Future Generation Hope Secondary School Ambo Branch
1.73K subscribers
392 photos
18 videos
220 files
14 links
2012
Download Telegram
Barattoota kutaa 12ffaa qormaata biyoolessaa bara 2016 fudhachuuf qophiirra jirtaa hundaaf
Qorumsi biyoolessaa bara 2016 gosa barnoota 6 n akka kennamu waan murtaaheef gosoota barnoota armaan gadii irratti xiyyeeffannoo akka kennitan cimsinee isin beeksifna.
1.Afaan Ingiliffaa(English)
2. Keemistirii
3.Baayoloojii
4.Fiiziksii
5. Herreega
6. Aptiituudii
Guyyaa 26/05/2016
Barattoota Mana barumsa keenyaa kutaa 12ffaa hundaaf
Qorumsi faayinaalii guyyaa baruu(27-05-2016) mana barumsa keenyatti Kan isinii kennamu ta'uu beektanii ulaagaalee armaan gadii guuttanii sa'aa 2:00 irratti mana barumsa keenyatti akka argamtan isin beeksifna.
1. Yuuniifoormii karaa guutuu taheen uffachuu
2.Qubeessaa( pencil) oriijinaalaa fi qartuu qubeessaa
3.waraqaa eenyummaa qofa qabattanii akka argamtan cimsinee isin hubachiifna.
Guyyaa 01/06/2016
Barattoota haraa semisteera 2ffaatti mana barumsa keenyatti barachuu barbaaddan hundaaf
Akkuma armaan olitti ibsamuuf yaalame barattootni haaraa semisteera kanatti mana barumsa keenyatti barachuu barbaaddan kutaa 9-11ffaa qofatti Kan simannu ta'uu beektanii qormaata seensaaf guyyaa 1/06/2016 - 7/06/2016 tti sa'aa hojii hundatti qaamaan dhuftanii akka galmooftan isin beeksifna.
ULAAGAA GALMEE
1.Barataa/ttuu naamusa gaarii qabu ykn qabdu
2.Qabxii semisteera 1ffaa giddu galeessaan 65 fi isaa ol Kan qabu ykn qabdu
3. Mana barumsaa duraan turame irraa kiliraansii fiduu Kan danda'u /dandeessu/ta'uu qaba
Hubachiisa: Barattootni kutaa 12ffaa mana barumsa keenyatti barachaa turtanii sababa adda addaan bara kana mana barumsa biroo tti semisteera 1ffaa barattan yoo fedhii qabaattan Kan isin simannu ta'uu isin hubachiifna(barattoota KJ - 11ffaatti FGHtti baratan qofaaf)
Barattoota kutaa 12ffaa bara barnoota 2016 qormaata biyyoolessaa fudhatan hundaaf guyyaan foormii itti guutan sababa walga'ii arfachiisan jiruuf waan gara fuldurratti siqeef hanga isin beeksifnutti obsaan nuu eegadha.
Guyyaa 9/06/2016
BARATTOOTA MANA BARUMSA KEENYAA HUNDAAF
Dhimmi :Guyyaa Barnoonni semisteera 2ffaa itti eegalu isin beeksisuu ilaala.
Akkuma armaan olitti ibsamuuf yaalame barattootni mana barumsa keenyaa kutaa 9-12ffaatti jirtan barnoonni semisteera 2ffaa gaafa guyyaa 11/06/2016 karaa guutuu taheen waan eegaluuf harcaatii tokko malee akka barnoota keessan irratti argamtan isin beeksifna.
Hubachiisa: Barnoonni guyyaa guutuu waan taheef laaqana keessan qabattanii akka argamtan isin yaadachiifna.
Hub: kanfalttin mana barumsatti rawwatama.
Maatii Barattoota mana Baruumsa Oolmaa Daa'immanii F.J.H Damee Amboo , Mana Baruumsa F.J.H Sad.1ffaa Lakk. 1, Mana Baruumsa F.J.H Sad.1ffaa Lakk.2 gaafa guyyaa 14/7/2016 ganama barii Sa'ati 1:00 irratti wal-gahii maatii waan qabnuuf akka nuuf argamtan kabaja guddaan isin beeksisaa Sad.2ffaa F.J.H Damee Amboo gaafa 15/7/2016 ganama barii Sa'aatii 1:00 irratti mana Baruumsaatti yeroo kabajjanii akka nuuf argamtan kabajaan isin beeksifna.
Hub:- Qulqullina barnootaa fiduuf mariin maatii murteessaa waan ta'eef koottaa haa mari'annun ergaa keenya.
Agriculture short note for grade 11
Gaaffii fi deebiin Akka Fiyuchari sad. 2ffaatti bifaa ho'aa ta'ee guyyaa har'aa gageefame