๐ŸŒนD๐™š๐™š๐™—๐™ž๐™ž ๐™ข๐™ช๐™จ๐™ž๐™ก๐™ž๐™ข๐™ค๐™ฉ๐™–๐™– ๐™›๐™ž ๐™ฅ๐™๐™š๐™š๐™ฃ๐™ญ๐™š๐™šโ›ˆโ›ˆโ›ˆโ›ˆโ›ˆ
2.58K subscribers
54 photos
3 videos
10 files
117 links
โ€œIyyesuus, โ€˜Beekkadhaa raacitii Fariisotaatii fi Saduuqotaa irraa of eeggadhaa!โ€™ isaaniin jedhe.โ€ (Maat.16:6).

แŠขแ‹จแˆฑแˆตแˆ แŠจแˆแˆชแˆณแ‹แ‹ซแŠ•แŠ“ แŠจแˆฐแ‹ฑแ‰ƒแ‹แ‹ซแŠ• แŠฅแˆญแˆพ แ‰ฐแŒ แŠ•แ‰€แ‰แŠ“ แ‰ฐแŒ แ‰ แ‰แก แŠ แˆ‹แ‰ธแ‹แข (แˆ›แ‰ดแ‹Žแˆต 16:6)
Download Telegram
torbe-5.pdf
1.5 MB
Torbe_5 ffยชยช " kitaba kana irra wanta argachuu dandeessan, akka dubbistan isin gargara..
โžœ kitaboota wali bira qabdani akka dubbistanif
Fayyidaa Olaana qaba
โžœhiika isaa
#you_tube irra
Hordoffu ni dandeessan.
๐ŸŒนkuta_11_ffaa.๐Ÿƒ Hordoffa.
Gaafi =musilimoota
๐Ÿ…ฐ=1=Yohaannis 5:22๐Ÿ‘‡
Abbaan matumaa eenyuutti iyyuu hin murteessu
Kana mannaa hundumaa
irratti akka murteessuuf
Ilmaaf Aangoo kenneera
โ–kanaafu kiristoos
Ofi isaan murtessuu hin
Danda'u, kani murtessu danda
Aangoo Abbaa irra fudhateti
Kanaafi inni waaqayyo
Ta'u hin danda'u jedhu..โ“
๐Ÿ…ฑ=2=Yohaannis 5:26-27
akkuma Abbaan jireenya kennuuf Aangoo qabu, akkasuma ilmis jireenya kennuuf Aangoo akka qabaatu isaaf kenneera.
Ilma namaa waan ta'eefis
murtii akka kennu Aangoon isaaf kennameera

โ—ˆkanafuu Aangoo jireenya
Kennus Abbaa irra fudhate
inni kiristoos ofi Isaa Aangoo jireenya keenu
Hin qabu jedhu.โ“
โ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌ
๐Ÿชฃ Deebi keenya๐Ÿชฃ
๐ŸŒนwaaqayyoo sababa maalif
Aangoo isaa qaama birafi
Keena.....โ“
๐ŸŒน erga Abbaan Aangoo
Isaa kenne booda Waaqayyo
Tau ni danda'a? moo,hin Danda'uโ“

๐Ÿชฃ๐ŸƒRaaji_milkiyaas 3:6๐Ÿ‘‡๐Ÿƒ
Ani Waaqayyo dha Ani hin jijjiiramu.isin ilmaan
Yaaqoobi; isin amma
iyyuu hin dhumne
๐Ÿ‘‰erga hin jijjiramne Aangoo
Isaa.maalif jijjirama ree.โ“
๐Ÿชฃ๐Ÿƒ2Sen.bara 16:33-34๐Ÿƒ
inni lafatti murteessuuf
dhufaa waan jiruuf,
Mukeetiin bosonaas
Waaqayyo duratti haa, ililchan
inni gaarii waan ta'eef
Waaqayyodhaaf galata galchaa; Jaalalli isaa inni amanamaan bara baraaf jabaatee
dhaabbata.
๐Ÿ‘‰kanafuu Murti isaa ni
Kenna, yoo, ta'e jechoota
Kana fallaa godha miti,โ“

โ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌ
โ€ผLakki Waaqayyo Aangoo
Isaa,fi murtii isaa hin jijjiruu

โž”Kanaafuu Aangoo fi
Murti maalif ilma isaaf
Kenne ree?, Abbaan, akkuma Waaqa taโ€™e, Ilmi isaas Waaqa Wani taโ€™efi (Yohaannis 10:30)
โœ Abbaa fi Ilmi " Aangoo
Tokko wani qabaniifi

๐Ÿ…ฐ yoo Akkasi hin tanee
Aangoo Waaqayyo fudhachuuf
Kan danda'a Eenyuโ“
Kana hanga Waaqayyo gahuu
Eenyu reeโ“


โœ kanafuu Kiristoos Hanga
Abbaa isaa, wan gahuuf
Aangoo Abbaa fudhachuu qaba

๐ŸŒนsababa akkasii jedhameef
Kiristoos foonii nama Waani fudhateef, "namoonni akka
Hubbatanif Ture

๐ŸŒนakkasumas fayina karaa ilma
Argamee akka fudhataniif


โœYohaannis 3:13-19
Ilma namaa isa samii irraa gadi
bu'e malee, namni gara samiitti oli bae tokko illee hin jiru. Akkuma Museen lafa onaa keessatti bofa fannise, Ilmi namaas fannifamuu
qaba kunis, isatti kan amanu
hundi jireenya bara baraa akka qabaatuufi. โ€œIsatti kan amanu hundi jireenya bara baraa akka qabaatuuf malee akka hin badneef,Waaqayyo Ilma
isaa isa tokkicha hamma kennuufitti addunyaa kana baayee jaallateera.


Sababiin isaas, Waaqayyo Ilma
isaa gara addunyaatti kan erge, addunyaan karaa isaa akka fayyu malee akka inni addunyaatti murteessuuf miti.

Isatti kan amanu hundi itti hin murteeffamu. Isatti kan hin amanne hundi, maqaa Ilma
Waaqayyoo isa tokkichatti waan hin amanneef, ammuma iyyuu itti murteeffameera.

๐Ÿ‘‰Wanti murtiidhaaf
bu'uura tau kana dha: Ifni gara
addunyaa dhufeera
namoonni garuu hojiin isaanii hamaa waan taeef ifa mannaa
dukkana jaallatan.

โœYohaannis 3:33-36
Namni wanta Kiristoos
dhugaa ba'e fudhate
Waaqayyo dhugaa ta'uu isaa chaappaadhaan mirkaneesseera
Waaqayyo Affuura isaa
qusatee waan hin kennineef,
namni Waaqayyo erge dubbii Waaqayyoo dubbata.
Abbaan Ilma ni jaallata, wanta hundumaas harka isaatti dabarsee kenneera.
ilmatti kan amanu
jireenya bara baraa qaba

Ilmaaf kan hin ajajamne garuu, dheekkamsa Waaqayyootu isa irra jiraata malee jireenya hin argu

โœ Yohaannis 6:62-63๐Ÿ‘‡
ilmi namaa bakka dura turetti utuu oli ba'uu yoo argitan maali jettu reeโ“ Jireenya kan kennu
Affuura; foon faayidaa tokko illee hin qabu. Dubbiin ani isinitti dubbadhe Affuura, akkasumas jireenya.


โœYohaannis 8:13-19
Fariisonni, โ€œAti waa'ee ofii kee ragaa ba'ata; ragaa baiinsi kee immoo dhugaa mitiโ€ jedhaniin.
Iyyaasuus deebisee akkana isaaniin jedhe, Ani eessaa akkan dhufee fi eessa akkan
dhaqu waanan beekuuf, waaee ofii koo yoon dhugaa bae illee, dhugaa baiinsi koo dhugaa dha
.
Isin garuu eessaa akkan dhufee fi eessa akkan dhaqu hin beektan. Isin akka ilaalcha fooniitti murteessitu; ani garuu matumaa eenyutti iyyuu
hin murteessu. Haatau malee,
Abbaan inni na erge anaa wajjin
waan jiruu fi ani kophaa koo waanan hin taaneef, utuma ani murteessee illee murtiin koo dhugaa dha.
๐ŸŒนKana malees Seeruma keessan
keessatti illee, โ€˜Dhugaa baiinsi namoota lamaa dhugaa dhaโ€™ kan jedhu barreeffameera
Ani waa'ee ofii koo dhugaa nan ba'a; Abbaan inni na erges waa'ee koo dhugaa ni ba'a.โ€ Isaanis, โ€œAbbaan kee eessa jira?โ€ jedhaniin Iyyaasuus, โ€œIsin anas tae Abbaa koo hin beektan. Utuu ana beektaniittu ta'ee, Abbaa koos ni beektu turtanโ€ jedhee deebiseef
โœ Yohaannis 5:23
kanas kan godhe, namni hundi akkuma Abbaadhaaf ulfina kennu, Ilmaafis ulfina
akka kennuufi.
Namni Ilmaaf ulfina hin kennine, Abbaa
isa isa ergeefis ulfina hin kennu
โ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌ
๐ŸŒนLink Kana fayyadama๐Ÿ‘‡
@haadha_Waaqa_naJaladha
@haadha_Waaqa_naJaladha
๐Ÿ”ป=kutaa_12ffยชยช =๐Ÿ”ป
โž›deebi=Musiliimootaf
kitaaba Yohaannis irraa kan jiru
โ–ฌโ–ฌ
โ–ถ๏ธโž” Yohaannis 5:30๐Ÿ‘‡
Ani ofii kootiin kaka'ee wanta
tokko illee gochuu hin dandau. Akkuman Abbaa koo irraa dhagaetti nan murteessa
Ani
fedhii isa na ergee malee fedhii mataa koo raawwachuu waanan hin barbaadneef murtiin koo qajeelaa dha.
โž›kanafuu Kiristoos fedhi
Waaqayyo guutuuf Dhufe
Ofi isaaf hooma gochuu
Hin danda'u jedhuu...โ“
โž›Sababiin osoo Waaqayyo
Ta'e wanta hundumaa
Godha jedhuu...โ“
โž›ser.Uumama 18:14
Wanti Waaqayodhaaf hin dandaamne jiraa?
Ani waggaa dhufu yeroo murteeffame kanatti
gara keetti nan deebia; Saaraanis ilma ni deessi

โ™ฆ๏ธdeebi keenya Kiristoos
Wanta hundumaa akka
Godhu Kitaabni ni ibsaa


โœMulโ€™ata Yohaannis 5:12
Isaanis akkana jedhanii sagalee guddaadhaan faarfatan;
โ€œHoolaa qalame sanaaf, #humnaa fi qabeenya,
ogummaa fi jabina, kabajaa fi ulfina,
galatas argachuun ni mala

Ibroota 1:3
Ilmi calaqqisa ulfina Waaqaa ti; eenyummaa Waaqaas akkuma jirutti mulสผisa; dubbii isaa #humna qabeessa sanaanis waan hunda hirkisee baata. Innis erga cubbuu keenya nurraa qulqulleessee booddee samii irra mirga Waaqa ulfina qabeessa sanaa taaสผe.

โœFiliphisiiyus 4:13
Humna Kiristoos anaaf kennuun waan hundumaa gochuu nan danda'a
=kanafuu Kiristoos ergaa wanta Hunduma akka gootu sii, tasise
Inni Waaqayyo jechuudha
โœYohaannis 1:3
Wanti hundi isaan ta'e wanta tae keessaas isa malee wanti tae tokko illee hin jiru
โœYohaannis 3:31
inni oli samii irraa dhufe warra kaan hunda irra ni caala.
Inni lafaa immoo kan lafaa ti, wantoota lafaas ni dubbata
Inni samii irraa dhufe warra kaan hunda irra ni caala
๐Ÿ”ปinni wanta hundumaa irraa
Erga caalee "Waaqayyo jechudha mitti reeโ“
kan hundumaa caaluu Kuni Waaqayyo qofaa, kanafuu
Kiristoos Waaqayyo ta'u isaa
Ni ibsaa
โž›Kiristoos osoo Waaqayyo
Ta'e jiruu maalif dubbii kan
Dubbate ree,yoo, jennee immoo
โž›Yihudoota fi Fariisonni, Kiristoos ta'u isaa gonkumaa hin baree turan, sababa Kanaafi
Dubbi isa fudhachuu didanii
Yero kanaa immoo Kiristoos,
Isaani isaa Waani hin beekneef
Dubbiin kuni kan Waaqayyo tti
Yookin kan Abbaati, isaatuu
Na, ergee jedhee itti dubbate
โž”ragaa kitaaba๐Ÿ‘Œ

1=โœYohaannis 7:16-27
Iyyaasuus akkana jedhee isaaniif deebise: Wanti ani barsiisu, kan isa na erge
sanaa ti malee kan koo miti.
Namni fedhii Waaqayyoo raawwachuu barbaadu kam iyyuu, barumsi kunWaaqayyo biraa akka dhufe yookiin
ani ofii kootiin kakaee
kanan dubbadhe ta'uu fi dhiisuu
koo ni beeka.

Namni ofii isaatiin kakaee dubbatu hundi ulfina
mataa isaa barbaada
namni ulfina isa isa erge sanaa barbaadu hundi garuu, inni dhugaa dha; jalinnis isa keessa hin jiru.

Museen Seera isiniif kennee hin turree? Haatau malee, tokkoon keessan iyyuu Seerichaaf hin ajajamtan. Na ajjeesuu kan
barbaaddan maaliifiโ“โ€

Namoonni sunis, Jinniitu si irra jira. Eenyutu si ajjeesuu barbaadaโ“ jedhanii deebisan Iyyaasuus deebisee
akkana isaaniin jedhe: โ€œAni hojii tokko hojjennaan, hundi keessan ni dinqisiifattan Museen seera dhaqna qabaa isiniif kennee ture
haatau malee, seerri kun abbootii keessan biraa kan dhufe ture malee, Musee biraa kan dhufe hin turre. Kanaaf isinis guyyaa Sanbataatti nama
dhaqna ni qabdu.

Seerri Musee akka hin cabneef namni tokko guyyaa sanbataatti dhaqna kan qabatu erga ta'ee ani guyyaa sanbataatti
nama tokko guutummaatti fayyisuu kootti maaliif akka malee natti aartuโ“
Wanta alaan mulatu ilaaltanii murteessuu dhiisaa; kanaa mannaa murtii qajeelaa murteessaa.โ€

Yeroo kanatti jiraattota iyerusaalem keessaa tokko tokko akkana jechuu jalqaban โ€œKun, namicha isaan ajjeesuu barbaadan sana mitiiโ“

Garuu kunoo, inni ifatti dubbachaa jira, isaanis homaa isatti hin dubbatan. Tarii bulchitoonni inni
dhuguma Kiristoos tauu isaa hubataniituu laataโ“
Nuti garuu, namichi kun eessaa akka dhufe beekna; haatau malee, Kiristoos yeroo
dhufu eenyu illee eessaa
akka inni dhufu hin beeku.โ€

Achiis Iyyasuus mana Qulqullumaa keessatti
utuu barsiisuu sagalee isaa oli fuudhee akkana jedhe
โ€œisin ana beektu, eessaa akkan dhufes beektu. Ani ofii kootiin kakaee hin dhufne; haatau malee inni ana erge Sun dhuguma jira; isin garuu isa hin beektan.
๐Ÿƒ๐Ÿƒ๐Ÿƒ๐Ÿƒ๐Ÿƒ๐Ÿƒ๐Ÿƒ๐Ÿƒ๐Ÿƒ๐Ÿƒ
Ani isa bira waanan dhufeef isa beeka; kan na erges Isa dha.โ€ Kanaaf, isa qabuudhaaf yaalii gochuu jalqaban; haatau malee sa'aatiin isaa amma iyyuu
waan hin geenyeef, eenyu
illee isa hin qabne.

Taus, namoota sana
keessaa hedduun isaanii isatti waan amananiif, โ€œKiristoos yommuu dhufu, dinqiiwwan namichi kun hojjete
caalaa hojjetaa laataโ“โ€ jedhu turan.


2=โœYohaannis 6:41-43 ๐Ÿ‘‡Kanaaf Yihudoonni Iyyaasuus
โ€œAni nyaata samii irraa bu'edhaโ€
waan jedheef isatti gungumuu jalqaban.
Achiis โ€œKun Iyyaasuus ilma
Yoseef, isa nuti abbaa isaa fi haadha isaa beeknu sana mitiiโ“ Yoos akkamitti, โ€˜Ani samii irraan bueโ€™ jedha reeโ“โ€ jedhan
Iyyaasuud akkana jedhee isaaniif deebise: โ€œWalitti gungumuu keessan dhiisaa.

3=โœ Yohaannis 7:41-43
namooni Kaan immoo โ€œKun Kiristoosiโ€ jedhu turan. Tokko tokko garuu akkana jedhu turan: โ€œKiristoos Galiilaadhaa ni dhufaaโ“

Kitaabni Qulqulluun Kiristoos
sanyii Daawit keessaa, akkasumas Beetaliheem ganda Daawitii akka dhufu ni dubbata mitiiโ“โ€
Kanaaf, isa ilaalchisee namoota sana gidduutti wali qoqqooduun ni uumame

4=โœYohaannis 9:29-30
Nuti Waaqayyo Museetti
akka dubbate beekna; namichi kun garuu eessaa akka dhufe hin beeknu.โ€
Namichis deebisee akkana
isaaniin jedhe: โ€œInni eessaa akka dhufe wallaaluun keessan dhuguma iyyuu nama ajaaibsiisa; garuu inni
ija koo anaaf baneera.


5=โœYohaannis 10:24-26
Yeroo kanatti Yihudoonni isatti marsanii, โ€œHanga yoomiitti qalbii nu rar raastaโ“Ati Kiristoos yoo taate ifatti
nutti himiโ€ isaan jechuu jalqaban.


Iyyaasus deebisee akkana isaaniin jedhe: โ€œAni isinitti himeera, isin garuu hin amantan. Hojiiwwan ani
maqaa Abbaa kootiin
hojjechaa jiru kun, waaee koo dhugaa ni bau.

Isin garuu hoolota koo waan hin taaneef hin amantan. Hoolonni koo sagalee koo ni dhagau, ani isaan beeka, isaanis ana duukaa bu'u.

Ani jireenya bara baraa isaaniif
nan kenna; isaan matumaa hin balleeffaman; eenyu illee harka koo keessaa isaan hin butatu.


Wanti Abbaan koo naa kenne wantoota kan biraa hunda irra ni caala; harka Abbaa keessaa isaan butuu kan dandau tokko illee hin jiru.
Anii fi Abbaan tokko dha.โ€


6=โœYohaannis 17:3-5
Jireenya bara baraa argachuu akka dandaaniif, si isa Waaqa dhugaa tokkicha taatee fi Iyyaasuus Kiristoos isa ati ergite sana beekuu qabu.

Ani hojii akkan hojjedhu anaaf kennite xumuree, lafa irratti ulfina sii kenneera.

Kanaaf, yaa Abbaa ulfina Ani addunyaan uumamuu isaa dura si biratti qabu sanaan, ati of biratti ulfina anaaf kenni

๐ŸŒน๐ŸŒน๐ŸŒน๐ŸŒน๐ŸŒน๐ŸŒน
Kiristoos namoonni Wani hin
Beeknef, Inni mataan isaa ofii
Isaafi ragaa bahee jira
Sababa inni Abbaan na, ergee jedhuu isuma kana Ture.
โž›osoo Kiristoos ni beekan taโ€™e
Ati yoo, Kiristoos tate hin jedhan
Ture, yoo, isaan isaa hin beekne taโ€™e kanuma isaan beekaniin barsiisuufi jechoota kanatti fayyadame jira, "ana Abbaatu nan, erge,,akkasumas Namni kamiyyuu ilma beekuu qaba
Yero jedhuu Kanaafi.. Ture

โœYohaannis 6:68-69๐Ÿ‘‡
Simoon Pheexirosis akkana jedhee isaaf deebise
โ€œYaa Gooftaa, gara eenyuu dhaqnaโ“ Ati dubbii
jireenya bara baraa qabda.
Nuti Ati Ilma Waaqayyoo Isa Qulqulluu akka taate amanneerra; beekneerras
โ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌ
๐ŸŒนLink kana fayyadama fedhii yoo, qabatanii โ“โ“โ“๐Ÿ‘‡
@haadha_Waaqa_naJaladha ๐Ÿ”ด
@haadha_Waaqa_naJaladha ๐Ÿ”ต
@haadha_Waaqa_naJaladha ๐ŸŸฃ
=====//====
โŒ isin Kitaabota
Qulqulluu dhaan jireenya bara baraa arganna jettanii waan yaaddaniif kitaabota sana qorattu; kitaabonni kunis
waa'ee dhuma koo
dhugaa ba'u.
แŠฅแŠ“แŠ•แ‰ฐ แ‰ แˆ˜แŒปแˆ•แแ‰ต แ‹จแ‹˜แˆ‹แˆˆแˆ แˆ•แ‹ญแ‹ˆแ‰ต แŠฅแŠ•แ‹ณแˆ‹แ‰ฝแˆ แ‹ญแˆ˜แˆตแˆ‹แ‰ฝแŠ‹แˆแŠ“ แŠฅแŠแˆญแˆฑแŠ• แ‰ตแˆ˜แˆจแˆแˆซแˆ‹แ‰ฝแˆแค แŠฅแŠแˆญแˆฑแˆ แˆตแˆˆ แŠฅแŠ” แ‹จแˆšแˆ˜แˆฐแŠญแˆฉ แŠ“แ‰ธแ‹
โž›Yohaannis 5:39
โž›แ‹ฎแˆแŠ•แˆต 5 :39

โ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌ
โ—‰ Jechi kitaabota jechuu
Kitaaba kaaku dura yoo, taโ€™e
Male yeroo sana Kitaabni
Kaaku haaraa gonkumaa
Hin jiruu.
โž›kanafuu Kitaabni kaaku
Dura immoo
Fakkeenyaaf
โœkan Muse:๐Ÿ‘Kan Iyyaasuu
โœKan Daawi:๐Ÿ‘Kan isaayaas
โœKan Dani'eel:๐Ÿ‘mikiyaas.

๐Ÿ—ž๐Ÿ“šKitaabni kaaku dura ergaa
Wa'ee isaa dubbachaa ture
Bara durii kan namoota dubbachaa kan ture kiristoos jechudha. Maalif yoo, jenne kitabni qofati akkamitti jirachu danda'a reeโ“, Oso qaamni tokko hin jire
๐Ÿ…พyeroo tokko kan Dubbisaโš›.

โœAni qofti waa'ee ofii koo yoon
dhugaa bae
, waan ani dhugaa bau dhugaa hin tau.

๐ŸŒพHaatau malee, waa'ee koo kan dhugaa bau kan biraan jira,anis wanti inni waaee koo dhugaa bau sun dhugaa akka tae beeka

๐ŸŒพisin gara Yohaannisitti namoota ergitanii turtan; innis waa'ee waa'ee dhugaa sanaa dhugaa ba'eera,
Haatau malee, ani namni
akka dhugaa anaaf bau hin barbaadu;
wantoota kana kan ani dubbadhu garuu akka isin fayyitaniifi.

๐ŸŒพYohaannis ibsaa bobaee ifa kennu ture; isinis yeroo xinnoodhaaf ifa isaatti baayee gammaduudhaaf fedhii qabdu turtan.

๐ŸŒพAni garuu Yohaannis caalaa dhugaa kan anaaf ba'u qaba sababiin isaas hojiiwwan
akka ani hojjedhu Abbaan koo natti kenne, jechuunis hojiiwwan ani hojjechaa jiru kun, akka Abbaan na erge mirkaneessu.


๐ŸŒพKana malees, Abbaan inni na erge ofii isaatii waa'ee koo dhugaa ba'eera. Isin matumaa sagalee isaa hin dhageenye, bifa isaas hin argine

๐ŸŒพakkasumas isin isa inni erge waan hin amanneef, dubbiin isaa isin keessa hin jiraatu.

๐ŸŒพisin Kitaabota Qulqulluudhaan jireenya bara baraa arganna jettanii waan yaaddaniif kitaabota sana qorattu kitaabonni kunis waaeedhuma koo dhugaa ba'u.

๐ŸŒพTaus, isin jireenya argachuuf
gara koo dhufuu hin barbaaddan. Ani nama irraa ulfina argachuu hin barbaadu taus, akka isin jaalala Waaqayyoo of keessaa hin
qabne akka gaariitti nan beeka

๐ŸŒพAni maqaa Abbaa kootiin nan dhufe; isin garuu na hin simanne Namni kan biraan maqaa ofii isaatiin yoo dhufe garuu isa ni simattu.

๐ŸŒพIsin walii keessaniif ulfina
kan kennitan, ulfina isa Waaqa tokkicha biraa dhufu garuu kan hin barbaadne erga taatanii, akkamitti amanuu dandeessu reeโ“

๐ŸŒพAni Abbaa duratti waanan isin himadhu isinitti hin fakkaatin; kan isin himatu tokko jira,innis Musee isa isin abdattan sana dha.
Dhugaadha, Museen waa'ee koo waan barreesseef, utuu isatti amantaniittu ta'ee, anattis ni amantu turtan

๐ŸŒพHaatau malee wanta Museen barreesse hin amantan erga taee, wanta ani dubbadhu akkamitti amantu reeโ“
๐ŸŒธ(Yohaannis 5:31-47).
โ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌ
โ˜˜hiriyoota keessan biraan
Gaha sagalee kan
โ€ผ๏ธ
โž›Link kan fayyadama
@haadha_Waaqa_naJaladha
@haadha_Waaqa_naJaladha
๐ŸŒธ๐ŸŒธ๐ŸŒธ๐ŸŒธ๐ŸŒธ๐ŸŒธ๐ŸŒธ
โ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌ
Torbee_7 ffaa.pdf
824.3 KB
๐ŸŒนkitaaba kana Dubbisu
Ni dandeessu.
โž›Torbe_7ffยชยช
โž› Yohaannis 3:1-20
โ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌ
โœYohaannis 3:12๐Ÿ‘‡
Wantoota lafa irraatti isinitti himnaan erga hin amantan ta'ee, wantoota samii irraa yoon isinitti hime
akkamitti amantuโ“

โœฆแ‹ฎแˆแŠ•แˆต 3 :12
แˆตแˆˆ แˆแ‹ตแˆซแ‹Š แŠแŒˆแˆญ แ‰ แŠแŒˆแˆญแŠ‹แ‰ฝแˆ แŒŠแ‹œ แŠซแˆ‹แˆ˜แŠ“แ‰ฝแˆแฅ แˆตแˆˆ แˆฐแˆ›แ‹ซแ‹Š แŠแŒˆแˆญ แ‰ฅแŠแŒแˆซแ‰ฝแˆ แŠฅแŠ•แ‹ดแ‰ต แ‰ณแˆแŠ“แˆ‹แ‰ฝแˆโ“
โ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌ
ฮ‘ฮฝ ฮดฮตฮฝ ฮผฮต ฯ€ฮนฯƒฯ„ฮตฯฮตฯ„ฮต ฯŒฯ„ฮฑฮฝ ฯƒฮฑฯ‚ ฮผฮนฮปฮฌฯ‰ ฮณฮนฮฑ ฯ€ฯฮฌฮณฮผฮฑฯ„ฮฑ ฯ€ฮฟฯ… ฯƒฯ…ฮผฮฒฮฑฮฏฮฝฮฟฯ…ฮฝ ฯƒฯ„ฮท ฮณฮท, ฯ€ฯŽฯ‚ ฮธฮฑ ฮผฮต ฯ€ฮนฯƒฯ„ฮญฯˆฮตฯ„ฮต ฮฑฮฝ ฯƒฮฑฯ‚ ฯ€ฯ‰ ฮณฮนฮฑ ฯ€ฯฮฌฮณฮผฮฑฯ„ฮฑ ฯ€ฮฟฯ… ฯƒฯ…ฮผฮฒฮฑฮฏฮฝฮฟฯ…ฮฝ ฯƒฯ„ฮฟฮฝ ฮฟฯ…ฯฮฑฮฝฯŒ
๐Ÿƒ๐Ÿƒ๐Ÿƒ๐Ÿƒ๐Ÿƒ๐Ÿƒ๐Ÿƒ๐Ÿƒ๐Ÿƒ
๐Ÿƒ๐ŸŒธ kutaa-13 ffaa ๐ŸŒป
Gaafi =Musiliimoota

โ—ˆ jecha wangeela Yohaannis.irraa
jiruu irratti

โœYohaannis 6:11๐Ÿ‘‡
Iyyaasuus buddeena sana fuudhee erga galateeffatee booda warra achi tataaaniif hire

Qurxummii sanas akkasuma hamma isaan barbaadan isaaniif kenne.
โ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌ
Gaafin isaanii Iyyaasuus ni galateeffate,โ“osoo Waaqayyo
Ta'e eenyu galateffata ree โ“siila Inni mataan isaa iyyuu Waaqayyo
Garuu Iyyaasuus Waaqayyo mitti kanaaf galateeffate jedhuu.... โ“
โ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌ
๐ŸŒนDeebi keenya

Lakki galateeffachuun isaa iyyuu Waaqayyo ta'u ibsa.

jalqabaa kitaaba kana
Dubbisa mee...๐Ÿ‘‡

๐ŸŒนYohaannis 6:1-11๐Ÿ‘‡
Iyyaasuus Galaana Galiilaa
isa Xibiriyaados jedhamu
gamatti ce'e. Namoonni hedduunis, dinqii inni warra dhukkubsatan fayyisuudhaan hojjete waan arganiif
isa duukaa buan

Kanaaf, Iyyaasuus gaara tokkotti oli ba'ee barattoota
isaa wajjin achi taa'e
. Yeroo sanatti ayyaanni Yihudootaa, Faasikaan dhihaatee ture.
๐Ÿ‘‰Iyyaasuus namoonni hedduun gara isaa yommuu dhufan oli jedhee ilaalee Filiphoosiin, โ€œbuddeena namoonni kun nyaatan eessaa yoo
bitne wayya
โ“โ€ jedhe.
Taus kana kan dubbate,

๐Ÿ‘‰Filiphoosiin qoruuf malee waan gochuuf yaade beeka ture. Filiphoosis, โ€œTokkoon tokkoon isaaniitiif xinnoo xinnoo kennuuf illee, buddeena dinaaree 200 iyyuu hin ga'uโ€ jedhee
deebiseef

Barattoota isaa keessaa
tokko kan ta'e Indiriyaas, obboleessi Simoon Pheexiros akkana jedheen: โ€œGurbaa xinnoon budeeena
garbuu shani
i fi qurxummii xixinnoo lama qabu
tokko asii jira.

๐Ÿ‘‰Garuu kun nama hamma
kanaaf akkamitti ga'a
โ“โ€

Iyyaasuus, โ€œNamoota tetessisaaโ€ jedhe. Bakka
sana margi hedduun waan tureef namoonni sun
achi tataaan; namoota
kana keessaa gara 5,000 kan ta'an dhiirota turan.

Iyyaasuus buddeena sana fuudhee erga galateeffatee booda warra achi tataaaniif
hire; qurxummii sanas akkasuma hamma isaan barbaadan isaaniif kenne.
โ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌ
Jalqaba dura Yaada kan Kani
Murteesse Eenyu..... โ“
Deebin =Kiristoos dha

๐ŸŒน๐Ÿ‚akkka bareeffama kanatti garuu Kiristoos wanta gochuuf
Jedhe,yaadee, booda wa'ee buddeena duubachu jalqabee
๐Ÿ‚

๐Ÿƒโž›jalqabaa wanta tokkoo gochuuf murteessuu kan danda'u Waaqayyo qofaa
Kanaafuu Kiristoos Waaqa
Ta'u ibsaa.
โ—ˆragaa kitaaba๐Ÿ‘‡
=1=๐ŸŒนYohaannis 6:6๐Ÿ‘‡
kana kan dubbate, Filiphoosiin qoruuf malee waan gochuuf yaade beeka ture.๐Ÿ’ฏ

=2=๐ŸŒนRoome 11:33
Badhaadhummaan, ogummaanii fi beekumsi Waaqayyoo akkami gadi fagoo dhaโ—๏ธ Murtiin isaa matumaa qoramuu hin dandau, karaan isaas bira gaamuu hin dandau

=3=๐ŸŒนRaji-Isaayyaas 14:24
Waaqayyo Gooftaan Raayyaa akkana jedhee kakateera: Akkuman yaade ni ta'a,
Akkuman murteessettis ni
raawwatama.


โคfakkeenya biraa dubaroo Maariyaamin Qaanaa Galiilaa keessatti jalqaba duraa wayinii hin qabni jeette Kiristoos kadhatee malee,, erga innii tolee jedhee booda immoo namoonni kan bishaanii ganiwwanitti Guuta jeette,

Kana,jechuun Maariyaamin
Fedhi ilma ergaa taโ€™e booda
Namootati himmite, kanafuu Ishe Waaqayyo gadi ta'u ibsa
Dubbiin kuni


๐ŸŒปYohaannis 2:3-7
Yommuu daadhiin wayinii dhumu haati Iyyaasuus โ€œDaadhiin wayinii isaan jalaa dhumeeraโ€ jetteen.
Iyyaasuus garuu, โ€œDubartii nana, ani siira maalin qaba Sa'aatiin koo amma iyyuu
hin geenyeโ€ jedheen.

Haati isaas, warra keessumsiisan sanaan, โ€œWanta inni isinitti himu hunda godhaaโ€ jetteen. Yeroo kanatti akka
seera Qulqulleeffamuu Yihudootaatti gaaniiwwan dhagaa, ja'a(6) achi kaaamanii turan. Iyyaasuus,
โ€œGaaniiwwan kana bishaan itti guutaaโ€ isaaniin jedhe. Isaanis hamma afaan isaaniitti bishaan itti guutan.


๐ŸƒGaruu amma Kiristoos jalqabaa ofuma isaa wanta barchisuu murteessee, Barattooti hime
Kanafuu Aangoo jalqabaa
Wanta tokko murteessuu kan
Qabu Waaqayyo qofaa
โ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌ
Kiristoos ergaa Waaqayyo
Ta'e sababa maalif galateeffate isaa jedhuufi...
โ“

Nyaata kenuufi dura Kiristoos gara samii olii ilaalee jedha๐Ÿ‘‡

maatewos 14:19๐Ÿ‘‡
namoonni sun marga irra
akka tataaan isaan ajaje
Buddena shananii fi Qurxummii lamaan sana fuudhee gara samii ilaalaa eebbise
Buddena sana erga caccabsee boodas barattoota isaatti kenne; barattoonni isaas
namoota sanaaf kennan jedha

๐Ÿ…ฐ sababiin isa Kiristoos
Kopha osoo hin tanne Abbaa isaa, isa wajjin akka eebbisuuf
Gara Sami olii jedhee