Ferhan Abdulselam
39.1K subscribers
613 photos
72 videos
13 files
2.63K links
Download Telegram
Kaleessa qofa waraana PP konkolaataa 17 irraa booji’an. PP’n holola oofuu malee injifannoon isaan galmeessan tokko hin jiru. Kuni odeeffannoo qabatamaa dirree waraanaa irraa na gahe. t.me/FerhanAbdulselam
Har’i guyyaa ‘GivingTuesday’ dha. Guyyaa kana dhaabbatni facebook hamma isin OMN’f gumaachitan dachaa godhee OMN’f galcha. Yoo $100 OMN’f gumaachitan $200 OMN’f galcha jechuudha. Kanaaf guyyaa kana OMN maallaqaan deeggaruun bu’aa guddaa qaba. Itti hirmaadhaa. OMN bu’aa bahii hedduu keessa dabree sagalee ummata Oromoo tahee itti fufee jira. Yeroo irraa yerootti jijjiirama fidaa jirutti gammachuu qabdan jedheen abdadha. Miidiyaa keessan tumsaa! https://www.facebook.com/donate/449799483156175/?fundraiser_source=external_url
Jechootni Abiyyi haasaa tokko keessatti hunduu waldhawa. “Diinni moo’atame” jedhe. As deebi’ee “bittinneessuu fi barbadeessuu qofatu nu hafe” jedhe. Mee diinni hin bittinnaa’inii fi hin barbadaa’in akkamitti moo’ame? “Harka kennadhaa” jedhe. Magaalaa tokko osoo gadi hin dhiisisin harka kennadhaan maal jechuudha? Hubadhaa: kaasaagistaa inni guyyaa duraa qabanne jedhu TDF torbee dura ofumaaf gadi dhiisanii deeman. Jarri bakkoota tarsiimawaa tahe qofa irratti xiyyeeffatu. Waraanni PP lola moo’atamu malee hanga kaleessaatti lola moo’ate hin qabu. Kaabinee fi Kaadree abdii kutte sobaan abdii itti horuuf soba hafarsaa jira Abiyyi. t.me/FerhanAbdulselam
Tuqaan magariisni agartan kuni bakkoota TDF fi OLA’n too’atani. Bakki diimaan bakka waraanni PP jiru. Injifannoon isaan jedhan miidiyaalee irra malee lafarratti kana fakkaata. Kuni kaartaa odeeffannoo ammaati. t.me/FerhanAbdulselam
Odeeffannoo qabuun TDF qophii dhumaa xumuranii lola dhumaatiif qophaa’anii ajaja eeggataa jiru. Ammaaf lolli guddaan geggeeffamaa jiru hin jiru. Jarri tooftaan deemu. Bakkoota wareegama itti kaffaluun hin barbaachifne ofumaafuu dhiisanii kan keessaa deemanis jira. Amma karoorri guddaan jiru lola dhumaa gara Finfinneetiif qophii guddaa akka godhaa turan odeeffannoo qaba. Gama kaaniin WBO’n guyyaa guyyaan iddoo hedduu qabataa jira. Walii galatti yoo ilaalle injifannoon kan WBO fi TDF garuu PP’n miidiyaalee hedduu waan qabaniif mooraalii kaabinee fi kaadree isaanii caccabe deebisuuf dhugaa 1 irratti kijiba 99 dabalanii gabaasaa jiru. t.me/FerhanAbdulselam
Akka gaazexaan Evening Standard kaleessa gabaasa isaa keessatti tilmaametti namootni 100,000 lola Tigraay fi PP keessatti dhuman. Garuu odeeffannoo qabatamaa daataa PP keessaa argadheen namni hanga ammaatti dhume kan Evening Standard tilmaame dachaa hedduun caala. Fakkeenya nama Oromiyaa keessaa qofa gara RIB dabalamee erga lola seenee dhabame kan galmee PP keessaa dhabame (barbadaa’e/du’e/booji’ame) 105,000 tahuu odeeffannoo qabatamaan qaba. Oromiyaa keessaa kan lolatto oofame marsaa 1-4 dhumee amma marsaa 5ffaa keessa jiru. Marsaa 1-4 dhumee jira. 5ffaa keessaahis dhumaa jira. Marsaa 1ffaa meeqatu dhume? Marsaa 2ffaa, 3ffaa, 4ffaa yeroo biraa lakkoofsa isiniif qabadhee dhufa. t.me/FerhanAbdulselam
Har’a galgala sa’atii 3 irraa eegalee Twitter irratti duula #StopBombingOromia jedhu kana irratti hirmaachuun lammiilee nagayaa Oromiyaa fi guutuu biyyaa keessatti haleellaa xiyyaaraatiin ajjeefamaa jiran baraaruuf sagalee haa taanu.

Link ⬇️
As tuqaa
Bilxiginnaan ummata Oromoo Karrayyuu lafarraa fixxee deebitee yeroo itti qoostu ilaalaa. Waan ummatni hundi beeku yeroo akkanatti soban waan biraa akkamitti amantu? t.me/FerhanAbdulselam
Bilxiginnaan guyyoota 2n dabran kana injifannoo arganne jettee lafa dhiitaa turtee mitii? Odeeffannoon an isin biraan gahaa ture ammoo akka TDF osoo hin lolin magaalota gadi dhiisaa turanidha. Amma ammoo eegaa. Akka haarawatti lolli cimaan eegalee jira. t.me/FerhanAbdulselam
This media is not supported in your browser
VIEW IN TELEGRAM
OPDO’n baruma 2019 keessas bifa kanaan Wayyaanee faarsaa turte. Amma ammoo Nafxanyaa bor yoo Wayyaaneen deebites Wayyaanee faarsuuf qophiidha. Abbaa aangoo qabateef gombifuun ittiin bulmaata OPDO’ti. t.me/FerhanAbdulselam
Dhimmi amantii dhimma baay’ee miira namaa tuqudha. Kanaaf sadarkaa addunyaattis gaafa amantiin namaa tuqame dubbii mormii cimaa kaasu taha. Gama keenyattis yoo as deebine dhimmi amantii walii tuquu tokkummaa Oromoo miidha. Ummatni guddaan akka Oromoo ammoo yoo tokkummaa hin qabaanne baay’ee wal miidhuu mala. Diina isaa waloon irratti duuluu dhiisee wal gaarreffachuutti deebi’a. Kuni nuuf cabina fida. Kuni akka hin taaneef gaafa namni tokko ka’ee amantii namaa tuqu gosa isaa mara ykn naannoo inni keessaa dhufe bakka bu’a jennee fudhachuu hin qabnu. Namni tokko ofuma bakka bu’a. Tahullee, gaafa namni tokko ka’ee amantii namaa gaafa tuqe warri nama amantii namaa tuqe sana waliin amantii wal fakkaataa hordofu bahanii baleelleffachuun waan hedduuf tola. 1) Namni suni amantii sana bakka bu’ee akka amantii namaa hin tuqin nama gariif hubannoo kenna 2) Waan namni suni dubbate irraa akka gammachuu hin qabne ibsa. Dubbii akkanaa qabbaneessuuf fayyada. Hordoftoota amantiin isaa tuqameen ammoo callisaa jechuun ni ulfaata. Akkuma jalqaba irratti kaase dubbiin addunyaa irraattuu dubbii miira tuqu waan ta’eef. Garuu dubbiin akkanaa akka tokkummaa keenya irratti dhukkuba hin fidne maaloo namni Oromummaan akka waaru fedhii qabdan irraa of qusadhaa! Nuti rakkoo hedduu qabna. Sanarratti rakkoon biraa yoo dabalame baachuu dadhabuu malla. Tokkummaa fi obsaan galma geenya! Yoon dogongoreef dhiifama! Horaa bulaa! t.me/FerhanAbdulselam
Obbokeessi abbaa Gadaa Karrayyuu kan PP’n ajjeefte OMN irratti dubbachuun obboleessa isaa fi warra biroos waraanni PP akka ajjeese ifoomsee jira. t.me/FerhanAbdulselam
Abbaa Bokkuu (Abbaa Gadaa), Abbaa Duulaa nama korma Garaa hidhe Miseensota Tuuta Gadaa Michillee filanii Oromoo Karrayyuu irratti duguuggaa sanyii raawwatan. Hoggansa galaafatan. Akkuma mataa irraa Oromoo ajjeessuu eegalan Hacaaluu irraa kaasee hanga Hoggantoota Oromoo hidhuu fi Hoggantoota Qeerroo rashanuutti itti fufuun amma ammoo Hoggantoota Karrayyuu jumlaan galaafatan. t.me/FerhanAbdulselam
Waan Abbootii Gadaa Oromoo Karrayyuu irratti raawwate BBC’n akka armaan gaditti odeeffate.

"Humni mootummaa bakka tokkotti nama hin fixu jennee, nuti manneen hidhaa iddoo gara garaa iyyaafataa turre" jedha jiraataan obboleessi jalaa ajjeefame.

"... Erga aduun dimimmiftee toora sa'aatii 1 namoota kana kaasanii bakka lamatti qoodanii, namoota gurguddoo namoota bebbeekamoo fi warreen sirna Gadaa keessatti aangoo olaanoo qaban ajjeesan"

"...Bineensi qaama isaanii walakkaa nyaatee jira, allaattiin ija isaanii keessaa guurteetti"

"...Abbaan Gadaa Karrayyuu ajjeefaman Kadiir Hawaas namoota ajjeecha kana raawwatan keessaa kan beekan qabu: nagaa busuuf waliin hojjetaa hin turree, walgahii waliin taa'aa hin turree? jedhanii maqaa waamanii itti dubbataa turani"

t.me/FerhanAbdulselam
Hogganaan waraana TDF ummata Tigraayiif dhaamsa dabarse. Dhaamsi isaatis, guyyoota dabran kana gamaaggammii godhaniin bakkoota garii lola malee akka gadi dhiisan hime. Bakkoota isaan gadi dhiisan kana akka injifannootti Bilxiginnaan labsaa jiraachuu hubanne jedhe. Sababa kanaan piropogaandaa PP’n akka hamilee hin cabne jechuun dhaamee jira. Bakkoota gadi dhiisanis humnaan caalamanii osoo hin taane gamaaggammii godhaniin tarsiimoodhaaf tahuu hime. “Wanti ani amantii guutuun isiniif himu yeroo gabaabaa keessatti humna guutuun waraanatti seenee lolli kunis akka gabaabbatee yeroo gabaabaatti goolabnu goona” jechuun piropogaandaan PP yeroof qofa akka tahe dhaame. Odeeffannoo kana ergaa isaa cuunfee isin biraan gahe osoo yaada kiyya itti hin dabalin. t.me/FerhanAbdulselam
Wallagga Giddaa Ayyaanaatti hidhattootni Amaaraa ummata Oromoo 100’n lakkaa’aman ajjeesanii jiru. Akkuma duula Minilik jedhan san gocha Minilik caalchisanii duguuggaa sanyii Oromoo irratti raawwataa jiru. Bakkoota gariitti harkas muranii mukarratti fannisuus eegalanii jiru. Oromoon garaa jabaatee ka’ee falmatu malee duuti manatti jalaa hafaa hin jirtu! t.me/FerhanAbdulselam
Agumaa Baayyisaa (namicha amantii keenya arrabse), obboleettiin isaa Raggaatuu Baayyisaa niitii (haadha warraa) Birhaanuu Juulaati. Sababa saniin Birhaanuu Juulaa waliin walitti dhufeenya cimaa qabu. Akka tokkummaan Oromoo diiggamu ergamni addaa akka itti kenname irra geenyee jirra. Kana hubadhaa! t.me/FerhanAbdulselam
Lola kaabaa kanatti maaltu ta’aa jira? Haalli amma argaa jirru namoota hedduutti gaaffii ta’ee jira. Waraanni TDF magaalota hedduu gadi dhiisuu amaneera. Tarsiimoof akka godhan himu. Dabretsiyoon akka dubbatettis bara 1987 bifuma wal fakkaatuun Finfinnee jala geenyee haala tokko tokko mijeeffachuuf of duuba deebine jedhe. Haala deemaa jiru kanas loltoota gariitti bilbilee hubachuuf yaaleera. Akka isaan jedhanitti ajajaan of duuba deebi’an. Lolaan lafti qabatame akka hin jirretti dubbatu. Waraanni TDF gaafa daaraa tahe jedhame sanuu gaara keessaa yaa’ee yeroo muraasa keessatti Tigraay bilisoomsee naannoo Amaaraa fi Affaar seene akkamitti guyyoota muraasa keessatti kiilomeetira hammana gahu moo’atamee of duuba deebi’a jennee yoo of gaafannes deebiin dhugaa akka hin fakkaannedha. Gama biraatiin naannawa Abiyyi duula deema jedhe sana jaarsummaan jara jidduu deemamaa ture. Pirezidaantii Keeniyaa itti erganii turuun ni yaadatama. Achii as Abiyyi duula deema jedhe. Kanuma jidduu mootummootni gamtooman (UN) gargaarsi naannoo Tigraay irraa citee ture banamuu hime. Karaa Booleetiinis banamuu himan. Maaliif amma baname? Walii galtee dhoksaatu turee? Nutis naannoo Amaaraa fi Affaar gadi dhiifna isaanis gargaarsa gadi nuuf haa lakkisan kan jedhu jiraa? Amma kan argaa jirru guutumatti Affaar keessaa bahanii jiru. Naannoo Amaaraatis gara Kaaba Bahaatti daanga’anii jiru. Gargaarsa galfatanii erga galaa tolfatanii deebi’uufi moo? Ummatni harkatti beelofnaan dhaqqabuufi moo? Gaafii hedduutu deebii barbaada. Walumaa galatti iccitiitu jira. Kana walumaan hordofaa deemna! t.me/FerhanAbdulselam
“Akkuma Hitlar faarsuun seeraan nama gaafachiisu Minilik illee faarsuun seeraan biyya nama gaafachiiftu ijaarra” jedhee ture Eyasped Tesfaye. Sababa Minilik tuqeef jarri Nafxanyaa nuuf haa hidhamuu jedhanii iyyanii turan. Akkuma isaan jedhan hojii irra oolchaniif. Kunoo Eyasped har’a hidhamee jira. Biyya Minilik harmaaf harka Oromoo mure balaaleffachuun dhoorgaa taher faarsuun ammoo badhaafamaa nama godhu taate biyyi Itoophiyaa Abiyyi jalatti. Abiyyi sirna nafxanyaa ijaaraa jira yeroo jechaa turre warri hin galiniif amma beekaa ergamuuf yoo taate malee sirriitti hubatu jedheen amana. t.me/FerhanAbdulselam
Lolli TDF fi PP maalirra jira?

Gaafiif deebii Geetaachoo Raddaa haala ammaa ilaalchisee DW waliin godhe dhageeffadhe. Achi keessatti waa heddu hubachuun ni danda’ama. Sababni waraanni duuba deebi’eef tooftaa akkamiif akka tahes tuttuqeera.

1. Duula waraanatti ijoollee ofuu Abiyyi akka haaraatti eegale akkasumas artistootnii fi namootni bebbeekkamoon irratti hirmaatan dhiiga hedduu dhangalaasuu danda’a jedhanii amananii jiru. Kanaaf miiraan itti deemanii loluu irra mala ittiin wareega xiqqaan humna guddaa injifachuu isaan dandeessisu hordofuu akka filataniidha.

2. Akka haasaa Geetaachoo’tti Tigraay waraanuuf yaalii eegalanii turan. Sababa kanaan humni TDF nageenya Tigraay bifa amansiisaan eeguu waan qabuuf gara Tigraay’tti humni guddaan deebi’uu akka qabuudha yaadni Geetaachoo Raddaa. Yeroo ammaa biyyootni irra deebi’anii akka haaraatti Abiyyi gargaaruu eegalan jiru. Keessattuu dirooniin UAE fi Chaaynaa, meeshaalee hedduu Turkii fi biyyoota biroo irraa galfateera. Akkasumas, Eertiraan karaa Kaabaan Tigraay waraanuu eegaluu hin oolle. Haalotni kuni walitti dabalamanii miiraan deemuu osoo hin taane tooftaan itti qophaa’anii qolachuuf karoora baafatan fakkaata.

3. Jaarsummaan akka hin taane haasawa isaarraa ifa. Walii galtee dhokataa jennee kan yaadaa turre suni walii galteen dhokataa waan jiru hin fakkaatu haasaa isaarraa. Ulaagaa kaayatan irratti walii galuu akka hin dandeenyedha.

4. “Nuti Tigraayiin alatti bakki nuti goggognee irratti lubbuun keenya dabruu qaba jennee irratti cichinu hin jiru. Nuti bakka humni diinaa kuufame dhaqnee barbadeessuudha malee achitti mormi keenya muramuu qaba karoora jechu hin qabnu” jedhe.

5. Amma duras bifuma wal fakkaatuun waraanni TDF of duuba deebi’ee qophii barbaachisu erga godhee booda deebi’ee bakkoota gadi dhiise deebifachuu qofa osoo hin taane bakkoota dabalataa hedduu qabatee jira jedhe. Ammas kanumatu tahuuf jiraata jedhe.

t.me/FerhanAbdulselam