Fugug Media
600 subscribers
544 photos
15 videos
24 files
143 links
Waa,ee keenyaa yoo itti dhisaan nama dhisu waan ta,ef caallisuun nama hin baasu.??????????
Yeroon amma kan itti oduuf baltii alagaa bakka kannani mitti jalla keenya jala ha deemnu yaa oromoo????
Creator MF
Download Telegram
Forwarded from Fugug Post
Obbo Taayyee Danda’aan to’annoo jala oolfaman.

Ministir Deetaan Ministeera Nageenyaa kan turan Obbo Taayyee Dandaa’aan to’annoo guyyaa kaleessaa Aangoo irraa kan bu'an yemmuu ta'u guyyaa har'aa to'annoo jala oolfamaniiru.

👇👇👇👇👇
👇👇👇👇👇

@fugugpost1
Forwarded from Fugug Post
Taphoota Shaampiyoons Liigii Awurooppaa galgala har'aa taphatamu.

02:45 🔰 Leens Seeviyaa Waliin
02:45 🔰 PSV Endoveen Arsenaal waliin

05:00 🔰 Kopaan Haaven Galatasaray waliin
05:00 🔰 Maan Yunaayitid Bayer Muniik waliin
05:00 🔰 Naapoolii Braaga waliin
05:00 🔰Yuniyeen Barliin Riyaal Maadriid waliin

@fugugpost1
@fugugpost1
Forwarded from Fugug Post
Naannoo Amaaraatti Haleellaa Dirooniin raawwatameen yoo xiqqaate namoonni 40 ta'an du'an.

Naannoo Oromiyaa Godina Wolloo Kibbaatti haleellaa gaafa Sadaasa 30/2016 raawwatameen namoonni hedduun ajjeefamuu hawaasni naannichaa himaniiru.

Aanaa Saayinit bakka addaa Massaalamiyaa fi Qay Waashaa jedhamuun beekamtitti haleellaa dirooniin raawwatameen lakkoofsa namoota lubbuun darbee sirriitti kan ibsame ta'uu batus, namoota 40  ta'an lubbuun isaanii darbeera.
👇👇👇👇👇👇👇
👇👇👇👇👇👇👇

@fugugpost1
Forwarded from Fugug Post
Mootummaan Keeniyaa bara Faranjootaa Haaraa kanaa eegalee Daawwataan kamiyyuu Viizaa malee Keeniyaa seenuun akka danda’u beeksise.

Keeniyaan imaltoota biyyoota ollaa kamiiyyuu daangaa ishee qaxxaamuran gammachuun simachuuf qophii ta’uu ishees ibsiteerti.

Imaammata haaraa kana hojiirra oolchuuf kan dandeessisu sonni ragaa Diijitaalaa qophaa’uu Pireezidaantiin Keeniyaa Wiiliyaam Ruutoon ibsaniiru

Kanaafuu, imaltoonni kutaa addunyaa kamirraayyuu gara Keeniyaa seenuu barbaadan dursanii eeyyama imala elektirooniksii argachuun dirqama ta’uu ibsameera.

👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇
@fugugpost1
Forwarded from Fugug Post
Mootummaan Keeniyaa bara Faranjootaa Haaraa kanaa eegalee Daawwataan kamiyyuu Viizaa malee Keeniyaa seenuun akka danda’u beeksise.

Keeniyaan imaltoota biyyoota ollaa kamiiyyuu daangaa ishee qaxxaamuran gammachuun simachuuf qophii ta’uu ishees ibsiteerti.

Imaammata haaraa kana hojiirra oolchuuf kan dandeessisu sonni ragaa Diijitaalaa qophaa’uu Pireezidaantiin Keeniyaa Wiiliyaam Ruutoon ibsaniiru

Kanaafuu, imaltoonni kutaa addunyaa kamirraayyuu gara Keeniyaa seenuu barbaadan dursanii eeyyama imala elektirooniksii argachuun dirqama ta’uu ibsameera.


👇👇👇👇👇👇👇👇

@fugugpost1
Forwarded from Fugug Post
Tiik Tookiin galii Doolaara biiliyoona 10 argachuu beeksise

Finfinnee, Mudde 3, 2016 (FBC) – Dhaabbanni Teeknooloojii Intarneetii Chaayinaa Tiik Tookiin fayyadamtoota idil addunyaarraa galii Doolaara biiliyoona 10 argachuu beeksiiseera.

Dhaabbatichi fayyadamtoota idil addunyaarraa guyyaan Doolaara miiliyoona 11, xumura waggaa kanaa ammoo Doolaara biiliyoona 10 galii argachuu ifoomseera.

Bara Faranjootaa 2024tti ammoo galii Doolaara biiliyoona 15 argachuuf karoorfatee hojjechaa jiraachuu CNN gabaaseera.

Dabalatanis dhaabbatichi bara 2024tti fayyadamtoonni isaa baatii tokkotti sa’aatti 40 Tiik Tookirratti akka dabarsan taasisuuf hojjechaa jiraachuu ibseera.

Ameerikaan Tiik Tookiin biyyattiitti hojirraa akka hin oolle qoqqobbii kaa’uun kan yaadatamuudha.

@fugugpost1
Forwarded from Fugug Post
Taphoota Shaampiyoons Liigii Awurooppaa har'a taphatamu.

02:45 🔰 Kiravna Zeveda Maan Siitii waliin
02:45 🔰 RB Lepzing Yaang Booyis waliin
05:00 🔰 Atleetikoo Maadriid Laaziyoo waliin
05:00 🔰 Seeltik Feynoord waliin
05:00 🔰 Portoo Shakatar waliin
05:00 🔰 Antwaarp Baarseloona waliin
05:00 🔰 Dortumaand PSG waliin
05:00 🔰 Niwkastil
AC Milaan waliin

@fugugpost1
Forwarded from Fugug Post
Seenaa Siyaasaa Itoophiyaa keessatti qondaalli ija diimafatee ministira mummeetiin “Cubbamaa dhiiga namaatiin taphate” jedheen Taayyee qofaa jedhu rogeeyyiin miidiyaa hawaasaa.

Biyya akka Itoophiyaa mootummaa qeequun gatii lubbuu nama kafalchiisu keessatti tarkaanfiin Taayyee Danda’aa cichoominnaan fudhate kanneen mooraa mootummaa Biltsiginnaa keessa jiraniif fakkeenya gaarii ta'a jedhu.

Namoonni gariin ammoo tarkaanfiin Taayyee Danda’aa fudhate kan barfatee fi kan yeroon isaa irra kuteedha jedhu.

Obbo Taayyee Danda'aa gufachuu marii araaraa Daar Es Salaam booda mootummaan maricha akka gufachiise ibsuun qeeqa bal'aa mootummaa irratti dhiyeessaa ture.

Mariin akka gufatuuf mootummaan qooda olaanaa taphataa turuu kan addeesse Taayyeen, gidiraan haadholii fi daa'imman Oromiyaa irraa dhaabbachuu qaba jechuun waamicha nageenyaa taasisaa ture.

Ifatti bahuunis ummanni Oromoo kan barbaaduu paarkii fi masaraa mootummaa ijaaruu osoo hin taane nageenya barbaada jechuun yoo gaafatu, ministirri mummee aangoo irraa kaasuun mana hidhaa buuse.

Obbo Taayyee Danda'aa paartii Biltsiginnaa keessatti riiqicha ummata Oromoo fi paarticha giddu jiru ta'ee tajaajilaa akka ture barsiisaa saayinsii siyaasaa kan ta'an Milkeessaa Miidhagaa (PHD) turtii OMN wajjiin taasisaniin ibsanii jiru.

Taayyeen siyaasaa mootummaa Biltsiginnaa afaan Oromootiin ummata Oromootti gurguraa turuu fi yeroo dheeraaf mootummaa Biltsiginnaa gargaaraa turuu kan yaadachiisan fayyadamtoonni miidiyaa hawaasa waggoota shan booda, dammaquun isaatu waan tokko jedhu.

Obbo Taayyee Danda’aa waggoota darban keessa mootummaa Biltsiginnaa qulqulluu godhuun qabsoo ummata Oromoo xureessaa ture jechuun kanneen komatanis ni jiru.

Hidhamuu hooggantoota siyaasaa Oromootiin walqabatee yaadonni barreessaa turee fi qeeqa inni Waraana Bilisummaa Oromoo irratti dhiyeessaa ture namoonni akka haaraatti maxxansuun fuula miidiyaa hawaasaa irratti qooda jiru.

Keessattu erga muddee 12 bara 2023 kibxata kaleessaa obbo Taayyeen hidhamee booda, barruu yeroo lagannaa nyaataa hidhamtoonni siyaasaa Oromoo mana hidhaatti taasisan inni barreesse deebisuun maxxansaa jiru.

Ciminnaa fi kutannoo Taayyeen agarsiise dinqisiifachuun yaada isaa fuula miidiyaa hawaasaa irratti kan qoode Rogeessi Walaabuu Jiloo, “Seenaa keessatti Ministerri ija diimeffatee, Muummicha ministeraatin cubbamaa dhiiga namaatiin taphatu jedheen hin mul'anne” jedhe.

Heenok Gabbisaa (PHD) yaada gabaabaa hidhamuu obbo Taayyee Danda'aa hordofee fuula barruu isaanii irratti maxxansaniin “qondaallii ministira nagaa obbo Taayyee Danda’aa waan ministira mummee jabeessee qeeqeef hidhame” jedhan.

Itti fufuun “Taayyee Danda’aa siyaasaa Oromoo keessatti nama beekkamaa fi waggoota shanan darbe afaan Abiy Ahmad ta'uun hojjataa tureedha” jedhan.

“Walwaraansa Itoophiyaa keessatti adeemaa jiruun wal qabatee obbo Taayyeen, ministira mummeetiin nama gara jabeessa dhiiga namootiin taphatuu fi waraana siiviilii obboloota giddutti qindeessuudha” jechuun qeequu isaa eeraani jiru Heenok Gabbisaa (PHD).

Milkeessaa Miidhagaa (PHD) “Abiy akka malee rifachuun diraamaa kijibaa saffisan qopheessee Taayyee hidhe” jedhe.

Itti fufuun “Taayyeen maaliif ana irratti dubbate” kan jedhudha dubbiin. Abiyyi Biltsiginnaa keessatti akka gaaffiin gaafatamu hin eeyyamu. Namni akka Abiy aangoo isaaf sodaatu biyya sana keessa hin jiru. Abiy buqqa’u malee nagaan jedhamu tokko biyya sanaaf hin yaadamu” jechuun barreesse.

Walumaagalatti yaadoonni dhimma Taayyeetiin wal qabataan gamaa gamaan barraa'uu itti fufanii jiru.
Forwarded from Fugug Post
Forwarded from Fugug Post
Taphootaa Shaampiyoons Liigii Awurooppaa Kilaboota marsaa itti aanutti darbanii fi gara Liigii Awurooppaa imalan.

📬Ramaddii A
Baayer Muuniik
Kopan hagen
Galatasary (Gara Liigii Awurooppaa)

📬Ramaddi B
Arsenaal
PSV
Leens (Gara Liigii Awurooppaa)

📬Ramaddii C
Riyaal Maadriid
Naapoolii
Bragaa (Gara Liigii Awurooppaa)

📬Ramaddii D
Riyaal Soosidaad
Intermilaan
Salizbarg (Gara Liigii Awurooppaa)

📬Ramaddii E
Atleetikoo Maadriid
Laaziyoo
Feynoord (Gara Liigii Awurooppaa)

📬Ramaddii F
Doortumand
PSG
AC Milaan (Gara Liigii Awurooppaa)

📬Ramaddii G
Maanchister Siitii
Lepziing
Yaang Booys (Gara Liigii Awurooppaa)

📬Ramaddii H
Baarseloonaa
Poortoo
Shakataar (Gara Liigii Awurooppaa)


@fugugpost1
Forwarded from Fugug Post
Taphoota Piriimeer Liigii Inglaand torbee 17ffaa guyyaa har'aa Taphataaman

11:00 🔰 Westhaam Wolviis waliin
11:00 🔰 Bireentfoord Astonvilaa waliin
11:00 🔰 Arsenaal Biraayteen waliin
01:30 🔰 Livarpuul Maan Yunaayitid  waliin

@fugugpost1
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
Forwarded from Fugug Post
Miidiyaan OMN Bitootessa 02, 2024 Hawaasa Oromoo Minisootaa fi naannooshee waliin hundeeffama isaa waggaa 10ffaa kabajachuufi.

@fugugpost1
Forwarded from Anas Msaafii
sign up to get a 10 US Dollar newcomer bonus! I made more than 200 US Dollars by watching the video here, so you can try it. https://video-earn.yachts/8859314206827781/?s=tg
Manni marii bakka bu'oota ummataa yaa'ii idilee 14ffaa bara hojii 3ffaa bakka ministirri mummee Itoophiyaa Abiy Ahmad argamanitti adeemsisee jira.

Yaa'ii paarlaamaa biyyatti kana irratti miseensonni mana marichaa gaafiilee dhimmoota nageenyaa, misoomaa, marii araaraa, diimookraasii, hoongee, diinagdee, seenessa biyyaaleessaa, dhimma ulaa galaanaa fi kanneen biroo irratti xiyyeefatuun kaasani jiru.

Ministirri mummee biyyatti Abiy Ahmad gaafiilee miseensota irraa ka'eef ibsa bal'aa laatani jiru.

Yaa'ii idilee mana maree bakka bu'oota ummataa har'a gurraandhala 6 bara 2024 adeemsifame irratti gaafileen garagaraa miseensota mana marichaatiin ka'anii jiru.

Gaafiilee dhiyaatan keessaa inni ijoon “mariin araraa mootummaa Itoophiyaa fi Waraana Bilisummaa Oromoo jiddutti adeemsifamaa ture milkii maalif dhabe?” kan jedhudha.

Ministirri mummee gaafii kanaaf deebii laataniin, “nageenyi meeshaa murteessaa fi barbaachisaadha” jechuun “boora’uun nageenya biyyatti daandii ittiin fedhii siyaasaa milkeessuuf fayyadaman ta’uun cabiinsaa hamaadha” jedhan.

Fedhii siyaasaa barbaadamu afaan qawweetiin argachuuf socha'uun Itoophiyaa keessatti baratamaa ta'uu kan yaadachisan Ministirri mummee Itoophiyaa Abiy Ahmad, Marii nageenyaatiin walqabatee kutaalee biyyattii garagaraatti dhimmoonni salphatti furamuu danda’an rakkoo walitti bu’iisaa ta’uu fi buqqaatii kan hordofsiisu ta’uu himani jiru.

Marii fi waamichi nageenyaa Waraana Bilisummaa Oromootiif taasifame waamicha nageenyaa morkattootaa siyaasaa biroof taasifameen addatti kan ilaalamu miti jechuun, mariin Taanzaaniyaatti ABO-WBO waliin taasifame waliigaltee bu’uuraa irra gahamuu waan hin dandenyeef ummataaf ifatti ibsuun akka hin danda’amne ibsani jiiru.

Waqtii waan qabatamaa fi bu’uuraa qabu irraa gahamu kan ibsamu ta’uu eerani jiru.

Marii araaraa marsaa 2ffaa qaamota lamaan jiddutti Taanzaaniyaa magaalaa Daar Es-Salaam keessatti adeemsifamaa ture WBOn marichi sababa ejjannoo mootummaatiin gafachuu fi mootummaanis sababa ejjannoo WBOtiin gufate jechuun ibsa baasuun isaanii yaadamata.

Marii kanaan ummanni abdii hin qabatamne eeggataa jiraachuu kan eeran MM Abiy Ahmad, diimookraasii, marii fi filannoo yoo tarkaanfanne malee qawweedhaan aangoo qabachuun hin danda'amu jedhan.

Gaafii dhimma seenessa biyyaaleessatiin walqabatee ka'eef deebii kan laatan mummichi ministira, “hunduu rakkoolee muudataniif beekkamtii kennuun furmaata isaatiif waloon hojjachuu barbaachisaa” jedhan.

Dhimmoota kaleessa biyyatti muudatan irratti osoo falmamuu egeree biyyatti akka hin diigne kan jedhan Ministirri mummee, “egeree cimaa ijaaruuf dhimmoota kaleessa muudatan beekkumsaan darbuu, hunduu rakkoolee muudataniif beekkamtii kennee furmaata isaatiif waloon dhaabbachuu feesisa” jechuun ibsanii jiru.

Rakkoolee hoongeen walqabatanii kutaalee biyyatti muudataniif deeggarsi gama mootummaatiin taasifamaa jiru maal fakkaata gaafii jedhuuf deebii laataniin, “hoongee biyyatti muudate akka meeshaa siyaasaatti ilaaluun sirrii miti” jedhan.

Hoongee muudate qolachuu fi lubbuun lammiilee sababa beelaatiin akka hin dabarreef gahumsaan oomishuuf hojjatamaa jiraachuu eeran.

Nannoolee Oromiyaa, Tigraay, Amaaraa fi Itoophiyaa bahaatti hoongee muudateef mootummaa birrii biliyoona 16 ramadee qolachuuf hojjataa turus eeranii jiru.

Ragaa qabuun beelaan namni du'e hin jiru jechuun Ministirri mummee paarlaamaa biyyatti irratti dubbatanis sababa beelaatiin Boorana keessatti namni du'uu gabaafamaa ture.

Seerdhabdummaa biyyatti keessatti babal'ateenis, biyyi shaakala diimookraasii irra waan jirtuuf seerdhabdummaan babal'atee jedhan.

Liqii Itoophiyaan ofiirraa qabdu hir’isuuf hojiiwwan gama mootummaan hojjatamaa jiraniifi qaala’insi yeroo gara yerootti dabaluun yaaddoo lammiilee ta’aa dhuferratti hojii maaltu hojatamaa jira gaafii jedhuuf deebii yoo laatan, “qaala’insi yaaddoo Itoophiyaa qofa osoo hin taane kan adduunyaati, haa ta'u malee Itoophiyaan qormaataawwan garagaraa dandamachuun biyya guddinna saffisaa galmeessaa” jedhan.
Qaala’insa gatii tasgabbeessuuf hojiiwwan garagaraa hojjatamuu kan eeran Dr Abiyyi, kanneen keessaa oomisha dabaluun isa jalqabaa ta’uu himan.

Itoophiyaan oomish biyya keessaa irratti xiyyeefachuun qamadii biyya alaatii dolaara miliyoona 700 hanga 800tiin alaa galuu hambisaa jirti jedhan.

Kanaanis Itoophiyatti qaala'iinsi jireenyaa harka 35 irraa gara 28tti gadi bu'ee jiraa jedhan.

Dhimma ulaa galaanaa diimaa wajjiin walqabatee ibsa kennaniin, “Itoophiyaa carraaqqii olaanaa taasisaa turuu eeruun, kana booda biyyoonni ollaas dhimmicha irratti xiyyeefachuun carraaqqii taasisuu qabu jedhan.

Galaanni diimaan dhimma itti fufiinsa Itoophiyaati kan jedhan mummichi ministiraa, biyyoota biroo waliin ta'uun haala nageenyii fi misoomni naannawa galaana diimaatti mirkanaa'uu danda'u mala dhahuun barbaachisaadha jedhan.

Mummichi ministiraa dhimmoota akka daddabarsa mallaqa seeraan alaa, raabsa xaa'oo fi hanna, dhimma liqaa kafaluu dadhabuu Itoophiyaa, qaamolee mootummaa keessa taa'anii gareewwan hidhatan gargaaranii fi kanneen biroo irratti ibsa bal'aa laatanii jiru.
Jillii Pirizidaantii Mana maree dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa doktara kabajaa Sheek Hajjii Ibraahim Tufaatiin durfamu Konfiransii nageenyaa Tigraayitti adeemsifamu irratti hirmaachuuf Tigraay seenan.

Jillii kun yeroo buufata xayyaaraa Maqalee gahetti pirizidaantii mana maree dhimmoota Islaamummaa Tigraay Sheek Aadam Abdulqaadiri fi Pirizidaantiin bulchiinsa yeroo Tigraay obbo Geetachoo Raddaatiin simannaan taasifameefi jira.