🌹Dπ™šπ™šπ™—π™žπ™ž 𝙒π™ͺπ™¨π™žπ™‘π™žπ™’π™€π™©π™–π™– π™›π™ž π™₯π™π™šπ™šπ™£π™­π™šπ™šβ›ˆβ›ˆβ›ˆβ›ˆβ›ˆ
2.37K subscribers
51 photos
2 videos
9 files
113 links
β€œIyyesuus, β€˜Beekkadhaa raacitii Fariisotaatii fi Saduuqotaa irraa of eeggadhaa!’ isaaniin jedhe.” (Maat.16:6).

αŠ’α‹¨αˆ±αˆ΅αˆ ከፈαˆͺαˆ³α‹α‹«αŠ•αŠ“ αŠ¨αˆ°α‹±α‰ƒα‹α‹«αŠ• αŠ₯ርሾ α‰°αŒ αŠ•α‰€α‰αŠ“ α‰°αŒ α‰ α‰α‘ αŠ αˆ‹α‰Έα‹α’ (αˆ›α‰΄α‹Žαˆ΅ 16:6)
Download Telegram
🌹Wangeela
tokko Qofaa jira
=Galaatiyaa 1:7
β–¬β–¬β–¬β—ˆβ–¬β–¬β–¬
1✍=akkuma
cuuphaan
Tokko jiruu

2✍=akkuma Gooftaan
tokko jiruu

3✍=akkuma Amantan
tokko jiru

4✍=akkuma wangeeli
Tokko Jiru

5✍=hordofitooni
Tokko qofti jiruu

β—ˆqabxiiwwan 1-3 kan
ibsu πŸ‘‰=Eef 4:5
β—ˆqabxiin wangeela
Tokko ibsu=Gal 1:7

β—ˆQabxin
Hordoftoota tokko
Ibsu (Ani
#ortodoksii Kana
ibsuu
πŸ‘‰=Eefe 1:10-13
πŸ‘‰=Gal 1:15

🌼=Qabxiwwan 5 kan
Bakka Tokkoti ilaala

β—ˆ akkuma
#Phaawulos
Jedhe1Qor 13:13 irraatti
➊=jalalaa
βž‹=amantii
➌=abdii
β—ˆ isaan sadan iyyuu
Garagara hin Bahan
Jedhuu
β—ˆ ammas wantoonni
#Shanan(5) kuni adda
Hin Bau

♨️ Waa'ee hordofitoota
Waaqa tokko irratti
#Ani_ortodoksii dha
Kan jedhuu irratti

🌹Ani
#ortodoksii
Ta'e dhalee kootif
Waaqayyof Galani
Haata’u jechuun
Ni barbaachisaa moo
Hin barbaachisuu❓

🌹Ani
ortodoksii ta'u
Kootif baay’een
#gammada jechuun
Ni barbaachisaa moo
Hin barbaachisuu❓

🌼 kanaa irratti
Kitaabni Qulqulluun
Maali jedha

✍
#isin isa gaarummaa Kiristoos isa guddaatiin
isin waame Sana irraa gara
#wangeela kan #biraatti
saffisa akkasiitiin garagaluun keessan na dinqisiiseera
🌼=jechi
#isin jedhuu yeroo
Jalqabaf Namoota warra
Galaatiyaaf jechuu isatti

✍
#wangeeli kan biraan
akka hin jirre
#beekamaa dha
haa tau malee
namoonni isin jeeqanii fi
#wangeela waaee
Kiristoos ibsu
#jalisuu barbaadan tokko
tokko jiru
🌼 wangeeli kan biraa
Akka hin jire jechuun
Isaa Waangeela tokko
Qofa jira jechuu isati
Kan bira wa'e Kiristoos
Hin ibsu jedhudha

✍Taus nu keessaa
namni tokko yookiin
#Ergaaman//maleekaan
tokko
#samii irraa dhufee
#wangeela nuti isiniif
#lallabne irraa #adda tae
yoo isiniif lallabe inni
#abaaramaa haa tau

β—ˆ wangeela tokkicha
Kan irraa adda ta’e
Kan laallabe Abaarama
Ni ta'a
Namas yoo,ta’e
Ergamootaa yoo
Ta'es
🌻=Haata’u malee
Ergamoonni Waaqayyo
Wangeela nama
Barsisuu ni danda'u
=Ergamaan Seexanaa
Dhufe garuu kan adda
Ta'e yoo,lallabee
Ni abaaramaa

✍Akkuma kanaan dura dubbanne ammas dabalee
nan dubbadha
#eenyu illee wangeela isin #fudhattan
irraa adda tae yoo isiniif
lallabe
#abaaramaa haa tau
🌻=Namas yoo ta’e kan
Abaaramee ta'a

✍Ani amma namoota
moo Waaqayyoon amansiisuuf yaalaan jira? Moo namoota gammachiisuuf yaalaan jira? Ani amma iyyuu namoota
gammachiisuuf yaalaan
jira yoo tae
#garbicha
Kiristoos miti jechuu dha

✍Yaa obbolootaa
#wangeela ani isiniif
lallabe
#nama irraa kan
madde akka hin taane
akka beektan
nan barbaada
🌻=wangeelich nama
Irra akka hin dhufnee
Ibse

✍ sababiin isaas ani
Wangeella kana
#Iyyaasuus_Kiristoos
irraa
#mulataan nan
fudhadhe malee
nama irraa hin fudhanne
yookiin namni
na hin barsiisne
🌻=wangeeli kan
Kiristoos
Ta'u ibse jira

✍Ani dur
#amantii
Yihudii keessatti akkamitti akkan jiraadhe
jechuunis
#Kiristiyaanotaa Waaqayyoo cimsee
ariachaa fi balleessuuf dhamaaa akkan ture dhageessaniittu
🌻=
#Phaawuloos jalqabaa
Amanti yihudoota
Hordofaa akka jiruu

✍akkasumas
#aadaa
abbootii kootiif hinaaffaa guddaan qaba ture
saba koo keessatti
warra
#hiriyoota koo
taan hedduu
#caalaas
amantii Yihudii
keessatti baayee
guddachaan ture
🌻=Phawuloos yeroo
Sanati hiriyoota isaa
Akka caaluu mul'isa

✍Haatau malee
Waaqayyo inni
#gadameessa haadha
kootii jalqabee na
#filate fi karaa gaarummaa
isaa isa guddaa na
waame sun
🌻=Akkuma Phaawuloos
Gadameessaa haadha
Isaa keessa filatame
Hordofa Kiristoos ta’e
β—ˆ Ani
#ortodoksii ta’en
Dhaladhee yoo jeete
Sirridha,Ani
ortodoksii
Ta'u kootiif,nan
gammada yoo,jeette
Sirridha
πŸ‘‰=Gal 1:6_17
🌻Wangeelli
#dursa
Wanta hunda akka
Ta'e ifa
===========
#saqqii dhugaatiin
mudhii keessan
hidhachuu fi gaachana
#qomaa Qulqulluu uffachuudhaan
#jabaadhaa dhaabadhaa
akkasumas
#wangeela
#nagaa labsuuf
qophaauudhaaf
#miilla keessanitti #kophee
kaaadhaa
=Eefesoon 6:14-15
=============
🌹
#Yaada yoo
qabataniiπŸ‘‡
πŸ‘‰
@Gutema123

🌼=link channeel
Yoo barbaadanπŸ‘‡
@haadha_Waaqa_naJaladha
πŸ…° kutaa-100-ffaaπŸ•Ή
➻gaafi fi deebi Musiliimota
✍Yohannis 1:14
sagalichi #foon_taΚΌee nu gidduu jiraate. Nus ulfina isaa, ulfina Ilma Tokkicha ayyaanaa(gaarummaa) fi dhugaadhaan guutamee Abbaa biraa dhufe sanaa argineerra.
1➧gaaffii isaanii Kiristoos kani #tolfamee kani Uumamee jedhuu ❓
πŸ‘‰Ragaa isaanii
Ibroota10:5
#inni gara addunyaa yeroo dhufetti akkana jedhe: Ati aarsaa fi kennaa hin barbaanne, kanaa mannaa #dhaqna_Anaaf #qopheessite.
Farfannaa 74:16
Guyyaan kan kee ti; halkanis keetuma;
ati #aduu, #ifa #qopheessite jirta
=jecha qopheesse jedhuu Muslimoonni tolche(Uumee )jechuuti hikuu sababa Kanaaf Kiristoos kani tolfamee ,kani qopheesse ,kani Uumamee jedhuu❓
β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬
🌷Deebi Keenya❓
Lakkii Kiristoos Waaqa addunyaa dura turee.
Kutaa-98πŸ‘ˆdubbisi
kutaa -99πŸ‘ˆdubbisi
✍amma Ibroota 10:5 irraa kani dhagna naaf qopheessite jedhee = #dhagna jechuun #foonii jedhudha.
🌹kuni immoo barumsa #ortodoksii keessatti sirriitti beekamaadha foonii Kiristoos Uumama akka ta’e ni Amana Fakkeenyaaf akkasii jennee Gooftaan keenya #foonii fi #lubbuu_Maariyaami fudhate jennee =Kanaafuu fooni fi lubbuu Maariyaami immoo #Uumamadha
πŸ‘†iddoo kanati immoo
Ibroota 10:5 irratti akkasii jedhee Β« #inni_gara_addunyaa #yeroo dhufetti akkana jedhe Β»
πŸ‘‡Jechi #inni jedhuu Kiristoos ibsaa
πŸ‘‰ inni suni gara addunyaa osoo hin dhufin dura foonii akka hin qabnee sirriitti ibsee jira Kanaafuu inni suni eessaa ture ree jalqabaa ❓deebii isaa abbaa bira. 
➊➻Yohaannis 6:46
#Isa Waaqayyo #biraa_dhufe sana malee #namni tokko iyyuu #Abbaa hin argine; isa #qofatu Abbaa arge.
➻ kanafuu Kiristoos kuni jalqabaa osoo foonii nama kana hin uffatanii Abbaa bira turee.
➻yeroo Abbaa bira gara addunyaa dhufee immoo foonii Maariyaami fudhate dhalatee.
Kunis Kiristoos sagalee ta’e dhufe foonii nama fudhatee
πŸ‘‰akkamitti sagaleen suni foonii nama uffata isaa jedhuufi immoo kani namni tokko iyyuu beeku hin dandeenye,afuura Qulqulluun
βž‹βž»Maatewos 1:18
#Dhalachuun_Iyyaasus Kiristoos akkana ture: Haati isaa #Maariyaam kaadhima Yoosef turte; isheenis utuu Yoosef wajjin wal bira hin gaΚΌin #Hafuura_Qulqulluudhaan ulfooftee argamte.
✍ Kanaafuu Kiristoos Addunyaa duraa Abbaa wajjiin ture ,yeroo nama fayyisuu garuu sababii foonii nama fudhachuu qabuuf foonii nana suni qopheefi. ❝ kuni Akkuma Seexanni qaama Foonii bofa keessa seenee Adaami fi Hewwaani cubbuun ajjeesee , Kiristoos immoo immoo dhufee foonii nama kaninni fayyinaa fidee.❞.
➌➻Ibroota 2:14-15πŸ‘‡
#ijoolleen sun #foonii fi #dhiiga qabaniif,#Iyyaasusis  duΚΌa ofii isaatiin #diiyaabiloos isa duΚΌa irratti humna qabu sana #balleessuuf jedhee #namummaa isaanii #qoodate innis warra bara jireenya isaanii hunda garbummaa sodaa duΚΌaatiin hidhamanii turan #bilisa baasuuf jedhee waan kana godhe
➧jecha #qootatee jechuun foonii namoota irratti #hiraamte yookaan #fudhatee (garuu Kiristoos jalqabuuma jira).
➍➻Filiphisiiyus 2:6-7
#Inni utuma bifa Waaqaatiin jiruu wal qixxummaa Waaqa wajjin qabu akka waan irraa fudhatameetti hin lakkoofne; qooda kanaa #inni_bifa_garbaa #uffatee fakkaattii namaa fudhachuudhaan duwwaa of godheera .
➻iddoo kanatti inni Waaqayyo wajjin qixxee yookaan Abbaa wajjiin qixe ture jedhe jira kanafuu Kiristoos osoo fooni nama kanaa hin fudhatin dura abbaa wajjiin qixxee turee.
➻amma immoo duwwaa ofii godhee bifaa garbummaa fudhatee jedhe , =bifa garbummaa kani jedhamee foonii namatti .
β–¬β–¬β–¬β–¬
Farfannaa Daawit 74:16 irraa kani jiruu immoo biiftuu fi ifa qopheesse inni jedhuu Uumee jechudha kana jechuun wangeela Yohaannis 1:14 fi Ibroota 10:5 wajjiin wanti walitti fiduu gonkumaa hin jiru
➧Sababiin isaa « jalqabaa sagalee ture jedha malee jalqabaa biiftuu ifa ture hin jedhuu ❌
➧inni suni yeroo gara addunyaa dhufuu ,foonii nama ni qopheeffamefi jedhee ,biiftuu fi Ifnii yeroo gara addunyaa dhufanii foonii nama qopheeffamef hin jedhu❌
β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬
𝙭π™ͺ𝙒π™ͺ𝙧𝙖 π™žπ™§π™§π™–π™–π™©π™ž