Qaroo Waamaraa
19.5K subscribers
1.48K photos
27 videos
54 files
1.12K links
Akkan taanes; akka taanus taaneerra! akki ta'uu qabnu si'achi. Akka ta'uu qabdu ta'uuf Qaroo Waamaraa qabaadhu. Galmi keenya boruu guddaa-dha. Masaraa jabaas ijaaraa jirra. As-goraa itti hirmaadhaa!
Download Telegram
Jaallattootaaf jaalatamtoota channel keenyaa qophii addaa tokko isiniif qabannee dhufaa jirra. Qophicha #share gochuufi hiriyyoota keessaniif hiraa akka nu waliin turtan abdii guutuu isin irraa qabna.

Qophiileen keenya AmmaafπŸ‘‡
Qophii Torban jechootaa
Qophii Ashamqaroo
Qophii Qaroo Haqaa


Asumaan Qophii Torban jechootaa keenyaa har'aan warreen armaan gadii irraa akka barattan shakkii hin qabnu. Qophicha hordofuun kan sinii dhiheessse #Yoowobsan_Abbabee ti. Torban jechootaa yeroo hundumaa yeroo yerootti haala kanaan kan sin bira ga'u ta'uu asumaan waadaa siniif galla! Hanga qophichaatti nagaan nuuf turaa! Yeroo yerootti jechoota akka misaa'elaa arganne qindeeffannee kan isin biraan geenyu ta'a!

Channel keenya hiriyyoota keessaniin ga'a!

1, Sammuun keenya qaamota keenyatti amanuu dhiisuuf mirga guutuu qaba.

2,Dhalli namaa guyyaata hedduu bira dhaabachuu kee nii dagatu, garuu guyyaa tokkittii irraa hafuukeef si komatu.

3, Hamma rakkinni dhuftee si rakkiftutti ati rakkinaaf hin rakkatiin.

4, Saree kaattee dhuftee sitti duttu hundatti imala dhaabdee dhagaa itti hin darbatiin, Lafa imalaa jirtu hanqatta.

5, Gaaffii hundumaaf dhaabattee deebii hin kenniin gaaffiin imala kee gufachiisuuf dhufu baay'eedha.

6, Yoo ati ofiikee of kenniteef malee namni kamiyyuu ofiin ka'ee abdiif haamilee kee cabsuu hin danda'u.

7, Namoota abdii si kutachiisuu barbaadaniif harkas fuulas hin kenniin mul'ata keetti cimaa jecha isaanii tuffadhu.

Waan guddaa akka irraa barattan shakkiin qabnu!

Qophii Torban jechootaa

Channel #Qaroo_waamaraa #join godhadhaa!
https://t.me/ForAllthingsEye
Biyya kanatti mataa caala; garaatu kabajama.

Biyya Itoophiyaa keessatti nama caalaa garaatu iddoo qaba.

Hamma garaan kabajamu osoo ilmi namaa kabajamee; beekaan gatii hin dhabu.

Ulfinni garaa hamma garaan jirutti.

Ulfinni namaa ammoo hamma hojiif namni jirutti.

Garaan kabajiin! Ilma namaaf yaada ilma namaa kabaji malee.

Itoophiyaan garaa garaa ga'uuf ilmaan namaa gaaga'aa jirti.

Namni garaa garaa ga'u hin jiru; abbaa garaa malee.

Kanaaf biyyi kun garaa kabajuurra osoo mataa kabajjee gaariidha.

Furmaanni garaa keessaa miti, mataa keessaa burqa.

Wanti garaa keessaa ba'u waanuma garaan baatu xuriidha.

Biyya garaa kabajjuuf safuu, kabaja garaaf kan lubbuu baaftu.

Channel keenyaaf fira ta'aa!
#Share #Join godhadhaa!
Linkiin channel keenyaa...!
https://t.me/ForAllthingsEye
Be careful who you help and who love you πŸ’Ÿ!
╔════════════╗
.Qophii Asham-qaroo√
β•šβ•β•β•β•β•β•β•β•β•β•β•β•β•

Shamarree Qaro-Dhabeettii.

Intala qaro-dhabeettii sababa jaamummaa isheetiif of jibbitee tokkotu turte. Jaalallee ishee kan baay'ee jaalattu malee nama hunda jibbitee turte.

Hiriyaa jaalalaa ishee kanaan akkas jette "yoon addunyaa kana arguu danda'e qofa sittin heeruma" jetti ture.

Guyyaa tokko namni ta'e tokko agartuu kenneefi. Aduunyaa kana jaalallee ishee dabalatee arguu dandeesse. Hiriyaan ishee akkas jedhee gaafate "kunoo addunyaa arguu dandeessee jirta, amma hoo natti heerumuu dandeessaa?" jedheen.

Intalli gaafa jaalallee ishee kana ilaaltu qaro-dhabeessa (jaamaa) tahuu isaa argite. Qaroon ishee banamee arguun naasuu cimaa isheetti fide. Waan takkaa isheen hin eegne waan ta'eefis hedduu rifatte. Jireenya ishee fuula duraa nama jaamaa waliin jiraachuu yoo yaaddu dukkana itti fakkaate, lakki jettees diduu filatte.

Jaalalleen ishee kunis imimmaaniin ishee geggeesse. Baay'ee rifate. Waan jedhu dhabe. Ija ofiin of arguu dhabe. Ija isaatu of tuffate. Dhaamsa akkas jedhus barreesseef "Agartuuwwan koo kanaaf sirritti of eeggadhu!, kunuunsi!. Isaan otoo kan kee hin ta'iin dura kan kiyya turan" jedheen.

Lakkaa ija sana kan kenneef isadha jechuudha! Ihim! Oolmaa oolameef dagattee Hiriyaa ishee dukkanaaf qofaatti dhiisuu filatte.

Kunigaa akkaataa sammuun keenya gaafa haalli keenya jijjiiramu ittiin yaaduu dha.

Gaafa haalli keenya ulfaataan darbu maal keessa akka turree fi eenyu haala sana keessatti akka nu waliin ture kan yaadatu nama muraasa. Galatoomaa! akka irraa barattan abdiin qaba.

╔════════════╗
➑️Qaroo_WaamaraaπŸ’Œ
β•šβ•β•β•β•β•β•β•β•β•β•β•β•β•
♻️Join & πŸ”—SHARE
πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡
https://t.me/ForAllthingsEye
╔════════════╗
β€’Qophii Qaroo-Haqaa√
β•šβ•β•β•β•β•β•β•β•β•β•β•β•β•


JALDEESSAA fi HANTUUTA

Dur-dur Jaldeessii fi Hantuutni ooyiruu tokkorra midhaan waliin facaafatan. Midhaan isaaniis gaafa qaqqabu waan hedduu wal amananiif iddoo tokkotti galfachuuf irratti walii galan.

Kuusaa midhaanichaaf kan ta'us gaanii guddaa tokko qopheessuun itti kuufachuun yeroo gannaa nyaachuuf murteessan.

Kana booda afaan gaanii sanaa cufuun olkaawwatan. Hantuutni garuu jala garagaluun gaanii sana karaa jalaa uruun osoodhuma dhoksaa dhoksaan nyaattuu hunda isaa fixxi.

Gaafa ganni qaqqabu amma roobni hammaateera midhaan kuufatne sana haa qooddannu jedhaan Jaldeessichi.

Hantuutnis rakkoo maalii qabaree haa qooddannuu jettiin. Kana booda qooddachuuf gaanii sana irraa qadaada banu.

Gaafa banan homtuu hin jiru. Midhaan keenya attam ta'e jechuun walitti iyyuun dhufe.

Wal shakkuun wal kaksiisuu eegalu, lachuu inuma kakatu. Kana booda Hantuutni bifa aariitiin qulqulluun qulqullummaa isaatiin haa oolu;dhugaan haa baatu; mana sana ofitti cufnee ibidda itti haa qabsiifnu jettiin.

Jaldeessi abshaalummaa ishee waan hin hubanneef tole jedheen. Kana booda mana ona wayii keessatti balbala ofitti cufanii ibidda itti qabsiisan.

Gaafa manichi boba'uu eegalu hantuutni dursitee waan manicha keessatti boolla tolfatteef boolla lixxe.

Jaldeessi gara itti goru waan hin qabneef calliseetuma taa'e. Gidduudhumaan roobni guddaan tokko roobuu eegale.

Ibiddichi manicha irraa ni dhaame;jaldeessi ni oole. Lolaan immoo boolla hantuutaatti galuudhaan hantuutittii ajjeese.

Akkasitti qulqulluun qulqullummaa isaatiin oolee dhugaanis baate jedhama. Qulqulluu yoo taate qulqulluummaan kee si oolcha, dhugaanis in mul'ata.


╔════════════╗
➑️Qaroo_WaamaraaπŸ’Œ
β•šβ•β•β•β•β•β•β•β•β•β•β•β•β•
♻️Join & πŸ”—SHARE
πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡
https://t.me/ForAllthingsEye
Qofummaan IFA kee hin dhaamsu
Akka ta'uu qabdu utuu qabduu akka ta'uu hin qabne hin ta'iin.
ABBOOMMII HAARAA
===================
Akka isin wal jaallattaniif abboommii haaraa isiniif nan kenna; Ani akkuman isin jaalladhe, isinis immoo akka wal jaallatan isin abboomeera. Jaalala yoo waliif qabaattan, kanaan namoonni hundinuu akka isin bartoota koo taatan in beeku” jedhe. (Yoh 13:34-35)

Waa’ee abboommii Yesus kennee ilaalchisee dhimmi gad itti qabnee beekuu qabnu ni jira. Innis akka barsiisaa fi bartee namoota baay’ee biratti amaleeffatameetti, si’uma jecha, β€˜Abboommii’ jedhu dhageenyu kallattiidhaan β€˜Seera Musee’ isa jedhu keessatti lafa dhoofna. Garuu Yesus waa’ee abboommii yeroo kaasetti dhimmi Isaa Seera Kakuu Haaraa irratti kan xiyyeeffatu ture malee, Seericha isa moofaa sana dubbataa jiraachuu Isaa miti.

Yesus itti fufee, β€œIsin yoo na jaallattan abboommota koo in eegdu. (Yoh 14:15)

Waaqayyoon jaallachuu jechuunis abboommota Isaa eeguu dha; abboommonni Isaa immoo ba’aa ulfaatoo miti. (1Yoh 5:3)

Wanti Yesus bartoota Isaatiin, β€œAbboommii koo… dubbii koo…” jechaanii jiru, dhimmoota ijoo irra deddeebiin itti dubbachaa ture qaba. Dhimmoonni sunis:
Yesus Kristositti amanuu
Hafuura Qulqulluu utuu hin fudhatin akka Yerusaalemii hin baane
Akka wal jaallatanii fi saba jaalalaa jedhamuu isaanii akka mirkaneessaniif abboommii isaaniif kenne.

Namoota Kakuu Haaraa kana keessa jiraatanii, garuu seericha isa moofaa ofii isaaniitii sochoosuu fi isa hojii irra oolchanii ittiin fayyuuf yaalanii, Yesus Kakuu Haaraatti abboommii haaraa kennuu wallaaluu isaanii ti. Tulluu Siinaa irratti seericha isa moofaas Museetti kan kenne Kristos ture; namni seericha keessaa tokko illee raawwatee ittiin fayyu dadhabe sana ofii Isaatii raawwatee abboommii haaraa, jireenya haaraa, uumama haaraa fi sirna mootummaa haaraa jalqabsiise.

Kakuu Haaraan kakuu jaalalaa ti; Waaqayyoon guutummaa ofii keenyaatiin jaallachuu fi nama akka mataa keenyaatti jaallachuu dha. Namni jaalalaa nama seericha Isa Yesusiin raawwatame sana keessa jiraateedha jechuu dha.
Warri waa'ee wallaale
Dirree dirra ofiitti sirbu
Cichaa wareega baasa
Akkamitti nyaate irbuu

Isa haqaaf haqa baasu
Mogolee dha'ee cabsa!
Isa Isa kufe lafaa kaasu
Haqee haqasaa dabsa!

Dubbiin dubbii qolaati
Hin qabu murii ajjeesii
Akka jedhan ta'uu dide
Gantuu biyyaa balleessi


➑️Namni Addunyaa ATI ilaaltee baruu hin dandeenyedha. Ykn

➑️Namni kitaaba ATI dubbiftee xummuruu hin dandeenyedha.

➑️Gaafa gatiikee bartu wanta gatii hin qabne gatta.
Silaa hin jiraattu
Kumaa fi dhibba
Maaltu si geesse
Lolaasaafi jibba?

Nama jaaladhu
Kaabaafi kibba!
Jaalalli hin qabu
Waktiifi tibba...

Labsi labsii labsi
Bahaa fi lixaa
Cabsi arfii cabsi
Taatus akka citaa

Utuu akka qalbii
Ishii raftee bulle
Kan du'e jiilee
Maaf ollaa bulle
????????????


╔════════════╗
➑️Qaroo_WaamaraaπŸ’Œ
β•šβ•β•β•β•β•β•β•β•β•β•β•β•β•
♻️Join & πŸ”—SHARE
πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡
https://t.me/ForAllthingsEye
Namni kitaaba ati dubbiftee, qo'attee xumuruu hin dandeenyedha.
OBSI! OBSI YAA GARAAKO

Jarjaraan qalbii hin qabu
Hirribaa ka'ee mugaa
Obsaan bara eeggatee
Aannan goromsaa dhugaa!

Fakkeenya bifaaf malee
Daaraaf daakuun firaaree?
Kannisaan utuun hiddamiin
Damma nyaachuun jiraaree?

Ammayyu deemaan jira
Hin xumurre karaako
Raafamtee na hin raasiin
OBSI OBSI YAA GARAAKO

Fiiguuf tarkaanfattee
Yoo dhabde karaa deemsa
Rooba guddaa obsitee
Hin sodaatiin fixeensa

Kaayyoof manaa baatee
Gufuun deemsa sin dhaabu
Qoreen yoo itti baay'ates
Muka furmaataa yaabu

Duwwaan nyaadhu jettee
Buddeena lagattaaree?
Qilleensa hamaa mootee
Habaqii baqattaaree?

Duratti deemuu feetee
Miilla kaayyoo dhaabdaaree?
Garaanis tole hin jedhuufi
Narraa abdii qabdaaree?

Bishaan gabatee irraa
Gara argetti raafama
Gufuu dandamachuunkee
Obsaan adda baafama

Leenci hammam beela'us
Gad jedhee margan nyaatu
Obseema foon eeggata
Kana eenyummaa isaatu

Kanaafii Yaa garaako,

Duuban laaliin sardamtee
Dirqama kan kee ba'i
Abdiin kutiin daddaftee
Akkuma leencaa ta'i!

Dhoqqee keessa deemtus
Qoree jiru eeggadhu
Gufuu hunda dandeenyaan
Galma geessaa beekkadhu!!!!



πŸͺ΅πŸͺ΅πŸͺ΅πŸͺ΅πŸͺ΅πŸͺ΅πŸͺ΅πŸͺ΅πŸͺ΅
╔════════════╗
➑️Qaroo_WaamaraaπŸ’Œ
β•šβ•β•β•β•β•β•β•β•β•β•β•β•β•
♻️Join & πŸ”—SHARE
πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡
https://t.me/ForAllthingsEye
Β«Obsi kaa garaa koo
Duruu ni obsitaaΒ»
Maaf tasgabbii dhabdee
Nagaa of dhowwitaa
Maaliif akka dhabdee
Imimmaankee cobsitaa

Nan beeka waa hundaa
Akka ati miidhamte
Wanti hundi ulfaatee
Beeka akka siif gamte

Obsi kaa garaa koo
Obsaan of ijaari
Dukkana keessatti
Argii of baraari

Si dhaga'uu diddee
Dacheen ni hammaattee
Dhugaaf kan malu
Sobaaf ragaa baate!

Uumaa kee abdadhu
Isa abbaan malaa
Uumamni kun hundi
Murtee isaa jalaa

Galmi kee fagoodha
Deemsi isaas ni cimaa
Rakkinni kee kuniis
Gaaf tokko ni dhuma

Kana hunda ilaaltee
Obsa kee fixattee
Obsi kaa garaa koo
Maaliif akkas taatee

Badii lafaa ilaaltee
Hin dadhabiin obsuu
Ifa siif jedhee bahu
Gaarri tuulame hindhoksu

Kaayyoo ofii eeguun
Obsa si barbaachisa
Obsi kaa garaa koo
Obsi kakuu si nyaachisa

Obsi homaa miti
Hunduu Akka qaba
Obsi kaa garaa koo
Gufuunkee in caba

Nan beeka icciitiikee
Atoo sobdee kolfita
Obsi kaa garaa koo
Durduroo ni obsita!


╔════════════╗
➑️Qaroo_WaamaraaπŸ’Œ
β•šβ•β•β•β•β•β•β•β•β•β•β•β•β•
πŸͺ΅
♻️Join & πŸ”—SHARE
πŸ‘‡πŸ‘†πŸ‘‡πŸ‘†πŸ‘‡πŸ‘†πŸ‘‡πŸ‘†πŸ‘‡πŸ‘†
https://t.me/ForAllthingsEye
Utuun akkas si jaaladhuu maaf akkas garaa natti jabaattaa? Anoo jaaladheen si jaaladhe mitiim!
Ifti Kee addeessa
Argamni kee aduu
Gochiikee kaleessa
Keessa kootiin baduu

Nama na barbaanne
Kan argaa koo jibbu
Nama gadda kootiif
Akka cidhaatti sirbu

Nama na hamachaa
Afaaniin na saadu
Nama dantaa isaatiif
Qofa na barbaadu

Kabajaa kenneefiin
Onnee kiyya keessa
Isaaf baga jedheen
Eebbisee geggeessa

Si'achuu siin si dhiba
Galaa kee qunxuratta
Dhugaa lafa jirus Jira
Maaliif of gurguratta?

Akka kees wallaaltee
Qalbii kee hurgufatta
Gaariirraa garagaltee
Maaf badii gudunfatta



πŸͺ΅πŸͺ΅πŸͺ΅πŸͺ΅πŸͺ΅πŸͺ΅πŸͺ΅πŸͺ΅πŸͺ΅
╔════════════╗
➑️Qaroo_WaamaraaπŸ’Œ
β•šβ•β•β•β•β•β•β•β•β•β•β•β•β•
πŸͺ΅
♻️Join & πŸ”—SHARE
πŸ‘‡πŸ‘†πŸ‘‡πŸ‘†πŸ‘‡πŸ‘†πŸ‘‡πŸ‘†πŸ‘‡πŸ‘†
https://t.me/ForAllthingsEye
Akkan taane ta'e beeka
An qalbiin hin holladhu
Tabbas ta'u irraa gadee
Kufee ka'ee isan kaadhu
Tokko buluuf dafqa cophsee
Hin jirree isan nyaadhu
Tokko kutee lama buusee
Firee haadhaa'aa isa nyaadhu
Na balleessuuf natti malee
Isaaf isan laphee baadhu
Bor naaf darba jedhee okkolaa
Akkan taane isan fiigu
Dadhabbiikoo karaa malee
Jiruukoo maaliif hiiku

Garuu...
Isan naaf darba jedhee
Xaaree dadhabee kaadhu
Akka ati natti qoostuuf
Eyyama siif hin laadhu
Garaa kees kutadhu
Isa fidde ofii baadhu!


╔════════════╗
➑️Qaroo_WaamaraaπŸ’Œ
β•šβ•β•β•β•β•β•β•β•β•β•β•β•β•
♻️Join & πŸ”—SHARE
πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡
https://t.me/ForAllthingsEye
Qophii Asham-qaroo

Seenaa garaa nama nyaatu dubbisaa...

Mucaa tokkotu yommuu harmeensaa gabaa dhaqxu hojii hojjechaa oole hundaaf gatii shallagatee Shallaga gatii kanas xalayaadhaan barreessee minjaala irra kaa'e. Harmeensaa dhuftee yommuu xalayaa sana bantu akkas jedha,

"Gatii ati har'a naaf kaffaluu qabdu akka armaan gadiiti.

πŸͺ΅Amma ati gabaatii galtutti kanan obboleettii koo ishee xinnoo eegeef qarshii 1.
πŸͺ΅Kanan mana qulqulleesseef qarshii 1.
πŸͺ΅Kanan laga bu'ee bishaan waraabeef qarshii 2
πŸͺ΅Kanan uffata miicame bakkeedhaa funaanee manatti ol galcheef saantima 0.75 naaf kaffaluu qabda." kan jedhu barreefamee jira.
- -
Harmeensaa xalayaa sana erga dubbistee fixxee booda, galagalchitee duubasaarratti akkas jettee barreessite,
"-Kanan ji'a sagal caalaa garaa koo keessatti si baadhee si da'eef meeqa naaf kaffalte?
πŸͺ΅Xurii fi ajaa kee sirraa miicee isan si guddiseef meeqa naaf kaffalte?
πŸͺ΅Akka ati guddattee nama taatuuf isan sitti cabe meeqa naaf kaffalte?
πŸͺ΅Abiddaan guggubadhee isan hojjedhee ganamaafi galgala si nyaachisuuf meeqa naaf kaffalte..?
Anoo isa ati jette kana siifan kaffalaa, ati garuu isan siif oole hundaa kaffaluu dandeessaaree?" jettee barreessitee xalayaa sana achuma minjaala irra keesse.
- -
Mucaanis Xalayicha fuudhee dubbise. Imimmaan ijarra dhangala'e. Obsa dhabee sagalee ol fuudhee boo'e. Quba isaa ishee xalayaa sana barreessite gaabbiidhaan abaare. Harmeesaatti maramee dhiifama gaafate!
Nama jireenya isaa Guutuu siif jiraate gatii kamiinuu dorgomsiisuu hin qabdu. Haati ofii goota Jaalalaati!
Hirribaa dammaqii dinqiifi ajaa'iba gaarii wayii dhaga'i. Misraachoo haaraa dhaga'i. Wanti ajaa'ibaa tokko harkakee galee haa bulu.
Qophii Torban Jechootaa

Gammachuu argachuuf:
πŸͺ΅Eenyullee hin jibbiin
πŸͺ΅Jireenya kee nama biroo wajjin hin madaalin.
πŸͺ΅Waan darbees ta'e gara fuulduraa hin yaadda'in
πŸͺ΅Wanta kennite argachuuf baay'ee hin eegin
Rakkoo kee gonkumaa hin komatin.
MEE NAAF HIMAA!

Yeroo miirri natti dhagahamu
Qofa hin hubannen dhageessu
Miirri koos dhugaa ta'uu isaa
Ati hubachuu hin dandeessu
Mee natti himi,
akkamittan fayyisuu qaba?
Yeroon akkasitti natti dhagaΚΌamu?
Barbaaden fira dhaba.

Waan ani keessa darbu
Gaafa siif hin galle,
Jaalalli kaleessa ture sun
Maaliif jaalalan dhalle
Mee natti himi,
Akkam natti dhaga'amuu qaba?
Yeroon akkasitti natti dhufu
Barbaadeen hiriyaa dhaba.

Gargaarsaaf gaafan boo'u,
Isin garuu hin dhageenye
Ani dukkana keessa taa'uu
Qofaa koo hin dandeenye
Mee natti himi,
akkamittan wal'aansoo qaba?
Carraa barbaacha utuu fiiguu
Ofiin kufeen ofiin caba
Yeroon akkasitti natti dhagaΚΌamu?
Barbaadeen dhugaa dhaba.

Yeroo ulfaatina gaddaa fi
Gadda koo hundumaasaa
Yaada koo boruu facaasee
Barbaadee dhaba maasaa.
I'll pursue my dream no matter how tired I am.