Kominikeeshinii Aanaa Geeraa
395 subscribers
163 photos
2 videos
2 files
52 links
Sirna kominikeeshiinii ammayyaa’aa, si’ataafi bu’a qabeessa ta’e diriirsuun mootummaafi ummata gidduutti yaa’insi odeeffannoo qulqulluu ta’e akka jiraatu taasisuuf
https://t.me/GComn2011
Download Telegram
Jiilli I/A Bulchaa Bulchiinsa Godina Jimmaa Obbo Yusuuf Shaaroon durfamu   Madda  Hawwata Turizimii kan ta'e Bosona Geeraa  daawwatee jira.
************
(WDhKMAG Hagayya 07/2014 )Aanaa Geeraatti Hojiin Misomaa fi Bosonni Geeraa Jila  I/A Bulchaa Bulchiinsa Godina Jimmaa Obbo Yusuuf Shaaroon durfamu Fi Itoophiyaatti Ambaasaaddara Indooneezyiya kan ta'an Al Busyra Bansuurii akkasumas I/A Komishinara komishinii Tuurizimii Oromiyaa Obbo Indaalkaachoo Wodaajoo fi Hoggansa Aanaa akkasumas qaamolee garaa garaatiin daawwatameera.

Daawwannaa kanaan  bakka hawwata Tuurizimii Miidhagaa kan akka Bosona Geeraa fi Misooma Dammaa Qonnaan Bulaa  Sisaayi Girmaa Daawwatamee jira.

Daawwannaa kana irratti kan argaman Ambaasaaddarri Albushraan ani lamuu Gara Biyya koo Indooneeziyaa dhaquu na hin barbaachisu an yoon biyya koo yaade kan narraa eegamuu geeraa dhufuu  qofa  jedhan.
aanaa kanaaf galata guddaan qaba jedhan.
D U U L A  T A L A A L L I I  P O O L I Y O O

Aanaa Geeraatti Hubannoon  Duula Talaallii Pooliyoo kennammaa jiraachuu W/rri Eegumsa Fayyaa Aanichaa ibsee jira.
***** ***** ***** ***** *****
(WDhKMAG,Onkololeessa 8,2014 ) Aanaa Geeraatti HAubannoon  Duula Talaallii Pooliyoo akka biyyaatti Onkololeessa 12-15, 2014 gaggeeffamu sababeeffachuun kennamaa jira.

I/G W/ra Eegumsa fayyaa Aanaa Geeraa obbo Mitikkuu Nugusee duulli talaallii Onkololeessa 12-15 /2014 tti keennamu kun harcaatii tokko malee Xiyyeeffannoon guddaan itti kennamee daa'immaan hundi karaa argachuu danda'anuun  kennamuu qaba jedhan.

Dhukkubni Pooliyoo (Laamshessaa) Vaayiresiin kan dhufuufi daa'imman kan laamshessuu ta'uu himuun akka Aanichaatti hawaasni harcaatii  tokko malee daa'imman umurii woggaa 5 gadii hunda  talaalchifachuun dhukkuba kanaaf akka hin saaxilamne ga'ee isaa ba'achuu qaba jedhan.

****Talaalchifadhaa Pooliyoo Irraa Baraaramaa!*******
Jiilli I/G Paartii Badhaadhina Godina Jimmaa obbo Masarat Hayiluutiin Durfamu Facaasaa Qamadii Bonaa Akka Godinna Jimmaatti Guyyaa Harra Aanaa Geeraatti  eegalchiisee jira.
******************** ****
(WDhKMAG,Onkololeessa 11,2014)Jiilli I/G Paartii Baehaadhinaa Godina Jimmaa obbo Masarat Hayiluutiin Durfamu Guyyaa Haarraa Facaasaa Qamadii Bonaa akka Godina Jimmatti Guyyaa Harra Aanaa Geera Ganda Qollaa Sullaajjaatti Eegalchiisee jira.

Bara kana wabii midhaan nyaataa mirkaneessuf   xiyyeefannoon guddaan itti kennamee hojjatmaa jiruun  qonnaan bulaa kilaastaraan ijaaruun,sanyii filatamaa babal’isuun Badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuuf Yeroo  itti aanuu oomisha Qamadii biyya alaati galu biyya keessan bakka buusuuf Akka aanaatti Lafa Hekt, 2,560 Gandoota 24 keessatti kilaastera 93 Facaasuuf karoirfatee hojjataa jiru keessaa guyyaa harraa Ganda Qollaa Sullaajjaatti Lafa hektaara 50 irratti Qonnaan Bultoota 62 facaasaan Qamadii Bonaa kilaasteraan Eegalamee

 
**********************  M U U D A M A  ** ** ***
                        ** ** *** ** ** ***
Aanaa Geeraatti Muudamni Hoggansaa Boqonnaa Haaraa  Gaggeeffamee jita
** ** ** ** ** **

1.Abdulaziiz Jamaal I/ G W/ra Qonnaa
2.Musxafaa Zinaab Carraa Hojii fi ogummaa
3.Raabiyaa Huseen Dh.Du Da
4.Najiib Zinaab I/W/ra Bulchiinsaa
5.Nuuruu Mizbahuu I/G Milishaa
6.Amiin Naasir I/G ATD
7.Mudassir A/Dagaa I/G Investimantii fi Industirii
8.Abayaziid A/Tamaam ATG
9.Faanosee Daggafaa I/G w/ra Aadaa fi Turizimii
10.Tolaa Nagarii Dargaggoo fi Ispoortii
11.Naziif Eliyaas I/G Barnootaa
12.Fallaqee Gasassee I/Daldalaa Gabaa
13.Abdoo Huseen I/G Geejjibaa
14.Abdoo Mahammad A/Goojjam I/GBul.Lafaa
15.Naazimuu Habiib I/G Nageenyaa
16.Xaahir A/olii I/Eegumsa Naannoo
17.Awwal A/Maccaa WHG
18.Gannat Ayichiluu I/G Hawaasummaa
19.Na'iimaa Nigaatuu I/G  PSMQN
20.Maqdas Yemboo I/Mana Maree
21.Abdulaziiz A/Maccaa H/Sodaa Balaa
22.Abraham Tufaa Albuuda.
23.muhiddiin jabal I/ G w/ra Fayyaa
24.Lijaabuu A/Olii I/G W/ra Bishaanii
25.Hasan Kaliifaa I/G MWD
26.kaliifaa A/Giddii Galmeessa Siviilii
27.Saalii Sayid  I/G Kominikeeshiinii
28.Eden Woldee I/A w/ra Qonnaa
29.Mitikkuu Nugusee I/A w/ra Fayyaa
30.Miftaa Zinaab I/A w/ra WHG
31.Dinqaa A/Olii I/A W/ra Nageenyaa
32 .Awwal Abdulqaadir I/A W/ra Bulchiinsaa
33.Qaasimaa Maamadnuur I/A Wra Barnootaa
34.Jawwaaree Sammaan I/G Liigii Dubartootaa
35.Muktaar A/Giddii wra paartiitti Pabiliksiitii
36.Hasan Huseen I/G Woldaalee
37.Yaasin A/Raagoo  k/I/ To'annoo
38.Mubaarik shaafii Aayyuu Barnootaa
39.Amiin kamaal Liigii Dargaggoo
40.Kabbadee Waaggarii  kantiibaa M/Ciiraa
41.Faaxumaa A/Maccaa kantiibaa magaalaa Dustaa
42.Amiin Isaa Kantiibaa Magaalaa kamisee
43.Rashaad A/Olii Ml magaalaa Ciiraa
44.Abdee Huseen Mg lafa magaalaa Dustaa
45.Ahimad A/Maccaa m lafa magaalaa Kamisee
46.Mahammad A/Maccaa A/Bulguu I/G Mana Maree
47.Zabiibaa Awwal I/A  afa Yaa'ii
Seefuu Zeenuu koree Dhaabbattoo
49.Maammad Saafii Awwal I/A wra Qonnaa
Hoggantoota Boqonnaa Haaraa Kanaan Abbaa Carraa Ta'anii gara Hoggansaatti Dhufuun  Imaanaan Ummataa  itti kenname Maraaf Bara Hojii  Gaarii Akka ta'u Hawwii qabnu ibsina.
Himatamtoonni Kabaja Reeffaa Tuqan Hidhaa Salphaa Waggaa 3'n Adabaman.
 ***************************************************
 Aanaa Geeraa Ganda Garaa Naasoo Bakka addaa Qecheekimoo Jedhamutti Himatamtoonni #1ffaa_Nagaash_A/Dagaa_A/Simal #2ffaa_Kadir_A/Giddii_A/Duraa Du'aa #Muhammed #Huseen _A/Olii jedhamu woliin gaafa guyyaa 11/10/2013 Sa'aatii 02:00 irratti Damma Murannee Dhufna jedhanii  woliin erga Deemanii booda Bulanii gaafa guyyaa 12/10/2013 tilmaamaan ganama keessaa sa'aatii 05:00 yemmuu ta'u Obbo mohammad A/Olii Damma Muruuf muka Osoo Yaabuu irraa kufee battalatti yoo du'u Himatamtoonni Reeffa irraa uffata baasuun Wolii qabanii akka hin mullanneef Bishaan Naasootti gatanii akka inni badu taasisanii jiru.

 Sakatta'iinsa taasifameenis Reeffi Du'aa kanaa gaafa guyyaa 18/10/2013 Laga Naasoo keessaa argamee jira.
 Qorataan poolisii fi Abbaa Alangaa yakka kana qorataa erga turanii booda Abbaan Alangaa gaafa guyyaa 29/02/2014 Himatamtoonni Seera yakka FDRE Keewwata 493( D) irra darbanii jiru jechuun Mana Murtee Aanaa Geeraatti himannaa Hundeessaniin Himatamtootni gocha kana Hin balleessine jechuun haalanii  jiru.

 Himatmtootni Gocha kana Haalanis A/Alangaa Ragaa Yakka Kana Raawwachuu Mul'isu Dhageessisuun Manni Murtee Falmii Bitaa fi Mirgaa erga Dhaggeeffateen Booda Ragaan A/Alangaa himatamtoonni yakka kana raawwachuu waan hubachiisaniif himatamtootni ragaa ittisaa hin qabnu jedhanii  deebisuun Daddacha gaafa guyyaa 13/3/2014 ooleen
 #Himatamaa
 #1ffaa obbo Nagaash A/Dagaa A/Simal Hidhaa Salphaa woggaa 2 fi Ji'a 9  
 #2ffaa obbo Kadir A/Huseen A/Olii ammoo hidhaa Salphaa Woggaa 3 akka adabaman murtaa'ee jira.

 Hawaasni keenya yakkoota Woliin Bahanii galuu fi woliin  Jireenya Hawaasaa irratti Miidhaa Guddaa Waan qabanuuf gochoota akkasii Duudhaa fi Safuu Ummataa tuqan irraa of haa eegnu jechuun I/G Mana Hojii  A/Alangaa Aanaa Geeraa obbo Tsaggaayee Xaafaa Dhaamsa isaanii dabarsanii jiru.
 
Aanaa Geeraatti Kabajni Guyyyaa Ayyaana Farra Malaammaltummaa Gaggeeffamaa jira.
********************************************
(WDhKMAG,Sadaasa 24/2014) Aanaa Geeraatti Kabajni Guyyaa Ayyaana Farra Malaammaltummaa Mata Duree "Hoggansa Naamusawaan Oromiyaa Malaammaltummaa irraa Qulqulloofte" Jedhu irratti   gaggeeffamaa jira.

Sagantaa Kana Irratti argamuun Haasawa Baniinsaa kan taasisan I/G Ijaarsaa W/ra Paartii Badhaadhinaa Aanaa Geeraa Obbo Awwol Jihaad akka Jedhanitti Tajaajila Haqa Qabeessa ta'e kennuun Itti Quufiinsa Hawaasaa Dabaluuf Yeroo itti Cimnee hojjachuu qabnuudha jedhan.

Leenjii kunis Karaa I/G W/ra Bulchiinsaa Obbo Najiib Zinaabiin kennamaa hojjattoota Seektaraa  Hundaaf kennamaa jiraachuun ibsamee jira.

#Safuu fi Naamuusni Gaariin Hundee Jireenyaati!
“Hawaasni biyyoolessaa barbadaa’insa shororkeessichi qaqqabsiise arge callisuunsaa nama gaddisiisa” -Ministeera Dhimma Alaa
******************
Gaazexaa Bariisaa

Shororkeessichi TPLF naannawawwan weeraran qabatee turetti saamichaafi barbadaa’insa gaggeesse hawaasni biyyoolessaa argee akka hin arginetti bira darbuunsaa gaddisiisaa ta’uu Ministeerri Dhimma Alaa beeksise.

Dubbii Himaan Ministeerichaa Ambasaaddar Diinaa Muuftii ibsa kennaniin, miidiyaalee biyyoolessaa dabalatee biyyoonni Lixaa tokko tokko gocha gareen shororkeessichaa raaw’ate dubbachuurraa of qusachuusaanii dubbataniiru.

Ambasaaddar Dinaan akka jedhanitti, gareen shororkeessichaa naannolee Amaaraafi Affaar bakka adda addaa weeraran qabatee turetti qabeenyaafi lubbuu namarran barbadaa’insa hedduu qaqqabsiisera.

Lammiileen miliyoona 8.3 rakkoof saaxilamaniiru, ta’us humnoonni alaa kana otoo beekanii callisaniiru jedhan.

Barbadaa’insa garichi qaqqabsiise dubbachuu otoo qabanii har’as
Veentileetaroonni Doolaara Kuma 89tti tilmamaman Ministeera Fayyaaf deeggarsaan laataman

Humni Qindoomaa Boostaan Kilaba Ispoortii Ityoophiyaanootaa Boostan waliin ta’uun Veentileetaroota 17 Doolaara kuma 89tti tilmamaman Ministeera Fayyaaf deeggarsaan laataniiru.

Deeggarsi kilabichi gama Ameerikaatti Imbaasii Ityoophiyaan Ministeera Fayyaaf laate ministeerichaaf ergamuu Ambaasaaddar Fitsum Araggaan fuula Miidiyaa Hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.

Ambaasaaddar Fitsuma qaamoleen deegarsa kana taasiisan fi daandii Qilleensa Ityoophiyaa meeshaalee kannneen gaajjibsiisuun gara biyyaa fide galateeffachuun deeggarsi walfakkaatu itti fufuu akka qabu gaafataniiru.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
#Sosochii Afrikaan mana maree nageenyaatti teessoo dhaabbii akka argattuuf eegalametti Afrikaanonni akka makaman gaafatame

Sosochiin ardiin Afrikaa mana maree nageenyaatti teessoo dhaabbii akka argattuuf eegalame qabsoo bilisummaa, walqixxummaa fi haqummaa ta’uu Yuunvarsiitii Niwyoorkitti barsiisaa fi qorataan siyaasaa fi seenaa Afrikaa Dooktar Shimallis Boonsaa ibsan.

Sosochiin kun qaama qabsoo addunyaa haaraa fi haqa qabeessa uumuu ta’uu himaniiru.

Ityoophiyaan qabsicha haala qindoomina qabuun gaggeessuun dhiibbaa gama maraa Afrikaarra ga’u hambisuuf hojjechuu akka qabdu ibsaniiru.

Gaaffiin Afrikaan mana maree nageenyaatti teessoo dhaabbii argachuu qabdi jedhu kan yeroo dheeraa ta’uu fi gaaffii haqummaa fi walqixxummaa ta’uu eeraniiru.

Muummee Ministiraa Abiy Ahimad dabalatee hoggantoonni biyyoota Afrikaa biroon gaaffii kana gaafachuun isanii yaada haqummaa fi walqixxummaa biyyootaa irraa kan madde ta’uu ibsaniiru.

Yeroo ammaa haalli siyaasa addunyaa jijjiiramee waan jiruu fi humnoonni baay’een uumamanii waan jiraniif carraan gaaffichi fudhatama argachuu qabuu olaanaa ta’uu kaasaniiru.

Sochii biyyoonni Afrikaa naannawaa daldalaa bilisaa uumuu dabalatee gama diinagdee fi siyaasan walitti makamuuf eegalan mul’ata waloo uumuuf faayidaa waan qabuuf xiyyeeffannoon hojjechuu akka barbaachisu himaniiru.

Qabsoon taasifamu hunda galeessaa fi yeroo dheeraa kan gaafatu ta’us Afrikaanonni tokko taanaan injifannoon akka ba’an ibsaniiru.

Maddi:- TOI

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
#Fedhiin_Ameerikaan_Ityoophiyaarra qoqqoobbii biroo kaa’uuf qabdu balaa hamaa ta’uu ibsame
============================
Fedhiin Ameerikaan Ityoophiyaarra qoqqoobbii biroo kaa’uuf qabdu balaa hamaa ta’uu Giddu galli Nageenyaa fi Haqaa Rookii Maawunteen ibseera.

Qoqqoobbii fi giddu seentummaan Ameerikaan Ityoophiyaarra keessu kamiiyyuu daraan hammaataa ta’uu Giddu galli Nageenyaa fi Haqaa Rookii Maawunteen ibseera.

Giddu galichi qoqqoobbii diinagdee fi giddu seentummaa kamiiyyuu Ameerikaan Ityoophiyaa fi biyyoota Baha Afrikaa biroorra keessu daraan kan balaaleeffatu ta’uu himeera.

Ameerikaan olola garee shororkeessaa ABUT kan deeggartuu fi meeshaalee garaagaraas tumsaa jiraachuu ragaa qabaachuu giddu galichi eereera.

Giddu galichi tarkaanfiin humnaa Ameerikaan Kooriyaa, Veetinaam, Libaanoos, Somaaliyaa, Niikaaraaguuwaa, Hayitii, Sarbiyaa, Iraaq, Liibiyaa, Afgaaniztaan, Sooriyaa fi biyyoota birratti fudhatee miidhaa hammataa fi rakkoo tasgabbii cimaa uumuun ala bu’aan argamsiise kan hin jirre ta’uu
“Walgahii manni marichaa waame loogmaleessummaasaa gaaffii keessa kan galchedha”
- Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa
*****************

Manni Maree Mirga Namummaa Mootummoota Gamtoomanii dhimma Itoophiyaarratti walgahii addaa waamuunsaa qaama bilisaa ta’uusaafi amanamummaasaa gaaffii keessa galchuusaa Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa beeksise.

Ministir Deetaan Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa Obbo Kabbadaa Deessisaa ibsa kennaniin, walgahii manni marichaa waame wayitiisaa kan hin eegneefi haala qabatama kan hin hubanne waan ta’eef sirrii miti jedhaniiru.

Gaggeeffamuu walgahichaaf biyyoonni Afrikaa tokkoyyuu akka hin mallatteessinee himanii, kunis waraanichi waraanaa Afrikaarratti baname ta’uu kan hubachiisudha jechuun ibsaniiru.

Walgahiin addaa manni marichaa waame birmadummaa biyyaa gaaffii keessa kan galcheefi gidduu seentummaasaanii kan mul’isu, akkasumas ajandaa siyaasasaanii raawwachiifachuuf akka ta’e dubbataniiru.

Loogummaa akkasii biyyoonni michuu Itoophiyaa ta’an mormuufi ...
Waamichi #Diyaaspooraawwaniif_taasiifame_dhiibbaa_Dippiloomaasii fi #Miidiyaalee_Ityoophiyaarratti taasiifamaa jiru ni hir’isa – #Ejansii_Diyaaspooraa
========================================
Waamichi Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad lammiilee Ityoophiyaa, dhalattootaa fi michuuwwan ishee miiliyoona 1f taasiisan dhiibbaa Dippiloomaasii fi Miidiyaaleen Ityoophiyaarratti taasiisaa jiran kan hir’isu ta’uu itti aanaan Daayreektara olaanaa Ejansii Diyaaspooraa Ityoophiyaa Dooktar Mahaammad Idiriis ibsaniiru.

Ejansiin Diyaaspooraa Ityoophiyaa gaaffii hawaasa Diyaaspooraarraa ka’u deebisuuf hojjechaa jiraachuu Dooktar Mahaammad Idiriis himaniiru.

Miisiyoonnawwan Ityoophiyaa waliin ta’uun Diyaaspooraan biyya jiraatuu osoo hin ka’in dura, erga Ityoophiyaa dhufanii booda gara dhufunitti wayita deebi’an hojiileen hojjechuu qaban qophaa’uu kaasaniiru.

Hawaasa Diyaaspooraa waliin sagantaan galii walitti qabuu qophaa’uu Dooktar Mahaammad eeraniiru.
Humni waloo nageenyaa Ityoophiyaa magaaloota Urgeessaa, Liibsoo,Giraanaa, Marsaafi Kiillee

Humni waloo nageenyaa Ityoophiyaa Marsaa fi Giraanaa to'achuun gara fuulduraatti imalaa jiraachuu Tajaajilli Kominikeeshinii mootummaa beeksiise.

Humni waloo kun adda waraanaa Qoobboon gaarreen olaanoo Kaaba Raayyaan jiru to'ateera.

Kallattii Zoobiliin ammoo naannawaa Gurraa Warqee to'atee ture amma gaarreen kanneen guutumaa guutuutti to'achuun, Daandii Waldiyaa - Maqalee muree ture babal'isuun gara waldiyaatti imalaa jiraachuu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa ibseera.

Humni Waloo Nageenyaa Ityoophiyaa Adda waraanaa Waacaaleen aanaa Waacaalee guutumaan guutuutti to'achuun magaaloota Urgeessaa, Liibsoo,Giraanaa, Marsaa, Kiillee fi Kaaba wallootti gaarreen walitti hidhataa olaanoo Aanaa Harbuu harka isaa galfachuu ibseera

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Jiilli Bulcha Aanaa Geeraa Obbo Haawwii Sayidiin Durfamu Suphaa Daandii Ganda Gaddaa-Gabbaa Kooroo Daawwatee jira.
=======================
(WDhKMAG,Muddee 19/2014) Jiilli Bulcha Aanaa Geeraa Obbo Haawwii Sayidiin Durfamu Suphaa Daandii Ganda Gaddaa-Gabbaa Kooroo Baajata Mootummaa fi  Hirmaanna ummataan Hojjatamaa jiru Daawwatee jira.

Bulchaan Aanaa Geeraa Obbo Haawwii Sayid Dawwannaa kana irratti Akka Jedhaniin Bara kana Hojii Xiyyeeffannoo Guddaan itti Kennamee Hojjatamaa jiru keessaa tokko Hojii Pirojektii Daandii Karaa Saffisaa fi Qulqullina qabuun Hojjachuun Tajaajila  Hawaasaaf Oolchuu waan ta'eef Qaamni Hojii Kana irratti bobba'ee jiru Maashina Barbaachisu hunda guuttachuun Yeroo Jedhametti  hojii kana xumuruu Tajaajila barbaachisuuf oolchuu qaba jedhan.

Daawwannaa Suphaa Daandii kana irrattis I/A W/ra Qonnaa Godina Jimmaa obbo Mahammad Xahaa akkasumas I/G ATD Aanaa Geeraa Obbo Nuuruu Mizbaahuu fi I/G W/ra Milishaa Obbo Dinqaa A/Olii Ganda Gabbaa Koorootti argamuun Hojiin Suphaa Daandii kun akka..
Aanaa Geeraatti Leenjiin  Sosochii Misooma Sululaa kennamaa jira.
=======================≠===========
(WDhKMAG,Muddee 25/2014) Aanaa Geeraatti Leenjiin Sosochii Misooma Sululaa Bara 2014 Irratti Qooda fudhattootaa  Kennamaa Jira.

Bara kanas Gandoolee Baadiyyaa Aanichaa 29 keessatti Lafa hektaara 14,500 irratti Sululli 29 adda ba'ee kan Misoomu ta'uu waajjirri Qonnaa Aanichaa ibsee jira.

Leenjii kana irrtti argamuun Haasaa Saaqiinsaa kan taasisan Bulchaan Bulchiinsa Aanaa Geeraa Obbo Haawwi Sayid akka jedhanitti Hojiin Misooma Sululaa baroottan darban hojjatamaniin fayyadamummaan ummataatis yeroo gara yerootti dabalaa waan dhufeef bara kanas karaa qindaa'een hojjachuun Badhaadhina  Maatii haa Mirkaneessinu jeduan.

Itti Gaafatamaan Waajjira Qonnaa  Aanaa Geeraa Obbo kabbadee Waaqaarii Karoora Sischii Misooma sululaa hirmaattotaa  dhiyeessan irratti waggoottan darban hojjiiwwan eegumsa biyyoo fi bishaaniitiif xiyyeeffannoo guddaa kennuun hojjetamaaniin bu'aawwan gaggaariin argamuu ibsuun Bara kanas
Aanaa Geeraatti Hojii Suphaa Daandii Bara kanaaf  Cirrachi Ga'aa ta'e Wolitti qabamaa jiraachuu W/rri Daandii fi Loojistikii Aanichaa ibsee jira.

Jiilli Bakka Bu'aa Bulchaa Aanaa obbo kabbadee Waaqgaarii Fi Hoggantoota Garaa garaan durfamu  Ganda Gabbaa Kooroo Bakka addaa Kooroo jedhamutti Argamuun  Hojii Suphaa Daandii fi Bakka Cirrachi ba'aa jiru Daawwachuun jajjabeessanii jiru.

Daawwannaa kana irrattis Cirrachi Baafamaa jiru Qulqullina kan qabuu fi Suphaa Daandii kanaafis Ga'aa ta'uu dubbachuun Hojiin Cirrcha Baasuu kun Saffisaan barbaadamuun wolitti qabamee Suphaa daandii kanaaf ooluu akka qabu I/G W/ra Daandii Fi Loojistikii obbo Nuuruu Mizbaahuu dubbatanii jiru.
Oolmaa Gabaa Ayyaanaa Guyyaa har'aatiin Gatii horii  fi meeshaalee gara garaa irratti Waajjirri Daldalaa Fi Misooma Gabaa Aanichaa odeeffannoo Gabaa  beeksise.
==========================
Aanaa Geeraatti Ayyaana Qillee  sababeeffachuun Waajjirri Daldalaa Misooma Gabaa oolmaa gabaa ayyaanaa ilaalchisee odeeffannoo sassaabe akkaataa armaan gadiitiin nu qaqqabsiisee jira.

https://www.facebook.com/100028996862050/posts/707553176887905/
ERGAA_BAGA_GEESSANII

Bulchaa Aanaa Geeraa
Obbo Haawwii Sayid Dabarsan.

Hordooftotaa Amantaa kiriistaana maraaf Baga Ayyaan Qillee Bara 2014 Nagaan Geessan.

Hordoftoota Amantaa Kiristaanaa Aanaa Geeraa Maraaf Duraan Dursee  Baga Guyyaa yaadannoo  Ayyaana  Dhalachuu Gooftaa Yesuus Kiristoos  Kan bara 2014 nagaan isin gahe jechuun barbaada.

Ayyaanichi kun:-
# Kan  Jaalalaa fi gaarummaa
# Kan Nagaa
# Kan Gammachuu
# kan Badhaadhinaa
# kan Misooma
# Kan Milkii
# Kan Quufaa Gabbinaa  isiniif Haa ta'u jechaa.
Ayyaana kana Yemmuu Kqbajnu kan rakkate gargaaraa, kan dadhabe bira dhaabbachuun hojii Nama biratti eebba, Rabbiin biratti galata qabu hojjechuun ta'uu qaba, keessumattuu haala  yeroo ammaa biyyi keenya keessa jirtu keessatti  nageenya waloo keenyaa eeggachaa tokkummaa fi jaalala akkasumas Hojii fakkeenyummaa qabu hojjachuun duudhaa Wol Deeggarsaa ganamaa qabnu kan keessatti Guddifannuu  Aadaa waliin hojjechuu,,,,

 https://www.facebook.com/100028996862050/posts/707607900215766/?sfnsn=mo
MM Abiy Ahimad Preezdaantii Ameerikaa Joo Baayidan waliin bilbilaan mari’atan
=====

Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad preezdaant Joo Baayidan waliin bilbilaan dhimmoota yeroo biyyaalessaa, hariiroo biyyoota lameenii fi naannawwaarratti mari’achuu ergaa gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin ibsaniiru.

Mariisaaniin hariiroo wal kabajuu fi faayidaa waloo irratti hundaa’e cimsuuf waliigaluu kaasaniiru.

Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!!