Kominikeeshinii Aanaa Geeraa
389 subscribers
163 photos
2 videos
2 files
52 links
Sirna kominikeeshiinii ammayyaa’aa, si’ataafi bu’a qabeessa ta’e diriirsuun mootummaafi ummata gidduutti yaa’insi odeeffannoo qulqulluu ta’e akka jiraatu taasisuuf
https://t.me/GComn2011
Download Telegram
#Himatamaan_Woraqaa_Saamsaa_Fooddaa_irraa_tarsaase_qarshii_kuma_7_adabame.
************************** *************************
Aanaa Geeraa Ganda Mujeetti Dargaggoon Saamsaa Woraqaa Fooddaa irraa tarsaase Mana murteetti Dhihaatee Dhaddacha gaafa guyyaa 06/12/2013 ooleen qarshii kuma torba adabamee jira.

Himatamaan Amiinuu Yusuuf A/Goojjam Jiraataa Godina Jimmaa Aanaa Geeraa Ganda Mujee iddoo addaa magaalaa Mujee jedhamee beekamutti Sababa hojii daldalaa suuqii hojjataa jiru irratti #Gibira_hanga _Adoolessa 30/2013 #Haaromsuu dhabeef waajjirri daldalaa fi Abbaa Taayitaa Galiiwwanii woliin ta'uun gaafa guyyaa 04/12/2013 sa'atii 06:00 irratti Suuqii (Dukkaana)isaa saamsamee jira.

Himatamaan Dukkaanni isaa jalaa saamsame Guyyuma sana tilmaamaan sa'aatii 08:00 yemmuu ta'u Bakkichatti argamuun Milishoonni gandaa waan gibira yeroon kaffalleef wajjirri daldala sirratti saamsee Daqii gibira mootummaa kaffalii Dukkaana kee saaqsifadhu osoo jedhanuu milishoota tuffachuun Woraqaa saamsaa fooddaa dukkaana irra jiru tarsaase daldala eegaluun yakka raawwateef garee qorannaa yakkaa waajjira poolisii anaa geeraatiin qulqullaa'e mana hojii Abbaa Alangaa Aanaa Geeraatiin himatamee erga itti qulqullaa'ee booda Seera yakkaa biyya Itoophiyaa bara 1996 bahe keewwata 439(A) darbuun Manni Murtii Aanaa Geeraa Dhaddacha Gaafa Guyyaa 06/12/2013 ooleen himatamaa kana irratti adabbii qarshii kuma torba (7,000) tiin adabamuu isaa Abbaa Alangaa Aanaa Geeraa Obbo Tarreessaa Iddoosaa Dubbatanii jiru.

Hawaasni Hoji maata badaa irraa of eeguun adabbii irraa of qusachuu qaba!