏ธโœ๏ธโœ๏ธ
Fileebar umare


JOIN JOIN
๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡
@hacefunny
@hacefunny
Hordoftoota Amantaa Kiristaana Maraaf Baga Ayyaana Du'aa ka'uu Iyyasuus Kiristoos Geessan!
COCA TIYYA FANTA


Mandariina tiyya
Ilillii masnoota
Deeymma too mi'ooyttu
COCA tiyya FANTA
Iji Koo SI argu
Boqonnaa argata
Garaan Koo SI dhabu
Gammachuu dhungata
๐Ÿ˜„๐Ÿ˜„


Rifeenssi kee luuccaa
Mudhirraa taphatu
Re'eenin hidhadha
Tokko naa luqisi
Xiyyaan ija keetii
Kan Onnee madeesu
Onnee too kulkulchee
Mee narraa harkisi
Aaddee jireenyi Koo
Gorora keetini
Duuti tiyya ammoo
Jaalala teetini
๐Ÿ˜๐Ÿ˜


Iji Koo si Argeet
Onneen koo dirame
Summii jaalalaatin
Hiddi koo hiddame
Onneedhaa tortore
Eelee jijjiirame
Guyyaanin si argu
Silaan ijaa jaamee
Jireenya mi'aawaa
Koohaa koo dhandhame
Lakkii sin jaalanne
Anuu nin kijibee
Gammachuun If miite
Carqii hin gatin Mee
๐Ÿ˜๐Ÿ˜


โœ๏ธโœ๏ธโœ๏ธโœ๏ธโœ๏ธ
Fileebar qash

JOIN JOIN
๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡
@hacefunny
@hacefunny

Share waliif godha namnni afaan Oromootif ququmaafi butama qabddan
Hubadhu Biiftuu Koo
~
Hangan si jaaladhu
beekta silaa tiruu
Muufattee hin turin
mi'eessituu jiruu
Balleessaa kiyya laaltee
garaa hin jabaatin
Garaa kee qulqullutti
ulfa jibbaan baatin
Dhiifaman si gaaffa
morma kiyya cabsee
Si muufachiiseen jira
waadaa kiyya cabsee
Ta'us gaabben jiraa
keessi koo ibiddaa
Osoo kana beektuu
maaf na duraa baddaa?
Ilmi namaa silas
inuma balleessaa
Gaafa sana baru
qalbiisaa deebisaa
Hubadhu biiftuu koo
Kan caalu gaabbidhaa
Dhiifama naaf godhi
Hedduun si jaaladha


โœ๏ธโœ๏ธโœ๏ธโœ๏ธโœ๏ธ
Fileebar qash

JOIN JOIN**
๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡
@hacefunny
@hacefunny

Share waliif godhi heddu bashannanta
Forwarded from ARDII__JรƒALALAA๐ŸŒโ™ฅ๏ธ (Fileebar Umaree)
Hubadhu Biiftuu Koo
~
Hangan si jaaladhu
beekta silaa tiruu
Muufattee hin turin
mi'eessituu jiruu
Balleessaa kiyya laaltee
garaa hin jabaatin
Garaa kee qulqullutti
ulfa jibbaan baatin
Dhiifaman si gaaffa
morma kiyya cabsee
Si muufachiiseen jira
waadaa kiyya cabsee
Ta'us gaabben jiraa
keessi koo ibiddaa
Osoo kana beektuu
maaf na duraa baddaa?
Ilmi namaa silas
inuma balleessaa
Gaafa sana baru
qalbiisaa deebisaa
Hubadhu biiftuu koo
Kan caalu gaabbidhaa
Dhiifama naaf godhi
Hedduun si jaaladha


โœ๏ธโœ๏ธโœ๏ธโœ๏ธโœ๏ธ
Fileebar qash

JOIN JOIN**
๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡
@hacefunny
@hacefunny

Share waliif godhi heddu bashannanta
Forwarded from ARDII__JรƒALALAA๐ŸŒโ™ฅ๏ธ (Fileebar Umaree)
Dur natti mammaramttee
Nagaa jetta biliqqisaa
Arras narraa fagaachun kee
Na jaalachuu kee mullisa
Kan nama irraa hiiqee
Dhaabbii isaatis tolche
Ofiis lammii isaatis
Du'a irraa ni oolche
Koronaa walirraa ittifnna
Ija keenya hin libsannu
Wal irraa fagaachudhaan
Jaalala haa ibsannu


โœ๏ธIttiqaa tafarii

Join๐Ÿ‘‰๐Ÿ‘‰ @hacefunny
ONNEE MADOOFTE
***********

Qubeelee funanee
Jecha walitti ida'ee
Siif barreessuun yaala
Waan waraqaan Danda'e


*******
Qalama koo fudhee
Gaafan jecha siif tarreessu
Garaat na na boora'aa
Iji imimmaan hin dandessu

*********
Garaachi Koo iyyee
Mar'ummaantu waca
Dhiiga kootu dhaabate
Tirata akka Qocaa


*********

**Mee onnee kee keessan lixa
Naaf kenni furtuu balbalaa
Fuula kees nan dhoowwatin
Maaloo hadaraa Jaalalaa**

*********
Halkaan hirriiban dhabee
Kanafan dhufe lafa barii
Gola onnee kee keessa
Naaf kenni iddoo gaarii

***********
Gaara fi sulaala keessa
Oliif gadi na oofte
Siidaa dhaabateeti jirtta
Ilaa onnee madoofte!



โœโœโœโœโœโœ
Fileebar qashttii
โค๏ธโค๏ธโค๏ธโค๏ธโค๏ธโค๏ธโค๏ธโค๏ธ
@hacefunny
@hacefunny


Share waliif godha namnni afaan Oromootif ququmaafi butama qabddan
Oromumman dhiiga keessa nujira
Maalif taana sanyii abaaramaa
Duruu sanyii eeybbaa akka taane
Seenaf dhiiga keenya nu hima
Onnee keenyatu burqa
dhiiga jaalalaaf tokkumma
Lafee keenyatu suphame
Nu Dagalfamee gootummaan
Onneensaa ibidda hidditu akka soonsa
nyaarame hin beeku oromoon takkumaa

Afaan kootini soroorse bareessa
Eenyuu sodaadhafis seenaa Koo lakkisa
Afaan Koo mi'eeysen kan ormma bushesa
AYII!! NAMA KANA!!!

Arraata Kee Nadhii Sana
Maalttu Jijjiire Arraanttana
Ayii! Yaa Nama Kana
Garaaf Je'eet Wal Gana
Yaa Rabbii Koo Yaa Rabbana
Maaf Na Uumtte Bara Akkana
Kana Abaaramaa Zamana
Wal Balfina Hundi Keenya
Wal Qorrifannee Qabeenyan



โœ๏ธโœ๏ธโœ๏ธโœ๏ธโœ๏ธ
Fileebar qash

JOIN JOIN
๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡
@hacefunny
@hacefunny

Share waliif godhi heddu bashannanta
Afaan Oromootis Asumaan Gabbifatta
Sammuu Teetis Itti Qanansiifatta
Join Qubaan Tuqi Koflaan Fincaan Buuftta
Abeet ANA


DUBRRA LAFA GUUTE
AKKA BIYYEE KANA
AN TAKKAN DHUNGANNE
AFAAN NA SOOMANA


Join ๐Ÿ‘‰๐Ÿ‘‰ @hacefunny
@hacefunny
BAREEDDU BOOLEE

Adaamaa ta'uu kee
Anuu numan beekaa
Yaanni kee na gubee
Mee eenyut naaf beekaa


Yaanni kan kee na hiddee
Akka ilkee kanniisaa
Yoon si arge na dhiisa
Qashtii too haniishaa


Akka kiyyaan silaa
Goflaan hin qabneef malee
Dhufee silaaluu mitii
Fuudheen sin barara
Akka haaylkooptaraa
Mana koottin si galcha
Ija hamtuu jalaa


Ijji too si arguuf
Boochi hirriiba keessaa
Bakkan deemu hundatti
Waa'ee keen odeessaa


Bakki wal arkaa eessa
Iddoo bashannanaa
Soodaree moo kurriftuun
Si geessa filadhu mee
Bakki feetu eessa


Wal-qixxaattuu namaa
Boontuu boolee keessaa
Ijji tee bar maashoodhaa
Tan ifttu halkan keessa


Xurii qaama kootii
Siitu dhiqee baasa
Gannas anaaf taata
Xilaa rooba keessaa


Ati anaaf waa hunda
Tanaafin si faarsa
Seente onnee too keessa
Tan yoomiyyuu hin baane
Goonkumaa na keessaa


๐Ÿ˜๐Ÿ˜๐Ÿ˜œ

โœIskee

JOIN JOIN
๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡
@hacefunny
@hacefunny

Share waliif godha namnni afaan Oromootif ququmaafi butama qabdan๐Ÿ’‹๐Ÿ’‹
This media is not supported in your browser
VIEW IN TELEGRAM