Kominikeeshinii Aanaa Geeraa
397 subscribers
163 photos
2 videos
2 files
52 links
Sirna kominikeeshiinii ammayyaa’aa, si’ataafi bu’a qabeessa ta’e diriirsuun mootummaafi ummata gidduutti yaa’insi odeeffannoo qulqulluu ta’e akka jiraatu taasisuuf
https://t.me/GComn2011
Download Telegram
Channel photo updated
HAWAASA KEENYA CINAA DHAABBANNEE YOO DEEGGARRE JIJJIIRAMNI DHIHOODHA!!

(Gurraandhala 11/2011)Aanaa Geeraatti Sochiin Worraaqsa Diinagdee Marsaa 2ffaa eegalame Cimee itti fufee jira.
-------------------------------------
Jiilli I/G Waajjira ODP obbo Haawwii Sayidiin Durfamu Qonnaan Bultoota Ganda Wogachaa Hojiia Misooma Sululaa irra jiran biratti argamuun sochii hojii misoomaa gandichatti eegalamee jiru ilaaluun Jajjabeessan.

I/G Waajjira ODP obbo Haawwii Sayid hawaasa gandichaa hojii misoomaa irra jiraniin Dhimma Hojii Worraaqsa Diinagdee Marsaa 2 ffaa Torbee Lama keessatti hojjatamuuf karoofamanii eegalaman kanneen akka Hojii Barnoota Ga'eessotaa,Horannaa Miseensa Inshuraansii Fayyaa Hawaasaa,Qulqullina Naannoo,Carraa hojii fi hojii misoomaa akkasumas hirmaannaa addaa addaa irratti Sochiin Gaariin akka ganda kanaatti jiru Cimee itti fufuu akka qabu dubbachuun Yeroo Nu hafte kana keessatti hojiin hundi karaa qindaawaa ta'een raawwatamuu akka qabus dhaamanii jiru.

Injifannoo Gama Siyaasaatiin arganne Hawaasa Nagaa,Fayyaa qabeessaa, fi Diinagdeen Cime yoo horanne qofa itti fufsiisuu dandeenya kan jedhan I/G Ijar,fi Siyaasa Baadiyyaa Aadde Murshiidaa Mahaammdi.

HORAA BULAA
#Dinne_Wollaallummaa!

Sosochiin warraaqsa misoomaa barnoota idileen Alaa fi Misooma Hawaasaa (BIAMH) itti fufeera.
===============================
(WDHKMAG Guraandhala 11/2011)Aanaa Geeraatti Sosochiin warraaqsa misoomaa marsaa 2ffaan eegalame itti fufee jira.

Qaama sosochii kanaa keessa tokko kan ta'e "Hawaasa Koo nan Barsiisa"mata duree jedhuun hojiin barnoota idileen alaa fi misooma Hawaasaa qindaawaa eegalamee jiru irratti Jiilli Bulchaa Bulchiinsa Aanaa Geeraa Obbo Xaahir A/Firaatiin durfamu mana barumsa Badhaatuu Sadarkaa 1ffaa ganda magaalaa Ciiraatti argamuun ga'eessota Barsiisuun Barnnoonni ga'eessotaa eegalame itti fufiinsa akka qabaatuuf hordoffii akka taasisan waadaa galanii jiru.

Aanichatti hojiin barnoota idileen alaa fi misooma hawaasaa Buufata 26 irratti hawaasa 1,254 ol ta'aniif kennamaa jira.

Hawaasni keenya carraa kanatti fayyadamuun rakkoo dubbisuu fi barreessuu akkasumas Qubaan mallateessuu keessaa akka bahuu danda'utti cimee barachuu akka qabu Bulchaan Bulchiinsa Aanaa Geeraa obbo Xaahir A/Firaa dhaamanii jiru.

Xumura irrattis hawaasni keenya Qabsoo Yeroo dheeraa Afaan Oromoo Afaan Biyyoolessaa gochuuf taasisaa jiru milkeessuuf Barnootni Idileen alaa fi misooma hawaasaa murteessaadha kan jedhan I/G W/ra ODP Aanaa Geeraa obbo Haawwii Sayidi.

Jiilli kun Hojii Hirmaannaa Ummaataan Mana Barumsaa keessatti hojjatamaa jiru ilaaluun jajjabeessanii jiru.

*Horaa Bulaa Deebanaa**
Oromiyaan gootota misoomaa 716 badhaasufi

Gurraandhala 12/2011 Oromiyaan gootota misoomaa 716 Diilbata dhuftu magaalaa Adaamaatti kan badhaasu ta'uu Biiroon Qonnaa Oromiyaa beeksise.

Hogganaan Biiroo Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa Oromiyaa obbo Dhaabaa Dabaleen ibsa har'a laataniin akka beeksisanitti, badhaasaa fi beekamtichi gootoota misoomaa bara oomishaa 2010/2011tti paakeejii qonnaa guutuu fayyadamuun bu’aa fooyya’aa galmeessisaniif laatama.

Badhaasichis Dilbata; Gurraandhala 17,2011 magaalaa Adaamaatti kennama.

Gootoota misooma badhaasaa fi beekamtiin keennamuuf 716 keessaa 50 qonnaan bulaarraa gara invastaraatti kan cee’anidha.

Sirni badhaasaa fi beekamtii baranaa mataduree “Gootota misoomaa kumaatama jajjabeessuun, miiliyoonota yaa horannu.”jedhuun gaggeeffama.
Maddii:OBN
Sosochiin Worraaqsa Diinagdee Eegalame cimee itti fufee jira.
=====================================
(WDHKMAG Gurraandhala 13/2011)Aanaa Geeraatti Sosochiin Worraaqsa Diinagdee fi Sosochii ummataa Taasifamaa jira.

Jiilli Bulchaa Aanaa Geeraa Obbo Xaahir A/Firatiin durfamu,Bakka Buutuun Mana Maree Ummataa Aadde Gabaayinash Nagaash fi Garee Godina irra dhufanii woliin Guyyaa harraa Imala Ganda Obbaa Toliitti taasisaniin Hojii Daandii Ciiraa Carikkoo ilaalanii jiru.

Gandi obbaa Gandoota Aanaan keenya qabdu keessa ganda Omisha bunaatiin beekamtu akka taate beekamaadha.haa ta'uutii hawaasni kun Rakkoo Daandiitiin woggoota hedduuf Rakkoof kan saaxilamaa ture Mootummaa naannoo oromiyaatiin Carraa Daandii Ciiraa-Carikkoo km 53 Turtii woggaa 4' keessatti xumuruuf wolii galuun bara 2002 hojii eegalan.

Egaan hojiin Daandii Ciiraa Carikkoo Bara 2002 irraa eegalee hojii isaa eegalus sadarkaa barbaadamu osoo hin ga'in woggaa saddeet harkifatee ture hoggansa haaromsaatiin woggaa lamaan kana hojii hojjatameen Sadarkaa abdachiisaa irra ga'ee jiru kanaaf Hawaasni Ganda obbaa Laga Daacoo yeroo mara Horii buna fe'ee gara Magaalaa ciiraatti geessu bunaa woliin Jalaa nyaatee rakkoo biraaf isa saaxilaa ture Guyyaa harraa Riqichi laga Daacoo hojjatamee tajaajilaaf banaa ta'e kana sababeeffachuun gammachuu jaraa Ibsachuuf Sagantaa laaqanaa qopheessuun naannoo lagichaatti ba'uun hojiin gaariin eegalame cimee itti nuu fufuu qaba jechuun sagantaa galateeffannaa qopheessan.

Hawaasni Zoonii obbaa Dheebuu misoomaa qabu kana booda Gammachuu kana itti fifsiisuuf worraqsa Dijnagdee Marsaa lammaffaa kanaaf hojii eegalame Ciminaan keessa ba'uuf hojjachuu qabu kan jedhan Bulchaa Bulchijnsa Aanaa Geeraa obbo Xaahir A/Firaati.

Siyaasaani Diinagdeen hin utubamne eessaanuu nu hin ga'u waan ta'eef Hawaasni Nageenya Amansiisaa Mirkaneessuun Hojii Misoomaa eegalame Teeknoloojiitti fayyadamuun omishaa fi omishtummaa isaa guddisuu qaba kan jedhan Bakka Buutuun Mana Maree Ummata Aanaa Geeraa Aadde Gabaayinash Nagaash Dubbatanii jiru.

Dhuma irrattis I/G tuun Ijaarsa Daandij Ciiraa-Carikkoo Injinar Amriyaa Mahammad ummata Rakkoo Daandijtiin Woggaa heddu rakkachaa jiranij fi haadholee keenya gara mana yaalaa deemuuf rakkachaa turaniif halkan guyyaa oso hin jedhin humna guutuun hojjannee hawaasa keenya rakkoo keessaa baasuuf qophij akka qaban ibsanij jiru.

Fuula keenya Gara Misoomaatti Deebisuun Worraaqsa Misoomaa eegalame Haa milkeessinu!
Qabeenya Uumamaa kunuunsuun Wobii Nyaataa Haa Mirkaneessinu!
==========================================================
(WDHKMAG Guurraandhala 20/2011)Aanaa Geeraatti Duulli Hojii Misooma Sululaa fi Kunuunsa qabeenya uumamaa bara kanaa karaa qindoomina qabuun hojiin isaa itti fufee jira.

Aanichatti  Duulli hojii misooma sululaa bara kana eegalame  Lafa km  2,556 misoomsuuf karoorfamee  jiruun hanga yoonaatti Gandoota Baadiyyaa Aanichaa 29 keessatti humnoota misoomaa kuma 47 ol hirmaachisuun,Daagaan Gosti garaa garaa km 2,218,Booraatii Lolaa metir kuubii 3,891,Daandii Lolaa meetir kuubii 4,574,Lafa Tuttuqaa irraa Dhorkuu hektaara 579 ta`u hojjatamaa jiraachuu isaa waajjirri Qonnaa fi Qabeenya uumamaa Aanichaa ibsee jira.

Hojii Misooma Sululaa Qindaawaa hojjachuun Dhiqama Biyyoo fi Bishaanii Haa ittisnu!

 
Woldorgommiin Kubbaa Miilaa Liigii Magaalota Oromiyaa Marsaa 2ffaa Baatii 2 booda Kilabiin Geeraa shanan Gibee Dirree isaan ala ba'uun tapha isaa jalqabaa taasisuuf Qophii isaa xumurun ibsame.
--------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------
(GEERAA,Gurraandhala 21/2011)Tapha Liigii Magaalota Oromiyaa Marsaa 2ffaa Torbee 2ffaa Gurraandhala 24/2011 kilabiin Geeraa Shanan Gibee Dirree isaatiin ala ba'uun Kilabii Sadeen Sooddoo woliin Taphachuuf Qophii Xumuruu isaa ibse.

Kilabiin Geeraa Shanan Gibee Wol Dorgommii Kubbaa Miilaa Liigii Magaalota Oromiyaa Ramaddii 1ffaa keessatti gaggeessaa tureen Tapha afur injifachuun tapha lama qixa ba'ee jira.

kilabiin keenya tapha Marsaa 1ffaa keessatti Dirree isaatiinis ta'ee Dirreen alatti taasiseen Qabxii 14 fi Goolii qulqulluu 8 tiin Ramaddii isaa keessaa sadarkaa 1ffaan xumuruun isaa beekamaadha.

Egaan Kilabiin Geeraa shanan Gibee Tapha Isaa Marsaa Jalqabaa Xumuree Boqonnaa Baatii Lamaa booda Tapha marsaa 2ffaa Dirree isaatiin Alatti Gita Sadeen Sooddoo woliin Gurraandhala 24/2011 taasisuuf Shaakallii taasisaa ture Xumuruu isaa Leenjisaan Kilabiichaa Dargaggoo Amiir Yasuuf dubbatee jira.

Lenjisaan kilabichaa akka jedhanitti tapha marsaa 2ffaa Liigii magaalota Oromiyaa gaggeessuuf qophii taasisaa turreen Kilabii Keenya Geeraa shanan Gibee Haala amma irra jiru kanaan Abbaa injifannoo ta'u akka danda'u abdii guutuu akka qaban dubbachuun Jaallattoonni,Deeggartootnii fi Maatiiwwan ispoortii Aanaa Keenyaa Deeggarsa gama hundaan Taasisaa turtan ammas Karaa qindaa'aa ta'een itti fufsiisuun Cinaa kilabii keenyaa Dhaabbachuu akka qabu Dhaamsa isaanii dabarsan.

INJIFANNOON KILABII GEERAA SHANAN GIBEEF HAA TA'U!
Qaama karoora Sosoochii Worraaqsa Diinagdee marsaa 2ffaa kan ta'e keessaa tokko piroojektii hin xumuramin hafe xumursiisuun Gaaffii hawaasaaf Deebii kennuudha.
----------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------
[GEERAA Bitootessa 03/2011] Aanaa Geeraatti Hojiin Ijaarsa Gamoo Waajjira Bulchiinsaa
 addaan citee ture  jalqabee jira.

Aanichatti  Gaaffii fi komii Hawaasaa ta'ee kan ture hojiin Ijaarsaa Gamoo Waajjira Bulchiinsaa addaan citee ture  jalqabee jira.
Hawaasa Tajaajila barbaadee gara waajjiraa dhufuuf Tajaajila si'ataa haqa qabeessa ta'e kennuuf Bakka Hawwataa fi mijaa'aa ta'e qopheessuun murteessaa ta'uu isaa bu'uureffachuun Waajjirri Bulchiinsa Aanichaa bara 2009 Baajata Aanaa Birrii Miiliyoona Ja'a (6) Ramaduun Ijaarsi Gamoo G+1   eegaluun isaa beekamaadha.

Haa ta'uutii Hojiin Ijaarsa gamoo kanaa Haalli Jalqabbii isaa gaarii ta'us  Saffisa eegaleen itti fufee tajaajila barbaadamu kennuu dhabuu isaa irraa kan ka'e Komii fi Gaaffii hawaasaaf saaxilamee jira.

Egaan Hoggansi Aanichaa Gaaffii fi Komii hawaasaa Guutummaa guutuutti Deebisuuf qaama  Karoora Sosochii worraaqsa Diinagdee marsaa 2ffaa  piroojektoota hojiin isaanii harkifate Hojii eegalsiisuu keessatti  sochii taasifameen kontiraaktera Ijaarsa Gamoo kana fudhatee hojjataa ture mariisisuun akka dhufee hojii eegalu wolii galtee irra gahameen hojiin ijaarsa gamoo ifatti jalqabamee jira.
 
Hojiin Ijaarsa gamoo kanaa Siyaa'ina eegalame kanaan  yoo itti fufe yeroo gabaabaa keessatti xumuramee tajaajila barbaadamuuf akka ooluu Mamii hin qabu.
Maqa balleessiin ummataa fi naannoo Oromiyaarratti baname hataattamaan dhaabbachuu qaba- obbo Admaasuu Daamxoo
                           --------------------------------------------------------------------------------------------
Bitootessa 7/2011 Maqa balleessii fi ololli ummata, naannoo fi mootummaa Oromiyaarratti baname hataattamaan akka dhaabbatu mootummaan naannoo Oromiyaa akeekkachiise.

Hogganaan Biiroo Dhimmoota Koominikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Admaasuu Daamxoon ibsa haala yeroorratti har'a waaree booda laataniin akka beeksisanitti, ummata Oromoo, naannoo fi mootummaa naannichaarratti ololli diigumsaa banameera.

Diigumsi kunis ta'e jedhamee Oromoon biyya bulchuu hin danda'uun kan afaarfamaa jirudha jedhaniiru.

Kana keessas burjaajjii fi jaatanii uumudhaan, gaaffileen ummanni Oromoo barootaf kaasaa ture deebii akka hin arganne carraaqqii taasifamudha jedhaniiru hoggantichi.

Mootummaan naannoo Oromiyaa saba, sablammootaa fi ummattoota biyyattii biroo waliin jijjiirrama amma Ityoophiyaatti dhufe akkuma fide; jijjiirramichi ni ce'a.

Ni gufataan kan shakku yoo jiraate, sadarkaan qabsoo Ummata Oromoo fi saboota obbolaa biroo irra ga'e kan hin hubannee fi qaama yeroon irra darbedha jedhaniiru obbo Admaasuu Daamxon.

Mootummaan dirree demokraasii bal'isuuf hojii hojjetu akka laafinaatti ilaalanii oduu sobaatin ta'e jedhanii ummata Oromoo fi saboota biroo walitti buusuuf yaalun, olaantummaa seeratiin bakkatti deebi'as jedhan obbo Admaasuun.

Maqa balleessiin ummata Oromoo fi mootummaa naannoo Oromiyaa irratti aggaammamu kamuu dhaabbachuu akka qabu dhaamanii, hin ta'u taanan garuu olaantummaa seeraa kabachiisuun dirqama ta'aan akeekaniiru.

Mootummaan dirree fi mirga demokraasii wayita bal'isaa jirutti, aggaammiin xin sammuu Oromoo miidhuuf yaalamu kamuu akka laayyotti hin ilaallamu; callisaanis bira hin darbamu jedhan hoggantichi.

Mootummaan hojii olaantummaa seeraa kabachiisuuf hojjetu, shiratti dabsanii maqa balleessiif fayyadamuun, ummata Oromoo saba birootin walitti buusuuf gidiraa xaxuunis kana caalaa hin obsamu jedhaiirun.

Mootummaan olaantummaa seeraa yammuu kabachiisu ta'e jedhamee saba biraa akka buqqisuutti lakkaa'un seera qabeessaa miti; duudhaa hammattummaa Oromootis hin ibsu.

Mootummaan hojii seermaleessummaarratti tarkaanfii fudhatu, ummata Oromoo waliin waltumsee ammallee itti fufa.

Ergaawwan hoggansi naannichaa dabarsu cicciranii walitti suphuudhan karaa hin taanetti hiikanii fayyadamuun olola diigumsaaf afaarfamu.

Kun haala yeroo ilaalcha keessa bifa hin galchineen jijjiirrama bu'uura ummattummaa qabuu fi hin gufanne gufachiisuuf yaadudha; kanarra dhugaadhan waltumsuu wayyaan dhaamaniiru.

Maqa balleessiin ummata, mootummaa fi naannoo Oromiyaarratti baname kamuu hartaattamaan hin dhaabbatu taanan tarkaanfiin seeraa kan fudhatamu ta'as jedhan obbo Admaasuun.

Ummanni Oromoo fi Ityoophiyaa olola deemaa jiruun shakkii kamuu keessa seenuu hin qabu.

Jijjiirramichi kan isaan tumsame waan ta'eef, mootummaa jijjiirramaasaa dhaggeeffachaa qabsoo dirree demokraasii bal'isuu eegalame obsaan karaa nagayaatin itti fufuun barbaachisaadha jedhaniiru.

Ummanni naannichaa farra demokraasummaa raasee akkuma jijjiirrama kana fide, tumsasaa itti fufuu qabas jedhan.
Maddi fbc
          Gaazexaa Bariisaa sadarkaa ummanni Oromoo barbaadutti guddisuuf
                                          xiyyeeffannaan kenname.
                  =============================================

Dhaabbata pireesii Itoophiyaatiin torbanitti al tokko maxxanfamaa kanturte Gaazexaan Bariisaa hawwattummaafi qabiyyeesaa fooyyessuun sadarkaa ummanni Oromoo barbaadutti guddisuuf xiyyeeffannaan kennamee riifoormiin hojjetamaa akka jiru dhaabbattichi beeksise.

Marii paanaalii Gaazexaa Bariisaarratti xiyyeeffachuun har'a Finfinneetti qophaa'eerratti haasaa baniinsaa kan taasisan hojii gaggeessaa Dhaabbata Pireesii Itoophiyaa Obbo Getinnat Taaddasaa akka jedhanitti ji'oottan jaha darbanitti riiformii hojiilee Gaazexaa  foyyeessan gaggeeessuun jijjiiramoonnii gama qabiyyeefi dizaayiniitiin galmaa'an jajjabeessoo turan.

Har'as sagantaan marii paanaalii Gaazexaa Bariisaarratti qophaahe gaazexicha tamsaasaan dabaluun qabiyyeefi dizaayiiniitiin hawwataa taasisuuf Oromoo hundinu gahesaa akka bahatuuf yaadameti jedhaniiru.

Walitti qabaan Boordii Dhaabbata Pireesii Itoophiyaa Obbo Kaasaahuun Gofee gamasaanitiin Dhaabbanni Pireesii Itoophiyaa gaazexawwan isa jalatti maxxanfaman qabiyyeefi dizaayininsaa hawataa dubbifama taasisuuf hojiileen hojjechaa jiru jajjabeessaadha jedhaniiru.

Gaazexaan Bariisaas haaluma walfakkatuun qabiyyeefi dizaayiiniitiin hawwataa taasisuun mootummaan kan ergasaa ittiin dabarsu otoo hin taane, ummanni Oromoo kan itti ergaasaa dabarfatu, ittiin dubbatuufi ittiin boonu taasisuuf hojjetamaa jira jedhaniiru.

Gara fuuldurattis sadarkaa gaanfa Afriikaatti dubbifamaa akka ta'uuf ummanni Oromoo hundinuu gaheesaa bahachuu akka qabu dhaamaniiru.

Sagantaa marii Kanarratti haasaa kan taasisan kan biroon Doktar Diimaa Nagawooti. Isaanis hundeessitoota gaazexichaa keessaa isaan tokkodha.Akka Dr.Diimaan dubbatanitti,- Bariisaafi warraqsi siyaasa Oromoo wal qabata.
- Dhaaba Oromoo hundeessuuf gahee guddaa bahateera.
- Afaan Oromoo guddisuuf bakka Olaanaa qaba.
- Qubee Saabaatiin eegalame.
- Hacuuccaan mootummoota darbanii irra tureera. Kanaaf kana booda ummanni Oromoo hundinu guddinasheef ciminaan hojjechuu qabu jedhaniiru.

Gaazexessaan Bariisaa duraanii Mahaammad Ahmad (Qophee) gamasaaniin, gaazexaan kun seenaafi qabsoo meeqa keessa darbe as gaheera jechuun

- Qabsoo Oromoo gurmeessuufi leellisuuf gahee guddaa taphateera.
- namootni bebbekamoo kanneen akka Tasfaayee Aagaa, Luba Guddinaa Tumsaa, Huseen Adamiifi kkf irratti hirmaataniiru.

Kanaaf gaazexaa seenaa qabeessa ta'e kana kunuunsuu fi guddisuun gaheefi itti gafatamummaa ummata Oromooti jedhaniiru.
Hirmaattonni marii kanaas"Gaazexaan bariisaa kufuuf jedha, osoo hin kufiin dura abbaan Bariisaa qaqqabadhaa jettanii nu waamu keessaniif galatoomaa" jedhanii,

- Bariisaan har'a bari'eef
- Guddina Bariisaaf jaalalaan otoo hin taane dirqamatu nurra jira.
- Oromoon waajjira federaalaa galee hojjetu Oromummaasaa gatee miti.
- Gareen Bariisaa bilisa baasu hundaa'uu qaba.
- Fedhii ummataarratti xiyyeeffatee maxxanfamuu qaba jedhaniiru.

Bara dukkanaa  keessatti sagalee ummata Oromoo taatee barii lafaa labsuuf bara 1967 dhoksaan hojiishee jalqabde Gaazexaan Bariisaa. Ji'a Bitootessaa Bara 1969 ammoo beekamtii mootummaa argachuun ifatti hundoofte. Walumaa galatti Bariisaan sagalee Ummata Oromoo taatee socha'uu erga jalqabde,waggoota 44 lakkoofsisuushee ragaan ni mul'isa.
Bariisaan akka hin guddanne dhiibbaan garaa garaa irra gahaa tureera. Bariisaan yeroo hundeeffamashee torbanitti koppii kuma 30 maxxansaa kan turte yeroo ammaa kuma 9,200 maxxansuurratti argamti. Bara 2006-2007tti ammoo sadarkaa du'aatirra geessee turuushee ragaan ni agarsiisa.

Maddi BDHKMNO
Masfin Tasfaayeetiin
Channel photo updated
 
Baga Guyyaa Seena Qabeessa kanaan isin Gahe!
*******************************************************
Bitootessi Guyyaa 18/2010 Guyyaa Ilmi Abbaa Gadaa Abbichuun Guyyaa Baalli itti fudhatedha.

Woggaa Harraa Yeroo Kana Ummanni Oromoo Yeroo itti Ciniinfuu irra turedha.
Ciniinfuu Halkan Woggaa  Harraa sa'atii 4:55'nii kanaanis Abbichuun Dhalatee..
seenaa haaraan Akka biyya keenya Itiyoophiyaatti guyyaa inni itti galmaahedha.

Guyyaan kun Guyya Dr Abiy Ahimad Dura ta'aa ADWUI tahuun filataman waan ta'eef Baga Guyyaa Kabajamaa fi Guyyaa Seena Qabeessa kanaan isin gahe! Baga Geenye!
    LEEMMAN Vs GEERAA SHANAN GIBEE
                              09:00

#Woldorgommiin_ Kubbaa_ Miilaa Liigii Magaalota Oromiyaa Marsaa 2ffaa Torbee 3ffaa Kilabiin Geeraa shanan Gibee Dirree isaan ala ba'uun kilabii Bul,Mag/Leemman woliin Dorgommii isaa ni taasisa .
--------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------
(GEERAA,Bitootessa 21/2011)Wol Dorgommii kubbaa miilaa  Liigii Magaalota Oromiyaa Marsaa 2ffaa Torbee 3ffaa Bitootessa 22/2011 kilabiin Geeraa Shanan Gibee Dirree isaatiin ala ba'uun Kilabii Bulchiinsa Magaalaa Leemman woliin taasisuuf  shaakallii xumuree jiraachuun ibsame.

Egaan Kilabiin Geeraa shanan Gibee Tapha Isaa Marsaa Jalqabaa keessatti Kilabii Leemman woliin Dirree Isaa irratti Tapha gaggeesseen kilabiin keenya Geeraa Shanan Gibee Galchii 6:1 Leemmaniin injifachuun isaa beekamaadha.bu'uuruma kanaan Taphni Deebii Dirreen alatti Bitootessa 22/2011Guyyaa Sa'atii 09:00 irratti taasifamu kun tapha Morkiin guddaan keessatti mullachuu Danda'a jedhamee yaadamu waan ta'eef Humna guutuu fayyadamnee  injifachuuf shaakallii cimaa taasisaa turree  jirra jedhu  Leenjisaan Kilabiichaa Dargaggoo Amiir Yasuuf dubbatee jira.

Dabalataan tapha Torbee 3ffaa kana  gaggeessuuf qophii taasisaa turreen Kilabii Keenya Geeraa shanan Gibee Haala amma irra jiruun  injifachuu  akka danda'u abdii guutuu akka qaban dubbachuun Jaallattoonni,Deeggartootnii fi Maatiiwwan ispoortii Aanaa Keenyaa Deeggarsa gama hundaan Taasisaa turtan itti fufsiisuun  kilabii keenyaa Cinaa Dhaabbachuu akka qaban Dhaamsa isaa dabarsee jira.

INJIFANNOON KILABII GEERAA SHANAN GIBEEF HAA TA'U!
                     Istaadiyeemii Jimmaa Yuunivarsitii
                      =============================
 Kabaja Ayyaana Hundeeffama ODP woggaa 29ffaa fi Injifannoo ummata Oromoo Woggaa 1ffaa Sababeeffachuun Koonsartii fi Sagantaa garaa garaatiin kabajamaa jiru irratti Xiyyaarrii Istaadiyeemii Samii irra Balali'uun paampileetii fi Aasxaa paartii keenyaa Samii gadi ummataaf arcaasuun saganticha akka hawwataa godhuu taasisee jira.
HUBANNOOF
TAATEEN BU'UURA HAWAASUMMAA MAAL?
                  ---------------------------------
Biyyi Tokko Karoora Misoomaa ,Diinagdee fi Siyaasa  Qopheeffachuun  ummata tajaajiluuf Ragaalee Bu'uura Hawaasummaa Waqtaawaa fi Ammayyaawaa qabaachuun dhimma murteessaadha!

Ragaalee bu'uura hawaasummaa kanneen jedhaman kan akka dhalootaa ,du'aa,gaa'ila hundeesuu fi gaa'ila karaa nagaan(seeraan  dhaabuu ykn diiguu)addaan kutuu yemmuu ta'an battala isaan mudatanitti sirnaan galmeessanii tajaajila seera qabeessaaf oolchuun dhimma murteessaa fi barbaachisaa ta'uu isaa irraa  kan ka'een Ejensiin galmeessa ragaalee bu'uura hawaasummaa oromiyaa bu'uura labsii mootumma federaalaa lakka 760/2004 dambii lakka 169/2006AlH kan hundeeffame yemmuu ta'u xumura bara 2007ALH irraa eegalee hojiitti galee jira .

Naannoo keenya keessatti sirna galmeessa ragaalee bu'uuraa hawaasummaa waqtaawaa fi ammayyaawaa ta'e diriirsuu fi ragaa qaama kamiyyuu biratti fudhatama qabu qulqullinaan galmeessuu,qindeessuu fi mijeessuun imaammataa fi tarsimoo misoomaa Naannoo fi Biyyaa keenyaa karaa guutuu ta'een bocuu fi faayidaa hawaasaaf hojiirra oolchuun lammileen mirgaa fi bilisummaa heeraa fi seera naannoo fi biyya keenyaan kennameefitti kallattiin fayyadamoo akka ta'aniif kan gargaaruudha.

kana malee ragaaleen galmaa'an madda odeeffannoo tarsimoo fi imaammata misooma siyaas dinagdee ,hawaasummaa ,nageenyaa,fi bulchiinsa gaarii ta'uu dhaan hudhaalee gufuu misoomaa, bulchiinsa gaarii hiikuu fi olaantummaa heeraa fi seeraa kabachiisuu fi mirkaneessuun ummanni kallattii maraan itti fayyadama imaammataa fi tarsimoo siyaas dinagdee misoomawaa akka ta'u gochuu keessaatti galmeessi ragaalee taatee bu'uura hawaasummaa qulqullina isaa eeggate hundaa ol murteessaa dha.

Kanaaf mootummaan misoomawaa fi dimookiraatawaa tajaajila bulchiinsaa kennu keeasatti
hirmaannaa ummataa hunda galeessa ta'e uumuun rakkoolee bulchiinsa gaarii hiikuuf ragaaleen bu'uura hawaasummaa waqtaawaa fi qulqullina qabu galmaa'ee tajaajila /faayidaa hawaasaaf madda odeedfannoo bu'uuraa akka ta'uuf galmeessi ragaa bu'uuraa akka raawwatu haal-dureen mijataa jira.

Kana irraa ka'uun qaamni ulaagaan dhimmi kun ilaallatu hundi ragaa /odeeffannoo dhugaa fi qulqullina qabu yeroo gaafatametti bakka galmeessa ragaaleef qaamoleen mootummaa gaafatametti ykn buufata galmeessa ragaalee bu'uuraaf mijatetti  kennuu ( galmeesisuuf dirqama fi gahee seeraan kenname waan ta'eef yeroo barbaadametti bahachuun galmeesisuun barbaachisaadha.
Kutaa Itti Aanuun hanga woliitti Deebinutti Nagayaan.